YEROO
Leenee Asaffaa
@labatamagazine
Yeroodha abbaan irree
Kan qoqqoodee hunda hire
Kaleessa Har'aaf boruu jidduu
Mallatoo kaa'ee kan Sarare
Rooba Waaqxi roobsullee
Daangaa fi bakkaan kan ciccire
Yeroodha abbaan aangoo
Yeroodha abbaan deebii
Deegni Imimimmaaniin haramtee
Dhiphuunkee darba subii
Beelaafi gadadoon darbee
quufaaf gammaachut sii dhufa
Quufaan abbaan irree kufee
Salphinasaatu itti fufa
Waaqadha gooftaan yeroo kan yeroo irree cimse
Isatu beeka waa hunda ani hunda isaaf dhiise.

TARII ISIN ABDANNUU ?
Abdii Magarsaa
@labatamagazine
Madaa keenya ture
Eelaa waggaa hedduu
Nurraa qoorsaa jedhee
Isin eegee hunduu
Nu dhageessu jennee
isinitti iyyachuu
Wal nyaachuurraa gara
Tokkummaa qabaachuu
Wal hamachuu dhiisnee
Miidhama dhokfannee
Isin eeggannuuree ?
Nuuf dhaabattu jennee
Imimmaan sabaatiin
Hin milkaa'an lammi
Dafnee walitti himna
Nu cabsuurra ormi
Walii keenya qoodnee
Hamma wal darbannu
Diina walii taanee
Boolla waliif qonnu
Dhiigaaf lafee qomoo
Taphatti dagannu
Shakkiin wal akoofnee
Qooda waadaa gannu
Marii taasifannee
Iccitiis qabannee
Wal gorfannuu laata
Jaarsa biyyaa waamnee
Orma faarsuun fafa
Utuu gadaa qabnuu
Tokkummaa cimsannee
Tarii isin abdannuu?
#Paartilee maqaa saba bal'aatiin ijaaramaniif.

NAMAA FI GOGORRII
Gaaf tokko namichi tokko gogorrii qabatee haaduu ittiin qalatu qarachuu dhaqe. Hamma namichi deebi'utti gogorrittiin mala ittiin du'a ooltu qopheeffattee eeggatte. Namichi dhufee ishee qalachuuf haaduusaa yommuu luqqifatu, "mee turi waanan sitti himun qaba!" jette. Gogorrittiin akka namichi dubbii ishii dhaggeeffachuu fedhe yommuu argite, "mee gadii nadhiisi malee ana hin qaliin, ani mala ati ittiin gogorrii danuu qabachuu dandeessun si barsiisaa," jette. Namichi mala gogorrittii kanaa irratti baree, "ati lubbuu kee duwwaa oolchuuf jettee jireenya firoota keetii balleessuuf mala waan qopheeffatteef ni qalamta" jedheen.
NAMNI OFIISAA DUWWAADHAAF RAKKINA KEESSAA BA'UUF JEDHEE SANYI ISAA RAKKINATTI GALCHUUF MALA QOPHEEFFATU AKKANUMA TA'A.

Caancoo |Bishaan ni kantara moo?? |
https://youtu.be/frP6nTyFgyc
https://youtu.be/frP6nTyFgyc
Bishaan boora'e iddoo tokkotti utuu hin taliila'in hin darbu
Tasfaayee Kabbee
@labatamagazine
✓Wallaansoo jireenyaa dirree diriiraa qofarratti falmii taasisuun abjuudhan. Hin ta'u, jireenyi diraamaa akkasii hin qabdu, hin qabaattus. Tabba ol yaabuun, hallayyaa gadi bu'uun filannoo jireenyaa otoo hin taane dirqama jireenya dachee burraaburree tanaati. Erga gara dachee tanaatti affeerramanii, isa dhama mi'aawaa qabus, kan hadhaawus arraba tokkoon dhandhamuun ulaagaa jireenyati.
✓Bishaan boora'e iddoo tokkotti uutu hin taliila'in hin darbu kanan jedheef waa malee miti. Mee gara jireenya dhuunfaa keenyatti maqsinee haa ilaallu. Dhalli namaa fedha danuu qaba. Fedha dhala namaatti daangaa sararuun hin yaadamu. Haa ta'u malee yeroo murtaa'aa keessatti kaayyoo daangaa qabeessa akka qabaatu wal nama hin mormisiisuu.
✓ Kaayyoo isaa bira qaqqabuf eenyuyyuu hanga humnaa fi beekumsa isaatti ni carraaqa. Garuu lafa kaayyoo sana ga'uuf diraamaa heddu keessa darbuun dirqama. Egaa! Diraamaa kanatu bishaan laga keessa yaa'un wal nu fakkeessa, boora'uun jira, taliila'uunis jira.
✓Xurree mana kaayyoo keenya geessu irraas taatota imala keenya gufachiisan danuutu jira. Taatota yoon jedhu rakkoowwan ykn danqaawwan akka nuti hin milkoofnef nu sakaalan ibsuu barbaadeni. Baayyeen keenya diinota rasaasa nutti roobsan kana keessa darbuun nutti ulfaata. Akkuma kan rasaasni rukute qaamni isaa madaa'u, yeroo qormaatileen jajjaboo akkasii nu mudatan abdii kutachuudhaf harka laanna. Rasaasni lubbuu namaa dabarsa Garuu jireenya keessatti lubbuun darbuun, kufanii ka'uu dadhabuudha.
✓ Qomoo Koo! Hanga yoonaa daandii heddu darbitee as geesse ta'a isa dabarsite caala gara fuulduraattis daandin walxaxaan akka si eeggatu hin irranfatin. Bishaan boora'e iddoo tokkotti uutu hin taliila'in hin darbu akkuman siin jedhe imala kaayyoo keetif taasiftu keessatti wanti heddu si qunnamus guyyaa tokko ni taliila'a. Akka taliila'uuf ammoo miiltoo sadan kan qabaachuun sirraa baayyee barbaachisa.
✓Miiltoowwan kunis: Obsa,
kutannoo fi
Abdiidha.
Qomoo koo! Kanaaf hundu ni darba atis ni injifatta akka injifattuuf garuu ofitti amani.

@Abjuudhalootaa
Gaaf gaaf of dheekkamaa
gaafiimmoo nama abaaraa
Guyyaa dhufeema darbuun
dhandhamaa waan haaraa
Utuu alanfatuu mixmixa jiruu
utuma gubatee arraba of ciruu
Bifaa gurraacha'ee guggubatee
akka muka gogaa akka daaraa
Dhalooti abjuudhaan dhalate
labataaf riqicha seenaa ijaara!
Malee takka fiigee hin ijaajjuu
dafqan qoorfadhas hin jedhu
Dirree gad-lakkisee hin ba'uu
hamma gonfatutti waan fedhu!
@labatamagazine
@labatamagazine
Gaaf gaaf of dheekkamaa
gaafiimmoo nama abaaraa
Guyyaa dhufeema darbuun
dhandhamaa waan haaraa
Utuu alanfatuu mixmixa jiruu
utuma gubatee arraba of ciruu
Bifaa gurraacha'ee guggubatee
akka muka gogaa akka daaraa
Dhalooti abjuudhaan dhalate
labataaf riqicha seenaa ijaara!
Malee takka fiigee hin ijaajjuu
dafqan qoorfadhas hin jedhu
Dirree gad-lakkisee hin ba'uu
hamma gonfatutti waan fedhu!
@labatamagazine
@labatamagazine
Barruu Labata maxxansa 8ffaa Amajjii 30/2021 nu eeggadha.
Labata Monthly Afaan Oromoo Digital Magazine 8th edition is published on Saturday 01/30/2021.
@labatamagazine
@labatamagazine
Labata Monthly Afaan Oromoo Digital Magazine 8th edition is published on Saturday 01/30/2021.
@labatamagazine
@labatamagazine
Barruun labata barruu Afaan Oromoo kan dhalootni dhaloota ittin barsiisu, irraa baratu, kan ittiin wal ijaaru, ittiin wal utubu, kan ittiin wal boharsu, ittiin wal bashanansiisu fi galaa ati dhalootaaf galaastu haala midhagaa ta'een sirraa fuudhee dhalootaaf deebisee galaasudha.
Maxxansa 8ffaa Amajjii 30 /2021 nu eeggadha.
Labatni dhalootaf!.
@labatamagazine
Maxxansa 8ffaa Amajjii 30 /2021 nu eeggadha.
Labatni dhalootaf!.
@labatamagazine