Telegram Web Link
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
#AAY_DUNIYAA■■?


Halkan guyyaa ifaajjee
Ijaartus mana bal'aa
Lafarraa ol fagaattus
Qabaattus fooqii viillaa!!!

Faashina uffattullee
Torbee torbeen jijjiirtee
Dhangaa feete soorattus
Kan qalbii kee filattee!!!!!

Beekamtus hayyuu taatee
Siyaasaan hunda caaltee
Qaamaan humna horattus
Leenjii ispoortii fudhattee!!!

Ni deemta hunda dhiiftee
Guyyaan kee gaafa ga'u
Eenyummaan kee asirraa
Yoos si oolchuu hin danda'u!!

Ni dhumata gaaf tokko
Biyyi duniyaa kanumaa
Isheedhaan hin sobamin
Qabadhu waaqa uumaa

Abdul-Aziiz Ahmeddiin

@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Ibsa ejjannoo abbaa qabxii 11gumii dhimmoota Islaamummaa Fedeeralaa irraa.
🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵

Nuti miseensonni yaa'ii waliigalaa, mana maree ulamaa'ii fi miseensonni mana maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoolee Caamsaa 19/2015 mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaatiin waamamnee dhimmoota waaktawaa ummata Muslimaa irratti marii gooneen ibsa ejjannoo kanaa gadii baafneerra.

1. Adeemsa diiggaa masjiida magaalaa Shaggaritti taasifamaa jiru ilaalchisee  guyyaa kaleessaa muslimoota magaalaa Finfinnee naannawaa masjiida Anwaariifi Nuuritti diiggaa masjiida kana balaaleeffatan irratti haleellaa raawwatameen muslimoota qulqulluu lubbuub darbaniif Allahaan shahiidummaan (wareegamummaadhaan) akka isaan simatu, maatii, firaafi aantee isaaniitiif Rabbi jajjabina akka kennu gaafanna. Kanneen miidhaan irra ga’es Rabbi akka dafee fayyisu kadhanna.

2. Gareen walabaa taatee kaleessa magaalaa Finfinnee masjiida Anwaariifi Nuuritti mudate akkamiin akka mudateefi sababa ka'umsa du'aafi miidhaa qaqqabee bakka mootummaafi mmani maree islaamummaa jirutti qoratu akka iijaaramu gaafanna.

3. Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti diiggaan masjiidaa jumlaadhaan bifa Islaamaafi muslima tuffateen gaggeeffamaa jiru hariitiin akka dhaabbatu, akkasumas lafa bakka masjiidota diigamanii bu'u mootummaan naannichaa kennuun hariitiin dafanii akka ijaaraman gochuun hawaasa Muslimaas dhiifama gaafachuun akka kiisu hubachiifna.

4. Mootummaan naannoo Oromiyaattis ta'u naannolee biroo biyya keenyaatti bakkoota amantiitiif kabajniifi eegumsi malu akka kennamu ykn godhamu,  akkasumas masjiidota kaartaa dhowwachuufi ta’e jedhanii rakkoolee birokraasii baay'isuun kanneen hawaasa hiraarsaniif mootummaan xiyyeeffannaa malu kennuun rakkina kana akka furu ni hubachiifna.

5. Bilisummaa amantaa heera mootummaatiin beekamtiin kennameef faallessuun kutaalee biyyattii garaa garaatti keessumaa godina Guraagee Gunchireetti gochi barattoota muslimaa addatti barnoota irraa hari'uu hatattamaan fala akka argatu. Rakkoowwan walfakkaatoon bu'uura irraa furuuf mootummaan akka heera  rakkoowwan jibba islaamaatiin muslimoota irra ga'u haambisuufi qaamolee sarbama mirga amantaa raawwatan adabu  akka.baasu gaafanna.

6. Ummanni muslimaa dhaabbata bakka isa bu'u mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuun tattaaffiin mirgoota amantii  kabachiisuuf taasifamu karaa seera qabeessaafi nagaa ta'een qofa akka ta'u waamicha goona.

7. Kabaja amantaa inumaayyuu ammoo mana Rabbii kan ta'e masjiida salphisuun waan baay'ee keessa namaa hubuu inumaa miira keessa nama galchu ta'uu qaamoleen nageenyaa hubachuun hawaasatti dhukaasuu irraa akka of qusatan hubachiifna.

8. Hawaasni Muslimaa gaaffii mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa majlisa cinaa dhaabbachuun qabsoo seera qabeessa gaggeessu shira qaamolee dhimma isaaniitiif ityi fayyadamaniifi akka madda babal'ina rakkootti itti fayyadamanii irra akka of eeggatu waamicha taasifna.

9. Gaaffii mirgaa hawaasa muslimaa kan kabachiifnu tokkummaafi waldhaga'uun waan ta'eef hawaasni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif masjlisa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona.

10. Mootummaan qaamolee jibba Islaamaa qabaniifi caasalee mootummaa garaa garaa keessa jiran calaluun qaamolee mootummaafi ummata walitti busuufi biyya keenya gaaga'ama badaa keessa galchuuf hojjataa jiran sakatta’ee ejjannoo fudhachuun caaseffama isaa akka qulqulleessu  waamicha goona.

11. Adeemsa marii biyya keenyaa keessatti hawaasa muslimaa baay'inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee hawaasa muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun biyya lammiilee Itiyoophiyaa hunda walqixxummaafi haqqummaan keessummessitu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti  gahee keenya akka ba'annuuf waamicha goona.

Caamsaa 19/2015
Finfinnee.

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
KAROORA GUYYAA ARAFAA !!

#guyyaan Arafa guyyaa mana itti qulqulleysan, guyyaa magaala itti deeman fi guyyaa hirribaati fi raahati miti!
#Inni guyyaa Rabbiin kabaje fi guyyaa Rabbiin guddise.
#guyyaa Rabbiin ibidarraa itti nama bilosomsudha, guyyaa ibaadati. irra caaltun du'aa'iitis du'aa'ii guyyaa arafaati!
#Guyyaan Arafaa guyyaa Rabbiin warra Arafaatin malaaykaa isaatti dhaadatudha!
#yoo halkan leylatul qadrii wallaalama tahe guyyaan arafaa beekkamadha!
Yoo halkan leeylatul qadrii maleykaan gad buute, guyyaa Arafaa Rabbiitu akka isaan malutti samii duniyarratti gad bu"a.!!

#guyyaa guddaa kana keessatti karoora kanaan deemi...
1. halkan Arraa galgalaan rafi, akka Ibaadaa Rabbiirratti jabaattuuf.
2. Salaanni subhii osoon gahin Lafaa ka'ii raka'aa 2 ykn 4 salaati.
3. Sujuuda keessatti fi Salaata booda Ija imimmaaniitiin haajaa duniyaa fi Aakhiraa hunda Rabbii kee kadhadhu.
4. salaata subhiitin duratti yeroo hanga takka "istigfaara" godhi, akka Rabbiin warra istigfaara godhu keessatti si katabuuf...
5. sunnaa salaata subhii hin dagatin.
6. erga subhii salaattee bakkuma itti salaatte taa'ii Rabbii kee kadhadhu, hanga aduun bahuf dhihaatutti
qur'aanas qara'i (azkaara ganamaatis hin irraanfatin).
7. erga aduun baatee xiqqo turree booda raka"a 2 salaati, akka sawaabni hajji fi umraa nama Rasuula wajjin godhetti siif katabamuuf.
8. Ati amma filannaa lama qabda...
A. Yoo guyyaa guutuu rafuu dhabuu dandeesse jabaadhuu keyrii dalagi... secondiin tokkallen Atii zikrii fi qur'aana jiruu malee sirra hin dabrin...
B. ykn sa'aa takka rafi akka ibaadarratti jabaattuuf...
9. erga hirriibaa kaate wadda'adhuu raka'aa Afur salaata duhaa salaati.. Ibaada gosa adda addaa godhi, akka hin hifanneef...
Ammo jecha "laa ilaaha illa laahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhuu heddumeessi.
10. .salaata zuhrii salaati.
sunnaa "rawaatibaa 12n guyyaa kanaa hin irraanfatin " san booda qur"aana irratti jajjabaadhu.
11. salaata Asrii yeroo isaa irratti salaati, zikrii galgalaatis hin irraanfatin.
12. hanga magriibni seenuuf sa'aan tokko hafutti Qur'aanaa fi zikritti jabaadhu. Hoggaa magriibaaf sa'aan tokko qofti hafe du'aaii eegali, qalbii Rabbi sodaattuun, Qalbii Rahmata Rabbii Abdattuun keyrii Duniyaa fi Akhiraa hunda Rabbi kadhadhu, du'aa'ii keessatti obboleyyan kee kan islaamaatis hin irraanfatin.
13. osoo Rabbin ibiddarraa si hin bilisomsin Aduun Arafaa Akka hin seenne Ammaa Amma Rabbitti himadhu.

جعلني الله وإياكم من عتقاءه من النار ومن المقبولين.
Anaa fi isnis warra Guyyaa kana keessa milkaawurraa Rabbiin nu haa godhu
Sharif Abdumalik

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
KHAATIMAA TOLUU JECHUUN MAALI !?

Husnal-Khaatimaa(booddee toluu) jechuun maali? Booddeen namaa akkamitti tolti?
Sheekh Ibn Useymiin (Rabbi haa araaramuuf) dhimma kanarratti waan barreyse qaba. Kunooti..

“ Husnal-Khaatimaa jechuutti wanni fedhame, namni tokko Masjida keessatti, Sijaadaa irratti osoo Salaatuu ykn osoo Qur’aana harkaa qabuu du’uu jechuu miti. Irra caalaan uumama hundaa Nabi Muhammadﷺ Firaasha isaarra osoo ciisuu addunyaarraa godaane.

Akkasuma Abuubakr As-Siddiiq Firaasha isaarra osoo ciisuu adunyaarraa gale. Abuu Bakri irra caalaa Sahaabaa, caalaa ummata Muhammadi.

Khaalid Ibn Waliidis kan ‘SeyfuLlaahil-masluul (habalee Rabbii luqqaafamte)’ ja’amee moggaafame, kan lola 100 ol irratti hirmaatee seenaa Islaamaa keessatti injifannoo gurguddoo galmeessees Firaasha isaarra osoo ciisuu lubbuun baate.

Husnal-Khaatimaa jechuun ati Muslima taatee, Shirkii irraa qulqulloytee du’uudha.

Munaa**fiqa taatee hin du’in. Husnal-Khaatimaan ati Nifaaqa ykn osoo hin amanin Muslima fakkaatee du’urraa fagaatuudha. Bid’aa/waan Qur’aanaafi Sunnaan si hin gorsine irraahis fagaadhu. Husnal-Khaatimaan Bid’aa-rraa qulqulloytee du’uudha.

Husnal-Khaatimaa jechuun osoo Qur’aanaafi Sunnaa sirritti hordoftuu addunyaarraa godaanuu jechuudha. Husnal-Khaatimaa jechuun dirqama Rabbiin sirra kaaye fudhattee raawwattee, dhiiga Muslimaa dhangalaasuurraa fagaattee, haqa namaa nyaatuu lagattee, kabaja namaa eydee addunyaarraa galuudha.

Qalbiin tee akka Rabbi beytu, akka Rabbi abdattu godhi. Gaarii malee, hamtuun akka Rabbi biraa si qunnamtu hin yaadin. Muslimatti haalaafi amala toli, Muslimaaf hamtuu garatti ba’attee cabaafi kufnana hin farrisin. Harkaafi arraba keetirraa osoo Muslimni nagaya qabuu du’i. Kanaatu Husnal-Khaatimaa ja’ama.

Husnal-Khaatimaa jechuun yeroon osoo Shanan Salaattuu, osoo Salaata qabduu addunyaarraa galuudha.”

Yaa Rabbi waa hunda keessatti booddee teenya bareechi, haala gaarii nuuf kanni, gama kee nu deebifadhu. Yaa Rabbi addunyaarratti xiqqaachuufi Aakhirattiis adabamuurraa nu oolchi.

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Wallaahii Hawwii dhiiraati.
**=======***
______

__
Dhiirri hin fuune dubara sattarattuu hawwa.

Kan fuudhe jartii ofiitiif intala ofiif hawwa.

👉Yaa ijoollee Dubaraa
Qaama ofii sataruun uumama.
Uumamatu itti nama waama.

👉Qaama ofii sataruun qarooma.
Mallattoo qaroomaati uffanni.

👉Qaama ofii sataruun bareedina.
Mallattoo Qulqullinaati.

👉Qaama ofii sataruun waamicha Allaahiiti.
Allaahiifi tole jechuudha.

Hub-
dhiira ani baanu dhiira kan rabbiin jedhe sana.



@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
#Deemi

➛ Hanga feete hidhaa jiruu duniyaatiin marfamtus, addunyaa tanarratti kophummaan guutamtus, hin dhaabbatin.
osoo akka Rabbiin kankee si duubaan jiru kan amantu taatee, silaa harka hin kennattus; deemsa kees addaan hin kuttu tureeyyu...silaa magaalaan abjuu keetii akka si moggaa jiru argita.
➛ Kanaafuu maaltu sirraa eeggama___?
Wantoota armaan gadii kana hujiitti hiikuu qabda. Isaanis:

1ffaa: Iimaana si barbaachisa,
2ffaa: Obsa si gaafata,
3ffaa : hanga bakka yaadde sana geettuuf deemsa addaan hin cinne si gaafata.

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
😍Namni amala ati qabdurratti sin jaallanne amala biraa ati fiddus si jaallachuu hin dandahu.

Addunyaa kanarra namni lubbuun jiraatee namaan hin jibbamne nama bu'aa malee jiraatu qofaadha.

Nama biratti jaalatamuuf jettee haala kee kamuu hin jijjiirin.

😍Garuu yeroon akkana jedhu hammeenya kee hin sirreeffatin jachuu kiyyaa miti !


👈Ati namoota baayyee wajjiin jiraatta ati namarraa nama addaati Rabbilleen adda godheeti si uume amalli keetis amala addaati kanaafuu amala eenyuutillee yoo tahe "copy" hin godhin amala Rabbiin irratti si uume qabaadhu sanuma bareechadhu namni si jaalachuu fedhe  amala kee sanaa wajjiin sihaa jaallatu yoo hin tahin haa dhiisuu.

#Yeroo namoonni sii wajjiin jiraachuu dhiisanii sirraa fagaatan kophaatti bahiitii "amalli hamaan an qabu kam kam" jedhii itti yaadii hammeenya amala keetii san irratti xiyyeeffadhuu hanga dandeessetti sirreeffadhu ! Garuu jaalala namaa barbaaduuf jecha amala hammeenya isaa ofirratti hin beekne tokkollee hin jijjiirin !

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Ergan of-baree kaasee
Duriitii hamma ammaa
Dhaloonni kun kanuma
Waa'ee rakkoo guunguma!

Rakkoo isaan qoradhe
Gola seenaa naanna'ee
Dhibee isaan hubadhe
#Imimmaan duukaa bu'e

Dhibeetu irra tuulame
Fala-dhabe sabni koo
Siyaasaan sakalameen
Ciisa dhabe qaamni koo
Bariidhaan boo'uu ta'e
Qooruu dide ijji koo😭😭

Siinan waama ilmi kee
Naa birmadhu yaa hayyuu
Hirmaannaa keetiin malee
Dhibeen keessa koo hin fayyu


Hayyuun carraa argateen
Waa'ee sabaa dubbataa
Dhibee saba isaa furuuf
Halkan-guyyaa hojjetaa
Gowwaan waggaa-waggatti
Quba nyaataa jiraata😎😎!!

#Wahiifan jedhe#Magan

@AbdiiBiyyaa


@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
📌 شروط الصلاة تسعة وهي :-

1_الإسلام
2_والعقل
3_والتمييز
4_ورفع الحدث
5_و إزالة النجاسة
6_وستر العورة
7_ودخول الوقت
8_واستقبال القبلة
9_والنية .


📌 Sharxiwwan salaataa  sagal (9)

📍Sharxii salaataa jechuun waan utuu salaatatti hin seenin dura argamuun isaa barbaadamu/waan salaanni isaan male nagaa ta'ee hin argamneedha.

1 - Islaama ta'uu
2 - Aqlii guutuu qabaachuu/maraatuu ta'uu dhabuu
3 - Ajaa fii gaarii adda baafachuu/sabiyyii ammallee kana adda hin baafatin ita'uu dhabuu
4 - Hadasa kaasuu =  hadasa guddaa(janaabaa), hadasa xiqqaa(wodoo) ta'us
5 - Najasaa qaama, uffataa fii bootaa itti salaatanurraa deemsisuu
6 - Qaama satarachuu/dhokfachuu
7 - Yeroon salaataa seenuu
8 - Qiblaatti garagaluu
9 - Qalbiidhaan niyyachuu

📌 أركان الصلاة أربعة عشر وهي :-

1-القيام مع القدرة
2_وتكبيرة الإحرام
3_وقراءة الفاتحة
4_والركوع
5_والاعتدال بعد الركوع
6_والسجود على  الأعضاء السبعة
7 _والرفع منه
8_والجلسة بين السجدتين
9_والطمأنينة في جميع الأفعال
10_ والترتيب بين الأركان
11_والتشهد الأخير
12_ والجلوس له
13_والصلاة على  النبي صل الله عليه وسلم
14_ والتسليمتان .

📌 Rukniwwan salaataa kudha afur  (14)

📍Arkaana salaataa jechuun salaatatti seenuurraa eegalee hamma xumura salaataatti waan hojjetamu/waan salaanni irraa wolitti qabamuudha.

1 - Namni dhaabbatee salaatuu irratti dandeettii qabu dhaabbatee salaatuu
2 - Takbiiraa/Allaahu Akbarii isa ittiin salaatatti seenanu
3 - Raka'aa hunda keessattuu Faatihaa/Alhamduu qara'uu
4 - Rukuu'ii bu'uu/jilba qabachuu
5 - Booda rukuu'ii/jilba qabannaatii sirraa'anii dhaabbachuu 
6 - Billiitii torban irratti sujuudii bu'uu,  billiitiin torban kun :-
harka/ganaa harkaa lamaan, jilba lamaan, quba miilaa lamaanii fii adda.
7 - Sujuudiirra ol jechuu
8 - Jidduu sujuuda lamaaniitti ta'uu
9 - Hojii hunda keessatti tasgabbaa'uu
10 - Jidduu rukniwwanii taraatti galchuu(wol- dabarsuu dhiisuu)
11 - Tashahhudii/taa'icha isa dhumaa
12 - Tashahhudii sanaaf taa'uu
13 - Nabiyyii Rabbiirratti sallallaahu alayhi wasallam sallii/rahmata buusuu
14 - Salaamataa lamaan bahuu

📌 واجبات الصلاة ثمانية وهي :-

1_جميع التكبيرات غير تكبيرة الأحرام
2_وقول: سمع الله لمن حمده للامام والمنفرد
3_وقول :ربنا ولك الحمد للكل
4- وقول: سبحان ربي العظيم في الركوع
5- وقول: سبحان ربي الأعلى  في السجود
6_وقول : ربي اغفر لي، بين
السجدتين
7_والتشهد الأول
8_والجلوس له                       

📌 Waajibaatni salaataa saddeet  (8)

📍Waajibaata salaataa jechuun :- waan namni salaatu waan sana yoo beekaa dhiise salaanni isaa jalaa badu, yoommoo irraanfiidhaan dhiise kan sujuudiin sahwii/erraanfii isaaf fayyisuudha.

1 - Takbiiraa/Allaahu Akbarii hunda, takbiiraan ittiin salaatatti seenanu utuu hafuu
2 - Imaamnii fii namni kophaa salaatu yeroo rukuu'iirraa ol ka'u sami'allaahu liman hamidah jechuu
3 - Namni hunduu Rabbanaa wa lakal hamdu jechuu
4 - Rukuu'ii keessatti subhaana Rabbiyal Aziim jechuu
5 - Sujuudii keessatti subhaana Rabbiyal A'alaa jechuu
6 - Jidduu sujuuda lamaaniitti Rabbigfirlii jechuu
7 - Tashahhudii/taa'icha isa jalqabaa
8 - Tashahhudii sanaaf taa'uu

📌 مبطلات الصلاة ثمانية وهي :-

1- الكلام العمد مع الذكر والعلم أما الناسي والجاهل فلا تبطل صلاته بذلك.
2- الضحك
3- الاكل
4- الشرب
5- انكشاف العورة
6- الانحراف الكثير عن جهة القبلة .
7- العبث الكثير المتوالي في الصلاة.
8- انتقاض الطهارة.

📌 Mubxilaatni/wonti salaata balleessu saddeet (8), isaanis :-

1 - Beekaa dubbachuu/dubbachuu ofii beekaatuma, yaadataatuma dubbachuu
Namni erranfiidhaan ykn wollaalumaan dubbate salaanni isaa hin badu
2 - Kolfuu
3 - Nyaachuu
4 - Dhuguu
5 - Qaamni namaa qullaa ta'uu
6 - Qiblaarraa guddisanii dabuu
7 - Sochii wolitti aanaa ta'e hedduu faayidaa salaataarraa kan hin taane salaata keessatti sosocho'uu
8 - Woduun namaa diigamuu

📚 من رسالة الدروس المهمة لعامة الامة لسماحة الشيخ عبدالعزيز بن باز رحمه الله

📚 Kitaaba Adduruusul Muhimmah Li Aammatil Ummah jedhamu irraa fuudhame.
kan Shaykh Abdil'aziiz bin Baaz Rabbi isaan haa mararfatu.
//www.tg-me.com/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
G A L A T A
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Kuftus kaatus jiruudha
Adeemsa kee jabeessi
Yeroon kun siif kennaadha
Fayyadamii geggeessi!

Humnaa fi dandeettii miti
Kan jiruun har'a geesse
Heyyama Rabbii taanaan
Jiraattee amma geesse!!!

Jiruun harka isaa jira
Fedha isaatiin jiraatta
"Galatoomi " yoo jette
Boruu fi iftaan agarta!!!

Yaa Allaah galata kee
Situ har'aan na ga'ee
Bu'aa fi bahiin baay'atus
An siinan nama ta'e!!!

#Alhamdulillaah 💞💞💞
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
AbdAbdul-Aziiz Ahmeddiin

Facebook keenya follow godhaa!!!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://www.facebook.com/AbdulazizAhmediin
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
100% dhugadha.

Isin hin dabrin waan ajaiba teeysani mana kheeysanitti dollar dalagachu, ammalle beekkumsa horachu, maal ja'etin isinif waan hundafu ammuma galmawa.
Step 1 :- Email kheeysan ni galchitu
Step 2:- gaaffile si gaafatan gisee deebiste dollar si khannama
Step 3:- nama yoo itti afertes dollar siif deema

🙏🏾 Share godha...

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan


AbduljalilRedwanDo quizzes to earn US dollars, easily earn 1 US dollars in 1 minute, and anyone who logs in to our website will get 10 US dollars. https://quit2.xyz/57273495663377532/?s=tg
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
100% dhugadha.

Isin hin dabrin waan ajaiba teeysani mana kheeysanitti dollar dalagachu, ammalle beekkumsa horachu, maal ja'etin isinif waan hundafu ammuma galmawa.
Step 1 :- Email kheeysan ni galchitu
Step 2:- gaaffile si gaafatan gisee deebiste dollar si khannama
Step 3:- nama yoo itti afertes dollar siif deema

🙏🏾 Share godha...

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan


AbduljalilRedwanDo quizzes to earn US dollars, easily earn 1 US dollars in 1 minute, and anyone who logs in to our website will get 10 US dollars. https://quit2.xyz/57273495663377532/?s=tg
2024/06/16 09:40:15
Back to Top
HTML Embed Code: