Telegram Web Link
Sitti hammaatus....

Dachii jala dhokadhu
Duumessa keessas badi,
Guyyaa lama jiraachuuf
Hin yaadin guyyaa sadii!

Yookii'mmoo.......

Warra jirataan irraa
Tooftaa jiruu qoradhu,
Waan abdatamu dhabdus
Cichii abdii horadhu !

Malee.....

Hangamuu yoo si xaxe
Kiyyoon shiraaf ka'ame,
Gufuuf gufaata malee
Galma kamtu ga'ame ?

Wal ga'uun murteessanis
Guyyaa gaafa qalmakee,
"Waaqni jedheeraa ?" jedhii
Ga'uuf fiigi galmakee !

Lati Chali Likasa
''Tarii harka kee irratti sa'atii hidhachuu dandeessa, kan sirraa hiiku garuu nama si dhaalu ta'uu danda'a, balbala konkolaataa keetii cufachuu dandeessa, kan banu garuu hojjattoota yeroo balaa tasaa ta'uu danda'u, qulfii shaamizii keetii cufachuu dandeessa, namni jana*azaa dhiqu sirraa hiikuu danda'a, yeroo raftu agartuu kee gara ija manaa keessa erga ol ilaaltee cufachuu dandeessa, sana booda erga gara mootii dacheefi samii deemtee banachuu dandeessa''
#Dr_Mohammad_al_Arefe
Yaa Allaah khaatimaa keenya nuuf tolchi

#Amar_Temam
#Hin_hawwin_kufaatii

Ani kun dadhabaadha
Tabba gaaraa hin ba'uu
Siichi huumna qabaadhee
Bakka sana hin ga'uu
Bakkan yaade hafeeraa
Anoo asii hin ka'uu
Nan shakka namummaa koo
Akka namaa hin ta'uu

Hin tarkaanfadhu danda'ee
Asumattan du'aa
Namaa gadi ta'een
Boolla awwaalchaa bu'aa

Male karooraaf kaayyoorraa
Anoo duran hafee
Gaafa ebelu tattaafatu
An guyyaa saafaan rafee

Homaa hin qabu siichi
Hunduu na tareeraa
Ani gatii hin qabuu
Hanga koo bareeraa

Jettee of hin waadin
Yaadaan guyaa raftee
Qaama dadhabsiiftee
Abdiin boodatti haftee

Abdiidhuma murtee
Marmarattee ciifnaan
Kufaatii qofa yaaddee
Ka'uu yaaduu dhiifnaan

Amma ka'uu dhiiftee
Yoo hafte gaabbiitti
Dhugaadhaan duuteettaa
Jiraadhaan dhaabbiitti

Isa darbee dhiiftee
Fuulduraaf yoo kaatte
Arsaa hunda baaftee
Kaayyoodhaaf yoo laatte

Miila illee yoo dhabde
Miila kan kee naafaan
Galma yaadde geessaa
Guyyaa aduu saafaan



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Geggeessaan jiruu keenyaa
Waaqa taanaan maleessaa
Osoo akka namaatii
Du'uun keenya kaleessaa
~
Ogummaaf dandeettiinkoo
Nan oolchineem miliqsee
Guddaatu na gargaaree
Uumaa kootuu na tiksee
~
Qajeelummaaf aaga koo
Miti anaan kan na tursee
Galatoomi waaqakoo
Sin waama hunda dursee!
Keessa namaa seennee
hanga namaa beekne.
Keessa namaa dabarree
hanga hiriyaa agarre.
Addunyaan kun kan warra dafqanii dafqa isaanii soorataniiti.

Ati garuu yeroo hojjettu dafqa kee keessa dafqa namaa hin buusin dafqa namaa soorattaa!

Sobaanis maqaa namaa hin ballessin Rabbi si gaafataa!

Halkan gaarii!
Jechoota ajaa'ibaa Robert Mugabe
..
Sirni barnoota Ardii Afrikaa kun nama dhiba
..
Fakkeenyaaf ;-
..
√√ Barattootni qabxii olaanaa(1ffaa) galmeessisan Injiineraa fi
Madisinii baratu
.
√√ Barattootni qabxii itti aanu(2ffaa) galmeesisan Seeraa fi
Manajimentii baratanii warra qabxii olaanaa(1ffaa) to'atu.

√√ Barattootni qabxii gadi aanaa(3ffaa) galmeessisan siyaasa
geggeessuun warraa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa waliti qabanii bulchu
..
√√ Barattootni kufan immoo poolisii fi Raayyaa ittisaa leenji'uun
warra 1ffaa - 3ffaa qabxii galmeessisan ol aantummaadhaan to'atu
Yoo barbaadan :- ni tumu
Yoo barbaadan:- ni hidhu
Yoo barbaadan:- qaama hir'isu
Yoo barbaadanimmoo:- ni ajjeesu
:
√√ kan baay'ee nama dhibummoo warri kutaa tokkoyyuu hin
seenne Qaalluu fi Xonqaayii ta'uun hordoftoota hedduu
horachuun hojjechaa jiru.
..
Mee gara biyya kanaatti convert gaafa gootanoo akkamidha laata?πŸ™„πŸ˜

Mee yaada kennaa... gatiin "X" illee osoo hin argamiin jiraπŸ˜‚
Miira kee kakkaasee
Dhippuu sirraa kaasee
Dheebu kee si baasee
Gurra keetti hasaasee
~
Osoon si haammadhe
Yaaddoon natti furee
Silaa akkuma duraanii
Har'as natti tola turee
~
Garuu....

Ati dhufuu didnaan
Garaa kan kees citnaan
~
Kunoo.....

Yaadni natti hammaatee
Qalbii koo fageessee
Gaddi hiree naaf taatee
Kolfimmoo na dheessee.....
Namni tokko gaafuma dhalatu jiraatee du'uuf dhalata, gariin immoo osoo hin jiraatin du'a, namni akka nama kanaa ammoo, (#Ibrahim_Rayisin) warra dechaadhaan jiraatan keessatti hammatama. Waan gochuu qabu xumuruu dhabus eegaleera itti fufuun ammoo kan warra afaniiti.
"Akka ebeluuttan sirbaan morma nama jallisa" jedhan. Hinaaffaan dhukkuba hamaadha!
Jaalala keen hubameen
Osoo nyaadhuun beela'a
Huuba osoo hin kaasiin
Qoma cabeen eela'a

Si jaallachuu koo kana
Atoo yoomuma bartaa?
Moo tarii itti fuftee
Jaalalaan nadararta?
Cimii hojjedhuu sooromi. Yoo hiyyeessa taate sooressoonni salaamataa keeyyuu kadhaa sehu.
πŸ’₯oduu ammee Kabajamtoota hordoftoota keenya.....

Tapswap irratti autoclicker App hin fayyadaminaa.
tapha duwwatti isin deebisa.
Wantoota an waggoota sadan darbe
dura akka bilchinatti ilaalaa ture keessaa,
Har'a akka wallaalummaatti kanin ilaalu baay'eedha.

Tarii bilchinni koo har'aas waggaa muraasa
booda, Wantan ani yaadadhee itti kolfu ta'uu danda'a. Kana irraa ka'ee yoon ilaalu,
umrii dabaluun sirriidhuma.

Yeroo itti hubannoo baay'ee dabalu qaba.
Garuu umurii dabaluun qofti mataa isaatti hubannoon inni dabalu baay'ee xiqqoodha.

Qalbeffannaa fi yaaliin hin jiran yoo ta'e,
waggaan bilchina fidee dhufu hin jiru.
Namoota gurguddoo xobbummaa
fokkistuu wajjin jiraatan baay'ee
argaan oola.
Maalan jechuu barbaade seetani

Hubannaa fi amala abbaatu fooyyessa
malee, guyyaan badaa hin fooyyessu.
"#Oromoon_horiidha"...!

Gaafa tokko Pirofeesaroota lama ta'anii waliin haasa'u ture. Piroofeesaroonni kun sabaan gargari. Inni tokko Oromoodha; inni tokko saba biraati.
Piroofeesarichi inni saba biraa sun haasawaa keessa, "Oromoon horiidha" jedhee dubbate. Achumaan Piroofesarri inni kan Oromoo sunis, "Eeyyeen Oromoon horiidha; anuu siifan mirkaneessa" jedhee dubbii namichaa jabeesseef.
"Horiirraa Aannanii fi Dhadhaa argatu. Foon irraa argatu. Gaafti Waancaa, Qeensi Finjalaa/Shiinii, Gogaan Itillee, Uffata, Teessoo, Qabattoo, Boorsaa/Korojoo ta'a. Faltiin illee qoraan ta'ee boba'a. Lafeen isaanii warshaa keessa seenee Xaa'oo ta'a. Dikeen isaanii kompoostii ta'ee midhaan gabbisa. Horiirraa kana mara argatu. Ati/Habashaan garuu harreedha; Harreen waa tokko qofaaf fayyaddi. Fe'umsaafi. Isayyuu humnaan/uleen reebanii malee, ofiin ajajamtee miti. Foon, gogaa fi qeensishee marti kan Waraabessaati" jedheenii qor-qalbii namichaa rukute.

Namoonni horii namaan jedhan silaa hiika horii beekuu?
Urjoota nidaawwatta; lakkooftee isaan fixuu garuu hindandeessu!
#Yaadannoo_seenaa.
Waggaa 571 dura.
Guyyaa akka har'aa may,29 sulxaan Muhammad al-faatih magaalaa seena qabeettii magaalaa istaanbuul/koonistaant-nooppil to'ate.

Seenaan barayyuu ni yaadata.
🚨 BREAKING NEWS

Tapswap ji'a tokkoof dheerateera....

πŸ“£Tapswap barreeffama amma gadhiisan keessatti boru Caamsaa 30 hanga July 1 ji'a 1 dabalataaf dheeressuu isaanii dubbataniiru.

πŸ“£ Sababni guddaan dheereffamuuf namootni tokko tokko botii sobaa adda addaa sagantaa qaban fayyadamuun coin garmalee walitti qabaa turuu isaanii dubbataniiru.

πŸ“£ Hanga botii sobaa kana uggurree haqa uumnutti obsa nuun jechaa jiru.

Link kanaan seenuu ammuma jalqabaa warri hin jalqabin jirtan

https://www.tg-me.com/tapswap_mirror_1_bot?start=r_5285886302 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

Asiin jalqabuu dandeessu
Jaalalli kennaa tolaa dhalli namaa garaa isaarraa waliif arjoomu ture; tola kan nama jaallatuu fi dugdas kan nama irraa hin barbaanne garuu eenyudha!?
Forwarded from Yaadannoo koo
Carraa Kun Akka isin hin dabarre Hamster yeroo ammaa Crypto jiran keessaa kan baayyee amansiisaa tahee Jira

Namni hin eegalle ammuma eegalaa warri hojjetaa jirtan immoo jabaadhaa!

https://www.tg-me.com/hamster_kombat_bot?start=kentId5285886302


Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop!
πŸ’Έ  2k Coins as a first-time gift
πŸ”₯  25k Coins if you have Telegram Premium
2024/06/01 03:49:57
Back to Top
HTML Embed Code: