MAALIIF DU'U?

Hospitaala tokkotti dhukkubsattoonni siree tokkorratti dhukkubsatanii ciisan guyyaa jimaataa yeroo hunda du'u turan. Namni dhukkubsatee siree sanarra ciise hundi ni du'a ture. Taateen kun hooggantoota hospitaalichaa, ogeesota fayyaa, hojjattota, hawaasa naannichaatti yaaddoo cimaa uumuu eegale. Akkuma barame dhukkubsataan tokko siricharra ciisee wal'aansa fudhachaa ture, inni waa'ee siree kanaa, waa'ee namoonni bakka kanarra ciisan du'uu waan beeku hin qabu. Guyyaan jimaata ammas ga'ee sa'aatii lakkaa'achaa jira. Ofii namni maalif du'u? Du'a sana duuba namatu jiraa? Rabbii? Moo seexana? Gaaffii nama hundaati. Sa'aatiin ga'aa jira.Duuti dhufaa jira, du'a siree filatu. Ogeesonni, namoonni naannoo sanatti dhiyaatanii waan dhufu eegaa jiru. Gariin isaanii macaafa qulqulluu qomatti qabatanii, kaansaanii Du'aa'ii godhaa waan ta'amu ilaalaa jiru. Akkuma sa'aatiin sagal ta'een qulqulleesituun haaraan meeshaa ittiin kuticha qulqulleesitu qabattee oofaa dhufte. Daftee qulqulleesitee gara hojiishee idileetti deebi'uuf jarjarti. Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Namoonni fooddaarra dhaabbatanii waan dhufu ilaalaa jiru. Akkuma siricha bira geesseen sookkeettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullinnaashee itti kaa'attee hojishee itti fufte. Dhukkubsataan gargaarsa maashinii malee harganuu hin dandeenye suni hafuuraa cite. Harganuu dadhabe. Isaa du'uuf jedhu ogeesonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii maashinicha bakkatti deebisan. Edaa dhukkubsattoota siree sana irra jiran ajjeesaa kan turte qulqulleesituu kanaadha. Ajjeesuf jettee miti, wallaalummaa irraa kan ka'eedha. "Maalif du'an? " gaaffii jettuif deebiin argame. Waaqa miti, seexanas miti. Nama ture. Nama wallaalaa, akka ajjeesaa jiru kan hin beekne. Qulqulleesituu kutichaa. Wallaalan nama ajjeesa! Kan akka wallaalummaa dhala namaa ajjeese hin jiru. Namni gatii namaa hin beeknetu nama ajjeesa!



Kitaaba 'Gatiin namaa meeqa? Jedhu Eebbisaa baay'isaa nama biyya Oromootin barreeffame keessaa!
Gorsa Ganamaa!
.
.
Boriin koo borii kooti!!!

Boriif jedhee har'a akkan arge hin jiraadhu. Waan argineef hin gugguufnu. Argachuuf dhabuun, nyaachuuf beela'uun kennuuf fudhachuun , jaallatamuuf jibbamuun, kabajamuuf salphachuun borikoo irraa na hin hanqisan.

Boriikeef jedhii jiraadhu malee horiikeef jettee hin jiraatin. Ija waan qabduuf argita miti. arguu waan qabduuf argita malee.

Boriikeef jedhii jiraadhu. Boriin kee siif jedhee jiraataatii. Namoota muraasatu borii isaaniif jiraata. Baay'oolii jalaa boriin isaanii dhokatee har'aan isaanii itti bookkisaa jira.

Boriin kee eenyuun fakkaatti ? Namni hubataa fi ogeessi nama har'a irra darbee bor arguu danda'uudha. Har'aan kee guddaa ta'ee boriikee akka hin argine si taasiseera yoo ta'e ati kaayyoo kee har'uma goolabde jechuudha......
................BORIIF JEDHEE!!
KITAABA BAAY'EE BAREEDAA!
Baankiin yaadota keetii sammuu keeti,kanaafuu wantoota gaggaarii qofaa keessatti kuusi!
~
Nama kamiyyuu jireenya isaa keessatti,wantoonni badoon isa ni mudatu. Garuu ammoo,namoonni milkaa'anii fi hin milkoofne wantoota badoo jireenya keessatti isaan mudatan akkaataa garaa-garaatiin keessummeessu. Namoonni hin milkoofne jireenya isaanii keessatti,wayita wantoonni badoon isaan mudatan,wantoota badoo kanniin keessa isaaniitti qabatanii irra deddeebi'anii dubbatu.
~
Jireenya isaanii keessa wantoonni badoon kunniin akka turan godhu. Sammuun isaanii waa'ee wantoota badoo kunneen akka hin yaadne godhu. Guyyaa guutuu waa'ee wantoota badoo yaadaa oolanii,dhuma irratti halkan waa'ee wantoota gaarii yaaduu eegalu.
~
Gam-biraan ammoo namoonni milkaa'anii fi amantii mataa isaanii irratti qaban,waanti badaan kamiyyuu yoo isaan mudate;sammuun isaanii waanta badaa kana irratti xiyyeeffatee;yeroo akka guban hin barbaadu.
~
Namoonni waan milkaa'an yaadota gaggaarii baankii yaadaa sammuu isaanii keessatti qusatu. Kanaaf,jireenya kee keessatti wayita wantoonni badoon si mudatan qajeelfamoota itti aanu kana fayyadami.
~
Wayita kophaa-kee yaadaan muddamtu, wayita makiinaa ooftu, wayita kophaa kee deemtu yookaan nyaattu, waa'ee wantoota gaggaarii jireenya-kee darbe keessatti dabarsitee yaadadhu.
~
Baankiin yaadaa kee wantoota gaggaarii qofaa akka kuusu qofaa to'adhu!
~
Tooftaa kana yoo fayyadamte, amantiin mataa kee irratti qabdu ni dagaaga. Akkasumas qaamni kee akka gaariitii akka dalagu godha. Miira baay'ee gaarii fi namatti tolu akka qabaattu si godha. Kanaafis tooftaa bu'aa qabeessi kunooti. Galgala utuu hin rafiin dura baankii yaada sammuu kee keessa yaadota gaggaarii kuufadhu. Wantoota gaggaarii jireenya-kee keessatti itti gammaddu taasisi.
~
Kunis haadha warraa-kee yokaan abbaa warraa kee,ijoollee kee, fayyaa kee,ta'uu danda'u. Guyyaa har'aa wantoota gaggaarii. Haa xiqqaatuu waa'ee injifannoof milkaa'ina-kee yeroo darbee yaadi. Jiraachuu keetti maaliif akka gammaddu wantoota amansiisoo tarreessi.
~
Barruu kana Kitaaba Hinseenee Makuraa....."Nadhii Dammaa"jedhu irraati
Kan qindeesse: Oroo Margaa tiin!
Dubbisuun hanga du'aattidha.

Join @Maaddii_kitaaba
Jireenyi adeemsa walitti fufa namni hamma lubbun jiruuti taasisudha.!

Isinhoo maal jettu?
#ATIS_NI_DANDEESSA!
Bara 1939 ALA ture. Joorji Daalzigii jedhama. Barataadha. Gaaf tokko barfatee mana barumsaa deeme. Yeroo inni daree seenu barsiisaan istaatiksii barsiisee ba'eera. Gaaffiilee lama kan barsiisichi barreesse gabatee gurraacha irra jiru. Daalzigiin gaaffilee sana lamaan barreeffatee gara doormii isaatti deebi'e.
Gaaffilee sana hojjechuun salphaa hin turre. Yaalii guddaa booda hojjete.
Akkuma hojjeteen gara biiroo barsiisaa isaatti geesse. Kutaa dhiphoo waraqaan itti guute keessa ture barsiisichi. Quba isaan argisiisaa, "Achi irra kaa'ii deemi!" ittiin jedhe. Kaa'eefii deeme.
Bor ganama balballi rurukkutame. Ka'ee baneef. Barsiisaa istaatiksiidha. Ni rifate. Barsiisaan akkamitti doormii dhufa? Akkuma inni balbala baneen barsiisaan isaa dubbisuuf harka itti hiixachaa, "Baga gammadde!" ittiin jedhe. Daalzigiin waan isaa wallaale. Bitaa itti gallaan, "Maaltu ta'e?" jedhee gaafate.
Barsiisichi fuula gammachuudhaan ifeen, "Waraqaa qorannoo kan ittiin eebbifamtu xumurteetta! Qorannoo biroo hojjechuun si hin barbaachisu!" ittiin jedhe. Gurbaan daran burjaaja'ee ilaale. Haalli barsiisichaa galuufii dide.
"Maal jechuudha kun? Akkamitti ta'a" jedhee gaafate. "Maal seete!" jedhe barsiisichi, "Gaaffileen ani kaleessa gabatee gurraacha irratti barreesse lamaan seenaa istaatiksii keessatti haga ammaatti deebii hin arganne. Ani barattoonni gaaffilee lachuu akka beekaniifan barreesse malee akka hojjetaniif hin turre! Ajaa'iba! Ati garuu akkuma hojii manaa salphaatti hojjettee fidde. Sunuu yeroo gabaabduutti. Eyyee, baga gammadde!" ittiin jedhe.
Seenaa istaatiksii keessatti gaaffiilee deebii hin qabne akkamitti hojjette Daalzigiin? Deebiin isaa salphaadha. Akka gaaffileen sun hojjetamuu hin dandeenye hin dhageenye. Hojii manaa barattootaaf kenname qofa se'e. Akka hin danda'amne waan hin dhaga'iiniif akka danda'amu amane. Sammuu isaa gurra isaa lachuu gidduu jiru haalaan hojjechiise. Maarree gaaffii deebii dhabe deebise.
Maal jechuufan kana jedhe seete? Atis ni dandeessa! Daa'imummaadhaa eegalanii maatii fi hawaasni ati keessatti guddatte wantonni hedduun akka hin danda'amne waan sitti himaniif akka hin dandeenye amante. Hin danda'amu siin jedhan, atis hin danda'amu jettee itti waliif galte. Dhugaan jiru garuu: Daangaan sammuu keetii sammuu kee mataa isaati! Eyyee, ni dandeessa.
Galgala baay'ee bareedduu qabaadhaa!
#DeemsiIttiFufa
#AnaNamaBiyyaOromoo
#Eebbisaa Baayisa

Join @Maaddii_kitaaba
Akkaam jirtu kabaajamtoota hordoftoota keenya, baga Waaqayyoo isin gargaare nagaan bara 2015 irra gara 2016'ti ceetan! Dabartan!

   Barichi bara nagaa, eebbaa, badhaadhinafi milkaa’ina akka isinif ta'u haawwina.

    Har'i guyyaa ayyaana gaarii isiniif haa ta'u jechaa, raakkata isin cina jirus yaadadhan dhaamsa keenya!

   Oolma ayyaana gaarii isinif haa ta'u!
     From; Maaddii Kitaaba
Nama Milkaa'ina ta'uf waantoota sadan kanatu si barbaachiisa:

1 Nama muldhaata ykn abjuu qabu ta'u. Nama abjuu qabu ta'unkee Kaayyoo milkeessuuf, galman gahunis ofiike hamma maatiikee, biyyaa ittin jijjjirtu jiraattuf tokko akka qabaattuf si gargaara. Namni Kaayyoo jiraatuf yoo qabaate malee jireenyasaa guddisuu hin danda'u. Ka'umsikee gahumsakee murtessa. Gahumsikee immoo hamma ka'umsakee Sana gaha.

2 Muldhaata ykn abjuu qabdu sanaf jabaatte, cimte, dhaamatefi nuuffi malee galmaan gahuf hojjechuu qabda. Kun immoo abjuu ykn Muldhaata si keessaati biqilee guddisuuf, yaada hojii si keessati argame gara hojiiti/gochaati geeddaruf, Akkasumaas abjuu galman gahuf Kaayyoo godhatte dhugumaan galman geesse akka argamtuf si gargaara.

3 Akkasumaas, amala gaarii namootan ittin walii galtu, hojiikee hojeettu, jireenya mataake ittin jiraattufi amala gaarii muldhaata si keessa jiru wajjiin waliigalu qabachuu qabda.

Abjuun yaadan argamaa. Hojiidhaan galma gaha. Cimaani hojjechuudhan dhugooma.

Jireenyi nama abjuu qabu hojjeeta abjuusaati. Nama guutuu ta'uf abjuu ofii dhugoomsutu barbaachiisa. Kanaafu, abjuukee dhugoomsi!

Namoota kaayyokeef hin malle karaakee irra maaqsi! Hiriyyaa abjuukee hin madaalle wajjiin hin michoomin! "Hiriyyaa gadhen amala gaarii mancaasa" jedha Macaafni Qulqulluun. Kanaafu, namoota abjuukee faalleessani wajjiin oolte nama abjuukee galmaan gahu taaate of arguuf him yaalin! Namni waliin jiraatu dhiibbaa wal irraati gochuun isa hin oolu. Atis immoo Nama dhiibbaa amala badaa Nama qabu jalati kufuu utuu hin taane, dandeessu Nama amala gaarii qabun amala badaa namni qabu geedarsiisuu ta'uf yaali! Kana yoo hin taane immoo, amalumaa gaarii qabdu sana amala badaa namoonni qabanin akka hin mancaanef eeggadhu! Milkaa'ina keenya keessaati amalli nuti qabnu gahe guddaa qaba. Jabaanne hojjechuun, abjuu qabachuunifi gargaarsa abjuu sanaf nu barbaachiisu argachuun keenya duwwaan, Nama abjuusaati dhugoomu nun taasisu. Amalli badaan xiqqoo nuti qabnu kana hundumaa altokkichan nu jala diiga. Wantoota qabnu kana biraatis amala gaarii yoo qabaanne immoo qabeenyaa qabnuti faayyadamne of milkeessinerra jechuudha. Kanaafu amala gaarii qabachuun milkaa'ina keessati Bakka guddaa qaba.

Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaarii malee amala gaarii hin qabne, baraan abjuusani milkeessuuf bu'ani bahani gatii kaaffalu. Garuu hin milkaa'an. Galma hin gahan. Sabaabinsa, amala badaa/ tasgaabbi hin qabne sanan waan si'a baayye itti dadhabani hojjeetan diigu. Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaariifi amala gaarii wal simuu qaban immoo sadarkumaa sadarkaadhan abjuusani dhugoomsa adeemu. Sabaabinsa, bu'a yeroo hojjeetan argatan eeggachu danda'u waan ta'ef! Yeroo hundumaa namoonni jireenya keessaati gatii gurgudda kaaffalu malee milkaa'ina bira dafaani hin geenye, namoota amala dafaani aaru, murteessu, tarkaanfi fudhachuufi utuu itti hin yaadin waan tokko gochuu qofarraati xiyyeeffaatanidha. Atis, akka namoota akkasi kana ta'u hin qabdu. Nama amala gaarii, tasgaabba'a, obsufi suuta jechuun waan tokko keessumessu ta'u qabda. Eessattu, bara kana amala keetu si jiraachiisa.

Amalli gaariin jireenya keessaati firaa namaaf Baayisa!

Barreessaa; WameranTolera Benti

Yoo isiniti tole, like share comment godhaa! Galatoomaa!

Join @Maaddii_kitaaba
Here are 10 lessons from the book The Game of Life and How to Play It
1.Your thoughts and words create your reality. "Whatsoever a man soweth, that shall he also reap." This means that your thoughts and words are powerful tools, and you should use them carefully.
2.You can change your circumstances by changing your thoughts. "Man is master of thought, the mold in which he casts his life." This means that you have the power to create your own destiny by controlling your thoughts.
3.You should focus on positive thoughts and words. "As a man thinketh in his heart, so is he." This means that your thoughts and words shape your character and your life.
4.You should have faith in yourself and in the power of your thoughts. "Faith is the substance of things hoped for, the evidence of things not seen." This means that you should believe in yourself and in your ability to create the life you want.
5.You should be grateful for what you have. "Gratitude is the key to happiness." This means that you should appreciate the good things in your life, big and small.
6.You should forgive others and yourself. "Holding on to anger is like drinking poison and expecting the other person to die." This means that forgiveness is good for your own mental and emotional health.
7.You should love yourself and others unconditionally. "Love is the greatest force in the universe." This means that you should treat yourself and others with kindness and compassion.
8.You should live in the present moment. "Do not worry about tomorrow, for tomorrow will worry about itself. Each day has enough trouble of its own." This means that you should focus on enjoying the present moment and not worrying about the future.
9.You should trust the divine guidance. "There is a divinity that shapes our ends, rough-hew them how we will." This means that there is a higher power that is guiding you, even when you can't see it.
10.You should have a positive attitude. "Life is a game, and the prize is living." This means that you should enjoy the journey and not focus on the destination.
The Game of Life and How to Play It is a classic self-help book that has helped millions of people to improve their lives. If you are looking for a way to create a more fulfilling and joyful life for yourself, I highly recommend reading this book.
Seenaa Bareeddu Kana Dubbisaa!

Piroofeesara beekamaa tokkoofii dargaggeessaa doonii bishaanirra bololiisu tokkotu waliin galaanarra deema ture. Pirofeesarri kun mucaa abbaa doonii kana akkas jechuun gaaffii gaafate. Baratteettaa? Jedheen. Lakki anoo hin baranne jechuun deebiisaa deebiseef mucaan suni. Ammas homaayyuu hin barannee jedhee irra deebiin gaafate. Eyyen jedhe mucaan ammas. Nan gadda jedhe.

Ammas hin boqonne piroofeesarichi gaaffii biraa amma homaa dubbisuu hin dandeessuu jedhee gaafate. Mucichi ammas gabaabseetuma eeyyen jechuun deebiseef. Waayyuu dubbisuu hin dandeessuuree jedheen. Eeyyen jedheen ammas. Nama gaddisiisa jedheen pirofeesarichi.

Amma xiqqoo yeroo deeman dambaliin bishaanii tokko dhufee doonitti hurgufe. Pirofeesarichi amma sodaan itti dhufe. Sana booda mucichi pirofeesar bishaan daakuu dandeessuu jedhee gaafate. Lakki hin danda'u jedheen pirofeesarri. Homaa hin dandeessaniiree Xiqqoosheellee jedheen mucichi. Eeyyen jedhe pirofeesarri sodaan liqimfamee. Nama gaddisiisa jedheetu mucichi bishaanitti kakawu. Daakuusaa itti fufe.

👉👉Bari:- Namni kamuu beekumsa ittiin adda ta'u qaba. Kan namni tokko beeku kan biraan beekuu dhiisuu mala. Kanaafuu namuummaan namni kamuu wal qixa ta'uu beeknee wal haa kabajnu.

FaFayyoo A Galataa
OGEESSAA TA'I! MIIRAKEES TOO'ADHU! AKKATA DUBBI KEES TOLFAADHU!

Bakka kamittu miirakee too'adhu!  miirri too'anna hin qabneef dubbiin adaaba hin qabnee balaa keessa nama buusa.  Namoonni  miirri isaani qabbaana hin qabne waan hundumaaf ni aariifatu. Araabni akkata dubbii itti dubbaatan qajeelche hin beeknes haasaa nuuffisiisa haasa'a. Kanaafuu miirarraa ka'ani dubbachuufi osoo hin taane hubannan haasa'uf of qajeelchi.

Miiroonni kee  too'annakee jala akka jiraatan taasiisi! miirakee geggeessi malee miirakeen hin geggeeffaamin!  Akkasumaas, dubbii araabakee qajeelchi! haasa'u dura maal akka haasoftuf akkamittin haasa'u akka qabdu itti yaadi!  Baayye haasa'anif dhaggeessifatu miti. Waan gaarii dubbaatanifi yaada ofii karaa ogummaa ibsaatanin dhaggeeti argatu. Kanaafuu gowwaa hin ta'in! namni goowwaan baayyee haasa'us haasaa gatii hin qabne haasa'a waan ta'ef, dubbinsa hundinuu goowwummasaa mul'isu. Dubbii hin taane baayisuun afaankee keessaan Namoonni hamma sammuukee akka baraan hin godhin! Nama hubata ogummaasatin, nama goowwaa immoo dubbii goowwummaa isaatin beeku. Yoo nama dubbii qajeelche dubbatu taate immoo eenyunu amansiisu ni dandeessa! Kun ogummaa keessa argama.

Namoonni ogeessi:
- Dubbii dubbachuuf yaadan, -Murtoo waa'ee waan tokkof kennuf jedhan,  
-Tarkaanfii waa'ee waan tokkof fudhachuuf yaadan,
Raawwachuu dursa gadi fageessaani waa'ee gochuuf ka'ani kana itti yaadu(contemplation). Bu'aaf miidhaasa tilmaamu. Faayidasaafi faayida inni hin qabne adda baasuf dhaama'u. Kanaafu ogeessaa ta'uf dhaama'i!

  Namni Ogeessi, nama yaadan of hoggaanufi qajeelfamaa jireenya mataasa qabu yoo ta'u, goowwan immoo miirasaan oofamaa, naannoo isaan oofamaa, namootan oofamaa jireenya Kaayyoo hin qabnefi boriif bu'a hin buufne har'a jiraata. Kanaafu nama ogeessaa ta'i!

.......Galgalaa gaarii qabaadha!
Like share comment! Godha!

Barreessan: WameranTolera Bantii

For more join: Maaddii Kitaaba
Dubbisuudhan dandeetti barreessuuke dabaali ykn fooyyessi! Barreessuudhan immoo dandeetti yaadukee fooyyessi! Dubbisuun, waan dubbisaan hubachuu dandeetti yaaduke dabaalun hubannake yoo guddisu, yaadootake barreeffamaati geeddarun kataabunke immoo dandeetti yaada maaddisiisu sammuuke dabaala. Akkasumaas, yaadoonni haaraan sikeessa akka bahan godha! Kanafuu, dubbis! Barreessi!

Join @Maaddii_kitaaba
DUBBISUUN MAALIIF GORFAAMA?

Karaan ittin beekumsaa argatan keessa tokko, Dubbisuudhan. Namni dubbisuu jecha, namni kadhatu ayyaana, namni gadi fageenyan yaadu(contemplation/yemiyesalsel) mala hin dhaabu jedhama. Namni dubbisuu, Nama yaadan bilchate Nama gaha of gochuuf tattaaffirra jirudha.

1 Dubbisuudhan beekumsaa argadhu!

2 Dubbisuudhan dandeetti waa qabachuu sammuuke gaabbiisi!

3 Dubbisuudhan dandeetti yaadu cimaafi dandeetti waa xinxaalu sammuuke guddiisi!

4 Dubbisuudhan dandeetti waa barreessuuke ykn dandeetti barreeffamaake gaabbiisi!

5 Dubbisuudhan dhiphinaafi yaaddo sammuuke xiqqeessi!

6 Dubbisuudhan itti baraadhu!

7 Dubbisuudhan dandeetti dubbii(communication)kee gaabbiisi!

Join @Maaddii_kitaaba
Nama Milkaa'ina ta'uf waantoota sadan kanatu si barbaachiisa:

1 Nama muldhaata ykn abjuu qabu ta'u. Nama abjuu qabu ta'unkee Kaayyoo milkeessuuf, galman gahunis ofiike hamma maatiikee, biyyaa ittin jijjjirtu jiraattuf tokko akka qabaattuf si gargaara. Namni Kaayyoo jiraatuf yoo qabaate malee jireenyasaa guddisuu hin danda'u. Ka'umsikee gahumsakee murtessa. Gahumsikee immoo hamma ka'umsakee Sana gaha.

2 Muldhaata ykn abjuu qabdu sanaf jabaatte, cimte, dhaamatefi nuuffi malee galmaan gahuf hojjechuu qabda. Kun immoo abjuu ykn Muldhaata si keessaati biqilee guddisuuf, yaada hojii si keessati argame gara hojiiti/gochaati geeddaruf, Akkasumaas abjuu galman gahuf Kaayyoo godhatte dhugumaan galman geesse akka argamtuf si gargaara.

3 Akkasumaas, amala gaarii namootan ittin walii galtu, hojiikee hojeettu, jireenya mataake ittin jiraattufi amala gaarii muldhaata si keessa jiru wajjiin waliigalu qabachuu qabda.

Abjuun yaadan argamaa. Hojiidhaan galma gaha. Cimaani hojjechuudhan dhugooma.

Jireenyi nama abjuu qabu hojjeeta abjuusaati. Nama guutuu ta'uf abjuu ofii dhugoomsutu barbaachiisa. Kanaafu, abjuukee dhugoomsi!

Namoota kaayyokeef hin malle karaakee irra maaqsi! Hiriyyaa abjuukee hin madaalle wajjiin hin michoomin! "Hiriyyaa gadhen amala gaarii mancaasa" jedha Macaafni Qulqulluun. Kanaafu, namoota abjuukee faalleessani wajjiin oolte nama abjuukee galmaan gahu taaate of arguuf him yaalin! Namni waliin jiraatu dhiibbaa wal irraati gochuun isa hin oolu. Atis immoo Nama dhiibbaa amala badaa Nama qabu jalati kufuu utuu hin taane, dandeessu Nama amala gaarii qabun amala badaa namni qabu geedarsiisuu ta'uf yaali! Kana yoo hin taane immoo, amalumaa gaarii qabdu sana amala badaa namoonni qabanin akka hin mancaanef eeggadhu! Milkaa'ina keenya keessaati amalli nuti qabnu gahe guddaa qaba. Jabaanne hojjechuun, abjuu qabachuunifi gargaarsa abjuu sanaf nu barbaachiisu argachuun keenya duwwaan, Nama abjuusaati dhugoomu nun taasisu. Amalli badaan xiqqoo nuti qabnu kana hundumaa altokkichan nu jala diiga. Wantoota qabnu kana biraatis amala gaarii yoo qabaanne immoo qabeenyaa qabnuti faayyadamne of milkeessinerra jechuudha. Kanaafu amala gaarii qabachuun milkaa'ina keessati Bakka guddaa qaba.

Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaarii malee amala gaarii hin qabne, baraan abjuusani milkeessuuf bu'ani bahani gatii kaaffalu. Garuu hin milkaa'an. Galma hin gahan. Sabaabinsa, amala badaa/ tasgaabbi hin qabne sanan waan si'a baayye itti dadhabani hojjeetan diigu. Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaariifi amala gaarii wal simuu qaban immoo sadarkumaa sadarkaadhan abjuusani dhugoomsa adeemu. Sabaabinsa, bu'a yeroo hojjeetan argatan eeggachu danda'u waan ta'ef! Yeroo hundumaa namoonni jireenya keessaati gatii gurgudda kaaffalu malee milkaa'ina bira dafaani hin geenye, namoota amala dafaani aaru, murteessu, tarkaanfi fudhachuufi utuu itti hin yaadin waan tokko gochuu qofarraati xiyyeeffaatanidha. Atis, akka namoota akkasi kana ta'u hin qabdu. Nama amala gaarii, tasgaabba'a, obsufi suuta jechuun waan tokko keessumessu ta'u qabda. Eessattu, bara kana amala keetu si jiraachiisa.

Amalli gaariin jireenya keessaati firaa namaaf Baayisa!

Barreessaa; WameranTolera Benti

Yoo isiniti tole, like share comment godhaa! Galatoomaa!

Join
:Mee Isinis yaada irraati kenname wan kana.

   Muuddannoko har'a irra barachu dandeessan tokkon Isinif qooda; Dubbisuufan library seene. Utuun baayye hin turin obboleettin tokko immoo dhufun teesso kompiyuutera ana cina jiru qabaatte teesse. Utumaan dubbisaa jiru waanan dubbise itti yaaduf oljedhe, yoon akkas of cinaati ishee ilaalu, assignment waraaqatarrati print ta'e ishee harka jiru of dura goote, kompiyuuteran online google seente fuulla online tokko banaachun, deebi assignmenticha achiirra hojjeti. Assignmentichi gosa kam jettani yaaddu? Ykn yoo ta'e gaariidha?  Filannoo(Choose) dha. Sanu filanno gaaffiin isa gaggaababa ta'efi salphaa ture. Akka tasaa coursechi kanan baradhe darbeedha.
Anis Yoon kana argu dubbisu kiyya dhiisetuman ishee ilaale. Isheenis, hundumaasa iddo tokkoti waan argattef, gaaffi assignment ishee keessa barbaadde itti baafachun, deebiinsa A is ta'e A, B isa ta'e B, C isaa ta'e C, D isa ta'e immoo D jette guuttachun daqiiqa 20 hin turre baate sookkite.
  
Mee barattu shammaarre kanamoo barsiisa ishee gaafficha kennefiitu balleessa qaba jettu? Yaada keessan!

Anis yeroo kana WANTOOTA arman gadi kanan yaadu jalqaabe:
Innis, Maali barsiisan kun  akkamitti course barsiisu keessa gaaffi filannoof ta'u ofiisaati baasu dadhaba? Moo beekatumaa godhe? Intaalli Kunis maaliif qooda module barsiisa ishee dubbisun achirra hojjechuu, fiigde dhufte onlinerra hojjechuun of miiti. Sabaabinsa, osoo module irra teesse dubbisa hojjette ofumaa barattu cimtu taati.


Note: Assignmentin manati ykn ofbiraati fudhatte gaaffi siif kennamefi kitaaba/module irra barattu walbira qabun, teesse kan ati hojjetuudha. Tooftan Kunis, gaaffiille siif kennamanif deebi barbaacha keessa kitaaba/module barnootake achumaan akka dubbistufi. Dubbisunis yaadasas akka hubattufi. Qormaanni immo kan kennamu gahumsaa(conceptually) baratan sun gosa barnoota baratee sanarrati qabu karaa ittin madaalanidha. Qormaannis qaayyabanan kan hojjetamuudha. Naanna'ani laachan isaaniyu, waan barannefi barataa jirru xiyyeeffaanno akka hordoofnufi beekumsaa isaan kennanis yaadati akka qabannuufi. Sadarkaa barnoota degree keessati altokko tokko gaaffille modulerra hin jirre barreessifaa onlinerra barbaada jedhani ni kennu. Isaan beekumsaa dabaalataatif akka ati dubbiftuf akkas godhu. Isa nan beeka. Garuu gaaffii filannoo online irra kallaattin akkumaa jiruuti barataaf baasufi barataanis gaaffi sasalphaa module isarra dubbise itti baasu danda'u, salphumaati gaana dubbisu irra deebi qophaa'a itti baasuf fiigun kun sirriidha?
    Ega, amma barsiisa moo barattu shammaara kanatu dogoggoree jettu? Haalli barnoota kun akkami?

Yaada keessan karaa #bot channeli keenya: @Gorsa_jireenya_bot nun gaha:
    WameranTolera Benti

Joinformore: @Gorsa_jireenya
📗📚📖:

WAAN HUNDUMAA XUMUREEN JIRA

"Ani jireenya koo keessatti waan narraa eegamu xumureen jira," jedhee laphee dhiibee taa'uun haa hafuutii, waan akkanaa sammuu kootiyyuu yaadee waan hin beekneef baay'een ofitti gammada. An ammayyuu mul'atan qaba. Karoorfachaa waan haaraa baruuf, yaalaa walitti fufinsaan hojjechaa waanan jiraadhuuf jireenya koo gammachuun kan guutamedha.

Namoonni yeroo baay'ee "Dhuma irratti raawwadheen jira" wayita jedhan dhageenya. Namoota milkaa'an wayita arginummoo "Sadarkaa olaanaarra gahee jira ykn geessee jirti..... Namichi, dubartiin sun waan dhaban hin qaban; waan hundumaa qabu" jennee dubbanna.

Ani garuu waa'ee namoota yaadaa fi ilaalcha akkanaa qabanii waan baay'ee nama gaddisiisu tokko hubadheen jira. Namoonni akka waan waantota hundumaa xumuraniitti ykn akka waan hundumaa bakkaan gahaniitti of ilaalan, hafuurri ta'e tokko isaan keessaa godaanee jira. Kana jechuun namoonni akkanaa milkaa'ina biroo gonfachuuf hin onnatan ykn gara sadarkaa haaraatti guddachuuf hin carraaqan........

Garuu asirratti of eeggannoo gochuu qabda. Milkaa'ina olaanaa gonfadheen jira jettee laphee dhiibdee taa'uunkee kun milkaa'ina caalmaa qabdu kan biraa akka hin gonfanneef si takaala.
Akkasumas amalaa fi ilaalchi akkasii walitti fufinsaan akka ati hin guddanneef kaka'umsa kee mancaasuu danda'a.......

Gammachuun dhugaa kan namoota karoora hahaaraa yeroo yerootti baafatanii walitti fufinsaan hojjetaniiti malee, kan warra galma tokko qofa milkeessanii taa'anii miti.
Gammachuun dhugaa adeemsa walitti fufinsaan waa hojjechuu keessa jira malee, waan tokko milkeessanii achuma irrattu dhaabuu keessa hin jiru.

Madda: Hidda Milkaa'inaa.
Abdii Hin kutatiinaa
(Never give up)
Gorsaa fi beekumsa xiinsammuu nama hundaaf tahu.
|
Jason Navallo.
kitaabni kun guutummaa guutuutti afaan ingiliziirraa gara afaan oromootti hiikamee maxxansarra kan jiru yoo tahu yeroo dhiyootti gidduu gala gurgurtaa kitaabaa biyya Jarman fi dameewwan isaa hedduu keessatti haala salphaan argachuu dandeessu.
Barreessaan: Jason Navalo
Amayu Tasisa akka hiiketti.
Yemmuu tahu yaada, qeeqaa fi jajjabina dubbistootaa barbaacha ergaa keessoo kitaabicharraa hanga tokko isin dhandhamsiisuun fedha.
|
Addunyaa Irra Jiraannu
(The World we live in)
Addunyaan irra jiraannu kun addunyaa wal'aansoo ti. Injifachuu fi injifatamuun walcinaa adeemti. Carraanis akkasuma. Takkaa ol nama baasti; takkammoo gadi nama buusti. Namoonni mul'ata isaanii bira dafanii kan hin geenyeef sababa dafanii abdii kutataniifi dha. Jireenya keessatti yeroon gara milkiitti ittiin tarkaanfatan yeroo qormaatni namatti heddummatudha. Jireenyi qormaataan guutuudha. Akkuma mana barumsaatti namni qormaata qoramee qabxii gaarii galmeessee badhaasa guddaa fi ramaddii sirrii argatu; dhalli namaa qormaata keessa darbee galma ga'insa mul'atasaa bira dafee gaha. Biyya lafaa kanarratti namoonni maqaan isaanii yeroo mara faarfamaa jiraatan warra utuu abdii hin kutiin jabaatanii hojjetani dha. Fknf.

Thomas Edson lammiin biyya Amerikaa kan humna ifaa har'a diinagdee fi wantoota hedduu ittiin argaa jirru kana kalaqe dha.

Steven Jobs kan jedhamu nama meeshaalee amma namni itti gargaaramaa jiru 'Apple' jedhamu kalaquun addunyaa kana ajaa'ibsisiise dha.
Bilget nama 'Mayicrosoft Word' jedhamu uumee yeroo ammaa kana sooressa beekamaa biyya lafaa keessaa tokko ta'edha.

Benjamin Franklin kan jedhamus nama siyaasaan beekamaa, barreessaa fi dhimmoota ifaa fi humna elektiriksiitiin beekamtii qabu dha.
Dubartiin beekamtuun 'Marie Curie' jedhamtu bara 1903 badhaasa addunyaa beekamaa argattee fi elementoota mataasheetii nama argatte dha.
Galalileo Galile nama biyya Xaliyaanii ti. Innis nama 'abbaa saayinsii ammayyaa' jedhamuun beekamu dha. Hayyoonni hojii isaaniitiin biyya lafaa kana ajaa'ibsiisan hedduutu turan. Dhimmi guddaan hayyoota kana wal fakkeessu abdii kutannaa tokko malee mul'ataa fi abjuu qaban sanatti cichuu isaanii ti.

Saayintistii beekamaan Albert Einstein jedhamu 'Jireenyi akka nama saayikilii oofuu ti' jedhe. Madaalakee eeggachuuf sochiikee itti fufuu qabda jechuusaatiim!
Jireenyi adeemuu dha. Jireenya keessatti nama jabaa tahuu osoo hin taane qorumsa dura dhaabachuutu hammam akka nuti geenyu ibsa. Namni waa guddaaf akeekamu waa xiqqoon danqamee booda hin deebi'u. Kufaatiin mallattoo injifatamuu miti. Kufaa ka'uun garuu abshaalummaa hayyummaa ti. Dogoggora keessatti kufuu otoo hin taane dogoggora ofiirraa baratanii fuulduratti adeemuutu kallattii injifannooti. Namni abdii kutatu kaayyoosaarraa fagoo jira. Waan qalbii ofiitti guutummaan abdatanii itti seenan akka yaadatanitti yoo milkaa'uu dadhaban gufannaa uuma. Gufannaa kanarra tarkaanfatanii kaayyoo qabatanii bahan ilaaluun abdii horannaa dha. Namni abdii qabu yeroo hedduu mo'ataa dha.
Fknf:
Daldala ta'e jalqabdee jalqabarratti kasaaraa jalqabaan dhaabachuun kee abdii kutachuu kee ibsa. Qormaata tokko qoramanii naasuu sanaan barumsa dhabuunis akkasuma. Dorgommii fiigichaa jalqabarratti injifatamuun itti deebuu dhabuun kee mallattoo kufaatii ti. Waraqaa iyyannoo dorgommii hojiitiif barnootaaf galfattee, calalliif darbuu dhabuukeen dudduuba kan deebitu taanaan ati milkaa'inarraa fagoo dha. Abdii kutannaan diina abjuu fi mul'ata namaa ti.

Abdii kutannaa injifachuu ni dandeessa. Dhibaa'ummaa fi abdii kutannaa injifachuuf malli guddaan "nan danda'a" jechuu dha. Sammuun dhala namaa waan hojjechiisan hojjeta. Namni kamuu bu'aa amantii yaada qalbiisaati. Nan hojjedha jennaan ni hojjeta. Namoonni yeroo ammaa kana xiyyaara hojjetanii qilleensarra nuun deemanis tahe doonii kalaqanii bishaanirra nuun deeman dhaluma namaa ti. Warreen lafa kanarra darbanii pilaaneetii biraarra qubatanii waan haaraa uumuuf qorannoorra jiranis dhaluma namaati.
Kanneen konkolaataa tolchanii iddoo nu barbaannetti nu fuudhanii deemanii fi warshaalee gurguddoo uumanii nama nyaachisanii obaasan dhaluma namaati.
Isaan teknoolojii ammayyaa kana kalaqanii sagaleen dhala namaa daangaa hanga daangaatti dhagahamuun akka namni wal qunnamtii taasisu tolchan namumaam! Nan danda'a warreen jedhan, danda'aniiru; atis ni dandeessa!
Tooftaan kan biraa ittiin abdii kutannaa mo'atan injifannoowwan naannoo ofiitti raawwataman irraa barachuu dha. Yeroo yaadni bal'dhaan tokko gara sammuu ofiitti dhufu naannoo jireenya ofiitti namoota waa dalaganii milkaa'ina gonfatan ilaaluun barbaachiisaa dha. Wantoota naannoo keenyatti arginu sana kan dalagan namootuma dha. Sochii xiqqaan nama tokkoon jalqabee guutuu biyyaa akka raasuu danda'u quba qabduu? Daldalli nama tokko qofaan eegalee kaampaaniiwwan hedduun namichumaan akka damee hedduu qabaate hinbeektu ta'aa?
||
milkaa'aa!
Kutaan itti aanu itti fufa

@Maaddi_kitaaba
YAADA HAARAA MADDISIISUU
👉Yaada haaraa maddisiisuun adeemsa jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha.
Dandeettii yaadota haaraa maddisiisuu gabbifachuudhaaf, hojjechuu fi jireenya kee fooyyeessuu akka dandeessu amani.
Jechi"Hin danda'amu!" jedhu gara kufaatiitti waan si oofuuf, dandeettii yaadota haaraa maddisiisuu gabbifachuudhaaf, jecha kana sammuu kee keessaa dhabamsiisuu qabda.
Hin rincicin.
👉Ilaalcha rincicummaa dhabamsiisuudhaaf, sammuunkée yaadota haaraa akka fudhatuu fi baratuuf banaa godhi. Guyyaa guyyaatti wantoota haaraa hojjedhu.
Guyyaa guyyaatti hojii kee fooyyeessuudhaaf tattaafadhu malee, bakkuma tokkoo lafa dhiitaa hin oolin.
👉Hojii tokko hojjechuudhaaf karaan filatamaan tokko qofa akka hin taane sammuu kee amansiisi.
Namootni biroon akka haasa'aniif onnachiisi.
Namoota ogummaan isaanii kankeen wal fakkaatu waliin yeroo yerootti wal argii haasa'i.
👉Wayita yaadotni haaraan sammuukee keessa dhufan akka si jalaa hin badneef jabeessii qabadhu.

@Maaddii_kitaaba
Dandeetti hubannaa(Intelligence) gosa Afur haa ilaallu:  namni GAHAA jedhaamu tokko waantoota arfan armaan gadi kana kan wal qabudha. Mee arfanu haa ilaallu:

1 Intelligence Quotint(IO)
2  Emotional intelligence(EI)
3  Social  Intelligence(SI)
4  Conventional Intelligence(CI)

1 Intelligence Quotient(IO): intelligence quotient kun hamma hubanna nuti qabnufi dandeetti nu Waan tokko hubachuuf si'aayina nut qabnus kan safaarudha. Dandeetti kun waa yaadachuufi waa baruuf si barbaachiisa.

Conventional Intelligence: Conventional Intelligence kun Beekumsaa nuti kutaa gadi (KG, high school) kaane hamma  Yuuniveersiititti barachuun arganne, kitaaboota dubbisuun arganneedha. Walumaagalatti, inni kun hamma beekumsa nutii qabnudha.

Emotional Intelligence: EO kun immoo dandeetti miiroota keenya adda baafne baruufi miiroota keenyas bulchu(manage) gochuuti. Emotional intelligence kun haala nutii ittin miira keenya too'annufi   miira keenyas Nama bira hubachiisu dandeenyurrati xiyyeeffaata. Inni kun gahumsaa miira ofii keenyafi namoota biroo hubachuu danda'u of keessatti haammata.

Social Intelligence: dandeetti hubanna nutii walitti dhufeenya namoota wajjiin qabnu bulchinufi too'annu, akkasumaas dandeetti hubanna nuti namoota wajjiin walitti dhufeenya uumnufi jiraannudha.
  -Social Intelligence kun gahumsaa miira, yaada, amaalafi akkata jireenya Nama biraa hubachuu danda'u of keessatti haammata.

Namoonni tokko tokko CI isaanitin cimoodha. Beekumsaa gurguddaa argaattaniiru. Garuu immoo SI irraati, EI irraati gahumsi isaan qaban gadi bu'aadha. Warri kaan immo Beekumsaa gurguddaa dhaabanis, SI fi EI cimoodha.
   ATI garuu waa'ee isaani dhiisi!
Beekumsaa yero gara yerooti kuufachun Conventional Intelligence'n nama cima of godhi!
Beekumsaanis erga guddaatte, miirootakee adda baafte  hubachuun, miirootakeetis bulchuufi too'achu danda'un Emotional Intelligenceke gaabbiisi! Guddiisi! Qabaadhu!
   Beekumsaa erga kuufattefi miirakees baruun too'achufi bulchuu erga dandeesse, Social Intelligence qabaachun sin raakkisu. Ofiisaa namni beekufi hooggaanu namoota biroo wajjin waliigaluf hin raakkatu. Kanaafu Social Intelligence kee irraattis Nama jabaa ta'i! Dandeetti namoota wajjin waligaaluu qabaachufi gaabbiffaachu qabda. Namni Nama wajjin walii hin gallee, seexanamoo bineensa wajjin jiraata? Eenyu waajjinu. Namni kan uumame namumaa wajjin jiraachuufi. Kanaafu amalaa namoota waajjin waliigaluu danda'u qabaachu qabna. Jireenyi waliin jireenya namoota malee haadhoftudha. Raakkistudha. Garuu namoota fana taanaan Waan jireenya keessa jiru waliin Waan qoodaannuf jireenyi hammam yoo ta'eyyu haadha'e haadha'e nuti hin haadha'u. Namoonni lafa nu gargaaru qabanitti Waan nu gargaaranif raakkon jireenya keenya kaan isaanin kan nuuf hiikamu ta'a.

   Barreessan: WameranTolera Benti ti

Joinformore: @Maaddii_kitaaba
10 lessons from Akkaataa Mindaa Ofii Itti Kaasu irraa Napoleon Hill:

1. Gatii kee beeku. Kaffaltii kaffaltii gaafachuu kee dura gatii maal akka qabdu beekuu qabda. Qorannoo tokko tokko gochuun namoonni biroo muuxannoo kee qaban bakka kee jiran maal hojjechaa akka jiran barbaadi.

2. Mariidhaaf qophaa’uu. Hogganaan kee kaffaltii dabalataa qofa siif kenna jettee hin eegin. Marii gochuuf qophaa'aa, yoo waan barbaadde hin arganne ta'e irraa fagaachuuf fedhii qabaadhu.

3. Bu’aa ba’ii kee irratti xiyyeeffadhu. Yeroo kaffaltii dabaluudhaaf mari'attu, bu'aa ba'ii kee irratti xiyyeeffadhu. Maaltu hojjettee dhaabbaticha irratti dhiibbaa gaarii uume?

4. Ofitti amanamummaa qabaachuu. Ofii fi gatii keetti amani. Yoo ofitti hin amanne namni biraa hin amanu.

5. Itti cichuu. Yeroo jalqabaaf gaafattan kaffaltii yoo hin arganne abdii hin kutatin. Cimtee hojjechuu itti fufi dhumarratti badhaafamta.

6. Obsa qabaadhu. Mindaa kee ol kaasuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Halkan tokkotti ta'a jettanii hin eeginaa.

7. Balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu. Maallaqa dabalataa argachuu yoo barbaadde, balaadhaaf fedhii qabaachuu si barbaachisa taʼa. Kunis guddina sadarkaa gaafachuu, daldala mataa keetii jalqabuu ykn hojii irratti itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu jechuu ta’uu danda’a.

8. Wantoota haaraa barachuuf fedhii qabaadhu. Addunyaan hojii yeroo hunda jijjiiramaa waan jiruuf, qaxxaamuraa dursitee turuuf waan haaraa barachuuf fedhii qabaachuu qabda.

9. Neetwork gochuuf fedhii qabaachuu. Networking waa'ee carraa haaraa baruu fi namoota mindaa kee ol kaasuuf si gargaaruu danda'an waliin wal baruuf karaa gaarii dha.

10. Deebisee kennuudhaaf fedhii qabaadhu. Yeroo milkaa'u namoota biroof deebisee kennuu hin dagatin. Kunis nama tokko gorsuu, yeroo kee tola ooltummaadhaan kennuu ykn dhaabbilee tola ooltummaaf arjooma jechuu taʼuu fa'i
Kanan dubbise irraati

Kiyyaa Ofii Kiyyaa

Join @Maaddii_kitaaba
2024/05/29 08:27:37
Back to Top
HTML Embed Code: