Telegram Web Link
Tarii bakkaan barbaadu gahuu dhabuun mala, garuu bakkaan hin barbaanne na geessuu dhabuu keetiif sin galatoomfadha yaa #Rabb☝️
Yeroo hedduu wanni na dhibu namoonni hedduu dandeettii tee dhoysuuf yeroo yaalan arguu hin ooltu. Garuu maaliif...? Maaliif..?

#Maaliif..!
Coraa bareedaa dubartii hedduu duubaan Make Up baay'eetu jira jedhu mitii ree. Dhiirti dubartii hin geenyeyyuu waan baay'ataa jirtu fakkaatti😅
Qormaanni nutti haa dhuftullee jechuu baatan, qormaata namatti dhufeef obsuun dhiirummaadha.

Yaa Rabbi Qormaata ati nu qorte warra dabru nu godhi Yaa #Qaadir
Wanni takkalleen fedhii Rabbiitiin malee galma hin geessu. Rabbiin nu haa milkeessu 🤲
#Aaaaaamiiin
"Onneen kiyya xiqqishoo qoma keessa jirtu ta'uu beekullee, Akka addunyaatti akka bal'oo fi guddoo taate Namoota keessa seenaniitu beekaa" jedhe.
#Dear
#Heart
G a l a t a

Obboleeyyan kiyya kan toora miidiyaa hawaasaatiin wal beeynu fi kan qaamaanis wal beeynu, warreen na dhukkubuun kiyyya isin yaachisee naaf bilbilaa turtan akkasumatti naaf barreessaa turtan hedduu naaf galatoomaa.

#Alhamdulillaah
Fayyeetin jira. Ammallee Qoricha fudhachuttin jira. Rabbiin kiyya fayyaa gaarii naaf kannaa jira. Du'aa'ii naaf gootaniif galatoomaa.

Ammaan booda boqonnaan qaba. Karaa telegram fi facebookiin baay'ee wal argina. Waan haarawa hedduus wal agrsiisna. In Shaa Allah du'aa'ii naaf godhaa

@JemalSheikhBakri1
Qilleensi, namaa fi bineensi
Biyya ofii kan bakka biraa caala.
Biyya ifii maaltu gaya.
Abbaa feete jibbi, abbaa feete jaaladhu, jireenyi ittuma fufa.
Ati jaalatteef wanni nama biraatiif dabalamu, ati jibbiteef wanni nama biraa irraa hir'atu hin jiru.👌

حياتك اولا
#حياتك
Jireenyi akka ganama bariisaati, osoo kuun rafuu, kuun milkaawa. Yaa Rabbi warreen milkaawan keessaa qooda nu fudhachiisi 🤲 #Aamiin
Har'a waan ajaa'ibaatu na qunname.
Saahiba kiyya tokkoo wajjiin osoo deemaa jirruu waa fiduuf "asitti na eegi" naan je'e. Anis "Kophaa tiyya moo" jennaan "Rabbii khee sii wajjiin jira" naan jettee Akkoon manguddoon takka.

Dhuguma baanti Rabbiin kiyya naa wajjiin jira #Allah #Wakiil
Yaa nama ilmii barbaadu, Yaa nama Sheekh Muhammad Zabuur irratti barachuu barbaadu sa'aa Ethiopia 2:00-3:00 yoo yeroo qabaatte Barnoonni kun sin dabrin.

Har'a Sheekha Kheenya Ziyaareetin Sa'aa 2:00-4:00 bira ture amma biraa deema. Yeroo tana online irratti ilmii barsiisan. Bahara ilmii isaanii sanirra tafsiira nu qaraasisan, kitaaba xiqqasha ضد التوحيد ja'amu tokkos nu qaraasisan.

Namoonni sheekha kheenyarraa Qara'uu barbaaddan kanneen hawwii qabdan keessaan na dubbisaa.

https://us02web.zoom.us/j/9805705916?pwd=ajlzN3VleDBOUjNaUmJRekR0bE90QT09

Kuni liinkii zoom tana asiin seenaa

Salphatti miseensa taatu. Kheeyrii tana #Share waliif godhaa
Wahiif yeroo laatuun gaariidha. Nama ati akka maleeykatti beeytu, ka sheeyxaanaatu jira. Nama ati sheeyxaanatti beeytu, ka maleeykaatu jira.

Waa hundaafuu yoo yeroo laatte, haga tokko adda baafatt. Sheeyxaanota bifa maleeyka uffatan hedduu saaxilta.
Alhamdulillaa 🥰

Fayyaa walitti naaf haa dhaabu Rabbiin🤲
Warra waaccuu

Kuni Qaraatii galgalaati. Masjiiduma keessatti ijoolleen shamarranii qaraati. Rabbiin laaffiseefii gara nama 100 tu asitti barata.

Wallaahi gammachuutu natti dhagayame. Kan kanarra na ajaa'ibu har'a dhaqeetin ziyaare, Haadholiin teenya gurguddoon yeroo isaanirraa gubanii diin Rabbii barachuu qabna ja'anii Qaraatitti jiran.

Wallaahi imimmaantu na qabe. Namni kheenya hangana mara amriin diin baruu yaachiftee dhufanii akkasitti baratuun waan na ajaa'ibsiise.

Aayyota kheenya Rabbiin sabaata isaaniif haa khannu. Namni kheenya sagantaa Aayyotaafi Abbota kheenya diinirraa qooda fudhachiisuuf godhamtu tana bakkayyuttuu jajjabeessuu qaba.
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Hoggaa Biiftuun guyyaa Khamisaa gad seente, Hoggaa Halkan Jimaataa Jalqabamte, Habiibii (Jaalallee) keetirratti Salawaata Buusi.

الهم الصل وسلم على سيدنا محمد
@JemalSheikhBakri1
2024/06/07 04:07:39
Back to Top
HTML Embed Code: