Telegram Web Link
Gara karri gadee
Tabba horfaa baanee
Bara barri bade
Nama kolfaa taanee

Ce'een lagaaa dhabee
Waliin-malteef labnee
Qe'een nagaa dhabee
Walii galtee dhabnee


@Sabaa_Ifaa
Alagaan hangamillee wal jaallachuu dhabu,
Jibba Oromummaa Irratti Alaaf Keessan Mamii Malee Waliif Gala.Kan Keenya ammoo nagaa buusuf marii Godhee Osoo waliin galle,
wal dhabuu irratti walii galee adda gala!

Tuu Kan kolfaa taanee hafne.
Cabarbaari qofa!
#Seenaa_bareedduu_hiriyaa

Hiriyoota lameen baay'ee wal jaallatantu turan. Guyyaa tokko gurbaa isa tokko jalaa harmeen dhukkubsattee maallaqni isa barbaachise, hiriyaa isaa bira deemee akkas jedheen โ€œMaallaqa na barbaachisa, haati koo dhukkubsattee qorichaaf qarshii hin qabuโ€
Hiriyaan isaa akkas jedhee deebiseef: โ€œTole hiriyaa koo jaallatamaa halkan naaf bilbiliโ€ jedheen. Innis galagalli geenyaan bilbileef garuu bilbillichi cufameera.irra deddeebi'ee bilbiluuf yaale hamma dadhabutti, argachuunii hin dandeenye. hiriyyaa biraa kan isa gargaaruu danda'u barbaaduuf deeme, garuu argachuu hin dandeenye.
Hiriyaa kana qofa qaba innis gaddisiiseenii mufachiiseenii, yeroo baay'ee isa barbaachisutti isa dhiisee bilbila cufate. Innis nuffee gara manaatti qajeele.
Yeroo manaatti galu boorsaa qoricha qabu arge, naannoo barcuma haati isaa ciiftee jirtutti.
Akkana jedheen harmee isaa gaafate โ€œisaa kana eenyutu fide?โ€ Harmeenis akkas jetteeen โ€œHiriyaan keetu qoricha kana fide, yeroo muraasa dura gadi ba'e" jetteen Gurbaanis ni kolfee; imimmaan ija isaa keessaa dhangala'ee hiriyyaa isaa barbaaduuf ba'e, Yeroo hiriyyaa isaa argu โ€œeessa turte ,Bilbilli kee na dideโ€ jedhee gaafate? Hiriyaan sunis akkana jedheen: โ€œbilbila koo gurgureen qoricha haadha keetiif biteโ€ jedheen.
Hiriyyummaan maal akka taโ€™e hubattee?
Hiriyaan dhugaa gaafa hiriyaan isaa rakkatu harka isaa hin darbu! Hiriyaan dhugaa obboleessa haadha adda ta'e irraa dhufedha
#Rabbiin_hiriyyaa_gaarii nuf haa kennuu!
Onnattuu lubbuu koo!

Hamileen sin bu'in
Ilaaltee waan baraa
Humna naaf godhadhu
Jajjabaadhu adaraa

Gufuu si sakaalu
Laaltee huraaf huubaa
Onnattuu lubbuu koo
Hin laalin of duubaa

Qormaataan eela'ee
Madaa'us keessi kee
Takkaa of duubatti
Hin deebin deemsi kee

Yeroof wanta yaadde
Argachuus yoo haftee
Miira keef bitamtee
Hin kufin moo'amtee

Yaadaan hin faca'in
Woli sassaabbadhuu
Obsi hunda moo'i
Jabaadhuu dhaabbadhuu

Yaaddoon hin yeela'in
Balbala kee cuftee
Fuulduratti deemi
Nan qaanessin kuftee...

Lubbuu koo bareedduu
Ba'i gaara guddaa
Cimii irra aani
Dagadhu waan hundaa

Doonii jaalalaarraa
Hin dhidhimin lamuu
Tasa sin baraaru
Jabaaf beekaan kamuu

Kaayyoo kankee qofaaf
Booji'amii fiigii
Addunyaa dhuunfadhuu
Karra cubbuu diigii..

Jajjabaaduu lubbuu koo
Gadi galoo nyaarii
Ifa keen dhaqqabii
Addunyaa ijaarii....

Onnattuu lubbuu koo
Galma sobaa raasii
Akka worra darbee
Seenaa kee ol kaasii!

#Nuredin_Ahmed_Godana #Dambalii_Waloo
"Namni ani sabbata godhee mudhiitti hidhadhe bofa ta'ee na hidde" jedhu! Jechi kun dhugaadha. Yeroo hedduu namoota nuti isaan gargaaruuf gatii baafnutu, miidhaan gatii nu baasisa. Isaaniif osoo yaadduu sirratti yaadu. Ati karaa lafaa isaan kufanii kaaftu barbaada. Isaan garuu karaa ittiin si kuffisan abjootu. Gocha keef galata argachuun osoo siif maluu dubbiin garagaltoo ta'a. Olmaa kee nama dhagaatti fincaa'e godhanii hammeenya kee ololu. Yaanniifi gochi kee gaariin qoree si waraanu biqilcha. Tolli kee bishaan gammoojjii keessaa ta'ee maqaan kee hadheeffama.
#Update

Itiyoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa Itti argattu Somaalee Land waliin mallatteessiste.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan buufataa fi bakkee waraanaa kan ijaartu taโ€™a.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi pirezidaantiin Somaalee Laand Musee Biihii Abdii waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Si daawwadheen galaa!
~
Akkuma biiftuufii
Goobana galgalaa
Bariidhaan naaf bahi
Si daawwadheen galaa..
~
Ijji koo si laaltee
An hin baane dharraa
Si argeen gammadaa
Hin fagaatin narraa
~
Nama kumaatama
Hunda keessa tartee
Ijji koo si eegdi
Si daawwachuu bartee
~
Bareedduu kan biraa
Hin argu siin alaa
Bariidhaan naaf bahi
Si daawwadheen galaa
~
Akkuma abaaboo
Foolii gaarii qabuu
Yoomiyyuu sin eega
Si eegeen dadhabuu
~
Furtuu onnee kootii
Erga narkaa fuutee
Qalbii koo hin garre
Eessa akka buutee
~
Bareedina keettu
Homaa hin qabu mamii
Ija keen daawwadha
Akka urjii samii
~
Akkuma biiftuufii
Goobana galgalaa
Bariidhaan naaf bahi
Si daawwadheen galaa...
~
Ijaan argaa keetu
Agartuu koof qorsaa
Foolii Kee fuunfadheen
Jaalala Kee obsaa
~
Dafii koottu malee
Nan miidhin barfattee
Onneen koo si eegdi
Si arguuf jarjartee...
~
Bareedduu kan biraa
Hin argu siin alaa
Bariidhaan naaf bahi
Si daawwadheen galaa...!!

#Nuredin_Ahmed_Godana
#Dambalii_Waloo
Alhamdulillaah deebi'eera
~~~~~
Yoo dubbatu qalbii si booji'a. Bareedinni jechoota inni dubbatu dhangaa gurraati. Dhugummattimmoo namoota da'awaan isaanii jaallatamuu bira darbee qabatamatti jijjiirama fidaniidha.

Jidduu jidduutti walaloofi qissaan inni keessa buusu ammoo jireenya gurru da'awaa isaa caqafamu sanaa haaromsa. Alhamdulillaah nama nu ijoollummaa keenya irraa kaasnee dhaggeeffataa guddanne.

Gootni gaafa sagaleen keenya haa dhaga'amu
#Ustaz_Yassin_Nuru / #ูŠุงุณูŠ_ ู†ูˆุฑูˆ sababa leenjii garaa garaa kennuutiif xiqqoo akka duraaniitti wal argaa hin turre. Amma garuu gara da'awaatti deebi'eera.
Barsiisaan kun Xalayaa armaan gadii barreessee, of ajjeese!๐Ÿฅบ

Barsiisaa; Daraaraa Booraa Tunnaa
Godina Shawaa Lixaa
Aanaa Baakkoo Tibbee
Ganda Qotee Bulaa Odaa Gudayyaa

"Reeffa kiyya warra kootiif galchaa! Ani aarii fi dhiphina addunyaa kanaa jibbeen du'a filadhe. Kaayyoo fi karoorrikoo naaf milkaa'uu dide."

Bakki hojii; Godina Harargee Bahaa, Aanaa Fadis

Lakkoofsa bilbila firoota kiyyaa;
09204242432 Tolasaa (Baakkoo)
0929232166 Faantaa (Gudar)
0922256796 Cimdeessaa(Ambo)
0913061030 Rabbumaa

"Mul'annii fi dandeettiin kiyya karaatti najalaa hafe!"

"Yooseef qarshii Buukii kiyyarraa kana fayyadami. Reeffa kiyya galchi! Hiriyoonnii fi firoonni kiyya nagaatti! Sababni kiyya aariidha.

Garaa nama nyaata!๐Ÿฅบ
Tirannaa sirna barreeffamaa!

Addunyaan kun gaafa barreeffama jalqabdu qalamaa fi waraqaan hin turre. Dhagaa, mukaa fi gogaa irratti barreessaa turte. Qalamaan osoo hin taane, cileewwan garaa garaa bulbuluun baallee/kochoo allaattiin cuuphanii barreessaa turan. Har'a qaroominni daran ariifachuun, addunyaan keenyaa sana bira kuteera. Har'a barri dhagaa fi gogaarratti waa kataban darbeera. Inumaa waraqaan hafee moosaajii (sofware) kalaqachuun sirni barreeffama addunyaa dhagaarraa hanga sooftiweeriitti ol guddateera. Borus waan biraatu ta'uuf jira ta'a. (Hin hafu)

Addunyaa keenyarraa biyyoota muraasatu sirna barreeffama mataa isaanii qaba. Baay'oliin isaaniimmoo sirna barreeffama isaanii warra kaanirraa madaksanii ykn diqaalomsanii fayyadamu. Warra kalaqa biyyoota biroo ofitti madaksee itti fayyadamu keessaa nuti (Oromoon) tokko.

Onesmos Nasib/ Abbaan Gammachiis Fidalaan barreessaa ture. Fidalichi kan Oromoo miti. Sa'aatii sanatti filannoon biraa waan hin jireef itti fayyadame. Garuu, hanqina qaba ture. Fidalichi, hanqinoota Qubee Dachaa (dh), jechoota jabeessuu fi laaffisuu akkasumas, dheeressuu fi gabaabsuu irratti hanqina guddaa waan qabuuf hayyoonni Oromoo rakkoo kana furuuf hojjetaa turan.

Hayyoonni hanqina kana furuuf hojjetan keessaa Sheehk Mohaammed Rashad, Sheehk Bakrii Saaphaloo fi Dr Hayilee Fidaa angafaan maqaan isaanii kaafama. Hayyoonni kunneen, sirna barreeffama Oromoon har'a itti fayyadamaa jiruuf aarsaa hanga lubbuu kaffalaniiru. Duuka buutonni hayyoota kanaa (anaa fi isin) illee hanga humna keenyaa aarsaa itti kaffalaa jirra.

Egaa waggaa 30'n kana Latin'dhan barreessaa, barachaas jirra. Latin/Qubee kan jenne kun fidalarra fooyyee waan qabuuf itti fayyadamne malee bocni Qubee kanaa kalaqa keenya miti. Ammoo Qubee/Latin kun mudoo dhabees miti. Hanqinoota muraasa ni qaba. Ammatti filannoon Qubee caalu hin jiru. Kana jechuun, wanti Qubeerra fooyyee qabu hin kalaqamu jedhanii dunuunfatanii mormuunis sirrii natti hin fakkaatu.

Maal beekama, osoo waggaa 30'n kana Khuullee nubarsiisan ta'ee yoona akkuma Qubeetti jaalanna ta'a. Qubee waan barreef, wanti haaraan kun qoosumatti qabne. Kalaqa mataa keenyaa yoo qabaanne ani hin jibbu. Wanti caalu yoo argame waan itti hin fayyadamneef hin jiru. Inni guddaan wanti sun kan duraarra fooyyee yoo qabaatee fi qorannoo amansiisaan yoo godhame qofa. Yoo sana ta'uu baate, dhimmoonni akkanaa ganda gandatti nu galchuuf deema.

Xumura irratti, abbaa kalaqa Khuullee sababaan osoo hin taane, maqaa fi bakka dhaloota isaa qofaan warri mormitanii fi abbaan kalaqicha ganda keessan waan ta'e qofaaf warri dunuunfattanii deeggartan dhaabadhaa of ilaalaa. Dhimmi kun karaa hayyootaa fi seera qabeessa ta'e qofaan ilaalamee murtoo akka argatutti hojjechuu qofatu qajeeltoodha.
Ammaaf na ga'a!
Lafee dugdaa fi miidhagsaa sitcom HIRKOO!
Nii danda'a baqqaa dhugaa Rabbii!
~miirri inni ittiin aaru, miirri inni ittiin kolfu hundi diraamicha hawwataa godha!
~keessumaammoo character'n inni ittiin hojjetu baay'eesaa dandeettii inni qabu mulliseeraaf.

H I R K O O ๐Ÿฅฐ
Gaafa wanti Adwaadhaan wal qabatu kaafamu eenyuun yaadattu?
Ani isan yaadadha

Sodaa eenyutuu hin qabu, waan itti amane dubbachuuf haala mijataa hin eeggatu.

Naamusa qabeessa; Safuu fi kabajaa saba ofii eegee jiraata.

Beekaadha; Seenaa fi aadaa ummatichaa qalbifateera, kaleessa hin dagatu, bor akeekuudhaan gita hin qabu.

Gara laafessa fi qajeelaadha; Imimmaan marartee fi jaalalaa isa biratti hedduudha. Xiiqii fi jaalala ibsuuf bakka jechoonni itti hir'atan imimmaaniin himata.

Bilchaataadha; akkaa fi bakka itti dubbatan, yeroo fi haala itti haasahan bareechee beeka. Haasaan isaa hin quufamu,hin nuffamus. Umriin barsiisee osoo hin taane uumaan ganamaan waa hedduu laatefiira.

Weellisaadha; sagalee kiloolee garaa nama raasu uumaan isa badhaaseera, akka itti sagalee waliin sochii gita tahu uuman ammoo inni itti beekeera; akkamuu jedhu, akkamis tahu irraa bareeda.

Yaadannoon koo
Haacaaluu Hundeessaa isa kana๐Ÿ’•
Osoo habashaan nu bulchuurra xaaliyaaniin nu bulchitee jiraatte faayidaa armaan gadii kana qabna yoona.

1. Biyya Afrikaa irraa 1ffaa taana
2. Afaan English dubbanna
3. Biyyi kun Baadiyyaa hanga magaalaatti Asphaltii taateetti ture!
4. Seenaa habashaan har'a ittiin mataa nu naannessitu kunis bishaan dhuga ture.Dhugaan jiru garuu ADWA'n injifannoo Oromooti!
5. ETHIOPIA Baruma baraan kadhattuu hin taatu turte.

Miidhaan isaas

1. Afaan Oromoo Afaan Saba bal'aa kan har'a dubbattoota hedduu qabuufi kan sirna barreeffamaa gaarii jedhamu qabu kun tarii carraa baduu gahuu qaba!๐Ÿ’”
2. Seenaa Goototaa waanti jedhamu hin jirun jedhe
3. Jaalala biyyaa wanti jedhamus akkasuma, jaalala biyyaa jechuun Nationalism ykn Sabboonummaa jechuudhuma, Biyya nuti beeknuufi dhagahaa guddannetu Oromiyaa waan ta'eef inni guddaan nu jalaa dhokateera malee, hin kolfinaa
4. Biyyi kun waligalteefi waan alaa waliin gootu kamuu karaa
#Xaaliyaani gooti turte; akka walii galtee Wucaalee( Wuchale treatment) sanatti.
5. Ethiopia har'a Biyya hin koloneeffamne jedhamtee Afrika irraa baay'ee sodaatamti. Humna waraanaa lafoo fi Qilleensaa jabaa qabdi.
Ethiopia nuti har'a ijibbaannee jibbinu kana Gootota Oromoo kumaatamatu tiksee asiin ishee gahe, Habashaan yaada sobaan Kaatee buustee lafa cirti.

ADWA'n injifannoo Oromooti!
Qoyi maal sababa nu caalteef Seenaa nu saamti jarri? Adwaan keenyaa Muramte!
Addunyaa kana irratti wanti akka jecha "tole" jedhuu gatii nama kaffalchiisu hin jiru. Lakki jechuun salphaadha. Kan lakki jedhe beekees wallaales itti hin gaabbu. Yeroo hunda "tole" jechuun garuu hoolaa ta'uudha. Bakka tikseen kee si oolche ooluu jechuudha.
Nama waliin jiraachuuf
Ergan yaalii koo fixee
Bineensa firoomfadhuu
Bosona keessa lixee?

Xaxadhee manaa ba'ee
Gaara Cillimoo galuu?
Hoomaa bineensaa waliin
Baala nyaachuu shaakaluu?

Tarii karkarroonilleee
Dhugaa koo naaf hubataa?
Ollaasaatti galuuree
Deemee gaara Mul'ataa?!

Weenniin tulluu Walaliifi
Arbi Baabbillee keessaa
Tarii imimmaan koo kana
Barruusaatti naaf qeensaa?

Tarii natti dhiyaatee
Madaa koo naaf ilaalaa
Bosona Baalee seenee
Firoomfadhuu Niyaalaa?

Namnoo dubbatee haalee
Kakatees kakuu cabsaa
Mee Gafarsatti siqee
Mirkanneeffadhuu kansaa?

Maaltu beekaree tarii
Dafqa koo yoon qoorfadhe
Mee ka'een takka ilaala
Bineensa firoomfadhee...

Bineensuu foolii beeka
Qomoosaa gaafa duraa
Fuunfatee - faana dha'ee
Rakkinarraa wal fura...

Sardiidni ni nyaattiiree
Foon murtee sardiidarraa
Yeeyyiinuu gamtaa uumtee
Wal tikfatti diinarraa!

Akkan wabii argadhee
Gidiraan narraa doomu
Qe'ee namaa baqadhee
Bineensatti firoomuu?!




โœ๏ธ... #Leta_Kenai

#JOIN_AND_SHARE

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@Aliyyee360 ๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@Aliyyee360 ๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž@Aliyyee360 ๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž๐Ÿ’Ž
Namni waanuma darbuuf
Dibbee walitti reeba
Warqeefi meetii caalaa
Anaaf dhugaatu geeba

Kijibni afuufamee
Yeroof lafa cunqursa
Kan dhugaa kudhaammate
Miillaan xiyyaara dursa
#Aadde_Adanech_Abiebie bara kana Magaalaa bulchaa jirtu kabachiifteetti. Duuriyyeen waggoota darban Ispoonsarummaa abboota qabeenyaa finxaaleyyiin t-shirt lummuxii maxxansiifatee, Jaamboo, Giyoorgisii fi Habashaa dhugee Oromoo abaaraa ADWA kabajaa ture sun, barana naxalaasaa marxifatee, bataskaanatti faarfataa jira. Akkana wayyaaf!
#RAMADAAN_MUBAARAK

Baga jiโ€™a Ramadaanaatiin isin gahe.

Baatii jiโ€™a Ramadaanaa guyyaa harโ€™aa mulโ€™attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 taโ€™a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu taโ€™a.

Rabbi warra jiโ€™a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu.
Amaar #Sharuu_Ramadaan #Wolaloo gabaabaa
<unknown>
#๐’๐ก๐š๐š๐ซ๐ฎ๐ฎ_๐‘๐š๐ฆ๐š๐๐š๐š๐ง
===================

โœ ๐‘๐ข๐ฒ๐š๐š๐ ๐‘๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š

Voice= Ammaar Abbaa biyyaa

#๐’๐ก๐š๐ซ๐ž & #join

@Abu_Amaar12 @Abu_Amaar12
2024/06/17 06:10:18
Back to Top
HTML Embed Code: