🍃🍃Hojii Guyyaa kiibxata Gooftaan Dalage🍃🍃



Guyyan kun hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa wiixataa hojjeteefi dubbate irraatti gaaffii warri ayuudoota dhiyeesaaniifi guyyaa inni deebii itti kennedha. Sababuma kanaaf guyyaan kun guyyaa gaaffii fi baruumsa jedhames beekama. Gaaffii kanas warreen barreessiitota fi farsiinotan kan gaafatame yoo ta'u  barumsa barsiiftu,  raajii raawwattu fi warreen gurguran mana kiristaanaa keessaa kan haaritu "Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa kan gootu? Gooftummaa kanas eenyutu siif kenne?" (Maat 21: 23) jedhaniin kan gaafataniidha."

Barsiisonni seeraafi Fariisonnis kun gaaffii kan gaafataniif kiristoosin wallalanii osoo hin taane aangoon isaanii waan jala xuqameef, seera barsiisu male ofii waan hin  kabajnef hojii isaanii isa bada sana dhoksachuuf karaa isaan qaban kiristoosin hadheessu qofa waan ta'eef male.

👉Hojjiiwwan barsiisota fi warra fariisota kan hojjetan har'as mana kiristaanaa guutan. Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanuu warreen jaallatan. Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis kabaja waaqayyo caalaa kabaja mataa isaaniif warri jiraatan heddummatani. Garuu warra hojii akkasi hojjetaaniif wayyo!
Gooftaan keenyas "Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu'inaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan." Akkuma jedhe isaan keessaa tokkon isaanille baruumsa inni barsiiseen hin deebiine Yohaaniis cuuphaas hin dhageenye." Yommuu Yohannis cuuphaan qajelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hin amanne; qaraxxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne" isaaniin jedhe. (Maat 21: 32)


   🙏 Kiraalaayisoon🙏

https://www.tg-me.com/Araaraat
Gaaffii Keessaniif Deebii pinned «​​Gaafa as irratti, “‘Miidiyaa Sootiriyaa’ ‘Subscribe,’ ‘Join’ fi ‘Follow’ godhaa!” jedhamu, jechaan waanuma salphaa nutti fakkaata. Dhugaadha, garuu aarsaan kana as nutti fiduudhaaf kaffalame hagam akka ta’ee eenyuutu hubate? 🤔 Kanaaf isin immoo ‘kana gochuun…»
♻️Hojii Gooftaa Guyyaa Roobii

Guyyaa kanati hojiiwwan raawwataman keessaa:- Guyyaan kun guyyaa angafoonni lubootaa fi barsiisonni seeraa Gooftaa akkamitti akka qaban itti mari'ataniidha. Kanaaf guyyaa "walii galtees" jedhame ni waamama. walii galteen kunis kan taasifame bartoota keessaa tokko kan ta'ee Yihuudaa wajjin yoo ta'u walii galteen kun murtee hammeenyaaf ture. Walii galtee kana erga raawwatee booda gara gooftaa fi waldaa duuka bu’ootaatti deebi’e.

Roobii kaasee hanga kamisa galgalaattis homaayyuu akka hin uumamne fakkeessee dabarse. Kunis sirriitti Yihuudaan nama fakkeessaa fi hamaa akkamii akka ture nutti agarsiisa.

Qulqulluun Pheexiroos haalli isa sodaachisnaan Gooftaa isaa si’a sadaffaa “hin beekuun” jedhee erga ganee booda Gooftaan keenya si’a tokko miil’atee yoo ilaaluun qofa fuula gooftaa isaa jabina ittiin ilaalu dhabee boo’icha hadhaawaan mooraa keessaa ba’e.

?Yihuudaan garuu yeroo dabarsee laachuuf walii galtee uumee kaasee sagalee isaa balleessuun akkuma durii isaa gooftaa wajjin taa’uu si’a tokkollee hin qaanofne. Yaada mataa isaa burqisiisee, ofii isaa gara shangoo deemuun qarshii fudhachuuf abdii godhatee deebi’ees ija gooftaa keenyaa ilaaluun “Dabarsee kan si kennu ana ta’aa laata?” jedhee gaafachuufis ija jabina qaba ture. Yihuudaan gowwoomsuu yoo barbaadeenis Gooftaan hundumaa beeku garuu “fakkeessituu nana” jedhee hin ifanneef obsa uumaa ni ajja’ibsiifanna.

♻️Guyyaan kun ammas guyyaa urgaa gaarii qabuu fi imimmaaniis hin jedhama. Kunis immoo sababa Maariyaam urgooftuu dibata gati-jabeessa shurrubbeetti qabattee gara Gooftaa keenyaa dhufte isa dibdeefi waa'ee cubbuu ishee fi baay'iftee itti boosse waan ta'eef. (Maat 26:3-13 7, Marq 14:1-11 Luq 22:3-6). Maariyaam gara gooftaa dhuftee gaafa isheen urgooftuu dibdu "Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda'a ture" waliin jedhan; isheettis in dheekkaman. Iyyasuus garuu, "Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu, ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan. Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhaqna koos duraan dursitee awwaalaaf dibdeetti. Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama" jedhe.

Warreen osoo urgooftuun kun gurguramee hiyyeessotaaf kennamee jedhan kun dhuguma hiyyeessotaf yaadanii osoo hin taane urgooftuun sun yoo gurgurame tokko kurnee argamu barbaacha malee! Abbaan yaada kanaas yihuudaa ta'u hin hafu!

          🙏Kiraalaaysoon

https://www.tg-me.com/Araaraat
♻️Hojii Gooftaa kan Guyyaa Kamisaa

Hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa kana raawwate:- Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaa  Iyyasuus Kiristoos gad of qabinsa, jaalala, ajajummaa akkasuma maalummaa tajaajilaa, barsiisaa fi gorsaa, miilla duuka bu'oota isaa dhiqe waan ta'eef guyyaa miilla dhiqaa jedhama. 

Duuka bu'ichi qulqulluun Yohaannis "Iyyasuus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee, iddoo isaatti erga deebi'ee booddee, "Waanan isiniif godhe hubattuu ree?  "'Barsiisaa, gooftaas' jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a.
Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera, (Yoh13:12-15)  Gooftaan waaqa ta'ee osoo jiruu inni waa'ee waaqummaa isaa hin ilaalle ture. Uumaa ta'ee otoo jiruus gad ofi qabee miilla uumama isaa kan dhiqe Gooftaan duuka bu'oota isaaf fakkeenya ta'ee jira. Ana irra baradhaa akkuma jedhe, barsiisaan keenya hojii fakkeenyummaa gaarii raawwate.

"Yaada garaa isa Iyyasuus kiristoos qabu ture qabaadhaa! Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. ..... Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e."(Fil 2:5-8)

Guyyaa Icciitiis hin jedhama. Gooftaan keenya fayyisaan keenya erga miilla duuka bu'oota isaa dhiqee, gad of- qabinsa barsiisee booda kun foon kooti nyaadhaa kun dhiiga kooti dhugaa jedhee aarsaa kakuu moofaa diigee, guyyaatti aarsaa kakuu haaraa kan ta'e iccitii qurbaanaa itti hundeessedha. "Iyyesuus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, "Fudhadhaa nyaadhaa, kun Foon kooti!" jedhe. Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee, "Hundumti keessan kana dhugaa! Kun dhiiga kooti, dhiigni kun kakuu dhaabbate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay'eetiif dhangala'a. (Maat 26:26-28) jedhe. Kunis ilmi namaa fooniifi dhiiga isaa fudhatee isa wajjin tokkummaa fi jabinaan akka jiraatu akkasuma diina seexana moo'atee injifannoo argatee mootummaa waaqayyoo keessaa qooda akka qabaatuuf humna moo'ichaa kan nuuf kennedha.

Guyyaa kadhanna kamisaas ni jedhama. Guyyaa kana halkan gooftaan keenya gara Geetesemaanii dhaquun hanga harka Ayuudotaan qabamutti kadhachaa turedha. Iccitii kadhannaas nu barsiisee jira. Yoo kadhanne qormaata jalaa bahuu akka dandeenyus nuuf ibsee jira. (Maat 26:36-39)

https://www.tg-me.com/Araaraat
Miilota Yihuudaa

Gooftaan keenya gad jedhee miila duuka bu'oota isaa yoommuu dhiqu Yihuudaanis miccachuuf dabaree eegataa ture. Borumta Gooftaa gurguruuf waligaltee raawwateetti gooftaan miila isaa dhiqeef. Miila Yihuudaa kan isa qabsiisuu sana dhiqe.

Guyyaa tokko dura hama xaxuuf gara mooraa luboota ayihuudotaatti miilota fiigan gad jedhee dhiqe. Daqiiqaa muraasaa boodaa isa qabsiisuuf gara ayihuudotaatti miilota fiigan, loltoota ayihuudotaa dursuun miilota gara isaatti deebi'aan gad jedhee dhiqe.

Yaa Yihuuda mee altokko nutti himi yoo gooftaan gugguufee miila kee dhiqu akkamitti dandeesse? bakka miilli isaa dhaabbatutti kan sagadamuuf Waaqni  yoo miila kee miiccu akkamitti xiqqoo sitti dhagahamu hafe? Ati miila isaa dhiqun kan siif hin taane yoo miila kee dhiqu utuu argitu lapheen kee maaf akkas jabaate?

   🙏 Kiraalaayisoon

https://www.tg-me.com/Araaraat
Miilota abaaramtuu

Miila safuu hinbeekne
Kan waaqa hin kabajne
Miila galamoota
Kan waada hin eegne

Miila gaarii dhiisee
Karaa badii hordoofee
Yaa miila abaaramtuu
Maalti achiin si oofee

Miila xurii ishee
Dhiiqamee irraa hin baanee
Miila ofii hinbeekne
Kan ofitti hinane

Miila abaaramtuu
Yaa miila Yihuudaa
Akkamiin filaatte
Walgahii warra budaa

Marii keen milkooftee
Kan dhuftee Yihuudaa
Maaliif birr xiqqaan
Gurgurte Waaqa hundaa

Ishii erga gurguuruuf
Deemtee waadaa galtee
Ana miti jette
Maaliif Waaqa  aaltee?

Gaafa inni gugguufee
Siif dhiquu miila kee
Akkamiin danda'e
Sii obsee garaan kee?

Maaliif hin kadhannee
maaf akkasii hin jenne
"Miila koo sirreessi
Dhaabii lafaa sirrii
Ani sin gurguruu
Natti hafuu birriin
Naaf dhiisi yaa gooftaa
Ani si gaaneeraa
Qarshii caalchifadhee
Ormaaf sii kenneera"

Jette maa hin kadhannee
Maafi hin gallee gaabbii
Miilli kee dhiqamteen
Maaliif dhabde dhaabbii


https://www.tg-me.com/Araaraat
Ajaab!🤔

Gooftaa hunda uume har'a qayyaaffaa fulduratti akka yakkama badaatti qoratamaa jira. Garboota keessaa tokko fuula isaa rukute. Gooftaan dhaabbatee garbichi murteessuuf taa'e; kan badiin guutame ta'ee qulqulluu irratti murteesse.

Yeroon kana yaadu lapheen koo sodaadhaan hoollatti! samiinis ni hoollata hundeen dachees ni sochootii. Angafni ergamoota fi ergamoonni sodaadhan ni dhiphatu. Mikaaeliif Gabri'eeli Kochoo isaanitiin fuula isaanii ni golgatu. Garbichi gooftaa isaa harkaa isaan fuula isaa keessa yommuu rukutuu yommuu argan kirubeelii bultoo jalatti baqatu, suraafeliis kochoo isaanii waliin rukkutuu!

Qulqulluu Efreemin


https://www.tg-me.com/Araaraat
Linkii gadii kana irratti cuqasuun walaloo guyyaa har'a dhageeffadha. Fuula Miidiyichaas Subscibed taasisaa👇👇👇
https://youtu.be/5ksHXPrBaRE?si=rCKlBW9YOufMbTyi
Forwarded from MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ (Mersha Zeleke)
#Oduu_Gammachiisaa
Hordoftonni Amantaa Kiristiyaanaa marti baga jala bultii ayyaana du'aa ka'umsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nagaan geessan.
Akkuma kana dura karaalee miidiyaa hawaasaa garagaraa himamaa ture miidiyaan keenya miidiyaan Sootiriyaa guyyaa boruu jala bultii Ayyaana Du'aa ka'umsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos irraa eegalee tamsaasa isaa ifatti ni eegala.
Maarree ummanni Kiristiyaanaa hundi Karaalee marsariitiiwwan hawaasaa armaan gadiitin akka nu hordoftan jaalala Waaqayyootin isiin gaafanna.
Ayyaana gaarii.


➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel►https://www.tg-me.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
Abbaa keenya irra haa barannu!

Miidiyaan Sootiriyaa nuuf galatooma!

Bor sa'a 8tti haa hordofnu
Forwarded from MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ (KD-SOOT (Soot 001))
🔔Miidiyaan Sootiriyaa ayyaana Faasikaa bara kanaa Abbaa baay'ee jaalannu

Hayyuu mana kiristaanaa Mal'aaka Salaam Luba Misgaanuu Aagasaa waliin isiniif qopheessee jira

▶️Sagantichi karaa chaanaalii Yuutuubii Sootiriyaa guyyaa boruu 27/08/2016 waaree booda sa'aatii 8:00 irratti kan eegalu waan ta'eef maatii Miidiyaa keenyaa ta'uuf liinkii armaan gadiitin #subscribe gochuun akka hordoftan jaalala Gooftaan isin affeerree jirra.👇

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg
🍃🍃Duuti Aangoo Dhabdee"🍃🍃

"Kiristoos du'aa ka'ee, aangoo fi humna guddaadhaan, Seexanni hidhamee, Addaam bilisoomee,  Nageenyiifi gammachuun, Ta'eera"

👏BAGA IFA  DU'AA KA'UU    GOOFTAA KEENYAA IYYASUUS KIRISTOOSIN ISIN GA'E!

Raajichi Isaayyaas akkuma dubbatetti Iyyasuus ilma nama fayyisuuf, du'a bara baraan Addaamiifi ijoollee isaarratti moo'e barbaadeessuuf jecha foon keenyaa uffatee akkamiin akka nuu fayyisee yoo dubbatu "Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame;....nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e. (Raaj Isaa. 53:4-5) Jedhe akkuma dubbatee kiristoos waa'ee cubbuu keenyaa hundumaaf jecha hin dhipatee, hin reebame , hin fannifamee, akkasumas gidiraa gudda nuuf fudhatee hin du'e.

🙏"Duuti kiristoos garuu akkam nama dhiba"! jechuun kan ajaa'ibsifatan heddudha. Dhugummatu Waaqa ta'e osoo jiru iccitii hin qoratamne,  aangoosaatin harka uumama isaati du'uunsaa maaf nama hin dhiburee? Innis kan du'e hojii fayyinaa ilma namaaf male, akkumaa keenyaa dadhabaa waan ta'eef miti. Aangoos isaatiinis akka du'aa ka'uu dubbateera.

🙏Ilmi nama waggoota hedduuf garbummaa seexanaa jala kan ture "Ilmi waaqayyo ogummaa seexanaa diguuf  hin mul'ate" jedhe qulqulluun Yohaannis akkumma dubbate hojii hamaa seexanaa sana balleessuuf, Addaamiifi ijoollee isaa  bilisa baasuuf Gooftaan garaa lafaa keessa buluuf ofi murteessun isaa akkam nama haa ajaa'ibu!

🙏Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos akkuma "Ani waaqa jiraatootatti malee waaqa warreen du'anii miti!" jedhe, ilmaan isaa jalqabaa cubbuun kan kufaan wajjoo du'a jala baasuuf du'a humna dhowwate. Dabalees kan "anatti amanu hin du'u" jedhee aangoo du'a qaaneesse. Duuti kaleessa waggaa 5500 ilma nama boojite har'a garuu abdii waan kutte fakkaati. Qulqulloota fi cubbamoota osoo addaan hin qoodiin hundumma kan injifatte,  har'a garuu boquun du'a laafeera. Qulqullichi Phaawuloos akkas jedhe "Yaa du'a egaa aangoon kee amma eessa jira? Yaa awwalcha olaantummaan injifannoon kee eessa?" (1ffaaQorx 15:56) jedhe duuti akka aangoo dhabde  dubbateera.

🙏Ega "Ati yaa isa raftuu, dammaqi! warra du'aan keessaa ka'i," (Efes5: 14) Du'a Gooftaan aangoo dhowwatee aangoo of irratti hin taasisin. Yaa nama dammaqi, of irrattis beeki cubbuu kee batte hin jiraatin, gatiin cubbuu du'aadhati. Waaqayyo waa'ee cubbuu keenyaaf gara addunyaa kana dhufee, du'a isaatiin du'a keenya kan cabsee, har'as arjummaa isaan tokko tokko keenyaa dawwate du'a jala nuu haa oolchuu! Ameen!
 
👉AYYAANA GAARII👈

https://www.tg-me.com/Araaraat
+Dubartoota-Qulqulloota+

➭Akka barumsa Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti guyyootni torbanii guyyaa du'aa ka'umsa Gooftaatti aananii jiran hiikaa fi barumsa mataa isaanii qabu.

➭Haaluma kanaan guyyaan Sanbata Xiqqaa Guyyaa Dubartoota Qulqullootaa jedhamee kabajama.Guyyaa kana sababeeffachuun hubannoowwan muraasa waliif kennuuf qabxiilee armaan gadii haa ilaallu.

1. Guyyaa kana Dubartootni yommuu Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos gidiraa fudhatu boo'aa turan (Luq. 23:27); yeroo inni du'aa ka'u immoo urgooftuu qabatanii gara awwaalaa deemantu (Maar. 16:1-10) yaadatama. Maariyam ishee Maqdallaa, Haadha Yaa'iqoob fi Yoosaa kan taate Maariyam fi Saloomeen ganama obboroon gara awwaalcha gooftaa deemuun du'aa ka'uu isaa arganii Missiraachoo du'aa ka'uu isaa labsaniiru.

2. Haati keenya Hewaan balleessaa balleessiteen yookiin gorsa diinaa fudhattee Addaamitti himteen du'a kan nu dhaalchifte dubartootni komatamaa akka hin jiraanneef Missiraachoo du'aa ka'umsaa akka himan taasifame. ( Maar 16:10). Durumaa karaa haadha keenya Durboo Maariyamiin, Hewaan hiikaa maqaa ishee- haadha jiraattotaatti- kan deebite, qoricha dahuun balleessaa Hewaan jalaa nu baaftee hidhaa jalaa kan hiikkanne, kakuu haaratti dubartootni kabaja argataniiru.

3. Manni Kiristaanaa keenya dubbii namummaa (theological anthropology ) jettee eenyummaa namaa yommuu barsiiftu dhiira fi durbi walqixa akka ta'an darbees si'a tokko akka uumaman fi sirnootni mana kiristaanaa keenya dhiiras dubartiis qixatti ilaalti. Warrootni manni kiristaanaa walqixxummaa dubartootaa hin kabajju jedhan tokko tokko ni jiru. Garuu barsiifni mana kiristaanaa Dubartii akka mana kiristaanatti dhiira akka Kiristoositti ilaalun 'Akkuma Kiristoos mana kiristaanaa jaalatetti haadha manaa keessan jaaladhaa' (Eef. 5:25-26) jedha. Akkaataa Kiristoos mana kiristaanaa itti jaalateen jaalatamuu kan caalu maaltu jira? Hanga du'aatti akka jaalataman gochuu caala walqixxummaa maaltu jira?

4. Dubartootni ergama duuka bu'ummaa bahachuuf qabsuuraniiru. Duuka bu'oota gargaaruun wangeelli akka babal'atu taasisaniiru. Duuka bu'oota abbootaa oomishuu irrattis gahee olaanaa bahataniiru. Fakkeenyaf Ximootewoos kan barate akkoo isaa irraati. Akkasumas bara beektotaa keessa beektota ciccimoo qulqulloota ta'an baasuu irratti dubartootni shoora olaanaa taphataniiru. Fakkeenyaf Abboota Qaaphaadooqiyaa (Q. Gorgooriyoos isa Nuusis, Q.Gorgooriyoos isa Inzinaazuu fi Q. Baasliyoos) ilaaluun ni danda'ama.

5. Dubartootni qajeelummaan jiraatan qulqulloota dahuuun addunyaan kun qulqulloota malee akka hin hafne godhaniiru. Phaaphasotni, moototni qulqullootni, qajeeltotni, wareegamtootni fi qulqullootni biroo kan dhalatan dubartoota irraayi!

6. Dubartootni akkuma dhiirotaa qabsuura afuuraa gaggeessuuf kawaalatti galaniiru. Lola jinnootaa, ulfaatina halkanii, qorra, aduu, rooba obsanii umrii isaanii guutuu qabsuuraniiru.

Walumaagalatti dubartootni utubaa kiristaanumaa fi jireenya dhala namaati.

Kadhannaa fi araarsummaan haadha keenya Durboo Maariyam fi kan dubartoota qulqullaa'oo biroo nu wajjin haa ta'u! Ameeen!

Karaa linkiiwwan gadiin seenuun Miidiyaa yeroo dhiyoo tamsaasa jalqabe kana Subscribe, Join, follow godhaa!👇

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg
➭Telegram Channel►https://www.tg-me.com/Soteriamedia
➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
Forwarded from Gaaffii Keessaniif Deebii (Guutii(G.G))
👏 #Baga_Guyyaa_Du'aa_ka'uumsa lammaffaa Gooftaa keenyan Nagaan Geessan.

"Kiristoos Du'aa Ka'ee, Humnaa fi Aangoo Guddaadhaan, Seexanni hidhamee Addaam bilisoome,  Kana booda, Nagaaf jaalalli Ta'ee""

⁉️Manni kiristaanaa keenyaa Maalif du'aa ka'uumsa lammaffaa jette barsiifti?

Gooftaan keenyaa fayyisaan keenyaa Iyyasuus kiristoos erga  du'aa kahe booda bakka  bartoonni isaa walitti qabamani jiranitti gidduu isaanitti argamee ture. Fayyisaan keenyaa kiristoosis  bu'uura abdii jireenya bara bara kan nuuf ta'e du'aa ka'uumsa qulqulluu kan nuu agarsise, dukaa bu'oonni walitti qabamanii, kadhannan cimaanii abdii isaaniif kenname eegacha waa'ee du'aa ka'uu  Gooftaa osoo ajaa'ibsifatanii " Nagaan isinif haa tahu " jedhen. Gaafa kana Qulqulluun Toomas isaan giddu hin jiru ture. Gaafa inni dhufu dukaa bu'oonni waa'ee du'aa kahuu Gooftaa keenyaa yeroo itti himan amane fudhachu hin dandeenye.

Gooftaan keenyaa aangoo isaati awwala digee erga ka'ee guyyaa saddeeffaan boodas yeroo lammaffaaf bartoota isaati mul'ate. Kanuma irraa ka'uun du'aa ka'uumsa lammaffaa jedhame mana amantaa keenyaa keessaatti akka kabajamu fi yaadatamu kan taasiifame.

Guyyaa kana Qulqulluun Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaanii mana cufatanii utuu taa'aanii, Gooftaan keenyaa Iyyasuus kiristoos dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe. Yeroo kan ammas Qulqulluun Toomaas qaaman arguusi hanga cinaacha isaa waraname fi harka isaa rukkutame argutti amanu hin dandeenye. Iyyasuus kiristoos garuu Toomaasiin, "Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!" jedhe. (Yoh 20:25-27) Egaa waaqayyo guyyaa sana  Laphee Toomaasin bane akka amanu kan taasisee ofii isaati waaqa nagaa wan ta'eef.

⁉️Qulqulluu Toomas maalif du'aa ka'uu gooftaa amanu dide?

Toomas dhalootan warra Aser yoo ta'u du'aa ka'uumsi hin jiru jechuun kan amananii gosa warra Saaduqoota akka ta'ee hin himama. (Maat 22:23) sababuma kanaaf du'aa ka'uumsa Gooftaa shakkee kan ture . "Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" gaafa ittin jedhamu Toomaas immoo, "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?" jedhee gaafate ture.(Yoh 14:4-5) Durse kiristoos kan barsiise hubachuu dhabuudhaan kan raajonni kan dubbatan dagachuudhaan addunyaan osoo hin uumamin Abbaafi Afuura Qulqulluu wajjin kan ture; aangoon,waaqumman ajaju isaan wajjin tokko kan ta'e waa'ee gidiraafi dhiphuu ilma namaaf jecha gara addunyaa kana kan dhufee foonis kan mul'ate addunyaas qulqulluu fooniifi dhiigasaan kan fayyise,Kiristoosin amanuun Toomasitti kan cime har'a garuu ilaalu fi qaqabuun shakkii irra bararameera!

Rakkoon qulqulluu Toomas mudate har'as namoota addunyaa kana heddu burjajeessa jira. Amma dhuguma waaqayyo rakkoo fi dhiphina kana jala nu baasa? jecha kan shakkan baay'eedha. Kun garuu kan hubateef tooftaa seexanaa ta'uu isaa salphati adda baasuun hin cimu. Seexana'el jalqaba soban shakkiin ergamoota keessati uume akka akkasumas warreen shakkan maal akka ta'an namni wallalee hin jiru. Shakkiin nageenyaa nu dhowwata. Nagaa kan argannu garuu waaqayyoti amanuu male waaqa irra fagaatanii miti.

Toomas rakkoo shakkii kana jala kan bahe waaqayyoti siiqe ilaale, qaqabee amanee male waan shakkeef waaqayyon hin ganne. Dhugaa jiru adda baafate waaqumma isa erga amanee boodas" waaqa koo Gooftaa koo"jedhe dhuga bahe. Kanaaf yaa obboloota warri shakkii keessa jirtan shakkii keessa baha waaqayyos amana gara isaatis deebi'a waa'ee isaas dhugaa baha gatii keessan samiirra argatuti.

 
   " Waaqayyo inni nagaa kennus hunduma keessan bira haa jiraatu! "(Room 15:33)

🙏 Waaqayyoof Galanni haa ta'u!

https://www.tg-me.com/Araaraat
#Dilbanni_kees_dhufaa_jira.

1. Pheexiroos duuka bu'aan gooftaaf dhiyoo ta'e walitti aansuun yeroo sadiif ganee jira.

Amma halli yaraan hin jirreetti hiriyoonni kee fira gaariidha. Yeroo rakkootti garuu warra dhugaa ta'an adda baaste akka beektu godha. Yeroo rakkootti si bira yoo hin jiranne hiriyoota kee miti jechuudhaa.

2. Yerooo tokkotti namoonni raajjii Kiristoositti fayyadamanii turan Kiristoosiin irra, yakkamaa Barbaaniin filatan.

Jireenya isaanitiin namoonni dandeetti yeroo gabaabaaf yaadachu qofa qabu. Namoonni baayeen wanta gaarii ati gooteef hin yaadatan. Ta'us garuu gaarummaa sana dhabuu hinqaba ture.

3. Loltoonni sun kan arrabsan, kan itti tufaan, kan itti qoosan eenyuu akka ta'e hin beekan turan.

Namoota hundumaa kabajii, keessattu eenyu akka ta'an warra hin beekne. Namoonni tokkko tokko gara jireenya keenyatti kan dhufaan furtuu eebbifamaan, balbala jireenya keenya eebbifama banuuf ture.

4. Jimaataa awwaalanii turan, dilbata immoo du'aa ka'umsa isaatii.

Guyyoonni gaariin keenya guyyoota yaraa keenya irraa baay'ee akka hin fagaanne osoo beekne xiqqoo jabaannee eegna turre. Obsi! Dilbanni keesse dhufaa jiraa!

5. Kiristoos kan fannifamee hattoota lamaa wajjiin ture; yoo ilaaltu hattoota sadii fakkaatu ture.

Hin Murteessin! warra shakkaman gidduu warri dhugaa miidhaman jiru waan ta'eef. Dubbartoonni osoo hin heerumiin ulfa'aan hunduu sagaagaltoota miti. Kan fannifame hunduumtis yakkamoota miti.

https://www.tg-me.com/Araaraat
#Gadhiifameera

Seenaa daawwadhaa! Baradhaa! Dhaggeeffadhaa!Hubadhaa!

Walaloo afuurawaa mata duree "Eenyutu Hubatee?" jedhu B/saa Misgaanuu Yaadasaa (Dn) tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti!

Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!

Miidiyaa Sootiriyaa👇

https://youtu.be/bGQdJZwX-aU
Maatii Taatanii Jirtuu

➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif!

Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://www.tg-me.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
2024/05/20 15:27:36
Back to Top
HTML Embed Code: