Telegram Web Link
彡•Maal baasuuf, dhama raasu.

彡•Roopiin garbaa keessaa baayee, fiixeensa arraaba.

彡•Kofoo nama ergisanii "irra hin taa'in" namaan hin jedhan.

┗━━━━━💞━━━━━┛
#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━💞━━━━━━━━┓

#Galmi kaayyannu kan dhugumaan kaayyoo qabanne galmaan gahuu malee faayidaa maleessa ta‟uu hin qabu.

#Namicha tokkotu ture. Saree guddifatee qaba jedhama. Namichi kun saree isaa guyyuu karra duratti gadi baasee, akka isheen konkolaataa qabuu bartu taasisaa ture. Maarree jaarsi ollaa isaa kan hojii namicha kanaa argee taajjabetu, yaa namana sareen kee tun dhuguma konkolataa kan qabdi jettee yaaddaayii jedheen Namichis deebisee, ani wanti gaaffii natti ta'e sareen koo konkolaataa qabuufi qabuu dhiisuu miti. Garuu wanti na ajaa'ibu, sareen kun osoo konkolaataa qabdees maal itti gooti! Jedhee deebisee jedhama.

Maarree galmi kaayyannu kan faayidaa qabu, haala qabatamaa waliin kan wal simu, kan dhugumatti itti hojjetanii milkaa'uufi hojjetanii nama fayyadu ta'uu qaba. Galmi kaayyannu fedhii qofa giddugala yoo godhate, quufa abjuu ta'a.

Waan feene qofaaf karoorsuun haamilee nama dhorka.

Galma kaa'uun duratti.

#Hojjetamuu danda'aa?
#Qabeenya namaa fi horii akkasumas yeroo koo waliin wal madaalaa?

#Dhugaa lafarra jiru waliin hoo wal simataadhaa? Waan jedhu kanniin ilaaluun barbaachisaadha.
彡• ''Duraanuu foon kee hin mi'aayu, deemi'' jedheen waraabessi kuruphee ari'ee dadhabnaan.

彡•Kuttuun sa'aafi marga addaan kutti.

彡• "Haati tee jalatti si qabdee, abbee sidhaanee eennutti boottee himatta" jedhe.

┗━━━━━💞━━━━━┛
#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━💞━━━━━━━━┓
#Haala addunyaa beekuu!

#Addunyaan keessa jirru tun guyyaa guyyaan jijjiiramti.

#Akkuma ifni dukkanaan bakka bu‟aa deemu, dukkanni illee yeroo isaa eeggatee, ifaan akka dhaalamu hubachuun barbaachisaadha.

#Gaafa qanani‟anii jiraatan illee
guyyaa biraa akka rakkoofi gadadoon nama muudatu, beekanii yoo dhufes fala faluu nan danda‟a jedhanii of amansiisuudha.

#Kana bira darbee addunyaa kanarra wanti hin jijjiiramne jijjjirama mataa isaa ta‟uudha.

#Dhagaa iddoo tokkoo hin sochoone irraa kaasee hanga wantoota socho‟aniitti, dungoo yeroo xiqqoo keessatti baqxu irraa hanga gaarren gurguddaa dheerinni isaanii waggaatti milimeetiraan dabalaniitti jijjiiramni jiraachuu isaa beekuun, haalli addunyaa yoo namatti jijjiirame, funyoo fudhatanii of ajjeesuuf abdii
kutuu irra, kunis amala addunyaati, kana irraan darbee boru iddoon yaade nan gaha jedhanii,
#morma dhiisanii #mudhii hidhachuun barbaachisaadha.
彡• Garaacha dheedhii, garaatti beeki.

彡• Midhaan warra raatuu, bona bona nyaatu.

彡• "Osoo gubadhuun kolfa" jette akaayiin.
彡• Keessummaa qamalee, raafuu keessati argu.

彡• Akka cabanitti hokkolan.

彡• Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan.
#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━💞━━━━━━━━┓

#Galma kaayyachuun faayidaa armaan gadii qaba.

#A. Galma kaayyachuun kallatti jireenyaa namaaf kenna.

#B. Galma kaayyachuun waan hojjechuu qabaniifi hin qabne
namatti agarsiisa.

#C. Galma kaayyachuun onnee ittiin gara galmaa deemu si‟eessa.

#D. Galmi kaayyannu hiikkaafi faayidaa qabeessa ta‟uu qaba.

#E. Galmi keenya yoomessa qabaachuu qaba.

Namoonni hedduun galma hin kayyatani. Galma kaawwachuu dhabuun, galma dhabuudha. Galma malee deemuun akka konkolaataan nama fe‟atee konkolaachisaa iddoo dhaqu hin beekneen deemuuf yaaluuti.

#Imaltoonni iddoo deeman beekuus, beekuu dhabuus danda‟u.
konkolaataan immoo qaamni isaa marti fayyaa, gaaza kan guuttate ta‟uu danda‟a. Garuu konkolaataan kun imaltoota galmaan gahuu dhiisee gaaga‟ama isaaniin gaha. Fuudhe iddoo barbaadaniin gahuu dhiisee
iddoo isaan itti badanitti dhidhimsa.
Maarree namni galma hin qabne karaan hundi waan gara jireenyaatti baasu itti fakkaata. Kanaafuu qilee seenee jireenyi isaa hankaakuun wal nama hin gaafachiisu.

Galmi kaayyannu kan dhugumaan kaayyoo qabanne galmaan gahuu malee faayidaa maleessa ta‟uu hin qabu.

Namicha tokkotu ture. Saree guddifatee qaba jedhama.

Namichi kun saree isaa guyyuu karra duratti gadi baasee, akka isheen konkolaataa qabuu bartu taasisaa ture. Maarree jaarsi ollaa isaa kan hojii namicha kanaa argee taajjabetu, yaa namana sareen kee tun dhuguma konkolataa kan qabdi jettee yaaddaayii jedheen Namichis deebisee, ani wanti gaaffii natti ta'e sareen koo konkolaataa qabuufi qabuu dhiisuu miti. Garuu wanti na ajaa'ibu, sareen kun osoo konkolaataa qabdees maal itti gooti! Jedhee deebisee jedhama.

Maarree galmi kaayyannu kan faayidaa qabu, haala qabatamaa waliin kan wal simu, kan dhugumatti itti hojjetanii milkaa'uufi hojjetanii nama fayyadu ta'uu qaba. Galmi kaayyannu fedhii qofa giddugala yoo godhate, quufa abjuu ta'a. Waan feene qofaaf karoorsuun haamilee nama dhorka.
彡• "Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna," jedhe waraabessi.

彡• Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du'a gannaa rabbiitu namaan dida.

彡• Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.
彡• ''Situ diriiree of qochisiise,'' jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee.

彡• Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

彡• Dhulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba.
Namni ulee qabatee hin deemne, sareef sagadaa deema.

Roopiin galaana keessaa bahee, fixeensa arraaba.

''Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan,'' jette adurreen.
Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.

Kofoo namaa ergisanii, 'irra hin taa'in' hin jedhan.

"Na nyaattu na nyaadhu malee, bishaan ol hin yaa'u,'' jette harreen waraabessaan.
#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
 ┏━━━💞━━━━━━━━┓
#Dorgomaa tayuu.

Barri keessa jirru waan hundi saffisa aduun bara waan hundi itti
jijjiiramudha.

Jijjiirama addunyaa kana irraa warri fayyadaman warra gulantaa beekumsa, hubannoo, gurmuufi ogummaa isaanii qixa jijjiirama kana simuun warra of guddisedha.

#Roobni yoo roobe warra lafa hin qabne akkasumas lafa qabaatanii warri waan ittiin qotatu
hin qabneef, roobuun hangas mara hin fayyadu. Sababni isaas waan
hojjetaniifi waan ittiin hojjetan waan hin qabneefi.

#Akkuma kana namni addunyaa faana adeemuu hin dandeenye
addunyaatu itti fayyadama malee addunyaa irraa homaa hin argatu.

#Nama dhuunfaa bira darbee sabni, biyyiifi ardiin lammiin ishee
beekumsaan, naamuusaafi jabinaan dorgomaa hin taane warra jabaaf
ergamaa fi faana jaraa hordofaa bara baraan jiraata.

Akkuma namuu gurraa qabu bara kana kan jabaateefi of hubate qofatu sa'a isaa elmatee aannan dhuga. Kana ta'uu baannaan warri anatu sa'a kee elmee, aannan qiraaciitti akka adurree siif kenna jedhan hedduudha.
“Nama fardaan barbaadan lafoo argatu”

“Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata”

“Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami”
“Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan”

“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.

“Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
彡• Ulfi ulfina jennaan, gowwaan garaa dhiibe!

彡• Argaa toleef goromsi hin ottoomu!

彡• Kan kunootii hiin argine, kuunnotii hin argu!
彡• Niitiin gabaa keessaa fuudhan, gabaa keessa baddi.

彡• Namni dhugaa hin quufne, dhugullee hin quufu.

彡• Murataan marqa baalarratti nyaata.
彡• Oduuf na qalani, jette lukkuun.

彡• Cubbuun bishaanii, harka buleen nama nyaachisa.

彡• Keessa marqaa, boojjitootu beeka.
彡• “Bagan si’arge” jennaan,” bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun abbaa manaatiin.

彡• Dhabaaf malee fooniif nu uume, jette jedhan sareen.

彡• Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
彡• Hamma Namaa hin Geessuu Cabsa namaa hin teessu!

彡• Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa !

彡• Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse!
彡• Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan !

彡• Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde !

彡• Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan buute !
2024/06/01 15:37:48
Back to Top
HTML Embed Code: