Telegram Web Link
Ol jedhii uumaa kee ilaali

Namni abdii qabu rakkina keessa jiru osoo hin taane, rakkina keessa akka inni darbu kan taasisu uumaa isaa ilaala.

Hojii dhabdee ykn milkaa'uu dadhabdee bu'aa bahiin jireenya sitti ulfaachaa jira ta'a, Nama onneerraa jaalattu dhabdee, sammuun kee boqonnaa si dhorkaa jira ta'a, qarshii liqeeffattee kallatti kamiin akka keessaa baatu dhabdee rakkachaa jirta ta'a, Gaa'ila ykn bultii ijaarrattee ykn jaalallee tee/kee waliin qoramaa wanta gootu dhabdee rakkachaa jirta ta'a. Isaan kun hundi wanta siif hin danda'ame ta'ee sitti mul'achuu danda'a.  Dhugaadha yeroof danda'amuu dhiisuu mala, ulfaachus danda'a. yeroon booda garuu ta'ee/salphatee sitti mul'ata. Sababni isaa wanta si rakkisuu fi wanta si dhiphisu keessaa kan si baasu, iddoo ati jibbituu gara iddoo ati jaalattuutti kan si fidu, hanga ati of jaalattu caalaa kan si jaalatu inni tokkichi, garuu kan kumaatama caaluu uuman kee siif jira. Yeroo kamiiyyuu rakkina keessa jirtu osoo hin taane, uumaa kee ilaali!

❤️
𝐌𝐨𝐭𝐢𝐯𝐚𝐭𝐢𝐨𝐧𝐚𝐥 𝐓𝐢𝐩𝐬👇
#join
#share

🛒 @JECHOOTAHAYYOOTA
🛒 @JECHOOTAHAYYOOTA
Anis nin barreessa, yeroonis ni barreessiti. Garuu bifti barreeffama kheenyaa wal dhabdi.

Ani qalama gurraachaanin waraqaa adii irratti barreessa garuu Yeroon ammoo Qalama adiin sammuu gurraattii keessatti barreessiti 😥

💌 @jechootahayyoota
Hordoftootni Amantaa Kiristiyaanaa maraf,
Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan Geessan!

@JECHOOTAHAYYOOTA
Yeroo callistu yaaduu dandeessa.
Yeroo callistu dhaggeeffachuu dandeessa.
Yeroo callistu yaadachuu dandeessa.
Yeroo callistu miiraa kee mo'achuu dandeessa.
Yeroo callistu of argachuu dandeessa.

Argitee jireenya keenya keessatti wantoonni hedduu barbaachisoon callisuu keessa jiru.
@ JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read every day
Maaliif akka jiraattu beeki. Jireenya jechuun dirqama sii kenname xumuruuf yeroo siif kennamteedha. Dirqamni kee maali? Jireenya kee keessatti wanti ati hojjechuu barbaaddu maali? Deebii isaa yoo beekte ilaalchi ati jireenyaaf qabdu ni jijjiirama.
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read every day
"Waraanni yeroo jalqabuu: abbootiin siyaasaa rasaasa gumaachu, dureessonni nyaata, hiyyeessonni ammoo ijoollee isaanii gumaachu. Waraanni yemmuu xumuramu: abbootiin siyaasaa rasaasa waraana irraa hafe walitti qabatu, qabeenyi dureessotaa inni waraana irraa hafes guddachuu eegala, hiyyeessonni ammoo reeffa ijoollee isaanii naannoo awwaalaa barbaadu." #Unknown
Peace for all✌️

join👇👇
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read every day
⩩ Kitaaba hin barreefamne barreessuuf kitaaba barreefaman dubbisuun dirqama.

⩩ Dubbii hin dubbatamne dubbachuuf dubbiiwwan dubbataman dhaggeeffachuun dirqama.

⩩ Nama ta'uu qabdu ta'uuf nama ta'uu hin qabne ta'uu irraa of fageessuun dirqama.

⩩ Waan hin hojjatamne hojjachuuf waan hojjataman baruun gaari dha.

Coba Yaadaa

@JECHOOTAHAYYOOTA
𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐨𝐨
𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚
  ┃𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐫𝐮┃
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊ "Yeroo namoota baay'ee arginu keessa jirra, garuu namummaa gahaa miti."

➋ "Yeroo namni sooressi daa'imman caalaa kutaa manaa baay'ee qabuu fi hiyyeessi immoo kutaa manaa caalaa daa'imman baay'ee qabu keessa jirra."

➌ "Yeroo bilbilli (smart phones) carraa addunyaa waliin wal argisiisuu uumanii, garuu warra cina kee (sitti dhiyoo) jiran irraa si fageessan keessa jirra.

➍ "Yeroo haati tokkittiin daa'imman 10f kunuunsa gootu, garuu daa'imman 10 haadha tokkittii isaaniif kunuunsa hin goone keessa jirra."

➎ "Yeroo sooressi nyaata bulleessuuf maayila tokko deemuu fi hiyyeessi immoo nyaata barbaachaaf maayila tokko deemu keessa jirra."

➏ "Yeroo maqaa namootaa baay'ee bilbila irraa qabnuu fi walitti dhufeenyi garuu dhiphaa ta'e keessa jirra."

➐ "Yeroo anummaan baay'atee, gammachuun dhabame keessa jirra."

➑ "Yeroo itti akkaataa jireenya gaarii jiraachuu beeknee, garuu akkamitti jireenya gaarii jiraachuun dagatame keessa jirra."

➒ "Yeroo itti baay'een gatii wanta hundumaa beekanii, garuu bu'aa isaa wallaalan keessa jirra."

➓ "Yeroo namoonni aangoo argatanii, garuu wal hoogganuu dadhaban keessa jirra."


𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐮𝐧... | 𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐆𝐞𝐧𝐞𝐫𝐚𝐭𝐢𝐨𝐧...

11. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖲𝗆𝖺𝗋𝗍𝗉𝗁𝗈𝗇𝖾𝗌 𝖡𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖲𝗆𝖺𝗋𝗍 𝖳𝖺’𝗎𝗎 𝖣𝖺𝖽𝗁𝖺𝖻𝖾!

12. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖣𝗎’𝖺 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺 𝖥𝗎𝗎𝖽𝗁𝖺𝖺 𝖥𝗂 𝖧𝖾𝖾𝗋𝗎𝗆𝖺 𝖲𝗈𝖽𝖺𝖺𝗍𝗎!

13. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖩𝗂𝗋𝖾𝖾𝗇𝗒𝗂 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖰𝗂𝗅𝗅𝖾𝖾𝗇𝗌𝖺 𝖦𝗎𝖻𝖻𝖺𝖺𝗍𝗂!

14. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖧𝖺𝗇𝗀𝖺 𝖥𝗎𝗇𝗒𝖺𝖺𝗇𝗂𝗂 𝖡𝖺𝗋𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖡𝖺𝗋𝗎𝗆𝗌𝗎𝗆𝖺 𝖮𝖿𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖶𝖺𝗅𝗅𝖺𝖺𝗅𝗎𝗆𝗆𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖡𝖺𝖽𝖾!

15. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖰𝖺𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖧𝗎𝗇𝖽i 𝖧𝖺𝗋𝗄𝖺 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝖡𝗂𝗋𝖺𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖪𝗎𝖿𝖾. (𝖩𝖺𝖺𝗅𝖺𝗅𝖺𝖺𝗇, 𝖠𝗋𝖺𝖺𝖽𝖺𝖺𝗇, Oduu Sobaatiin!)

16. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖮𝖿 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺 𝖬𝖾𝖾𝗄𝖺𝖺𝗉𝗉𝗂𝗂 𝖮𝖿𝗂𝗂 𝖠𝗆𝖺𝗇𝗎! ( A generation that can trust make-up than his/her maker!)

17. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖬𝗂𝗋𝗀𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖦𝖺𝖺𝖿𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝖬𝖺𝗅𝖾𝖾 𝖣𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖨𝗋𝗋𝖺𝖺𝗇𝖿𝖺𝗍𝖾!

18. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖳𝖾𝖾𝗄𝗇𝗈𝗈𝗅𝗈𝗈𝗃𝗂𝗂𝗇 𝖧𝖺𝗋𝗄𝖺 𝖮𝖿𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖴𝗎𝗆𝖾 𝖦𝖺𝗋𝖻𝖺 𝖦𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝖾!

19. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖬𝖺𝗇𝖺 rabbi ykn isa mataa isaa Uumetti 𝖲𝗎𝗎𝗋𝖺𝖺 𝖰𝖺𝗋𝖺’𝗎𝗎𝖿 𝖣𝗁𝖺𝗊𝖾𝖾, 𝖲𝗎𝗎𝗋𝖺𝖺 𝖪𝖺’𝖾𝖾 𝖦𝖺𝗅𝗎!

20. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 Uumaa 𝖨𝗌𝖺 𝖴𝗎𝗆𝖾𝗍𝗍𝗂 i𝗋𝗄𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝖢𝖺𝖺𝗅𝖺 𝖬𝖺𝗄𝗅𝗎𝗎𝗊𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖨𝗋𝗄𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎𝗇 𝖨𝗌𝖺𝖺𝖿 𝖫𝖺𝖺𝖿𝖾.

21. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺𝖺 f𝗂 𝖣𝗎𝖻𝖺𝗋𝗍𝗂𝗂𝗇 𝖦𝗎𝗎𝗍𝗍𝖺𝗆𝖾, 𝖪𝖺𝗇 𝖦𝖺𝗋𝗎𝗎 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝗌𝗂𝗂 𝖥𝗂 𝖧𝖺𝖺𝗍𝗂 𝖬𝖺𝗇𝖺𝖺 𝖪𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝖺 𝖣𝗁𝖺𝖻𝖺𝗆𝗍𝖾!

22. 𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝖣𝗁𝗎𝗀𝖺𝖺 𝖨𝗍𝗍𝗂 𝖧𝗂𝗆𝗎 𝖣𝗂𝗂𝗇𝖺 𝖦𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝖾𝖾 𝖠𝖽𝖺𝗆𝗌𝗎, 𝖪𝖺𝗇 𝖣𝗂𝗂𝗇𝖺 𝖨𝗌𝖺𝖺 𝖡𝖺𝖽𝗁𝖺𝖺𝗌𝗎!

𝖣𝗁𝖺𝗅𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖪𝖺𝗇𝖺 rabbiin 𝖧𝖺𝖺 𝖣𝗁𝖺𝗊𝗊𝖺𝖻𝗎!

Dhugumatti, Yeroon nuti keessa jiraannu yeroo walfaallesse dha. Haala yeroo kanaa irratti hubannoon akka jiraannu Rabbbiin nu haa gargaaru! Ameen! 🙏


@JECHOOTAHAYYOOTA
𝐇𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐢𝐩𝐡𝐚𝐭𝐢𝐧! .(。•ˇ‸ˇ•。) .

𝑫𝒂𝒄𝒉𝒆𝒆 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒅𝒉𝒂𝒇 𝒊𝒓𝒓𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒏𝒏𝒖 𝒕𝒂𝒏𝒂 𝒊𝒓𝒓𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒘𝒂𝒏𝒕𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒅𝒂𝒃𝒂𝒓𝒓𝒆 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒆𝒆 𝒌𝒂𝒏𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒊𝒎𝒖 𝒉𝒐𝒐𝒎𝒕𝒖𝒖 𝒉𝒊𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒖. 𝑾𝒂𝒏𝒕𝒊 (𝒖𝒖𝒎𝒎𝒂𝒎𝒏𝒊) 𝒌𝒂𝒂𝒎𝒊𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒊𝒔𝒂𝒂 𝒆𝒆𝒈𝒈𝒂𝒕𝒆𝒆 𝒏𝒊𝒊 𝒅𝒂𝒓𝒃𝒂. 𝑮𝒂𝒅𝒅𝒊𝒔 𝒕𝒂'𝒆𝒆 𝒈𝒂𝒎𝒎𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒏, 𝒈𝒖𝒃𝒂𝒂𝒔 𝒕𝒂'𝒆𝒆 𝒒𝒂𝒃𝒃𝒂𝒏𝒏𝒊 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒊𝒏𝒖𝒖 𝒏𝒊𝒊 𝒅𝒂𝒓𝒃𝒂. 𝑾𝒂𝒏𝒕𝒊 𝒃𝒊𝒓𝒂𝒂 𝒚𝒂𝒂 𝒉𝒂𝒇𝒖 𝒂𝒏𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝒂𝒕𝒊𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝒏𝒊𝒊 𝒅𝒂𝒃𝒂𝒓𝒓𝒂.

𝒌𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝒓𝒂𝒌𝒌𝒐𝒐 𝒅𝒂𝒓𝒃𝒖𝒖𝒇 𝒋𝒆𝒕𝒕𝒆𝒆 𝒎𝒂𝒂𝒇 𝒃𝒂𝒂𝒚'𝒊𝒔𝒕𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒊𝒑𝒉𝒂𝒕𝒕𝒂? 𝑮𝒖𝒚𝒚𝒂𝒂 𝒅𝒂𝒓𝒃𝒖𝒖𝒇 𝒋𝒆𝒕𝒕𝒆𝒆 𝒎𝒂𝒂𝒇 𝒐𝒇 𝒎𝒊𝒊𝒕𝒂? 𝑯𝒐𝒋𝒊𝒊 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒕𝒕𝒖 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒐𝒋𝒋𝒂𝒅𝒉𝒖. 𝒀𝒐𝒐𝒌𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒓𝒖𝒖, 𝒌𝒂𝒏 𝒉𝒐𝒋𝒋𝒂𝒄𝒉𝒂𝒂 𝒋𝒊𝒓𝒕𝒖 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒅𝒉𝒖. 𝑵𝒂𝒎𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒕𝒕𝒆 𝒌𝒆𝒆/𝒕𝒆𝒆 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒖𝒖𝒇 𝒒𝒐𝒑𝒉𝒂𝒂'𝒊. 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐𝒏 𝒌𝒆𝒆 𝒚𝒐𝒐 𝒈𝒂𝒉𝒆𝒆 𝒖𝒖𝒎𝒂𝒏 𝒌𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒆𝒆 𝒇𝒆𝒅𝒉𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒈𝒖𝒖𝒕𝒂. 𝑼𝒖𝒎𝒂𝒏 𝒌𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒂𝒇𝒆𝒆 𝒂𝒌𝒌𝒂 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒅𝒉𝒖𝒇𝒖 𝒚𝒐𝒐 𝒃𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒆 𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐 𝒉𝒂𝒓'𝒂 𝒚𝒆𝒓𝒐𝒐 𝒉𝒖𝒎𝒏𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒅𝒖 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒂𝒎𝒂𝒏𝒕𝒂 𝒌𝒆𝒆𝒕𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒄𝒊𝒎𝒊

Shɑre  

ᎽᎬᏒᎾᎾ ᎶᎪᎪᏒᎥᎥ

@JECHOOTAHAYYOOTA
𝙝𝙪𝙢𝙣𝙖 𝙠𝙚𝙚 𝙙𝙝𝙖𝙣𝙜𝙖𝙡𝙖𝙖𝙨𝙞!!!

𝑁𝑎𝑚𝑜𝑜𝑛𝑛𝑖𝑖 𝑎𝑡𝑖 𝑖𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑖𝑟𝑘𝑎𝑡𝑡𝑢 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎 𝑏𝑎ℎ𝑎𝑛 𝑜𝑛𝑛𝑒𝑒𝑛 𝑘𝑒𝑒 𝑛𝑖𝑖 𝑐𝑎𝑏𝑎.  𝑠𝑎𝑏𝑎𝑏𝑎 𝑑𝑒𝑒𝑚𝑠𝑎 𝑖𝑠𝑎𝑎𝑛𝑖𝑡𝑖𝑖𝑛 𝑔𝑎𝑎𝑏𝑏𝑖𝑖 𝑓𝑖 𝑔𝑎𝑑𝑑𝑎 𝑐𝑖𝑚𝑎𝑎𝑑ℎ𝑎𝑛 𝑏𝑜𝑜𝑗𝑖'𝑎𝑚𝑡𝑎.
𝑁𝑎𝑚𝑛𝑖 𝑠𝑖𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑖𝑟𝑘𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒 𝑎𝑡𝑖 𝑛𝑎𝑚𝑎𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑖𝑟𝑘𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢𝑛 ℎ𝑎𝑔𝑎𝑚 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑠𝑖 𝑚𝑖𝑖𝑑ℎ𝑢 𝑛𝑖𝑖 ℎ𝑢𝑏𝑎𝑡𝑡𝑎.
𝑤𝑎𝑛𝑡𝑖 𝑎𝑡𝑖 ℎ𝑖𝑛 𝑦𝑎𝑎𝑑𝑖𝑛 𝑦𝑜𝑜 𝑢𝑢𝑚𝑚𝑎𝑚𝑒 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑤𝑎𝑎𝑛 𝑢𝑢𝑚𝑎𝑛 𝑘𝑒𝑒 𝑙𝑎𝑓𝑎𝑎 𝑓𝑖 𝑠𝑎𝑚𝑖𝑖 (𝑠𝑘𝑦) 𝑠𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑐𝑢𝑓𝑒𝑒𝑡𝑡𝑖 𝑔𝑎𝑑𝑑𝑖𝑡𝑎!
𝑤𝑎𝑛𝑡𝑜𝑜𝑡𝑛𝑖 𝑘𝑎𝑛 𝑢𝑢𝑚𝑚𝑎𝑚𝑎𝑛  𝑔𝑎𝑟𝑢𝑢 𝑠𝑎𝑏𝑎𝑏𝑎𝑎𝑓𝑖.

𝑜𝑠𝑜𝑜 𝑏𝑜𝑜𝑠𝑠𝑢𝑢 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒,
𝑜𝑠𝑜𝑜 𝑘𝑜𝑓𝑎𝑙𝑡𝑢𝑢 𝑑ℎ𝑎𝑙𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢𝑛 ℎ𝑖𝑛 𝑗𝑖𝑟𝑢🙅🏽
𝑒𝑒𝑛𝑦𝑢𝑚𝑚𝑎𝑎 𝑎𝑗𝑎𝑎'𝑖𝑏𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛 ℎ𝑜𝑟𝑎𝑡𝑡𝑢, 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑜𝑜𝑡𝑛𝑖 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑡𝑜𝑘𝑘𝑜 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎 𝑏𝑎ℎ𝑎𝑛𝑖.
𝑚𝑖𝑙𝑘𝑎𝑎'𝑖𝑛𝑛𝑖 𝑑ℎ𝑢𝑘𝑘𝑢𝑏𝑏𝑖𝑖 𝑞𝑎𝑏𝑎. 𝑑ℎ𝑢𝑢𝑔𝑎 𝑗𝑖𝑟𝑢 𝑓𝑢𝑑ℎ𝑢. 𝙤𝙨𝙤𝙤 𝙖𝙠𝙠𝙖𝙣𝙖 𝙩𝙖'𝙚𝙚 𝙟𝙚𝙩𝙩𝙚𝙚 𝙝𝙞𝙣 𝙢𝙪𝙜𝙞𝙣.
𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 ℎ𝑖𝑛 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑛𝑦𝑒 𝑢𝑢𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑘𝑎𝑑ℎ𝑎𝑑ℎ𝑢. 𝐶𝑖𝑖𝑠𝑡𝑒𝑒 𝑢𝑢𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑜𝑜𝑡𝑢 𝑏𝑒𝑒𝑘𝑎 ℎ𝑖𝑛 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑖𝑛, 𝑘𝑎𝑛 ℎ𝑜𝑗𝑗𝑎𝑡𝑒 ℎ𝑎𝑎 𝑛𝑦𝑎𝑎𝑡𝑢 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑎 𝑢𝑢𝑚𝑎𝑛 𝑘𝑒𝑒! 𝑘𝑎𝑛 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑠𝑠𝑢 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑥𝑖𝑦𝑦𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑑ℎ𝑢.
𝑠𝑎𝑛𝑎 𝑏𝑜𝑜𝑑𝑎 𝑖𝑑𝑑𝑜𝑜 𝑥𝑖𝑦𝑦𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑛𝑛𝑎𝑎𝑛 𝑘𝑒𝑒 𝑗𝑖𝑟𝑢 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑢𝑚𝑛𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑑ℎ𝑎𝑛𝑔𝑎𝑙𝑎𝑎𝑠𝑖.

@JECHOOTAHAYYOOTA
Jechoota Hayyoota Oromoo
___ #share #join

1.Ummanni Oromoo Barachuu Qabu, ummanni Barate immoo mirga isaa Falmateeti Gonfata( J/Taaddasaa Birruu )

2.Ofumaa Dhamaatu Malee Ani Rasaasni Na hin Nyaatu (Agarii Tulluu )

3.Gabrummaa Irra Duuti Bilisummaadha (Elemoo Qilxuh)

4. Gabrummaa Hiddaan Buqqifnaa Dadhabnaa Ilmaan Ittiin Guddifanna
(J/Waaqoo Guutuu )

5.Boolla/Goda Tokko Keessatti yaroo Lama Him Ciniinaman (Jaarraa Abbas Gadaa )

6.Duuti koo Du'a Gootaati ,Dhiigni kiyya Dhiiga Dhangala'ee miti ,Dhiiga Saba koo Bilisoomsuu Dha
(Hayila Maariyam Gammadaa )

7. Gabrummaa Irra Du'a Filadhe
Kanaaf Fincilee Daggalatti Hafe
(Artist Usmaayyoo Muussaa )

8.Kan Keessa Beekuuf Lolli Tapha
(Abishee Garbaa )

9.Jeedala Ta'ee Waggaa 100 jiraatuu irra Leenca Tahee Aadee Du'uu Naaf Wayya (Husseen Bunee )

10. Yoomiyyuu Toophiyummaa Caalaa Oromummaan Dursa(I am oromo Frost ) ( Jawar Mohammed)

11. Namni Seenaa Hin beekne akka Bishaan Gabatee irratti gama argetti Jallata ( Artist Eebbisaa Addunyaa )

12. Aggaamii Diinaa Dhiisuun Diina ofitti Gabbisuu Dha (Angaatuu Caalaa )

13. Bilisa Taheen Dhaladhe ,Bilisaan Jiraatuu Baadhuus Bilisummaa Kiyyaaf Qabsaawee Du'uu irraa Humni Tokkolleen Na Hin Dhoowwu
(ENG. Tasfaahun Camadaa)

14.Ummata Oromoo Kan Moo'u Jaalala Qofa (Pr. Lammaa Magarsa. )

15.Oromummaan Qabeenya Waliin Qabnuu Dha.( Abbaa Duulaa Gammadaa)

16.Rakkoo Gurguddaa Furan Maalee Furmaanni Gurguddaan hin Dhufu
Oromoo
*itti dabala!
Follow us on 🔻
👇👇👇👇👇👇
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Bineensa #Honey_badger jedhamu kan #Guenness_World_Records irratti galmaa'ee jiru kanaanin wal isin barsiisa.
#Homaa_kan_itti_hindhaga'amne bineensa cimaa jedhamee beekama.

Dheerinni isaanii seentimeetira 23-28 yoo ta'u, dalga dheerinni qaamaa immoo seentmeetira 68_75 kan hincaalle yoo ta'u, ulfaatinni isaanii kan dhiira guddaa (male, Adult) tokkoo kg 9-16 yoo ta'u, kan dhalaa guddoo(female, Adult) tokkoo immoo kg 5-10 ta'uu qorannoon ni mirkaneessa. ulfaatinni warra dhiirotaa ulfaatina warra dhalaa nii caala jechuudha.

qaama saalaa illee ni qabu! gartuu warra hoossiftootaati.

Bineensota nuti gurguddoodha jennu kan akka Leencaa, Qeerransaa, Waraabessaafi kkf kamiin illee yoo isaan baqatan malee kamiin illee hin baqatu. Leencis ykn qeerransis nyaatee ajjeesuu hin danda'u! Sababni isaa gogaan qaama isaa baay'ee yabbuudha! ciniinamee kan citu ykn yoo ciniiname kan isa dhukkubu miti. kanaaf bineensa kamiin illee hin sodaatu. Bineensi isa nyaatus hinjiru. Summiinis isa hin ajjeesu. Fknf bofti yoo hiddes akka rafuu ta'ee deebi'ee ka'a malee hin du'u. inni garuu bofas ta'ee kanneen summii qaban hinuma nyaata.
akkasuma kanniisnis hiddee hindhukkubsu. Huuruu galchee fudhachuun damma nyaata. Maqaa Honey Badger jedhamus kanaaf kennameef.
#Honey_Badger maqaa biraa #Ratel jedhamuunis ni beekama.
Akkasumas Afiriikaa, Kibba dhiha Eeshiyaafi Ardii xiqqaa hindii keessatti baay'inaan ni argama.

Ifaa Tasfaa Nagawoo ✍️

@JECHOOTAHAYYOOTA
Guyyaa tokko jaarsi beela'e tokko daabboo gogaa harkaa qabu waan ittiin laaffisee nyaatu kadhachuuf naannoo mana nyaataa tokko taa'e. Xinnoo akkuma achi taa'een fooliin nyaataa baayyee nama haawwatu afaan isaa hancufaan guute. Jaarsi kunis daabboo gogaa harkaa qabu ija isaa dunuunfatee akka ittoo fooliin isaa funyaan isaa seenen nyaatutti of amansiisuun daabboo isaa nyaate.

Haala nama kanaa ilaalaa kan ture abbaan mana nyaataa sanaa, Jaarsa kana bira dhaquun silliqsee qabatee kan funfatteef kanfali jedhee ija itti babaase. Jaarsi hiyyeessi sunis "Anoo qarshii hin qabu. Yoo barbaadde abbaa murtii bira na geessi" jedheen. Namichis abbaa murtii bira geessun wanta uumame marayyuu tokko lamaan itti hime. Xumura irrattis abbaan murtii jaarsi hiyyeessi sun kan funfateef akka kanfalu itti murteesse.

Xumura irratti abbaan murtii kun qarshii akka jaarsichi kanfaluuf itti murtaa'e "Ani ofii koon kanfalaaf" jechuun Abbaa mana nyaaticha ofitti waamun, Saantimoota kiisa isaanii keessa jiru baasun harka isaanii laman gidduu naquun gurra isaatti qabanii 'shak shak shak' gochuun sagalee isaa dhageessisan. Itti fufuun abbaan murtii "Deemi egaa ani kanfaltii jaarsa kana irra jiru siif kanfaleera" jedhaniin abba mana nyaatichaan. Namichis waan wallaalee "Maal jechuudha kun abbaa murtii? sagalee isaan dhaga'e malee yoomin fudhadhe" jennaan. "Jaarsi kunis foolii isaa fuunfate malee yoom nyaate?" jechuun deebisaniif.

Dukkana doofummaaf ifni beekaa qoricha.

Maddi:- Gola Fuul-barruu
#FB

@JECHOOTAHAYYOOTA
Of irratti xiyyeeffadhu

Gammaduuf mirga guutuu akka qabdu beektullee, Namoonni sababa keetin akka gammadanii fi boqonnaa akka argatan eegun kee balaaf si saaxila.  Harkisa/xiyyeeffanna namootaa yoo hin qabaatin, yoo hin dinqisiifatamin, jajjabinni yoo siif hin taasifamin dhiphina tokko malee ofumaaf of jajjabeessi, ofumaaf of dinqisiifadhu. Dabalata immoo anis waanan si jaaladhuuf sin dinqisiifadha❤️‍🩹. hojii keetin gammachuu yoo hin argatin wanti alarraa dhufu kamiiyyuu akka gammachuu siif hin kennine beeki, siif kennus immoo yeroof qofa akka ta'e beeki. Namni of irratti hin xiyyeeffanne miira namaa harkisuu hin danda'an. Miira namaa harkisuu feeta taanan callisii sababa malee gammadi, waa'ee namaa dagadhuutii kaayyoo kee irratti yaadaa fi humna kee dhangalaasi. Sana booda dabareen tee taati.

@Jechootahayyoota
"Barachuu mana barnootaa seenuu hin godhinaa. Ani Yunivarsiitii Harvardiin hin seennee garuu namoonni anaaf qacaramanii hojjettan namoota Yunivarsiitii Harvardi Seenanii turaniidha."
#ElonMusk

@Jechootahayyoota
"Jireenya kee keessatti nyaata akka qorichaatti sirnaan fayyadami; yoo akkas gochuu diddee umuriikee guutuu qoricha akka nyaataatti fayyadamaa jiraatta."


@Jechootahayyoota
"Obboleessa koo waan ta'ef natti hin ulfaatu!!"

Akkuma suuraa irratti argitan kana, mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kana kan arge loltuun tokko, mucaa inni baatee jiru kun lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maalif akka inni du'aa baatee deemufi akka inni ofirraa buusee gatuudhaan dadhabbi dhufu ofirraa hambisuuf isa gorsa. Mucaanis jecha loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseef, "Obboleessa kiyya waan ta'ef natti hin ulfaatu, baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha!" jedheen. Loltuun kunis deebii mucaan kun deebiseef kana hin eegne waan ta'eef baay'ee ajaa'ibsiifatee imimmaan buusee boo'e. Egaa yeroo sanaa kaasee suuraan kun biyya jaappaanitti mallattoo tokkummaa fi jabinaa ta'uun siidaan dhaabbateefi jira.

Mee nutis, obboleessi/ Obboleettiin koo waan ta'ef/ taatef natti hin ulfaatu ha jennu!

Jaalala waliif ha qabaannuun dhaamsa kooti.

HALKAN GAARII QABAADHAA .

@Jechootahayyoota
Waan barbaaddu ta'u irra wanta ta'uu qabdu ta'u qabda jedheen amana. Waan barbaadde ta'uu barbaadda taanaan miira keeti kan si oofaa jiru. Miiraan oofamta taanaan fedhiinkee daangaa hin qabaatu. Miirrikee immoo yeroo tokko ni oo'a yeroo tokko ni qabbanaa'a. Kana jechuun wanti ta'u barbaaddu sitti heddumaata jechuudha.  Kanaaf bakki geessu hin jiru. Wanti ta'u qabdu garuu wanta tokkodha. Wanti tokko immoo xiyyeeffannoo qofa barbaada. Wanta tokko irratti humna qabduufi beekumsa qabdu yoo invest  goote salphaatti wanta ta'u qabdu taata.

Beekamaadha hundi keenya wanta ta'u qabnu tokkoof akka uumamne. Kayyoon uumamne kaayyoofis uumamne. Garuu namni baay'een kaayyoof akka uumame hin beeku. Barreessan baay'ee jaalladhuu kan amma lubbuun hin jirre, Dr Mayles Munroe "Daa'imni karoora maatiin ala dhalate jiraachuu mala, garuu daa'imni karoora waaqayyoon ala dhalate hin jiru" jedhu. Jechan yeroo hunda yaadadhu akkasuma 100% itti amanuudha.
karoora waaqayyoon dhalanne erga ta'e kaayyoo dhalanneef qabna jechuudha. Dhimmi tokko jira dhimmi uumamneef. Rakkoon guddaan garuu namni kaayyoo dhalateef wallaaluu isaati.
Namoonni tokko tokko akka tasaa waan addunyaa kanarra dhufan isaanitti fakkaata, kun dogoggora guddaadha. Waaqayyo akka tasa sin uumne, dhalachuunkee kaayyoofi. Dogongortee illee nama karoora yookan kaayyoo dhalateef hin qabne jettee of hin ilaalin, ofiikeettis hin dubbatin. Uumaan nama kamuu wal qixxeetti uume Kennaa garaagaraa waliin. Uumaakee komachuu irra ofiikeen jireenya gaarii jiraachuuf aarsaan kaffale maali jedhii of gaafadhu? Waaqayyo jireenya siif kenne, jireenya kee foyyessuun immoo ga'ee keeti. Kanaaf jireenya keef itti gaafatamummaa fudhadhuu humna uumaan siif kenne fayyadamii jireenya jiraachuu qabdu jiraadhu.
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
2024/06/16 13:10:16
Back to Top
HTML Embed Code: