Telegram Web Link
📜🖌__||°. Beekumsi( Wanti Qalbii kee irra bu'u) Diin waan ta'eef Nama Diin keessan irraa fudhattan laalladhaa. Namni Diin isaas ta'ee barnoota qalbii isaa fii aqlii isaa Nyaachisu namuma arge hundarraa fudhachuun sirrii miti Fudhatamaas hin qabu. Keessaafuu yeroo ammaa kana Kan isa Keessa warri Fedhii lubbuu isaanii jala Gulufan baay'atan kanatti. Diin kee irra guddaa fii irra Qaalii Wanta ati qabduuti; Wanta Beekumsa Godhattee qalbii kee obaastuu fii Aqiidaa Godhattee Qalbiitti hidhattu Eessaa Akka fudhattu adda baafadhu!.

🎧الشيخ صالح بن عبد العزيز السندي وفقه الله
أستاذ العقيدة بالجامعة الإسلامية
📕برنامج صواب مذكرة الأسبوع الخامس تحت عنوان " فوضى القراءة والتلقي" ص ٦

https://www.tg-me.com/islamtub
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

@Jechootahayyoota
💥💥💥💥💥💥💥💥💥
Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
#Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
#Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
#Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
#Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
#Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
#Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
#Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
#Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

☆☆☆☆☆☆☆☆
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
#Baga_gammaddan...
طلاب العلم....

✍️ Barattoonni Diinii islaamaa Abshiruu.....!!
Gaafa ilmi namaa hoolaa fi Re'ee walirraa dhaalee deemu .... isin ammoo Kitaabaa fi sunnaa Rasuulli Rabbii (SAW) nu keessatti dhiisan dhaaltanii deemtu.....!

Share 👇
@islamtub
🍂.Dhaamsa Amiira Mu'mintootaa Umar ibnul Khaxxaab Radiyallaahu anhu Yeroo biyya Faaris banuuf deeman Amiira waraanaa Saعad bn Abii waqqaasiif Barreesse keessaa Muraasa

⭕️" Ani Siifii Nama Sii wajjiin Jiru Haala hunda keessatti akka Rabbi Sodaattan isin ajajaadha, Sodaan Rabbii qophii jabduu Diinaaf qophaa'aanii fii Mala Jabaa Lola keessaati.

🍂Ani Sii fii Nama sii wajjiin Jiru Hanga Aduwwii keessan irraa Eeggattan caalaa Akka Ma'asiyaa irraa eeggattaniin Isin ajaja. .....

🍂Beekaa ! Deemsa keessan keessatti tiksitoota Rabbi irraa ta'an kan Wanta isin hojjettan barreessantu isinii wajjiin jiru, isaan irraa qaanfadhaa. Osoo Karaa Rabbii keessatti qabsaa'aa jirtanii Ma'asiyaa Rabbii hin hojjetinaa.......

akkuma Adduwwii keessan irratti Injifannoo argachuu kadhattan, Lubbuu keessan irraatti (injifannoo akka argattaniis) Allaahaa tumsa kadhadhaa, Nuufii isiniifiis Sana kadhadhaa".

📜ذكرها ابن كثير في البداية والنهاية

📕📓🖊مجموعة رسائل التوجيهات الإسلامية لإصلاح الفرد والمجتمع ص ٥٠.
🖌للعلامة الشيخ محمد جميل زينو رحم
ISLAMTUB@
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Abde 👌)
*|[ Dalagaa Warra Jannataatirraa; Qur'aana qara'uu,Rabbi Zakkaruu, isa kadhachuu,isa gaafachuu fii Gara isaa Khajeeluudha. ]|*

‏وَمِنْ " أَعْمَالِ أَهْلِ الْجَنَّةِ ": قِرَاءَةُ الْقُرْآنِ وَذِكْرُ اللَّهِ وَدُعَاؤُهُ وَمَسْأَلَتُهُ وَالرَّغْبَةُ إلَيْهِ.

شَيْخُ الْإِسْلَامِ ابْنُ تَيْمِيَّةَ - رَحِمَهُ اللَّهُ تَبَارَكَ وَتَعَالَى-
مجموع الفتاوى  (٤٢٣/١٠)


*|[ Rabbiin Warra Jannata Keessatti Qur'aana qara'an Zikrii godhan nuhaa godhu. Aamiin

📕🖌تغريدة نور على الفيس[   12 ]
#NourTweet

@islamtub
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Abde 👌)
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Abde 👌)
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
የ1445 ዓ.ሒ ዒድ አል‐ፊጥር በዓል አከባበር በወሎ ከሚሴ
*|[Guyyaa iidaatiin Firoota kee Maxxanfadhu]|*.

*|[ irra jabaan guyyaa kan ati firoota kee keessatti isaan maxxanfattuu tokko  guyyaa iidaati . Yoo dandeesse hadiyyaalee garagaraa eegiif. Yoo dadhabdee immoo bilbilii iidaan gammachiisiinii du'aa'ii godhiif. Kalimaan urgooytuu fii bareedduun Meeshaa ittiin Nama Maxxanfatan irraayi. Yoo dandeeysee qaamaan deemtee Zayyartee isaan dubbiste irra caalaadha ]|*.

*|[ fira maxxanfachuun ibaadaalee gurguddoo shari'aan karaa goote keessa isa tokko. Fira muruun faallaa kanaa Dilii gurguddoo irrayi. Rahima jechuun fira dhihoo kee kan gara abbaa keetiin ta'u kan gafa ummaa keetii akkasumas kan soddummaadhaan Walitti rabbiin isin qabe hunda dabalata. ]|*..

Zayyariin,kenniif,bilbilifii gammachiisi.
*|[ Guyyaa iidaa Warraa fii ilmaan ofii waan isaaniif halaal ta'e isaanitti cabsuu fii isaanitti bal'isuun Sunnadha ]|*.

*|[ haraam irraa fagaachuun weedduu,dibee dhawuu fii taphachuu keessatti isaaniif funyoo dheereeysuun Sunnaadha. ]|*.

*|[ ijoollee tee bakka taphaa geeysi,taphachisi,waan taphatan haa ilaalanii.... Kuni hundi sunnaadha. ]|*.

Sheikh Suleyman Al-Ruhyli-hafizahullah.👇


@Islamtub
Forwarded from Filsan Ahmed
Irra Guddan warri si Dinqissifattu NAMA siin beynee irra Guddan Namni si jibbu Nama si Bekhuu

@ASMISHI
@ASMISHI
Rabbiin ol ta'e guyyoota keessa guyyaa filatama tokkoo qaba(guyyaa jummaatti) akkasumas baati ykn ji'aa kudha lama keessa ji'aa filatama tokkoo qaba(baati soomana).
#Halkaani_Jummaatti_halkaani kunii kan duu'aa'ii nama hundaa irraa qeebaltuu.

📚 Qabaadhu:

        ✓Jaalala onnee
        ✓ Beekumsa sammuu
       ✓ Obsa garaa
       ✓ Dhugaa arrabaa
       ✓ Ogummaa harkaa qabadhu!

📚 Bara Jireenya Kee Keessatti:

✓ Kan dabarsite yaadadhu.
✓ Kan keessa jirtutti jabaadhu.
✓Kan itti deemtuuf abdiin jiraadhu.
✓ Bakka yaadde gahuuf obsa
                qabaadhu.
✓ Kaayyoon kee akka galma sii
     gahuuf rabbiin kadhadhu!

📚 Addunyaa Tana Irraatti:

✓ Jecha kee eeggadhu, isattu
            gocha ta’aatii.
✓ Gocha kee eeggadhu, isatu
            amala ta’aatii.
✓ Amala kee sirreessi isattu
       namoota wajjiin si jiraachisaatii.
✓ Jireenya kee fooyyessi, isatu
            boqqonnaa bara jireenya kee   
              guutuutii.
✓ Qabeenyaan qabduun namatti hin
        boonin, qabeenyi fixeensa
              ganamaatii.
✓ Beekumsa qabduun uf hin tuulin,
           namoonni si caala beekan
              heddutu jiraatii.
✓ Aangoo qubaan si filaniin uf hin
       dhiibin, qubaan irraa si
             buusaniitii.
✓ Hin hatin abaarsa jalaa baataatii.
✓ Hin kijibin amanamaa taataatii!

📚  Yoo Nama Taate:

       ✓ Jaalala baay’isi.
        ✓ Beekumsa ida’i.
        ✓ Qabeenya hiri.
        ✓ Inaaffaa hir’isi.
        ✓ Ilaalcha wal-qixxeessi.
       ✓ Hojii guddisi!
        ✓ Teessuma xiqqeessi.

📚  Jaalalli Dhugaa:

   ✓ Mi’aawaadhaa dhandhamadhu.
   ✓ Urgaawaadhaa fuunfadhu.
   ✓ Gammachuudhaa simadhu.
   ✓ Icciitiidhaa eeggadhu.
   ✓ Dorgommiidhaa itti hirmaadhu.
   ✓ Qabsoodhaa injifadhu.
   ✓ Abdiidhaa obsaan eeggadhu.
   ✓ Qabeenyaa horadhu.
   ✓ Bultiidhaa ijaaradhu.
   ✓ Gaaddisaa jala boqadhu!

👉  “Bareenni fokkataa?” jennaan, =
       “Yoo Daare!”
👉  “Beekaan dogoggoraa?” jennaan,
         = “Yoo Aara'e!”
👉  “Hiyyeessi duroomaa?” jennaan,
          = “Yoo Xaare

Abdii kutuu banaan galmii atii gahuu hin dandeenye tokkollen hin jiru akkasitti ofii amansiisaa obbaleessa koo/ obbaleetti too.
Rabbi kee qabachuu yeroo hunda.


@Islamtub
@Islamtub
@Islamtub
۞ ➻. Qalbii Dhiirootaa keessa Yaaddoo,Cinqii,lola,Girrisa,Mormii, ciqicciqii fii Gooha Dhalaan ba'achuu hin Dandeenyeetu jira. Kanaaf Rabbiin ﷻ Dhiira Dhokfataa godhee uume. Salaftoonni " Dhiira jechuun Dhiira Ciinqii fii yaaddoo isaa liqimseetuma lubbuu isaa keessa gad naqu kan Yaaddoo fii cinqii sun Maatii isaatti fuudhee hin galleedha". Jedhu turan. 💪

@Islamtub
۞ ➻. Faayidaan Seenaan gaariin duniyaarratti siif hafuu Maali mee kan ati ibidda aakhiraa kheeysatti Zalaalam kan Gubamtu taatee jirtu ". Seenaa ittiin biyyi siyaadatu dalaguuf jecha hin dhama'in. Waan ibidda jahannam jalaa nagaya si baasuu hojjetachuudhatti Dhama'i.

@Islamtub
@Islamtub
Ahlu Sunnaa wal-jama'aa pinned «۞ ➻. Faayidaan Seenaan gaariin duniyaarratti siif hafuu Maali mee kan ati ibidda aakhiraa kheeysatti Zalaalam kan Gubamtu taatee jirtu ". Seenaa ittiin biyyi siyaadatu dalaguuf jecha hin dhama'in. Waan ibidda jahannam jalaa nagaya si baasuu hojjetachuudhatti…»
2024/06/01 15:15:58
Back to Top
HTML Embed Code: