Telegram Web Link
Akkam jirtu lammii koo
Dhabameemiti,callisuus fadhee miti tahuus garu haaluma yerooti.
Yeroo takka takka callisanii muxannoo argatu beeyta Hayyoonni callisanii dhageey fachuu kana baayye faarsu.
Garuu callisuun iddoowwan armaan gadii kanatti callisuun hin barbaachisu.
1 Gaafa haqni baduu
2 Gaafa sobni dirree qabatu
Keeysattu keeysattu iddowwan gurguddoi lamaan kanatti namni niin callisa jannaan sun ogummaa arkachuuf osoo hin ta'in doofummaadha hubadhu
@Biqiltuuu
πŸ”₯Akkas godhii
Deemsa kee eegaluun dura bakka deemtuuf beekhi.
Yoo akkas tahuu baatte kara deemtuu hundaatu miila sigodhata waan ta'ef.
Namoota kaayyoo akka keeti qabuu waliin tarkaanfadhuu,kana jechuun dirqama kaayyoon keessan takka tahuu qabdii osoo hin ta'in kan karora akka keetitti lafa kaayyatee deemsa eegale wajjiin tahi jachuu kooti.
San ta'u baannaan akkuma #Oromoon makmaakte sani dubbiin tee "Raaddi harree jala ooltu dhuufu barti ja'an mitii ree "kan keetiis sanuma taha jechuu.
Nama saahibdu laali filadhu saahibni kee waan ati taate ibsa waan ta'ef.
Namni kamiitu siif hiriyaa keeti kamiitu siif farra keeti addaan baasi beeki.
Hundaa wajjiin imala kee hin jalqabin akkas jatti Oromoon "Namni karaa siwajjiin hin deemne harree siif hin fa'in ja'an" atillee akka deemsa wajjii jalqabdeen hamilee kee kharatti muruu dandahan waan ta'ef ofeegannoo cimaa gochuu qabada
khanuma Ergaan itti fufa ......
@Biqiltuuu
✍ Yaadaaf,gaaffiif,jajjabinaaf,hundaaf πŸ‘‡
@BarisaaaBot irraan argattu.
πŸ‘ŒJireenya keetin gammadii jiraadhu.
⚑️Hiraartuus,gammaduus duniyaan numa dhumti waan ta'e jireenya keetti gammadii jiraadhu.
Jireenyaan gammaduun namoota baayyee biratti wal dhaba gariin jireenyaan gammaduu kana qabeenyafaa likkitti qabaachu,ilmaan fi k.kfdha itti fakkaata siif san tahullee osoo qabeenya hin qabaatin jireenya kee gammachuu arkachuu ni dandeeysa.
Gammachuun duraa jireenya keetin gammaduuf nama kaayyoo qabu tahi gaafa kaayyoo qabaatte ammoo kaayyoo kee galmaan gahuuf laffa'ii gaafa laffaate ammoo firii laffaati teeti yoo argitu bagaan jiraadhe guyyaa kana arge jachuun kee waan hafuu miti.
Jireenya keetti gammaduun siif hiikaa qaba dhugaan siin ja'a rakkoon namoota baayye kan arraa addunyaa guutu shoorar keeysaa jiru keessa tokko kana kanaaf ati nama ta'e nama eegu hin ta'in nama bu'a qabeessa akka taate addunyaa kanaaf bu'aa akka qabdu of amansiisi.
Gaafas jireenya keetti itti gammaduun salapha.
kanuma Ergaan itti fufa.......
@Biqiltuuu
Yaadaf,Komiif,Gaaffiif,HundaafπŸ‘‰ @BarisaaaBot
πŸ’₯Γ›lfina qabaadhu
πŸ‘ŒDhugaa ulfina qabaachuun ulfina namatti gooti.
Namni duuyda adunyaa kanarra jiraatu marti ulfina barbaada.
Atihoo ulfina ni barbaadda?
Namni ulfina barbaadu ulfina namaaf kanna.ati gaa ulfina kana kha qaama baana hin sahin Khabajaan baana.
Mee akkana tahi jireenya jiraattu keessatti nama khabajuu aada godhadhu.
Yoomiyyuu taananan khabajaa hin dhabdu.
Namaaf Rabbiilleen sijaalata yeroo ati khabajaa namtti gootu ,khanaaf ulfina hin dhabin ulfina hin dhabdu.
@Biqiltuuu
Yaadaaf πŸ‘‡
@Biqiltuuu
✍ Abbaa biqilaa
πŸ’₯Dhugaaa Qaroommadhu
Dhugaaf jiraadhu,Dhugaa qabadhu.dhugaaf malee hin bitamin guyyaa tokko ni gaabbita yoo dhugaarra dabde.
Dhugaan kun waan injifatamu sitti fakkaachu danda'a garuu abadan abadan khufee hin hafuu, qallatuus hin citu yaroo eeggata garuu morma siqabuu jiraata warri dhugaa jibbitu marti.Namni gariin dhugaa kana ni jaalata garuu garaa isaatu hayyama godhuufi dide mee gaafi takkaan siif qaba mee kha ammaan dura dhugaa awwaalte dhugaa haadha hiyyeeysaa imimmaan irraa roobsaa turte garaa keef jattee mee arra alala guuriga yoo nama taate.dhiira fakeenya godhadha warrii dhugaa kana qaroomachuu diddan marti keessan namni kan nama tahuun dhugaa isaaf ja'e yoo jiraatedha.
Dhugaa keef jattee yoo wareegamtelle galata Rabbi biraa qabda ati nama miidhamaa waan taateef.
Dhaloonni qubee khun kan barruulees ta'e dhaamsa garaagaraa kan argataa jirtan hayyoota keenya fkn haa godhannuu.
Kanuma Ergaan itti fufaa.....
Join @Biqiltuuu
Hiriyoota keessaniif forward gochuun jajjabaadha.πŸ‘‡ @BarisaaaBot gubbaan jirra
✨Hamilee namoota eegi
Hamilee namoota eeguun nama kamiifu barbaachisaadha.
Nama wajjiin jireenya gaari ta'e dabarsuuf hamilee nama sanii eegun dirqama kee ta'a.
Namoonni tokko tokko iddoo hojjiittis ta'e iddoo biraattiis dogongora namni hojjateef battalumatti itti iyyee sirreeysuufi barbaada gonkuma kun waan tahuu miti beeki.inumaa ilaalchi inni siif qabu badaa badaa dhufa kana jachuun jibbaan isin lamaan jiddutti uumamuu jalqabaa dhufti jechu.kanaaf yeroo dogongoraa nama agartees haa ta'u yeroo ati itti gaafatamaa hojii wahii taate jirtutti namoonni muuxannoo hojii hin qabne si mudachuu dandeya garuu namni san yoo suuta jattee itti agarsiifte hojii boonsaa hojachuu danda'a garuu muxannoo waan dhabeef si aarsuu danda'a ati garuu hamilee isaa eeyde akka inni hojii san itti yaadee galmaan gahuu gochuun si qabdi maalaqa sirraa argatu qofa laalte isaa hamilee xuquun bodarra sumaafu rakkoo ta'a jechuudha.Hiriyaa kees ta'e namoota biraas yoo ta'e ati akka nama tokkootti nama hamilee namaa eegu jaalatu tahi jechaan ergaa koo dabarfadha.

Ergaan itti fufa .....
✍ Abbaa Biqilaa
@Biqiltuuu
Yaada keessan nu biraan gahuuf @BarisaaaBot
πŸ’•Onnee dhiifama qabaadhu.
Midhamuun kees dhugaa,nis rakkatte sillee rakkisanii jiran (jirta) hundinuu garuu ni dabra.
Akka midhamteen hin waartu.
Abdiin kee boruu cunqursaa jalaa akka baatu of amansiisi. garu hijaa san kafalachuuf hin yaadin onnee dhiifama namaaf gootu qabaadhu.
Irra kabajamaan khalqii aalama Nabiyyiin keenya (Sallallahu aleyhi wasallam) yeroo diina isaani injifatanii gara biyya irraa ari'amanii san yeeroo deebifaman namoota isaan miidhe hundaaf irra dabree isaanille booji'e qalbii isaani ofitti harkise.
Ati garuu jireenya kee keessatti yeroo miidhamtu hijaa guura hin oolin bira dabruu danda'i ati nama jabaa onnee qulqulluu tahi.
Kana tahuun garuu nama hundaa olittii nama jabaa sitaasifti beeki.
Kanuma ergaan itti fufa.....
#Abbaa Biqilaa
@Biqiltuuu
Yaadaaf πŸ‘‰ @BarisaaaBot gubbaan ergadha.
πŸ‘‰Rakkoon jabaatte furmaata numa fiddi fiddees jirti.
Mee nama gargaari hamma dandeeysutti nama gargaarun kee dirreetis ta'e dhooysaanis siif deebi'a.
πŸ‘Hin shakkin gargaarama tahurra gargaaraa tahuutu caala.Namni tokko tokko dhiisi boo nama kana gargaartuus gargaaru baattus galata hin beekan ja'a.waahi sigaafadhu ati yeroo nama gargaartu san akka isarraa galata arkattuufi? Akkas taanaan dogongora keeysa jirta dhugaan siin ja'aa.
Yeroo nama gargaartu deebistee galata namarraa hin eeggatin abbaan galataa khophaa jira waan ta'ef.
πŸ‘‰Jirreenyi gammachuu eysa keessa jira nibeeyta gargaarsa dadhabaa keessa jira.
#Akkana_tahi mee gargaaru yoo dadhabdee yaadan cinaa dhaabadhu kanaas yoo dadhabdee dua'iin cinaa dhaabadhu kanaas yoo dadhabdee hamtuutee irraa qabadhuu waan sirraa bahee isaan rakkisu hundarraa fagaadhu jechaanis tahee gochaanis.
πŸ‘ŒKanaaf nama gargaaru jaalladhu.
Kanuma Ergaan keenya itti fufa... @Biqiltuuu
Yannii keessan akkuma aada keessanii haa ta'u asirraan nu arkachuu ni dandeeysu πŸ‘‡ @BarisaaaBot
Odoo dandeeysee ilma namaa ka beeytu cufaaf waan isaan gammachiisu gootee isaanuma gammachiiste san keeysaahi gariin siif diina ,gariin hamtuu sitti hojjata kun amaluma duniyaati. Maaliif haalli kun tahe beeytaa warruma ati isaaniif goote keeysaa gariin hojii ati hojjatte san ifiif hojjachuu fadhaa ture tanaaf sitti hinaafa. Gariin immoo dureen si tuffachaa ture ati guyyaa keeysaa isa caalteeti isa fayyadde tanaaf sitti hinaafa. Sababaan hedduudha wanti namni ati isa fayyaddee inni siif dina tahuuf.

Yeroo takka takka maaltu na taajjaba beeytaa namni kun odoo ifiifuu hinaaffaa namaatiin guuttamee jiruu ,odoo ifiifuu jibbaafii tuffii namaatiin guuttamee jiruu waa'ee hammeenyaafij tuffii nama biraa haasawaa ooluu kana. Mataan kee si malee eenyu qaba yeroo waa'ee keetii dhiiftee waa'ee namaa alalachaa ooltuuf. 😍Namni yeroo hedduu amala namaa irraa irrina qofa haasawaa oolu amala san hedduu ifiif qaba.


"Waaniin an arkachuu barbaada ture ati na dura arkattee? Odoon an si caaluuti ati duubaa kaatee na tartee? Bakkaan an yaamamuu qabutti ati yaamamtee? Waaniin an silaa naan malti ja'ee yaadu ati na dursitee arkattee? Waaniin an silaa godhuu fadhu ati gootee arkamtee? Beekkamtiin an silaa barbaadu ati na dursitee arkattee?..."Eehi" naan jattee..Humaa miti kun fadhii keetiin odoo hin taane fadhii Rabbiitiinii.
#Waan kana cufaan na duursuun kee akkaan si jibbee hammeenya sirratti hojjadhu abaduu nan taasitu. Garuu Ilma namaati waaniin taheef hinaafuun koo hin hafu hinaafullee akka hamaan sirra gahu dhiibbaa sirratti hin godhu si jibbee namni akka si jibbu dhiibbaa hin godhu. An fadhee odoo hin taane Rabbiin fadheeti kana cufa kan ati na dura arkatteef. Aniis guyyaa tokko Rabbiin guyyaa anaaf malurratti waaniin hawwe aniis naaf fida. Ka ati na dursitee arkatte kun kiyya fudhatte odoo hin taane hiruma teetiin Rabbiin na dura walitti si baase" ja'iitii fitti hasaasi namummaa jachuun akkanaatii. Gaafa waan akkanaa fitti odeeysitu tasgabbii arkattaatii
😍Dhaamsi itti fufa...!
@Biqiltuuu
πŸ‘‰ Galma qabaadhu
Jiruun Ilma namaa hundi galma qaba. Namni guyyaa guutuu karaa
deemaa oolee galgala iddoo qubannaa barbaadee gala.
Akkasuma shimbirroowan nyaata isaani barbaada oolani gara dhumatti gara mana saani galu.
Addunyaa keenya irratti taphni baayβ€Ÿee jaalatamaan kubbaa miilaati.
Daqiiqaa sagaltama itti dafqanii hanga dandaβ€Ÿan hunda kan ifaajaniif,
kubbaa ishee waliin fiigan gara galma isitti geessuuf. Kubbaa gareen
tokko galma isitti yoo oofu, gareen biraan immoo galma irraa ittisa.
Kubbaan galma isitti yoo seente malee geeba (waancaa) fudhachuun hin
yaadamu.
Kubbaan galma isii gahuuf humna keessaafi alaa
fayyadamti.
Dursa keessoon kubbaa qophaaβ€Ÿaa taβ€Ÿuu qaba. Kana
jechuun immoo keessoon kubbaa afuura guutuu qaba. Keessi guutuu
miti taanaan hanga barbaadamu deemtee galma hin geessuu hin dandeeysu waan ta'eef .
Kanaaf kubbaa karatti qilleensa haftee tahuu keen dura galma keef jabaadhu ifaaji, galma kee bira ni geeysa yeroo san.
πŸ‘ Kanuma ergaan itti fufa....
@Biqiltuuu
Yaadaf @BarisaaaBot
πŸ’₯ Siitu si'i
Sii ta'u keef of tahii jiraadhu iftahuun kee mataa kees tahe namoota biraatiffille barnoota taha.
πŸ‘ Siin malee jireenyi kee galama akka hin geenye hubachuu qabda.tarii hanga namni biraa sikakaasu eegu malta kun garuu dogongora ati sii malee namni biraa kan jijjiirama keef faayda qabu hin jiruu quba qabaadhu.
Kana jechuun koo namoonni biraa faayda siif hin qaban jechuu koo osoo hin ta'in siif sumaatu gaha jechuu kooti.
Kanaaf siif suma ta'a waan ta'ef jireenya kee jijjiiruuf ifaaji ka'i dadhabbii sitti dhaga'amtu hin ilaalin sababnii isaa ati hanguma kaayyeeyfatte lifaati kaffalta waan ta'ef bakka guddaa gahuu yoo kaayyeeyfatte hanaga kayyoo kee san si kaffalchii beeki.
Kanuma Ergaan itti fufa ....
@Biqiltuuu
Ergaa yaadaaf @BarisaaaBot
✍ Abbaa bariisaa
🀐,,,,,Akkasi laaltee,,,,,,?

#Umrii amma jirtu tanaa gad gaafa turte hiriyyaa tokko qabda turte gaafa hiriyyaa sanii wajjiin jiraattu zalaalam waan addaan baatu hin seene,garuu ammaan tana addaan baataniiti jirtan. Gaafa san Hiccitii namni tokko hin beeyne tan namni biraa akka si duraa dhagahu hin feene takka isatti himatttee turte. Inniniis hiriyyaa biraa ammaan tana hiriyyoomfateeti jira yeroo waan sii wajjiin dabarse hiriyyaa isaa kha ammaa khanatti himu tarii Hiccitii ati gaafa san itti himte inniniis "nama tokkotti hin himin" ja'eeti hiriyyaa isaa kha ammaa kanatti himuu mala. #Ati ammaas umrii amma jirtu kanatti hiriyyaa biraati qabda kha ka duraa san hin tahin. Hiriyyaa amma wajjiin jiraachaa jirtu kanattiis Hiccitii addaa takka himuu malta ykn ganaa himuufii teeysa. #Ammaas yeroo sadarkaa kanarraa sadarkaa biraa takkatti jijjiiramte hiriyyaa haariyaaan wal qunnamuuf teeysa sanittiis hiccituma addaa takka isattiis himuuf teeysa. #Hiriyyaa yeroon walitti isin fidde cufatti Hiccitii jabduu silaa sirraa bahuu hin qabne baasaa baasaa yoo deemte gaafa takka Hiccitiin ati nama biratti dhalchaa dhalchaa deemtu tun deebiteetuma si sheeneeysuuf teeysi...!
#Na amantuus na amanuu baattuus iddoon yoo hiccitii tee itti qabatte itti hin sheenooyne garaa keetiifii garaa kee qofa. πŸ€”Yaadimee Hiccitii meeqa ilaa arraa namatti himteeti meeqa ilaa arraa siif dhokheeyfamtee taa'utti jirti? meeqaatuu bahee si sheeneeysehoo? meeqatu bahuuf ta'a jatteeti shakkiin mataa if nyaachu jirtahoo?πŸ€”
#Waan ifiifuu oobsitee qabachuu dadhabdee namatti himte namni naaf qaba jattee ni yaadda yoo tahe kasaaraa keeysa jirta. #Nama tokkotti hin himin jatteeti nama akkaan jaalattuufii amantu tokkotti himta namni ati itti himte saniis "nam tokkotti hin himin naan ja'eeti nama tokkotti hin himin"ja'eeti nama akkaan jaalatuufi amanu tokkotti hima dubbiin akkasumatti wal qaqabachaa deemti.
#Waan yoo namni dhagahe itti hin gammanne ni jaalattaamii hiriyyaa akka feetetti jaalattu yoo qabaattees itti hin himin.
#Namni ammaa waa odeeysuu malee waa jabeeysuu ka beeku ni takkata !
😍Ergaan itti fufa...!
@Biqiltuuu
Sabboonummaan maali, akkami ibsama?


Sabboonummaan of beekuun
booda waan dhuftu. Osoo eenyummaa ofii hin
beekin sabaan boonun hin danda’amu. Seenaa,
seera, duudhaa fi aadaa ofii erga beekaniin
booda kabajuudha. Hiika eenyummaa erga
beekaniin booda miira nama keessatti
uumamudha. Sabboonummaan jechoota
qindaawanii tarreeffamaniin kan ibsamu miti.
Sabboonmmaan gar dirree hawaasummaa
kanneen akka facebook irratti jechoota
babbareedanii barreeffamaniin illee kan ibsamu
miti. Walumaa galatti sabboonummaan dubbachuu osoo hin tahin miira quuqama sabaatin hoojjachuudha!!!

#Akkasi laal gartee sabboonumman akka khanaa quba qabaadhu xulxul hin ja'inii

Ergaan itti fufa ...........
@Biqiltuuu
Yaada dubbistootaa qebaluuf karaan @BarisaaaBot gubbaan ni jirra.
Ashamaa akkam jirtu ngy Rabbii isin irra haa jiraatu jechuun barbaada kanatti aansun Seenaa dhugaa kan nama aja'ibu isin biraan gahuun keenya hin oolu edanuu sa'a 2:30 irratti nu eega
πŸ‘ŒSeenaa Ajaaibaa

Ani dhalataa magaalaa adaamaati garuu amma
kan jiraadhu finfinnee keessa dha
Seenaan koo baay'ee kan nama ajaa'ibuu fi kan
barumsa guddaa irraa argattan waan taheef
isiniif qooduu barbaade
Seenaan koo akkas jechuun jalqaba....
Ani magaalaa adaamaa keessatti maatii harka
qalleeyyii irraa dhaladhe xiqqeenna koo irraa
jalqabee kophee namaa xaragaa guddadhe
abbaan koo waardiyyaa suuqii nama dhuunfaa
eegu ture haati too hojii hin qabdu yeroo baay'ee
haga humna kootiin kophee xarage harmee too
gargaara ture
Mana barumsaa yeroo baradhus waan qalamaa fi
waan daftaraa jedhee maatii koo cinqee hin
beeku ufumaa kootii oliif gadi badee uf barsiisaa
ture mana barumsaa keessatti ani ilma hiyyeessa
akka tahee fi akka ani kophee xaragee jiraadhu
namni hundinuu na beekan
Haa tahu garuu hiyyeessi mallaqaa fi jireenya
bareeda hin qabne malee hiyyeessi onnee hin
qabu jechuu miti waan taheef akka tasaa hintala
takka irraa jaalalli na qabe isheen hintala
sooressaati abbaan ishee haga tokko qabeenya ni
qaba
Osomaa sodaadhu guyyaa tokko mana barumsaa
keessatti itti siqee akka jaaladhu itti hime yeroma
san fuula ishee gurraachessitee "narraa deemi
maal godhata kun hiyyeessi" naan jette ani waan
ishee jaaladhuuf arraba isheen na arrabsite
homaa natti hin fakkaanne mataa kootiin lafa
ilaala dhiisee biraa deeme
Sana booda mana barumsaa keessatti hiriyyoota
ishee maratti himtee hiriyyoonni ishee natti
kolfuu jalqaban surree/kofoo tee tan eegee
irraan sitti ciccitte tana hodhadhu naan jedhanii
hamilee koo na cabsuu eegalan
Mucattiin ani jaaladhe tun mana barumsaa
keessatti yeroo ani hiriyyoota koo wajjiin deemu
natti dhuftee mallaqa borsaa ishee keessa ol
baaftee hoodhu surree kee ittiin hodhadhu naan jatte jattee osoo olchitee maal waa qaba.

Itti fufa Seenaan ..........
@Biqiltuuu
Yaadaaf
@BarisaaaBot
Seenaa kutaa itti aanu kunoo

jettee hiriyyoota koo keessatti hamilee koo na
cabsaa turte.
πŸ‘‰Guyyaa tokko mana barumsaa keenna keessa
qophiin waan jiruuf ijoolleen martinuu uffata
isaanii jijjiiratanii babbareedanii dhufan hintalli
ani jaaladhes baay'ee tokko bareedde dhufte ani
garuu homaa carraa hin qabu waan taheef
uffatuma ciccitaa koo miiccadhe dhufe
#Booda_yeroo qophiin mana barumsaa xumuramee
namni martuu gargar faca'e ani hiriyyoota koo
akka mucattii tana jaaladhe ni dhoksa waan
taheef hiriyyoota koo jalaa dhokadhe mucattii
jaaladhe tana bira dhaqee ammas akka jaalalli
ishee na dhiisu dide itti himadhe
Guyyaa kana isheenis ayyaanaaf of miidhagsitee
waan dhufteef nama akka koo dhiisaatii dhiirri
bareedaan fedhe yoo ishee dubbiseyyuu waan
jalaa dubbattu hin fakkaattu haa tahu garuu ani
jaalala isheetiin waan qabameef irraa duubatti
deebi'uu hin dandeenne bira dhaqee maqaa ishee
waamee na eegi jedheen
Dhaabattee na eegdee maal barbaadda naan
jette ani simalee jiraachuu hin dandahu si
jaaladhee jira jedheen isheenis akkas naan jette "
sila ati fayyaa hin qabduu? Hiyyummaa kee osoo
agartuu maqaa koo balleessu barbaadda? Deemi
jalqaba garaa keetitti nyaadhu quufi san booda
nama akka keetii hiyyeessa soqadhu jaaladhu
har'a booda karaa ani baheen yoo baate waan si
godhu anatu beeka ani nama akka keetii osoo hin
tahin nama qabeenya qabu nama baratetti
heeruma malee kan akka keetii kana ija kootiin
arguu hin fedhu" naan jette
Ah yaa bada hiyyummaa .....
Ittii fufa Ergaan keenya ......
@Biqiltuuu
Yaadaf @BarisaaaBot
2025/07/02 13:24:04
Back to Top
HTML Embed Code: