Telegram Web Link
Miira kee kakkaasee
Dhippuu sirraa kaasee
Dheebu kee si baasee
Gurra keetti hasaasee
~
Osoon si haammadhe
Yaaddoon natti furee
Silaa akkuma duraanii
Har'as natti tola turee
~
Garuu....

Ati dhufuu didnaan
Garaa kan kees citnaan
~
Kunoo.....

Yaadni natti hammaatee
Qalbii koo fageessee
Gaddi hiree naaf taatee
Kolfimmoo na dheessee.....
Namni tokko gaafuma dhalatu jiraatee du'uuf dhalata, gariin immoo osoo hin jiraatin du'a, namni akka nama kanaa ammoo, (#Ibrahim_Rayisin) warra dechaadhaan jiraatan keessatti hammatama. Waan gochuu qabu xumuruu dhabus eegaleera itti fufuun ammoo kan warra afaniiti.
"Akka ebeluuttan sirbaan morma nama jallisa" jedhan. Hinaaffaan dhukkuba hamaadha!
Jaalala keen hubameen
Osoo nyaadhuun beela'a
Huuba osoo hin kaasiin
Qoma cabeen eela'a

Si jaallachuu koo kana
Atoo yoomuma bartaa?
Moo tarii itti fuftee
Jaalalaan nadararta?
Cimii hojjedhuu sooromi. Yoo hiyyeessa taate sooressoonni salaamataa keeyyuu kadhaa sehu.
πŸ’₯oduu ammee Kabajamtoota hordoftoota keenya.....

Tapswap irratti autoclicker App hin fayyadaminaa.
tapha duwwatti isin deebisa.
Wantoota an waggoota sadan darbe
dura akka bilchinatti ilaalaa ture keessaa,
Har'a akka wallaalummaatti kanin ilaalu baay'eedha.

Tarii bilchinni koo har'aas waggaa muraasa
booda, Wantan ani yaadadhee itti kolfu ta'uu danda'a. Kana irraa ka'ee yoon ilaalu,
umrii dabaluun sirriidhuma.

Yeroo itti hubannoo baay'ee dabalu qaba.
Garuu umurii dabaluun qofti mataa isaatti hubannoon inni dabalu baay'ee xiqqoodha.

Qalbeffannaa fi yaaliin hin jiran yoo ta'e,
waggaan bilchina fidee dhufu hin jiru.
Namoota gurguddoo xobbummaa
fokkistuu wajjin jiraatan baay'ee
argaan oola.
Maalan jechuu barbaade seetani

Hubannaa fi amala abbaatu fooyyessa
malee, guyyaan badaa hin fooyyessu.
"#Oromoon_horiidha"...!

Gaafa tokko Pirofeesaroota lama ta'anii waliin haasa'u ture. Piroofeesaroonni kun sabaan gargari. Inni tokko Oromoodha; inni tokko saba biraati.
Piroofeesarichi inni saba biraa sun haasawaa keessa, "Oromoon horiidha" jedhee dubbate. Achumaan Piroofesarri inni kan Oromoo sunis, "Eeyyeen Oromoon horiidha; anuu siifan mirkaneessa" jedhee dubbii namichaa jabeesseef.
"Horiirraa Aannanii fi Dhadhaa argatu. Foon irraa argatu. Gaafti Waancaa, Qeensi Finjalaa/Shiinii, Gogaan Itillee, Uffata, Teessoo, Qabattoo, Boorsaa/Korojoo ta'a. Faltiin illee qoraan ta'ee boba'a. Lafeen isaanii warshaa keessa seenee Xaa'oo ta'a. Dikeen isaanii kompoostii ta'ee midhaan gabbisa. Horiirraa kana mara argatu. Ati/Habashaan garuu harreedha; Harreen waa tokko qofaaf fayyaddi. Fe'umsaafi. Isayyuu humnaan/uleen reebanii malee, ofiin ajajamtee miti. Foon, gogaa fi qeensishee marti kan Waraabessaati" jedheenii qor-qalbii namichaa rukute.

Namoonni horii namaan jedhan silaa hiika horii beekuu?
Urjoota nidaawwatta; lakkooftee isaan fixuu garuu hindandeessu!
#Yaadannoo_seenaa.
Waggaa 571 dura.
Guyyaa akka har'aa may,29 sulxaan Muhammad al-faatih magaalaa seena qabeettii magaalaa istaanbuul/koonistaant-nooppil to'ate.

Seenaan barayyuu ni yaadata.
Jaalalli kennaa tolaa dhalli namaa garaa isaarraa waliif arjoomu ture; tola kan nama jaallatuu fi dugdas kan nama irraa hin barbaanne garuu eenyudha!?
Namni boqqolloo waaduu
Jirma golaa hin bobeessuu
Namni qoccolloo yaaduu
Dhimma tolaa hin odeessuu

Dhagaatuu gola ijaaraa
Dhimmakeef dhagaa cabsi
Nagaatuu lola caalaa!
Biyyakeef nagaa labsi


Arraba nagaa labsu nuuf kenni.
Jechoonni akka sanyiiti. Garuu lafa irratti osoo hin ta'in laphee keessatti biqilu. Kanaafuu waan facaafattu xiinxali. Waan dubbattus ilaali. Guyyaa tokko waan har'a facaafattu deebitee nyaachuu dandeessa waan ta'eef
Oromticha kiyya
Araddaa Saalaalee
Hin ofkoliin aboo
Iji hamaan si laalee

Abbaa Irra dibaa
Didiif Saaqi Saanqaa
Waaqni saa eeggatu
Sitti godhee daangaa

Ilma Taaddee Birruu
Guddisa Aagarii
Bagattiin si gahe
Etika Tafarii

Yaadniif muffiin ka'e
Sa guyyaa sin aarsu
Jaarsa araaraa ta'ee
Sireen sinaa araarsu

Jennee sin eebbisna
Falmii arraba dheeraan
har'a argattus gatii
hin nyaatin maqaa seeraa
#bor_naman_taatu_atii
~
akka feetes dubbattee
hirattus kankee bu'aa
hunda kudhaaman se'in
dirattee callee du'aa
~
harkis yookaan diriirtee
yookaan immoo naafattii
arrabni har'a sobde
bor seenaaf si gaafattii
"Teessumni dhagaarraaf duuti haadhaa takka turtee nama quuqxi" jedhani birrii qumaaraati jecha haadha ofii ajjeesuun of wallaaluurraayyi.

Namni agartan kun Haadha baatii sagal garaatti isa baattee utuu mararfattuu guddifatte "qarshii qumaaraa naaf kennuu didde" jedhee ajjeese.

As geenyeerra jechuudhaa?
Yaa rabbi obsakee…!
Shimala koo gaafa xiiqii
Harka gadheen sakaalamte
Xiqooftuu koo ilma Hundee
Warqee yartuun takaalamte

Bosonuu koo yaa bookkistu
Hin beekiin tasa raftee
Urgooftuu koo yaa Boonsitu
Mana baatee achiin haftee

Qocaan gaara hin baatu
Deemsi ishee dalga malee
Atiyyuu nan obsituum
Dirqii taanan malee

Hacee koo guyyaa, Waggaa, ji'a lakka'een si yaadadha miti yeroo hundayyuu onnee koo keessa jirta
Daa'imni Ol adeemaan kun Umrii itti duulamurra hin geenye. Waan itti tole hojjate. Umrii kanaan nama duratti ba'anii weellisuu mitii ija guutuun nama ilaaluunuu dandeettii gaafata. Mucaan guyyaa tokko "Ani Haceedha" ofiin jedhee hin beeku. Maqaa girrisni itti moggaaseen isa arrabsuu maaltu fide? Dogoggora namni biraa hojjateen mucaa hamilee hin cabsinaa. Namni miidiyaa kanarraa eenyurraayyuu hin goru akka harree ba'aa baattee deemtuu! Waan itti duultanu adda baafadhaa!
Eeyyeen. Murteen kenname sirrii miti. kana jechuun garuu gurbaatti duulamuu qaba jechuu miti.

Aniifi ati kiisii duwwaa teenyee osoo "Inyinyinyiny" jennuu gurbaan xiqqaan kun dorgomtee 300,000 luqqifte πŸ™ˆπŸ™ˆ
Baga Ayyaana Iid Al Adahaa bara 1445 geessan obboloonni koo adduunyaa guutuu isin gabroottan Allaah biliyoonni lamaa ol.

#Eidmubarak
2024/06/15 19:29:48
Back to Top
HTML Embed Code: