Telegram Web Link
Qilleensi, namaa fi bineensi
Biyya ofii kan bakka biraa caala.
Biyya ifii maaltu gaya.
Abbaa feete jibbi, abbaa feete jaaladhu, jireenyi ittuma fufa.
Ati jaalatteef wanni nama biraatiif dabalamu, ati jibbiteef wanni nama biraa irraa hir'atu hin jiru.👌

حياتك اولا
#حياتك
Jireenyi akka ganama bariisaati, osoo kuun rafuu, kuun milkaawa. Yaa Rabbi warreen milkaawan keessaa qooda nu fudhachiisi 🤲 #Aamiin
Har'a waan ajaa'ibaatu na qunname.
Saahiba kiyya tokkoo wajjiin osoo deemaa jirruu waa fiduuf "asitti na eegi" naan je'e. Anis "Kophaa tiyya moo" jennaan "Rabbii khee sii wajjiin jira" naan jettee Akkoon manguddoon takka.

Dhuguma baanti Rabbiin kiyya naa wajjiin jira #Allah #Wakiil
Yaa nama ilmii barbaadu, Yaa nama Sheekh Muhammad Zabuur irratti barachuu barbaadu sa'aa Ethiopia 2:00-3:00 yoo yeroo qabaatte Barnoonni kun sin dabrin.

Har'a Sheekha Kheenya Ziyaareetin Sa'aa 2:00-4:00 bira ture amma biraa deema. Yeroo tana online irratti ilmii barsiisan. Bahara ilmii isaanii sanirra tafsiira nu qaraasisan, kitaaba xiqqasha ضد التوحيد ja'amu tokkos nu qaraasisan.

Namoonni sheekha kheenyarraa Qara'uu barbaaddan kanneen hawwii qabdan keessaan na dubbisaa.

https://us02web.zoom.us/j/9805705916?pwd=ajlzN3VleDBOUjNaUmJRekR0bE90QT09

Kuni liinkii zoom tana asiin seenaa

Salphatti miseensa taatu. Kheeyrii tana #Share waliif godhaa
Wahiif yeroo laatuun gaariidha. Nama ati akka maleeykatti beeytu, ka sheeyxaanaatu jira. Nama ati sheeyxaanatti beeytu, ka maleeykaatu jira.

Waa hundaafuu yoo yeroo laatte, haga tokko adda baafatt. Sheeyxaanota bifa maleeyka uffatan hedduu saaxilta.
Alhamdulillaa 🥰

Fayyaa walitti naaf haa dhaabu Rabbiin🤲
Warra waaccuu

Kuni Qaraatii galgalaati. Masjiiduma keessatti ijoolleen shamarranii qaraati. Rabbiin laaffiseefii gara nama 100 tu asitti barata.

Wallaahi gammachuutu natti dhagayame. Kan kanarra na ajaa'ibu har'a dhaqeetin ziyaare, Haadholiin teenya gurguddoon yeroo isaanirraa gubanii diin Rabbii barachuu qabna ja'anii Qaraatitti jiran.

Wallaahi imimmaantu na qabe. Namni kheenya hangana mara amriin diin baruu yaachiftee dhufanii akkasitti baratuun waan na ajaa'ibsiise.

Aayyota kheenya Rabbiin sabaata isaaniif haa khannu. Namni kheenya sagantaa Aayyotaafi Abbota kheenya diinirraa qooda fudhachiisuuf godhamtu tana bakkayyuttuu jajjabeessuu qaba.
Forwarded from Jemal Sheikh Bakri
Hoggaa Biiftuun guyyaa Khamisaa gad seente, Hoggaa Halkan Jimaataa Jalqabamte, Habiibii (Jaalallee) keetirratti Salawaata Buusi.

الهم الصل وسلم على سيدنا محمد
@JemalSheikhBakri1
Arsiii, Silxee, Harargee, Harargee!

Yuniversitii wanni bakka biraarraa adda godhu. Community haarawa wal bartu akka maatiitti jaalalaan wajji jiraatta.

Obbolummaa dhalootaan malettii achitti horatta. Muuxannoo iddoo biraatiin arganne achitti goonfatta.
Namoonni waa'ee keenyaa akka hindubbanne dhoorkuu hin dandeenyu,garuu jachi isaanii dhiibbaa nurratti akkanuumne dhoorkuu dandeysa

Ustaz Kadir
Nama khee hin ta'iniif ta'abaa ooluu dhiisi. Gaafa yeroon geesse nama khee ta'e wajjiin wal qunnamuun khee hin oolu waan ta'eef.
Audio
Nashiidaa bareedduu tana naaf afeeramaa. #Nasheed
Gaafa gabrummaa namootaa jalaa if baaftu jireenyi numa bareeda. Maa Shaa Allah 🥰

Yaa Rabbii kiyya bareedaa, jireenya kheenya daranuu nuuf bareechi🤲
Saahiba kiyya Qashxii tokkootu "at suuraan siif hin baatu" naan je'ee dhiiroo dhugumaa? Mee naaf himaa warri ogummaa waan kanaa qabdan.😅

By the way tiraantir akka 'luxury car' itti oofuun namatti tolti.😅👌
Tan ati barbaadde cufa, ammuma tti, laaftutti "milkooyte" Rabbi siin haa ja'u!
"In shaa Allah Gaaf tokko..."

Adeeroo Eeyyee gaaf tokko wanni ati barbaadde ni sirrooyti, yoo xiqqaatee xiqqaate amma yoo harka marattee taa'uu baatte.

Malee akkanumatti "In Shaa Allah gaaf tokko..." yoo jette, rooba jiirkaa keessa dhukkee eegutti jirta 🫠
@JemalSheikhBakri1
2024/06/16 05:22:33
Back to Top
HTML Embed Code: