Salafiyyoota Sodaataniiru, Jabaadhaa‼️

(Garee Jeequmsa - Kutaa 4ffaa).

Haasawa Jara Sharrii kan itti fufe dhageeffadhaa.

Maraafuu Yaa Salafiyyoota, Ikhwaanni akkanatti isin Sodaatuu Jabaadhaa!!!

Salafiyyoonni Da'waa Keessan irratti Onnee guutun adeemuu qabdu malee, Sodaan tokkos hin barbaachisu. Sababni isaas:-

1) Rabbiin Warra Dhugaa irra jiru, Kan Akka inni ajajeen isatti amanee isaaf tole jedhe waliin jira, Aduwwii isaanirraa ittisa.

إِنَّ ٱللَّهَ يُدَٰفِعُ عَنِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ۗ
......
📚 إن الله تعالى يدفع عن المؤمنين عدوان الكفار، وكيد الأشرار؛

“Dhugumatti Allaahan Warra isatti amanerraa ni ittisa (Shira warra Kaa^firaa fi Sharrii isaanirraa ittisa). [Tafsiira Muyassaraa]

2) Manhajni isin qabattan Hanga Guyyaa Qiyaamatti Injifattuu taatee itti fufti.
Ergamaan Rabbii ﷺ Hadiisa isaanii, Kan Imaamu Muslima gabaasaniin akki jedhan,

”لا تزال طائفة من أمتي ظاهرين على الحق، لا يضرهم من خذلهم، حتى يأتي أمر الله وهم كذلك“

“Ummata kiyya keessaa (Muslima keessaa) Gareen takka Haala Haqa irratti taaten injifattuu kan taatu hin dhabamtu, kan isaan xiqqeessu isaan waan miidhu. Hanga Murteen Rabbii (Qiyaaman) dhuftutti Haala kana irraa hin dhabaman"

3) Manhaja Salafiyyaa irratti Qabsaahun Kutannoo Jabaa gaafata, Nama irratti cicheef immoo Mindaa guddootu jira.

ﻋﻦ ﺃﺑﻲ ﺛَﻌْﻠَﺒَﺔَ ﺍﻟْﺨُﺸَﻨِﻲَّ ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ ﺃﻥ ﺭﺳﻮﻝ ﺍﻟﻠﻪ ﷺ ﻗﺎﻝ : ‏( . َ.ﺇِﻥَّ ﻣِﻦْ ﻭَﺭَﺍﺋِﻜُﻢْ ﺃَﻳَّﺎﻣًﺎ ﺍﻟﺼَّﺒْﺮُ ﻓِﻴﻬِﻦَّ ﻣِﺜْﻞُ ﺍﻟْﻘَﺒْﺾِ ﻋَﻠَﻰ ﺍﻟْﺠَﻤْﺮِ ﻟِﻠْﻌَﺎﻣِﻞِ ﻓِﻴﻬِﻦَّ ﻣِﺜْﻞُ ﺃَﺟْﺮِ ﺧَﻤْﺴِﻴﻦَ ﺭَﺟُﻼ ﻳَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ ﻣِﺜْﻞَ ﻋَﻤَﻠِﻜُﻢْ‏)
ﺻﺤﺤﻪ ﺍﻷﻟﺒﺎﻧﻲ
🔷 Ergamaan Rabbii (sallallaahu aleeyhi wasallam) - akki jedhan
" "Booda keessan Guyyoota Obsaa (obsuun dirqama keessatti tahu) tu jira. Isii keessatti Sabrii gochuun akka Barbada ibiddaa ganaa harkaa irratti qabachuuti. Nama Isii keessatti kana dalage tokkoof Ajrii qixa isinirraa (Sahaabota irraa) namni shantamni dalageetu jiraafi" (Albaanin Sahiiha godheera)

Eeyyen, Da'waa Salafiyyaa irratti Arrabsamuun, hidhamuun, Godaansifamuun, Ajjee^famuun qixa Ajrii Sahaabota Shantana namaaf argamsiisa!!! Allaahu Akbar‼️

5) Shirri Ikhwaanaa Laamshoftuudha, homaa isin hin gootu.
لَن يَضُرُّوكُمۡ إِلَّآ أَذًىۖ
“isin Jeequ malee Waan birootin isin miidhuu hin danda'an"

- Ni iyyu, Wallaalaa Diinii hin beekne isinirraa deebisuu dandahu. Mallaqa Hawaasa Muslimaa irraa sassaabaniin Kaabinee Keessaa kan garaaf bultu Gubboo/loogii/ nyaachisanii Baatii takkaaf Lama si hiisisuu dandahu. Sana booda Qaamni Mootummaas Dhugaa kee beekee, Ummanni Muslimaas Haqa irra jiraachuu kee hubatee, Haala duraan irra turte Caalatti Injifannoo argattee itti fufta. Iddoo cufatti kanatu tahaa jira.

6) Salafii taanan Amantii kee Karaa Nagaatin barsiisuu qofa malee Ajandaan dhoksaa Kan Ummata biroo fi Mootummaas walitti si buusu hin jiru waan taheef, Ofitti amanamummaa qabda. Gama kanaanis Sodaan tokko waan hin jirreef ...

Salafiyyoonni mataa Keessan ol qabattanii Da'waa Islaamaa ishii sirrii tana lallabuu qabdu.

#SHARE ‼️

© Biiftuu Sunnaa
https://www.tg-me.com/BiiftuuSunnaa/1716

https://fb.watch/rFJdvkqkN4/?mibextid=Nif5oz
Biiftuu Sunnaa️️
Video
Qeesii dhaf Duula bahu,
Sheekii irratti duulu, Ajab Jedhi kaa‼️

Kan akka Abdoosh Aliyyii Kanatu Salafiyyaa irratti duula, Kan Qalbii qaqaa!

Qalbii Ku^frii jaalattee Dukkana Ku^frii tin haguugamte ifaan Islaamaa hin tahuuf. Da'waan salafiyyaa kanaaf isaan laalessiti.

«Warri Kiristaanaa fi Yahuudaa yeroo ammaa kana jiran, Eega Ergama Rasuula Rabbii ﷺ Qeebaluu didan Hundi isaanii Ku^ffaa^ra.

لَقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ
“Isaannan Allaahan - Iisaa Ilma Maryami jedhan dhugumatti Kaf^aranii jiru"

لَّقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ ثَالِثُ ثَلَاثَةٍ ۘ
"Isaannan Allaahan tokko Sadaffaa dha jedhan Dhugumatti Kaf^aranii Jiru"

Kitaabni Wangeelaatis Kan isaan harka isaanii itti galfatanii iddoo hundatti jijjiiraniidha. Namni Muslimaa Qur'aana fi Hadiisaan of gahaadha, Sababni wangeelatti Waamuf hin jiru. Kanaafi Ergamaan Rabbii ﷺ Wayita Umar Barruu Warra Kitaaba irraa taate Kan dubbisu argan Dallansuu hamaa itti dallananii kan dinniinan...» (Fataawaa Sheekh Ibnu Useeymiin fi Saalih Al Fawzaan irraa kan fudhatame)

© Biiftuu Sunnaa

https://www.tg-me.com/BiiftuuSunnaa/1719
Live 🛑 Amma‼️

🔶 Dhamaasa Ikhwaanaa kan tibba kana deemaa jiru irratti Deebisa

🔶 وقفات مع شبهات الإخوان المسلمين

🎙SHEEKH XAAHAA KHADIR

🎙الشيخ طه بن خضر أبو عبدالله حفظه الله تعالى
👇👇👇
https://www.facebook.com/BiiftuuSunnaa
Forwarded from Biiftuu Sunnaa️️
Live 🛑 Amma‼️

🔶 Dhamaasa Ikhwaanaa kan tibba kana deemaa jiru irratti Deebisa

🔶 وقفات مع شبهات الإخوان المسلمين

🎙SHEEKH XAAHAA KHADIR

🎙الشيخ طه بن خضر أبو عبدالله حفظه الله تعالى
👇👇👇
https://www.facebook.com/BiiftuuSunnaa
2024/05/19 18:37:37
Back to Top
HTML Embed Code: