Yaa gahu nagaan koo kabajaafi jaalalaa inni onnee koo irraa madde bakka ati jirtutti. Faarri akkami? Ani nagaa kooti jedhee sobuu hin barbaadu. Ergan nagaa dhabee bubbuleera. Nama gidduu taa'ee kophummaatu natti dhaga'ama. Sababni isaammoo suma. Bareedduu koo ani siin ala jiraachuu hin danda'u. Jireenyi siin alaa anaaf du'a dhaabbiti. Jiraan nan ajjeesin.

Akkan jecha kee keessaa hin baane beekta. Maarree wanta sirreessuu qabu natti himi nan sirreessa. Wallaalaa ofii suuta barsiifatu. Tariimmoo otuun hin beekin yoon si muufachiise ta'e dhiifama. Maaloo garaa natti hin jabaatin. Adaraa Jaalalaa.

Simboo koof
Simboo keerraa

@Dambalii_Jaalalaa
Xalayaa Keessan

Namni maaliif akkasitti garaa jabaata ? Jaalala jechuunis akkanaa ? Waanan dhagahu hunduu dhugaa natti hin fakkannee. Utuu tahuu baatees gaaariidha. Silas akkamitti taha. Hin tahu. Namni ani dhoksaa godhadhee,gudunfaa kooti jedhee waan hundumaa ishee bira ol kaa'e moo ? Kuni tasumaa hin tahu. Ani simalee guyyaa tokkoyyuu Oolee hin bulu naan jettee moo ? Maqaa ishee balleessuuf anaaf ishee gargara baasuuf jedhee namni waan akkanaa haasa'a malee tsaumaa isheen ana dhiiftee kan birootti hin heerumne. Eebbiseedhaan heerumte jedhu ? Ani silaa hin fuune,Eebboon koo eenyutti heerumte " jedhee anaa waa'ee keetiif taa'ee falmii jaalalaa falmu hiriyyaan kee Kan sirriitti waa'ee keenya beektu. Ergaa barreeffamaa " Tolaa koo,Kan akka dubbatetti amanamu Waaqayyoon qofaadha,hoomaa sitti hin fakkatiin; siifis kan rabbi kenne siif jirti waan taaheef" naan jette. Biliseen akkan Waan heeruma kee dhagaheetti natti himte. Anis isa namni natti himee amanuu dhabee isan taa'ee falmaa ture. Akkan amanu na goote. Dura maaliif akkasitti kakattee Waadaa naa galte ? Maaliif ? Maaliif na madeessita ? Maaliif Onnee koo duwwaatti hambifta ? Ani jaalala sirrattin bare situu mi'aa jaalala ana baraiise. Guyyaa gaafa mooraa Yuuniversitii waliin seennee nama ani jalqaba bare si qofa ture. Ani akka waanan harmee koo achitti argadheen gammadaa ture. Atis akkasuma. Waggaa sadii guutuu utuu guyyaa tokko ija keessa wal hin ilaaliin ganamaaf galgala utuu hin jedhiin waliin turre. Tasa dhukkubni balaafamaan kun dhufnaan gargara baane. Lamaan keenya iyyuu hoomaa miti jennee biyya biyya keenyatti galle. Guyyaatti yoo xiqqaate walakkaa sa'aatii ol bilbilaan si waliin hin haasa'iin hafee hin beeku.

Yoo ani hin bilbiliin hafee situu naaf bilbila. Guyyaa tokkoof illee walitti mufannee hin beeknu. Tolaa naan jettees hin beektu Tolii jetta. Anis jaalala keef hamman bakka kennu lubbuu kootiif bakka kenneee hin beeku. Guyyaa tokko bilbilli kee naaf hojjechuu dide. Ergaa barreeffamaas siif erginaan naaf deebisuu didde. Guyyaa biraas utuman bilbila kee yaaluu tasa naaf waame. Dhugaa natti hin fakkaanne hamma ati kaaftutti harki koo na hollate. Yeroo bilbilli kahee Ani "Helloo" jechuu dhiiseen "Eebboo" jedhe. "Eenyudha maal jette" kan naan jedhu Sagalee dhiiraati. Xiqqoo hafuura baafadheen " Eebbiseen hin jirtuun" jedhe. "Eebbiseen heerumteetti Abbaa bilbiltee nun rakkisiin " nan jedhe. Dubbiin isaa hoomaa natti hin fakkaanne qoosaadhan se'e,garuu erga Biliseen natti himtee dhugaa tahuu isaan bare. Ati nama ana caalu sooressatti heerumuun kee na gammachisa. Guyyaa tokko illeee haa taatu maaliif garuu dhugaa jiru natti hin himne ? Gatiin jaalalaf kaffalamu kanaa !? Ani dhuguma jaalala dhugaa na barsiifte natti fakkaate. Maaliif anaan taphatta ? Haa tahu ati anaaf mana barumsaa taate malee nan miine. Garaan koo siin madaa'ees gaaf tokko Fayya.

Siifis yeroo gaaariifi Jaalala dhugaa akka abbaa manaa kee waliin qabaattun siif hawwa. Nagaa naaf tahi,isa ati waadaa haga lubbuutti jettee kakkatteefi jaallatte sana. Jaalallee koo na dhiiftee Heerumteef.

Ana Kumaa irraa
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Erga ta'eemmooo...
  Callisii dhahannaa onnee kootii caqasi, dandeessu  hoo'aaf hoollannaa qaama kiyyaarraa dhaamsa jaalalaa kuufadhu. Bar tokko galaa siif ta'u.
 
     Agartuu ija koorraa waan  dubbatamee na keessaa hin baane  guduunfaa jechootaa furi. Tarii bara tokko  humna jaalalaatiif hiika argattaa! 

  Kanarra kan kee jechoonni, bakkan an jirurraa fagoo waan ta'aniif  na dhukkubsu. Humna na fixachiisu. Lafa onerra dhaabbachuu koo natti agarsiisu.  Jechoota xumuraa waan ta'aniif abdiikoo dukkaneessu. Onneekoo hordofee bakkan jiru kana waanan gaheef na gaabbisiisu.  Kan kee jechoonni dogoggorakoo waan na yaadachiisaniif of na lolchiisu.

    Hin dubbatin. Lubbuun keenya lamaan dubbii arraba keenyaa caala argasuu walii isaanii ni beeku.

              Hin dubbatin. 💗💗


From Somebody
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
𝑮𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒅𝒆𝒆𝒎𝒖𝒔 𝒕𝒂'𝒆 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒕𝒂𝒂'𝒖, 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒏𝒖𝒎𝒂 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒊𝒋𝒂𝒂𝒋𝒋𝒖𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒂𝒏𝒖𝒎𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂. 𝑴𝒊𝒊𝒓𝒓𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒅𝒖𝒓 𝒏𝒂𝒈𝒂𝒂 𝒇𝒂𝒌𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒂'𝒆𝒆 𝒌𝒆𝒆 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒕𝒖 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒒𝒂𝒃𝒖 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒏 𝒌𝒂'𝒆 𝒃𝒂𝒂𝒚'𝒆𝒆 𝒏𝒂 𝒓𝒐𝒎'𝒆𝒆 𝒏𝒂 𝒉𝒐𝒐𝒍𝒍𝒂𝒕𝒂. 𝑸𝒐𝒇𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒉𝒂𝒈𝒂'𝒂𝒎𝒖 𝒔𝒊𝒊𝒏 𝒐𝒇 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒂𝒓𝒈𝒆𝒆𝒏 𝒋𝒂𝒋𝒋𝒂𝒃𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂. 𝑫𝒆𝒆𝒎𝒔𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒇𝒊 𝒋𝒊𝒓𝒖𝒖𝒏 𝒌𝒐𝒐 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒃𝒊𝒕𝒂𝒂 𝒏𝒂𝒕𝒕 𝒈𝒂𝒍𝒆𝒆 𝒘𝒂𝒏𝒕𝒊 𝒒𝒂𝒃𝒂𝒅𝒉𝒆 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒏𝒂 𝒉𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝒉𝒂𝒓𝒄𝒂'𝒖 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒘𝒂𝒍𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒏𝒂𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂. 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒐𝒕𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒚𝒆𝒆𝒔𝒆𝒆 𝒅𝒂𝒂𝒏𝒅𝒊𝒊 𝒏𝒂 𝒉𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆𝒔𝒔𝒖 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒚𝒂𝒂𝒅𝒂𝒕𝒂𝒎𝒆𝒆 𝒅𝒂𝒂𝒏𝒅𝒊𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒊𝒔𝒂 𝒘𝒂𝒍 𝒄𝒂𝒂𝒍𝒆 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒔𝒊𝒓𝒓𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂. 𝑨𝒏𝒊 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒃𝒐𝒐𝒋𝒊'𝒂𝒎𝒆𝒆𝒏 𝒌𝒆𝒆𝒔𝒔𝒊 𝒌𝒐𝒐 𝒃𝒂𝒂𝒚'𝒆𝒆 𝒔𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒃𝒐𝒐𝒏𝒆𝒆𝒓𝒂. 𝑨𝒕𝒊 𝒊𝒇𝒂 𝒌𝒂𝒓𝒂𝒂 𝒌𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒕𝒂𝒂𝒕𝒆𝒆𝒕𝒕𝒂. 𝑨𝒕𝒊 𝒅𝒂𝒂𝒏𝒅𝒊𝒊 𝒎𝒊𝒍𝒌𝒂𝒂'𝒊𝒏𝒂 𝒌𝒐𝒐 𝒏𝒂𝒂𝒇 𝒕𝒂𝒂𝒕𝒆𝒆𝒕𝒕𝒂. 𝑼𝒍𝒇𝒂𝒂𝒅𝒉𝒖 𝒚𝒂𝒂 𝒖𝒖𝒎𝒂𝒂 𝒌𝒐𝒐. 𝑱𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆 𝒌𝒐𝒐 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒖𝒎𝒂𝒂 𝒀𝑬𝑺𝑼𝑼𝑺.

#𝑺𝒂𝒏𝒚𝒊𝒊
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Maal jedhee akka siif eegalu hin beeku Duree koo erga gaafa ati na biraa deemtee eegalee ani jiraachuun Koo anaaf faayidaa dhabeera. Namni namaan wajiin oolee waajjiin taphata ani garuu gammachuu tokko dhabuu irraa kan ka'e nama bira taa'ee kophaa ta'uu hawwa.sababni isaa waa'ee kee yaaduuf kolfa kee isa duraa sana yaadadhee ittiin gammaduuf jecha.

Duree koo waa'ee keetiin walqabatee waan tokkollee akka hin barreessine waadaa siif galee turee. Haata'uu malee wontoota si gaafadheef deebii eegee dhabee abdii sirraa kutachuun dadhabe sababa saniif isa an ufii kootiif gubadhu addunyaan naaf ha arguu jedhee asirraatti barreessuu eegale.Duree Koo erga waggaa lamaatii yaaddoo Kee lafa hin keenyee al tokko tokko dhiisi isiin erga si dhiistee yoo ufiin jedhuuyyuu garuu achumatti deebi'e si jaalachuu kootti gammada sabani isaa isa onneen si jaallatte ani immoo dhorguu hin dandayu ati jaalala Koo wallaaltus si jaallachuun Koo anaaf badii miti.

Garuu maaltu akka natti jijjiiramtu si taasise. akka ani sa'aatii tokkoof si dhabuu hin barbaannee beektaa.
ammas kan si gaafachuu barbaadu eenyutu akka ati narraa cittu siif hime
maal siin jedhe laata? inni soressaa miti siin jedhanii?moo inni bifa hin qabu hin bareedu siin jedhan? ilaa duree Koo wontoonni siif himaniiran hunduu dhugaadha ta'us hundaa kan namaaf kennu uumaadha qabeenyas jibbee bifas ufii kootii jibbee hin jijjiirranne. atiin yaada sana fudhattee ana onnee qulqulluun si jaallate dhiistee deemtes tarii waa hundaa umaan si harkattiis jijjiiruu dandaya.ani garuu siif dhugumatti miidhame. Kana kan siif himuuf si kadhee ufitti si deebisuuf osoo hin taanee hagam akka miitee deemte qofa naaf haa bartuuf

Dureef D.D irraa
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
...Akkan si jaaladhetti eenyumaanuu jaalachuu hindanda'u. Atis ijoollummaa kootti maaf filattee akka na jaalatte naaf hingalu. Seenaan qaama kootii hundi akkuma kankee ta'anitti jiraatu. Rifeensikoo ati quboota harkakeen naaf filtee, yaadotakoo qirqiddu anaaf humna ida'a...
Warri ana caalaa kunuunsanii lafa siif malutti cidhakee siif cidheessan danuun jiru... Ati garuu cichitee anumaan filatte. Dhugaadha! Wanti hundumtuu si na yaadachiisa. Kaleessi ati "GALFATA SEENAA"n na jalqabsiiste galaa barootakoo hafaniiti... Waa'ee keef namoota danuu mariisiseera. Kan naaf gammadurra na jalaa si dhuunfachuuf warra si gaadaa turan atiyyuu beekta. Kankoo qofa akka taatuuf akkan ta'uu qabu qofa osoo hintaane, akkan ta'uu hinqabne danuus ta'eera... Namummaankoo akka fedha keetitti keessa burraaqaa turte guyyoota.....100,99,98.....5,4,3,2,1 jedhanii kan walii keenyaa ta'uuf kunoo guyyaa tokkotu hafa.

Kibabuu Damisee
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Channel photo updated
Siin jaalatamuun jannata galuudha. Siin dhungatamuun gammachuu addunyaarra jiru hunda dhandhamuudha. Siin haammatamuun qabbana umurii guutuu jala boqochuudha. Ati qaroo jiruu tiyyaatti.

Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Eeyyen sin jaaladha. Jechi sin jaaladha jedhu jaalala koo naaf hin ibsu. Ati wanta adda ta'e kamirraayyuu adda kan taate ilillii jannataati. Yeroo kee egdee osoo hin nuffamin kan dhabamtu ati simbirroo masqalaati. Talilli tokkollee amma kee qulqulluu miti. Urgaan foolii keetii dibata kamiinuu dorgommii keessa hin galu. Hidhiin kee nadhii damma daamuu caala mi'aawa. Maal jedhee si ibsu. Aduu caala harka torba ifta...

Ati hundaanuu adda. Sin Jaaladha

Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Nagaadhaan jalqabuu? Akkam jirta nagaa keettii ? Nagaan waan hunda dursa jedheen nagaan jalqabe.

Qaaliikoo ani nagaadha jechuuf baayee ulfaata. Ani fi ati yeroon wal baree akkuma beekamu bara 2013 yeroo akka kanaa yeroo tsoomnii hiikamuuf ayyaanni faasikaa bultii torbaan lama hin caalle haafetti kan anaa fi ati wal barre, akkaataa anaa fi ati wal barre sana amma xalaayaa kana keessatti siif hin kaasuu dubbachuuf illee yeroon nan gahu wan ta'eef,😢 yeroo wal baru sana atis aniis jaalala keenya waliif ibsinnee anis akkan baayee si jaaladhu sitti himaa fi gochaan sitti agaarsiisaan ture.

Atimoo is An si jaaladhu caalaa akka na jaalattu afaan qofaan mitti sirritti hojjiin natti agarsiisaa turte yeroo maatiinkeef obboloonnikee si gorsanii akka ati natti adda baatuuf Fala falanii, shirra shirranii nuun adda baasuuf dhamma'aa turaan sana isaan dhagga'uu dhiiftee wan isaan siin jedhan dhuftee natti himta.

Ergan sin wal baree guyyoonni dhufaannii darban bari 2014 dhufteka ati jalqabumma gaafa nan waal bartu dhiira wajjiin adeemsa jaalalaa yeroon jalqabu dhiiroonni fedhii isaaniif na gaafatu animoo yeroo isaan yaada kana naaf kaassan filannoo tokko malee ittii gargar bahudha nan jette atis fedhiikee guutachuuf deemta taanan amuma as irratti dhabbanna filannoo biraa barbaadadhu nan jette anis baayee waanan si jaaladhuuf si dhabbee jiraachuu akkan hin dandeenyee sitti himee.
Atis garaa hin jaabannee jaalalakoo simatee jaalalatti waliin jiraachuu eegale waan hundummaa mariidhaan furuu eegalle, jaalala keessatti wanta waliif ta'uu qabnu hunda waliif taanee afaan qofaa mitti gochan walitti agarsiisaa ture.

Barri 2014 fulbana 10 fi 11 guyyaa ayyaana wayii turee amanta ortodoksii waan hordooftuuf guyyaa sana carraa kanatti fayyadamtee akka na waliin olluuf fedha qabdu natti himte anis gammadeen guyyoota kana si waliin dabarsuuf jaaladhe maarreeka guyyaa sun nuuf guyyaa addaa ture, ganama barii satii 1:30tti jalqabnee hanga galgala 12:00tti addunyaa jaalalaa keessa oolle👇

Aniis guyyaa kana waggaa waggaan yaadannoon isaa na keessatti hafe waan na keessaa bahuullee natti hin fakkatu.💔

Akka kanan bara 2014 jaalala mi'ooftuu wajjiin dabarsinnee ani naannoo sanattii haaraa waanaan ta'eef rakkoowwaan hedduun keessaaf alaan nu mudataan baayee isaa waliin furmaata itti goone, namoonni wal biratti nu arganii fi nu beekan akkasummaas hiriyyoonnikee jaalala keenyaa akka hawwan ati afaankeen natti himmaa turte.

Haala kanan bara 2014 jaalala mi'ooftuu waliin dabaarsinee bara 2015 ammas itti fufne garuu akkan yaade hin taane marqaaniis galaa hin taane dhugumaan marqaan galaa hin tanee anaafiis akka garaakoo hin taanee anii fi atii waadaa baayee waliif galee wal biraa qabna arraba keenyaan waan baayee dubbannee garuu haalikee jijjiiramee bari 2015 immoo faallaa 2014 ta'ee wanti hundii cookkoo ta'e si gorsuuf yaluus ati tasumaa na dhagga'uu didde hirriyyootakee gaafan si gaafachisu isaaniin akka rakkoon hin jire itti himta garuu Ana biratti haallikee akkuma jijjirameetti itti fufee boodarra garuu wanti ani amanuuf ulfatu ani sin barbaaduu nan jette aniis yeroo sanatti daraan hedduun midhaame rakkoon malii jedhee yeroon si gaafadhuus sababa gahaa tokkoyyuu naaf hin dhiyeessine ani hanga har'a kana daqiiqaafuu waa'eekee dagachuu hin dandeenye.

Gabaabaadhumatti xalayaa kana argittee yoo dubbifteef ani baayeen si jaaladha amalikee, haasaankee, kolfikee fi taphnikee harayyuu ijakoo dura jira erga yaadaan narraa gargar fagattee waggaa 1 lakkoofsifneera an garuu waan torbaan tokkof yaadakee na dhokfate natti hin fakkaannee si dagachuuf yaalii baayeen godhee garuu wanti ani godhe hundu ittuu natti hammeessaan kanafuu dhamsii ani dhuma irratti siif qabu baayeen si jaaladha si dhabbuu hin barbaadu deebii xalayaa kanaa wan gaarii akka ati naaf deebiftu abdii qaba sirraas abdii hin kutaadhu

Qaalkidaan Hundeef
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Anaaf ati Abiddaaf Cidii walitti taane mitii? Nagaa kan siif kennu kan naaf kennullee silayyuu si miti garuummoo waa'eenkoof waa'eenkee sa'a abidda dhalte walitti ta'eemii? Abshrigaa
Wal dhaga'uu keenyaaf gurra balbala lamaa miti qalbii ija qabutu nubarbaachisa ta'us Ani durseen si dhaga'e atis si dhaga'uukoo dhaga'ii akka ta'uu qabdu sana ta'i✌️

Abiddaaf Cidii walitti ta'uun keenya hafee
Ganamaaf galgalas balbala ormaa wal dhaabuun keenya ha dhaabbatu kabajaaf jaalala kaleessa waliin baranne sanatti ha dachaanu
Wal hammeessuuf wal-busheessuu keenya keessa kan jiru diigumsadha kanaaf Isa dhiisnee gara wal-taanee waliif ta'uu keenyaatti bobbaana eeyyee santu fala. Adda baanee adda hin qabaannu. Jaalala keenyaan maalif tokko hin taanu.

Gurbaa Magaalticha
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Akka waan lubbuun tokko wal keessa jirtuu! Akka waan afuura tokko baafatanii! Akka waan humna tokkoon dalaganiitti isaan anniisaa walii barbaadan.

Yeroo wayii onneen humnaan kan dhiikkifattu isa jaalattu argachuuf dhabuutti. Yeroo wayii yaadni sammuu ofii kan faca'ee wal tumsuu dadhabu, isa yaadu argachuu waan dhabuufi. Agartuun ija ofii joortee boqonnaa dhabuun waan arguu barbaaddu kallattii hundaan eeguudhaani.

Fedhiin ofii, miirri ofii, yaadni ofii qaama ofii keessatti tasgabbiin kan turu haga isa barbaadu argatutti qofa. Kanarra jooraadha. Qixxifataadha. Dhama'aadha. Takka of jabeessa, takka of taajjaba. Takkammoo taajjabbiis, dadhabbiis waan hundaa dagataadha. Waan hunda lagata.

Dararichi gidiraa fakkaatus mi'aa qaba garuu nama hin dhukkubsu. Aarsaan isa yaadan argachuuf kafalan bu'aa isaa arguu yaadaa waan itti of kennaniif dhukkuba isaa caala mi'aa isaa miireffatu. Aaranis, gaddanis kennaaf eebba uumamni nama badhaasu fakkaata.

Ijji wal arguu fedhu wal bira gahee yoo wal saalfatu. Dirri wal tuquu barbaadu wal bira gahee yoo wal oollatu. Yaadni kuufamee qindaa'e waliin dubbii bira gahee yoo bittinu. Harki wal qabuu hawwu, arrabni walitti dubbachuu fedhu walitti dhiyaatee yoo gaadi'amu. Sodaan, kabajni, saalfiin, humna jaalalli walitti guuree nama keessaa burqisiisun tasgabbiif, callisaan yeroo tokkotti yoo dhuumfatamu.

Ajaa'iba. Yeroo tokko tokko yaada walii keessaa dhiikkifatan. Afuura walii keessatti, agartuu walii keessa, jechoota walii keessa, waan barreessan, waan dubbisan keessa, qilleensa qorraa tasgabbii qabu sana keessa, bakka itti barbaadanii wal argachuu fedhan lubbuu walii keessa jiraatu.

Bakka fedhanitti wal jiraachisanii wal ajjeesu. Bakka fedhanitti burqaa afuura jaalalaan finiinsanii, daraaraa bifa barbaadanii oomishu. Bakka fedhanitti mana jaalalaa ijaaranii waliin keessa jiraatu. Afuura walii ukkaamsanii lubbuu waliitti asaasu.

Humni jaalalaa haa waaru!

Siifan Biraanuu
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Eeyyen sin jaaladha. Jechi sin jaaladha jedhu jaalala koo naaf hin ibsu. Ati wanta adda ta'e kamirraayyuu adda kan taate ilillii jannataati. Yeroo kee egdee osoo hin nuffamin kan dhabamtu ati simbirroo masqalaati. Talilli tokkollee amma kee qulqulluu miti. Urgaan foolii keetii dibata kamiinuu dorgommii keessa hin galu. Hidhiin kee nadhii damma daamuu caala mi'aawa. Maal jedhee si ibsu. Aduu caala harka torba ifta...

Ati hundaanuu adda. Sin Jaaladha

#Share
@Dambalii_Jaalalaa
Kuni Dambalii Jaalalaati.

Dambalii Jaalalaa irratti ammoo jaalalli iftee mul'atti. Jaalala keessan waliif ibsaa. Jaalala keessa ragaa ba'aa. Ergaa jaalalaa keessan chaanaala kana irratti bilisaa fi bilisummaan dabarfadhaa.

Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Bareedduu koo!

Beektaa garuu kan akka kee na aarsus kan akka kee na gammachiisus akka hin jirre?😊 Yeroon akkan si jaalladhu sitti hime ni yaadatta, atis na jaallachuu akka hin dandeenye natti himte, Si dhiisuuf yeroo baay'ee irra deddeebi'ee yaaleera, garuu hin dandeenye! 😔 Jaalalli an siif qabus kan miiraa akka hin taane hubadheera, akkamiin beektaa, anaaf ati waliin ta'uu akka hin dandeenye utuman beekuu si jaallachuu kooni! Akkan sitti hin siqneef danqaan baay'ee akkuma ati beektu utuu jiranii darbee ammallee sin jaalladha jechuu kooni!
Waan guyyaan fidu hin beekan, Tarii si jaallachaa jiraadheen si jaallachaa du'a! (Naaf haa godhu Ameen)
Dhugaadha siif hin mararfadhu lubbuu koo, qooda kee utuun carraa du'uu argadhee siin si jiraachifadhee gammachuusaa hin danda'u! Tokkoo tokkoo dha'annaa onneekoo keessa jirta!
Sin jaalladha!

........M****liza'f JU kan jiraattu
Yeroo hundumaa sibira kan jiru jaallataa kee'rraa
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Si jallachu kooti gabbee hin bekku yommiyyus gabba jedhe hin yaadu malifi itti yaaden wanan sii jalladhef wa'ee kee yeron yaadu waggota darban guyyota bay'ee bareedan dabarsin sanan yadaadha.

Baredina kee akka biftu barii Batu fi bareedin ija kee akka urjii galgalaa bahaan caala akka baredan shakki hin qabu.

Ammalee wa'ee kee yaadun hin dhisne guyya guyyaati wa'een kee har'aawa dema lubbuko  amma sira faggadheyu gafan wa'ee kee yaadu akka wal bira jirutin yaada yaadniko  si bira faggate hin bekku sagaleke inni akka kilolee sana gafan sii yaadadhu gurra kooti dhufa.

Garuu anaf atti jalali koof kee nuu maarachera otto itti hin yaadin gaafa hirriyyota ko kessa sagalee ol fudhatee naa waamtu bay'een biradha garu gafan itti yaadu jalali dhugaa of sii walaalchisa Waqayyo qalbi nuuf haa laatu naa jiraadhu B❤️Koo jalala kee dhabu jechun akka qillensa kanan dhaabetin ilala .
Lubbuko fayya naa ta'i sin jaladha ❤️

B❤️ koof
From by. Galo. Wan 
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Maalidha Inni?

Seenaawwan galgalaa keessaa….

Tsoomni Faasikaa hiikamuuf guyyaa sadii qofti akka hafe nan yaadadha.Tsoomii isa bara kanaa miti. Isheen Ortoodooksiidha. Animmoo peenxeedha. Baatii lama guutuu tsoomii kana tsoomte. Galgala galgala wajjin mana amantaa Ortoodooksii kan Booleetti argamuu fi ‘Madaaniyaalemii’ jedhamu deemna turre.

Yeroo hunda, Naxalaan adiin amantoonni hunduu uffatanii dhufan, dungoo ibsamuu wajjin yeroo walitti dhufu miidhagina inni uumu ilaaluun keessakoo hojiitti ko’ommachaa oole haaressa. Isayyuu isheen na bira jirti. Yoon hojii hin qabu ta’een ala yeroo heedduu ishee wajjin deemna.

Booleen, galgala galgala nama daandii cina adeemuuf miidhagduudha. Namni baay’eenis karaarra sababa hin jiraanneef callisnishee galgalaa, miidhagina ibsaawwan daandiirraa fi gammoowwan irraa fi keessaa ifaniin miidhagee mullatu deebisee manattiyyuu nama galchuu dhiisuu danda’a.

Yeroo hunda seenaa haaraa, wanta haaraa, haasofna….ni taphanna.. ni kofalla..wal qoccollas…deebineemmoo araaramneemmoo ofitti qabee hammadheen, addasheerra dhungadheen…isheenis mormakooo jala na dhungattee jaalala keenyattimmoo deebina.

Yeroo wal arginu, ofirraan ishee eegan ture. Yeroo na bira jirtu of hin beektu. Waan hundumaa ni dagatti…..eeyyee…..waan hundumaa…
Yeroo tokko tokko miira keessa galtee, ho’a jaalaalaatiin booji’amtee..ija keessa na ilaalaa… suuta jettee… anaanis na boojitee na dhungachuuf hidhiinkoof hidhiinshee gidduu hangi qilleensaa qofti yeroo hafun ofiis weeraree…ishees hirriba jaalalaa keessaa dammaqsa. Tsoomaa akka jirtun yaadachisa…miira baay’ee wal barbaade gargar baaseen cubbuu jaalaalaa guddaa hojjedha. Cubbuu hojjedheen ofirraa ishee eegan ture.

Tsoomiin faasikaa hiikamuuf guyyoota 3 ykn afurtu hafa. Galgala wajjin turre. Mana jaallannu tokko deemnee..achi teenye.. ani aannaan bunaan, isheenimmoo maakkiyaatoo tsoomii ajajantte…. eeguutti kaane.

Callisa kaaffeen sun qabu nan jaalladha. Har’as yeroo boqonnaa kootii namni achi dhufe nah in dhabu. Muuziqaan si jeequ hin jiru. Kilaasikaalii xiqqeessanii akka gurraaf tolutti siif banu…yaadakee booji’u.

Ibsaawwan kaaffecha keessatti ifa kennan waan lamaaf oolu. Tokko manicha ibsu..kan biraammoo hafuurakee haaressu. Teessumni kaaffechaa hundisaa akka mijatutti hojjetame…si hin quuqu… hunduu mijataadha. Namni guutuun achi keessa jirus garuu kan sitti dhaga’aamu callisaa fi tasgabbii guddaadha.

Bakka akkasiitti ishee wajjin argamuun immoo nagaa fi tasgabbii kan biraa qaba.

Yaaddeettaa?..jaalala muuziqaa iyyuun, wacaan, hin jeeqabne yeroo lama taatee qabaattu?....yeah…Addunyaa jaalalaa keessa lixne.

Soofaa nama lama baatu tokkorra teenyee turre. Akkan hammadhuuf gara harkakoo mirgaa teessi. Har’as akkasumaan teessee jirti. Har’a teessee jirti jechuukoorra… ciistee jirti yoon jedhe naaf hubatama.

Rifeensa mataasheen qaqqabuutti ka’e…homaayyuu dubbataa hin jirru…darbee darbee hafuura humna guddaa qabutu dabaree dabareedhaan nu gidduutti dhaga’aama. Nu’umatu dhaga’a. mataanshee lapheekoorra jira… dha’aannaan onneekootii yeroo saffisi isaa dabalu dhaga’aa turte. Oljettee ija keessa na ilaalte… anis nan ilaale…

‘Kana booda eenyuyyuu akka si bira ga’u hin barbaadu’… naan jette.

Xiqqoo seeqeen…’Silas eenyuutu na bira ga’a?’n jedheen.

“ማሪያምን. . .የምሬን ነዉ”

Fuulashee ilaallaan…shamarran kan biro wajjin wanta wal falmaa jirtu natti fakkaate. Irraa mulata. Inaaffaa jaalaatu irraa dubbbifama. Na dhabuu akkasheen hin barbaadne irraa beeksisa. Akkasheen deebii dhabdu hin barbaadne.

Ana: ‘ani kankeeti’...deebiikoo ture.

Mormakoo itti dhiyoo jiru dhungatte.

Wanti nuti ajajanne yeroo nuti callisa jaalaan tasgabboofnee yaada jaalala keenyaan badnee jirrutti nuuf dhufee ture. Nuti garuu daganneerra. Amma xiqqoo ofitti deebinee…dhuguuf yeroo jennu..lamaan isaayyuu qabbanaa’aadha…wal ilaallee kofalle.

Yaa kolfashee Sanaa!

Ilkaan akkas miidhagu, kolfa akkas onneerraa maddu, sagalee kolfaa bareedu akkasii an isheen dura eenyuurrattiyyuu hin agarre. Wanta hundumasheetu na booji’a. Sababnisaa jaalala.
Irra deebinee keessummeessaa waamnee…dhiifama gaafannee… anaaf annannikoo…isheedhaaf maakiyaatoon ishee akka nuuf ho’ifamu gaafannee…ho’isiifannee dhugne.
Deebinee ammas dambalii jaalalaatiin fudhatamne..
.
Mataanshee lapheekoorratti
Harkikoo mirgaa ishee hammatee jiru…. rifeensashee qaqqabuutti.
.
Baratamaadha.

Yeroo heedduu kaaffee kana keessaa kan xumurarratti ba’u nuyi. Utuu nuuf eyyamanii ta’aayyuu waan buluu dandeenyu natti fakkaata. …har’as nurratti cufamuuf yeroo jedhu bane…
.
Kan nama dhibu bakki nuti jiraannu baay’ee walirraa fagoodha. Ishee geggeessee isan deebi’ee fagootti galu garuu kanin yaadadhu..yeroo hunda ergan ishee galchee…deebi’ee taaksii dhabu qofaadha. Yerosin yaadadha.!

Har’as nan geggeesse…Mooraa mana isaanii jala dhaabannee jirra. Lakkoofneedhuma hin beeknu malee nagaa kan walitti dhaamnu yeroo shan jaha ta’a. yeroo hunda walbiraa deemuu utuu hin barbaadin deemna. Nagaa walitti dhaamuu utuu hin barbaadin nagaa walitti dhaamna. Dhumurrattis ijakeenyaan wal ilaalaa nagaa walitti dhaamna.

Har’as si’a afur ykn shan irra deddeebinee nagaa walitti dhaamne. Addasheerran dhungadhe. Oljettee na ilaalte. Anis nan ilaale. Ijishee boqonnaa dhabaa jira. Harkishee lamaan mormakoo hammatee jiru utuun dhaga’uu rommuutti ka’e. ijishee alii…ijakoorra..aliimmoo hidhiikoorra ilala.

Utuun ilaaluu hidhiinshee rom’e. harkaoo lamaan mudhiishee hammatee jiru humna an to’achuu hin dandeenyeen ofitti ishee bute. Walirraa fageenyi hidhiikoof hidhiishee gidduu jiruu hagasuma walitti siqate. Lapheeshee lapheekootti butte…hafuurri afaan ishee keessaa ba’u na gubuu eegale…. Ammas natti siqatte… ahh….keessakootti tsoomiirra akka isheen jirtu beeka. Kanaan dura isa yaadachiiseen yeroosheen of to’achuu dadhabdu isa fayyadama. Har’a isa itti himuuf jedheen dadhabe…

Humna miira jaalalaa qabatamaatti argaan jira.
Eenyuyyuu jala dhaabachuu hin danda’u.

Harkakoo isa mirgaa mudhiisheerraa kaaseen, qubakoo tokko hidhiisheerra kaa’een…gurrasheetti siqadhe...

Hasaaseen… ‘Tsoomiidha bar..guyyaa 4 qofatummoo hafe’ n jedheen.

‘Maalidha inni?’ deebiishee ture.

Miirri jaalala keenyaa nu mo’e.

Lataadha!
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Jaalalaa...

Maal jedhe akkan jalqabu hn beekuu garuu jaalali maal akka taeen sii irra baree😊 ni beekta c dura akkan nama baayeeti siqee jaalala egaluf yaale.. fedhiikoo ati anaf barsisa jaalalakoti akkan baayee heddumesee sii jaaladhus ni beekta dhiraa kaminu sii madalchise hin beekuu siin maadalchisus fedhikoo ergaan sii barree namaa kaminu barruf fedha qabadhe hin beekuu takkaa obbolesa naf tata takka obboleti takka abbaa takka immoo hiriyaa takkamoo jaalale mal jedhe sii ibsuu sif jechan ittin waaee jaalalke ibsu hin qabnu waqni sin naf kene ha eebbifamuu ... Fedhikoo cn jaaladha yomiyu ati mootii onnekoti bareddaakoo...naf jiradhu waliin umuri dheera nuf ha kenu hamaa nurra ha qabu naf amanami akkan sif amanamee si amanuti....

Nafi ke irraa AU
Fedhiikoof finfinee
Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
Jaalalli burqaa nagaafi tasgabbii ta'eetu hedduu jiraachisuun, hedduun itti jiraachuutti jiru. Kaanisimmoo jaalala burqaa faayidaafi gammachuu dhuunfaaf hedatanii, jaalalicha itti jiraachuu dhiisanii hanga faayidaa qofaatti jaalalicha ittiin jiraachaa jiru. Hireen jaalalaa akkasiin kaaniif jiraattee, kaanimmoo faayidaaf jiraachisuun, kan isheen gidduu deddeemtu waan dhibamtu miti. Ta'us kun hiree jaalalli dhugaan qooddu utuu hintaane hiree namni keessootti keessa godhatee fakkeessaan ofiif qoodudha jedheen amana. Hiika jaalala dhugaaf jiraachuu wallaaluun, akka feetota jaalalaaf hin jiraanne afaaniin jaalala sobaan goobsee, kan jaalalaaf Hambaa jaalalaa kudhaammatee kaatummoo gogsee qoorsuutti jira. Irra caalaan namootaa, jaalala dhugaa argachuun fedhii isaanii isa ol'aanaadha. Tasgabbii, naamusaafi gammachuu jaalala dhugaa keessa jirtu akka dhangaatti soorachuun hawwiifi fedhii isaanii isa hangafa ture. Garuu fedhiifi hawwii qofaan dharra'uu malee aarsaa jaalalli dhugaan sun barbaaddu namni kaffalee keessummeessu hanga xiqqaadha. Jaalalli dhugaan kan argamtummoo aarsaa jaalalli sun barbaaddu baasuun gatii jaalalichaaf kaffaluudha. Gammachuu jaalala dhugaa keessaa kan arganis aarsaa jaalalaa sana kaffaluun dirree injifannoo jaalalaatti Hambaa ta'aniitu hafuun jiraatama!

Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot
@Dambalii_Jaalalaa
2024/05/14 20:55:22
Back to Top
HTML Embed Code: