Telegram Web Link
#ETHIOPIA

Fuulbaana 24 bara 20214 mootummaa haaraan kan hundeeffamu ta’uu manni marii bakka bu’ootaa kan Itiyoophiyaa ibsee jira.

Kanaafis bifa ammaayyaan gaggeessuuf akka danda’amuutti maanuwaalii qajeelfamaa gargaaruu qopheessuu isaa beeksiise.

Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo qophii kanaaf gaggefefamaa jiru kan ilaaleen ibsa kan kennan yoo ta’u, akka heera biyyattitti dhuma baatii Fulbaanaa guyyaa Wiixata jiru irratti kun gaggeeffama.

Waxabajjii 14/ 2013 filannoo gaggefefamee irraa ba’ii filannoo argamee irratti hundaa’uun, haallii itti gaggeefamuuf deemsii seeraa akka jiruus ibsan.

Kanaan cinattis manni marii kun akkaataan hojii gaggeeffamuu bifa ammayyaa akka qabaatuu gochuuf akkaataa hojii irratti oolchan qophaa’uun ibsamee jira.

Gama kaaniin manni maree kun sirna hordoffii fi to’annaa bifa ammayyaa akka qabaatu gochuuf caasaan dandeesisuu qophaa’uun ibsamee jira.

(VOA Afaan Oromoo)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Tigray

TPLF, ibsa baaseen baatii Hagayyaa keessa qofa Tigraay keessatti namoonni 150 ta'an beelaan du'aniiru jedhe.

"Gandootaa fi magaalota keessa hanqina nyaataa fi qorichaa hamaatu jira. Rakkoon jiru kan nuti beeknu caalaa hammaataa ta'uu danda'a," jechuun ABUT/TPLF jalatti hogganaa biiroo qonnaa Tigraay kan ta'an Dr Atinkuut Mazgaboo BBC'tti himaniiru.

Naannicha kan bulchaa jiruu fi mootummaa federaalaan shororkeessaa jedhamee kan labsame TPLF, ibsa baaseen baatii Hagayyaa keessa qofa namoonni 150 ta'an beelaan du'aniiru jedhe.

Duuti kun jiddugaleessa Tigraay Maayi Qinetaal, Qollaa Tambeen fi Taanquwaa Millaash, Baha Tigraay Hawuzeen akkasumas Kibba Tigraay Silaawaa fi Inda Makoni bakkoota jedhamanitti kan mudatedha jedha ibsi kun.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii UN akka jedhutti naannicha keessatti namoonni 400,000 beelaaf saaxilamaniiru. Namoonni miliyoona 5.2 ta'an ammoo deeggarsa barbaadu.

Maddi: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Grade12

Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2, 2014tti kan kennamu ta’uu Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa beeksiise.

Barattoonni kumni dhibbi  6  fi kumni 18 ol qormaata kana kan fudhatan ta’uu Daayreektarri Olaanaan Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa Dooktar Diilaamoo Ootoree ibsaniiru.

Qormaatichi buufataalee qormaataa kuma 2 fi 112 irratti kan laatamu  yoo ta’u, barsiisoonni kumni 16 ol qormaata kana ni qoran ta’uu eeraniiru.

Qormaatichi naannoo Tigraayiin ala naannolee hundatti kan laatamu ta’uus himaniiru. #Share

Maddi: FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
Manni murtii hidhattoota Huutii Yaman Pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp fi Ilma mootii Sa'uudii Arabiyaa Mohammad bin Salmaan irratti bakkasaan hin argaminitti adabbii du'aa itti murteesse.

Manni murtii namoota galmee Tiraamp jala himataman sagal addabaabayiitti baasuun du'aan adabeera.

Kanneen du'aan adabaman sagal keessaa namni yeroo qabamu daa'ima ture keessatti argama.

Lammiileen Yaman addabaabayii magaalaa Sana'aa keessatti duubaan itti dhukaafamee akka ajjeefaman ta'e kunneen bara 2018 du'aan akka adabaman irratti murtaa'e.

Namoonni kunneen humni qindaa'aan Sa'uudiin durfamu haleellaa qilleensarraan gaggeessuun qondaala Huutii tokko akka ajjeesu odeeffannoo dabarsanii kennan jedhamuun ture kan qabaman.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii murteen kun ulaagaa seera idil-addunyaa kan hin guunne yoo jedhu, Ameerikaan ammoo gochi kun qaanessaadha jette.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#WallagaaBahaa

Wallaga Bahaatti haleellaa raawwateen namoonni 29 ajjeefamuun gabaafame.

Naannoo Oromiyaa, Godina Wallaaggaa Bahaa Aanaa Kiiramuutti nageenyi lammilee buqqa'anii lakkoofsaan kuma 40 ol ta'an yaaddessaa ta'u Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Aanumaa Kiiramuu ganda Booqaa jedhamutti Fulbaanaa 7 fi 8 bara 2014tti haleellaa yeroo sadii walitti fufuun qaqqabeen lubbuun namootaa 18 darbuu fi Fulbaanaa 8/2014 ganda Ulumaayi jedhamutti haleellaa biraa qaqqabeen lubbuun namootaa 11 darbuu jiraattoonni naannichaa Komishinii mirga namoomaatti himaniiru.

Aanaa Kiiramuu keessatti haalli nageenyaa yaaddessaa ta'u isaatiin naannolee aanicha irraa lammileen kuma 40 ol buqqa’aniiru.

Lammileen qe'ee isaanii irraa buqqa'an kunnin gargaarsa namooma fi kan biroo akka barbaadan jiraattoonni Komishinii Mirgoota namoomaa Itoophiyaaf eeraniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa humneen nageenyaa motummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa haala nageenyaa yaaddessaa Aanaa Kiiramuu keessa jiru furuufi humnoota irra deddeebin lammiilee nagaa irratti miidhaa qaqqabsisaan seeratti dhiyeessun murtii barbaachisuu akka fudhataan akeekachiiseera.

Compiled by: GADAA MAGAZINE
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#CaffeeOromiyaa

Obbo Shimallisa Abdiisaa Preezdaantii naannoo Oromiyaa ta’uun mudaman.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii caffee 6ffaa gaggeesseen obbo Shimallis Abdiisaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa taasiisuun filateera.

Dhiyeessummaa Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan Obbo Shimallisa Abdiisaan Preezdaantii  mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun irra deebiin  muudamaniiru.

Via: FBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#AbdisaBanchaJarra

...'Sarvarii guddaa akka biyyaatti kan jalqabaa ta'u hojii jalqabsiisuufi.'
Abdiisaa Baancaa

Biyya keenyatti 'Pilaaneetii Teeknolojii haaraa ' uumuuf hojjechaa jirra, Ogeessa ICT Abdiisaa Bancaa.

Godina Arsii Lixaa Nansabootti kan dhalate dargaggoo Abdiisaa Bancaa Jaarraa, Yunvarsiitii Haramaayaa irraa ogummaa Teeknoolojii odeeffannoo fi qunnamtiitiin (ICT) eebbifame.

Bara 2006 erga dhaabbata 'oroict.com' hundeessees hojiiwwan teeknolojiidhaan walqabatan hedduu hojjechaa ture.

Dargaggoo Abdiisaan hojiilee gama kanaan hojjechaa turee fi waan gara fuuladuraatti milkeessuuf hojjechaa jiru irratti BBC waliin turtii taasiseera.

Erga dhaabbata teeknolojii kana hundeessee gama teeknolojiitiin waan hawaasaa fi biyya fayyadan irrattin fuullefadhee hojjechaa ture jedha.

* Dargaggoo Abdiisaa Bancaa maatii
GADAA MAGAZINE yoo ta'u, BBC waliin turtii taasiseera.

Cuuqasuun dubbisaa↘️
https://ift.tt/3kGS1sl

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#AdanechAbiebie #Finfinne

Kantiibaa bulchiinsa magalaa Finfinnee ta'uun kan muudaman Aadde Adaanech Abeebee miseensota paartilee mormitootaa kan IZEMA fi ABIN dabalatee mana maree bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessuun kaabineewwan 26 ta'aniif muudama kennaniiru.

Ministira ittisaa biyyaa ta'uun tajaajilaa kan jiran Dr. Qana'aa Yaadataa kaabinee bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kan filataman keessatti argamu.

Kantiibaa Adaanech miseensa Paartii IZEMA kan ta'e Obbo Girmaa Sayifuu Komishinara Komishinii Invastimantii Finfinnee, Obbo Yesuuf Ibiraahim miseensa ABIN kan ammoo Itti-gaafatamaa Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa magaalaa Finfinnee gochuun muudaniiru.

Miseensota kaabinee Kantiibaa Adaanecha mana maree magaalichaaf dhiyeessiterratti sagalee sagaleen kennamee 120 deeggersa kan argatan yoo ta'u, sagaleen mormii tokkoofi namoota sagalee kennuurraa of qusatan afur galmaa'uun muudamne kaabinootaa raggaasifameera.

Via: BBC
@Gadamagazine
@Gadaamagazine
#Maqii

Godina Shawaa Bahaatti Bulchaan Aanaa Dugdaa Obbo Lataa Fiixee Kibxata kaleessaa galgala gara mana isaanii galaa osoo jiranii qaama hin beekamneen rasaasaan ajjeefame.

Fuulli Facebook Komunikeeshinii Aanaa Dugdaa taatee kana hordofee barreeffama maxxanseen, bulchaan kun ''kabaja ayyaana daawwii dirree maasii qonnaan bulaa gaggeessaa oolanii galgala naannoo sa'aatii 2:30tti gara mana isaanitti osoo galaa jiranuu, qaama hin beekamneen rasaasaan dhahamanii ajjeefaman,'' jechuun barreesseera.

Ajajaan poolisii Magaalaa Maqii Ismaa'el Abaadir dhimma ajjeechaa bulchaa Aanaa Dugdaa Obbo Lataa Fiixee qorannaarra jiraachuu ibsuudhaan odeefannoo bal'aa ammatti akka hin kenninee BBC'tti himaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#IrrechaFestival2021

Ayyaanni Irreechaa Malkaa Fulbaanaa 22 fi 23 bara 2014 A.L.I kan kabajamuu ta'uu walitti qaba Koree qindeessituu ayyaanicha Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa har'a midiyaaleef keennaniin beeksisaniiru.

Irreechi Horaa Finfinnee Fulbaanaa 22/2014 kan kabajamuu yoo ta'u, irreechi Horaa Har-sadii immoo Fulbaanaa 23 bara 2014 kan kabajamuu ta'u ibsameera.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Ethiopia

Itoophiyaan qondaalonni UN torba sa'a 72 keessatti daangaa biyyattii gadhiisanii akka bahan murteessuu Ministerri Dhimma Alaa beeksiise.

Ministerri Dhamma Alaa Itoophiyaa akka jedhetti, qondaaltoonni olaanoon biyya gadhiisanii akka bahan murtaa'e kanneen dhimma keessoo biyyaa keessa seenaniifi ''lammii biyya alaa mirga himatamuu dhabuu qabanidha.''

Hoggantuun Deeggarsa Namoomaa UN mootummaan Itoophiyaa deeggarsi naannoo Tigiraay akka hin galleef ''beekaa danqe'' jechuun himatte.

Hogganaan Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Maartiin Griffiths, Kibxata darbe konkolaataan deeggarsa namoomaa deddeebisan socho'uu dhabuu isaaniitiin naannoo Tigraayittii beelli miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himanii ture.

Itti-gaafatamaan kun 'qoqqobbii deeggarsa namoommaa ifa hin taane jalatti kan argamtu' Tigraay qaqabuun irra jiraatu keessaa harka 10 qofaatu qaqqabaa jiraachuus himaniiru.

Credit: BBC
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#UnitedNations

Antoonii Gutereez murtee Itoophiyaan qondaalonni UN torba; daangaa biyyattii gadhiisanii akka bahaniif hubachiftetti rifaachuu isaanii ibsan.

Barreessaa olaanaan Dhabbataa Motummootaa Gamtoomanii (UN) Antoonii Gutereez haala qondaalonni UN kunnin Itoophiyaa keessatti hojii isaanii itti fufuun hojjatan irratti motummaa waliin dubbachaa jirra jedhaniiru.

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#Irreechaapeacefulfestival2021
#IrreechaaMallattooNageenyaa

Ayyaanni Irreechaa hora Finfinnee guyyaa boru ni kabajamaa.

* Kabaja ayyaana Ireechaa Hora Finfinnee Sanbataa boriitif keessummoonni ayyaanicharratti hirmaatan heddumminaan gara magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee seenaa jiraachuun himame.

* Nageenyaa kabaja Ayyaanaa irreechaaf seensa magaalaa Finfinnee irrattis sakkatta'insii cimaan godhamaa jiraachuu maddeen GADAA MAGAZINE ibsaniiru.

* Sirna Irreechaa guyyoota lamaaf turu kana karaa siyaasarraa bilisa ta'een duudhaa Irreechaa qofaan kabajuu qabna jedhan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa turti BBC waliin godhaniin.

Suura: social media

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#EngineerTakeleUma

Injinar Takkalaa Uumaa ergaa baga Ayyaanaa irreechaa geessanii dabarsaan.

Injinar Takkalaa Uumaa itti dabaluun irreechi ibsituu Oromooti akkasumas irree fi bu'uura tokkummaa Oromooti jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.

(Takele Uma Banti)
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#OBN_Live #IrreechaFashionShowNight

Jala bultii Ayyaanaa irreechaa sababeeffachuun galgala kana sagantaan agarsiisa Faashinaa fi shubbisaa qophaa'e OBN kallattidhaan tamsaasa jira.

OBN dawwaadha❗️
@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
#GADAAMAGAZINE #Irreechaa2021

Baga Ayyaanaa irreechaa hora Finfinnee fi hora Arsadii nagaan geessan; nagaan geenye!

Jalaatamtoota maatii Barruu Gadaa (GADAA MAGAZINE) fi uummataa Oromoo baga Ayyaanaa irreechaa 2021 nagaan geessan.

Irreechi:
Ibsituu sirna gadaa, tokkummaa fi nageenyaa Oromooti.


Ayyaanaa Gaarii!
@GADAAMAGAZINE
@GADAAMAGAZINE
Channel photo updated
#IrreechaConcert

Konsartiin guddaan jala bultii irreechaa hora Arsadii sababeeffachuun har'a galgala magaalaa Bishooftuu Hoteelaa Yaatuu'tti qophaa'eera.

Jala bultii Ayyaanaa irreechaa hora Arsadiitti kabajamuuf konsartiin irreechaa, VISION ENTERTAINMENT kan qindeeffamee yoo ta'u har'a galgala sa'aatii 11:00 irratti qophaa'eera

Aartistoota Oromoo konsartii irreecha kanarratti hirmaatan:

🌟 Andu'alem Gosaa, Margiituu Warqinaa, Leencoo Gammachuu fi Yoosan Geetaahuun, Joorjii Abbu har'a galgala sa'aatii 11:00 irraa eegaluun hojii isaanii ni dhiyyeessuu.

• Seensi: nama tokkof birrii 800, VIP'n immoo birrii 2,000 qofa.

• Iddoon: Bishooftuu Hoteelaa Yaatuu

@Gadaamagazine
@Gadaamagazine
2025/07/07 07:32:32
Back to Top
HTML Embed Code: