Telegram Web Link
Irra gurguddoo wantoota bara fatanamuun,sabaata dhabuu fii fedhii lubbuutiin mokkoramuun heddummaatte kana keessa diin irratti sabaata qabaachuuf sababa namaaf ta'u keessaa tokko; Ibaadaa khalwaati. Ibaadaa dhoksaatirraa heddummeeyfadhu.»ღ

Masa'al kheyr

Dhul Qi'dah 15,1446H
👍15
Ahbaashiin hangafee horteen jahmiyyaa hundinii fii fakkaattoonni isaanii bu'uurri jalqabaa isaan itti badan aqiidaa fii diin isaaniitiif bu'uuraa fii madda wahyii godhachuu dhabuudha.»

Isaan dhimma aqiidaa keessatti waan sammuun isaanii hin fudhanne hin qeebalan osoo irra sahiiha hadiisaatii fi irra ifa-galaa aayaa qur'aanaatillee taate. Yaada gariin isaanii diduu malan haa ta'uu malee qabatamni isaan dhimmoota aqiidaa keessatti agarsiisanii fii abboonni isaanii isaan duraa irra turan haala kana. Ahbaashtichi isaanii amma lubbuun jiru kan Dr. Fulaan jedhaniin tokko dirree baasee dubbata. Irra dibuun maletti. Nuti dhimma Aqiidaa teenyaa hunda isii wahyii irraa fudhanna. Dhimmi Rabbii,waa'een maqaalee,bifootaa fii dalagaalee isaa nurraa fagoodha. Umuura gheeybiyyaadha. Wanti fagoo jirtu tokko kan baramuu dandeeysu karaa 3 qofaani.

1ffaan waanuma sun arguuni; Duniyaa irratti rabbi arguun hin danda'amtu.

2ffaan fakkaataan waan fagoo jiruu san arguun isarratti qiyaasuudhaani; rabbiin ﷻ fakkaataa hin qabu.

3ffaa oduu sirrii fii dhugaatirraan waan fagoo san beekuudha. Carraan Rabbi ﷻ,maqaalee fii sifoota isaa ittiin beeknu tokkichi Oduu sirrii qulqulluu rabbi irraa nutti dhufte Wahyiidha. Kuniis Kitaaba Allaahaatii fii Sunnaadha. Nuti wanta dhimma aakhiraa ilaalchise,waa'ee rabbii ilaalchisee fii walumaa galatti dhimma gheeybiin wal qabatu kamuu ilaalchisee bakki tokkicha irraa fudhannuu fii irra waraabbannu wahyiidha. Waan achi keessatti dhufte kamuu mimicciiruu,diduu,mormuu fii hiikkaa isiii onsuun maletti itti amanna. Waan Wahyii keessatti hin argin irraa of qabna. Keessa hin sesseennu. Waan rabbiin ﷻ kitaaba isaa keessattii fii arraba rasuula ﷺ isaa irratti ittiin of moggaasee fii of ibseen isa moggaasnee isa ibsina. Waan inni ofirraa dhabamsiise isarraa dhabamsiisna. Waan wahyii keessatti hin dhufin jechicha hin qeeballu. Hiikkaa waan jedhamee immoo erga addaan baasifanneen booda haqa isaa qeeballee baaxila isaa deebisna.

Dhimmi ahbaashii fii hortee jahmiyyaa baaxila ta'uu keessatti aduu waaree caalaa mul'ataadha. Yeroo isaan ololanii fii goohan gariin miskiina zeroo fii duwwaa addaan hin baasne waanuma isaan rabbi ﷻ qulqulleeysuuf akkas godhatan itti fakkaata. Wallaahi summa wallaahi dubbiin akkasii miti......

Ittiin isiniif deebi'a bal'inaan.
6👍1
۞- Wanti akka ghaflaa nama halaaktee balleeysitu tokkolleen hin jirtu. Ghaflaan gara dagamuutti dagamuun immoo gara balaalee fii sharriileen dhuma hin qabneetti nama harkisu. Irra guddoon dagannaa fii ghaflaa namni tokko bakka rabbii isaa biratti qabu irraa dagachuudha. Gaafa bakkaa fii sadarkaa rabbii kee biratti qabdu beekhuu feete bolola lubbuun kee zikrii Allaahaa irratti qabdu ilaali.»ღ


۞-Quuta guyyaa keessanii zikriilee Allaahaa guyya guyyaa wirdii teeysan irraa hin dagatinaa.»ღ



Zul-Qa'dah 15,1446H
5
۞- Namni hedduun bara amma keessa jirru kana yaaddoo fii cinqii hedduu himata. Kanarraa boo'aa jiraas. Kuni waan si qofatti addaatii miti akhii. Kuni haaluma jiruu duniyaati. Yoo yeroo tokko si kofalchiiste kudhan si rifachiistee si boochisti. Namni hundi sadarkaan isaanii fii haalli isaanii wal dhabee karaan ittiin isii barbaadan garagara ta'uullee namuu yaaddoo fii cinqii ofirraa oofuu fii deebisuun gammadaa ta'ee turuu barbaada. Irra guddaa waan yaaddoo fii cinqii namarraa oofu keessaa hangafni; istighfaara baay'isuun gara rabbii towbachuu fii ma'siyaa irraa eeggachuu waliin zikrii Allaahaa ﷻ irraa heddummeeyfachuu, Rasuula ﷺ irratti salawaata buusuu baay'isuu,qaraatii qur'aanaa heddummeeysuudha.»ღ

Al-Emam Ibn Baaz-Rahimahullah.


Zul-Qa'dah 15,1447H
👍13
Qur'aanaa fii sodaan rabbii ﷻ irra bal'aa karaa ittiin rahmata rabbiitti gahaniidha.

﴿وَهذا كِتابٌ أَنزَلناهُ مُبارَكٌ فَاتَّبِعوهُ وَاتَّقوا لَعَلَّكُم تُرحَمونَ﴾ [الأنعام: ١٥٥]

Kitaaba Rabbii keetii ﷻ lakkistee irraa hin fagaatin.


Zul-Qa'dah 15,1446H
👍194
( الله المسئول المرجُو الإجابة أن يتولاكم في الدنيا والآخرة، وأن يَسبِغ عليكم نعمَه ظاهرةً وباطنةً، وأن يجعلكم ممن إذا أُنعم عليه شكر، وإذا ابتُلِيَ صبر، وإذا أذنب استغفر.)
👍4
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Yaa Rabbi! Minshaawiif Rahmata godhi.»ღ💜
6
شرح العقيدة الطحاوية - ت. الحوشبي.pdf
21.6 MB
شرح العقيدة الطحاوية للإمام ابن أبي العز الحنفي من أنفس ما أُلّف في باب الاعتقاد، لما تميز به من دقة العبارة، وسَعة النقل، وحسن التقرير.

وقد استقى الشارح مادته من كلام شيخ الإسلام ابن تيمية وتلميذه ابن القيم، فجاء شرحه مؤصّلاً على منهج السلف، متين البناء، نافعًا للمتأمل.

ويُستحب لطالب العلم أن يُثبت فيه الفوائد التي يمرّ بها، ويراجعه دوريًّا ليبقى باب الاعتقاد حيًّا في ذهنه. وإن أشكل عليه شيء من عبارات الشارح، فليرجع إلى «التوضيحات الجليّة» لشيخنا محمد الخميّس -وفقه الله-.

ومن أجود طبعاته: طبعة الشيخ أبي العباس ياسين العدني -رحمه الله-، الصادرة عن دار الميراث النبوي، الاي تمتاز بحسن التحقيق، وجودة الإخراج، ووفرة التعليقات النافعة، خصوصًا في المواضع الدقيقة كمبحث الإرادة، وتسلسل الحوادث، حيث مَهّد المحقّق للمسائل، وشرحها شرحًا يُعين على فهمها.

فرحم الله الإمام ابن أبي العز، وشيخيه ابن تيمية وابن القيم، ورحم الله الشيخ العدني وجزاه عن أهل السنَّة خير الجزاء.
👍103
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
۞- Irra bareedaan,irra urgaawaan,irra mi'aawaa fii irra caalaan wayii duniyaa kana irratti TOWHIIDA.

۞-Laa ilaala illallaah! Maalumaa akkanatti TOWHIIDA bareeche?. Maalumaatu akkanatti isa urgeeyse?. Maalumaatu akkanatti isa mi'eeyse?.  Subhaanallaahil Aziim».

✓. Yaa Sayyidii! Yaa mowlaaya!  Garboota si qofa gabbaran kanneen siin durooman warra Towhiidaa kanneen sunnaa fii towhiida irratti jiraatanii sunnaa fii towhiida irratti du'an nu taasisi. »ღ

۞-Warrabbis-Samaa'i! duniyaa kana keessatti tolli akka towhiidaa nuuf kennee towhiida irratti nu jiraachisee towhiida irratti nu ajjeesuu caalte tokkolleen numa hin jirtu.»ღ


Sha'ban 25,1446H



https://www.tg-me.com/HadithOfficial/9939
👍152
6👍1
Live stream started
Forwarded from HADIISA📚
۞ Diliin tee siif dhiifamtee buluu barbaaddaa?? ۞

𝖉𝖆𝖑𝖆𝖌𝖆𝖆 𝖝𝖎𝖖𝖖𝖔𝖔 𝖆𝖏𝖗𝖎𝖎𝖓 𝖎𝖘𝖎𝖎 𝖌𝖚𝖉𝖉𝖔𝖔


ღ" Yaa ikhwataah hanga yoomii dhimma dilii hojjennuutiif dantaa akka zamana keenyaa kun?"*.

ღ"𝑑ℎ𝑎𝑔𝑎'𝑖 𝑏𝑎𝑎𝑟𝑎𝑘𝑎𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ𝑢 𝑓𝑖𝑖𝑘"*💜

ღ" Jaalalleen keenya ﷺ akkana nuun jedha " Namni yeroo bakka hirriibaa firaasha isaa irra dhaqe *" Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu,lahul mulku walhulhamdu wahuwa alaa kulli shey'in qadiir,laa howla walaa quwwata illaa billaah al-aliyyul-aziim, subhaanallaah,walhamdulillaah walaa ilaaha illaahu wallaahu akbar "* jedhe. Osoo [baay'inaa fii guddinarraan kan ka'e ] diliin isaa akka hoomacha baharaatillee taatee isaaf dhiifamti. "*ღ🦋

ღ" Subhaaaanallaah,Subhaaanallaaah. Dalagaa xiqqoo daqiiqaa tokkoo kan faayidaan isaa diliin tee siif dhiifamuu!!!. Mee kheeyrii tanarraa eeysa jirra. ღ🦋

۞ "* agartee dadhabinaaa fii faayida dhaboomina keenya"*. Dubbiin waa beekumsa qabaachuu fii abbaa humnaa abbaa sammuu gamna fii kkf ta'uu qofaa miti. Dubbiin TOWFIIQUN Minallaah💜.


ღ" 𝑎𝑓𝑎𝑎𝑛 𝑟𝑎𝑠𝑢𝑢𝑙𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑎 ﷺ 𝑘𝑎𝑛 𝑓𝑒𝑑ℎ𝑖𝑖 𝑙𝑢𝑏𝑏𝑢𝑢 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑑𝑢𝑏𝑏𝑎𝑛𝑛𝑒𝑒 𝑠𝑎𝑛 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑡𝑒 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑖 𝑘𝑢𝑛. 𝑤𝑎𝑙𝑙𝑎𝑎ℎ𝑖 𝑑ℎ𝑢𝑔𝑎𝑎𝑑ℎ𝑎. 𝑎𝑘𝑘𝑎𝑠 𝑡𝑎'𝑢𝑢 𝑔𝑜𝑛𝑘𝑢𝑚𝑎𝑎 ℎ𝑖𝑛 𝑠ℎ𝑎𝑘𝑘𝑖𝑛𝑢. 𝑑ℎ𝑢𝑔𝑜𝑜𝑚𝑠𝑖𝑖 𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑑𝑎𝑙𝑎𝑔𝑖. 🌸

|[ من قال حين يأوي إلى فراشِه : ( لا إله إلا اللهُ وحده لا شريك له ، له الملكُ ، وله الحمدُ ، وهو على كلِّ شيءٍ قديرٌ ، لاحولَ ولا قوةَ إلا بالله العليِّ العظيمِ ، سبحان اللهِ، والحمدُ لله ، ولا إله إلا اللهُ ، واللهُ أكبرُ ) ؛ غُفِرَتْ له ذنوبُه ولو كانت مثلَ زَبَدِ البحرِ

الراوي : أبو هريرة | المحدث : الألباني | المصدر : صحيح الترغيب | الصفحة أو الرقم : 607 | خلاصة حكم المحدث : صحيح | التخريج : أخرجه ابن حبان (5528)، وابن السني في ((عمل اليوم والليلة)) (722)]|

𝑠𝑎𝑓𝑎𝑟 28,1445
👍75
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
الشيخ صالح بن عبد العزيز السندي -حفظه الله- من أفضل العلماء المعاصرين الذين تكلموا في مسائل الإعتقاد وبأسلوب يؤثر على القلوب فأحثُّكم إخواني على الإقبال على صوتياته والإستفادة منها مع نشرها في المجموعات ليستفيد إخوانكم ووفقكم الله لكل خير

https://www.tg-me.com/Drsalehs
👍4
Qalbiilee fii keessa obboleewwan keessanii muslimtootaa fii namootaa moggaa keessan jiraniitiif garaa laafaa. Qalbii fii keessa cabee madaa'ee jiru cabaa fii madaa hin dabalinaafii. Waan dubbannu,barreesinnuu fii mul'ifadhu nurraa haa baatuu jechuuf osoo hin taanee obboleewwan keenya moggaa keenya jiran irratti dhiibbaa ni qabdii? Qalbii isaanii cabsuu maltii laata? Jechuu ilaalaa akka isiin maltutti haa baasnu. Irra gurguddoo rahmata waliif gochuu keessa tokko miiraa fii qalbii walii waliif eeguudhaan jilbaan walirra deemuu dhabuudha. Nama mashaa'iraa fii qalbiilee obboleewwan isaa eeggatee tarkaanfateef rabbiin ﷻ rahmata haa godhu.»ღ

Zul-Qa'dah 18,1446H
10👍4
فشهوةُ النفسِ مع الذنوب … موجبِبتانِ قسوة القلوبِ!
👍6
‏كان أبهى الناس مُحيى، وأزهرهم جبينًا، وأنورهم طلعة، رقيق البشرة، طيب الرائحة، عرقه كالجُمان، وأنفاسه كالمسك والريحان ﷺ
1
Har'a guyyaa muraaje'aati. Darsii torbaan dabarsee muraajeaa godhaa baarakallaahu fiikum
👍5
Nama muslimaa fuudhe kamuu irraa haadha manaa isaa guyyaa nikaah,fuudhaa fii aaruuza boodallee irraa sassaaqee fuula kaameeraa dura dhaabuunuu hedduu fokkottuudha. Gaafa sooshaal miidiyaa irratti ol baase immoo irra daran fokkistuudha. Haalli gaafa barattoota ilmii shari'aa ( sheekha,ustaazaa fii darasaa) irraa argame immoo irraa hedduu hedduu fokkisaadha. Hawaasni keenya diin jechuu shari'aa jechuu dalagaa sheekhaa,ustaazootaa fii hojii darasaa sanitti beekha ( gariin). Haadha manaa teeysan,ilmaan durbaa keessan,obboleettiiwwan teeysanii fii dhalaa teeysan dhoysaa. Isaan yoo hijaabatti deebistan malee toliinsi keessan hin jiru. Asitti hijaaba jechutti kan fedhame DHOKSUU jechuudha. Rabbiin ﷻ haala keenya hunda nuuf haa tolchu. Lubbuu teenya keessa,haadholii manaa,ilmaan,obboleewwan,hawaasaa fii biyya teenya keessa sunnaa fii manhaja salaftoota gad nuuf haa dhaabu. Maaloo! Dhalaan teenya sassaaqqattee deemuufii mumul'achuurraa haa dhoorkinuu. Kuni seera shariaa cabsuu akka ta'ee haa hubachiisnu haa qabsiisnuu.»ღ

Zul-Qa'dah 18,1446H
👍249
اتبه لهذه الفائدة
6👍1
2025/07/13 16:43:45
Back to Top
HTML Embed Code: