Telegram Web Link
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
#Dogongora_Sadarkaa_Afurii(4)

        4 steps mistake 🤷

Gaafa tokko harreefi qeeransa daandiin walitti fidde. Akkuma walitti dhufaniin nagaas osoo walii hin gafaatin falmii eegalan. Ajandaa falmii isaaniis halluu margaa ture. Akka yaada harreetti halluun margaa cuquliisa ture. Akka yaada qeeransaatti immoo halluu margaa  magariisaa ture. Tanumaan dubbiin jabaattee, lachuu hanga isaaf danda'amutti walii waliin isaanii amansiisuuf ragaa hanga danda'an dhiyeessuuf yaalan. Kanarraa darbee falmiinis hoo'e. 
Boodarratti walii galuu dadhabuu isaanii hubatanii, qaama sadaffaa murtii kennee, walii isaan galchisiisuu akka isaan barbaachisu irratti walii galan. Kanaanis mootii bineensoota bosonaa kan ta'e Leenca bira deemuuf murteessan.  Achinis gara leenci jirutti imalan.  Kanaanis osoo bosona biraa hin gahiin, bakka Leenci 'dash' jedhee ciisuu fageenyarratti argitee lallabuu eegalte, harreen. "Kabjamoo obbo leencoo, margi cuquliisaa mitii?" jetteenii gaafatte.
Leencis dammaqee bakkaa ciisuu ka'ee, "Eeyyeen, cuquliisa!" jedheeni.
Harreenis deebistee, "Kunoo kabajamoo obbo leencoo, qeerransi 'margi magariisa' jedhee nan falmaa jira. Heddu nan falmee na aarse. Kanaafuu naaf adabaa" jette.

Achin Leencis, qeerransaa waggaa afuriif(4) akka callisu itti murteesse.
Kabajamoo obbo Leencoo, "Margi magariisaa mitii?"  Jedhee gaaffii dhiyyeesse qeerransis. "Eeyyee, magariisa!" Jedhe Leencis.
"Kanaafuu maaliif murtee waggaa afurii natti murteessitan?" jedhee gaafate.
"Murteen sitti murtaa'ee halluu margaa waliin wal hin qabatu. Kan sitti murtaa'eef, bineensi akka qeerransaa gamniifi simboo qabeessi, gaafa dogoongora hanga sadarkaa afur hojjatu arguun waan na aarseefin sitti murteessee" jedheeni.
Qeerransiis deebisee, "Kabajmoo obbo leencoo dongoongora sadarkaa afurii eessattin hojjadhe? Ani kanan morme, halluu margaati" jedhee  gaafate.
Leencis akkana jedhee deebisef; "
1. Bineensi akka keetii kun harree waliin maaf oola?
2. Erga oole immoo maaf harree faana mormii eegala.
3. Eegalte immoo erga harreen hin amanuu jettee diddee, harree amansiisuuf akkamitti yaalta?
4. Ofii kee, harree waliin hiriyyaa taate, mormiis eegalte, anis akkan harree faana hiriyyummaa eegaluuf, qabde na bira dhufte moo akka harree faana mormii eegaluuf qabdee fidde?" Jedhee qeerransa adabee jedhama.

🏆🏆Animmoo, "Dirreekee filadhun" jedha!

Dirreekee Filadhu!
Galatoomaa!🙏
Dr Abdi Adugna (MD)
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
# MAXXANSA_5FFAA

#Saayinsii wal'aaansaa kana barachuun yeroo baay'ee akka heera uumaa ajaa'ibsifattu si taasisa!

Akka heera uumatti haati takka ilmoo hawwitu, deessee/dhaltee hammachuuf, ciniinsuu ulfaataa yeroo dahuumsaa sana obsuun diqama jedhama.
Bineensi saatawwaa jedhamu, ilmoo ishee erga dhaltee booda, ol-fuutee ol-fuutee lafaan dhoofti. Kunis ilmoon ishee erga dhalattee booda haalawwan ulfaata iddoo jireenya ilmoo dhalttee sana keessa jiru kan akka qoree, dhagaafi gammoojjii akka dandamatu isa taasisa. Ilmoon namaallee akkasuma. Gaafa haati ciniinsuu sanarra turtu ilmoon ishee dhalatee akka hafuura baafatuuf sombi isaa akka qulqullaa'u isa gargaara.kunis gaafa gadameessi haadha kottoonfatu(uterine uontraction), qomni ilmoo dhaltuu akka shuntuuru (chest compression) taasisa. Kunis bishaanfi wantoota biroo somba keessa jiran akka dhiibamanii bahan gargaara. Yoo kun ta'uu baate, haati tokko ciniinsuu malee yookiin immoo ciniinsuun hanga turuu qabu, osoo hin turin, dhalte/deesse ta'e, ilmoon dhalatu sun rakkoo hargansuun wal qabatu kan akka TTN (Transient Tachypnea of New born) jedhamuuf saaxilama jedhama.
Yeroo baay'ee garuu hawaasa keessattis ta'ee namoota baratan biratti haati tokko ciniinsuu irra turuutu(prolonged labour) rakkoo qaba malee ciniinsuun muddame(precipitous labour) akka waan rakkoo hin qabneetti ilaalama. Garuu Saayinsiinis ta'e heerri uumaa adeemsi deemamuu qabu yoo hin deemamne, rakkoo akka qabaatu agarsiisa. Kanaafi yeroo baay'ee ilmoon yaala baqaqsani yaaluun dhalatte/dhalate rakkoo akkanaaf kan saaxilamaniif.

Walumaa galatti hanga karaa qaama hormaatan dhaluu/dahuu wanti dhorku hin jirretti, yaalii baqaaqsanii dahuu/dhaluu caala garuma qaama wal hormaataan dhaluun haadhafis ilmoofis gaarii akka ta'e hima Saayinsiifi heerri uumaa.

So, our science suggests that, unless there is a contraindication for vaginal delivery, it is generally preferable for both mother and baby compared to cesarean delivery, which is in great agreement with natural laws!

Dirreekee Filadhu!
Dr Abdi Adugna(MD)

Odeeffannoo dabalataaf karaa toora telegram https://www.tg-me.com/drabdiadugna jedhun miseensa ta'a.
Kitaabota haaraa ta’an har’a galgala sa’aatii 12tti isin qaqqabsiifna.
Application OromoBook buufachuun kitaabota kana argachuu ni dandeessu.

GEESSITUU ( LINK ) KANAA GADII FAYYADAMA BILBILA KEESSAN IRRATTU BUUFADHA.
Android-app: https://bit.ly/4o989BG
iOS-app: https://apple.co/46WP8Mk

Barreessitoota nu waliin hojjechuu barbaaddaniifis balballi keenya banaadha.
Odeeffannoo dabalataaf
Lakk bilbila 0935491844/ Telegram
E-mail [email protected]

@Orobook
Full Branding! We will add a visibility and enhancement to your company. Contact us #Ifargan Technologies

@Orobook
Kitaabota haaraa ta’an har’a galgala sa’aatii 12tti isin qaqqabsiifna jennee akkuma waadaa isiniif seennee turre kitaabota kanneen OromoBook irra isiniif keenyee
Jirra seenaa dubbisaa beekumsa hagana hin jedhamne irraa argadha!

Application OromoBook buufachuun kitaabota kana argachuu ni dandeessu.

GEESSITUU ( LINK ) KANAA GADII FAYYADAMA BILBILA KEESSAN IRRATTU BUUFADHA.
Android-app: https://bit.ly/4o989BG
iOS-app: https://apple.co/46WP8Mk

Barreessitoota nu waliin hojjechuu barbaaddaniifis balballi keenya banaadha.
Odeeffannoo dabalataaf
Lakk bilbila 0935491844/ Telegram
E-mail [email protected]

@Orobook
"Abbaa laman qaba!...........

Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!" #RICH DAD POOR DAD

Abbaa lama irraa ni dhalatamaa? Kitaabichi sinii deebisa. Dubbisaa!

@Orobook
Forwarded from MILKOOMEEDAA
MILKOOMEEDAA-1.pdf
4.1 MB
Qabiyyeen kitaaba kanaa
Dhaha Oromo
Maalummaafi Gosoota Astiroonoomii
Sirna Soolaarii
Urjiilee
Holqa Gurraacha
Eegzoopilaaneetii (Exoplanet)
Gaalaaksota
Hawaa
Uumama Alagaa (Aliens)
Seenaa Beektotaa

📝Barreessitoota

Leensee Wandimmuu
Feeneet Firomsaa

     Dubbisa Gaarii🥰
Forwarded from Marsimoi Abate channel (Marsimoi A)
Vacancy announcement | August 13, 2025

Hayat Hospital Medical College is the pioneer private hospital providing comprehensive health care services. Our Hospital wants to recruit competent health professionals in vacant positions in surgical, pediatrics, emergency & OR departments in the hospital.

The detail of the vacancies and requirements are as follows;

1. Pediatrician
Qualification – pediatric specialty
Number – 01
Experience – 5 years and above preferably in private health facility.

2. OR Nurse
Qualification – OR specialty nurse or clinical nurse OR experience
Number – 02
Experience – 1 years and above

3. Emergency Nurse
Qualification – BSC in emergency and critical care nurse/ clinical nurse with emergency experience
Number – 03
Experience – 2 years and above

4. Pediatric and Child health nurse
Qualification – BSC Pediatric and Child health nurse
Number – 02
Experience – 1 years and above

5. Executive secretary
Qualification – degree in secretarial science and office management
Number – 01
Experience – 3 years and above with hospital experience

Duration of vacancy: 5 Working days for all positions from the day of advertisement.

Salary: negotiable for all positions.

Submit your CV to Hayat Hospital Administration during working hours from 8:30am – 5:00pm.

Hayat Hospital Medical College PLC


https://www.tg-me.com/OfArgiteeBeektaa
Dr. Oguz Basut jedhama, osoo yaalii baqaqsanii wal'anuu dubartii tokkoof osoo hojjechaa jiruu ofumasaa soorata faalaame duraan nyaaterraa ka'uun dhukkubsata ture. Osooma hojjechaa jiruu dhiibbaan dhiigasaa gadi bu'a.
Yaalii baqaqsanii wal'aanuu kana adda kutee hin bahu jechuun osooma hojjechaa jiruu akka isa yaalan gochuun hojiisaa itti fufeera!

Gochi doktora kanaas kabajaaf galateeffannaa hedduu argamsiiseeraaf!

Ogummaan fayyaa dhugaa ta'e, gara laafummaafi kutannoon kan irraa calaqqisu ta'uu mul'isa!
Thanks!🙏🥰
Via DrBulti Likisa Muleta

@Orobook
#Kana beektuu laata?
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, sekoondii 10 qofa keessatti sababa alkoolii irraa kan ka'e nama tokkotu du'a. Kana jechuun, guyyaatti nama 8640, waggaatti immoo nama 3,153,600 sababa alkooliin lubbuu isaa dhaba. Badiin isaas du'a qofa miti. Hawaasummaa miidha, nageenya booressa, gaaga'ama diinagdee fida, jireenya hafuuraa faala, fayyaa qaamaafi sammuu huba; waan danuudha!

Waan hagana nama miidhu kana irraa of eeggachuunis waanuma dandaa'amu; filannoodha! Fedha ofiin fayyaafi nageenya ofii dabarsanii kennuu caalaa of miidhuun hin jiru. Murtee gochuufis badii isaa ilaaluu, akkanuma waan keessaa fayyadaman akka hin jirre hubachuun gahaadha.
Of baraaraa!

Fayyaa hin dhabinaa!
Galatoomaa!
Dr. Abdiisaa Ejjetaati

@Oroook
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
#Laaqana nyaachuuf mana nyaataa tokko seene. Ajaajannee, hanga dhufutti teenyee eegachaa jirra! Gidduma kanaan tokko ol-seene. Akkuma ol-seenen, "Maaloo maaloo... dhiifama!" jedhee tokkotti rarra'e. "Akka si dhukkube dhaga'een ture, garuu hojiin #busy ta'een si gafachuu hin dandeenye", jedhee itti watwaate. Rakkoo hin qabu, taa'i!" jedheen sunis. Taa'ee ammas itti fufe. "Qoyi ati kanaan dura Taayifooyidii qabdayyuu?" jedhee gaafate. Anis, dubbiin tun garam garam jedheen, gurra kennee dhageeffachuu eegale. Sunis, "Eeyyee, nan qaba!" jedhee deebiseefi. "Ahaa, amma qorra kanaaf sitti kaate jechuudha kaa?" jedhee gaafate ammas....
Gidduman ana immoo barreeffamni Dr Gurmeessaa(IM, Specialist), waan kanaan wal qabatu waggoota 3/4 dura maxxanse, sammuutti na dhufe. Anis isiniif qooduu filadhe!

"Taayifooyidii kootu natti ka'e (dammaqe) yoo jedhamu dhageessanii ykn jettanii beektu ta'a.
● Taayifooyidiin garuu akka dhukkuboota nama waliin jiraatanii (chronic disease), akka dhukkuba asmii, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa fi kkf kan nama keessa jiraatee, yeroo barbaade namatti dammaqu miti. Dhukkuba baakteeriyaan dhufu, kan altakkaa yoo nama qabate, yoo qorichi kennamu guutummaatti fayyamudha.
● Nama keessa taa'ee namatti dammaqa osoo hin taane akka haaraatti garuu debi'ee akka haaratti nama qabachuu danda'a."

Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Abdi Adugna(MD)

Odeeffannoo fayyaan walqabatu argachuuf miseensa telegram (https://www.tg-me.com/drabdiadugna) keenyaa ta'aa.
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
"Bareedinni ijuma abbaa ilaalee keessa jira!" jedha #Shakespeare. Wanti hunduu akkuma abbaan hiikateetti, jedhama mitiree?

Anaan bitaa na gale waansaa. Tarii kanaan dura na muudatee hin beeku waan ta'eefii laata!
Dubbiin akkas ture. Sagantaa guddaan tokko qophaa'ee jira. Keessumaan affeerame martuu waan humnisaa danda'u qabatee galma affeerratti argame jira. Kuun daadhii, kuun biiraa, kuun cuukkoo, kuun immoo cooma bituuf maalaqa #kiisii ofii quubsate argame. Milkaa'ina nama sanaa kabajuuf martuu saganatarraatti argame.
Sagntichis eegale. "Baga nagaan dhuftan" jedhamee sagantaan baname. Itti aansuun abbaa sagantaan kun qophaa'eef, carraan kenname. Harkaa walitti reeba, kuun foorichaa,  waltajjii irran geenye. Innis gammadaa haasawaa eegale. Achinis "Hunda dursee Waaqa na uumee akkan guyyaa kana arguuf naaf heeyyame, galateeffachuun barbaada" jedhe.
"Itti aansuun ammoo namoota milkaa'ina koof sababa ta'an, jalqaba irratti hinaaftoota koon galateeffachuun barbaada" jedhe.
Yeroo kana nan rifadhe! Bitaas na gale! 'Namni akkamitti nama milkaa'ina isaatti hinaafuu jalqabarratti galateeffata?' kan jedhu gaaffi guddaa natti ta'e. Ittuma fufe. "Osoo isin jiraachuu baattanii ani hin milkaa'u ture. Milkaa'inni koos akkas hin ariifatu tureyyu. Ulfaadha galatoomaa" jedhe.
Kana qofan yoom xumureree! Kan nama hunda rifachiisee bita itti gale immoo,  "Isinaan jaaladha, naaf jiraadha ammallee!" jedhee itti dabale!

Osoo si ta'ee;
》nama siif gammadumoo nama sitti hinaafuu  galateeffatta?
Tarii akkumakoo rifattanii bitaa isinitti galaa ta'in kun? Hojii manakoo isiniif haa ta'u!

Anyways, everyone comes to our life for reason. Digging out the reason is our fate!


Dr Abdi Adugna (MD)

Join through (https://www.tg-me.com/drabdiadugna)
Kan suuraa irratti argitan tun daa'ima gadameessaan ala uumamtee yaala baqaqsanii wal'aanutiin baafamteedha. Ulfichi kan ji'a 3ti. Daa'imni kun osoo yaala baqaqsanii wal'aanutiin bahuu baattee daa'imaafis haadhafis gaarii miti. Lubbuun jara lachuu ni darba. Kanaaf, yaalli kun dirqama ture. Suuraan argitan daa'imni umrii kanatti hangam akka xiqqoo taatee fi siriinjii xiqqoo (5cc) dhaa iyyuu gadi akka ta'e agarsiisa. Haati kun daftee ilaalamtee ulfi gadameessaan ala uumamuu beekkamee tarkaanfiin osoo fudhatamuu baatee lubbuun ishee darbuu danda'a. Kanaaf, haati takka ulfaa'uu ishee guyyaa beekte irraa eegalee hordoffii ulfaa gochuu qabdi kan jedhamuuf. Altiraasaawundii ilaallamuun immoo hordoffii ulfaa keessaa isa tokkoodha. Sababni isaas, ulfi sun gadameessa keessa moo gadameessaan ala ta'uu kan beeknu Altiraasaawundiidhani. Yeroodhaan beekuun rakkoo isa waliin wal qabatee dhufuu danda'u dafanii adda baasudhaan hambisuuf ni gargaara.
Galatoomaa!!!
Via Dr. Chala Didha
#Share👇👇👇
@Fayyaa_egeree
#Ni_Dhokate_Malee!
(Eebbisaa Baayisaa)
Obbolaan lama turan. Qonnaan bultoota. Maasii qonnaa mataa mataa isaanii qabu. Gaaf tokko kan isa hangafaa lolaan cimaan jalaa balleesse. Kan isa quxisuu garuu hin miidhamne. Obboleessi hangafni baay’ee gadde. “Situ bo’oo lolaa akka malee baase. Kanaaf lolaan maasii koo balleesse!” jedhee itti dheekkame.
Lolli isaanii hammaatee hamma jaarsummaan isaan dadhabutti ga’e. Kana hundumaa keessatti obboleessi xiqqaan hangafa isaatti dabaa tokko illee akka hin dubbanne murteesse. Akkuma murteesses jalaa callise.
Haala kanaan wal oodaa waggoonni dhufanii darban. Wal hin dubbisan. Mana walii hin seenan.
Yeroo dheeraa booda obboleessi hangafni dhukkubsate. Gar malees itti hammaate. Yeroo kana obboleessi quxisuun mana obboleessa isaa seene. Waan nyaatamu, waan dhugamu, akkasumas wantota isa fayyadan qabateefii deeme.Amma illee garuu waa itti hin dubbanne.
Obboleessi hangafni baay’ee na’e. Waan inni hin eegin ture. Siree isaa irra ciisee boo’uu jalqabe. Imimmaan isaa dhangalaasaa gurra obboleessa isaa quxisuutti jedhee, “Har’aa booda dhiifama siif godheera!” ittiin jedhe.
Waggootaaf kan itti dubbatee hin beekne obboleessichi yeroo jalqabaaf isatti dubbate. “Homaa waan naaf dhiistu hin qabdu! Jaalalli keenya hin badne, ni dhokate malee!” jedhe.
Gidduu kana waa’ee dhiifamaan yaadaa ture. Maaliif akka ta’e hin beeku baay’ee keessa koo deddeebi’a. Dhimma kana irratti kitaaba tokko barreessuuf yaadeen yeroo dhabe. Baay’ee barbaachisaa akka ta’e garuu nan amana.
Dheengadda hiriyyaa koo tokko wajjin otuu haasofnuu, “Waaqayyo yoo xiqqaate Jennata sadan tokko qopheessuu qaba!” jennaan, “Maaliif?” jedhee na gaafate. Nan deebiseef. “Baay’een keenya baay’ee wal jibbaa jirra. Lafa kana irratti annisaan jibbaa namoota hedduu mo’atee jira. Yoo sobneen ala, dhugaa dubbanna taanaan, hundi keenya namoota ijaan arguu hin barbaadne baay’ee qabna. Namoota akkanaa wajjin du’a booda Jennata tokko akkamitti qooddanna?” jedheen ibseef.
Ni kolfe. “Dhugumaam! Amma anii fi abalu Jennatatti yoo wal agarre akkam goona? Dhagaa fuudhee mataashee iddoo lamatti baaseen akka barataa waa balleessee Yuunivarsiitiidhaa ari’amuu Jennata keessaa ari’ama malee isa wajjin illee mooraa tokko hin jiraadhu!” naan jedhe. Qoosaadha garuu ergaa qaba.
Kottaa waanuma wal gaddisiisne waliif dhiisnaa! Nama itti gaddine kamiinuu, “Jaalalli keenya hin badne, ni dhokate malee!” jennaa. Kottaa annisaa jibbaa keessa keenya jirru ajjeesnee annisaa jaalalaan bakka buusnaa! Kottaa maasii laphee keenyaa irraa aramaa jibbaa buqqisnee sanyii jaalalaa irra facaasnaa!
Namoota ergaa kootti walii galtaniif hoji-manee (challenge) tokkon isiniif kenna. Nama baay’ee itti gadditanii jirtan, kan karaatti yoo isinitti dhufe nagaa hin gaafanne, kan Jennata tokko wajjin qooddachuu hin barbaadne tokkoof bilbilaatii, “Jaalalli keenya hin badne, ni dhokate malee!” jedhaa. Garaa keessan guutuus waliif dhiisaa.
Namoonni amanamummaadhaan hoji-manee kana raawwattan immoo ‘Comment’ irratti nuuf barreessaa. Ergaan kun namoota baay’ee bira akka ga’uuf immoo waliif qoodaa!
“Jaalalli keenya hin badne, ni dhokate malee!”
#deemsiittifufa
#namabiyyaoromoo
#Via #Eebbisaa Baayisaa

@Orobook
Forwarded from Komartiket Yadessa Wegi
#Hamma_duuti_addaan_nu_baasutti!
(Seenaa ajaa'iba kana dubbisuu hin dagatiin)

Gaafas galgala yeroon mana gahu, haati manaan koo irbaata qopheessitee na eegde. Harka ishee qabeen, "Waanan sitti himun qaba" jedheen. Nyaata nuuf dhiyeessitee cal jettee nyaata nyaachuu jalqabde. Haala koo irraa waan hubatte natti fakkaata ija ishee lambas lambas goote anas lafas ilaalti.

Akkamitti akkan afaan koo saaqqadhee dubbadhe naaf hin galu. Garuu, wal hiikuu akka qabnu isan yaadaa ture beekuu qabdi. "Akka walhiiknun barbaada" Suuta jedhee tasgabbaa'een mata-duricha kaaseef.

Waan aarte hin fakkaattu, qooda aarii sagalee laafa tokkoon, "Maaliif?" jettee gaaffii na gaafatte. Ani gaaffii isheef deebii kennuuf eeyyamamaa hin taane. Kun ishee aarseera. Fal'aana harkatti baatte jirtu achi darbatte. "Ati nama akkamiiti?" jettee natti iyyite. Gaafas utuu walitti hin haasa'iin bulle. Halkan guutuu boo'ichaan dabarsite. Rakkoon gaa'ila keenya muudate maal akka ta'e beekuu barbaadde. Deebii quubsaan kenneef, onneen koo akka dubartii biraa Jeenii jedhamtuun jalaa fudhatame. Kana booda ishee jaalachuu hin danda'u.

Miirri yakkamtummaa gadifagoon utuu natti dhaga'amuu waliigaltee ittiin wal hiiknu; kan manni, konkolaataan keenya, parsaantii kaampaanii keenyaa 30 akka isheen fudhattu kan eerun dhiyeesseef. Sirriitti erga ilaaltee booda addaan tatarsaafte. Dubartiin umurii ishee keessaa waggoota kudhan na waliin jiraatte nama biraa taate. Yeroo, humnaa fi anniisaa ishee na biratti gubateef dhiifaman gaafadhe, onnee guutuun Jeeniif kenne deebisee irraa fudhachuu waan hin dandeenyeef. Dhumarratti waanuman ani irraa eegaa ture, sagalee guddaadhaan fuuldura kootti kuftee boosse. Anaaf boo'ichi ishee homaa miti. Yaadi wal hiikuu torban dheeraaf yaadamaa ture amma sirriitti cimee ifas baheera.

Guyyaa itti aanu, turee yeroon dhufu teessee barreeffama wayii barreessaa jirti. Irbaata utuun hin nyaatiin dadhabee waanan tureef, kallattumaan bakka ciisichaa dhaqeen rafe. Yeroon hirribaa ka'u, bakka galgala barreessaa turtetti deebitee barreessaa jirti. Ani dhimma itti hin godhanne. Deebi'een ciise.

Ganamaa ergan ka'ee wal hiikuu keenyatti waliigalte. Turtii ji'a tokkoo irra kan darbe homaa narraa barbaadne. "Ji'a tokko kanaaf akka jireenya rakkinni tokko keessa hin jirreetti haa jiraannu" jette. Sababni isheen dubbii kana dubbatteef salphaa ture. Mucaan keenya ji'uma kana keessa qormaata waan qabuuf walhiikuu keenyaan qormaata isaa irratti akka hin jeeqamneef.

Kanatti waliin gala. Isheen waan haaraa of harkaa qabdi. Guyyaa cidha keenyaa ishee baadhee kutaa misirroo akkan itti seene sana akkan yaadadhu na gaafatte. Ji'a kanaaf ganama ganama yeroo hundumaa baadhee kutaa ciisichaatii balbala duratti akkan gadi baasu na gaafatte. Maraachuuf waan deemtu wayii natti fakkaate. Guyyoonni xumura gaa'ila keenya akka bareedu anis waanin barbaadeef boodarra tole jedheen fudhadhe.

Waa'ee walhiikkaa haadha manaa koo Jeenittin hime. Jeenin sagalee guddaadhaan kolfite. Waanan gowwomsaa jiru itti fakkaate. "Yaada akkamiis yoo dhiyeessites walhiikuun keessan hin oolu" jette.
Ani fi haati manaan koo guyyaan walhiikkaa yaadee as waliin hin ciifne. Guyyaan jalqaba bakka ciisaatii baadhee alatti baasu sirriitti ija keessa wal ilaalle. Ilmi keenya nu duuba deemee, "Abbaabbaan harmee harka isaatti baatee deema" jedhee harka isaa rukuta miira gammachuun guuteen. Jechi isaa sun miirri wayii akka natti dhaga'amu godhe. Kutaa ciisichaatii hangakkutaa teessumaatti, isa booda immoo hamma balbalaatti gara meetira 10 nitti fageenya dhiyaatun baadhee deeme. Sagalee baay'ee lallaafu tokkoon ija ishee junuunfattee, "Waa'ee walhiikkaa keenyaa mucaa keenyatti hin himiin" jette. Mataa koo raaseen akkan itti hin himnen mirkaneesseef. Balbala durattan lafa kaa'e. Isheenis alatti baatee Baasii eeggachuuf dhaabatte. Ani kophuma koo konkolaataa koo konkolaachisaan gara biiroo koo deeme.
2025/11/02 02:54:35
Back to Top
HTML Embed Code: