Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
100% dhugadha.

Isin hin dabrin waan ajaiba teeysani mana kheeysanitti dollar dalagachu, ammalle beekkumsa horachu, maal ja'etin isinif waan hundafu ammuma galmawa.
Step 1 :- Email kheeysan ni galchitu
Step 2:- gaaffile si gaafatan gisee deebiste dollar si khannama
Step 3:- nama yoo itti afertes dollar siif deema

๐Ÿ™๐Ÿพ Share godha...

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan


AbduljalilRedwanDo quizzes to earn US dollars, easily earn 1 US dollars in 1 minute, and anyone who logs in to our website will get 10 US dollars. https://quit2.xyz/57273495663377532/?s=tg
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
100% dhugadha.

Isin hin dabrin waan ajaiba teeysani mana kheeysanitti dollar dalagachu, ammalle beekkumsa horachu, maal ja'etin isinif waan hundafu ammuma galmawa.
Step 1 :- Email kheeysan ni galchitu
Step 2:- gaaffile si gaafatan gisee deebiste dollar si khannama
Step 3:- nama yoo itti afertes dollar siif deema

๐Ÿ™๐Ÿพ Share godha...

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan


AbduljalilRedwanDo quizzes to earn US dollars, easily earn 1 US dollars in 1 minute, and anyone who logs in to our website will get 10 US dollars. https://quit2.xyz/57273495663377532/?s=tg
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
#Kutaa_12ffaa

Miidiyaaleen galma ministeera barnootaatti argamuun ibsa Qormaata seensa Yuunivarsitii gabaasuuf qophii taassisaa jiru.

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan

๐Ÿ’ฌNU QUNNAMUUF๐Ÿ’ฌ
@Abdulj14
@Abdulj14
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
"Osoo Qudsiin garbummaa jala jirtuu garaa maaliitu na kolfa!" jechuun ijoolluummaa isaa irraa oonnataa kan guddate Salahaddiin Al-Ayyuubi 'n boodarra gamtaa Turkootaa ijaaruun loltuu dandeettii waraanaa qabdu qaamaa fi qalbiin leenjise, Hooggansa Salahaddiin Al-Ayyuub 'n gara Qudsii 'tti kan bobbaafaman loltoonni kunneen loltoota Fannoo Gamtaa Awurooppaa humna guddaa qabu barbadeessuun irra-deebiin magaalaa kabajamtuu kana bilisoomsanii seenaa dhaloonni leellisu hojjetan.

Boodarra Turkoonni biyya Misir 'tti mootummaa Mamluk ijaaran magaalattii kabajamtuu Qudsii bulchiinsa isaanii jalatti dabaluun kunuunsanii tiksuun dhaloota 'tti dabarsan! itti fufuun Impaayirri Islaamaa guddichi kan guutuu addunyaa biratti sodaatamu Othoman Empire ykn Dawulatul Usmaaniyyaa 'n dabaree isaa amaanaa Umar kan taate Qudsii tiksuuf waadaa seene.

Othoman Empire jireenya bulchiinsa isaa keessatti mirga Muslimoota guutuu addunyaa keessatti argamanii tiksuun kabajaa Islaamaaf waggoota 600 oliif waardiyyaa dhaabbate! Biyyoota Awurooppaa mogolee isaanii cabsuun jilbeenfachiisee, Biyya guddittii Ruusiyaa dugda rukutuun akka isheen ol jettee Muslimoota hin nyaarre taasisee, hanga xumura sirna Mootummaa isaatti Qudsii dabalatee Makkaa fi Madiinaa diinotaaf dabarsee utuu hin kennin kabajaa isaaniitiin isaan jiraachise.

Amma garuu Magaalattiin kabajamtuun kun lola addunyaa 1ffaa irraa jalqabuun hanga har'aatti humna gamtaa Yahuudotaa fi Kiristaanotaa jalatti kuftee jirti! Eeyyeen Magaalaan qaalii kun garbummaa jalatti immimmaan ishee dhangalaasuu erga eegaltee jaarraa 1 lakkoofsisuuf qarqara irra geessee jirti.

Kana booda hoo? Dukkanoota jajjabaa sana keessaa baatee bilisummaa ishee akkuma dhandhamaa turte Magaalaan Qudsii dukkana garbummaa amma keessa jirtu kana keessaa kan ishee baasu gootni akka Salahaddiin, Atisiz Beyi fi Alparsalaan hin dhufan jettanii tilmaamtuu? Abadan! Inni dukkana garbummaa keessa nama galchu Ifa Bilisummaan nama nii gammachiisa.

Bilisummaan cunqurfamtootaa yeroon isaa dhihoodha!.

Kan barreesse Jechoota Gaggaarii dha yoo jaallattan Like Share gochuun qoodaa.

Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qoodaa.
https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Kotuu hadubifnuu....
Nabi Muhammad (SAW)..

1. Waa hunda caalaa soba jibbuu ture.

2. Osoo hin du'in dura, Dubartii fi salaata dhaammate..

3. Yaroo fincaanuuf deemu iddoo namni isatti hin dhihaanne dhaqa, hanga dachitti gad dhihaatu tti uffata isaa firraa hin banu ture.

4. Dubartii caalaadha qaanfata. Yaroo karaarra deemu fuula isaa dura malee bitaa fi mirga hin laalu..

5. Yaroo mana isaa ol seenu cufa, suwaaka (rigaa) afaan isaaniirra hin dhabamu.

6. Yaroo rafuuf deemu, harka mirgaa, mallaa mirgaa jala kaayeeti rafa..

7. Erga salaata ishaa'ii salaate booda taa'ee haasawuu, osoo salaata ishaa'ii hin salaatin rafuu, hin jaalatu.

8. Irra gaarii namaati ture. Namni waa isa kadhatee isa biraa dhabee hin galu.

9. Irra jeeyna namaati. Takkaa lolarraa dheeysee hin beeku. Lola keysatti namni isaanitti qixxaawu hin jiru.

10. Areedni isaa tuuttee (guddaa) dha. Namni dingatatti isaan agare, nirifata.

11. Daa'ima haalaan jaalata. Yaroo daa'ima agare ol fuudheeti dhudhungata.

12. Torbee takka keysatti guyyaa 2 (kamisaa fi isniina) soomanuu hin dhiisu.

13. Salaata halkanii/leeylii lakkisee hin beeku. Yaroo dhukkubsate taa'eeti salaata.

14. Dhukkubsataa gaafachuun aadaa isaati ture.

15. Ofiifiis tahee, yaroo namni dhukkubsate mu'awwizaata qara'uu ture.

Seenaa ergamaa keysanii SHARE godhuu hin dagatinaa Jzk..


Salawaatu Rabbii wasalaamuhuu Aleeyhi yaa Rasuula Allaahโค๏ธ


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Yaa Muhammad, Yaa Muhammad ....

#Guyyaa tokko Namicha tokkootu Yaa Muhammad, Yaa Muhammad, Yaa Muhammad jechaa iyyuun gara Ergamaa Rabbii ๏ทบ dhufe.

Sahaabonni akka sagalee isaa gadi xiqqeessu itti himanis dideetuma yaamiinsa isaa itti fufe. Ergamaan Rabbii ๏ทบ maal akka barbaade gaafachuuf gara alaatti bahanii Maal haajamte? jedhaanii gaafatan.

Namichaanis; " Waa'ee Guyyaa dhumaa (Guyyaa qiyaamaa) akka naa himtu barbaadeeti " jedheen.

Ergamaan Rabbii ๏ทบ; Guyyaa qiyaamaatif maal qopheessitee na gaafatta? Jedhanii gaafatan.

Namtichaanis; Jaalala RABBII fi Ergamaa ๏ทบ isaa malee waan tokkollee hin qopheessine" jedheen.

Yaroo kana deebii dinqisiisaa sahaboota ajaa'ibsiise deebisanif.

Ergamaan Rabbii ๏ทบ; Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin warra jaalattu wajjiin si kaasa" jedhaniin.

Nutii hoo mee of haa gaafannu !!

Guyyaa boruu Aakiraaf maal qopheeffanne?

Jaalaltii RABBII fi Ergamaa isaa Nabi Muhammadiif ๏ทบ qabnu hagami?

Yaa Rabbi ! Warraa Guyyaa Qiyaamaa Ergamaa Rabbii Nabi Muhammad ๏ทบ Wajjiin Jannata Seenu Nu tasisii.

ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ูŠู‡ ๐Ÿ’”



@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
TAAJJABBII KOO
โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—โ—
Dhimma Aalimmanii
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu, Obboloota koo!!!

Amantiin nuti hordofaa jirru tun amantii qajeelfamaa fi heerri isii guutuuti. Amantii nuti of biraa akka nutti tolee fi akka nutti fakkaatetti bocannee ittiin jiraannu osoo hin taane amantii Rabbiin nu uume akka nuuf ta'utti akka jireenya duniyaa gabaabduu kana ittiin jiraannuuf nuuf kennedha. Burqaan qajeelfamootaa fi heerotaa kunis Qur'aana . Itti aansuun kan Qur'aanaa nuuf ibsu immoo #Hadiisa ergamaa Allaah ti. Ergaa Allaah n karaa Ambiyoota isaa nu biraan gahe, dhaaltonni isaanii immoo Ulamoota.

Kaayyoon Rabbiin ambiyoota nuuf ergeef waan nu miidhu hunda irraa nu dhoorkee, waan nu fayyadutti nu ajajuufi. Waan dhoorkamne dalaguun miidhaan isaa numa dhaqqaba, waan itti ajajamne yoo hojjennes kan itti milkaa'u numa.

Waan Allaah n nuuf #Halaal godhe addunyaan guutuun irratti waliigalus #Haraam gochuu hin danda'an. Akkasuma waan Allaah n #Haraam nurratti godhes hammam jaalannus addunyaa guutuu hiriira itti baafnus halaal gochuu hin dandeenyu. Nuti gaheen keenya #Shari'aa akka nutti dhufetti hordofuudha malee #Edit gochuuf mirga tokko hin qabnu.

Aalimman dhaaltota Aanbiyaati.

Dhimma #Halaal fi #Haraam hunda ulamootatu nuuf ibsa. Nuti wallaaltonni waan nuuf hin galin isaantu adda nuuf baasa. #Fatwaan hojii aalimmaniiti. Aalimman waan Rabbiin isaan beeksise hawaasaaf ibsuun dirqama isaaniiti, anaa fi situ ajaja osoo hin taane Rabbiitu isaan ajaje.


Aalimman ilma namaati, tarbiyaa diinii keeysatti tarii dogoggoruutu mala, waan diin irra hubatan akka hubatanitti si hubachiisu waan ta'eef yeroo tokko tokko karaarraa goruu malu. Haa ta'u garuu isaan gara lachuuttuu milkaa'oodha. Yoo haqa qunnaman hojii kheeyrii hawaasa barsiisaniin hamma hawaasni sun hojii kheeyrii sana hojjetuun mindeeffamu. Yoo haqa irraa sigigaatanis ta'aabbii haqa argachuuf taasisaniin mindeeffamu. Kana kan arguu fi sirreessu immoo anaa fi si warra beekuu caalaa beekamuuf social media kanarraa daqiiqaa fi sekenditti suura jijijjiiru osoo hin taane #Aalimman sadarkaa diiniitiin fagaatanidha. Beekaan bakka dogoggoraatii fi akka itti dogoggora sirreessu beeka.

Kanarraa kan hafe social media kanarraa akka nama #Aalimman caalaa hawaasa kanaaf quuqama qabuutti ajandaa uummattanii warri baay'ina hordoftootaa argachuuf #Foon aalimmanii nyaachaa ooltan dhuguma kasaaraa keessa jirtu. Akkuma wal-irra dubbii bareechinuun, akkuma wal-irra jechoota fayyadamnuun #Aalimmanitti xiyyeeffachuun kufaatiidha. Dhuguma dubbachuuf #Eenyumtuu Aalimman caalaa hawaasa hin jaalatu. Baay'een har'a sumunii social media tanaaf jecha namoota gurguddaa hawaasni hordofu fayyadamtanii beekamuuf ariifattan isin dhumti keessan hin bareedu.

Garuu warri duula warra sumunii isaaniitiif jecha qabsaa'anii kana dhugaa seetanii isaanii wajjiin #Aalimman irratti duultan Rabbiin hubannaa diinii isiniif haa kennu. Maaliyyuu yoo ta'e ollaa wajjiin mana keessan hin diiginaa!.

Rabbiin warra haqa beekee hordofu, warra sharrii beekee irraa of eegu nu haa taasisu!!

Kanumaaf as baanee, Nu ofkolchaa!!!
@AbdiiBiyyaa



โœ๏ธAbdul-Aziz Ahmedin


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Bara bulchinsa keetii
Nama taate dubartiin
Erga Rabbiin si filee
Kan qixxaatte dhiiratti

Diin keetiin kabajamee
Hiyyeessa qalbiin ciise
Humna qabeessaa fi laafaa
Situ wal nuuf qixxeesse!!

Bakka bu'aa kee dhabnee
Har'a Roorroon gubannaa
Sabni qomoon wal-qoodee
Wal-balleessaa jiraannaa!!!

Rabbiin nuuf haa kennu
Hogganaa akka kee
Kan hamma danda'uun
Hordofu faana kee

Yaa Rabbi sin kadha
Nuuf buusi nagaa kee
Afaan wal taasisi
Hunda Uumama kee

Akkaanan jaaladha
Ani ergamaa kee
Irratti naaf buusi
Nagaa fi Rahmata kee


ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก

Jum'aa Kheeyrii qabaadhaa!!!

โœ@AbdiiBiyyaa


@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
Ammee..!!

Huutiin Yaman lolichatti makamee jira...!!

Yaman keessa kan socho'u humni Ansaarullahi Huutii yeroo ammaa magaalaa Israa'iil kan Iliyaat jedhamtu Misaa'ila Baalistikiin haleelee jira.

Humni Huutii kun kaleessas kallattii Galaana Diimaa irraan Israa'iil irratti Misaa'ila furguggisee kan ture yoo ta'u Ameerikaan Misaa'ilicha rukuttee qolachuuf ishee ibsitee turte! Haleellaan ammaa garuu galma isaa argachuun bulchiinsa Israa'iil kana barbadeessee jira.

Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa, Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa.
https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
Ammee...!!

Injifannoo Haamaas!

Weerartuun Israa'iil humna lafoo isheetiin Gaazaa seenuuf lola ijibbaataa isheen taasisaa jirtu Injifannoo Gooticha Hamaasiin goolabamuun waraanni lafoo Israa'iil kan Magaalaa Gaazaa seenuuf ture of duuba deebi'ee jira.

Lola ijibbaachisaa Hamaasii fi Waraanni Israa'iil taasisaa turan haalaan ulfaataa kan ture yoo ta'u yeroo ammaa kana Hamaas weerartuu Israa'iil qolachuun of duuba kan deebise yoo ta'u Waraanni lafoo Israa'iilis gara duubaatti deebi'uuf dirqamee jira.


Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa,  Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa.
https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
#KANA BEEKTUU LAATA?
~Namni yeroo duraatiif saamunaa dalage/uume"Nabiyyallaahi Suleeyman"
~Namni yeroo duraatiif ciftii/tuqaa huruufa hijaa'aa irra kaahe "Abul-Aswad Al-ddualii"
~Namni yeroo jalqabaaf ุฃู…ุงุจุนุฏjedhe,"Nabiyyallaahi Daawud."
~Namni yeroo duraatiif qura'aana walitti qabe"Abuu bakri."
~Durri wanni rabbiin keenna uumee"Qalama."
~Namni barnoota chemistry yeroo jalqabaatiif argate"Jaabir binu Hayyaan".
~Foormulaa algebra namni yeroo jalqabaatiif fide Al-kawaarizimii/ุงู„ุฎูˆุงุฑุฒู…ูŠ.
~Dubartiin islaamummaa keessatti yeroo jalqabaaf shahiiddee,Sumayyaa haadha Ammaar binu Yaasir.
~Awwalli ilmaan Aadam"Qaabil"
~Namni yeroo duraatiif Afaan Arabaa dubbate"Ismaa'il."
~Namni yeroo duraatiif Islaamummaa keessatti Azaane"Bilaal Al-habashii."
~Namni yeroo duraatiif Ka'aabaa keessatti dhalate"Aliyyi binu Abii-xaalib."

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from AL-MIFTAH DAWAA GROUP :-๐Ÿ‘‰Official (Abdul-Ibnul-Ghazi)
โ”โ”โ”โ”โ–ฃโ”โ”โ—คโ—ขโ”โ”โ–ฃโ”โ”โ”โ”โ”
๐ŸŽค Chanalin khun chanali akkan barsiiso fi dinqisiiso taheedha. Wantoonni inni nuuf dhiheessu :- Nashida harawa, Walaloole adda addaa akkasuma Nashidale cover, tahe san qofa miti Gorsaa gaggababo barsiiso fi dinqisiisoSEAMORE....

โ•”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ•—
๐ŸŽค ABDULJELIL REDWAN
โ•šโ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ•

Kunooti Join Godhaa Itti dabalamaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

โ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆ
โ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆ
โ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆ
โ”โ”โ”โ”โ–ฃโ”โ”โ—คโ—ขโ”โ”โ–ฃโ”โ”โ”โ”โ”

โ”€โ•”โ•—โ•”โ•โ•—โ•”โ•โ•โ•—โ•”โ•โ•ฆโ•—
โ”€โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘โ•šโ•‘โ•‘โ•โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘
โ•”โ•ฃโ•‘โ•‘โ•‘โ•‘โ•”โ•‘โ•‘โ•—โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘
โ•šโ•โ•โ•šโ•โ•โ•šโ•โ•โ•โ•šโ•ฉโ•โ•
โ”โ”โ”โ”โ–ฃโ”โ”โ—คโ—ขโ”โ”โ–ฃโ”โ”โ”โ”โ”
Forwarded from Guder dish
๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž
๐Ÿ’ž#Biqiltuu_Kunuunsi_Tole๐Ÿ’ž
๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž

#Asoosama gabaabaa
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก
โœby Abdul-Aziz Ahmedin
โ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™ค

@kennaapost @kennaapost

Caaltuun dhalootaan godina wallaggaa bahaa magaalaa naqamteet. Maatiin ishee ilma dhiiraa waan hin qabneef Caaltuun akka ilma hangafaatti ilaalamti malee akka intalaattii miti. Caaltuun barnoota ammayyaa fi amantii islaamaatiinis akkaan cimtuu fi jabduu namaati. Bilchina sammuu kanas haadhaa fi abbaa ishee irraa waan dhaalte fakkaatti. Qormaanni dargaggummaa fi haalli jireenyaa, akkasumas dubartummaan gonkumaa ishee hin gufachiifne. Qaruuxummaa isii kanaaf abbaa fi haati ishee gahee leencaa taphatu.....
Guutuu asoosama kanaa dubbisuuf linkii armaan gadii kana xuqi๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam biyya Isaa Makkaa kheeysaa osoo hin jaalatin baafame, roorroo gara jabeenyaan guuttamteetu biyya Isaatii Isa baase.

Eega biyya Isaatii ari'anis bakka qubsumaa argatuun waan Isaan dallansiiseef lolli Isarratti baname hin dhaabbanne.

Madiinaatti dhaqanii Isaan lolanii, Sahaaboota akkaan Isa biratti jaalataman, firoota Isaa warra akka adeera Isaa Hamzaa jalaa ajjeesan.

Nabiyyii Rahmataa ajjeesuuf waan hin godhin hin qaban.

Eega biyya Isaatii baafame booda amata 8 turee Makkaatti deebi'e.
Injifannoon Fathi Makkaa lola tokkoon malee argamte. Warri Makkaa kan biyyaa isa baase, kan Isa ajjeesuuf yaalii hunda godhe, kan firoota Isaa, Sahaaboota isaa meeqaatam ajjeesan walitti qabamanii fuul duree Isaatti dhihaatan.

Maal godhe seeta?
Biyyaa baasan, irraa ajjeesan, hanga mohamanitti isa ajjeesuuf waan dandahan hunda godhaa turan!

Rahmanni Alamaa sallallaahu aleeyhi wasallam jara isa duratti walitti qabame adawwii isaa warra turaniin "Maal waanin isinitti dalagu seetan? Murtii akkam narraa eeydan?" je'een.

Jarri balaa meeqaatama Isarratti dalagaa turan: "Ati ilma gaarii, ilma obboleeysa gaariiti!" ja'aniin.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam, Rahmanni Alamaa: "Deemaa Isin bilisa, deemaa Isinitti hin jajjabeeysu! deemaa Isin bilisa qixaaxaa jala, Isinirraa hijaa hin kafalannu" je'een.

Allaahu Akbar! Maali Rahmanni Akkanaa! Gara Laafina akkanaa eenyu qaba?

Rahmata Alamaa Sallallaahu Aleeyhi wasallam kana seenaan Isaa!

T.me/AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Areeda Ifirraa Ciree Fatanaa Ajaaโ€™ibaa Keessa Seene
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Nama Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Dallansiisin

Shamarreen biyya Ameerikaa keessa jiraattu takka maatii ishee ziyaaruuf jecha gara biyya warra isheetti dhufte. Karaadhuma sanaan dargaggeessa iimaanaa fii akhlaaqa gaarii qabutti heerumuu akka barbaaddu adeera isheetti himuun nama gaarii barbaachifachuu eegalti.

Adeeraan ishees bifa isatti himame irratti hundaa'uun dargaggeessa diinii isaa irratti jabaa dha jedhee yaadu eega yaadaa ture booda dargaggeessa masjiida keessatti beekuun tokko ofitti yaamuun yaada kana mari'achiise.

Dargaggeessichi yaada eega dhageeffatee booda marhabaa jedhee fudhate. Abbeeraan shamarree kunis dargaggeessa kanaa fii mucayyoo walitti fidee
walbarsiiseen. Mucayyoonis gurbicha yeroo dheeraaf eega haasofsiiftee booda gurbaa sirna qabuu fii
bareedaa tahuu isaa barte jaalatteen.

Guyyaa tokko maatii ishee biratti affeerraa laaqana qopheessitee gurbaa jaalatte kana manatti waamte. Eega laaqana nyaatanii xumuranii booda isa geggeessuuf jecha gurbaa wajji gara alatti gadi
baate. Gurbaan areedni isaa sunnaa dha. Areeda dheeraa qaba.

"Maashaa Allah" kan nama jechisiisuu dha. Isheenis areeda isaa kana ilaaltee akkana isaan jette.

"Ani akkaataa fii haala kee hunda jaaladhee jira. Yeroo dhihoo keessattis nikaaha ni hidhanna. Haa tahuu garuu areedni kee kun jaarsa si fakkeessee jira." jetteen.

Dargaggeessichis "kuni si hin yaachisin..." jechuun guyyaa itti aanu areeda isaa guutumaan guututti haadatee dhufe.

Mucayyoonis gurbaa areeda isaa haaddatee dhufe kana ilaalteetiin ni dallante malee hin gammadne.

Akkanas jetteen "Ati ajaja kootiif jettee ajaja Nabiyyii ๏ทบ kan diigduu gonkumaa jaarsa kan koo tahuu hin dandeessu!" Jechuun kophatti isa gattee biraa kutte.

Allahu Akbar!

Mee wollaahi dhugaa dubbachuuf meeqa keenyatu nama gammachiisuuf jecha ajaja Rabbii fii Ergamaa Rabbii ๏ทบ diigeetiin bira dabraa jira? Mannumti nu haa
laakkawuu!

Ilaalaa Xiinxallaa, Dargaggeessi kun sunnaa irraa tahee sunnaa irraa hin taane. Mucayyoo irraa tahee
mucayyoo irraa hin taane. Bilaasha lafatti hafe. Rabbiin nu haa tiksu!

Allahumma arinal haqqa haqqan warzuqnaa ittibaa'a,
wa arinal baaxilaa baaxilan warzuqnaa ijtinaaba,

Yaa Allah! Haqa haqa tahuu ishee nu beeksisi ishee hordofuu nu waffaqi, Yaa Allah! Baaxila baaxila tahuu ishee nu beeksisi ishee irraa of tiksuus nu waffaqi!

Aamiin Yaa Rabbi!


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
2024/05/03 01:51:40
Back to Top
HTML Embed Code: