Yoo dhi'us, yoo bari'us, cina kiyya jiraattus, narraa yoo fagaattus, ani sin yaada; maqaan kee guyyuu afaan koorraa hin badu. Ati dhimmoota koo warra hangafoo keessaa ishee tokkodha. Natu si dagate jechuun naaf abjuudha; si jibbuunis waan hin yaadamne. Anumti kun, "Osoon si jibbeera" siin jedhee, atiyyuu nan amantu; na beektakaa, jaalalaa fi kabaja an siif qabu quba qabdaka. Anis sababan ittiin si jibbu gonkumaa hin qabu. Taateen kee, isa kaleessa qofa akka jaallatamtu godhee, har'a akka jibbamtu godhu miti; har'as caalmaatti akka jaallatamtuuf isa si deggerudha. Boris taatee ati raawwattu daran akka jaallatamtu akka godhu hin shakku; sidha bar, ishee an gaarummaa ishee malee hammina ishee hin beekne!
Si jaallachuun bar carroomuudha; siin jaallatamuunimmoo si jaallachuukoo sanatti na hamileessa; humna natti hora; dabalee daddabalee akkan si jaalladhuuf na utuba. An osoon, "Sirraan hiiqa" jedheeyyuu, simboon kee, garraamummaan kee, kabajni kee, taphni kee, gorsi kee fi hubannaan kee wal ta'anii, iyyanii na waamu; sitti na harkisu; "Isheen, nama irraa hiiqan" miti naan jedhu. Kanaafidha, kan ati jibbamuu hin dandeeenyeef!❤ Jedhanii namni barreessaniif utuu jiraatee, akkam gaarii ture.🙄
♤ Degaga Fikiru Gimbii 🌄
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa

❤23
  Haala kam keessayyuu yoon jiraadhe wantiin ani yeroo hundumaa yaadu si qofa dha. Ati guyyaa koo bareechita. Ati bara koo qajeelchita. Ati jiruu koo mijeessita. Kaanaafuu si jaalachuu dhiisuu akkamiinan danda’a?
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa
❤14👍2
  Ati anaaf adda
Ati kennaa koo guyyaa rakkooti.
Ati gonfoo koo yeroo ulfinaati.
Ati hirkoo koo guyyaa cabaati.
Ati Giiftii koo bara baraati
Ergaa Jaalala keessan kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 fayyadamaa.
@Dambalii_Jaalalaa
❤21👍1
  #JECHA_KANA_GUDUUNFADHU❣️
***************************
1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalaatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasaan hin ajjeesin.
6. Kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa gaariidha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha❗
10. Hiriyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan qooddatu waan ta'eef ilaaltu hin fagaatin.
16. Jecha caalaatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessuun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaataadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekuun gaarummaa loogii hin qabneedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetiin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'aniidha.
21. Oonnee kee qulqulluu godhi! Maaliif jennaan
foddaa ala ittiin illaaltu.
➦Waan Dubbistaniif Galatoomaa🙏

❤27😁1
  Yaa gaaddoo koo...
Bara jiraattu hunda dhugaaf akka jiraattun sin jedha. Addunyaan kun namoota dhugaatti cichaniif bakka mijattuu akka hin taane wallaalee miti. Sana inuman beeka. Addunyaan kun dhagaa sobaan bu'uureffamtee, keenyan sobaan ijaaramtee, utubaa sobaatti hirkattee jirti. Addunyaa goodaa hanga gararraatti ribuu sobaan walitti hidhamtee jirtu kana keessa jiraachaa dhugaaf jiraachuun gatii hadhawaa akka si baasisu nan hubadha. Garuu waan tokkotu jira: Jireenya sobaa jiraachuu irra du'a dhugaa du'uu wayya! Maal jechuun barbaade seete? Nama jireenya sobaa jiraatu irra isa du'a dhugaa du'etu seenaa qaba.
Carraa argatte hundaan soba balaaleffadhu. Hiriyyoota sobaa naannoo kee jiranis adda baafadhu. Obboloota dhugaa warra sobaa irraa adda baafattee beekuun hojii salphaa sitti hin fakkaatiin. Sababni isaas uumama Waaqni uume keessaa kan akka dhala namaa sobee fakkeessu hin jiru. Keessoo sobaa irratti bullukkoo dhugaa uffatanii, namoota dhugaa otoo hin ta'iin of fakkeessanii kan jiraatan lakkoofsa hin qaban. Ati immoo ala isaanii malee keessa namootaa arguu hin dandeessu. Maaliif? Ati Waaqa miti; nama qofa waan taateef.
Hiriyyaan dharaa qoraattii dhoqqee keessaan tokko. Gaarummaa isaa isa inni fakkeessuuf sitti agarsiisu malee hammeenyi onnee isaa keessa jiru sitti hin mul'atu. "Obboleessa koo!" siin jechaa boolla qotee itti si darbatan. Diinota dhugaa naannoo kee jiran caalaa obboloota sobaa si marsanii jiran sodaadhu. Xiyyi daran si madeessu kan diina kee otoo hin taane kan fira kee isa sobaati.
Ganama ganama gaafa hirriba irraa kaatu, "Yaa Waaq diina koo anuu beekaa fira koo isa sobaa na irraa eegi!" kan jedhu kadhannaa kee keessaa hin hambisiin. Diinni kee yoom iyyuu gaarii akka siif hin yaadne waan beektuuf hamma dandeesse irraa of eeggatta. Diinni ati irraa of eeggachuu hin dandeenye diina kee isa fira fakkaatee sitti dhi'aatudha.
Yaa gaaddoo koo...!
Ani garuu irra deebi'een siin jedhaa dhugaaf jiraadhu. Dhugaaf qofa! Gaafa dhugaaf jiraattu karaa hedduu miidhamta. Kuma keessaa tokko hiriyyaa dhugaa waan hin arganneef, dhugaa yoo filatte qofummaaf saaxilamta. Dhugaan fira baay'ee hin qabdu. Karaa dhugaa irra namoota muraasa qofatu imala! Karaan dhugaa dhiphoodha; bu'aa ba'iitu itti baay'ata; beelaa fi dheebuu qaba; hin miyaa'u ni hadha'a! Ani garuu nan jedha: kuma wajjin daandii sobaa deemuu irra qofaa kee karaa dhugaa irra deemi. Cittee gaafa dhugaatti haftu gatii baasta. Gatiin ati dhugaaf dhaabachuuf baastu garuu gatii lafatti badu miti. Gatii dhalootaaf bu'aa qabudha.
Jireenya kee keessatti ejjennoon dhugaa irratti qabdu dhaabbataa haa ta'u. Haala, yeroo fi nama ilaaltee dhugaa hin gurguriin. Lubbuu kee kan si gaafatu illee yoo ta'e dhugaaf gatii baasuu hin sodaatiin. Har'as ta'u bor gaaf tokko du'uun kee mirkana. Yoo baay'ate ni bubbulta malee akkuma nama kamuu atis inuma duuta. Kun hiree uumamaati. Du'a gaaf tokko hin oolle sodaatte dhugaa hin ganiin. Yaa gaaddoo koo...
Dhugaa haala qabatamaa dhala namaan wal hin qabsiisiin. Namni ati garaa irraa jaallattu waan dubbateef sobni dhugaa hin ta'u. Faallaan kanaas akkasuma. Namni ati garaa guutuu jibbitu dhugaa yoo dubbate sun soba hin ta'u. Maal jechuu seete kun? Sobni nama ati jaallattuun dubbatame yoomuu dhugaa hin ta'u; dhugaan nama ati jibbituun dubbatames yoom iyyuu soba ta'uu hin danda'u! Baay'inni deggertootaas gama kanaan dhiibbaa uumu hin qabu. Namoota sagaltamii sagaliin waan dubbatameef sobni dhugaa hin ta'u; nama tokko qofaan waan dubbatameef immoo dhugaan soba hin ta'u. Laali gaaddoo koo: haala kam keessattuu, yoomuu, iddoo kamittuu dhugaan dhugaadha; sobni immoo soba. Kanaafuu, firooma kee soba irraa hiikkattee dhugaatti akka hidhattun sin jedha
Ani har'a waan hundumaa dhabeera siif garuu waanuma hundaman hawwa obboleessa kee bosonaa dha ( site engineer) hidha laga arjoo dhedheessaa irra tti.

❤27👍1
  “Kun intala koo mitii?”😭
Barruu kana gaafan caafu, mucayyoo durbaa waggaa jaha dura mukatti of rarraastee lubbuushee galaafatte tokko yaadadhee, utuu imimmaan ija kiyya keessaa jiguuti. Taliila bareedduu ‘si’ilii Maariyaamii fakkaattu, kan haadhaaf abbaa isheetiif dhala tokkittii taate; ‘miskiina’ haadhashee qoraan gurgurtee ishee guddifteefi, abbaashee mana fincaanii qoffaree maallaqa argatuun maatiisaa kana bulchu gara jireenya gaariitti fiduuf jettee barumsashee adda kuttee biyya Arabaa deemtee waggaa 6 hojjattee galtee, utubaa mana warrashee kan Araba teessee ijaarteefitti of rarraaste -Hangaatuu Waaq-jiraa sammuu kiyyatti fidee utuun boo’uun isiniif caafaa jira.
Hangaatuun intala maatii harka qalleeyyiirraa dhalatteeti. Haatishee qoraan baattee gabaaf dhiyeessiti. Abbaanshee mana namaa ijaara, boolla fincaanii namaa qota, qoraan ormaa funaana. Isheenimmoo haadhaaf abbaa akkanaarraa dhalatte. Hanga kutaa 5 baratteetu, sa’a tokkittii maatiinshee qaban gurguraniifii gara biyya Arabaatti ergan. Dhaqxee maatiishee kanatti mana ijaaruuf, ammoo jiruu isaaniis fooyyessuufi. Biyya Joordaan imalte. Waggaa 6 achi hojjatte. Haadhaaf abbaa ishee kanniin kaleessa baadiyyaarraa gara magaalaa Aanaatti ‘qansiraa’ hojjatanii, galaniimmoo godoo sutaarraa ijaaramte keessa bulaniif magaalaa godinaatti lafa bittee mana ijaarteefiitti. Abbaa isheef mana mukaa bante, haadha isheefis suuqii bante. Amma reefu, “Rabbi baga dhala nuu kennite!” jedhanii jiru, haatiif abbaanshee!
Kana ergii milkeessitee booda maallaqa hojii xinnoo banachuuf ishee dandeessisu qabattee gara magaalaa haadhaaf abbaanshee jiranitti sanatti galte. Achi biyya Arabaa utuu jirtuummoo ‘online’ kanarraan gurbaa dhiiraa tokkoon walbartee hiriyaa jaalalaas godhattee turte. Gurbaa kana waan baay’ee deeggarteetti. Dhufteemmoo bakka haatiif abbaanshee jiranitti wajjin gaahila dhaabbachuuf yaadde. Gurbaanis kanaaf eeyyamamaa ture. Marga ergisiifte, innis akkuma duudhaa hawaasa naannichaatti namoota ergee kaadhimmate. Garuu, dabni tokko jira. Namootni gurbichaaf waraqata fidan kan hawaasni naannoo sanaa beeku miti (Hiriyootasaa wajjin saaman kanniin dhalootaan naannoo sana hintaaneedha).
Maatiinshee, “Maanguddoonni maaf hin dhufan, abbaa hin qabuu mucaan isaan maaliif hin dhufan?” gaaffii jedhu itti kaasan. Hangaatuunis gaaffii maatiishee kana hiriyaashee dhiiraatiif dhiyeessite. Gurbaan duraanuu dabni sammuu bahe kun irratti baramuusaa waan bareef magaalichaa baqatee, bilbila cufatee bade. Turtii ji’oota muraasaa booda isheetti bilbile. “Qullaa suura keetii kan yeroo Araba turte naaf ergite sanan fidee haadhaaf abbaa keetti agarsiisa moo, maallaqa haganaa naaf galchita?” ittiin jedhe. Kadhattee dadhabnaan maallaqichatti walii galtee; gurra haadhaaf abbaashee kan duraanuu hiyyummaan arrii itti biqilche balleessuu hin barbaadne. Maatiishee reefu kolfuu jalqaban battalumatti boochisuu hin feene.
Marsaa 4 ol akka sanaan maallaqa gaafatee, isheenis ergaafii turte. Boodarra maallaqichi dhume. Gaafa maallaqa fixxu gurbaa kadhachuutti deebite. Gurbaan garuu, nama sarmu hinturre. Hiriyaansaa duraanii; jaalalleensaa kan hamaafi gaarii wajjin dhamdhaman; kan qullaa isaanii baafatanii qaanii tokko malee wajjin bulan sun birrii kaffaltu dhabnaan, foon kaleessa jaalatee haammate sana raqa godhee bakkeetti gatuuf abbale. Karaa hiriyootaafi fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa social media kanarratti qoodan. Qullaa qaama isheetii kan yeroo jaalalli maraachaa sana waliif ergaa turan sana ‘copy print’ godhee baay’isee dallaa maatiisheefi, magaalaa isheen keessa jiraattu kana keessatti bittimse. Abbaanshee hirribaa ka’anii lafa hojiisaanii deemuuf yoo bahan karra gubbaatti suura qullaa intala isaanii kana argan. Ol deebi’anii intalaa fi haadha warraasaanii yoo agarsiisan harmeen intalaa kan duraanuu dhibee gaggabdoo qabdu battalumatti kufte.
Intalli isaanii naasuu manaa baatee yoo fiigdu safarri isaanii hundumtuu suura isheeti.

❤20
  Harmeeshee ija isaanii fuulduratti kufte, “Duutemoo jiraattee!” utuu adda hin baafatiin, baadiyyaa qe’ee abbaashee durattii, iddootti hiyyummaa wajjin jaalalaan jiraataa turaniitti galtee halkan dukkana utubaa godoo isaanii durattii (Kan abbaanshee, “Utubaa manakoo hin jigsu” jedhee achumatti dhiise) tokkootti rarraastee of a-jjeefte. Haadhaafi intala guyyaa tokko boollatti naqee gale, abbaanshee. Dafqi gola haadha ormaa, gammachuun yeroo gabaabduu Haadhaafi abbaashee taatee guyyaa tokkittiitiin dukkana uffate. 
Abbaanshee maraatee uffata gate. Har’a magaalaa isaanii sana keessa maraataan tokko jira. Maraataan gaafa hundumaa dubbiin akkas jedhu afaan isaatii hinbuune tokko. “Kun intala koo mitii, ija kootimoo Haanguu tiyya kuni?”. Abbaanshee sun har’a lubbuudhaan jira. Garuu, maraatuudha. Maraatuu badduu bahe! Gurri gaafa Masqalaa duude Iyyoolee jechaa hafa akkuma jedhan, har’as abbaan intala sanaa, jecha gaafa qullaa suura intalasaa lafaa fuudhee, “Kun intala koo mitii?” jechaa manatti ol deebi’ee sana dubbachaa hafe!
“Jaalalli, nama jaalatan dabarsee salphinaaf hin kennu”😭🍷🚶

❤15
  ❤8
  Ati jireenya koo keessa waan jirtu qofaaf jireenyi koo guutee irraa hafaadha. Siin kan naaf laata inni yaa ulfaatu. Rakkoowwanii fi dhiphinoota addunyaa tanaa siinan dagadha. Ati iddoon itti aara galfadhudha. Jiraachuun kee qofti anaan nama guutuu na taasiseera. Sin Jaaladha.
@Dambalii_Jaalalaa
@Dambalii_Jaalalaa
❤15
  
  Dambalii_Jaalalaa❤️
Jaalalli isiniif maalidha? Akkamitti ibsitu?
Gaaffii olitti sin gaafanneef namootni deebii armaan gadii nuuf laataniiru.
1. Jaalalli akka misaa’elaati, Sodaachisaadha.
2. Jaalalli namoota hundaaf hiika sirrii tokko hin qabu. Garuu nama jaalatee jaalala argeef hiikaa dhuunfaa kumaatamaan lakkaa’aman qaba. Akka miira koo yerootiin Yoon hiikkadhe, Jaalalli anaaf Naasuudha / Rifaatuu gammachuu makatedha.
3. Jaalalli wal beekurra waliif beekudha. Wal hubachuudha.
Isiniifoo Jaalalli maalidha?

  Jaalalli ani siif qabu hammaan hin ibsamu. Sababni isaammoo jaalalli hangana jedhamee ibsamu jaalala sobaati. Bakka sana yoo ga’e ni dhumata. Ani garuu jaalala dhuma hin qabnen si jaaladha.
🥰11😁7🥱5❤2
  "Jechakoo haqaan mi'eessee,
Gochakoos ragaaf dhiyeessee,
Kee ta'uukoo, meeqa iyyee, meeqas wacu
Deebisnikee, maaf hin taru, seeqa bicuu?
Yoon maal jedhe, kan sit' ho'u?
Mee maal godhu? Maal siif ta'u?"
Jettee gaaffii, of uddeelta,
Dhaba deebiif, mufiin eelta.
An'kee garuu...
Si na seentuuf, gola banee,
S amanuukoo, amanee,
Seeqaan simuuf ennaan hawwu,
Seenaan qaba, eelaa jabaa, seeqa dhowwu!
Dura... Dura...
Hin-akeekneen, gocha namaa,
Hin-shakkineen, jecha lamaa,
Bar "Sin jaalladhaa" qofaani
An hiddamaadha bofaani!
Erga sanaa...
Kunoo dhaabbiin orma dheessee,
Ulee gaabbiin of madeessee,
Eelaa dhii*gu, waakkiin baadha,
Qummaaduunkoo waan guddaadha!
Beeki kuulle...
Adda taatee, gaaf banattu, dallaa cufaa,
Gaafas deebiin, jechaan miti, gochaan ifa!
Deebii feetu, gurraa dhabdus, dharraa'n deegin,
Si amanus, "Sin amanaa" narraa'n eegin!
🙅🙅🙅
Aaga Guddaatii

❤16💯1
  (Anamoo- si'i😳)
Dhufteettan si se'a
Ulaa tarkaanfataa
Yoon 'bir' jedhee ka'u
Dukkanat'dhaabbata!
(Anaa deebi'ee
Takka sillim jedhu..)
Deemsakeet na kaasa
Anatti qaxxista
Harka natti hiixatta
Dunquqquu kiyyatti,
Dhokachoo taphatta!
Yaadannoon na guuttee
Yaada koon taphataa
Kan abjuun argaakoo,
Maseenee gaanga'e
Turi,
Tarii anamoo-
situ abjuu ta'ee?
...
@Dambalii_Jaalalaa
Dhufteettan si se'a
Ulaa tarkaanfataa
Yoon 'bir' jedhee ka'u
Dukkanat'dhaabbata!
(Anaa deebi'ee
Takka sillim jedhu..)
Deemsakeet na kaasa
Anatti qaxxista
Harka natti hiixatta
Dunquqquu kiyyatti,
Dhokachoo taphatta!
Yaadannoon na guuttee
Yaada koon taphataa
Kan abjuun argaakoo,
Maseenee gaanga'e
Turi,
Tarii anamoo-
situ abjuu ta'ee?
...
@Dambalii_Jaalalaa
❤20
  Jaalachuun yeroo hunda argachuu miti, jaalachuun dhabuuf of keessaa qaba. Si dhiisuun koo agarsiistuu jaalala koo isa dhugaati.
🥰19❤7😢5👍1
  Eenyumtuu akka kootti si jaalachuu hin danda’u. Eenyumtuu akka kootti sin kunuunsu. Eenyullee akka koo keessa kee siif hin beeku. Eenyumtuu akka koo siif hin dhiphatu. Eenyumtuu akka kootti siif si caala hin dhimmamu. 
@Dambalii_Jaalalaa
@Dambalii_Jaalalaa
❤6
  Anis harras Boris sin jalladha zal koo turtni  jalala rara.a Kun asi jalqaba Ani muca wallaga bahati ishiin mucaa jimma Anna sigimoti kan nu wal barree jimmati Ani hojii Garra sana ramadame ishiin immoo baratuu university jimma damee Agri turte achiti hiriya Ani bayyee bayyee jalladhu yeroo wajjiin turee mucaa nannoo tokkoti wajjiin dhalatan guddatan kan wal na barsisa achi boodaa anis miseensa police federal Ture guyya ishii argee kasee mucaa simbo qabetii bayyee barreduu waan turtef bayyee jalladhe Ture 
Anis gaffii jalala jechoota gagababo fayyadame Nan dhiyesefi ishiins yeroo murasa booda waan hundaa isaa nati himte anis bayyee gammade waan yaddee waan na milka.e nati fakkate heduu waan ishii jalladhuf yeroo hundaa ishii waln dabarsuf murtese
Waan hundafu ishiin baruumsa ishiit akka cimtuu hawwii koo turee akka baruumsa ishii xumurteni akka wal funu wadda walif gallee guyyota murasaa yeroo barreda wajjin dabarsine Ture ishiins Wagga 1ffa ishii xumurte boqona gannaf matii dubisuu galate
Anis yeroo bayyee Nan bilbilaaf Ture yeroo tokko tokko network Fi ibsaa yeroo bayyee waan hin jireef utuu wal hin bilbilin torbaan ta.uti kane anis ji.ii 2 Wagga 2 nati ta.e akkuma isati bara 2011 fulbana 28 gara jimmati debite waan wal yanne tureef torbee tokko na birraa turte Garra morra university debite sana booda uttuu yeroo hunda akka masatawati ofi fuldurati qabadhee olee nati tola Ture anis akka carra ta.e dirqama garraa mizan tepi yeroof deeme iddoo hojiiti yeroo bayyee silkn hin eyyamamu Ture
Akkuma isati turti ji.a 2 booda Garra jimmati jijjirani yeroo deebi.uti waan Ani durani ijaara Ture sutaa sutaan digama dhufee anis sababa waan kan hin beekun Ture ishiins narra fagacha waan dhuftef bayyeen yadda.uti ka.e uttu sababa sana ada hin basiin dirqama birraa achuma limmuu gannati waan ergamef waan falluu waan dhabefi callisu hin filaane obboleti ishiiti bilbile Malli akka tatee gaffachun dirqama nati ta.e ishiins homma rakkoon akka hin jire nati himte turte anis hin amaane
Yeroo ji.a 4 limmuti dabarsee dirqama kan birraaf garraa finfineeti deebi.e achuman isaa dhumaa na baqachuu jalqabde
Anis waan birraa furmaata Nan dhabee Ani kanan jiradhu mindaa xiqqoo waan himaafi hin tolee galli ji.a qaba kanafi yeroo sanati furmaata waan jedhe yaddu hin jiruu turee
Takka Turen bilbilaa ishii irrati yalle dhiraa nara kasee achuman nahee silk cufee hiriya ishiti bilbile ishiin barumsaa irra akka dhokamte nati himte mallif kan sababa Nan barbachifne
Ammaa essaa jiriti jedheni gafadhe ishin achuma jimma fira birraa jiriti turteti erga dhorkamte siti hin himne Nan jette anis wal bilbilu dhifnera jedheni
Lakki ishiin namaa birraa wajjiin jalala jalqabde jiriti Nan jette
Anis achuman bayyee waan arreefii callisee silk cufadhee argitani namni Ani amanuu bayyee jalladhu gadaa hama kan gahuu nara kessa deemte
Eshiin kan birraaf lubbu dhabdii Ani ishiifn lubbu dhaba
Wali birraa darbee
Namni Ani jureenya koo kessati iddoo guddaa qaba jedhee yadduu namni Ani jireenya koo dhisee jirachisa Ture gaffa si gannu olmaa koo bishaanti naqate sokitee
Tarii duriyu natu filaanoo koo godhete mallee ishiin filaano mata ishii qabdi
Tarrii filaanoo matiif hiriyoni ishiif hawwan waan birraa ta.uu danda.a
Yoon waan hunda guttuf badhesi garruu yeroo sana want Ani itti ballese hin Ture
Kan hanga harra sammuu koo kessa hin bane
jechoota ishiin jechaa turte murasaa
__ Akka harmee kee sif ta.a na amaanii
__ Yeroo hunda akka qaama keti na ilaali
__ Qabatesi dhabatesi sin jalladha yommiyu
__ Enyuu oliti na jalladhu Ani sif amanama
__ Hadha maati kee ta.ee si bonsaa olmaa guddan sif jireenya kee ijaara Nan jette
____ Sammuu koo na hatte
Anis ergasi nama akkasi Nan jedhu egaa jira
__baraachuu qabda jijiramu qabda Nan jete
___ Amma diploma akkan baradhuuf Nan jajjabesite turte
___jireenya keenya Amma kafnee yadduu qabna jetii soba dhugaa fakkatu
Gosaa ishii hundii akkan ishii jalladhu na godhera
Iddoo harra jiruf ishiin ka.umsaa turte
Ishiin filaano badee harrasi yoo qoramte iyyu Ani rabbif ha galatuu nati tolerra…

❤13👍1
  Yeroo murasaa booda guyya tokko miseensa police oromiya akka jirituu nati himte anis ammayu akkaan ishii jalladhu itti himee waan ishii mudatee hundaa ishii gafadhe mallif wadda koo nyaate mallif akkasi na gotee jedheni ishiins obsa dhaba dhifama na gaffate Amma akka wajjiin iti fufu dandeenyu yeroo lammafafi wadda na galate anis Nan amaane mallif ammayu bayyen jalladha Ji.oota 6 ergaa nagaan wajin Ture booda corona virus yeroo Ture sana Ani achii butee ishii dhabee waan jalladhuf Garra kutachuu hin dandeenye
Ammayu karra ega jiraa
Ani baraa 2013 diploma koo xumure degree kiyyaa uttun baracha jiruu gidduti dhukubni TB na qabe yeroo dheraa na rakisa Ture Ani bara 2015 hojii koo yeroo ijooluma kanan gargar bahuuf dirqame
Yeroo ta.e anis fayyee hojii barbadadhe magala finfine dhabata dhunfa tokko kessa hojii jalaqabe
Anis barumsa Wagga torba darabe ishin na jalqabsiste diploma fixe degree halotaa ulfaata waan hin darabamne fakkatus kessati baraana 2017 Gagee university college irraa xumure ji.a addollessa gaffa 24 kotu project jalqabde ebsisi jedheni wammicha godherafi
Jalaali waggotni 7n darbani kan Ani dabarsee hin dubatamu
Yeroo darbee social media TikTok gubbati argee ammasi waan abdii hin kutanefi wajjin dubbachuu jalqabne ishin garruu ammayu sin jalladha ergaa siirra addan bahe boqaadhe hin bekuu nama akka kee na jalatusi hin qabuu yoo dhifama na gote jete na gaffate
An ammayu waan jalladhuf deebi.i hin keninef mee malla Nan jettu?
Hub:- Dogoggora qubeef nu oofkalchaa akkuma nuuf ergametti lakkisne.

❤12🔥3