Telegram Web Link
Forwarded from Komartiket Yadessa Wegi
Guyyaa lammaffaa, nuti lamaanuu taatummaa fooyya'aa agarsiifne. Laphee koo irra akka daa'imaatti ciifte. Fooliin shittoo ufata ishee akkan urgaa'a. Waggoota dheeraadhaaf dubartii kana dagadhee akkan ture natti dhaga'ame. Dargagummaatti akka nagaa dhaamaa jirtun arge. Fuulli ishee susuntuuruu jalqabeera. Daqiiqaa muraasaaf waanan ishee gochaa turen yaade.

Guyyaa afraffaa, yeroon ol ishee fuudhu, hariiroon keenya akka deebi'aa jiru natti dhaga'ame. Isheen kun dubartii ishee waggaa kudhan jireenya ishee anaaf kennitedha! Guyyaa shanaffaa fi ja'affaa, walitti dhufeenyi keenya guddachaa akka jiru natti dhaga'ame. Jeenitti waa'ee waan ta'aa jiru kanaa itti hin himne.

Guyyaa tokko ganama uffata uffattu filachaa turte. Uffata mijatuuf dhabde. Hafuuraa dheeraa baafatte. "Uffanni koo natti bal'atani" jette. Qal'achaa jirti. Kanaafan akka salphaatti baachaa ture anuu! Haalichi keessa koo na tuqe. Hadhaa'ummaa fi rakkina baay'ee of keessatti dhoksitee jirti.
Yeroo kana ilmi keenya ka'ee dhufee, "Abbaa yeroon kun yeroo ati harmee itti baattudha" jedhe. Isaaf yeroo abbaan isaa haadha isaa baatu arguun kutaa jireenya isaa isa baay'ee barbaachisaa ta'ee jira. Haati isaa ilma ishee kana ofitti waamtee haammatte. Fuula koon irraa naanneffadhe. Sababni isaa iyyuu tasan daqiiqaa xumuraa kanatti yaada koo jijjiiraa laata jedheeni. Isa booda ol ishee fuudheen kutaa ciisichaa, kutaa teessumaa hamma ulaa bahumsaatti baadheen naanna'e. Guyyaadhuma cidha keenyaa natti fakkaate.
Garuu, ulfaatinni ishee baay'ee salphachuun isaa baay'ee na gaddisiise. Guyyaa gara xumuraatti yeroon ol ishee fuudhee baadhu tarkaanfii dheeraa tarkaanfachuu hin dandeenye. Ilmi keenya Mana Barumsaa dhaqeera. Ofitti ol buteen, "Jireenya keenyatti walitti dhufeenyi jaalalaa akka hir'ate hin beekne" jedheen. Konkolaataa oofeen gara biiroo deemee konkolaataa irraa utaalee bu'e. Utuu balbala konkolaataa hin cufiin. Jijjiirrama sammuu koo keessatti ta'uuf jiruuf sodaataan ture. Calliseen olba'e. Jeen balbala bantee, "Dhiifama Jeen ani walhiikkaa sana haqeera" jedheen.

Na ilaalte. Dinqisiifatte. Quba isheen adda koo tumatte. "Si dhukkubaa?" jette. "Dhiifama Jeen ani haadha manaa koo waliin gargar bahuu hin barbaadu" jedheen. Gaa'illi keenya sababa nuti jireenya keenyatti gatii kennuu dhabneen nuffisiisaa ta'uu danda'a, malee waan nuti wal jaallachuu hin dandeenyeef miti. Gaafa cidha keenyaa yeroon alaa baadhee ol galchu gaafa duunu qofaa akka gargar baanu yaadeen ture" jedheen.

Jeen akka nama hirriba keessaa ka'ee taate. Ol kaate kaballaa guddaa na obaafte. Balbala darbattee bantee sirriitti boosse. Gad bu'een konkolaataa koo kaafadhee qajeele. Dunkaana habaaboo yeroon ga'u konkolaataa koo dhaabee bu'een kennaan haadha manaa koo waggoota dheeraa of biratti dagadheef bitee qajeele. Isheen dunkaana gurgurtu kaardii habaaboo sanarratti maaltu haa akka barreeffamu na gaafatte. "Yeroo hundumaa ganama ganama hamma duuti gargar nu baasutti sin baadha" kan jedhuun irratti barreessisiise.
Galgala gaafasii habaaboo harkatti qabadhee, fuula ifeen mana gahe. Manatti olseeneen hamman ishee bira gahutti jarjareen miila ho'aan deeme. Kutaa biraa hin jirtu. Kutaa ciisichaa jirti jedhee yeroon seenu achuma jirti. Garuu, lubbuun keessa hin jiru. Haati manaan koo boqotteetti.

Haati manaan koo edaa yeroo dheeraadhaaf dhukkuba kaansarii waliin wal'aansoo wal qabaa turte. Ani garuu, dubartii biraafan yeroo koo kenne. Nama yeroon kennamuu qabuu dhiiseen nama biraatiif yeroo koo kenne. Edaa isheen akka duutu beekti turte. Kanaaf ji'a tokkoof akkan obsuuf na gaafatte. Ani ishee lolee yoon gaa'ila kana diige ilmi keenya hamaa taasisee waan na ilaaluuf, akka inni bifa sanaan na hubatu isheen hin barbaadne. Ani isheetti hammaadhu illee hammeenya guddaa tokko irraa na oolchite.

Yeroon nuti dachee kana irra jiraannu dheeraa fakkaattus baay'ee gabaabduudha. Wall bira teenyee akka wal hin wallaale. Qooda jaalalaa jibba akka hin filanne. Namoota biroof karaa tolchuu malee jireenya akka itti hin hadheessine.

#Michuu_Keessan!
©Koomartikeet Yaaddessaa Wagii
Finfinnee!
Wabii: Moral Story
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
Maloota Ittisa Ulfaa, Da'umsaan Boodaa(Postpartum contraception)

#Haati takka deessee osoo marsaa laguu hin argin dura ulfaa'uu ni dandeessii?

Eeyyeen!, ni danda'ama.
Akkuma beekamu haadholeen baay'een erga dhalani(dahani) booda carraan deebisanii ulfaa'uu jiraachuu hubatanii, dawwaa ulfa ittisu (contraception) fudhachuu kan jalqaban erga xurii(marsaaa laguu) arganii booda. Kun iddoofi namoota baay'ee biratti kan baratameedha. Garuu dhugaan saayinsii bira jiru akka agarsiisutti osoo marsaa laguu hin argin deebisanii ulfaa'uu akka danda'aniidha. Kunis kan ta'eef #ovulation'n(adeemsi hanqaaquun bilchaatte oovaarii irraa gadi dhiifamtu) #menstruation(adeemsa dhaabni gadaameessaa, miciree simachuuf of qopheesse, micireen osoo hin uumamin yoo hafe, bifa dhiigaan gara qaama wal hormaataa dhalaan gara alaatti bahu) dursee waan eegaluufidha.
Akka qorannooleen tokko tokko agarsiisanitti, parsantiin 20'n(20%) dubartoota dhalanii(dahanii) harma hoosisanii, baatii sadii(3) kaasanii #ovulation taasifti jedhamee yaadama. Kana jechuun ammoo #ovulation'n taasifamee, carraan laguu(menstruation) arguu jiraachuu dhiisuu danda'a jechuudha. Kanaanis haatii takka osoo marsaa laguu hin argin, abbaa warraa ishee faana wal-qunnamtii saalaa ni taasifte yoo ta'e, ilmoon gidduu isaanitti uumamuu ni danda'a jechuudha.
Kanaafuu haadholeen guututti harma qofa hin hoosifne(not exclusively Breastfeeding), ulfaa hin karoorfamne(unplanned pregnancy) ittisuuf, marsaa laguu arguu baatanis, wal-qunnamtii saalaa taasisuun dura dawwaa ulfa hin barbaachifne ittisu(contraception) fayyadamuun baay'ee barbaachisaadha.

Haatii deessee(dhaltee) kaate takka ammoo, maloota ulfa ittisuu(Contraception method) kam fayyadamuu qabdi? Kam immoo fayyadamuu hin qabne? kan jedhu(Eligibility criteria) yeroo biraa kan itti deebinu ta'a!

Fayyaa hin dhabinaa!

Dr Abdi Adugna(MD)

Odeeffannoo Fayyaa argachuuf karaa toora telegram https://www.tg-me.com/drabdiadugna jedhun miseensa ta'uu hin dagatinaa!
#OromoBook

Dhaabbanni "OromoBook" Kitaabota Afaan Oromoo dijitaalessee karaa application mataa isaa nuu dhufee jira. Karaa app kanaa kitaabota barbaaddan sagaleedhaan yookaan PDFdhaan argachuu dandeessu. Buufachuun kan keessan godhaa!

Tartiiba kana fayyadamaa:-
1.Playsore'irraa OromoBook  jettanii application kana buufachuu dandeessu.
2.'App store'OromoBook'jechuun buufattanii 'application 'kana bilbila keessanirra godhattanii Kitaabota Barbaaddan haala keessan irratti hundooftanii kitaabota sagaleetti(audio book) jijjiiraman dhaggeeffachuu Yoo feetan ammoo pdf 'tti, kitaaba jijjiirame dubbisuun haala mijataan tajaajilamuu
dandeessu.

     👇👇👇
Android-app: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ibex.oromobook

iOS-app: https://apps.apple.com/tr/app/oromo-book/id6739836222

Galatoomaa!🙏

@Orobook
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
#Namni_hunduu_nama_jaalatu_dhabee_jira!

Harmee takkatu ture. Isheenis ilma hedduu jaalattuufi akka isheen jiraattuf, sababa ta'eef tokko qabdi ture. Haaluma kanaan osoo waliin jiraatan, guyyaa keessa guyyaan hamtuun takka dhufte. Kanaanis ilmi ishee kun, balaa tasaan, dachee kanarraa akka godaanuf dirqame.  Kananis harmeen kun waan uumame kana amantee fudhachuu dadhabde. Kun tasumaa ta'uu hin danda'u!  Ilmikoos hedduu na jaalata, anis kanan jiraadhu, waan inni jiruufi.  Kanaafuu , kun tasumaa ta'uu akka hin dandeenye du'a waliin falmii eegalte. Wanti hunduu ishee amansiisuu dadhabe. Boodarrattis ilma ishee kana du'arraa wanta isheef deebisu akka barbaadaniif ollaa isheetti dhaammachuu eegalte. Kanaanis namoonni naannoo ishee jiran gara nama beekaa(warra waa beekuu) akka deemtu gorsan. Isheenis mana waa beekaa sana iyyaafachaa deemsa  eegalte. Deemsa dadhabbiin guutame booda mana waa beekaa sanas argattee seente. Akkuma seenten, irreechaf jettee harka ishee diriirsitee, waan dhaqxeef himatte.  "Ilmoo tokkichan qaba ture. Inni anaaf waan hunda kooti. Amma garuu duuti narraa fudhattee jirti. Kanaaf, dawwaa du'arraa ilmaa koo naaf deebisu isin biraa akkan argadhu namoonni gara keessanitti na ergan," jettee waan dhufteef himatte. Beekanis "Eeyyee ni jira, dawwaan!" jedheeni. Harmeen kunis hedduu gammaddee hafuura dheeraa bafatte. Beekanis itti dabalee, "Garuu qoricha kana qopheessuuf mi'eessituu(ingredients) barbaachisutu jira, Kanaafuu isa fiduutu sirraa eegama," jedheeni.
Kanaanis firii suufii aboottu tokko akka fidduuf itti hime. Harmeenis hedduu gammaddee, "tole nan fida!" jettee kaate. Ammas yeroo  isheen balbala bahuuf kaatu, beekan ergaa tokko itti dabaleefi. Innis, firiin suufii kun dhufuu kan qabu, kanaan dura mana takkayyuu namni jalaa hin duune akka ta’e dabalee himeef. Harmeenis tole rakkoo hin qabu qorichumti naaf haa argamu malee nan fida jettee walii galtee kaate. Achiinis, barbaacha firii suufii eegalte. Manarraa manatti, gandarraa gandatti jooruu eegalte. Bakka firii argattettis gaafa namoonni kennuf jedhan, gaaffii mana isaanii keessaa akka namni du’e yeroo  gaafattu, kuun abbaan , kuun haati, kuun ammoo ilmoon isaanii akka mana sana keessaa du’an  himuuf. Darbee darbees kuun haati manaa, kuun ammoo abbaan manaa , kuun ammoo hojjataa mana isaanii  akka du’aan dhaban himaniif. Harmeen kunis jooraa turtus firii kana argachuu hin dandeenye. Bakka firii itti argatte hundas, duuti ishee dursitee akka seente barte. Dhumarrattis harmeen kun waan tokko hubatte. Innis mana nama hundaa duuti ishee dursitee akka seente barte. Sanaanis gara beekaa deebitee akkas jetteeni; yaa beekaa, ani anuma qofa wanti akkanaa muudate natti fakkaateyyu,garuu amma akkas akka hin taane hubadheen jira jetteeni. Beekanis, akkamitti hubatte jedhee gaafate. Harmeenis,  bakkan ani firii suufii argadhee seene hunda, duuti na dursitee seentee jirti.  Kun immoo namuu dhukkubbiin koo kun akka isa muudate na barsiise jettee deebisteef. Beekanis hedduu gammadee, aayyoo guddoo, anis kanuma akka ati hubattuufin si erge! Duuti addunyaa kanarratti waanuma ture, waanuma jiru, waanuma jiraatusiidha. Namuu nama jaalatu dhabee jira. Atis homaa miti. Jajjabaadhu, jedhee gaggeesse jedhama.

Kanaafuu yeroo tokko tokko gaafa dhukkubsannu, rakkinni, kisaaran daldalaafi kufaatin garagaraa nu muudatu, hidhamnu, namni jaalannu nu jalaa boqatu, waanuma nu qofarratti raawwatame nutti fakkaata. Garuu dhugaan addunyaa kanarra jiru sanaa miti. Namuu waan kana hundaa dhamdhameetuma jiraate. Warri kuun ammo inumaayyuu  rakkoo isaan muudate akka galteetti fudhatanii daandii milkaa’inaa itti qaxxaamuran. Harka  hin kennanne! Sababni isaas dhugaa addunyaa waan beekaniif. Warri dhugaa addunyaa hin hubanne immoo baraan kufaatiifi rakkina sana faarsaa jiraatu.

Dhugaa addunyaan keessa jirtu haa beeknu!🙏

Dr Abdii Addunyaati(MD)
Gara telegram (https://www.tg-me.com/drabdiadugna) jedhun miseensa ta'uu hin dagatinaa!
Forwarded from Galaa Sammuu
Vacancy for Druggist

Position: Druggist with professional license
Experience : 3 years and above who can bring clearance from previous work place
Place of work: Shaggar/Mana Abbichuu
Salary: Negotiable
Apply with
Telegram : https://www.tg-me.com/Kenaoli or https://www.tg-me.com/Qananii1
For more information: +251 91 193 2871
DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain)

Dhukkubbii dugdaa namoota hedduutu qaba. Keessumaa yoo umuriin dabalaa deemu, carraan dhukkubbii dugdaa qabaachuu illee akkanuma dabalaa deema. Mee haala ykn mala kama fayyadamnee of gargaaruu dandeenyaa?

1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol siree irra ciisuu dhiisuu qabna.

2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu (salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.

4. Waan dilallaa'aa ta'e yokaan ho'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.

5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.

6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.

7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachuun gaariidha.

******
Fayyaan Faaya.
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

Fayyaa hin dhabiinaa!

@Orobook
Yeroo barbaaddanitti kitaaba barbaaddan

GEESSITUU ( LINK ) KANAA GADII FAYYADAMA BILBILA KEESSAN IRRATTU BUUFADHA.
Android-app: https://bit.ly/4o989BG
iOS-app: https://apple.co/46WP8Mk
Barreessitoota nu waliin hojjechuu barbaaddaniifis balballi keenya banaadha.
Odeeffannoo dabalataaf
Lakk bilbila 0935491844/ Telegram
E-mail [email protected]

@Orobook
Daa'imman yommuu dhalatan akka suura kanaarraatti mataan garmalee guddatee agartanii beektuu?
Yaalamuu danda'aa?
Deebii: EEYYEE
~~~~
Rakkoon kun kan uumamu gaafa dhangala'aan uumamaan sammuu namaa keessatti argamu hamma barbaachisuu ol gaafa kuufamudha. Innis, yoo yaalamuu baate guddina daa'immaniirratti dhiibbaa geessisuu akkasumas mataa dhukkubbi, rakkoo ijaa, madaallii qaamaa eeggachuu dadhabuu, dandeettii yaadachuu dhabuu fi kkf fiduu danda'a.

NB: Daa'imman rakkoo akkasii waliin dhalatan gara mana yaalaa geessuun yaalchisuun gaariidha!
Dr.Bulti Likisa, 2025
~~~
#Share #follow #subscribe
👇👇👇
@Fayyaa_egeree
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Jette jettee yookaan odeeffannoowwaan dogoggoraa hawaasa keessaa kan fayyaa waliin wal qabatan irratti Dr. Naafyad Geetuu waliin waan haasofne qabna. Dilbata boruu guyyaa keessaa sa'aa 5:00 irratti karaa ETV Afaan Oromoo nu eegaa.

Fayyaa hin dhabiinaa!

@Orobook
Infeekshinii kaleef wantoota nama saaxilan:
1. Dhanagalaa ykn bishaan sirriitti dhuguu dhiisuu
2. Cirracha kalee
3. Fincaan qabatanii turuu
4. Qulqullina qaama walhormaataa eeguu dhabuu
5. Tuubboo fincaanii namoota fayyadaman
6. Shamarran ta'uun carraa dhukkuba kanaan qabamuu ni dabala
7. Walqunnamtii saalaatti deddeebi'uu
8. Wayita ulfaa fi kkf...
~~
Dr. Bulti Likisa, 2025
#SHARE👇👇👇
@Fayyaa_egeree
#Otizimii Dijitaalaa (Dijital Autism)

~>Otizimii Dijitaalaa jechuun yeroo namni, keessumaa daa’immaniifi ijoolloonni yeroo hedduufi daangaan alaa tamsaasa interneetii, gammeewwan fi meeshaalee dijitaalaa irratti dabarsan amala Otizimii fakkaatu agarsiisan jechuu dha. Kunis addunyaafi hawaasummaa dhugaa keessaa nama baasuun hariiroon hawaasummaa akka hir'atuufi dadhabu, quunnamtiin qaamaafi dubbii akka hir'atuufi yaada qofummaan akka dhuunfataman nama godha.

#Ka'umsi maali?
Ka'umsi isaa, akkuma armaan ol hiika isaa keessatti eeruuf yaalle, hirkattummaa dijitaalaa yeroo hedduu irraa kan dhufudha. Kunneenis:-
- Yeroo hedduu smartphone, tablet fi computer irratti dabarsuu.

-Gaammeewwaniifi interneetii irratti yeroo dheeraa dabarsuu
-Quunnamtii hawaasummaa dhabuu

#Miidhaa akkamii namarraan gaha?
~>Otizimiin dijitaalaa yeroo dheeraaf yoo itti fufe miidhaa hedduu qaba. Kunneenis:-
•~>Hariiroo hawaasummaa irratti
•~>Afaaniifi wal-quunnamtii irratti
•~>Sammuufi xiinsammuu irratti
•~>Qaama irratti
•~>Aadaafi duudhaa irratti

#Akkamiin ittisuu dandeenya?
~>Ittisa Otizimii Dijitaalaa keessatti maatii fi hawaasni qooda guddaa qabu. Kunneenis:-
- Daa’immaniifi ijoolloonni yeroo murtaa'e qofa interneetiifi gammeewwan irratti akka dabarsan gochuu
- Ijoollota tapha hawaasummaa shakalchiisuu
- Ijoolloonni tapha ispoortii, kitaabota dubbisuufi hojii manee isaanii hojjechuu irratti akka yeroo dabarsan gochuu
-Maatiin ofumaa fayyadama dijitaalaa hir'isuun ijoollotaaf fakkeenya ta'uun

#Gabaabumatti:-
Otizimii dijitaalaa rakkoo haaraa ta’ee, daa’imman keenyaaf balaa guddaa geessisuu kan danda’udha. Yeroo ammaa kana, tamsaasa interneetii fi gammeewwan hedduun, ijoolleen keenya addunyaa dhugaa irraa akka fagaatan gochaa jira. Kanaafuu, hubannoo, ittisaafi fayyadama madaalawaa ta'ee qofa fayyadamuun irratti hojjechuu qabna.


@Orobook
Waa'ee vaayiresii tiruu gosa "B" qabxiiwwan ijoo shan (5)

1. Dandeettiin namaa namatti darbuu isaa kan HIV irraa harka 100 (100X) caala. Walqunnaamtii saalaan, meeshaalee qara qabaniin, akkasumas haadha irraa gara daa'imaatti daddarba.

2. Namni vaayiresii kanaan qabame mallattoo kamuu osoo hin argisiisin waggoota dheeraa turuu danda'a, yeroo kana keessatti vaayiresichi gara nama biraatti ni daddarba.

3. Vaayiresiin kun yoo hordofamuu fi yaalamuu baate, waggoota dheeraa booda dadhabuu tiruu fi kaanserii tiruu fiduu danda'a.

4. Namni kamuu qoratamee dhiiga isaa keessa vaayiresiin kun hin jiru yoo ta'e talaallii isaa fudhatee vaayiresii kana ofirraa dhorkuu danda'a.

5. Vaayiresiin kun qoricha antivirals (farra vaayiresii) dhaan ni yaalama.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

@Orobook
Yeroo dheeraaf akka barametti ulfa ittisuuf ykn qusannaa maatiif (#family_planning)qoricha ykn lilmoo kan waraannattu haadha manaati.

Amma garuu akka qorannoon saayintistootaa ibsutti ulfa ittisuuf kiniinni abbaan manaa fudhatu akka qorannoorra jiruufi abdii akka qabu ibsaniiru.

Kanaaf, Dr.Bulti👨‍⚕️💞 :
Yeroo dheeraaf akka barametti ulfa ittisuuf ykn qusannaa maatiif (#family_planning)qoricha ykn lilmoo kan waraannattu haadha manaati.

Amma garuu akka qorannoon saayintistootaa ibsutti ulfa ittisuuf kiniinni abbaan manaa fudhatu akka qorannoorra jiruufi abdii akka qabu ibsaniiru.

Kanaaf, gara fuulduraatti yoo qorannoon kun milkaa'e Abbaan manaa illee qusannoo maatii fudhachuu danda'a jechuudha!
#share & #follow
👇👇👇👇
@Fayyaa_egeree
"Jaalalli du'arra jabaataadha! 💪

“Keessaa nan baasinaa!... Ijoolleen koo lamaan harka koo qabatanii jiru!” 💔

Bara 1999tti ture. Veenzuweelaatti balaan dhoqqee guddaan magaalaa Vargas keessatti kan mudate. Balichi “Vargas tragedy Venezuela 1999 landslide" jedhamuun yaadatama. Balaa kanaan Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan du'an yoo ta'u, magaalonni hedduun dhoqqee jalatti awwaalamanii badaniiru..

Namoota kana keessaa Abbaan suuraa armaan gadii kanarraa mul’atu kun, dhoqqee keessatti qabamee ture. Namoonni baraartoonni bakka sana ga'anii isa baasuuf yeroo yaalan, ijoolleen isaa harka isaa qabatanii akka jiran waan itti dhaga'ameef, “Keessaa nan baasinaa!...Ijoolleen koo lamaan harka koo qabatanii jiru” jedhee deebiseef. Ijoollee isaa harka isaa qabatanii turan gadi dhiisee, harka isaa harka isaaniirraa addaan baasuu hin barbaanne. Kana gochuu isaarra lubbuu ofii aarsaa godhee, ijoollee isaa waliin harka wal qabatee, du’uu filate. Milkaa’eefii achumatti isaan waliin du’es.

Jechi dhumaa Abbaa kanaa, balaan Vargas sun hammam akka suukaneessaa ture agarsiisuu qofa osoo hin taanee, seenaa gaddisiisaa akka malee nama tuquu fi Jaalalli du'a caalaa cimaa ta'uu isaa nu barsiisee darbedha.

Wareegamootni tokko tokko addadha. Yeroo tokko tokko, Namoonni biroon akka jiraataniif, osooma lubbuun jirtuu wareegama kaffalta. Gama biraatiin immoo, Namoonni kaan akka jiraataniif, ati ofii duutee wareegamni ati kaffaltus ni jira.

Wareegamni nuti seenaa kana keessatti arginu ammoo, wareegama hundumarrayyuu addaa ta’edha. Kan abbaanis ta’ee ijoolleen irraa hin fayyadamne. Sadan isaaniiyyuu kan lubbuun irraa hin hafne. Garuu, wareegama harki isaanii akka addaan hin baane gochuuf, fedhii irraa kan ka’e kaffalameedha.

Kunis, sodaa gaabbii bara jireenya isaa keessatti, osoo harki isaa sun isaan irraa addaan bahee lubbuun hafeera ta’eetii, barabaraaf isatti dhaga’amuu danda’u sodaachuu fi mararfannaa irraa kan maddeedha. Akkasumas “Abbummaaa Garaa hin jabaadhu!” jedhu kan irratti agarre, wareegama addaati."

Toora Fuulbarruu irraa kan fudhatamedha!

@Orobook
#Danda'uu yookan falachuu
****
Booda kana dubbiin faallaa ta'aa jira. Beekumsa irra beekamtii, waan dhugaarra kan dhugaarraa fagaate, waan safuu qaburra kan safuu cabse, waan beekumsa qaburra waan ajandaa qabutu leellifamaa jira. Eeyyeen, dhaggeeffachuurra dubbachuu, dubbisuurra dubbii facaasuu, wal qaruurra wal faaluutu irra bakka argachaa jira.
Kunis, kan ta'aa jiru waan gurguddaa lamaafi. Tokko, dhiibbaa miidiyaalee hawaasaati. Akka ta'uufi akka eegamutti fayyadamuurra ittiin wal miidhuufi of miidhuutu caalaa jira. Inni biraan, baay'eetu waantota faallaafi homa of keessaa hin qabne malee leellisuu dide. Kanaaf, waanuma namoonni baay'een gurra itti kennaniifi leellisantu baay'achaa jira. Yoo akkana hin taane, miseensi miidiyaalee hawaasaa karaa maraanuu waan hin feeneefii irraa baqatan itti fakkaata. Kanarraa kan ka'e waan ijaafi gurra hin qabne qabanii as bahuu ta'e, dubbiin.

Kanarraa kan ilaallu, kan ofirratti moosisaa jiru numa mataa keenya, hawaasicha. Waan fayyadurra kan miidhu, kan barsiisurra kan gara badiitti geessu, kan faayurra kan faaluuf bakka kennee jira. Egaa kan ofirratti moosise nuyi waan ta'eef miidhaafi dhiibbaa hamaa inni nurratti geessisuus danda'uudha. Yookaan keessaa falachuu! Mana ofirratti gubaa dirmannaaf iyyachuun homa hiika hin qabu. Danda'uudha malee. Yookaan keessaa falachuudha.

Danda'uu yookan falachuu
Dr. Abdiisaa Ejjetaati
Galatoomaa!🙏

@Orobook
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
      #1000 Person/hour

Sa'aa tokko keessatti addunyaarraa namoonni 1000, akka dhukkuba Onnee tasaa(heart attack)fi istrookii(stroke), sababa olka'uu dhiibbaa dhiigaan(Hypertension) uumamuun lubbuu dhabaa akka jiran ni beektuu?

Eeyyee! Akka ragaan dhabbata fayyaa addunyaa (WHO) agarsiisutti addunyaarraa sa'aa tokko keessatti namoonni 1000, dhukkuba onnee tasaa(heart attack) fi istrookii(stroke) , sababa dhiibbaan dhiigaa olka'uu(Hypertension)'n lubbuun isaanii darba! Kunis yeroo baay'ee yaalamuu kan danda'ufi ittisuu kan dandeenyuudha!

#Akkamitti_ittisuu_dandeenya?
👉Haala jireenya keenyaa fooyyeessuu (Lifestyle modification)
*sochii qaamaa gahaa taasisuu(guyyaatti daqiiqaa 30, torbanitti ammoo daqiiqaa 150fi isaa oliif sochii qaamaa taasisuu
* Tamboo aarsuu dhiisuu
*Alkoolii irraa bilisa ta'uu
* Nyaata Ashaboo qabu dhiisuu/xiqqeessuu
*Hirriba gahaa rafuufi wantoota dhiphina sammuu(stress) fidan irraa of tokfachuufi kan kana fakkaatan gochuun fayyaa keenya akka eegannuuf nu gargaaru!

Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Abdii Adugna (MD)
Odeeffannoo Fayyaa argachuuf karaa toora telegram https://www.tg-me.com/drabdiadugna jedhuun miseensa ta'aa!
QUINTUPLETS PREGNANCY

👶 Altokkotti Daa’ima Shan Ulfaa’uu fi Dahu (Quintuplets Pregnancy)

Har'a WUCSH keessatti haati tokko altokkotti daa’immaan shan (dhiira 3 fi dubra 2) deesse.

👉 Waa’ee wanta kana maal beekna?
🌟 Wanti akkasii baay’ee yeroo hunda hin mul’atu (1 in 55-60 million pregnancy).
Haata’u malee, yeroo mul’atu haadha fi daa’imman irratti yaaddoo fi rakkoo hedduu fiduu danda’a.
✅️Sababoota Carraa akkasii Dabalan:
🔹️Yeroo hedduu mala artificial (IVF) dhaan ulfaa’uun.
🔹️Seenaa maatii/fira keessatti ulfii altokkotti daa’ima lamaa fi sanaa ol qabaachuun.
🔹️Umriin haadha yoo 30 olii tahe carraan dabala.

⚠️ Rakkoolee Haadha Irratti Fidan
▪️Ol-deebisuu hamaa (Hyperemesis Gravidarum) yeroo ji’a 3 jalqabaatti.
▪️Carraan dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaan (preeclampsia) guddaa dha.
▪️Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa (Gestational Diabetes) mul’achuu mala.
▪️Carraan hir’ina dhiigaa (anemia) qabaachuu ni dabala.
▪️Dahuuf yeroo hedduu baqaqsanii (C-section) gochuun barbaachisa.

⚠️ Rakkoolee Daa’imman Irratti Fidan
🔸️Yeroo hedduu ji’ii otuu hin guutin dhalatu (premature delivery).
🔸️Ulfinni isaanii xixiqqaa (low birth weight) ta’a.
🔸️Rakkoolee hargansuu, sombii, fi dandeettii dhibee ittisuun (immunity) laafuun saaxilamoo dha. Follow
Dr.Gadaa Dhaabaa Hordofaa (Internist)

@Orobook
The MTP Theory! Get ready to read! Deemsi itti fufa!

#Via Eebbisaa Baayisaa

@Orobook
Forwarded from Dr Abdi Adugna (MD)
#Nama isin bira jiru tokko yookiin isinuma, osoo funuunsuun(Epistaxis) muudatee maal gootu?

1. Dursa irratti, ofii keenyas ta’ee namni sun rifachuu hin qabu.
2. Xiqqoo gara fuul-duraatti mormaan jedhee akka dhaabbatu yookiin taa’u gargaaraa.
Hubachiisa: Yeroo baay’ee hawaasa keessatti gara duubatti akka jedhamu gorfama. Kun garuu dogongora; sanarraa darbee rakkoo biraaf nama saaxiluu mala.
3. Suuta jedhee, quba agarsiiftuu fi qubaa guddichan, qarqara funyaanii daqiiqaa 10–15f akka qabu gargaaraa. Yeroo kanattis afaaniin akka harganu gorsaa.
4. Daqiiqaa 10–15f erga qabatee booda, yoo hin dhaabbanne, irra deebinee daqiiqaa 10–15f akka qabatu gargaaruu qabna. Yeroo funyaan qabatan kanaatti, dhiigni gara afaanitti yoo dhufe, liqimsuu akka hin qabneefi tufuu akka qaban itti himna.
5. Yoo funuunsuun dhaabbate, sa’aatii 24f, funyaan isaanii akka hin tuttuqne, yeroo furrii baafatanis immoo suuta jedhanii baafachuu akka qaban; sochii qaama ulfaataa irraa  bilisa ta'u akka qaban itti himuu.

Namoota funuunsuun(Epistaxis) muudate, yoom mana yaalaa geessina?

1. Funuunsuun sun balaa rukuttaa waliin walqabatee yoo dhufe.
2. Funyaan dabalatee bakki biraas yoo kan  dhiigu ta'e
3. Irra deddeebi’ee yoo muudate.
4. Mala dura siif kaaseen, daqiiqaa 10–15f tara lama qabanii hin dhaabbanne yoo ta'e,
5. Qorichoota garaagaraa (fkn. warra itituu dhiigaa dhorkan) fudhataa jira yoo ta’e hatatamaan gara mana yaalaa geessuu qabna!

Fayyaa hin dhabinaa!
Dr. Abdi Adugna (MD)

@ https://www.tg-me.com/drabdiadugna
2025/11/02 03:07:20
Back to Top
HTML Embed Code: