Agarsiifachuu fii dhageeysifachuun dhukkuboota qalbii hamoo irraayi. Kan kanarra dhokataa haalaa fii jechoota ofiitiin of ajaa'ibsiifatanii namoota biraa tuffachuun isaan xiqqeeyfachuudha. Akka rabbiin ﷻ sabaata siif kennuu fii isaan akkanaa qajeelchu kadhadhu. Qalbiileen garbootaa quba lamaan rabbii jidduu jirti gara fedhe garagaggalcha. Yaa rabbi qajeelloo nuuf kenni. Sabaataa fii khaatimaa bareedduus nu waffaqi.»ღ
https://www.tg-me.com/HadithOfficial/10664
Muharram 20,1447H
https://www.tg-me.com/HadithOfficial/10664
❤5👍1
Darsii har'aa kan salaata Maghriibaa booda hin jirtu. Darsiiin Salaata ishaa'ii boodaa kan Shuruuxa Salaataa sa'atii 2:40 irraa eegala.
👍5
Yaa ilaahii!. Siin maletti humna hin qabnu. Yoo siin taate malees dandeeyti hin qabnu. Nu dandeeysisuu keetiin malettiis hin injifannu hin tumsamnu. Nuu wajjiin tahi. Gad nu dhaabi nu gargaari harka nu qabi. Ifaa rahmata keetiitiin malee qalbii teenyaa jiraattu waa hin jirtu. Yaa Obsaa hin dhumne qalbii hin dadhabne nuu kenni. Ulfaattuu hunda nurratti laaffisi. Waan nuti hin dandeenyees nun baadhachiisin.»ღ
Muharram 21,1447H
❤9
Osoo qabrii tee hin seenneen duratti qur'aana qoma keetitti qabachuun haffazachuu yoo damdeeyse if dhaqqabii isaas dhaqqabbadhu. Gammachiisaa,lazzaa fii mi'aan qur'aanaa addaan hin cittu. Osoo imalli kee kan jiruu duniyaatirraa hin dhumne yookiin osoo qur'aannni mus'hafaa fii qoma namootaa keessaayiis hin kaafmne duratti ni'imaa kana hubadhu umrii tee hanga hafte keessa dhaqqabadhu.»ღ
Muharram 21,1447H
Muharram 21,1447H
❤5