Telegram Web Link
Jaalalli maal akka godhe ilaalaa.

Galma ibiddaa Ariyaam keessaa harkifamee holqa Beetaliheem keessa mana horii keessa rafe.

Inni ifa akka uffataatti uffate baala baalsamiin akka of maramu isa godhe.

Waaqayyoo yeroo hin qabne daa'ima, daa'ima, daa'ima, nama guddaa godhe.

jaalala...
Ilma tokkicha abbaan isaa jaallatu Yihudoota biratti akka jibbamu godhe.

Gooftaan ergamootaan galateeffamaa ture arraba hadhaawaa Fariisotaatiin akka arrabsamu godhe.

Abbaan murtii dhaddachaa harka hidhatee murtii namaa barbaacha akka naanna’u taasifame.

Jaalalli waaqa kiruubel duuba taa'uuf teessoo fannoo godhe. Siree awwaalchaa itti qopheesse.

Jaalalli salphina ilma Waaqayyoo tuffatee gammachuu amantoota isa dura jiraniif qullaa akka fannifamu godhe!

Qoricha ta'uudhaan hunda keenya dhukkuba cubbuu irraa fayyise
.
GUYYAA SADAFFAA

Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadii booda ka'e jedhamee yammuu barsiifamu hedduu keenyaaf ifa hin ta'u! Guyyyaa sadii booda ka'uun isaa duruma iyyuu raajotaan dubbatameera. Akkasumma gooftaanillee ofuma isaa dubbateera! Amma kan nama gaafachiisu akkamitti guyyaa sadi guuta kan jedhu malee gooftaan gooftaan kan ka'e guyyaa sadaffaattidha ykn miti kan jedhu miti. Kanas abbooliin karaa sadii akka lakkaa'mu ni barsiisu!

#1.Gooftaan kan awwaalame Jimaata sa'atii 11:00 ttidha. Guyyaan halkan waliin akkasuma halkan guyyaa waliin lakkaa'ama akkuma jedhu,saa'atiin tokko kan jimaataa (11-12) tti jiru sun sa'atii 23n darban waliin lakkaa'ama. Haala kanaanis

👉Kamisa galgala kan jimaatatti barii'u- halkan 1ffaa
👉Jimaata guyyaa -guyyaa 1ffaa
👉Jimaata galgala kan Qidaameetti barii'u-halkan 2ffaa
👉Qidaamee guyyaa-guyyaa 2ffaa
👉Sanbata galgala-halkan 3ffaa
👉Sanbata guyyaa-guyyaa 3ffaa /halkan guyyaa waliin waan lakkaa'amuuf/

#2. Garaa duukaa bu'ootaa akka awwaalchaatti lakkaa'uun:- kunis gooftaan guyyaa kamisaa galgala duukaa bu'oota isaatiin "kunoo foon koo isa dhugaa, ......dhiiga koo isa dhugaa..../ jechuun Qurbaana kakuu haaraa hundeessuun Qulqulluu foonsaa fi kabajamaa dhiigasaa isaaniif kenneera. Kanaafuu kamisa galgalaa kaasee hanga sanbata guyyaatti haaluma 1ffaarratti ibsameen lakkaa'ma.

#3. Jimaatni guyyaan halkanii fi guyyaa ta'ee ooleera. Kunis:

👉Yammuu gooftaan fannoorra turetti jechuunis 6:00-9:00tti guyyaan dukkanaa'ee ture. Kunis akka halkan 1ffaatti
👉Jimaata 9:00-12:00tti guyyaa 1ffaa
👉Kana booda Qidaamee fi sanbatni halkanii fi guyyaatiin lakkaa'amu.

#Walumaagalatti karaa adda addaan haa lakkaa'amu iyyuu malee hunduu guyyaa sadii fi halkan sadii dhufu. Kunis #Jimaata, #Qidaamee fi #Sanbata Halkanii fi guyyaan isaanii lakkaa'amnii jechuudha.

👏👏AYYAANA GAARII👏👏
https://www.tg-me.com/DooniiNoh
CE'UU (MAA'IDOOT) ማዕዶት
Maa'idoot jechuun jechi isaa jecha Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaa immoo "ce'e, ce'uu, ce'umsa" jechuu dha. Bu'uura madda kana irratti hundaa'uudhaan "Ce'e bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Akkuma beekamu gaafa ayyaana faasikaa kan yaadatamuu qaban baay'ee isaaniitu jiru. Haa ta'u malee gaafa guyyaa faasikaa waa'ee tokkoo tokkoo isaanii dubbachudhaaf waa'ee isaanii keessattis immoo Iyyasuus Kiristoos isa fannifame lallabuudhaaf akkuma Qulqullichi Phaawuloos “...Waa'ee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u’’. (Ibro11፡32) jedhee dubbate sana guyyaa tokkittii keessatti waan kana hundumaa ibsuudhaf yeroon hin ga'u. Kanaafuu manni amantaa keenya seenaan kun hundumtuu akka ukkaamamee hin hafneef jecha seenaa kana hundumaa keessattis ammoo Kiristoosiin lallabuudhaaf guyyoota faasikaadhaa booda jiran hundumaa maqaa itti moggaaftee nu barsiifti.
MAA'IDOOT = Wiixata
TOOMAAS   = Kibxata
ALAAZAAR  = Roobii
ADDAAM     = Kamisa
Qulqulleetti Mana Kiristaanaa=Jimaata
Dubartoota Qulqulluu = Sanbataa
Du'aa ka'uu 2ffaa= Dilbata jechuudhaan hojii Gooftaa ittiin ibsiti.

Kanaafuu guyyaan faasikaatti aanee kan jiru Wiixatni MAA'IDOOT jedhama.
MAA'IDOOT jechuun akkuma armaan oliitti ibsuuf yaalle CE'UU jechuudha. Guyyaan kunis ayyaanni faasikaa kabajamee oolee erga buleen booda gaafa guyyaa wixataa kan yaadatamee ooludha.
✔️Kutaa inni jalqabaa ce'umsa fakkeenyawaa  ce'uumsa yeroo kan jedhuu ta'a. Kunis uummanni Israa'eel garbummaa biyya Gibxii jalatti waggaa 430 erga turanii booda Waaqayyo raajaa musee kaasee, dhiphuu, gidiraa fi gabrummaa lafa Gibxii jalaa isaan baasuuf akka ajajee fi innis ajaja sana fudhatee fedha waaqayyoon walabummaa isaanii kan of keessatti qabatuu dha. Waaqni abbaa dhiphuu fi gidiraa uummata Israa'eel irra ga'u jalaa akka ba'aanif Musee gargaaree yeroo isaan aduun miidhaman duumessa gaddisiisee, yeroo isaan dheebotan kattaa keessaa bishaan burqisiisuun obaasee, yeroo galaanni itti guute ulee Museedhan raajii hojjete bishaan akka gimbiitti dhaabee isaan ceesisuu isaa yaadachuun ce'uumsa jedhamee moggaafame.
✔️Kutaan inni 2ffaa immoo guyyaa fayyisaan keenya, qoricha keenya kan ta'e Iyyasuus Kiristoos
👉 Dukkana keessaa gara ifatti
👉 Du'a irraa gara jireenyaatti
👉Si'ool irraa gara Jannataatti
👉Abaarsa irraa gara eebbaatti
👉Salphina irraa gara ulfinaatti
👉Garbummaa irraa gara bilisummaatti
👉Gadda irraa gara gammachuutti.. Ce'uu keenya yaadachaa Waaqa oolmaa kana hundumaa nuuf oole kan ittiin lallabnuudha.Inni rakkina keenyaf furmaatadha.Inni dadhabbii keenyaf humnadha.Inni dhukkubbii keenyaf qorichadha. Inni gaaffii keenyaf deebiidha.Inni jireenya keenyaaf bu'uuradha.Inni eenyummaa keenyaf miidhaginadha. Kanaafuu isaatiin du'a irraa gara jireenyaatti ce'uu keenya waan beeknuuf guyyaa kana MAA'IDOOT jennee guyyaa ce'uumsa keenyaa sana ittiin yaadachaa Waaqa nu ceesise kanas jennee gochaa(hojii) isaa ittiin dhugaa baana. 1Yoh 3፡14  CEESISAA LUBBUU jechuudha.
Ceesisaan lubbuu keenyaa kunis fayyisaa keenya, qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos dha.
Egaa amantaan keenya Ortodoksii Tawaahidoon tokkummaa namoota ce'aniiti. Kanaafuu namni du'a irraa gara jireenyatti ce'e hin sodaatu waan ta'eef bara jireenya keessan keessanitti sodaatiinaa!. Namni raafama du'a jala ce'e hin raafamu hin raafamiinaa!. Namni yaaddoo du'aa jala ce'e hin yaada'u hin yaadda'iinaa!.
TOOMAAS
Kibxatni ayyaana du'aa ka'uu boodaa yaadannoo duukaa bu'aan Toomaas waaqayyoon argee gooftaa koo waaqa koo jedhee dhugaa ba'e akka ta'uuf moggaafame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du'aa ka'ee mana cufaa keessatti duukaa bu'ootatti mul'atee nagaan isiniif haa ta'u yeroo jedhetti duukaa bu'aan kun isaan waliin hin turre.Yemmuu duukaa bu'oonni du'aa ka'uu gooftaa keenyaa itti himanis hangan ijaan argutti hin amanu jedhee ture.Kanaaf torbee isaatti gooftaan keenya bakka qulqulluun Toomaas jirutti duukaa bu'ootatti lammaffaa mul'atee nagaan isiniif haa ta'u jedhe.

Qulqulluu Toomaasiinis"Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i" jedhe. Toomaasis harkasaa ilaalee, qubasaas madaa cinachasaa keessa kaa'ee  baruun gooftaakoo waaqa koo jedhee amane(Yoh20:21-30).
Kanas abbooliin yemmuu hiikan Qaamasaa tuttuquusaan gooftaa koo jedhe, madaan cinaachasaa akka abiddaa isa gubnaan immoo waaqa koo jedhee amane jedhanii barsiisu.

Ayyaana gaarii
.
ALAAZAAR
Guyyaan Roobii du'aa ka'umsa gooftaa keenyaa booda jiru yaadannoo du'aa ka'uu Alaazaar obboleessa Maartaafi Maariyaam akka ta'e manni kiristaanaa keenya ni barsiisti. Alaazaar Hoosaa'inaa dura Roobii du'ee guyyaa afur booda sanbat-duraa ka'eera. Du'aa ka'uun Alaazaar garuu du'arraa gara jireenyaatti osoo hin taane du'arraa gara du'aatti waan tureef du'atu isa eeggata. Kanaafuu du'aa ka'uu gooftaa booda kabajama. Alaazaar Bitaaniyaa keessa kan jiraatu waaqayyoon kan jaallatu ture. Guyyaa tokko dhukkubsatee du'ee awwaalame. Gooftaan keenyas erga inni du'ee awwaalamee booda dhaqee du'aa kaase. Kanaanis du'aa ka'umsiifi jireenyi anadha jedhe.
🙏Eeyyeen du'aa ka'umsiifi jireenyi isadha. Du'aa ka'umsaafi jireenya isaan nutis du'aa ka'uufi jireenya argannee jiraattota taane.
⚜️Dubrittii Dubbii Abbootiin⚜️

➭"Waaqayyo osoo Mucaa dubaraa mooticha Heeroodsi irraa dhalateera ta'e arii'atamuun Isaa hafee mootummaa  isaa dhaala ture. Inni garuu mucaa warra hiyyeessaa kan taate Dubroo filate" Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa

➭"Yaa tulluu guddichaa! Mucaa xiqqoon kan si baatte atumti akka isheen dandeessee si baattu taasifteeti; Yaa ibidda guddichaa! Mucaa xiqqoon si baattee kan hin gubanne, akka isheen dandeessuuf ishee jabeessiteeti!"  Q. Efreem isa Sooriyaa

➭"Addunyaan kun kallattiidhaan Ilma Waaqayyoo Waaqa Abbaa irraa fudhachuuf kan gahe ta'ee waan hin argamneef, addunyaan akka ishee irraa fudhatuuf Ilma isaa tokkicha haadha isaa akka taatuuf Dubroo Maariyaamiif kenne!" Q. Awugisxiinoos

➭"Yaa gooftaa haadha kee eenyu jennee waamnaa? Haadha qofa akka hin jenne Dubroo taatee argine; Dubroo akka hin jenneef ilma haammattee argine. Yaa gooftaa haadha kee waamuuf akkas kan nama rakkisu yoo ta'e siin immoo mee maal jennee waamnaa?" Q. Efreem

➭"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa. Kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' kan jedhu; Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" Q. Saawuroos isa Antsookiyaa

➭"Dubroo qulqulleettiin dhugumatti waaqayyoon kan deesse ta'uushee ni dubbanna, Waaqayyo Ilmi/JECHI/ isheerraa foon waloomfateeraatii" Q. Gorgooriyoos isa Inzinaazuu

Caamsaa 01; guyyaa kanatti dhaloonni ishee kan yaadatamu Eebbii fi araarsummaan Haadha Waaqaa Dubroo Maariyaam  nurraa adda hin bahiin! Ameen!

Telegram: https://www.tg-me.com/Kalabhiyahu
Forwarded from ♻️
Forwarded from ♻️
Suuraa Guyyaa ayyaanaa galgala kaafaman
AMANTAA ABBOOTAA

"Obbolootaa nuti hoo akkasitti amannna: Kan hin dhalanne Waaqayyo Abbaan qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan dhalate Ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan jaalaterra kan bulu Afuurri Abbaa, Ilmaa Waaqayyo Afuura Qulqulluun qaama isaa adda ta'een tokkodha.Abbaan hin dhalanne, addunyaa dura Ilma dhale malee, Ilmis addunyaa dura Abbaarraa dhalate. Afuurri qulqulluus addunyaa dura Abbaa irraa bahe!"

Amantaa Abbootaa kan Atnaatewoos
Waaqayyoof galatni haa ta'u!
Fedha uumaa keenya Qulqulleetti Sillaaseen guyyaa har'aa(guyyaa yaadannoo ji'aa Qul.Sillaaseen) speaker(sagalee guddistuu) kana bitachuu dandeenyeerra. Warreen bakka adda addaa teessanii jaalala Xoofoo Sillaaseef qabdaniif maqaa Qulqulleettii Sillaaseen gargaarsa nuuf gochaa jirtan waaqayyo uumaan keenya bakka jirtanitti isin haa eegu, kan hafe isiniif haa eebbisu, guyyaa dhufaatiisaa nama mirgasaa dhaabbatu isin haa taasisu.
Warreen nu gargaaruu barbaaddanis Herreega baankii maqaa Xoofoo keenyaan banameen akka nu gargaartan maqaa uumaa keenya Sillaaseen sin gaafanna.

1000421540687 Tofo Sillasie Jimma
YAADA BADAA (HAMAA)

🚸Yaa ijoollee koo! Jalqabarraa yaada hamaa yaaduu osoo dhiisnee gaariidha.Yoo dhuma yaadanillee garuu yoo xiqqaate baastanii hin dubbatinaa. Achumatti qalbii dhuma keessan keessatti  hambisaa; Daqiiqaa muraasa booda gara wanta hin jirreetti ni jijjirama.

🧍‍♂🚶👨‍✈️.Nuti namootadha.  Kanaaf yeroo baay'ee waan hamaa ,hin mallee fi xuraa'aa ; akkasumas jibisiisaa ta'e ni yaadna. Garuu yoo xiqqaate  yaadota  sana osoo baasnee dubbachuu dhiisnee; gara jechaattis osoo jijjiiruu baannee gaariidha.Gara alaatti baasuu dhiisnee ciniiffannee of keessatti yaa qabannu.Yeroo muraasaan booda nu keessaa hirdhachaa, dadhabaa fi bahaa deemu.

🦁 Bineensa tokko gara boollatti  darbattanii otoo boollichas duuchitanii; bineensi gara boollatti darbattan sun qilleensa ittin harganu dhabee ni du'a.Akka carraa ulaa xiqqoo qilleensi ittin galu yoo argatte garuu qilleensa gara ulaa sanaan seenuun lubbuun turuu ni danda'a .
Yoo isa dhiphisu, hammeenyaan  isin miidhuuf isinitti dhaadata,erga boollicha keessaa baheen boodas sin miidha.
👉 Haaluma wal fakkaatuun isinis yaada hamaa sammuu keessan keessa deddeedi'u,ulaa (karra) ittin bahu yoo duuchitan ni du'a; Jiraachuu irraa gara wanta hin jirreetti  ni jijjiirama.

👅Arraba keessaniin dubbachuudhaan  ulaa xiqqoo yoo bantaniif,akkasumas akkuma bineensichaa hafuura baafannaa yoo eyyamtaniif garuu yaadni badaan hojii hamaa ni daha.Namas ni aarsa.Yeroo sadarkaa yaadaa irra jiru  caalaa hojiin dhalatee,jijjiiramee garmalee sin miidha.


Madda :Kitaaba Gidiraa Kiristaanootaa. (Yohaannis Afaan Warqee)
Akka Malaakuu Kabbadaan hiiketti
⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️

➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6);

➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!  Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.  Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin!  Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!  Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.  Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!"

➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu!

Telegram: https://www.tg-me.com/Kalabhiyahu
Maatii Taatanii Jirtuu

➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif!

Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://www.tg-me.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
⚜️Eeyyama Waaqayyoo⚜️
        [ፈቃደ እግዚአብሔር]

➭Namni baay'een, "kanan yaade hunduu homaa naaf hin milkoofne" akkaa jedhe ni gumguma; "Anaan hoo Waaqayyo na irraanfachuu hin oolu" akkaa jedhe Uumaa isaa gaddisiisa. 'Naaf kenna' jedhee osoo hin taane 'nan argadha' jedhee jalqabee yammuu argachuu dhabu akka waan Waaqayyo isa duraan qabu isa harkaa fudhateetti  Waaqa isaarraatti boo'a. Waaqa yeroo karoorsitu hin yaadanne gaafa waan yaadde siif milkaa'uu didu maaliif komatta? Jireenya kee keessatti yoom bakka kenniteefi? Akkan yaade haa ta'u jette malee 'akka eeyyama kee haa ta'u' jettee yoom kadhatte? Isa duraan isa marii'anna amma maaliif himatamaa isa taasista?

➭Guyyaa itti nan hojjedha jettee manaa baate akkanumatti maal na dhibdeedhaan maqaa isaa waamteetta yoo ta'e deebi'ii of qoradhu! Akka ta'utti kadhattee karaa kee hundattis akka si dursuuf eeyyamamaa taatee yoo jalqabde garuu homaa hin shakkiin tiksee kee amani. Ati akka Loox yoo filatte,  Sodoomiif Gomoraa yeroodhaaf gaarii fakkaatee garuu Waaqayyo immoo keessatti  hin kabajamne  irra amma homaa kan hin fakkaanne booda garuu dammaa fi aannan kan maddisiisu ijoollee keefis qabeenya [dhaala] kan ta'u [biyya] Kana'aan siif wayya!

✍️Dn Abeel K. akka Dn Lammeessaa T. hiiketti

Obboleessa koo ati hoo kan ofii barbaaddu moo kan Waaqayyo siif kennuu barbaadu kadhatte?  Ati kan ofii barbaaddee argattu yeroof si ceessisuu danda'a garuu rakkoo inni sitti fidutu caala; Waaqayyo kan siif kennu garuu yeroof obsa si barbaaduu danda'a garuu barootaaf hamma dhuma jireenya keetti kan si ceessisudha. Inni nu caalaa nuyiif yaada
Telegram: https://www.tg-me.com/Kalabhiyahu
Forwarded from Chala
Waa’ee Dubroo

👉"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!'

👉Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati"

Qulqulluu Saawuroos isa Antsookiyaa

"Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara sadan adda ta'an gara Abbaa, Ilmaafi Afuura qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda."
  Qulqulluu Yaareed
Giiftiin keenya qulqulleettiin dubroo maariyaam godoo dookimaasii  hir'uu isa ilaaltee hir'uu isa immoo ilaaltee kan hin dhiisne kan guuttef hir'uu keenya keessatti nuf argamtee hir'uu keenya nuf haa guuttu.

Araarsummaa fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u. AMEEN!!!
2024/06/03 12:42:25
Back to Top
HTML Embed Code: