Telegram Web Link
Tana takkaa dhageessee?
Biyya qaxaritti Tapha kubbaa miilaa irratti, kan addunyaan hundi hordoftu, Jalqabiinsi isaa kan ittiin baname Qur'aana rabbiiti.

Nami qara'es dargaggeessa qaama hir'uu Kana. Allaahu Akbar.
Yaa rabbi alhamdulillaah
https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
{αˆ°α‹Žα‰½ αˆ†α‹­! αŠ₯αŠ› αŠ¨α‹ˆαŠ•α‹΅αŠ“ αŠ¨αˆ΄α‰΅ αˆαŒ αˆ­αŠ“α‰½αˆα’ αˆ•α‹α‰¦α‰½αˆ αŠ α‹°αˆ¨αŒαŠ“α‰½αˆα’
α‰΅α‰°α‹‹α‹ˆα‰αˆ α‹˜αŠ•α‹΅ α‰°αŒˆαŠ“αŠ™α’ α‰ αŠ αˆ‹αˆ…αˆ α‹˜αŠ•α‹΅ αŠ¨αŠ“αŠ•α‰° α‰ αŒ£αˆ α‹¨α‰°αŠ¨α‰ αˆ¨α‹ αŠ¨αŠ“αŠ•α‰° α‰ αŒ£αˆ ፈαˆͺ αŠα‹α’ αŠ αˆ‹αˆ…αˆ ዐዋቂ α‹αˆ΅αŒ  ዐዋቂ αŠα‹α’}
https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
#Oduu_Simbirtuu
Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Yaa’ii waliigalaa 1ffaa Sadaasa 10-11/2015A.L.I tti taa'een karoora Hojii fi Muudama adda addaa mirkaneessuun yaa'icha goolabee jira .

#EeruuMedia:- Sadaasa 12/2015
Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Yaa’ii waliigalaa 1ffaa Sadaasa 10-11/2015A.L.I tti taa'een karoora Hojii fi Muudama adda addaa mirkaneessuun yaa'icha goolabee jira.
Haaluma kanaan Qabiyyeen (Ajandaan )yaa'ichaa Qabxiileewwan armaan gadii yoota'u :isaanis
1. Yaa'ii waliigalaa JTD kan waggoota sadiif turu hundeessuu .
2. Dambii ittiin bulmaataa fi Qajeelfamoota hojmaata jama'ichaa Mirkaneessuu
3. Karoora hojii 2015 mirkaneessuu  fi
4. Hooggantoota koree Yaa'ii waliigalaa koree Oodiiti fi  Hojii Raawwachiiftuu Jama'ichaa filachuu  Qabxiilewwan jedhaman irratti mari'atee mirkaneessuun yaa'icha isaa xumureera.
Haaluma kanaan :
1ffaa Yaa’iin waliigalaa waggoottan sadan dhufaniif Jama'icha hoogganu kan miseensota nama 63 of keessaa qabu hundeeffamee jira.
2ffaa Hooggantoota Yaa’ii waliigalaa Nama sadi kan filate yoota’u isaanis
1. Ustaaz Abdulwaahid Ahmad
2. Yuusuf Huseen
3. Yaassin Baahmud  kanneen jedhaman filateera .

3ffaa Yaa'ichi Koreewwan Ooditii kan filate yoo ta'u isaanis:
1. Abubakar Qaasim
2. Asaabal Amaan
3. Abdii Mahmuud  akka koreewwan odiitara jama'ichaatti sagalee caalmadhaan filatee jira.

4ffaa Yaa'ichi Koree Bulchiinsa(Hojii Raawwachiiftuu) Jama'ichaas filachuun sagalee caalmaan raggaasiseera .
Haaluma kanaan:
A. Seektara Hooggansa waliigalaa irratti :
1. Abdulhakiim Namoo _ Hoogganaa Waliigalaa
2. Muhiydiin Umar _ itti aanaa Hooganaa waliigalaa
3. Keeyraddiin Muhaammad _Barreessaa waliigalaa  gochuun filateera .

B. Seektara Karoora fi Hordoffii irratti
1. Sh/Misbaah Amaan
2. Muddassir Sh/Hasan
C. sektara ijaarsaa irratti
1. Musxafaa Huseen

D. Sektara Barattoota (Darsii ) irratti

1. Muhammadnuur Haashim
2. Abbaas Kadiir

E. sektara Da'awaa (Gorsa islaamaa irratti .

1.  Ustaaz Miftaahuddin Jundii
2.   Ustaaz Ridwaan Nuuraa

F. sektara Hawaasummaa irratti

1. Ridwaan Muhaammadnuur
2. Ahmad Amaan

G. Sektara Odeeffannoo (EERUU MEDIA ) irratti

1. Saadiq Sayyidaa
2. Ridwaan Sh/Amiin
3. Okaashaa Bakaroo
4. Ismaa'il Muhaammad
5. Muussaa Muhaammad
6. Keeyraddiin Muhaammad
7. Suxaan Muhaammad.
8. Yaassin H/Jundii

H. Sektara Qorannoo irratti

1. Yaassiin Seeyfuu
2. Abdulaziiz H/Saaddoo

I. Sektara Diinagdee irratti
1. Ismaa'il H/Abuunaa

Walumaagalatti Jama'aan Muslimaa Torban Diida'aa Yaa'ii idilee 1ffaa isaa Godina Arsii Magaalaa Roobee Arsiitti Guyyoota Lamaaf gaggeessaa tureen Dhimmoota gara garaa irratti Mari'achuun Kallattii Hojmaata Dhaabbatichaa kan kaa'e yoo ta'u Dambii fi Karoora hojii dhihaate ilaalee Mirkaneessudhaan akka armaan oliitti ibsame kanatti Muudama Gara garaas Raggaasisuun Yaa'icha Gargaarsa Rabbiitiin Xumuree Jira .

Gabaasni Kan #Eeruu_Media ti.
Muhammad Alii Nama Booksiin beekamu. Zamana isaatti namni dorgommii booksiitiin isa moohatu hin jiru ture. Sababuma kanaaf hundaa olitti of laala. β€œI’m the greatest” An Hundaa oli jechaa of dhaadaa ture. Of tuulummaan isaa daangaa hin qabu. Boodarra Rabbiin dhukkuba hamaa tokkoon isa qabe. Daa’iin beekamaan Dr. Bilal Philips nama kana wajji Sa’ud Arabia magaalaa Riyad keessatti wal argee. Waan yeroo san waliin haasawe yoo dubbatu akkana jedhe.

Muhammad Ali yeroo Riyaaditti wal argine san hedduu dhukkubsatee ture. Hedduus haasawuu hin dandahu. Garuu akkasumatti waan ajaa’ibaa naaf odeeyse. Wantoota gaggaarii jiruu tiyya keessatti mudatan keessaa guddichi, dhukkuba Alzheimer's jedhamu kana. Anaa of irraanfatee daangaa dabre Rabbiin dhukkuba kana natti fidee of na yaadachiise. Osoo Rabbiin dhukkuba kana natti fiduu baatee, of tuulummaa kiyya itti fufee Zalaalam β€œI’m the greatest” jedhaa jiraadha ture. Garuu Rabbiin mataa keessa na dhawee gad na qabe. Eenyummaa kiyya kan dhugaa na beeysise. Ani hundaa olii miti. eenyummaa kiyya kan dhugaa Rabbiin kiyya haala Kanaan natti mul’ise.

waan inni naaf himerraa wanti na ajaa’ibe. Eega dhukkuba Kanaan qabamee booda, Yeroo sagantaa adda addaa irratti afeeramee dhaqu hunda, Waraqaa xixiqqoo (Brochure) addaa qopheessee, harka ofiitiin hunda irratti mallatteessee ummataaf qooda. Waraqaa kana dhimma Islaamummaa irratti qopheessa. Islaamummaan Maali? Salaanni maali? Soomanni Islaamaa maali? Wantoota akkanaa irratti barruulee adda addaa qopheessee, hundarratti harka ofiitiin mallatteessa. Yeroo sanitti waan hedduu dhukkubsateef, qaamni isaa guutuun ni hollata. Waraqaa takkarratti mallatteessuun daqiiqaa heddu itti fudhata. Haala Kanaan halkan sa’aa dheeraaf hirriba dhiisee taa’ee waraqaa hundarratti mallatteessee, namoota sagantaa irratti afeeramaniif qooda. Namoonni sagantaa irratti afeeraman irra hedduun ykn hundi isaanii warra amantii biroo hordofaniidha. Waraqaa Muhammad Alii irratti mallatteesse fudhachuun kabajaadha. Namni isa jaalatu haalaan heddu waan taheef, mallattoo isaatiif jecha dhaamsa islaamummaa kana fudhatanii galaa turan. Tarii warri Rabbiin qajeelluma fedheef waraqaa san dubbisee haqa fudhachuu mala. Namni kun osoo haala Kanaan da’waa godhu du’aan addunyaarraa gale. Rabbiin isaaf haa araaramu. Rabbi Rahmata haa godhuuf.

Dr. Bilal Philips
https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
#Aa'aa_Lammiikoo !

Madaan keessan madaa kooti
Cabni keessan caba kooti
Dutii keessanis Du'a kooti
Ani isiin irra dhalaadhee isiin dhiigaa kooti

Biyyaa kee irratti Duta
Biyyaa kee dhistee baqaata
Biyyaa kee irratti dhiigda
Na dhukkuba lammii koo

Uummataa keenya Dhumaa jiruf Sagalee haa tannu!
Ilaalii_Yaa_Allah Ati Birmaadhuf
Ustaaz Abu Bakr Ahmad gorsaa addaa Pirezedaantii Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa ta'uun muudaman.

#EERUU_MEDIA
Adoolessa 26/2015

Adeemsa mirga Muslimoota Itiyoophiyaa kabachiisuu keessatti bakka guddaa kan qabaniifi dura taa’aa olaanaa koree fala barbaaduu ummata muslimaa kan ta’an Ustaaz Abu Bakr Ahmad gorsaa addaa Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa ta’uun muudamaniiru.

Manni Marii Waliigalaa Dhimma Islaamaa Itiyoophiyaa bu’uura aangoo labsii lakk.1207/2012

Bu’uura kanaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad qaamota gorsaa Pireezidaantootaa fi Muummicha Ministeeraa damee adda addaatiin kan hundeessan yoo ta’u, Ustaaz Abu Bakr Ahmad muuxannoo fi ogummaa qabaniin gorsaa addaa Pireezidaantichaa ta’uun muudamuun isaanii ni beekama.
β€œDu’aa’ii nama miidhamee eeggadhu du’aa’ii saniifi rabbiin jidduu girdoon tokkoyyuu hin jirtu” Rasuul (S,a,w)
Yaa rabbi miidhamaa Saba keenyaaf birmadhu🀲
https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐓𝐔𝐋 𝐉𝐀𝐍𝐀𝐀𝐙𝐀𝐀 π€πŠπŠπ€πŒπˆπ“π“πˆ 𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀 ❓

Hedduun namaa hin beeku waan jedhamu salaatul janaazaa Keessatti Barumsa akkaan sirritti Barbaachisuudha
1- #takbiiraan_duraa :.. Suuratul faatihaa qara'uu
2- #takbiiraa_lammafaa : .. assalaatul ibraahimiyyaa ( salawaata buusudha) allaahumma salli alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa salleyta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim .
Wabaarik alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa baarakta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim fil aalamina innaka hamiidun majiid

3- #takbiiraa_sadaffaa :... du'aa'ii kadhatuudha namticha du'eef waan dhufe du'aa'ii irraa sanirraa akkana jedhii kadhadhuuf
((Allaahumma ighfir lahuu warhamhu , wa'aafih wa'afu anhu , wanaqqih minal khaxaayaa kamaa yunaqqi assowbul abyadu minaddanas , wa'abdilhu daaran keyran min daarih, wa'ahlan keyran min ahlih wazowjan keyran min zowjihii, wa'adkhilhul jannah, wa'aizhu min azaabil qabri wamin azaabinnaar ))
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi isaaf araarami isaafis rahmati , badii isaatis irra dabriif, isa qulqulleessi dilii irraa akkuma uffanni adiin qulqullaahu xurii irraa , isaaf jijjiiri ganda ganda isaarra keyrii (caalu) warras warra isaarra caalu , jannata isa seensisi , isa tiysi azaaba qabrii irraa fi azaaba ibiddaa irraa .

4- #takbiiraa_afraffaa :
"Allaahumma laa tuharrimnaa ajrahuu walaa taftinnaa ba'adahuu "
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi nu hin dhoowwatin ajrii isaa nus hin fatanin eega isaatii

Eegasii du'aa'ii kadhata nama du'ee fi muslimoota hundaaf eegasii ni xumura salaata isaa salaamtaan.
Xumura salaataa Keessatti salaamtaa takka qofa jihaa mirgaatti

Beeytaa maaliif dirqama sirratti taha share godhuun !?
Sababaan Namni ilmii Diin takka Beekee isii nama hin barsiisin Guyyaa Qiyaamaa ni Gaafatama
Simalee Namni Biraa Beekuu Barbaada garuu ? Hin Beeku Eessa Akka Deemu !?
Gariin namaa ni saalfata !....?
Carraaqadhu ajrii isaa akka sibiratti dhaabbatu hin taasisin namni keyrii irratti nama qajeelchu akkuma nama dalageetii!!!


Ergaa tana waliif share godhaa!!! https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
πŸ‘‰ Si eebbisaa dhaga'i
β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†
πŸ‘Ganameeffadhu Ka'i . >>>
Bakka Yaaddee Ga'i .>>>
Ifa Tulluuraa ta'i.>>>
Duubbaaf Fuulduraan Ifi.>>>
Amantii keetti Jabaadhu.>>>
Ogummaa Qabaadhu.>>>
Rabbii kee Sodaadhuu.>>>
Hamtuun Si hin argiin.>>>
Gaariin Si hin darbin.>>>
Kan Dhalate siif haa guddatu.>>>
Yoo Loltu Mirga argadhu.>>>
Yoo Barattu Qabxii argaadhu.>>>
Yoo Daldaltu bu'aa argadhu >>>
Moo'ii Malee hin moo'amin >>>
Argadhu Malee hin dhabin >>>
Bakka Yaaddes hin hanqatin. >>>
β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†
πŸ‘‰ Eebba Kan Hiriyoota Kee Keessaa Kan Baay'ee Jaallattu Yoo Xiqqaate Nama 10 Share Godhii Isaan Keessa Anis Tokko Yoon ta'e Naafis deebisii Eebbii Kun Siif haa ta'uu Aamin jedhi Onnee Qulqulluun !!! https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
#Barattoota_kutaa_12ffaa

Firiin qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa karaa kamiin ilaalama?

Ministeerri barnootaa karaawwan firiin qormaataa kutaa 12ffaa ittiin ilaalamu qopheessaa jira.

Odeeffannoo nu qaqqabeenis firiin qormaataa sa'a ammaa kana #database irratti fe'amaa kan jiru yommuu ta'u akkuma goolabameen kan gadhiifamu ta'a. hanga yoonattis firiin barattootaa kun hin gadhiifamne.

Yeroo gadhiifamus ifaan ifatti miidiyaa garaa garaa fayyadamuun ni ifooma.

Barattoonni yeroo qabxiin keessan ifoomu filannoowwan armaan gadii fayyadamuun ilaaluu ni dandeessu.

βœ“. eaes.edu.et
βœ“. eaes.gov.et
βœ“. eaes.et
βœ“. result.neaea.gov.et
βœ“. Telegram πŸ‘‰ @EAESbot
βœ“. SMS 8046 https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
#Jaalalli_hireedha!πŸ‘‡

βž› kan silaa maqaaf obboleessaa.."Yuusuufiin nurraa ajjeesaa" jedha,
"Ψ§Ω‚ΨͺΩ„ΩΩˆΨ§ يوسف"
kan silaa maqaaf nyaapha/ alagaa jettee yaaddu..."Yuusufiif haala mijeessaa" jedha.
"Ψ£ΩƒΨ±Ω…ΩŠ Ω…Ψ«ΩˆΨ§Ω‡"
#Jaalalli_hireedha
Ψ₯Ω†ΩŽΩ‘ Ψ§Ω„Ψ­ΩΨ¨ΩŽΩ‘ Ψ±Ψ²Ω‚
βž› hireen tee qalbii eennuu keessa akka taate ati waan irraa beektu takka hin qabdu....dhageessee!
وΨ₯Ω†Ωƒ Ω„Ψ§ Ψͺعرفُ في أي قلبٍ Ψ±Ψ²Ω‚Ωƒ ! ❀️

βœ”οΈErgaa Seenaa Nabiyyallaahi Yuusuf keessaa fudhatame(Alwyhissalaam).
https://www.tg-me.com/Goolaa_seena
2024/06/09 18:46:38
Back to Top
HTML Embed Code: