Telegram Web Link
Hiriyaa fi miseemsi koree hojii rawwachiftuu duraanii waa'ee Dr Lammaa Magarsaa irratti turti BBC Afaan Oromoo taasisanin maal jedhan?

• Dr Lammaan hidhaa manaatiin booda tattaaffii isaanii fi gargaarsa namoota tokko tokkootiin biyyaa bahuun Xaaliyaaniitti Sagantaa Nyaataa Addunyaa(WFP) keessatti qacaramanii hojjechuu akka jalqaban himu.

• "Waggoota muraasa darban kana Xaaliyaaniitti qacaramanii hojjechaa jiru. Mindaa argataniin maatii isaanii Ameerikaa jiraatanis ofis jiraachisu.

• Lammaan asii aangorraa kaafamuu hordofee haatiwarraa isaani qonsiila Ameerikaa keessa hojjetaa turte achii hojii isaaniirraa gaggeeffamaniiru."

• "Yeroo amma Dr Lammaan jireenya isaaniif malu jiraachaa hin jiran. Kutaa tokko keessa qofaa isaanii jiraatu.

• Dr Lammaan erga biyyaa bahaniis waan keessa darbanii fi haala keessa jiran irratti miidiyaatti bahanii dubbachuuf fedhii hin qaban jechuun hiriyaan itti dhiyeenyan beeku yaada BBCf keennen dubbateera.

More https://linkv.in/406

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/05 10:31:31
Back to Top
HTML Embed Code: