Telegram Web Link
Waaqayyoo Ajajnaan....

Biyya tokko keessatti dhaabbatni Raadiyoo tokko ayyaana waggaa sababeeffachuun sagantaa adda ta'e tokko qopheesse. Sagantaan kuni sagantaa namoota gargaarsa barbaadan warreen gargaaruu danda'an waliin walitti fidu ture.

Haati tokko gara sagantaa kanaa bilbiluun waan isaan barbaachisu hunda tarree tarreen tokko lama jedhanii himan. Yeroo kana namichi dureessa ta'e tokkoofi jiraachuu waaqayyootti hin amanne Haadha kana irratti qoosuu barbaade.

Hojjattuu isaa waamuun waan haadha kana barbaachisu hunda bittee akka geessituuf achiis haati kun yoo eenyutu naaf erge jedhanii gaafatan Seexana akka jettuun itti himee qarshii itti kenne.

Hojjattuun isaas waan ajajamte mara bittee haadha kanaaf geessite. Haati sun yeroo kana argan baayyee gammadanii Hojjaattuu geessiteef sana eebbisuu jalqaban. Hojjattuun sunis waan Hojjachiisaan ishee jedheen yaadachuun "Haadha koo! Nama waan kana siniif erge baruu hin feetanii?" jettee gaafatte.

Haati kunis deebisuun "Maal naaf godha mucaa koo yoo waaqayyo ajaje Nama miti seexanniyyuu erguu danda'a" jedhaniin. Hojjattuun kunis amantii Haadha kanaan keessi ishee tuqamee deemte. Eeyyoo gaafa Waaqni ajaje Seexanniyyuu arjaa ta'a.

Irra deebiin kan maxxanfamedha.
Baga Ayyaana Qilleen Isin Ga'e.
๐Ÿ’š๐Ÿ’šโคโค๐Ÿ’š๐Ÿ’šโคโค
Yoo waa irraa baratte #Share godhi
@Jechootahayyoota
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Mul'ata keessan namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabu qooda malee namoota Sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbata qabu hin qoodiin.

Jireenya kee keessatti gaaffiin baay'ee bu'uura ta'e "Ani eenyu.? Mul'anni koohoo maalii?!

Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha. Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!" Wiiliyaam Jeemsi

Misooma sammuu kee irratti hojachuuf itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.

Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha Jireenya kee kessatti mul'anni ati baastee ittin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofadha.


Namoota mul'ata fi kaayyoo ofi beeku akka tannu Rabbii nu garagaruu.

@jechootahayyoota
Warraa har'aa jiraachuu keenyaaf aarsaa kaffalaan. Silaa yeroo hundaa keessattiyyuu yoo Qubee Afaan Oromoon kataabnu cufaa goota yaadachuu malleedha.

"Qubeen Keenya kan barreessinee ittiin Gumbii seenaa dhaloota dhaalchifnu malee kan ittiin wal madeessinee egereef gargaar wal fageessinu tahuu hin  qabu"
  Nagaa keessa turaa!
    ABUUBAKAAR MUUSSAA!
      Jaawwii Jiillee
@Harargetub
@Harargetub
Forwarded from Qerroo media
๐’๐ˆ๐‘๐๐Ž๐Ž๐“๐€ ๐€๐…๐€๐€๐ ๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐Ž๐Ž ๐ˆ๐“๐“๐ˆ ๐ƒ๐‡๐ˆ๐˜๐€๐€๐ƒ๐‡๐€๐€.๐Ÿ’ช
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

@Jechootahayyoota
๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ
Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

โ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

โ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

โ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

โ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

โ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
โžฒ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
โžฒ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
โžฒ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
โžฒ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
โžฒ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
โžฒ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
โžฒ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
โžฒ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Waan faayidaa qabu dhaggeeffadhu.Sababa barbaadi, yaada gaari dubbadhu. " dubbiin namootaa akka biyyeeti; yoo qilleensa keessa hin balali'in miila jalatti dhiitama. Kana gochuu hin dandeessu taanaan, ofuma keef jiraadhu. Arrabni hin callisu" jedha ogeessi tokko.

Miidhamni hundinuu sadarkaa bilchina haaraati. Wanta jibbitu hundarraa fagaadhu. Waamicha si aarsu tuffadhu. Ergaawwan si miidhan haqi. Waan jaalattu haala ittiin argachuu dandeessu yaalii argadhu.

Waan abdii kee haaressu barbaadi. Waan kamuu dhiisuun fedhii keeti malee hiree kee miti. Yeroon filannoowwan hedduu yoo siif kennite wanta ejjennoo keef malu gara keetti dhiyeessi.

Yeroo ofitti amanamummaa qabnu keessatti immoo, ija qalbi cufnee waan eenyummaa keenya guutuudhaan hin argine ilaaluuf ija sammuu banuun dirqama.


@JECHOOTAHAYYOOTA
Nama sababaa tokko malee si jibbuuf bakka hin kannin, yeroo fi inarjii(energy) kee firraa hin fixin.

Nama si boodaa si dubbatu, dantaa dhabiif duraanuu wan hundaan waan si booda jiruuf si boodaa si dubbataa.

Nama tokko waliin of hin madaalin, dandeettii fi kannaan Rabbi siif kanneehu lakkaawamee hin dhumuu.

Waan dhumuuf of hin hiraarsin(Adunyaan guutuun dhumtuudha), waan qabduun gammadii jiraadhu.

Naaf gala gorsootan kanneen itti hojachuun ni ulfaata, garuu hanga dandeesse numa yaali.

Aartee jacha badaa hin dubbatin; yeroo muraasa booda Ati waan si aarse san irraanfachu malta,garuu jachi ati dubbatte waggaa dheeraa turuu mala, Lafee nama cabsuu mala!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Guyyaa Gaarii!!!
#Waamicha
#Yuunivarsitii_Waachaamoo

Barattoonni Yuunivarsitii Waachaamootti ramadaman maraaf waamichi taassifameera bifuma kanaan guyyaan waamichaa

Barattoota waggaa 1ffaa.
Gurraandhala 15-16/2015

Barattoota Riimiidiyaa
Gurraandhala 21-22/2015

Barattoota Withdraw guuttan
Gurraandhala 17-18/2015

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
MAALTU AKKA NATTI DHAGA'AME AMMA ARGITEETTA!
Naappooliyoon mootichi yeroo biyya Raashiyaa weerare mudannoo barumsaaf ta'u tokko qaba ture. Mee isiniifan qoodaa na hordofaa.
Loltoonni isaa naannoo cabbiin haguugame tokkotti lola irra otoo jiranii akka tasaa Naappooliyoon isaan irraa adda ba'e. Isa ta'uu isaa baranii loltoonni Raashiyaa duukaa bu'anii ari'uu eegalan. Lubbuu isaa oolfachuuf jara jalaa baqatee dukkaana xiqqoo suufiin itti gurguramu tokkotti ol lixee, dhoksee lubbuu isaa du'a akka oolchu abbaa dukkaanaa sana kadhate. Namichis garaa laafeefii, gogaa hoolaa walirra nam'ee jiru tokko jala akka seenu itti hime. Naappooliyoonis gogaa hoolaa sana jala seene.
Kanaan otoo jiranii loltoonni Raashiyaa booddeedhaan ari'aa turan dhufanii humnaan balbala dukkaanichaa cabsanii itti seenan. "Diinni keenya eessa jira? Eessa dhoksite?" jedhanii namicha gaafatan. Namichis akka isa hin argiin itti hime. Kutaa dhiphoo sana keessa barbaadanis argachuu hin dandeenye. Fiixee qawwee isaaniin gogaa hoolaa sana tuttuqanis nama keessaa hin argine. Abdii kutanii bakka biraa barbaacha deeman. Naappooliyoonis otoo hin miidhamiin gogaa sana jalaa ba'e.
Yeroo xiqqoo booda loltoonni isaa gurguddoon gara isaa dhufan. Naappooliyoon loltoota isaa wajjin mana isaatii ba'uuf kaanaan abbaan dukkaanaa gaaffii tokko gaafachuu fedhe.
"Gaaffii akkanaa si gaafachuu koof dhiifama naaf godhi. Ati mootii addunyaa kana irratti sodaatamaa fi jabaadha. Amma garuu diina kee baqattee gogaa hoolaa gidduu ciiste. Kana ta'uu isaaf, miira akkamiitu sitti dhaga'ame?" jedhee gaafate. Naappooliyoonis battalumatti fuulli isaa jijjiirame. Aarii guddaadhaan itti iyyee, "Akkamitti gaaffii akkanaa na gaafatta?" jedhe. Namicha gad baasanii ija isaa hidhanii akka isa ajjeesan loltoota isaa abboome. Isaanis ajaja mootichaa fudhatanii, gad baasanii ija isaa hidhan. Namichi akka malee rifatee hafuurri isaa addaan ciccituu eegale. Naappooliyoon achi irraa hiiqee, "Rasaasa kee qopheeffadhu! Itti dhukaasuuf qophaa'i" jedhee ajaja kenne. Namichi lubbuun keessaa ba'uu geessee turte. Otoo du'a isaa eeggachaa jiruu sagalee faana miilla namaa suuta jedhee gara isaa dhufu dhaga'e. Namichi gara isaa deemaa ture sun harka isaa hiixatee wanta ija namichaa hidhe sana irraa hiike. Yeroo ija isaa banatee ilaalu Naappooliyoon ture. Gurra namichaatti jedhee, "Yeroon gogaa hoolaa sana keessa seene maaltu akka natti dhaga'ame amma argiteetta!" jedheen.
Jeemsi Terber akkana jedha, "Dheekkamsaan gara boodaa ykn sodaadhaan gara fuula duraa hin ilaalin; naannoo kee hubannaadhaan ilaali!" jedha.
Ergaan seenaa kanaa ifaadha. Haga ofii argutti namni haala sodaachisaa namni tokko keessa jiru hin hubatu. "Kan dheebotee argetu dheebuu namaa namaaf beeka!" jedha mitii Oromoon? Nama tokko hubachuuf kophee namichaa keessa dhaabannee ilaaluutu barbaachisa!

โœEebbisaa Baayisaa.

๐Ÿ’ฅnama biyya Oromootu barreesse.
Madda: Istiiv Andiriyaas
DeemsiIttiFufa

#Share_join_share
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
๐™ณ๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š๐š๐š’๐š’๐š ๐š ๐šŠ๐š— ๐Ÿท๐Ÿถ ๐š‹๐šŠ๐š›๐šŠ ๐š‹๐šŠ๐š›๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š”๐šŠ๐š๐š๐šŠ๐š•๐š๐š’๐š’ ๐šœ๐š’๐š’๐š ๐š”๐šŠ๐š๐š๐šŠ๐š•๐šŠ๐š—:

๐Ÿท. ๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š—๐šŠ๐š–๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ
๐Ÿธ. ๐™ถ๐šŠ๐š›๐šŠ ๐š•๐šŠ๐šŠ๐š๐š’๐š—๐šŠ
๐Ÿน. ๐™ป๐šŠ๐š”๐š”๐š’ ๐š“๐šŽ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž
๐Ÿบ. ๐™ฝ๐šŽ๐šŽ๐š๐š ๐š˜๐š›๐š”๐š’๐š’๐š— ๐š‘๐š˜๐š“๐š“๐šŽ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž
๐Ÿป. ๐š†๐šŠ๐š•๐šœ๐š’๐š–๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž
๐Ÿผ. ๐™ถ๐šŠ๐š›๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ๐šŠ๐š๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž
๐Ÿฝ. ๐š†๐šŠ๐š•๐šš๐šž๐š—๐š—๐šŠ๐š–๐š๐š’๐š’
๐Ÿพ. ๐™พ๐š๐š’๐š๐š๐š’ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š—๐šŠ๐š–๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ
๐Ÿฟ. ๐™พ๐š ๐š๐šž๐š‹๐š‹๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’
๐Ÿท๐Ÿถ. ๐šˆ๐šŽ๐š›๐š˜๐š˜ ๐š’๐š๐š๐š’ ๐š๐šŠ๐šข๐šข๐šŠ๐š๐šŠ๐š–๐šž๐šž



๐Ÿ“ข๐‰๐Ž๐ˆ๐ ๐€๐๐ƒ ๐Ÿ”—๐’๐‡๐€๐‘๐„
โ•”โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•—
๐Ÿ“š๐‰๐Ž๐ˆ๐: @jechootahayyoota
๐Ÿ“š๐‰๐Ž๐ˆ๐: @jechootahayyoota
โ•šโ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ•โ• โ‡ฒ
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
โค๏ธ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง๐ข๐ง ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐š๐ง๐ž, ๐จ๐ง๐ง๐ž๐ž๐๐ก๐š๐ง ๐ค๐š๐ง ๐ฌ๐ข ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ข๐๐๐จ๐จ ๐ค๐ž๐ง๐ง๐ข

๐‘ด๐’–๐’„๐’‚๐’š๐’š๐’๐’๐’ ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ'๐‘’๐‘’ ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž โ„Ž๐‘Ž๐‘ค๐‘ค๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘ , ๐‘–๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘Ž ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘๐‘ ๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐’๐’๐’“๐’Ž๐’‚๐’ ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘Ž. ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’“๐’Ž๐’‚๐’๐’†๐’† ๐’๐’‡ ๐’„๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‰๐’†๐’† ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’‚. ๐ผ๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘œ๐‘œ (๐’”๐’Š๐’ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’…๐’‰๐’‚, ๐’๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’–๐’– ๐’•๐’Š๐’š๐’š๐’‚, ๐’”๐’Š๐’ ๐’‚๐’๐’‚ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’…๐’‰๐’–, ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’†๐’†๐’…๐’Š๐’๐’๐’Š ๐’Œ๐’†๐’† ๐’‚๐’…๐’…๐’‚, ...) ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘—๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘–๐‘ ๐‘Ž ๐‘“๐‘ข๐‘™๐‘‘๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘š๐‘ข๐‘™'๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘’๐‘’๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘’. ๐ผ๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข, ๐‘Œ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘™๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘Ž๐‘‘๐‘– ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘–๐‘›๐‘’๐‘’ ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘–๐‘ ๐‘’๐‘’ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘’๐‘’๐‘“. ๐ผ๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ'๐‘–๐‘ ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐’Ž๐’–๐’„๐’‚๐’‚๐’ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘Ž๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘๐‘๐‘ข๐‘ข ๐‘’๐‘’๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘’. ๐พ๐‘Ž๐‘› ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘˜๐‘˜๐‘ข๐‘๐‘ ๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’๐‘’๐‘“ ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘–๐‘›๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘ž๐‘Ž๐‘ก๐‘’. ๐ผ๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘˜๐‘–๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘ข ๐‘—๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘– ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’. ๐ท๐‘ข๐‘๐‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐’‡๐’‚๐’‚๐’๐’๐’‚๐’‚ ๐‘—๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘’, ๐‘œ๐‘“ ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐’๐’‡ ๐’‹๐’Š๐’ƒ๐’ƒ๐’Š๐’”๐’Š๐’Š๐’‡๐’•๐’†. ๐ป๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’ ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ข ๐‘œ๐‘“ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘ก๐‘’.

๐‘ถ๐’ƒ๐’ƒ๐’๐’๐’†๐’†๐’•๐’•๐’Š ๐‘›๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘–๐Ÿง๐Ÿฝโ€โ™€๏ธ ๐‘Œ๐‘œ๐‘œ๐‘š๐‘–๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘ข๐‘ข ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’– ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ ๐‘– ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ข ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘–. ๐’€๐’†๐’“๐’๐’ ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘– ๐‘Ž๐‘“๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘› ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž ๐’˜๐’‚๐’“๐’’๐’Š๐’Š ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ข๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘ข ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘ ๐‘–๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž. ๐‘Š๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘’ โ„Ž๐‘Ž๐‘›๐‘”๐‘Ž ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘ข๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž. ๐พ๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘ข๐‘ข ๐’‹๐’†๐’„๐’‰๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‚๐’‡๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‚๐’Ž๐’‚๐’๐’Š๐’. ๐‘‚๐‘๐‘๐‘œ๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘œ๐‘œ ๐‘‘๐‘ข๐‘๐‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘ข๐‘› ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“๐‘–๐‘  ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘’ ๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘Ž. ๐‘‚๐‘ ๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐’ƒ๐’๐’๐’'๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’…๐’‰๐’‚๐’’๐’๐’†.

๐’š๐’๐’ ๐’Š๐’”๐’Š๐’๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’•๐’๐’๐’† ๐’๐’ƒ๐’ƒ๐’๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’‡ ๐’”๐’‰๐’‚๐’“๐’† ๐’ˆ๐’๐’…๐’‰๐’‚. ๐‘ฐ๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’•๐’‚๐’.
YEROO ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘ข ๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘›๐‘–๐‘–๐‘“ โ„Ž๐‘Ž๐‘ค๐‘ค๐‘’๐‘’๐‘Ÿ๐‘Ž.
๐‰๐จ๐ข๐ง ๐ฎ๐ฌ๐ž
๐Ÿ›’ @JECHOOTAHAYYOOTA ๐Ÿ””
๐Ÿ›’ @JECHOOTAHAYYOOTA ๐Ÿ””
YAADA KESSAAN COMMENTI JALATTI NUUF KENNUU HIN DAGATINAA๐Ÿ‘โค๏ธ
Namni yeroo hunda ajaa'ibsiifatamu/dinqisiifamu hin jiru,
โž› Namni hamma ati yaadduu oliitti guutuus hin jiru,...
โœ” hirdhuun guutamuu barbaachisu ni jira,
โœ” madaan yaalatti hajamu ni jira,
โœ”hanqinni dhokfamuu qabu ni jira,
โœ” dogoggorri dagatamuu qabus ni jira,
โœ”Mucucni irra darbamuu qabus ni jira,
โœ”qomti nama garii dhiphattee tan qoma nama badhatteetti hajamtus ni jirti,..qomti nama hundaa walqixaa miti.
๐Ÿ‘‰ Kanaafuu ati yeroo ilma namaa madaaltu akka malaa'ikaatti osoo hin taane, akka namaatti madaaluu qabda. Nama taโ€™ee kan hin dogoggorres hin jiru.

๐—๐—ข๐—œ๐—ก ๐Ÿ”‘ @Jechootahayyoota ๐Ÿ””
Hubadhu!
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†

Tarkaafachuun dura
Bakka ejjattu ilaali
Dubbachuukee dura waan jettu madaali

Waan si fayyaduu fu yookaanii sii miidhu dursii itti yaadii
Sirrittii hubadhu

Osoo hin hubatin homaa hin dubatin
Osoo itti hin yaadiin homa hin hojjatin
Irra keessa laalanii keessa hin
Murteessani

Osoo hin hubatin
Quba hin gubatani
Jette oromooni

โœ Mohammad Sayid

WAAN HAARAA ARGACHUUF๐Ÿ‘‡
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
Joinโค๐Ÿ‘‰ @jechootahayyoota ๐ŸŒน
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
Galma aadaa keenyaa
Eegaa seena keenyaa
Kallachaa tokkummaa
Hundee bilisummaa
Afaan Oromoo
Hundee Oromummaa
Gurratti mi'aawaa
Yaa'aa sagalee kee
Cirracha bishaani
Baay'innii jecha kee
Kan rafee dammaqsaa
Weeyduf walaloon kee
Lakka'amee hin dhumu
Hibboo fi makmaaksii kee
Galata guddaa dhaloota bira qabda!
Goota foontu du'a malee hojiin hin du'u"
Adeeroo Ali lubbuun kee haa jannatu

@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
๐ŸŒ™Hordoftoonni Amantaa Muslimaa Hundi keessanuu Baga Ayyaana Id Al-adhaatin isin gahe
Ayyaanni kuni โคต๏ธ
๐Ÿ‘‰ kan milkaa'inaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan barakaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan badhaadhaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan baranaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan bara egeree๐ŸŒ™
Isiniif haa tahu yoo jedhu Maatiin Channalin keenya JECHOOTAHAYYOOTA Gammachuu guddaatu nutti dhagahame๐ŸŒŸโญ๏ธ


Taqabalallaahu minnaa wamiinkum Saalihal A'amaal
Happy Id Al-adha to all Muslims
Taqabalallahu minnaa wamiinkum Saalihal A'amaal.

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Hubadhu



โžช Yeroo hundaa kaayyoo keenya eenyuyyuu caaluuf osoo hin taane of jijjiruuf yoo taโ€™edha iddoo galma keenyaa kana geenyu!




channel


@jechootahayyoota

@jechootahayyoota
Waan takka yoo hin feene jijjiiri, jijjiiruu yoo hin dandeenye ilaalcha Waan saniif qabdu jijjiiri.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Milkaa'inaafi Kufaatii:

~ Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu.
~ Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin.
~Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i.
~ Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha.
~ Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu.
~ Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati.
~ Muuziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha.
~ Jireenyi dhala namas akkasumaan tola.
~ Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa.
~ Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqqaba.


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
2024/06/01 01:46:40
Back to Top
HTML Embed Code: