Telegram Web Link
✝️   Sadaasa 17 
Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee ✝️
       Kutaa 2faafi Isa Dhumaa

Kabajamaan Yohaannisis yaa mootii akkas hin jedhin akka ati jettu kana miti. Kabajamtuu dubroo giiftiin keenya abbaa kabajaa kan ta'e Gooftan keenya Iyyesuus Kiristoos gadaamessa ishee keessa yeroo turetti bif-danummaa isaan yemmuu jijijjiiramutti bifti ishees isa waliin jijijjiirama ture. Akkuma yeroo bishaan qaruura qulqulluu tokkotti naqan bishaan fakkaatee mul'atu,  daadhii waayniis yeroo itti naqan isuma fakkaatee mul'atu ykn keessa isaatti wanti naqame diimaas yoo ta'e diimatee akkuma mul'atu, yeroo baalli itti galfamus baala fakkaatee akkuma mul'atu. Dubroonis gadaamessa ishee keessatti bifti mucaa ishee yeroo jijjiiramu bifti ishees isa waliin ni jijjiirama ture.
👉Yeroon akka abaaboo Roomaanitti diimattu jira, yeroon akka nardoositti calaqqistus  jira, yeroon baala lalise fakkaattus ni jira. Erga deessee booda garuu hin jijjiramne waan ta'eef Yooseef bifa ishee tokkicha jalqabaan murtoofteefii bifashee hubate jechuudha jedheen.

Yeroo sanatti galma mootichaa keessa fakkiin giiftii keenya deessuu Waaqayyoo Dubroo Maariyaam kan warqee irraa hojjetame tureeraatii, "Yohaannis afaan warqee, Yohaannis arrabni warqee, Yohaannis afaan eebbaa waan gaarii dubbatte" jechi  jedhu isarraa bahe.
✍️ Mootichi fi warri isa waliin tura yommuu kana dhaga'an baay'ee ajaa'ibsifaatan; Waaqayyoonis galateeffatan. Yeroo sanatti mootichi ajajee ogeessa warqee waamsisee kabajamaa Yohaannisiif  arraba warqee hojjechiisee kan isa iaalu hundumaaf mallattoo yaadannoo akka ta'uuf fakkii deessuu Waaqayyoo kan taate giiftii keenya Dubroo Maariyaam biratti fannise. Qulqulluu Yohaannisiinis guyyicharraa jalqabee 'arraba warqee' jedhee waame, 'afaan warqees' jedhamee  hanga har'aa waamame.

Tewoodoosiyoos ilmi Arqaadewoos quxisichi yemmuu mootii ta'etti ergamtoota ergee foon qulqulluu Yohaannis ulfina guddaan hedduu faarfaachuufi galateeffachuun gara Qusxanxiniyaa baasee fichisiise. Kunis boqonnaa isaa booda waggaa soddomii shanitti.

👉 Kitaaba biraa kitaaba Qibxii irratti ji'a Caamsaa gaafa digdamii lamaa akka ga'e dubbata. Kitaaba Roomaanotaa irratti garuu ji'a Gurraandhalaa gaafa digdamii lamaa jedhame.

👉 Uunkawwan callee kan qabu saanduqa dhagaa gati-jabeessaa keessa kaa'uun gara mana qulqullummaa galchan. Foon isaa irraas raajiwwaaniifi dinqiiwwan gurguddoon mul'atan.

Lammaffaas gitsaawween Iskindiriyaafi gitsaawween ephisqophosiin biyya Qifxi Abbaa Yohaannis barreesse, gitsaawween Malakaawotaas, guyyattii kanatti (Sadaasa 17 tti) qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akka boqate  walii galu. Lammaffaas ammoo gitsaawween Malakaawotaa Yohaannis Afaan Warqeen ji'a "Ayiluul" jedhamutti gaafa guyyaa 14 akka boqate dubbata. Kunis gaafa ayyaana Fannoo Fayyisaa keenyaa fulbaana 17tti. Kanumaafis of dandeessisuuf gara Sadaasa 17tti jijjiiran. Kitaabileen durii garuu boqannaan isaa Caamsaa 12 akka ta'e kaasu.

Waaqayyoof galanni haa ta'u; nuunis kadhannaa qulqullootasaan nu haa fayyisu, eebbi isaanis nu waliin haa jiraatu Ameen🙏

Madda: Fuula facebook "sinkisaar zatawaahidoo"

  Gara Afaan Oromootti Kan hiike:
  Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa M/ Guddichaafi Kollejjiiwwanii(X/Sillaasee).
        
Sadaasa 18, 2016  B.A
                        Jimmaa
https://www.tg-me.com/DooniiNoh
Forwarded from Orthodox Promotion
Channel ’ootni mimmiidhagoo armaan gadii kunneen, barumsa mana Kiristiyaana Ortodoksii Tewaahidoo, Seeraa fi Dambii ishee haala eeggateen sagalee Waaayyoo lallabuu fi barsiisuu irratti argamu.

Channel ’oota kanneen keessatti: Lallaba, Koorsii, Faarfannaa, Walaloo, Jechoota Abbootaa, Seena qulqullootaa guyyaa guyyaadhaan Mana Kiristiyaanaa keenya keessatti yaadatamanii, Gaaffilee mana kiristiyaanaa keenya irratti gaafataniif deebii, Gorsa Abbootaa, PDF ykn Kitaabota afuuraa kan Ortodoksii Tewaahidoo, kkf argattu.

Channel ’oota kanneen keessa seennan mee maal dhabdu? Yoo akka barbaaddanitti dhabdanis waan barbaaddan kamillee gaafattanii argattu! Kanaafuu, itti goraatii Channel ’oota kanneen hundumaa tokko tokkoon “Join/Subscribe” taasifadhaa; irraas fayyadamaa; baradhaa!
“Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!”
— Far. 133:1
Sagantaan Simannaa barattoota haaraaf Waldaa Sillaasee wiirtuu Jimmaatti Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Kollejjiiwwanii (X/Sillaasee)fi Yaa'ii Mooraa BECO (X/Yohaannis)'tiin gaafa 06/04/2016 B.A bataskaana Doonii Noohi Q/Kakuu Araaraa Jimmaatti taasifame kana fakkaata ture.
Qorumsa danuufi waraana qorqalbii nurratti baname hedduu keessatti akkasitti kan nu baay'ise Uumaa keenya Sillaaseef hooqubaan haa ta'u🙏
https://www.tg-me.com/DooniiNoh
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti faarfattoota Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Kollejjiiwwaniin soosiftuu sagantaa "Anaa Dhufuu" barattootaa irratti dhiyaate.

https://www.tg-me.com/DooniiNoh
Muddee 19,  Guyyaa ayyaana Yaadannoo Angafa ergamaa Q/Gabri'eel ✝️

✍️"Waaqa tokko kan ta'u maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyo Tokkoon
Muddee kudha sagal guyyattii kanatti Angafa ergamootaa Q/Gabri'eel guyyaa ayyaana yaadannoo isaati. Innis biyya Baabiloonitti ibbidda boba'aa keessatti yemmuu darbatanii turanitti Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa'eliin kan fayyiseedha.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u; nuunis araarsummaa isaan nu haa fayyisu Ameen!"

Sinkisaara Muddee 19.

Angafa Ergamootaa Q/Gabri'eel
Muddeen 19 guyyaa itti angafni ergamootaa Q/Gabri'eel ijoollee sadeen ibidda keessaa baaseedha. Waqqayyo guyyattii kanatti mootichi Nabukadanatsoor abbaa isaanii mooticha Yihudaa Iyyoo'aaqeem waliin kan booji'e Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa'eeliin ergamaa isaa erguun raajii guddaa raawwateeraaf.
Mootichi Nabukadanatsoor ijoollee kanneen masara mootummaa isaa keessatti ogummaa barsiisaa erga guddisee booda bittaa Baabiloon hundumaa keessatti isaan muude. Kana boodas mootichi fakkii warqee yeroo hojjetee turetti qondaaltonniifi bittaa biyyichaa keessa kanneen jiran hundumti fakkichaaf akka sagadan ajaje. Yeroo kanatti Waaq-harkee sanaaf sagaduu dhiisuun Waaqayyo duwwaa waaqessuutti kan cichan dargaggoota sadeen qofa turan. Waa'ee isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti akkatti barreeffame:
Dan. 3:1-30
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Nabukadanatsoor mootichi bifa fakkeenyaa hojjaa isaa dhundhuma jaatamaan, bal'ina isaa immoo dhundhuma ja'aan warqee irraa hojjechiisee, Baabilon kutaa biyyaa keessaa bakkee isa afaan isaaniitti "Duraa" jedhamu keessa dhaabe.
² Nebukadanatsoor mootichi nama ergee warra kutaa biyyaa bulchan, warra mataa kutaa hojii irra jiran, abboota biyyaa, warra gorsituu, warra horii baatan, abboota firdii, warra seera eegsisan, warra kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundumaa walitti waamsise; waamamuun isaaniis eebba bifa fakkeenya Nebukadanatsoor mootichi dhaabe irratti akka argamaniif ture.
³ Kana irratti warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, warri gorsituun, warri horii baatan, abboonni firdii, warri seera eegsisan, warri kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundinuu eebba bifa fakkeenya Nebukadanatsoor mootichi dhaabe irratti argamuudhaaf walitti qabaman; isaan kun bifa fakkeenyaa isa Nebukadnezaar dhaabe dura in dhaabatan.
⁴ Inni labsii dhageessisus sagalee guddaadhaan itti lallabee, "Yaa namoota, saba garaa garaa fi, gosa garaa garaa taatanii afaan garaa garaas dubbattan dhaga'aa!
⁵ Sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas yeroo dhageessan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadanatsoor mootichi dhaabeef gombifamaatii sagadaa!
⁶ Namni gombifamee hin saganne si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatama" jedhe.
⁷ Kana irratti jarri hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhaga'aniin, namoonni saba garaa garaa fi gosa garaa garaa keessaa dhufanii, afaan garaa garaa dubbatan, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadanatsoor mootichi dhaabeef gombifamanii sagadan.

… 
⁸ Yeroodhuma sana warri Kaldootaa tokko mootichatti dhi'aatanii Yihudoota tokko hamatan.
⁹ Nebukadanatsoor, "Yaa mootii, bara baraan jiraadhu!
¹⁰ Yaa mootii! Ati ' Namni hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas yommuu dhaga'u bifa fakkeenya warqee irraa hojjetameef gombifamee haa sagadu!  ¹¹ Namni gombifamee hin saganne immoo iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbatama' jettee abboommii baafteetta.
¹² Yihudoonni warri ati hojii kutaa biyya Baabilon sana geggeessuu irra isaan dhaabde tokko jiru; maqaan isaaniis Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoodha; namoonni kun abboommii kee hin ulfeessan, yaa mootii! Isaan waaqayyolii kee hin waaqessan, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabde sanaafis hin sagadan" jedhan.
¹³ Nebukadanatsoor kana irratti aaree dheekkamee, Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoos gara isaa akka fidan in abboome; isaanis jara kana mooticha duratti dhi'eessan.
¹⁴ Nebukadanatsooris, "Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoo! Isin dhuguma waaqayyolii koo hin waaqessitanii? Bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ani dhaabeefis hin sagaddanii?
¹⁵ Egaa amma sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhageessaniin, bifa fakkeenyaa ani hojjechiiseef gombifamtanii sagaduudhaaf qophaa'aa! Yoo sagaduu dhabaattan garuu, si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatamtu; Waaqayyo inni harka koo isin oolchu kun eenyu?" jedhe.
¹⁶ Kana irratti Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoon mootichaaf deebisanii, "Yaa Nebukadanatsoor, waa'ee kanaaf nuyi deebii siif kennuu iyyuu nu hin barbaachisu.
¹⁷ Oolchuu yoo ta'e immoo, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda boba'aa keessaa nu oolchuu in danda'a, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii!
¹⁸ Yoo kana fedhuu dhabaatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!" jedhan.

… 
¹⁹ Yommus Nebukadanatsoor gar-malee dheekkamee, fuulli isaas Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagootti in geddarame; humna ibiddichaa isa dur gubu caalaa dachaa torba akka gubsiisan in abboome;
²⁰ loltuu isaa keessaa warri humna caalan immoo Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoo hidhanii iddoo ibiddi itti boba'u keessatti akka darbatan inni in ajaje.
²¹ Achumaanis namoonni sadan akkuma uffatanii jiranitti wayyaa isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii wajjin hidhamanii iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbataman.
²² Abboommiin mootichaa jabaa waan tureef, ibiddichis gar-malee waan gubeef, arrabni ibiddichaa warra Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoo geessanii itti darbatan gubee in ajjeese.
²³ Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoon sadanuun isaanii akkuma hidhamanii jiranitti ibidda boba'u sana keessatti in kufan.
²⁴ Ergasii Nabukadanatsoor mootichi na'ee waan dinqifateef, sardamaa lafaa ka'ee, "Namoonni sadii hidhamanii ibidda keessatti akka darbataman goone mitii ree?" jedhee gurguddoota mana mootummaa isaa in gaafate; isaan immoo deebisanii mootichaan, "Kana dhuguma gooneerra, yaa mootii!" jedhaniin.
²⁵ Innis itti dabalee, "Ani garuu kunoo, namoonni afur hiikamanii, miidhamni tokko utuu isaan irra hin ga'in ibidda keessa asii fi achi adeemuu isaanii nan arga; bifni isa afuraffaa immoo bifa ilma waaqayyolii in fakkaata" jedhe.

… 
²⁶ Nebukadanatsoor gara balbala iddoo ibiddi keessaa boba'uutti dhi'aatee, "Siidraaqa! Miisaaq! Abdanaagoo! Hojjetoota Waaqayyo isa hundumaa gararraa jiruu, kottaa as ba'aa!" jedhe; yommus Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoon ibiddicha keessaa gad in ba'an.
²⁷ Warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, gurguddoonni mana mootummaa isaa, walitti dacha'anii, ibiddichi dhagna namoota kanaa irratti humna akka hin godhatin in argan; rifeensi mataa isaanii iyyuu hin ciincofne, uffanni isaaniis bifa hin geddaranne, fooliin ibiddaas isaan irra hin turre.
²⁸ Kana irratti Nebukadanatsoor, "Waaqayyo inni kan Siidraaq, kan Miisaaq, kan Abdanaagoo ulfinaan haa jajamu! Inni ergamaa isaa ergee hojjetoota isaa kana oolcheera; hojjetoonni isaa kun isa waan amanataniif abboommii mootichaa homaatti hin lakkoofne; Waaqayyo isaanii malee waaqayyolii kan biraa akka hin waaqessine, isaaniif akka hin saganneefis dhagna isaanii gubamuutti dabarsanii kennan.
²⁹ Ammas akka kanatti oolchuu kan danda'u Waaqayyo kan biraa waan hin jirreef, saba, gosa, afaan dubbatamu keessaa namni dubbii hin taane Waaqayyo isa kan Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoo irratti dubbatu, harki isaa fi miilli isaa irraa ciramee, manni isaa diigamee tuullaa kosii ta'ee akka hafuuf, kunoo, ani abboommii baaseera!" jedhe.
³⁰ Mootichi kana booddee Siidraaq, Miisaaqifi Abdanaagoo kutaa biyya Baabilonitti hojiin isaanii akka wal qixxaatuuf in godhe."
👉Ijoollee sadeen labooba ibiddaa keessaa kan baase angafni ergamootaa Q/Gabri'eel nuunis araarsummaafi eegumsa isaan nu haa golboobu.
Galanni Waaqa Angafa Ergamootaa Q/Gabri'eeliif haa ta'u bara baraan Ameen🙏

Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwaniitiin.
    
                   Muddee 19,2016 B.A
                                        Jimmaa

https://www.tg-me.com/DooniiNoh
Misbaakii Guyyaa Ayyaana Dhalootaa.3gpp
2.3 MB
Far 71/72: 15
Inni ni jiraata ni kennamaaf warqeen Arabaa
Yeroo hundaas ni kadhatu gara Isaatti
Yeroo hundumaas ni eebbisuuni

መዝሙር 73:15 ወየሐዩ ወይሁብዎ እምወርቀ ዐረብ፤
ወዘልፈ ይጼልዩ በእንቲአሁ ወኵሎ አሚረ ይድሕርዎ።

Gara Afaan Oromootti kan hiike: Waldaa Sillaasee wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaaf Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Koollejjiiwwanii.
Muddee 28/04/2016 B.A, Jimmaa
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOON AMEEN!

🌲IFA DHALOOTA GOOFTAA KEENYA FAYYISAA KEENYA   IYYESUUS KIRISTOOS🌲

👉Jaalatamtoota maatii waaqayyoo, ijoolleen kakuu haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam, michoonni qulqullootaa baga Ifa dhaloota Gooftaan isin Gahe!
"Har'a magaalaa Daawwititti Qorichi innis Kiristoos, Gooftaa kan ta'e isiniif dhalateera!”  Luq 2:11
Guyyaan bilisummaafi fayyina keenyaa gahe. Kunis waaqayyo du'aafi garbummaa bara kuma-shaniif dhibba-shan Addaam irratti moo'ee ture irraa kaasuuf dhufee guyyaa itti dubroo irraa dhalateedha.
Guyyaa kanatti biiftuu dhugaa kan ta'e Kiristoos  foon ishee irraa foon lubbuu ishee irraa lubbuu fudhatee dubroo qulqulleettii irraa dhalate.
Akkuma raajichi Isaayyaas, "Sabni dukkana keessa deeme ifa arge, warreen gaaddidduu du'aa jala jiraachaa turaniif ifni isaaniif bahe!"-Isay 9:2; jedhee dubbate biiftuu dhugaan kun nuuf ibse.
Har'a warreen samii fi warreen lafa irra jiraatan tokkummaan galata dhiyeessan. Kunis kan jedhameef akkuma, "Raayyaan ergamootaa hedduunis ergamaa sana waliin turan, waaqayyoonis galateeffatan!"-Luq 2:13; jedhe, bu'iinsi ergamootaa guyyaa kanaa yeroo kaan irraa adda ture. Sababni isaas dura ergamoonni kan ergaman toloota gargaaruuf, wareegamtoota cimsuuf, namoota gargaaruuf ture. Gaafa sana garuu dhala namaa waliin, Gooftaa dallaa horii keessatti dhalate galateeffachuuf dhufan. Samiifi laftis walitti araaraman; nagaafi araarri Waaqayyoos lafa irratti dhala namaaf ta'e.
Fuuncaan Addaam fi Hewaan ittin hidhaman har'a hiikame. Raajiin raajotaas dhugaa ta'e. Qomoo tajaajilaa isaa Daawwit irraa bishaan fayyina keenyaa burqe. Isaayyaas, "Hidda Isseey irraa uleen/biqiltuun ni baati, jirma isaa irraas daraaraan isaa  ni baha, osoo bishaan hin obaafaminis firii godhata" akkuma jedhe, uleen isheen hidda Isseey keessaa ni baati jedhamte haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiidha; jirma kan jedhame immoo Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha-"Ani jirma wayiniiti isin immoo damee kooti, kan dhaabe abbaa kooti" -Yoh 15:5. Firii kan jedhames addunyaan kan ittiin mi'oofte jecha Waaqayyooti; "osoo bishaan hin dhugiin"  jechuun sanyii dhiiraa malee dhalachuu Gooftaati.
Dabalataanis Isaayyaas, "Elaa durbi dubrummaadhaan ni ulfoofti, ilma dhiiraas ni deessi maqaa isaas Amanuu'el jettee moggaafti, hiikni isaas 'Waaqayyo nu waliin ta'e' jechuudha. Dabalees "Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni Waaqummaa isaas gateettii isaa irra jira, maqaan isaa gorsaa dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa ni jedhama"-Isay 9:6. “Waaqayyo nu waliini” jechuunsaa, nama ta’e (fooniin waloome) jechuu isaati.
Mucaan nuuf dhalate yoo jedhus dhaloota har’a qulqulleettii dubroo Maariyaamirraa dhalate yoo ibsuudha.
Saragallaa Kiruubel kan arge Hizqi’eel kan jedhamu raajota keessaa tokko kan ta’e akkas jedha, “Gara bahaatiin balbala cufamten arge; Cufaa ajaa’ibaa guddaa ta’een cufamee ture; Gooftaa jabootaa irraan kan hafe gara isheetti kan seene hin jiru. Inni garashee seenee bahe.” Hizq 44:1 “Balbala cufamte” kan jedhamte qulqulleettii dubroo Maariyaamiidha. Osoo hin baniin seenee kan bahes Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoosidha. Duukaa bu’ootni kudha lamaan mana cufame keessa tokkummaan osoo jiranii; Toomaasis harkootasaa waqaraman, ija kootiin yoon arge malee, yoon harkakoon qaqqabadhee arge malee hin amanu yeroo jedhetti- Jechi jireenyaa Kiristoos fooniin, afuuraanis warren du’an biraa ka’uun tasumaa mana cufame seene; bartootasaa duras dhaabbate. Toomaasiinis harkakoo ilaali, Cinaacha koos qaqqabadhu, ka’uu koottis amani jedheen. Toomaasis fedhasaa gaafa argateefi qaqqabee yeroo argetti Waaqakoo eeyyee siidha jedhe. Wanti kun waan raajiidha.
Foon(Nama) qofaa osoo ta’eera ta’ee balbala cufameen akkamiin gale? Afuura qofaadha osoo ta’ees Toomaas akkamiin qaqqabatee ilaaluu danda’e?
Yaa Gooftaa galannifi hooqubaan siif ta’a. Yaa Gooftaa hojiin kee hunduu nu biratti dinqiidha. Sibiratti garuu waan salphaadha,  Amalummaa keetiitii. Dubroorraa dhalachuunkee; awwaalcha keessaa bahuunkee akkanumadha.

Dhiphachuu Yoseefiifi dhalachuu Kiristoos   

Yoseefis dubroo Maariyaamiin dhiisuuf yaadee osoo jiruu rafe. Addunyaaf gammachuu kan hime ergamaan guddichi qulqulluun Gabri’eel isatti mul’ate. Ilma Daawwit yaa Yoseef Maariyaam irratti daba hin yaadiin. Ulfi argitu kun hojii Afuura Qulqulluutiitii; kun Waaqakee jecha Waaqyyooti. Ka’iitii sagadiif; hanga du’aattis gargaartuushee ta’i jedheen.
Yoseefis Mannaa kan samii kan baatte qulqulleettii Taabota(giiftii keenya) Waaqa Israa’eliin kabaje. Kana boodas ji’ootni da’umsa ishees gahe. Mucaashee hangafaas deesse; qubgudduusaas hiite. Dallaa looniittis ciibsiteen. Bakka bultii isaanii bakki hin jiruutii.
Har’a garuu maqaasheetiin manni kiristaanaa Beeteliheemitti ijaarameeraaf. Beeteliheem jechuunis mana ‘hibistii’ jechuudha. Hibistii jireenyaa kan ta’e Kiristoos isheerraa dhalateeraati. Waaqni samii kan raawwate wanti kun akkam nama haa dinqu?
Qilleensaan kan deemu inni qubnisaa hidhame. Samiiwwan akka waraqaa kan maru inni carqiitiin marame; ijoollee kan uume inni ni dhalate. Hunda kan uume inni, uumuusaarraa osoo adda hin bahiin uumama/ foon qabeenya isaa taasifate. Sabaa Sagaloonni isa barbaadan; urjichis isaan gaggeesse; Gooftaanis ni argame; raayyaan samiis isa galateeffatan. Dallaa Loonii keessa kan ciiseef Uumaasaaniif  galata galchan. Samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta’u. Beeteliheem har’a samii fakkaatte. Harreefi Saani Yoseefiifi Saloomeen bineeldota arfanitti fakkeeffamu. Waaqni keessatti kan dhalate dallaan Looniis Saragallaa Kiruubelitti fakkeeffamti. Mucaashee harka mirgaan kan qabatte haati keenyammoo Waaqayyo Abbaatti fakkeeffamti. (Kitaaba Argaanoon). Lafa irratti raajiin kun hundi kan itti raawwate guyyaan kunis kan eebbifamtedha.
Kiristoos kan itti dhalate guyyaan kun kan eebbifamteedha. Dhugumatti  ayyaanni kabajamaa kun guddaa, kabajamaafi olaanaadha. Itti haa gammannu; karaa kamiinuu gaddi nurraa haa fagaatu.
Ayyaana dhalootaa fi Icciitiisaa
Ammas Abbaa Ilmi Afuurri Qulqulluu Waaqayyo akka ta’an akka ifa aduu ifee beekame; cuuphaa kabajamtuutiin kan cuuphaman irras ni bulu. Namaaf Waaqa gidduutti araarsaa kan ta’e ayyaana keenyadha. Du’aaf/seexanaaf bitamuurraa kan nu fayyise  ayyaana kanadha. Dukkana ijoollee namaarraa kan balleesse ijoollee ifaa akka taanus kan nu taasise ayyaana kana. Mataa Bofaa rukutee kan cabse, liqimfamee kan ture Addaamiinis kan baase ayyaana kana.
Lafaa gara samii kan nu baasedha. Amantaa eebbifamte; Abbaatti Ilmatti Afuura Qulqulluutti amanuu fudhanne. Ergamoota waliin dhaala kan itti fudhanne; waldaa Raajotaa waliinis tokko kan itti taane ayyaana kanaani.
  Du’a kan booji’e, si’ooliis kan injifate, humna diinaa(daabiloos) kan dadhabsiise  ayyaana kana. Jiraattota lafaa, lammata samiirra akka jiraatan kan taasise ayyaana kana. Ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniifis sanyii kan kenneef ayyaana kanadha. Ayyaanni kun: uffata cuuphaa keenyaa kan hin xuroofne; dibata kiristaanummaa keenyaa kan hin badne; ifaa amantaa keenyaa kan hin badnedha. Kanaafuu har’a gammaduutu nurraa eegama. “Yaa Gooftaa isa abbaa keenya samii maqaankee haa galatoomu”  haa jennu.
Egaa nuti kiristaanonni waggaa waggaadhaan ayyaana dhalootasaa yeroo kabajnu fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf jedhee samii samiiwwanii irraa bu’ee gadaamessa giiftii keenyaa keessatti ilma namaa mataasaa waliin walitti araarsuu kan jalqabe Beeteliheemitti gad ofqabummaan mul’achuusaa kan itti yaadannuudha. Guyyaa kanas cubbuu addunyaa dhiisuuf gara keenya kan dhufe foonii fi dhiiga waaqayyoo isa qulqulluu fudhannee dabarsuun nurra jiraata. Kanaafis Waaqayyoon fedhasaa nuuf haa ta’u. Ameen.🙏

Galanni Waaqa Uumaaf, kan isa deesse dubroo Maariyaamiif, ulfaataa Fannoosaaf!

https://www.tg-me.com/DooniiNoh
Misbaakii Sanbataa.3gpp
2 MB
Misbaakii Sanbataa
"Kunoo isa dhageenye Eefraataatti
Argineen  daggala keessattis
Ni galla gara bultoowwan isaatti" Fars 131(132):6
ናሁ ሰማዕናሁ በኤፍራታ
ወረክብናሁ ውስተ ፆመ ገዳም
ንበውእ እንከሰ ውስተ አብያትሁ
ለእግዚአብሔር
Ergaawwan dubbifaman:
Luq 2:39
Rom 5:1
1Yoh 2:8
Hojii Erga 11:27
Mat 5:39
Sirna Galatoo Kan Qulqulluu Ephifaaniyoos

Waldaa Sillaasee wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaaf Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Koollejjiiwwanii(X/Sillaasee)
https://www.tg-me.com/DooniiNoh
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
👏👏BAGA GEESSAN👏👏
‼️Akkasitti Amanna‼️

✍️"Obbolootaa! nuti hoo akkasitti amannna:-Kan hin dhalanne Waaqayyo Abbaan qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan dhalate Ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan jaalaterra kan bulu Afuurri Abbaa, Ilmaa Waaqayyo Afuura Qulqulluun qaama isaa adda ta'een tokkodha.Abbaan hin dhalanne, addunyaa dura Ilma dhale malee, Ilmis addunyaa dura Abbaarraa dhalate. Afuurri qulqulluus addunyaa dura Abbaa irraa bahe!"  Amantaa Abbootaa kan #Atnaatewoos
👉Kabaja Ayyaana Yaadannoo Waaggaa Kan Q/Sillaasee ilaalchisuun sagantaa Xoofoo M/K/Doonii Noohi Kakuu Araaraa Jimmaatti barattoota Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Kollejjiiwwanii (X/Sillaaseen) qophaa'e irratti misbaakii lubootaafi daaqonootaan dhiyaate.
Caffee Mooraa-Jimmaa:
🌧🌧Gaadii(ገሃድ), Kataraa, Cuuphaafi Qaanaa Galiilaa🌦🌦
        KUTAA 1FFAA
✍️ Waggaa waggaadhaan akka dhaha Bataskaana Ortodoksii Tawaahidootti gaafa Amajjii kudhanii kaasee hanga kudha lamaatti guyyaa lagannaafi kabaja ayyaanota gurguddoo sadiitu jira. Isaanis:
👉Gaafa Amajjii 10- Gaadiifi Kataraa
👉 Amajjii 11- Cuuphaa
👉 Amajjii 12- Qaanaa Galiilaadha.
  GAADII/GAHAADII
Jechi 'Gaadii' jecha Gi'iizii "ገሃድ/gehaad" jedhu irraa kan dhufe yemmuu ta'u hiikni isaa ifa ba'uu(mul'achuu) jechuudha. Gaadii jechi jedhummuu jecha Gi'iizii "ጋድ/Gaad" jedhu irraa kan dhufe yemmuu ta'u jijjiiramuu, bakka bu'aa jechuudha.
👉Soomni Gaadii/Gahaadi ayyaanota Gooftaa gurguddoo lameen; dhaloota Gooftaafi Fayyisaa keenya  Iyyasuus Kiristoosifi ayyaana Cuuphaa isaatti kan soomamuudha. Haa ta'u malee hiikaafi kaayyoon soomamuuf ayyaanota lameenirrattuu adda addummaa qaba.
Ayyaana dhaloota Gooftaaf hiika "ifa ba'uu/mul'achuu" jedhu kan fayyadamnu yoo ta'u; guyyoota 40'n sooma Raajotaa keessaa kan jala bultii ayyaana dhaloota Gooftaatti soomamuudha. Kunis fayyina dhala namaaf barri murame yeroo ga'etti fooniin mul'achuu/ifa ba'uu isaa ilaalchisuun kan soomamuudha. "Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame.”
  — Gal. 4:4
Egaa Kiristaanonni raajonni ni bu'a, ni dhalata jedhanii isa isaan eeggachaa soomaa turan yaadachuuf sooma raajotaa jalqabumayyuu hanga jala bultii ayyaanatti kan sooman yemmuu ta'u, guyyaa jala bultii sanammoo addatti moggaasa ገሃድ/ifa ba'uu jedhu kennuufiin mul'achuu Gooftaa yaadachaa ni soomu. 
“Jechichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaafi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.”
  — Yoh. 1:14
Gaadiin jala bultii ayyaana cuuphaatti soomamu ammoo hiika jijjiiruu/ bakka bu'aa jedhu kan qabu yoo ta'u; kunis ayyaanni cuuphaa guyyaa Roobii ykn Jimaataa irra yemmuu bu'u soomni fayyinaa Roobiifi Jimaata soomamu gara jala bultii guyyaa ayyaanichaatti jijjiiramuu (guyyaa jala bultii ayyaanichaan bakka buusuun soomamuu) isaa kan ibsuudha.
Soomni Gaadii yeroo hundumaa Amajjii kudhanirra oola. 👉"Amajjii 10 guyyattii kanatti amantoonni hundi nyaata homaallee osoo hin dhandhamin hanga galgalaatti akka soomaniif nu dura kan turan hayyoonni angafoonni barsiisonni mana kiristaanaa seera nuuf hojjetaniiru" Sinkisaara Amajjii 10.
Kunis ayyaanni cuuphaa inni guyyaa 11 irra oolu Roobii ykn Jimaata irra yemmuu oolu amantoonni guyyaa Kibxataa ykn Kamisaa akka dabdeettii isaanitti hanga sa'aatii 6:00, 9:00 ykn galgalaa nyaata kan soomaniifi akaakuwwan nyaataa yeroo soomaa hin sooratamne ammoo hanga halkaniitt kan lagatan ta'a.
Haa ta'uutii garuu bara ayyaanni cuuphaa Roobiifi Jimaatarra oolu duwwaa jijjiirraan eegamee Amajjiin kudhan sooma Gaadii yaa ta'u yoo jedhame amantootarratti burjaajii waan uumuuf Amajjiin 10 baruma hundaayyuu akka lagannaan darbu murtaa'e.
Tarii Amajjiin 10 yoo Sanbattan irra oolehoo? Gaaffiin jedhu yeroo baay'ee ni ka'a.
👉 Amajjiin kudhan Sanbata Duraa ykn Sanbata Guddaa irraa yemmuu oole Sirni Galatoo ganama kan gaggeeffamu yemmuu ta'u; akaakuun nyaataa yeroo soomaa dhorkaman garuu hanga halkaniittiyyuu ni lagatamu.
Amajjiin 10 Guyyaa Roobii ykn Jimaataa irra yoo oole hoo?
👉 Yeroo baay'ee Amajjiin 10 Roobii ykn Jimaatarra yemmuu oolu guyyaawwan lamaan durayyuu guyyaa laguu waan turaniif soomni Gaadii gara Kibxataa ykn Kamisaa butama jechuun namoonni yemmuu burjaaja'an ni mul'ata. Haa ta'uutii garuu kun seera M/Kiristaanaa miti. Amajjiin 10 sooma Fayyyinaan walirra yemmuu bu'e jijjiirraan guyyaa hin jiraatu. Sababni isaas soomni Gaadii kan barbaachiseefiyyuu sooma fayyinaa bakka buusuuf ture waan ta'eefi.
     KATARAA🌦🌦
Akka hiika alaqaa Kidaanawaldi Kifleetti "Kataraa" jechi jedha jecha "ከተረ፣አገደ፣አቆመ " jedhu irraa dhufe. Hiikni isaas " dhaabe, hidhe, daangesse, dhoorke" jechuudha. Kunis hiikni kallattii isaa waan deemaa jiru tokko daangessuun dhaabuu jechuudha.
Kataraan kan kabajamu gaafa Amajjii guyyaa kudhanii yemmuu ta'u; kunis Taabotoonni iddoo bultoo isaanitii ba'uun gara bakka maddoonni bishaanii jiraniitti deemuun buluun kabajama. Deemsi kunis deemsa Gooftaafi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Yoordaanoos taasise yaadachuun kan taasifamu yoo ta'u sababoota gurguddoo sadi qaba.
👉Sababoota sadan  Kutaa lammaffaan barruu kanaan itti deebina.
    Itti fufa....
https://www.tg-me.com/DooniiNoh
2024/06/03 16:05:15
Back to Top
HTML Embed Code: