Telegram Web Link
Mootummaan Itoophiyaa "gatii Birrii biyyattii laaffisuufi kan doolaaraa dabaluuf qophiitti jira"yaadni jedhu dhara jedhe.

Mootummaan,yaada gama IMF fi Baankii Addunyaatiin dhiyaatu simatee tarkaanfii gatii Birrii biyyattii kuffisuu fudhachuuf qophiitti jira jechuun sirrii akka hin taane,Qondaalli mootummaa Itoophiyaa Dr.Iyyoob Takkaaliny himan.

Ministeer deetaan ministeera Maallaqaa,Dr.Iyyoob Takkaliny ergaa gabaabaa fuula Twitter isaaniitiin qoodaniin,tibbana gatiin doolaaraa dabaluuf odeeffannoon jedhu jiraachuu fi kunis kan dhugaarraa fagaateedha" jechuun haalaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa yaada gama IMF fi Baankii Addunyaatiin dhiyaatu simatee tarkaanfii gatii Birrii biyyattii kuffisuu fudhachuufi kan doolaaraa dabaluuf qophiitti jira jedhamuun tibbana bal'inaan qoodamaa ture.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhumaaf maallaqa Itoophiyaatti gatii hir'isuuf (devaluation) kan murteesse bara MM duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany ture.

Yeroo sanatti Birriin doolaaraan wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 15n gadi bu'eera.

Sana booda bulchiinsi Ministeera Muummee ammaa Abiy Ahmad gabaa maallaqa alaa gadi buusuun gatii birrii laaffiseera.Yeroo Ministeerri Muummee Abiyyi Ahmed gara aangootti dhufan doolaarri tokko naannoo birrii 27 kan ture yoo ta'u waggaa waggaan yoo xiqqaate dhibbeentaa 25n akka laafaa dhufu godhamee,amma birrii 53 olitti shrafamuu irra gaheera.

Mootummaan Itoophiyaa yaada gama IMF fi Baankii Addunyaatiin dhiyaatu simatee tarkaanfii gatii Birrii biyyattii kuffisuu fudhachuuf qophiitti jira jedhamuun tibbana bal'inaan qoodamaa kan ture yoo ta'u,Gatii Birrii kuffisuun Qaala’iinsa jireenyaa hamaa yeroo ammaa lammiilee biyyattiif qormaata jabaa tahee jiru ittuu kan hammeessu tahuufi adeemsichi balaafamaa ta'uu ogeeyyiin himu.
#Mana_murtii_Aadaa!

Godina Gujii Bulchiinsa Magaala Adoolaa Woyyuutti,Manni murtii Aadaa himatamaa yakka gowwoomsee gudeeddaatiin himatame irratti murtii dabarse.

Himatamaa Yakka gudeeddaatiin himatame tokko shamarree miidhamtuu sobee "si fuudha" jechuun gowwoomsee durbummaa isii erga irraa fudhateen booda jalaa miliqee achi buuteen isaa dhabame.miidhamtuu tun barbaadaa turtee erga dhabdeen booda gara Mana murtii Aadaa Ganda Laga Gafarsaa deemtee himannaa irratti bante.

Manni murtii Aadaa Ganda Laga Gafarsaa shakkamaa Yakka gudeeddaatiin himatame kana jadhaabaan barbaadamee akka dhihaatuuf ajaja dabarsee,Jadhaabotni barbaadanii iddoo shakkamaan kun jiru eeruu argatanii hordoffii Cimaa erga taasisaniin booda qabanii Mana murtii aadaatti akka dhihaatu taasisan .

Shakkamaan shamarree yakka miidhaa Gowwoomsee gudeeddaatiin himatame Mana murtii aadaatti dhihaatee galmeen isaa erga ilaallamee shakkamaan yaada akka Kennatu taasifamee Yakkicha raawwachuu amane.

Manni murtii Aadaa Ganda Laga Gafarsaa bu'uuruma Manni murtii Aadaa ajajuun yakkamaa ta'ee waan argameef murtiin akka itti kennamu taasifame .

Akkaatuma Labsii Manni murtii Aadaa ajajuun Yakkamaa miidhamtuu irratti yakka Gowwoomsee gudeeddatiin himatame Dhaddacha har'a ooleen Goromsa bantii fi baasii Maatiin baasaa ture birrii Kuma 7,000 kanfalchiisee jira.

Yakkamtuu miidhaa Kun irratti gaggeeffamee Fi Maatii isii murtii Manni murtii Aadaa dabarse bu'uuruma Aadaan ajajuun Deddeebii tokko malee dhimmi ishii xumuramuu isaatiin Mana murtii Aadaa galateenfataniiru.

Walitti qabaa Mana murtii Aadaa Ganda Laga Gafarsaa Obboo Hurrisaa Elemaa akka jedhanitti,Guyyaa Manni murtii Aadaa hundaa'ee itti Gaafatamummaa itti kennamee asi Hojiilee fakkeenyummaa qabu kanneen akka, himannaa Haadha manaa Fi Abbaa manaa ilaaluun walitti araarsuu , Namoota maallaqa walirraa fudhatanii wol dhoorkatan sirreesuu, yakka gudeeddii fi kkf irratti hojiilee ciccimoo raawwachuun araaraa buusaa akka jiran dubbataniiru.

Bulchaan Ganda Laga Gafarsaa Obboo Loloo Jaboo Manni murtii Aadaa Ganda isaaniitti hundaa'ee karaa barbaadamuun hojii isaa akka raawwatuuf deeggarsa barbaachisaa hundaa taasisaa akka jiran ibsuu waajira Kominikeeshinii Magaalichaatu Gabaase.
#Legio_Maria Ilkaan malee --Imala gara mootummaa waaqaatti(Jannataatti)

Hordoftoonni Amantaa Legio maria garee amantoota kiristaanaa bara 1961 hundeeffame yoo ta’u,hordoftoonni amantii kanaa ilkaan isaanii gara jalaa 6 of keessaa baasuun tikkeettii gara mootummaa waaqaa(jannata)ttii ittiin imalan argachuun ni danda’ama jedhanii amanu.

Amantiin Baha Afrikaa keessatti hordoftoota miliyoona 3.5 hanga 4 ni qaba jedhamee himamu kun,hordoftoonni amantaa kanaa kamiyyuu ilkaan isaanii kan jalaa 6 akka baasan dirqisiisa.

Hordoftoonni amantichaa akka jedhanitti "Yesuus Kiristoos yeroo du'aa ka'u,Melchio Simo'on (hundeessaa amantii Legio Maria) akka dibuu fi hordoftoonni legio maria guyyaa dhumaa salphatti akka adda baafamaniif ilkaan jalaa ja'a akka mallattootti akka buqqisan ajajamuu dubbatu.

Hordoftoonni Legio Maria;Melchio Simion akka raajii isaaniitti kan ilaalan yoo ta'u,Maariyaam (Haati Iyyasuus Kiristoos)hidda dhalootaan gurraacha Afrikaa akka taate amanu.

Ilkaan isaanii ja’a ja’a buqqisuun guyyaa dhumaa yeroo raajiin isaanii dhufu namoota biliyoonaan lakkaa’aman irraa adda baasuun akka salphatu ni amanu.Waa'ee ilkaan jahan jalaa baasuu irratti dubbiin (mariin) amantii hin ta'u jedhu. Odeessaalee waytaawaa birootiif

YouTube: https://bit.ly/2Yyvu8B
Telegram: https://www.tg-me.com/FFF_Media
Twitter: https://bit.ly/2VfE36G
Instagram: https://bit.ly/3jN1C0o
Website:3fnews.com
Facebook:facebook.com/3fafaanoromo nu hordofaa!
Antoonii Bilinkan haala Tigraayifi rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuu irratti MM Abiy waliin dubbatan - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/waliigala/antoonii-bilinkan-haala-tigraayifi-rakkoo-nageenyaa-oromiyaa-furuu-irratti-mm-abiy-waliin-dubbatan/
2024/05/18 22:10:35
Back to Top
HTML Embed Code: