GADAA MAGAZINE
Gadaa Magazine odeeffannoo waqtawaa fi qabatamaa ta'ee guyyaa boru irraa eegalee maxxaansuu ni eegala.
Hordooftoonni haaraan hundi baga nagaan gara chanaalichatti dhuftan jecha, Gadaa Magazine maatii keessan hundaaf qoodaa akkasumas yaadaaf ergaa qabdan itti dabarfaadha.
Nu qunmamuuf @gadaamagazineBot start gochuuf nuf barreessaa.
@Gadaamagazine

👍1
Rokkeettiin Chaayinaa garba Indiyaarratti kufte
To'annaan ala ta'uun himamaafii akkasumas hawaasa addunyaatti sodaa uumtee tan turte Rokkeettiin Chaayinaa garba Indiyaarratti bu'uushii Inistiiityuutiin Saayinsii Hawaa Itoophiyaafi Teknolojii beeksise.
Daarektarri olaanaan Inistiityuutichaa Obbo Abdiisaa Yilmaa akka jedhanitti, Rokkeettiin Chaayinaa Loongi Maarchi B5 jedhamtu qaamnishii hangi tokko otoo lafa hinga'iin kan gubate yoo ta'u, caccabaanshii ammoo garba Indiyaa, odola Maaldisvis maddiitti bu'uushii 'Etv' himaniiru.
Gama biraatiin Rokkeetittiin qilleensa baramaa seenuun gara dacheetti murxuxxifamuu kan eegalte akka lakkaawwii sa'aatii Itoophiyaatti barii 11:24 irratti ture. Rokkeetittiin garba Indiyaarratti kufuushii Chaayinaanis ibsiteetti.
(Gazeexaa Bariisaa)
@Gadaa_magazine

#PirofeesarMararaaGuddinaa
"Abdiinis, hawwiinis, abjuunis laga gama jira" kan jedhan Piroofeesar Mararaa Guddinaa, ammatti siyaasa keessaa bahuuf yaada akka hin qabne dubbataniiru.
Dura taa'aa Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) kan ta'an Piroofeesar Mararaa Guddinaa sosochii baratttoota Itoophiyaarraa kaasee naannoo walakkaa jaarraatif siyaasa biyyattii keessatti hirmaachaa jiru.
Dhaabni isaanii Koongirasiin Federaalawaa Oromoo 'dhiibbaa mootummaatin' filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaan ala ta'uu kan himan Proofeesar Mararaan, adeemsa dhaabni isaanii filannoo keessaa itti bahefi imala siyaasaa isaanii irratti BBC walin turtii taasisaniiru.
'Mariiwwan waliigaltee fiduu hin dandeenye…'
Gabaasa guutuu: https://bbc.in/2Q7VWC2

#AdanechAbiebie
Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanch Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti akka ibsanitti, guyyaa kaleessaa wanta muudateef maqaa koo fi magaalichaa dhiifamaan gaafadha jedhaniiru.
Addabaabaayiin Ityoophiyaa hundi kan Ityoophiyaanoota hundaati kan jedhan aadde Adaanach, uummaanni maaddii tokkoo waliin qooddatee addabaabaayii tokkoon kan kootii, kan kootii jedhe wal hin dhabu jedhaniiru.
Sagantaan Afxiraa addabaabaayichaa kan gufateef haala waqtaawaa fi nageenyaa tilmaamaa keessaa galchuun baldhinnii fi dheerinnii bakkiichaa murta’aa akka ta’uuf yaada dhiyaateef koreen qopheesseen qofaan ta’uu himaniiru.
Kaleessa galgala sochiin qaamolee nageenyaa tasgabbii fi nageenyii jiraattootaa hunda akka mirkanaa’uuf eegumsaa barbaachisaa taasisuuf kan kaayyeeffateedha malee Afxiraa dhorkuu akka hin taanee ibsaniiru.
Hawaasni musiliimaa rakkoo muudateef haallii komiisaanii ittin ibsataan karaan nagaan ta’uu ibsuun dinqisifataniiru.

#OBN: Gaazexeessaan OBN magaalaa Dambidoollootti ajjeefame.
Gazexeessaafi qindeessaa Oromiyaa Biroodkasting Neetwoork (OBN) damee Godina Qeellam Wallaggaa, Sisaay Fidaa Dilbata galgala balbala mana jireenyaa isaa irratti rasaasaan ajjeefamuun himame.
Kantiibaan magaala Dambidoolloo Obbo Tolasaa Kumsaa BBC'tti akka himanitti, ajjeechaan kun qaamolee hidhataniifi Abbaa Torbee jedhamaniin raawwatame jedhan.
Gaazexeessaa Sisaay Fidaa haleellaan kun irratti raawwatamuun dura dhimma hawaasummaa irraa hirmaatee gara mana isaatti galaa akka tures himaniiru.
Obbo Tolasaan, ajjeechaaa isaan walqabatee hanga ammaa namni to'atame jiraachuu baatus hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Oduu gaddaa!
Hundeessituun Faawundeeshinii Niyaa Aadde Zaamii Yaanuus boqotan
Hundeessituun Faawundeeshinii Niyaa fi giddugala Jooyii Awutuuriim aadde Zaamii Yaanuus dhibee vaayirasii koronaatin du'aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Maddi: FIB

Eebba kitaaba
Eebbi kitaaba asoosamaa 'Sookkee' jedhu barreessituu fi gaazexeessituu Abaaboo M. Tottoobaan barreeffame caamsaa 8 bara 2013 A.L.I waaree booda Giddugala Aadaa Oromootti ni eebbifamaa. Sagantaa eebba kitaaba kana irratti akka argamtaniif affeeramtanirtu! #SHARE
PHOTO CREDIT: Abaaboo M. Tottoobaa

Ayyaanni Iid-Alfaxir Kamisa kabajama
Baatiin Shawaal waan har'a mul'achuu hindandeenyeef ayyaanni Iid- Alfaxir baranaa Kamisa, Caamsaa 5 bara 2013 kan kabajamu ta'uun akka mirkaneeffame Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksiseera.

#ProfessorAsmeronLegesse
‘Gaafan qorannoo Antiroopoolojii yaadu jalqaba sammuu kiyyatti kan dhufe uummata Oromooti’-Piroofeesar Asmaroom
Hayyuun aantiroopolojii piroofeesar Asmaroom Laggasaa lammii Eertiraa waggoota 45 oliif sirna Gadaa qoratan.
Qorannoo isaanii kitaabota lamaan maxxansiisanii Sirna Gadaa addunyaa waliin wal barsiisan. Kitaabni sadaffaan yaadannoon isaa qeerroofi dhaloota qubeetiif haa ta'u jedhan maxxansaaf karaa qabsiisuu dubbatanii turan.
Pirofeesar Asmaroom ''gaafan qorannoo Antiroopoolojii yaadu jalqaba sammuu kiyyatti kan dhufe uummata Oromooti'' jedhan.
Pirofeesar Asmaroom eenyu? Gadaa keessatti maaltu akka fooyya’uu gorsan? Itti dhiyaadha👇
https://bbc.in/3tPdVe1

Audio
"Sodaa nageenyaatiifan biyyaa bahe" Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo
Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo, bara 2018 irraa qabee Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorki (OMN) irratti sagantaa dhimmoota siiyaasaa irratti xiyyeeffatan dhiheessudhan beekkama.
Bara 2020, Artiist Haacaaluu Hundeessaa ajjefamuu dura yeroo dhumaatii gaafii fi deebii isa wajjin geggeesse.
Namoota tibba san hidhaman keessaa tokko tures, Guyyoon. Booda garuu manni murtii mirga wabiitin mana hidhaatii akka bahu murteessee.
Yeroo ammaa kana nageenya isaatii sodaatee karaa daangaatiin biyyaa bahee biyya ollaa keessa jiraachuu isaa dubbate.
Taateewwan keessa darbe ilaalchisee Guyyoo Waariyoo VOA waliin marii taasiseera.
Dhimmuma kana irratti gama mootummaa irraa Abbaa-alangaa Itti-aanaa Obbo Fiqaaduu Tseggaa fi Waajjira Koomishinii Poolisii Federaalaa irraa Obboo Jeeylaan Abdiis VOA'n dubbiseera.
Gabaasa guutuu sagaleen wal qabsiifneerra dhaggeeffadha!⬆️

#BREAKING
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan yeroo qabameetti akka hin gaggeeffamne ibsame.
Paartilee siyaasaa waliin marii gaggeessa kan jiru Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoon yeroo qabameetti kan hin gaggeeffamne ta'uu beeksiseera.
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaan caamsaa 28/2013 ni gaggeeffamaa jedhame eegamaa ture.

Eebba kitaaba Eebbi kitaaba asoosamaa 'Sookkee' jedhu barreessituu fi gaazexeessituu Abaaboo M. Tottoobaan barreeffame caamsaa 8 bara 2013 A.L.I waaree booda Giddugala Aadaa Oromootti ni eebbifamaa. Sagantaa eebba kitaaba kana irratti akka argamtaniif affeeramtanirtu!…
Kitaabni asoosama matadureen isaa 'Sookkee' jedhu Gaazexeessituu fi barreessituu Abaaboo Maammoo barreeffame har'a eebbifame.
Barreesituun Kitaabichaa turtiin BBC waliin gaaffif deebii taasifte kunooti.
BBC:- Kitaabni kee kanaaf ka'umsa kan siif ta'e maali?
Abaaboo:- Kitaabni kun kitaaba Asoosama seenaa dhugaa irraa maddedha. Seenaa dubartii Oromoo baadiyyaa jiraattuuti.
Dubartii baadiyyaa Oromiyaatti dhalattee, baratteemmoo ofiifi maatiishee, biyyashee jijjiiruuf dhamaatu. Bu'aa bahii dubartiin kun keessa darbiturratti fuulleffata.
Kitaaba kanaaf akka yaada ka'umsaa kan naaf ta'e anumtis dubartii baadiyyaatti dhalattee guddatteedha. Jireenya dubartoota Oromoo baadiyyaatti dhalatanii sirrattan beeka.
Yaadni kitaabicha barreessummoo kan naaf dhufe wagga kudhan dura yerooon Yunvarsiitii Adaamaatti baradhu abbaltii asoosama barreessuutu nuuf kennamee ture.
Abbaltii sanaaf asoosama fuula 15 qabun barreessee ture. Barsiisaankoo asoosama sana hedduu jaallatee hamilees naaf kenne.
Sanirraa ka'een anis asoosama kana maalifan gara kitaabaatti hin guddisu jedheeni kanin barreesse.