Telegram Web Link
Hordoftoota ELROI TV Channel biyya keessaaf biyya alaa kan jirtan maraan baga gammaddan bagas waliin gammadne isiniin jechuun barbaada.
Akkuma beekamu ELROI TV Channel erga tajaajila isiniif kennuu qabee bubbuleera haata'u malee waggaa tokkoof walakkaaf chaanaaliin kun hugguramee ture, kanaaf halkanii guyyaa huggura jalaa baasuuf yaliin nun hin goones hinjiru ture, ta'us yeroo hamma kanaaf isinis obsaan nu eegaa turuunkeessan baayyee kan isin galateeffachiisuu fi nus waaqayyo nugargaaree Chaaneelii kana huggura jalaa baafannee jirra, amma booda yoo waaqayyo jedhe kallattii hundumaan nun isa kanaan duraa caalaa dubbii waaqayyoo sagalee jiraataa sana qabannee akka isiniif dhiyaannu abdiin qaba.
Namooni tajaajiluus tajaajilamuus barbaddan kallattii ittiin nuquunnamtan toora chaanaalii keenyarraa argachuu dandeessu, dabalataanis #Chaaneelii kana like, share, invite gochuun nama beekataniifis nama hinbeekneefi qoodaa jennee jaalala waaqayyoon isin gaafanna. galatoomaa!
https://www.facebook.com/firoelroi/
https://w
I want to congratulate ELROI TV Channel to all of you who are in and abroad.
Apparently ELROI TV Channel hasn't been able to serve you for a year but this channel has been hugged for a year, so we didn't try to remove it during the day and night, but wait for so long you have been patiently waiting for us Thanks and God has helped us to get this channel out of breath, from now on if God wills we will bring the word of God in all directions and present it to you.
Those who want to serve or serve you can contact us directly from our channel, in addition we ask you to like, share and invite those who don't know. Thank you so much!
https://www.facebook.com/firoelroi/
#Dargaggootaa kun ergaakoof ergaakeetis.
Ulfinni isaa Waaqayyoof haata'u. #Ameen!
#Amantii kamuu hordofi garuu barri dargaggummaa akka darbu hindagatiin, humnis nama gatti, beekumsis nama gatti, qabeenyis nama gatti, beekumsis nama gatti, sinboon/bareedinnis nama gatti, kan nama hin ganne #Waaqayyo duwwaadha. Kanaafuu bara #dargaggummaakeetti Uumaakee yaadadhu.
Waaqayyo isin haa eebbisu. #Ameen
Forwarded from Evangelist Abduu
SEENAA DABSUUN WAAN DABAATI!
Dhugaa kana dubbisa Aarsaa tahee kan dhiheeyfame Yisihaq moo Ismaa'el?
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
Uma 22:¹ Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo qoree isa ilaaluudhaaf "Abrahaam!" jedhee waame; Abrahaamis, "Kunoo asan jira!" jedhee deebise.
² Waaqayyos, "
#Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhi'eessi!" jedhe.
³ Abrahaamis ganama barii ka'ee, qoraan qalmi ittiin gubamu falaxee, harree isaas fe'ee, dargaggoota isaa keessaa lama,
#Yisihaqin ilma isaas fudhatee, lafa Waaqayyo isatti hime dhaquudhaaf karaa irra bu'e.
⁴ Gaafa guyyaa sadaffaa Abrahaam ol ilaalee, iddoo sana fagootti in arge.
⁵ Yommus Abrahaam dargaggoota isaatiin, "Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina" jedhe.
⁶ Akkasitti Abrahaam qoraan qalmi ittiin gubamu
#Yisihaq ilma isaa baachisee, ofii isaatii immoo ibiddaa fi haaduu harkatti baate; lamaanuus walii wajjin in adeeman.
⁷ Takka erga adeemanii
#Yisihaq, Abrahaam abbaa isaatiin, "Abbaye!" jedhe; innis, "Maal jette ilma ko?" jedhe; Yisihaqis, "Ibiddii fi qoraanoo kunoo ti, qalma gubamu sanaaf immoo hoolaan meerre ree?" jedhe.
⁸ Abrahaam deebisee, "Waaqayyo ofii isaatii qalma gubamuu fi hoolaa in arga yaa ilma ko" jedhe; isaan lamaanuus walii wajjin in adeeman.
⁹ Isaanis gara iddoo isa Waaqayyo itti himee ture sanaa yommuu ga'an, Abrahaam achitti iddoo itti aarsaa dhi'eessu ijaaree, qoraanis tooraan irra naqe;
#Yisihaqin ilma isaa hidhee iddoo aarsaa irra qoraanicha gubbaa in ciibse.
¹⁰ Abrahaam kana booddee ilma isaa qaluudhaaf hiixatee haaduu in fudhate.
¹¹ Battala sanatti garuu ergamaan Waaqayyoo bantii waaqaa keessaa guddisee, "Abrahaam! Abrahaam!" jedhe; innis, "Kunoo asan jira!" jedhe.
¹² Ergamichis, "Mucicha irratti harka kee ol hin fudhatin, waan tokkos isa hin godhin! Ati ilma kee isa tokkicha isaaf waan hin mararsiifatiniif, ati Waaqayyoon akka sodaattu ani amma beekeera" jedhe.
¹³ Abrahaamis ol ilaalee, kunoo, dugda isaa duubaan korbeessa hoolaa gaanfa isaatiin arangamaa keessatti qabame tokko arge; achumaan dhaqee korbeessicha fuudhee, qooda ilma isaatii qalma gubamu isa in dhi'eesse.
¹⁴ Abrahaamis maqaa iddoo sanaa, "Yaahwee yir'ee" jedhee moggaase; [akkas jechuun, "Waaqayyo in arga" jechuu dha]; namoonni amma iyyuu, waa'ee isaa yeroo dubbatan, "Inni tulluu isa Waaqayyo irratti waa argamsiisuu dha" jedhu.

Ibr. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁷ Abrahaam yeroo ilaalamuuf qorametti, amantiidhaan
#Yisihaqin aarsaadhaaf dhi'eesse; isuma deddeebi'ee abdii argate sanatus ilma isaa isa tokkicha aarsaa dhi'eessuuf qophaa'e.
¹⁸ Ilmi isaas, isa "
#Yisihaqiin sanyiin siif in lakkaa'ama" jedhamee itti dubbatamee turee dha.
¹⁹ Waaqayyo warra du'an keessaa iyyuu nama kaasuu akka danda'u, Abrahaam yaada irra kaa'atee ture; ammas fakkeenya kanaatiin ilma isaa warra du'an keessaa deebisee akka argatetti in lakkaa'ama.

Oduu namaa moo Dubbii Waaqayyo amanna ree?
Oolmaa gaarii jireenya dhugaaf adda bahees qabaadha!
https://seh-video.xyz/6511482776340007/ sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it.
#Qaayentu_Abeliin_Ajjeese. Ser Umam 4:1-16
Qaayeniif Abel ijoollee #Addaam warra jalqabaati. Qayen hangafa, Abel immoo quxisuudha lamaanuus hojii mataa mataasaanii qabu.
#Qaayen qottuudha, hojiin isaas qonnarratti.
#Abeel tiksituudha, gaheen isaa tiksuudhas.
Gaaftokko lamaan isaanii waaqayyoof aarsaa dhiyeessan. Waaqayyos faara tolaadhaan gara aaersaa #Abel ilaale, haata'u garuu Qaayen sababii waaqayyo aarsaa ofii dhiyeessetti waaqayyo hingammanneef akkasumas faara tolaadhaan kan obboleessasaa Abel waan ilaaleef baayyee aare.
Waaqayyos #Qaayeniin utuu waan gaarii hojjette akkas hin aartu turte, ammas waan gaarii hin hojjettu taanaan #Cubbuun balbalakee #riphee si eeggatas ittiin jedhe.
#Qaayenis obboleessa isaa Abeliin sossobee haadhaaf abbaa biraa achi fageessee bakka namni hin agarretti #haadhoosaa_Abeliin_ajjeese. Erga ajjeeseen boodas #Reeffa obboleessasaa bakkeetti dhiisee akkuma nama nagaa fuula waaqayyoo dura dhaqee dhaabbate.
Waaqayyo yommus Qaayeniin meerre obboleessikee Abel jedhee gaafate. Qaayen
2024/05/29 10:41:34
Back to Top
HTML Embed Code: