Telegram Web Link
Nama bu'aa qabu tahii .
Nama bu'aa qabu barbaaddi arra addunyaan teenya tun atiis nama bu'aa qabu tahii mulladhu.
Eee sumaan baana ati nama bu'aa qabu jijjiiramaaf karaa seente jirta tattaafadhu ni injifattaa.
Miilaan dhoqqeee keeysa jiraattullee yaadaan urjii keessa jiraachuu qabda.
#Eee Urjuma samii keessa tasirraa olfagoo saniin baana.
yaada gabaaba milaa kee jalaa hin yaadin arra waan jiraattuun arkannaan ta boruuf dantaa hin dhabin.
#Akkas jachuun koo ta boruuf yaddawii mataa if dhukkubsi jachuu koo miti Garuu arra jiraadhu boruuf karoorsi jachuu kooti.
Amma siif galee akkas naaf tahi jabaadhu.
#Ergaan itti mudda.......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Kabajamtoota maati chanala keenya akkam jirtu nageenyi Rabbii baaka jirtanitti isin faana haa jiraatu ni bannee mii ee guyyoota muraasaaf amrii duniyaa tana ni beeytanii mi tanumaatu nushaakalee nu ofkolchaaga ergaa isin biraan gahaa jirrurraa akka gammadaa jirtan abdii qabna.
warroonnii keeysaan nutti barreeysa jirtan marti keessan galatooma kan ergaas ta'e yeroo ergaan irraa ture nu hordofaa jirtan galanni keessan hin badin waliiin jirra ammallee
Ergaale garaa garaa kan mata duree irra dubbatamuu qabu barbaachisaadha kan jattan yoo yaada qabaattan asiin nuun gahaa @BarisaaaBot irraan
Dabalatan ergaalee kanneen sahibban keeysan biraan gaha sher sher godhuun
Harka 100 keessa muraasa kan jirreenya isaa kana itti gammadee jiraatu.
warri kanarra hafee ammoo nijiran jechuufis nama dhiba hin jiran jechuufis addunyaarra miilan deeman garuu akkamitti jireenya sani irra akka itti gammadan waan dhabaniif akka isaaniin himallee hunda tahaatuma jiraatu.
Irra hedduu keenya gammachuu ifiif if dhoorkine guyyaa boruuf osoo yaadda'uu kan arraa of jalaa balleeyse kan arraatis haala gaarin hin jiraanne kan boritiis osoo akka yaada isaa hin ta'in bira dhaquuf deema.
#dhugaa baanta arraaf jiradhu garuu boruuf karoorsi kun waan wal makatuu miti garuu osoo ka boruu yaaddu guyyaa arraa balleeysu hin qabduudha.
Kanaaf gammachuun kan jalqabu jireenya jiraattu kana adeemsa jireenyi ittiin deemuun ofuu yoo beeyteedha.

@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yeroo qabdu tana balleeysitee tan biraa hin barbaadin mee yeroon ati amma harkaa qabdu tan ati balleeysite tun deebistee arkachuu hin dandeeysuu.
Meeqa namaati kan eega umriin isaa kuttee osoon tana dalagee osoon san dalagee ja'e gaabbee gabbituus gaabbu baattus si dabartee sanumaa beekhi .
Keeysattuu yeroon tun dargaggeeysaaf shamarran biratti qixa sirriitin itti fayyadamuun hin baramne nama garii yoo taate malee.
Tarii rakkoon kun maddi isaa saahiba kee ta'u danda'a ykn waan biraas ta'u danda'a garuu ati arra #yerootee balleeysitee boru tami taitti fayyadamuuf qabdu tun ? Dhugaadha guyyaan haaraya kan boru itti hojjachuu dhaqqabduudha garuu waan kalee godhuu turte borutti dabarsuun kee rakkoodha.
Ilmii namaa kun waan hunda akka addaa addaatti kanname garuu yeroo tana wal fakkaatadha kennaman. #Ati itti fayyadamtuu itti fayyadamuu baattu #yeroon tee ta ati balleeysite san deebistee hin arkattu.
Kanaaf yeroo kana sirnaan itti fayyadamuun anaafi siis numa qabdi jechuu.
Ergaan itti fufa......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaada keetif ammoo @BarisaaaBot
πŸ’₯Bariin ganama akkuma barihee rakkoon keessa jirru hundi waan itti fufullee fakkaatu abadan abadan inuma bariha feetus jaaladhu ykn niis jibbi .
Rakkoon arra akkadhunfaatti fi akka biyyaattiis harkaa nu qabdu tana keeysa dabarree rakkoo kanaan dura harkaa nu qabdu ta akkasii turte jattee gaafni ati itti seeneysitu dhufumaaf ta'a. Abshiraaaa jallowwan πŸ˜‚
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaadaf @BarisaaaBot
✨πŸ’₯😍😘
#Daqiiqaan takka hiika qaba.
Karooraafii kaayyoo kee dhugoomsuuf waggoota baayyee lakkaawuun qoftiin dirqamaa miti.

Isaan amata guutuu itti laffa'anii yoo waan takka arkatan atiis dirqama amata guutuu itti laffaa'uu qabda wanti ja'amu hin jiru. Yoo siif laafee waan nama biraatti waggaa fudhate ati baatii takkatti dhugoomsitees waa tolee.

Namni tokko tokko "waan daftee arkatte dafteeti gad dhiifta kanaafuu waggoota irratti gubuu qabda akka si bira turuuf" siin ja'an an garuu "Waan argachuuf fadhiifii hawwii guddaa qabdu yoo arkatte ni jabeeysita duraan akka malee hawwaa turte waan taheef kanaafuu waan yeroo dheeraa keeysatti argatan ja'amee yaadamu yeroo gabaabdutti yoo arkattees qeebalii fudhadhuun" siin ja'a.

#Yerotti haa fayyadamnu namni haalaan haalaan yerotti fayyadamu waan yeroo dheeraa namatti fudhatu yeroo gabaabatti arkachuun isaa hin ooluutii.
Ergaan itti fufa....
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Jalqabi
.....Jireenya keessatti nama milkaa'u ta'uuf karoorfachuu qoftiin gahaa miti. Waan karoorfattee akka kaayyootti qabattee sana galmaan gahuuf sossoo'u qabda. Tarkaanfi yoo jalqabdee qofa bakka yaadde sana ga'u dandeessa.
""Kayyoon ati qabdu yoonif hojiin hin deggaramiin haawwii qofa si duraa ta'a.""
..Irra hedduun namaa kaayyoo baasuu fi karoorsuun isa hin dhiibu. Namuufu salphaadha. Kan jabaatu isa dhugoomsuuf imala jalqabuudha. Daandii milkii irratti imala yoo hin jalqabiin bakki ati geeysu tokkolleen hin jiru.
Figicha meetira kuma figuudhaaf jalqabbiin isaa tarkaanfiidha, tarkaanfiin walitti dhufuun dheerina sana si raawwachiisee xumuraan sin ga'a. Atis galma itti gahuu barbaaddu sana bira gahuuf tarkaanfi jalqabuu qabda.
.....yeroo hunda karoorsaa ooluun bu'aa siif hin qabu, kan bu'aa argachuu dandeessu waan argachuu jaallattu tokko argachuuf imala jalqabuudha. Mucaan ka'ee deemuu hin yaalle ol ka'ee diriiree deemu hin danda'u. Namni naggada gaarii argachuu barbaadee ka'ee yoo dalagate malee argachu hin danda'u. Namni beekaa of fayyadee ummata isaa fayyaduu barbaadu ka'ee yoo barate malee achii ga'u hin danda'u.
✍....Karoorsanii hojii jalqabuu dhabuun karoorsuu dhabuu wajjiin garaagarummaa hin qabu. Namni bakki itti adda bahuu danda'u karoorsu irratti osoo hin ta'iin dhugoomsuuf tarkaanfi jalqabuu irratti.......
Waan argachuu barbaaddu argachuuf tarkaanfii jalqabuun akka milkooytuf karaa seenu keeti .
Ergaan itti fufa....
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
"""""Bar akkasii 🌿.....
Jiruun tun ifaaju barbaaddi osoo hin ifaajin waan feetu biraan akkamiin geeysa ?
Akkanaas godhuuni feeta akkasiis duba ati hangam takka laffa'utti jirta.
Namuu waanuma facaafate murata yeroo ja'an naannoo keeysanitti hin dhageenye yoo hindhagayin amma dubbiste kanaaf ifaaji muradhuu ka'i.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Aalama Dunyaa kana keessatti namni nama faayda qabu tahuu barbaadu #qabxiile jahan (6) kana qabachuun dirqama
1 Hirriiba xiqqeeysuu: -
Mee nama hirriibaan seena galmeeyse naaf barreeysa sheena yoo taate malee akkana yeroo jannuu hirriiba dhiisu osoo hin ta'in namni rafee #jijjiirama fide waan hin jirreef yeroo tee bayyee hojii fi shakalaan dabarsuu qabna.

2 Abdii khutuu : - Galmi arra karoorsite boru siif guutama abdii hin kutin tattaafadhu ni injifatta. Irra deebi'i yaali hamilee dheeradhu laffa'i ni milkooyta.
3 Sodaa: -Sodaan miira ilmaan namaa hundaa keessattillee yoo argamtee humnaa ol sodaa qabaachuun gaari akka hintaane atuu ni hubatta ja'een yaada.
4 Aara injifachuu: -Aaraa oolun fayyaa keetifu dhiibba akka qabu ni beeyta.
jiruun aaran guutamtee deemsi isii gabaabaadha hanga jirtu seequ fi aari injifachuuf yaali.
5 Hifannaa ofirraa dhiisu: - waan hedduu jaallata, kaayyoo ,karooraas bayyee qabda kanaa waliin hifannaan keeto maali ree namni waa baayyeen kun isa eegattu akkamiin hifatee irraa ta'a waan jalqaberraa.
Kanaaf hifannaa gatii bira tarii milkaawa namaa ta'i.
6 Rincicuu: -Inni dhumaaf inni goolabaa kun waan qabdu mara itti rincicuu beekumsaas haa ta'u qabeenyaas anuma qofa jachuu kuniis rakkoodha kanas firra dhiiste nama waan qabnuutu nuuf gaha jechuu danda'u tahuu qabda.
Ergaan itti fufa......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaada keef @BarisaaaBot
.....Nama ajaiba yeroo fedhii lubbuuf gabroomnu .
#Dhiirti adda isiidhatti rasaasa yoo qabatte hin jilbiffanne fedhii lubbuu isaa jalatti yogguu khufu nama hin naasisu? Nama naasisa dhugaa.
mee hanga dandeeysutti fedhii tee injifadhu nama tahi.
nama jechuun kan fedhii isaa injifateedha.
Ati fedhii daqiiqa 20 hin geenyef jattee sa'aa 24 gubda.
akkanaatu sibaasaree ......
Ergaan itti fufa........
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
πŸ’₯ Namoota siwajjiin jiran kana qadrii saani beekhi .
khabajaa isaaniin maltu kanniif isaan irratti of olhinfufuudhin.

#Tarii ati nama beekumsaan isaan caalu tahuu dandeeysa taatus waahe beekumsa keeti irra daddeebitee dhaadheysa hin oolin.
Qomatee(onnee) tee isaanif bani osoo namni sitti dhiyaatu sanilleen #amala badaa qabaate bodarra kee kana dhaalchisuun waan hin hafneef.
Namoota sitti dhiyaatan kana yeroo isaan siwajjiin haasawuu barbaadan yeroo kanniif isaan dhageeyfadhu ati isaan dhageeyfachuun #miira nama sitti dubbachaa jiru san ni hawwata waan ta'ef.

#Jireenyi akkanatti namaa wajjiin jiraattu jiruun tana caaltu waan hafte hin seetu gammachuun namni barbaadu tana.
Ergaan itti......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
karaa Yaada kee ittiin ibsattu @BarisaaaBot
Fageeysii laali
Arraaf qofa osoo hin ta'in fulduree keetifis yaadi.
Dhugaa keeti ta boru maal akka taatufi maal akka gootu Rabbiitu beekha tahuus garuu boruuf fageeysitee laalun baayye barbaachisadha.
Jireenya kee karoorsii jiraadhu jiruun karoora hin qabne jiruu mitii.
Jijjiirama keef yaaddawi .
Fageeysii laali bira geeysa.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaadaf @BarisaaaBot irraan naaf erga
Akkuma halkan bariisa qabu rakkoonis furmaata qaba.
Ati gaafa galgalatti seentu nibarihaa shakkii wahi irraa qabdaa? Hin qabdu akksuma rakkoon amma keeysa jirtu kana bira kuttee seeneysitee yaadachuuf teeysa.

🌿 Rakkoon jiraattee osoo hin ta'in rakkoo guddoo sumaatu fitti tahaa beyta saniifi.
Rakkoo tee guddistee laalu dhiiste irraa barattee itti deebi'uu yoo baatte ati nama bilchaataadha.
Ergaan ittuma .....
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yooniin lubbuun jiraadhe dandiin ful dura koo jiru dheeraadha. Diriiraa odoo hin taane oloofii gadoodha. Gufuufii qoreen guuttamaadha. Niin imala natti toluus natti hammaatuus. Gaafaan jalqabu "hin kufu" ja'ee hin jalqabne "yoon kufees achitti hin hafuu dhiibadheen ka'a" ja'een jalqabe. Waadaan qaba !
#Dogongorri koo kaleeysaa darbeeti jira arra hin sirrattu...!

Tarii odoon bakkaan hawwe hin geenye duuti na dhufuu malti garuu haalaan an abdii kutee harka maradhee taa'uun akka natti hin dhufneen hawwa. Kanaafiin jiraadha du'uus akkasittiin hawwa. Jireenyi amaanaadha dhaloota na dhaaluuf maqaa koo waan takkaan dabarsuuf waaniin dandeheen niin carraaqa. Dandeeytiin too gadi bu'aa humni koo dadhabaa tahuun waan na dhaabuu miti. Ani ana waan ana egutti jiruutu jira.

Jiruu mataa ifii irra dabranii namaaf jiraataniin jiraadhaa guyyaan jalqabu boru ykn iftaan miti ammaa. Yoon lubbuun jiraadhe hawwiin koo cufti guy yokko ni dhugooma
Yaa Uumaakoo na gargaari ati.
Ergaan itti fufa....
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
""""Siifi ee sumaafi,,,,,,

😍Akkuma ganamni galgalatti, galgalli ganamatti jijjiiramutti ilmi namaas sa'a sa'atti, "second second"itti jijjiirama.
#Inni arra harka siif dhahu boru harka sitti dhaha. Inni arra si jaalatu boru si jibbuu mala. Inni arra si duuba deemee gaarii tee odeeysee si dhaadu boru si duubaa si eeybeeysuu mala. Hin amanamu ilmi namaa.

πŸ‘ŒKanaaf waan itti amante waan "narraa bareeda namni narraa itti fayyadama" jattee yaaddu hojjadhu ee hojjadhu. Daanguma Uumaa(Rabbii) keetii qofa eeggadhu malee ilma namaatiif jattee eenyummaa kee xiqqollee hin jijjiirin "please please" waan kana onneerraahiin siif barreeysutti jiraatii narraa qeebali.

πŸ‘ˆAti ati isaaniis isaani. Atiis waan itti amante hojjadhu, yaadiis, dubbaadhuus. Isaaniis waan fadhan haa sirraa tilmaamanii dantaa isaaniitii😏

#Namni ammaa "akkaan an dubbadhutti dubbadhu, akkaan an yaadutti yaadi, namaan an deeggaru deeggari, namaan an jaaladhu jaaladhu. Walumaa galatti wanti ati hojjattu kamuu naaf tahuu qaba miira kiyya hordofuu qaba kanaaf karaa naaf tahu irra imali" siin ja'a. Duboo ganda guutuutuu akka ati akka isaaf tahutti jiraattu sirraa fadhaatii karaa eenyuu qabatteeti karaa eenyuu lagatta? Yoo isaan dantaa dhabde qofa hafuura baafattee jiraatta. Si deeggaraniis si mormaniis humaa takka jatteeti deemtaπŸ‘
#Khalaas kanuma xumure.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Ofii ja'ii tattaafadhu hanaga yoom akka namni sidammeeysuuf fedhii qabda.
hin hawwin namni si kakkaasu gaafa irra daddeebi'ee sikaadu akkasumatti dadhabaa dhufaa quba qabaadhu.
....Carraa qabdu hundatti fayyadami.
πŸ‘ Carraan waan ta'anii dhufu osoo hin ta'in waan sochii keessa dhufuudha.
✨ Carraan hojiin malee dhufu ni jiraa sa ? Jiraachu mala garuu carraan osoo hin ifaajin galma gahuun isaa ifumaafu #carraa tahuu danda'a.
Namni hedduun carraan jireenya keessatti namatti dhufu kun carraa osoo ciqileerra jirtuu waan namatti dhuftu fakkaatti tahuus garuu waan osoo ati #ciqilfattu sitti dhufu osoo hin ta'in hojii kee keessatti waan si qunnamuudha.
Kanaaf carraa jireenya keeti hojii tee keessatti barbaadi.
Siif barreeyse gaa an if biraa yoo sibiratti haftefaa malee.

Ergaan itti fufa.......
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaadaaf @BarisaaaBot
......Barii ganamuhunda jijjiirra keetif mullata yoo ati itti jijjiiramuu hawwii qabaatte .
Ilmi namaa osoo hawwiif fedhii qabaachu baate jireenyuma kana keessatti nama tahee yaamamuun isaa nama shakkisiisa .
Fedhiif hawwiin qofti bakka yaaddeen sigahaa osoo hin taane tattaaffii qabdu irratti hawwii fi fedhiin kee akka galma geeysu sigodha.
Kanaaf hawwii fi fedhii kee maddisisifadhuu itti muddi.....

Ergaan ittuma fufa.....

@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Yaadaf @BarisaaaBot
πŸ˜„ Jireenya kana yeroo takka takka itti seeqimee gaddaa hin oolinii silaahu akkuma ormi keenya baanu duniyaan sagalii waa guutu hin qabduu if hin dhiphisin.
#Nama jiruun tun galteef tahi namni jiruun tun galteef nama jireenya kana keessatti gaddaaf gammachuutu jira waan ta'ef lamaanirra carraan gaddaa yoo na mude aniis hiraarin gadda biraa irratti dabaluu hin qabuu ja'e qofa.
kanaaf jireenya dhandhamuun boqonnaa sammuu feeti gammadii jiraadhu Rabbi qabdi boo ta ati dadhabde.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
πŸ’₯ Imala jireenya gaafa yaabbattu galma keetti gahuuf wanti ati hin taane hin jiru.
nama si hin geenye hundaan tuffatamtee gufuun ati hin yaadin hundi karaatti siif baate si kuffisuuf yaaltullee ati nama rakkoo si qunamtu maraaf furmaata qabu tahi.
Gaafa furmaata itti kannitee bira taruu kee beeyte gaafas imala jireenya gubbaa baate jechu.
Abshiraaaa.........
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
2025/06/30 06:59:32
Back to Top
HTML Embed Code: