Telegram Web Link
Amma Ramadaanni dhufaa jiraa mitii. Kheeyrii guddoo tanaaf sammuu teenya qopheessuu qabna moo hin qabnu?

Ramadaanni ni dhufa ni dabra, garuu Ramadaanaatu dhufa ka gaafa tokko nuti biraa duunuu kan anbiti numa soomantu.

Ramadaanni kun akka kan nuuf xumuratti haa qophooynuu, Rabbiin nuun haa gayu, irraa nu haa fayyadamsiisu
"Kophummaarraa kan bahuu dandeessu, waahila argachuunii miti. Namni akka sin barbaachisne, dhugaa jirtu hubachuuni malee"

Anthony de mello
In Shaa Allah, yoo Rabbiin fedhe Kitaaba "Jireenya keetitti Gammadi" jedhu Shaعbaana 25 nii bilisaan Pdf isaa akka dubbiftaniif olin isinii baasa.

Hadaraa isin ammoo gaafan ol isinii baase akka namni hedduun dubbisutti #Share waliif godhuu narraa hin dagatinaa.

Hayyaakumullah🙏
Yaadonni khee, eenyummaa khee ka fuulduraa siif uuman. Atii waanuma deddeebistee yaaddu taata hayyama Rabbiitiin
Karoora kee gurguddaa san namoota sammuun isaanii xixiqqoo sanitti hin himin adeeroo akka gufuu sitti tahan yoo barbaadde malee.
Kunooti Beellamni! Kutaa 1ffaa

Kitaaba "J I R E E N Y A K E E T I T T I G A M M A D I" ja'u bifa salphaadhaan bilisaan liinkii armaan gadii qofa tuquun akka buufattaniif ol isiniif baaseen jira.

Isin hoo?

1) #ShareWaliifGodhaa
Oromoon marti akka dubbiftu hedduu waliif raabsaa.

2) Namoota akka dubbisan barbaaddan maqaa isaanii #Comment jalatti mention godhaa

3) Chaanelota telegram fi group addaa addaatti linkii kana #Share godhaa.

4) Anis Du'aa'ii naaf godhaa, hojii Rabbiin narraa jaalatu, eegasii ammoo ilma namaallee hojii fayyaddu akka Rabbiin naaf godhu. Hayyakumullah🙏

Liinkiin kunooti

https://drive.google.com/file/d/1-qDFb0IAp_bZG0TIYavG_qyDrRkln_Qk/view?usp=drivesdk
Keessummaa Guddoo tana Waan faayidaa siif qabu kitaaba Kana dubbisaa eegi.

Kitaaba afaan Oromootiin barraawe, kan warri dubbise hundi baay'ee irraa fayyadame kana buufadhaa dubbisaa.

2.0MB qofaan
284 page
Telegram

Link comment jalatti

https://www.tg-me.com/JemalSheikhBakri1/5941
Ji'a leenjii qalbii, Ruuhii fi Sammuu teenya keessa leenjisnuutu ramadaana. Agabuu ooluu keessa iccitiin guddoo jiru, maal akka ta'e yeroo itti leenjinuudha.

Warra Ramadaan Keessa agabuu qofa oolu tahuu osoo hin taanee warra maعsiyaa (dilii) hojjachuurraahuu agabuu oolee tahuu qabna.

Ji'a Kheeyrii
#Ramadaan
BREAKING NEWS: The Crescent of Ramadan 1445/2024 has been sighted in Saudi Arabia!

Subsequently, Ramadan 1445/2024 begins tomorrow, 11 March 2024

Taraweeh Prayers will begin in the Two Holy Mosques after Isha Prayers

Ramadaanni boru tahuun ifa ta'ee jira
Jiini Ramadaanaa Mul'achuun Suudii keessatti labsameera. Kanaafuu guyyaan Wixataa borii Ramadaana ta'eera.
Ramadaan Mubaarak!
Way Ramadaana wallaahi hedduu bareedda, wallaahi hedduu na jalaa ariifatta. #Subhaanallah
Awoo Rabbiin niyyaa teessan isiniif haa guutu.
Jiini Ramadaanaa ji'a badii dabarsineef gaabbinu, yaadannoo moofaa cufnee, yaadannoo haarawa tan Rabbiin jaalatu bannuudha

Ey #Bismillah
Jiini Ramadaanaa dhufe jechaa turree mitii? Amma jiinii Ramadaanaa gala kha'e jechuu jalqabne.

#Subhaanallah Rabbiin Warra irraa milkaawe nu haa godhu🙏
Ergamaan Rabbii (saw) namoota akkaan isa gargaaran lama qaba ture. Isaanis Adeera isaa Abii Xaalibii fi Haadha manaa Isaanii Khadiijaa turan.

Waggaa tokko keessatti jarri lamaanuu du'aan addunyarraa godaanan. Waggaan sun عام الحزن ja'amuun beekkama.

Rabbiin maaliif isaan lameenuu irraa fudhate beeytuu? Osoo namni isa gargaaru dhabamelleedhaa Rabbii isa gargaaruu akka hin dhiifne.

Akka irkoon isaa jabaan Rabbi ta'e isa garsiisjufi ture.

Ati kha nama si gargaaru dhabdee ba'aan sitti ulfaatte "Rabbiin khee si gargaara, Abdii irraa hin kutin"
2024/05/13 21:18:54
Back to Top
HTML Embed Code: