#Somalia 🇸🇴
Paarlaamaan federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad pirezidaantii biyyattii 10ffaa ta'uun filate.
Pirezidaantiin haaraan Fulbaana bara 2012 hanga Gurraandhala 16, 2017tti Pirezidaantii ta'uun tajaajilaniiru.
Hasan Sheek Mohaammad seenaa biyyatti keessatti nama jalqabaa yeroo lama irra deebiin filataman ta'aniiru.
Pirezidaantii aangoorraa bu'an Mohaammad Abdullaahii Farmajoo injifachuun isaanii ni yaadatama.
@Gadaamagazine

#OduuAmmee
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dooktar Tewodiroos Adihaanoom Daayreektaraa Olaanaa dhaabbaticha gochuun irraa deebiin marsaa 2ffaaf filateera.
Ammajjii darbe Dr. Tewodroos marsaa lammaffaaf akka dorgoman Boordii Daayirektarootaatiin kaadhimamanii turan.
D.r Tewodiroos Hagayya dhufu aangoo isaanii marsaa lammaffaa ni eegalu. Mootummaan Itiyoophiyaa Dr. Tewodiroos Wayyaanee deggareera jechuun deeggarsa dhorgataniiru.
Biyyoonni biroo hedduun garuu Dr. Tewodiroos weerara vaayirasii koroonaa kanaaf deebii yeroon kennuudhaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf hoggansa yeroo kennuu isaaniif galateeffataniiru.

#UNHCR
Addunyaarratti namoonni miiliyoona 100 ol humnaan buqqa'uu gabaasni 'UNHCR' ibse.
Addunyaa irratti namoonni miiliyoona 100 ol ta’an qe’ee isaanii keessaa buqqa'uu isaanii Dhaabbanni baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) ibseera.
UNHCR ragaalee haaraa namoota jeequmsa, walitti bu’iinsa, ari’atamaa fi sarbama mirga namoomaa jalaa miliqan wabeeffachuun akka ibsetti Addunyaarratti namoonni miiliyoona 100 ol humnaan qa'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Waraanni Yuukireen keessatti geggeeffamaa jiru namoota miiliyoonaan lakkaa’aman akka baqatan kan taasisan keessaa tokko ta'uu UNHCR ibseera.
Walitti bu’iinsa yeroo dheeraa bakkeewwan akka Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessattis lakkoofsa ol- aanaa kana duuba akka jiru dhaabbatichi ibse.
Maddi:- AL Jazeera

#ColonelGemachuAyana
Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa hiikaman
Qondaalli ABO Olaanaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaarraa hiikamuun gara mana isaaniitti galuun himame.
Qondaalli ABO Olaanaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa akka hiikaman Manni murtii ijibbaataa Federaalaa Murteessuun isaa kan yaadatamuudha.

#Grade12EntranceExamResult
Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa yoom ifooma?
Akka odeeffannoon Tikvah, Ministeera Barnootaa irraa argateen Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara 2014, Ji'a Ammajjii walakkaa booda ni ifooma jedhamee eegama. Yeroo ammaa kana Sororamni qormaata marsaa lammaffaa xumuramaa jira.
Bu'aan waliigalaa qormaata kanaa walakkeessa baatii kanaa irraa eegalee ni ibsama jedhamee eegama.
Yeroo jalqabaaf barattoonni kuma 900 ol ta’an yunivarsiitiiwwan keessatti marsaa lamatti qormaata kana fudhataniiru.
#Share

#grade12entranceexamresult
Qabxiin qorumsaa barattootaa kutaa 12ffaa Jimaata boru ykn Sambata Xiqqaa kana akka gadhifamuu himameera.
Odeeffannoo har'a 'TIKVAH ETHIOPIA'n Ministeera Barnootaa wabeeffachuudhaan ibseen qabxiin barattootaa qorumsaa biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoramanii guyyaa boru Jimaata ykn Sanbataa Xiqqaa akka ifoomuu beeksiseera. #share

Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa halkan walakkaa irraa eegalee online irratti gadhiifama.
Haaluma kanaan halkan sa'aati 5:30 irraa eegalanii ilaalun ni danda'ama.
• Websitee https://eaes.edu.et/ ykn
• Ergaa Gabaabadhaa 👉6284 Registration Number isaani erguun
• Telegiraamidhaan 👉 https://www.tg-me.com/eaesbot
ilaaluun ni danda'ama.
Hubachiisa፡-
• Barattoonni komii qaban Qaaman dhufuun osoo hin barbaachisin weebsitidhaan hanga gaafa Ammajjii 26/2015 qofa 👉 https://eaes.edu.et/ 'Compliant' Kan jedhu tuquun iyyachu ni danda'u.

#MinistryOfEducation
Barattoonni bara 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii qabxii 50% ol argataan gara Yuunivarsitiitti darbuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa ibsaa har'a midiyaaleef keennen beeksiseera.
Bara barnootaa 2014tti barattoonni kuma 899 fi 520 qoratamaniiru.
Kanneen keessa qabxii quubsaa (% 50 ol) fiduun kan darban garuu kuma 29 fi 909 duwwaa dha.
Kana jechuun dhibbentaa 3.3 qofaatu darbe jechuu dha, akka Proff. Biraanuu Naggaa Ministirri Ministeera Barnootaa qormaata kaleessa lakkifame ilaalchisuun ibsa kennanitti.
Qabxiin Olaanaan Barattoota saayinsii uumamaa dhiiraan 700 irraa Qabxii 666 fi dubaraa irraa 650 galmeessaniiru.
Saayinsii Hawaasummaatiin 600 keessaa qabxii 524 galmeeffameera.

#WaliifTelevision
Miidiyaa haaraan Waliif TV hundeeffame!
Dhaabbanni Tv Waliif Finfinnee Hoteela Internaashinaalii Ililliitti hundeeffamuun isaa ifoome.
Qaawwa gama Miidiyaatiin ummanni Oromoo qabu guutuufi duuchuuf Miidiyaan Oromoo qaama warraaqsa diinagdee sabichaa keessaa isa tokko tahuudhaan hundeeffamuun guyyaa kana bakka hundeessitoonni Miidiyichaa, Boordiin Miidiyichaa, Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantii, keessumoonni kabajaa , namoonni Miidiyaatii fi barreessitoonni akkasumas qaamni garagaraa argamanitti hundeeffama isa ifa taasiseeti jira.
Bu'uuruma kanaan Tv ' n Waliif toora xiyyeeffannoo isa guddaa bashannansiisuu fi barsiisuu, oduufi odeeffannoo lammiiwwan biraan gahu, akkasumas diinagdee fi kalaqa, hawaasummaa fi qarooma, aadaa fi seenaa, aartii fi muziqaa irratti fuulleeffachuun kan hojjatu tahuu isa himeera.
Dhaabbanni Miidiyaa Waliif hojjattootaa fi gaazexeessitoota Miidiyaa FIB kan duraaniin dhaabbata Tv bu'uureeffameedha.

#EngineerTakelaUma
Injinar Takkalaa Uumaa erga gara US imalanii guyyaa muraasa booda, miidiyaa hawaasaa irratti dubii ijoo wanti isaan godhu mudate.
Mormitootni isaanii qaaman arganii yeroo balaaleffatan viidiyoon waraabame miidiyaa hawaasaarratti qoodameera.
Viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jiruun walqabates irra hedduun Obbo Taakkalaaf kabajatu ta'a jechuun deeggarsa yoo ibsan kaanis ni malaaf yaada jedhu qoodaa jiru.
Ministira Albuudaa Itoophiyaa ta'anii tajaajilaa kan turan Kantiibaan duraanii magaalaa Finfinnee aangoorraa gaggeefamanii amma barnootaaf biyya Ameerikaatti imalanii jiru.
Erga US gahanii guyyoota muraasa kan ta'e obbo Taakkalaan, ''siyaasa Oromoo irraa hin hafu'' yaada jedhu BBC'f kennaniiru.
Read more:- https://ift.tt/Lx7qtw1

#GadaaBank
Baankiin Gadaa damee isaa magaalota adda addaatti banuun kenniinsa tajaajila saffisaa ta'e hawaasaa dhaqabsiisuu irratti argama.
Haaluma kanaan damee isaa magaalaa Gincii keessatti bane eebbisuun ifatti hojii kan eegalchiise yoo ta’u, dabalataanis hawaasa naannoo fi qonnaan bultoota adda dureef leenjii Intarpirinarshippii fi ogummaa daldalaa guyyaa lamaaf kennaa ture xumure jira.

Ayyaanni sooma hiikkaa Iidaa 1444ffaan guyyaa boruu ta'uu Sa'udi Arabiyaan gabaaftee jirti.

Oduu gaddaa
Qabsaa’aa fi weellisaa angafa Zarihuun Wadaajoo dhukkubsatee biyya Hindiitti osoo yaalamaa jiruu dhibeen itti hammaatee fayyuu waan hin dandeenyef Ebla 22/2023 du’aan addunyaa kana irraa boqoteera.

#DrAbiyAhimed #WBO
Mariin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamuu Taazaaniyaatti iftaan eegala jedhame.
Mariin nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamuu Taazaaniyaatti Iftaan eegala Jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

#EngineerTakeleUma
Muummeen Ministeera Dr. Abiy Ahimad Inj. Taakkalaa Uumaa hojii geggeessaa Olaanaa Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii gochuun muudaniiru.
Haalumaa kanaan guyyaa har'a Adoolessa 4 bara 2016 irraa eegalee Inj. Taakkalaa Uumaa Hojii Gaggeessaa Oolamaa Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii ta'uun mudamaniiru.
Injinar Taakkalaa Uumaa toora miidiyaa hawaasaa isaanii irratti deeggarsaa isaaniif taasifamaa ture fi imaanaa isaanirraa kaa'ameef Dr. Abiy Ahimad galateeffatamiiru.
@gadaamagazine
@gadaamagazime

Intarneetiin bilisan osoo ta'ee jettani yaaddanii beektu?
Yeroo ammaa kana intarneetiin dhala namaaf wanta bu'uuraa ta'uun beekamaadha. Haata'uu malee biyyoota akka Itoophiyaa tajaajilli intarneetii mi'a ta'eetti fi bu'uuraaleen misooma hedduun hin guutamnetti intarneetiin namoota baay'ee hin qaqqabne.
Tibba kana oduun dhagahamee garuu yeroon haalli kun itti hin fufne dhiyoo ta'uu ibseera. Dureessi addunyaa keenyaa Eloon Maask intarneetii dhala namaaf bilisaan dhiyeessuuf karooraa isaanii ifaa godhaniiru. Karooraa ifoome kanaan namnoonni iddoo kamittu intarneetii bilisaan fayyadamuu ni danda'u.
Karoora kana milkeessuf garuu Saatalaayitoonni 12,000 gara hawaatti ergamu akka qabaaniifi dolaarri tiriiliyoona hedduutti lakkahamu ni barbaachisa jedhameera.

Hiriyaa fi miseemsi koree hojii rawwachiftuu duraanii waa'ee Dr Lammaa Magarsaa irratti turti BBC Afaan Oromoo taasisanin maal jedhan?
• Dr Lammaan hidhaa manaatiin booda tattaaffii isaanii fi gargaarsa namoota tokko tokkootiin biyyaa bahuun Xaaliyaaniitti Sagantaa Nyaataa Addunyaa(WFP) keessatti qacaramanii hojjechuu akka jalqaban himu.
• "Waggoota muraasa darban kana Xaaliyaaniitti qacaramanii hojjechaa jiru. Mindaa argataniin maatii isaanii Ameerikaa jiraatanis ofis jiraachisu.
• Lammaan asii aangorraa kaafamuu hordofee haatiwarraa isaani qonsiila Ameerikaa keessa hojjetaa turte achii hojii isaaniirraa gaggeeffamaniiru."
• "Yeroo amma Dr Lammaan jireenya isaaniif malu jiraachaa hin jiran. Kutaa tokko keessa qofaa isaanii jiraatu.
• Dr Lammaan erga biyyaa bahaniis waan keessa darbanii fi haala keessa jiran irratti miidiyaatti bahanii dubbachuuf fedhii hin qaban jechuun hiriyaan itti dhiyeenyan beeku yaada BBCf keennen dubbateera.
More https://linkv.in/406