Telegram Web Link
Forwarded from แˆˆแˆณแ‰… แ‰ฅแ‰ป
Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
Duas - After the final tashahhud and before salam

ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูู…ู‘ูŽ ุฅูู†ู‘ููŠ ุธูŽู„ูŽู…ู’ุชู ู†ูŽูู’ุณููŠ ุธูู„ู’ู…ุงู‹ ูƒูŽุซููŠุฑุงู‹ ูˆูŽู„ูŽุง ูŠูŽุบู’ููุฑู ุงู„ุฐู‘ูู†ููˆุจูŽ ุฅูู„ูŽุงู‘ูŽ ุฃูŽู†ู’ุชูŽุŒ ููŽุงุบู’ููุฑู’ ู„ููŠ ู…ูŽุบู’ููุฑูŽุฉู‹ ู…ูู†ู’ ุนูู†ู’ุฏููƒูŽ ูˆูŽุงุฑู’ุญูŽู…ู’ู†ููŠุŒ ุฅูู†ู‘ูŽูƒูŽ ุฃูŽู†ู’ุชูŽ ุงู„ู’ุบูŽูููˆุฑู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู

O Allah, I have greatly wronged myself and no one forgives sins but You. So, grant me forgiveness and have mercy on me. Surely, you are Forgiving, Merciful.

Allaahumma 'innee dhalamtu nafsee dhulman katheeran, wa laa yaghfiruth-thunooba 'illaa 'Anta, faghfir lee maghfiratan min 'indika warhamnee 'innaka 'Antal-Ghafoorur-Raheem.


Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
HIN FUUTUU
Rajab
ใ€ฐใ€ฐใ€ฐHin Fuutuuใ€ฐใ€ฐใ€ฐ
Diraama sagalee shabaaban kenya maqa tarawihatin baahani iddo rabbin jibbe dhaqan irratti kan hojjatame Wlh dhagefattu male bira hin darbiin ittin bohaarte gorfamta .
@ALNMYG
As_wr_wb
Jalatamtoota obboleeyan muslimaa
โœจBaga :-
๐Ÿ”ธJi'a jaalalaa โฃ
๐Ÿ”ธJi'a Ibaadaa ๐Ÿ“ฟ
๐Ÿ”ธJi'a kheeyrii ๐Ÿ•Œ
๐Ÿ”ธJi'a Umraa๐Ÿ•‹
๐Ÿ”ธJi'a Rahmataa ๐Ÿ‘
๐Ÿ”ธji'a kabajamaaโญ๏ธ Ramadaanaatiinโญ๏ธ issin Gahee jachaa
Ji'a kana warra irraa kheeyrii qoodatuu fi Toltu Dalagatuu akkasumas ibaadaan irraa qeebalamtuu Rabbii nu haa godhu ๐Ÿ‘

Ramadan Kareem
ุฑูŽู…ูŽุถุงู† ูƒูŽุฑูŠู…

แˆจแˆ˜แ‹ณแŠ• แŠจแˆชแˆ
แ‹จแ‰ฐแ‹ˆแ‹ฐแ‹ณแ‰ฝแˆ แ‹จแˆ™แˆตแˆŠแˆ แ‹ˆแŠ•แ‹ตแˆžแ‰ฝ
แŠฅแŠ•แŠฉแ‹‹แŠ• :-
แ‹จ แแ‰…แˆญ แ‹ˆแˆญ โฃ
แ‹จ แŠขแ‰ฃแ‹ณ แ‹ˆแˆญ ๐Ÿ“ฟ
แ‹จ แŠจแ‹ญแˆญ แ‹ˆแˆญ ๐Ÿ•Œ
แ‹จ แŠกแˆแˆซแˆ… แ‹ˆแˆญ ๐Ÿ•‹
แ‹จ แˆซแˆ…แˆ˜แ‰ต แ‹ˆแˆญ ๐Ÿ‘
แ‹จ แŠญแ‰ฅแˆญ แ‹ˆแˆญ โญ๏ธ
แˆˆ แˆจแˆ˜แ‹ณแŠ• แ‹ˆแˆญ แŠ แ‹ฐแˆจแˆณแ‰ฝแˆ แŠฅแ‹ซแˆแŠ•
แ‹ญแˆ…แŠ• แ‹ˆแˆญ แ‹จ แŠจแ‹ญแˆญ แŠฅแŠ“ แ‹จแŠขแ‰ฃแ‹ณ แ‹ˆแˆญ แŠ แˆ‹แˆ… แ‹ซแˆญแŒแˆแŠ•

Ramadan ๐ŸŒ™

Ramadan:-
Increase our faith
Increase our increas our taqwa
Increase our reconnection with Allah
Increase our Imaan

IT'S TIME TO CHARGE EMAAN ๐Ÿ’ฆ

:-period of strength
Period of health
Period of growth

...๐ŸŒ™








Bara 1440 A.Hij

Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
โค๏ธ แŠ แˆแ‰…แˆญแˆƒแˆˆแˆ!! โค๏ธ

โž–แ‹ญแˆ…แŠ• แˆตแ‰ตแˆฐแˆ› แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆแ‰ตแ‹ฐแАแŒแŒฅ แŠ แ‹แ‰ƒแˆˆแˆแค แŒแŠ• แŠ แŠ•แ‰ฐ แˆˆแŠ” แ‰ฅแ‹™ แ‰ตแˆญแŒ‰แˆ แŠ แˆˆแˆ…แกแก แˆแˆŒแˆ แ‹ˆแ‹ฐ แŠ แŠ•แ‰ฐ แˆแ‰€แˆญแ‰ฅ แŠฅแŒฅแˆซแˆˆแˆ แАแŒˆแˆญ แŒแŠ• แ‹ซแŠ•แ‰ฐ แˆแ‰ฅ แ‹ˆแ‹ฐ แˆŒแˆ‹ แ‹จแˆธแˆแ‰ฐ แ‹ญแˆ˜แˆตแˆˆแŠ›แˆแกแก

๐Ÿ”ฐแˆ€แˆณแ‰คแŠ• แˆ‹แŠ•แ‰ฐ แ‰ แˆฐแŒ แˆ แ‰แŒฅแˆญ แ‹ˆแ‹ณแŠ•แ‰ฐ แ‰ แ‰ฐแŒ แŒ‹แˆ แ‰แŒฅแˆญ แŠ แŠ•แ‰ฐ แŒแŠ• แˆตแˆˆแˆŒแˆ‹ แ‰ณแˆตแ‰ฃแˆˆแˆ…แกแก แŒ แˆญแ‰ผแˆ… แˆแˆ‹แˆฝ แˆณแˆ‹แŒˆแŠ แˆตแ‰€แˆญ แˆแ‰ค แ‹ญแ‰ณแˆ˜แˆ›แˆแกแก แˆแˆ‰ แАแŒˆแˆฌแŠ• แˆ‹แŠ•แ‰ฐ แˆแˆฐแŒฅ แŠฅแˆžแŠญแˆซแˆˆแˆ แŠ แŠ•แ‰ฐ แŒแŠ• แ‹แŒแŒ แ‹จแˆ†แŠ•แŠญ แŠ แ‹ญแˆ˜แˆตแˆˆแŠแˆแกแก

๐Ÿ”ฐแŠฅแ‰ฃแŠญแˆ…แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ณแˆแ‰…แˆญแˆ… แแ‰€แ‹ตแˆแŠ แŠฅแŠ”แŠฎ #แ‰แˆญแ‹แŠ• แАแŠแกแก แˆˆแˆŒแˆŽแ‰ฝแˆ Share
แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แŠ•แŒˆแˆซแ‰ธแ‹ แˆแˆŒแˆ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆแ‹ˆแ‹ณแ‰ธแ‹แŠ“ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆ›แˆแ‰…แˆซแ‰ธแ‹ แˆˆแˆแ‰ณแ‹ˆแŒฃแ‹ แŒŠแ‹œแŠ“ แŒˆแŠ•แ‹˜แ‰ฅ แŠฅแŠ” แ‰ฐแŒ แ‹ซแ‰‚ แŠฅแˆ†แŠ“แˆˆแˆแกแกโ€
แ‰ แ‹จแ‰€แŠ‘ แŠจแŒ“แ‹ฐแŠ›แ‰ฝแŠ• แ‹จแ‰ฐแˆ‹แŠจแˆแŠ•แŠ• แ‹จแ…แˆแ แˆ˜แˆแ‹•แŠญแ‰ต แ‰ แŒ‰แŒ‰แ‰ต แŠฅแŠ“แАแ‰ฃแˆˆแŠ•แค แŒแŠ• แŠฅแˆแ‰…แŠ“แ‹ แŠจแ แ‹ซแˆˆแ‹ แŒŒแ‰ณแ‰ฝแŠ• แŠ แˆ‹แˆ… แ‹จแˆ‹แŠจแ‹แŠ• แ‹ฐแ‰ฅแ‹ณแ‰คแˆแŠ• แ‹ซแˆ…แˆ แŠจแแ‰ฐแŠ• แŠฅแ‹ซแАแ‰ แ‰ฅแŠ• แАแ‹??

๐Ÿ‘นแ‹จแˆธแ‹ญแŒฃแŠ• แ‹ˆแ‹ณแŒ… แ‹ญแˆ…แŠ•แŠ• แˆ˜แˆแ‹•แŠญแ‰ต Share แˆŠแ‹ซแ‹ฐแˆญแŒˆแ‹ แ‹ญแ‰…แˆญแŠ“ แˆ›แŠ•แ‰ แ‰ฅ
แŠฅแŠ•แŠณ แŠ แ‹ญแˆแˆแŒแˆแกแก แ‹จแŠ แˆ‹แˆ… แ‹ˆแ‹ณแŒ†แ‰ฝ แŒแŠ• แˆˆแˆŒแˆŽแ‰ฝ share แ‹ซแ‹ฐแˆญแŒ‰แ‰ณแˆแกแก

share ๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†

@BestIslamic
Forwarded from Al-Nasr Muslim youth jama (F-Md (ahil)ยฎ)
ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡
ู„ู‚ุฏุฃุธู„ู†ุงุดู‡ุฑ ุนุธูŠู… ูˆุดู‡ุฑ ู…ุจุงุฑูƒ

Baatiin guddoon
Baatiin kabajaa qabdu
Baatiin barakaadhaa
Baatiin kabajaa qabdu
Yaa allaaah
Nama irraa milkaahu nugodhi
Aammiiiiin

Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
#As_wr_wb

Hordoftoota jaalatamtoota chanala Kenya fa Ensha allaha Rabbuna arrantana waa'ee
#Barnoota_Ramadaana qabane issinif dhihane jira !

#Kutaa 1FFAA

Ramadaanni akka lakkoofsa hijriitti jiโ€™a saglaffaa irratti argama. Ramadaanni jiโ€™a kabajamaa Qurโ€™aanni itti buโ€™ee fi leylat-ul qadr (halkan jiโ€™aa kuma caaltu) of keessaa kan qabudha. Jinni Ramadanaa jiโ€™aa rahmataa, barakaa fi jaalalaati. Jiโ€™a diinni ilma namaa kan taโ€™ee sheyxaanni itti hidhamuudha. Sheyxaanni waan hidhamuuf namoonni ibaadatti kaโ€™u, wanta gaariitti fiigu.

1.Kaayyoo fi Buโ€™aa soomanaa

Kaayyoon soomanaa inni guddaan namoota beela dheebun miidhuf osoo hin taโ€™in, taqwaa (sodaa Rabbii) qalbii keessatti facaasu fi magarsuudha.2:183

โ€œYaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama taโ€™etti) isin irrattis barreefameera.โ€

Kanaafu kaayyoon guddaan soomana akka Rabbiin sodaannu nu leenjisufi. Nyaanni yommuu baayโ€™atu, hormonoonni xannaโ€™achoota keessaa maddan fedhii kakaasun wanta badaatti nama dhiibu. Namni karaa haraamatin/dhorqaan fedhii ofii guttachuuf yommuu fiigu ibbida hamaa harkaan qabata. Soomni kanaaf fala isaaf taโ€™a. tokko hormoonota madda hirโ€™isuun fedhii isaa qabaneessa. Lamaffaa sodaa Rabbii qalbii irratti facaasun badii irraa isa tiiksa.

Faydan sooma kana qofatti kan dhaabbatu osoo hin taโ€™in qaamafis fayyaadha. Qaamni yeroo hundaa dhangaale baayโ€™ee kan fudhatu yoo taโ€™ee dhibee sukkaara fi furdinna daangaa hin qabnef saaxilama. Sababoota kanaaf doktoroonni yeroo amma soomatti nama ajajan. Soomni sammuu qara. Nyaanni fi dhugaatin yommuu baayโ€™atu sammuun ni dugulti, gadi faggeessite yaadu hin dandeessu.

Kanaa fi kan kana fakkaatan fayda soomanni qaamaf kennu. Garuu faydan guddaan soomanaa qalbii namaa qulqulleessun sadarkaa horii irraa gara sadarkaa olโ€™aanu fi kabajamaatti ol kaasudha. Wanta lubbuun feetu daangessun barnoota fi leenji namaaf kenna. Namni yommuu fedhii lubbuu ofii jala deemu bolloo badii keessaa hin baanetti tara. Soomni wantee/gaashaa isaa taโ€™uun badii kana irraa isa tiiksa. Soomni addunyaa tana qofa keessatti mitii Aakirattis ibbida irraa nama tiiksa. Yommuu dheebun akkasatti nama gubuu warrii addunyaa irratti sooma turee balbala Jannataa Ar-Rayyaan jedhamuun seenun dheebu bahu.

Soomni karaa jaalala Rabbii ittiin argataniidha- namni dhooksan nyaate nan sooma jechuu dandaโ€™a. garuu namtichi Rabbii jedhe dhoksaatti wantoota kana irraa yommuu of qabu jaalala Rabbii argata.

2.Garaa fi qaama hormaata qofaa mitii qamoole biroos tiiksu
soomana yommu jedhamu yaanni jalqabaa matatti nu dhufu nyaata fi dhugaati irraa soomudha. soomni fudhatama argatuuf ulaagaalee lama guutu qaba.

a.Wantoota sooma cabsan irraa fagaachuโ€“ nyaata, dhugaati fi wal qunnamti saalaa irraa fagaachu. Obboroo irraa jalqabee hanga aduun dhiitutti namni wantoota kana irraa fagaachu qaba. Soomni nyaata, dhugaati fi wal qunnamti saalaa dhiisu qofa irraa kan ijaarrame miti. Qaamota biroos wanta badaa irraa akka sooman leenjisu barbaachisa. Taโ€™uu baannan beela dheebun of miidhu malee kaayyoo barbaadame galmaan hin gahu.

ุนูŽู†ู’ ุฃูŽุจููŠ ู‡ูุฑูŽูŠู’ุฑูŽุฉูŽุŒ ุนูŽู†ู ุงู„ู†ู‘ูŽุจููŠู‘ู ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ู‚ูŽุงู„ูŽ ‏ โ€œ‏ ู…ูŽู†ู’ ู„ูŽู…ู’ ูŠูŽุฏูŽุนู’ ู‚ูŽูˆู’ู„ูŽ ุงู„ุฒู‘ููˆุฑู ูˆูŽุงู„ู’ุนูŽู…ูŽู„ูŽ ุจูู‡ู ูˆูŽุงู„ู’ุฌูŽู‡ู’ู„ูŽ ููŽู„ูŽูŠู’ุณูŽ ู„ูู„ู‘ูŽู‡ู ุญูŽุงุฌูŽุฉูŒ ุฃูŽู†ู’ ูŠูŽุฏูŽุนูŽ ุทูŽุนูŽุงู…ูŽู‡ู ูˆูŽุดูŽุฑูŽุงุจูŽู‡ู ‏โ€

Abu Hureeyraa(RA) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

โ€œNamni dubbii sobaa(soba dubbachuu), soba saniin hojii badaa hojjachuu fi jechoota badaa namatti dubbatu hin dhiisin Rabbiin nyaata fi dhugaati dhiisu isaatti haajaa hin qabu.โ€ Sahih Al-Bukhaari
Kanaafu ulaagan jalqabaa soomana keenya irraa ajrii(mindaa) argachuu fi taqwaa horachuuf garaa keenya nyaata dhugaati irraa eegu, qaama hormaata wal qunnamtii saalaa irraa fageessu, arraba keenya dubbii sobaa, jechoota badaa dubbachuu, nama arrabsuu, hama irraa tiiksu, gurraa keenya dubbii sobaa, muuziqaa, fi hama dhageefachuu irraa eegu, harka keenya hatuu, nama miidhu, nama fuudhu/itti heeruma dandaโ€™an harka fuudhu (cabbaxu) irraa tiiksu; ija teenya haraama ilaalu kan akka fiilmii, moovi, gaazexaa, inteerneti irraa eegu; luka teenya gara baditti deemu irraa tiiksu.


Ensha Allah kutaa 2ffaan itti fufa Obsan dubisa share walif godha jzkl !

Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
#Barnnoota_Ramadaanaa

Kutaa 2FFAA

Sooma nyaata dhugaati qofatti yoo daangeessine buโ€™aan keenya beelaa dheebun of miidhu malee wanta biraa taโ€™uu hin dandaโ€™u. Rabbiin sodaachuun garaa fi qaama hormaata nyaata dhugaati fi wal qunnamtii saalaa irraa tiiksu qofa osoo hin taโ€™in qaama guutu wanta badaa irraa tiiksu fi wanta gaarii hojjachuudha.

b.Ulaagalan lammaaf โ€˜Niyyaaโ€™โ€“ niyyaan amantii keessatti iddoo guddaa qaba. Niyyaa buโ€™uura amantiiti. Namni niyyaa irratti hundaaโ€™eti kan adabamuu fi badhaafamu. Niyyaan yoo hin tolin hojii gaariin isaa sun jalaa baddi. Niyyaan yoo tolte immoo hojiin gaarii inni hojjate isaa baayโ€™ifamuun badhaasa guddaa argata. Kanaafu yommuu ibaadah kamuu hojjannu niyyaa keenya tolchuun dirqama.

Namtichi waan doktorri ajajeef sooma soomu dandaโ€™a, ulfaatinna qaama hirโ€™isuuf soomu dandaโ€™a. Soomni akkanaa Rabbiif jedhee osoo hin taโ€™iin kaayyoo biraatif waan soomef fudhatama hin argatu. Soomana yommuu soomnu Rabbiif qulqulleessine soomu qabna.

Bakkii niyyaa qalbiidha. Arrabaan akkana godha, akkana hojjadha jedhanii dubbachuun hin barbaachisu. Qalbii keessatti boru Rabbiif jedhe akka soomu niyyachuudha.

Tarkaanfi gara jijjiramaa
Ramadaanni yuniversitii leenjii fi barnoota jechuu dandeenya. Namni yuniversitii kana seene leenjii fi barnoota malee yoo bahe, buโ€™aan inni argatu maaliree? Jireenya keenya keessatti of jijjiruuf tattaafi adda addaa goona. Tattaafin keenya hundii buโ€™a-qabeessa taโ€™uu dhiisu dandaโ€™a. waggaa keessatti jiโ€™a tokko yeroo jireenya keenya itti foyyeessinuu fi jijjiruu argachuun carraa guddaa fi lamuu hin deebinedha. Namni carraa kanatti fayyadamuu Insha Allah ni milkaaโ€™a. namni carraa kanatti osoo hin fayyadamiin hafe milkaaโ€™innaa irraa duubatti hafa.

Akkuma duratti jenne kaayyoon sooma qalbii qulqulleessu fi sodaa Rabbii qalbii irratti facaasudha. Qalbii teenye qulqulleessine jireenya keenya foyyeefachuun yeroo hundaa nurratti dirqama. Karaa adda addaatin qalbii teenya xuriiwwan akka shirkii, nifaaqa, shakkii, jibba, waanyu, fi kkf irraa qulqulleessuf ni tattaafanna. Maloota kanniin keessaa soomni iddoo guddaa qaba. Kanaafu akkamitti jireenya keenya Ramadaana keessa fi booda sirreessu dandeenya?

Yeroo sirnaan fayyadamuuโ€“ yuniversitii kana keessatti yeroo keenya sirnaa yoo hin fayyadamiin dorgommii ni dhabna. Yeroon buโ€™uura milkaaโ€™inna addunyaa aakiraati. Akka imaam Ibn Al-Qayyiim jedhanitti namoota bakka saditti qoonne ilaalu dandeenya. Tokko nama Rabbii tolee jedhu fi itti buluudha. Kaayyoo uumameef beekun yeroo isaatti sirnaan fayyadama. Wanta Aakiraa isaa jalaa balleessu yookiin addunyatti fayda isaa hin buusne irratti yeroo ofii hin gubuu. Namni lammaffaan immoo nama Rabbiin irraanfate fi daangaa Isaa darbuudha. Namni kunii kaayyoo uumameef dagachuun addunyaa fi fedhii ofiitif gabra taโ€™a. Aakira quba hin qabu. Namni sadaffaan immoo nama hojii malee taaโ€™udha. Namni akkana nama waa hundarraa hoongaโ€™eedha. Takkaa addunyaa ofiitif hin carraaqu, takkaa aakiraaf hin dalagatu. Fedhii fi sheyxaanaf nama harka kenneedhe. Yeroo ofii bakkuma argetti guba.

Kanaafu nuti namoota gosoota sadan kanniin keessa gosa tokkoffaa taโ€™uu qabna. Ramadaanni gosa tokkoffaa keessaa akka taanuf jiโ€™aa fi carraa nu dhufeedha. Taโ€™uu baannan gosa lammaffaa fi sadaffaa keessaa taana. Osoo itti fayyadamiin nu harkaa miliqa.

Yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuun keeyri hanga dandeenyu walitti haa kuufannu. Yeroo keenya wantuma fayda nu hin buusne irratti yoo balleessine jiโ€™aa Ramadaana fi jireenya keenya qisaasessine jedhama. Halkanii guyyaa filmii kan ilaallu, hirriba kan rafnu, yoo taane buโ€™aan Ramadaan irraa argannu maaliree?

Ensha Allah kutaa 3fffaa itti
fufa ...
Share....jzkl


Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
Halkan Leylatul-qadrii Halkan kami Nibeeytaa ?

Yaa Rabbi Nama Ofiifiis Dubbisee hiriyoota saatiif Share godhe Cufa Halkan Sana Qunnamsiisi..

LQ:: Leeylatul-qadri Jachi Ja'u kun Afaan Arabaa Yoo Tahu Afaan Oromoo tti Akka Armaan Gadii tti Hiikkama.
1. Halkan Sadarkaa (darajaa) Qabu.
2. Halkan Rabbiin Hujii Waggaa san keysatti Hojjatamuuf Taa'u Isa keeysa Murteeysu.
3. Halkan Ji'a 1000 (waggaa 84 Irra caalu)..

LQ:: Halkan kun Ramadaana keeysa Jira Jachuu Malee Halkan Kam Akka Tahe Hin Beekkamu.
Garuu Rasuul S.A.W ramadaana Irraa kurnan Dhumaa keeysa Akka Jiru Nuuf Himee Jira.
Kurnan Dhumaa Irraahiis Halkan Qarii (Witrii) Akka Tahe Nibeekkama.
Jechuunis Halkan :- 21, 23, 25, 27, fi 29 Kana keeysaa halkan Tokko taha.

Halkan Leylatul Qadrii Kun Sadarkaa Baay'ee Qaba. SAN KEYSAA ..
1. Halkan Rabbiin S.W ummata Nabi Muhammad S.A.W badhaase Tahuu Isaati
2. Halkan tokko Kan Waggaa 84 Caalu
3. Halkan Jibriil Dabalatee Malaa'ikoonni Baay'een Isa keysa Gara Dachii Bu'u.
4. Halkan Namni Isa keeysa Rabbi kadhate Khadhaan Isaa Cufti Qeebalamtuuf.
5. Akka walii Galaatti Halkan Halkan Cufa Caalu.

Halkan kana waan baay'eetu halkan biroorraa Adda taasisa, SAN KEEYSAA :-
- Namni raka'aa 2 Halkan kana keeysatti Salaate Akka Nama Amata 84 Salaatee ti.
- Namni Qarshi 2 sadaqate Akka Nama Amata 84 Guutuu Sadaqatee ti.
- Namni Halkan San keeysa Salaata Halkanii Salaataa Bulee Akka Nama Amata 84 Salaataa buleeti.
- Akka walii Galaatti Ibaadaan Halkan Sanii Ibaadaa amata 84 tti Qixxooyti...

โ™ฃ halkan Leylatul-qadrii kana keessa milkaawuuf ...
- salaata Sunnaa Baay'isi
- Quraana Qara'uu Fardeesi
- Sadaqaa kennachuu Jaaladhu.
- waa Hunda Caalaa Rakkataa Gargaari.
- Lubbuu teetii fi Muslimoota Cufaaf Du'aa'ii Godhi
Anaa fi Isiniis Warra Halkan San Qunnamu Rabbi Nuhaa Godhu..

obboleysa / obboleytii tiyya ... keyrii Guddoo hangana geessu tana Share Godhuu Hin Dagatin !! Sababa Ati SHARE gooteen Obboleysi kee tokk o Halkan kana ibaadatti jabaatee yoo milkaawe sawaaba hanganan ja'amne Akka Argattu beeki!

@ALNMYG
@ALNMYG
#As_wr_wb


BARNNOOTARAMADAANAA

KUTAA 3FFAA

Haala kanaan yeroo keenya sanganteessun buโ€™a qabeessa taโ€™uu dandeenya. Hojiiwwan gaggaarii Ramadaan keessa hojjanu fi galmaan gahuu barbaanne tarreessu. Hojiiwwan badaa yeroo keenya guban irraa fagaachuf carraaqi gochuu qabna. Hojii gaarii taโ€™anii garuu buโ€™aan isaani hangas mara hin taane yeroo keenya akka hin gubne of eggannoo gochuu qabna. Fakkeenyaf dubartoonni nyaata gosoota baayโ€™ee fi miโ€™aawa qopheessuf yeroo ofii gubu.

Kana irraa of qusachuun nyaata murtaaโ€™a fi gahaa taโ€™ee qopheessun yeroo ofii qusachu dandaโ€™u. Nyaata baayโ€™ee qopheessun tokko israafa (qisaasessu) taโ€™a, lama yeroo guba. Hanga nyaata san israafa godhanii osoo sadaqaa kennatanii mindaa akkamii argatu! Hanga nyaata gosoota baayโ€™ee qopheessuf carraaqan osoo Qurโ€™aana qaraโ€™anii mindaa akkam gaarii argatu! Kanaafu haawwanii fi obboleettiwwan teenya nyaata gahaa fi murtaaโ€™a taโ€™ee qopheessun yeroo fi qabeenya ofii haa qusatan.

Yeroo geenya saganteessuf torbaan kana keessa maal hojjachuun qaba jenne lafa kaaโ€™achu dandeenya. Yeroo keenya bakka saditti qoodu dandeenya. Tokko yeroo ibaada- saโ€™aati 24 keessatti yeroo ibaada itti dalagannu murteessu. Lama yeroo galii fi rizqii teenya itti funaannu murteefachu. Sadii yeroo boqonnaa/hara itti galfannu murteessu. Yeroo baayโ€™ee teenya boqonnaa irratti kan ajjeesnu yoo taane, oomisha malee hafna jechuudha. Jiโ€™aa Ramadanaa kan keessa hanga dandaโ€™ameen yeroon ibaada irratti dabarsinuu yeroowwan hafan haa caalu. Kana jechuun boqonnaa hin fudhatin, rizqii kee hin funaannatin jechuu miti. Haala kanaan yeroo keenya yoo saganteessine buโ€™aa qabeessa taโ€™uu dandeenya.

Wanta hamaan yeroo ammaa yeroo guban keessaa namtichi halkan filmii ilaala yookiin caati qamaโ€™aa bulee guyyaa hirribaan dabarsa. Hojiwwaan naafila (dabalataa) hojjachuu dhiisi hojiwwan dirqamaa kan akka salaata osoo hin hojjatin oola.

Gara hojii gaarii fiigu, hojii badaa irraa dheessu
Hojiwwan gaariin hojii badaa haaqa. Akkuma Rabbiin Qurโ€™aana keessatti dubbate:

11:114

โ€œQaccee lamaan guyyaatii fi yeroo halkan irraa taโ€™ee salaata dhaabi. Toltuwwan hamtuu ni deemsisu (ni haaqu). Kuni warra gorfamaniif gorsa.โ€ Suuratu Huud 11: 114

Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:
ุงู„ุตู‘ูŽู„ูŽูˆูŽุงุชู ุงู„ู’ุฎูŽู…ู’ุณู ูˆูŽุงู„ู’ุฌูู…ูุนูŽุฉู ุฅูู„ูŽู‰ ุงู„ู’ุฌูู…ูุนูŽุฉู ูˆูŽุฑูŽู…ูŽุถูŽุงู†ู ุฅูู„ูŽู‰ ุฑูŽู…ูŽุถูŽุงู†ูŽ ู…ููƒูŽูู‘ูุฑูŽุงุชูŒ ู…ูŽุง ุจูŽูŠู’ู†ูŽู‡ูู†ู‘ูŽ ุฅูุฐูŽุง ุงุฌู’ุชูŽู†ูŽุจูŽ ุงู„ู’ูƒูŽุจูŽุงุฆูุฑูŽ
โ€œSalaanni shanan, Jumโ€™aa irraa jumโ€™atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate.โ€ (Sahih Musliim)
Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.

Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha. Jiโ€™oota kudha tokko badiin dabarsan keessaa bahanii jireenya haarawatti ceโ€™uuf Ramadaanni carraa hin argamneedha. Hojiwwan darban kee hanga fedhan badaa haa taโ€™an, jiโ€™a kana keessa of jijjiruuf tattaafadhu.

Akkamitti jireenya kee jijjiruu fi foyyeessu dandeessa? Hojii gaaritti fiigun, hojii badaa irraa dheessun jireenya kee ni jijjira, ni foyyeessa. Hojiwwan gaggarin baayโ€™etu jiru. Keessaa filadhu hanga humnii kee dandaโ€™ee dalaguuf tattaafadhu.

Hojiiwwan gaggaari keessaa salaata baayโ€™isanii salaatu, Qurโ€™aana qaraโ€™uu, zikrii gochuu fi beekumsa barachuudha. Salaata taraawi dhabbachuuf tattaafachu. Zikriin guddaan karaa Rabbiin ittiin yaadatan Qurโ€™aana. Qurโ€™aana qaraโ€™uun ajrii(mindaa) guddaa argachuu dandeenya. Qurโ€™aanni mindaa argamsiisu qofaa miti jireenya ilma namaa jijjira. Yommuu Qurโ€™aana qaraanu akka gazeexa kan dubbisnu osoo hin taโ€™in tadabura (xinxalliin) dubbisuuf yaalu qabna. Hiika isaa beekuf taattafachuu qabna.

Jiโ€™a kana keessa Qurโ€™aana qoโ€™achuu, dhageefachuu fi xinxalliin dubbisuun jireenya keenya jijjiruu dandeenya. Amala fi bartee badaa keenya ofirraa baasu dandeenya. Sababni isaas Qurโ€™aanni qalbiif qoricha.

10:57

โ€œYaa ilmaan namaa! Dhugumatti gorsi Gooftaa keesssan irraa taate, waan qoma keessa jiruuf qoricha tan taate, muโ€™imintootaf qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.โ€ Suurat Yuunus 10:
57

Wanti qoma keessa jiru shirkii, shakkii, nifaaqa, jibba, waanyu, wallaalummaa fi kkf dha. Qurโ€™aanni wantoota akkanaa irraa hayyama Rabbiitin nama fayyisa. Namni dhibeewwan kanniin irraa fayyuuf Qurโ€™aanatti gore dhugumatti ni milkaaโ€™a. kan kanaan ala wanta biraatti gore yommiyyuu furmaata hin argatu.


Ensha Allah kutaa 4ffaan itti fufa ....
.
.
.
Jzkl share ...


Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
Al-NasrยฎMuslim youth Jama๐ŸŒŸ:
#Join_Our_Channel๐ŸŒŸ

โ—On Tgยฎ๐Ÿ‘‡
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
โ”โ”โ”โ”โ€ขโ—‹โ€ขโ”โ”โ”โ”
แ‰ แŠกแˆฑแˆ‰แˆ แŠแ‰…แˆ… แˆ›แˆตแ‰ฐแˆญ แˆฐแˆญแ‰ทแˆ แฃ แ‰ แŠแ‰…แˆแˆ แˆ™แ‰ƒแˆจแŠ“ แ‹ฐแŒแˆž แ‹ถแŠญแ‰ตแˆฌแ‰ฑแŠ• แŠ แŒแŠแ‰ทแˆ แฃ แŠจ70 แ‰ แˆ‹แ‹ญ แˆ˜แ…แˆ€แแ‰ต แŠจแ‰ตแ‰งแˆ แฃ แŠจ20 แ‰ แˆ‹แ‹ญ แŠขแˆตแˆ‹แˆ›แ‹Š แ‹จแ‰ดแˆŒแ‰ญแ‹ฅแŠ• แŒฃแ‰ขแ‹ซแ‹Žแ‰ฝ แˆ˜แˆตแˆซแ‰ฝ แАแ‹ แˆšแ‹›แŠ“แ‹Š แАแ‹ แฃ แŽแˆญ แˆธแ‰ฃแ‰ฅ แ‹จแˆแ‰ตแ‰ฃแˆˆแ‹ แ‹ตแŠ•แ‰… แ‰ปแАแˆแˆ แ‹จแˆญแˆฑแ‹ แАแ‰ แˆจแ‰ฝ แŠ•แŒ‰แˆณแ‹แ‹ซแŠ‘ แ‹˜แŒแ‰ฐแ‹‹แ‰ณแˆแข แ…แŠ•แ แŠ แ‹ซแ‹แ‰…แˆแข

แŠ แˆแŠ• แˆ‹แ‹ญ แ‰ แŠ•แŒ‰แˆณแ‹Šแ‹ซแŠ‘ แ‹จแˆตแ‹‘แ‹ต แ‰คแ‰ฐแˆฐแ‰ฆแ‰ฝ แแˆญแ‹ต แ‰ แ…แŠ•แˆแŠแАแ‰ต แ‰ฐแˆแˆญแŒ† แ‰ แˆ€แŒˆแˆจ แˆ’แŒƒแ‹ แˆ‹แ‹ญ แŠจแˆจแˆ˜แ‹ณแŠ• แ‰กแˆ—แˆ‹ แˆŠแŒˆแ‹ฐแˆ แ‰ฐแ‹ˆแˆตแŠ–แ‰ แ‰ณแˆแข

แŠ แˆ‹แˆ… แˆ†แ‹ญ แ‹ญแˆ…แŠ• แ‹แˆณแŠ” แŠ แ‰ตแแ‰€แ‹ต แ‹’แˆแˆแŠ“ แˆตแˆซ แŠ แˆตแ‰ฐแ‹‹แ‹ฐแ‹ แ‹จแˆšแŒ”แ‹™ แ‹‘แˆˆแˆ›แ‹Žแ‰ปแ‰ฝแŠ• แˆ‹แ‹ญ แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ… แ‹ซแˆˆแ‹ แแˆญแ‹ต แ‰ฐแˆแƒแˆš แ‹ญแˆ†แŠ• แ‹˜แŠ•แ‹ณ แŠฅแˆบ แŠ แ‰ตแ‰ แˆแข
๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
Usuulul fiqhii dhan masters qaba.fiqhii muqaranin Docteret arkatee jiraa.kara kitaaba 70 ol barresse jira akkasumas midiyalee islaama 20 ol hundesse jira .for shabeb Tv kaa isaa turee gaaru motumma suudiitin jalaa cufaan .

Yeroo amma kana motumman zaalima motumman suuditi ulaaman bekkaman kun shorarkessa jedhani ramadana booda akka du'u itti murtessani jiraan .

Murtiin kaa motii zalimaati male kan rabbi guddati miti yaa rabbi bektoota islaama nuf tiysii .

Namu bakka jirtani ulaamota kenyaaf du'aii godhu hin dagaatina share walif godha insha allah
๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ๐Ÿ‡ธ๐Ÿ‡ฆ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
@ALNMYG๐ŸŒŸ
2025/06/28 10:21:11
Back to Top
HTML Embed Code: