220: Adeerri Nikaha namaaf hidhuu danda'aa?

Gaaffii: Eeysumni kiyya haadha tiyyaan “ati bar nikaahaan kee guutuu mitii, gabbarallee hin kenninee” haadha tiyyaan akkana jedha. Haadha tiyya tana adeerri isii yoo isii kenne yoo nikaha hidhe akkam?

Nikaahan akka hukmii shari’aati akka fedhinnaa keenyaatii miti. Wanni abaluun tun nikahaa hin qabdu jedhama yoo isiin hukmii shari’aattii abbaan intalaa, inni yoo hin jiraanne akaakoon, akaakoon yoo hin jiraanne ilmi isii, yoo ilma hin qabaanne obboleessa yoo jarreen kun nikaha godhe wanni nikaha isii balleessu maali, nikaahan isii numa jira. Yoo ammoo akkanumatti intala dhiira jala deemtee wajjiin galtuun nikaha hin qabdu yoo jedhan suni dhuga.

Ammoo ta gabbaraa, gabbarri hukmii shari’aa keessa hin jiru. Kun aadaa badduu namni waliin dadhabsiisee waliin kuffise hagana fidaa waan kana godhaa wanni jedhaman hukmii shari’aa keessa hin jirtu. Wanni hukmiin shari’aa quba qabdu maarii shari’aati. Warren gabbara jala deeman kunniin haqa ilmoo isaanii quba hin qaban. Wanni isaan yaachisu waan aadaa malee mirgi dhalaadhaa bakka tana keessatti wanni maahriidhaa maqaa hin dhawamtu. Kanaaf jecha haati tee nikaha numa qabdi akka shari’aan jedhu kanatti yoo nikaha godhamte.

Ammoo adeerri isiidha isii heerumsiisuu ka danda’u yoo abbaan isii hin jiraanne, yoo obboleessi hin jiraanne, yoo ilmoo hin qabaanne, adeerri kennuu numa danda’a. Osoo jarri kun cuftilleen abbaalleen, obboleessi, ilmoolleen jiraatee, yoo abbaan jiraatee abbaan jara kana wakkalate nikaahan sahiiha. Ilmoolleen obboleessi isiillee yoo abbaan intalaa dhabame malee waan kana keessa galuu mirga hin qaban.

Dr.Liwaa’ulislaam 🎵
221: Maallaqni xiqqaa ta’ee yoo namni tokko na biratti irraanfate, akkamiin godha?

Deebisaa:   Amaanaan guddoo xiqqoo hin qabdu. Yoo namni waa si biratti dhiisee nama san agarte bakkumatti deebisiif. Yoo namni sun gara kute wallaalte sadaqadhuuf, gaafa nama san arge ni kennaafii sammuu keessa kaayyadhu.
 
Dr.Liwaa’ulislaam 🎵
222: Janaabaan intala muslimaa fi intala kaafiraa irraa nama tuqe hukmiin isaa gara garaa?

Gaafii: Janaabaan akkamii ? janaabaan intala muslimaa irraa nama tuqeefii janaabaani intala kaafiraa irraa nama tuqe akkuma tokkoo?

Deebisaa: Nama islaamaa irraa ta’ee nama kafiraa irraa ta’ee Janaabaan janaabuma. Garuu nama islaama yoo ta’e jaartii tee ta’uu qabdii, yoo intala kaafiraa taate intalti jaartii nama kaafiraa hin taatu.

Yoo Ahlal kitaabummaan isii seera guuttatee Ahlal kitaab fuudhee jiraate malee. Sani ammoo seera guuttachufillee waa heddutu nama dhibaa, zamana ammaa keessatti nama islaama hin ta’in fuudhuun seera gurguddoo barbaachisaa ulamaa jajjabduu gaafachuu barbaachisa osoo hin fuune dura. Warri dubartoota faranjiitiif ta biraallee fuudhuu barbaadan intala islaama hin ta’in fuudhudhaaf seera dura guuttachuun barbaachisa, seera isiin guuttachuu qabdutu jira.

Sheikh Alii Jimmaa🎵
223: Zakaa fixriidhaa geelee tiyyaa kennuu ni danda’aa, takkaahuu irraa baasuu ni danda’aa?

Deebisaa:   Namni tokko zakaa fixrii namarraa kennuun yoo namni tokko dadhabbii qabaate, yoo dhaba qabaate, yoo namni irraa geessu hin jiraanne namni tokko yoo narraa galchi yoo siin jedhe waa takkallee rakkoon hin jiru keeyrii irratti walgargaaruun haala muslimaati.
 
Dr.Liwaa’ulislaam 🎵
224: Haati tiyyaa Islaamummaa seenuu kiyyaaf hedduu natti mufattee, akkam godha?

Gaafii:  Ani Islaamummaa amantii dhugaa ta’uu beekeetiin filadhe, garuu haadha qaba ta hedduu na jaalattu takka islaamawuu kiyya kanaaf hedduu qalbiin siidhaa cabde, ani ammoo gama kiyyaa isii kaddamuu ittuma jira ni gargaara, garuu halkanii guyyaa ni boochi, booya isii kanaaf akkam godhutu narratti wayya?

Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii islaamummaan ta Rabbiiti. Eega Rabbitti amantee Nabi muhaammad ﷺ ergamaa Rabbii ta’uu beektee islaamumman amantii dhugaa ta’uu beeyte; Islaamummatti seenuu kankeetiif namoota rakkataniif mirgaa bitaa kankee laaluu hin qabdu. Ka islaamawaniif eega Rabbiif jecha ta’e Rabbiif jecha islaamummaa mataa kee keessa kaayadhu malee, wanni booya isiitiif rakkatiinsa ufdura qabduuf maaliif.

Yoo islaamummatti seentee haati tiyya qalbiin cabuu irra gara isiitin garagalaa yoo si keessa jiraatte islaamummaan kee sirrii miti. Kanaaf jecha haadha tee kaddamuun, tajaajiluu islaamummaan si hin dhoorkitu, garuu gara booya isiidhaa achi hin mildhatin. Jechoota Sahaabaa nabii keenyaa mee yaadadhu. Warra yeroo islaamummaatti seenan haati irraa rakkattu yaa haadha tantoo waan feetu narraa argadhuu sababaa ani islaamumatti seenuutiif yoo qoonqoo dhiiste; warra qoonqoo dhiisutu jira hanga ati kafartutti nyaata hin nyaadhu jedhee. Osoo lubbuu dhibba qabaattee takka takkaan ka baatu taatee islaamummaa kiyyarraa hin gargalu jedhaniin. Warren akkasii jala deemi malee waswaasa akkanaa kana Rabbii kankee araarama kadhadhuu, diinii kee irratti gad na dhaabi jedhii Rabbii kankee kadhadhu.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
226: Soomana iddoo jireenyyaatiin alatti soommanuun ni tahaa?

Gaafii:  Soommanni natti seenee zihaaraaf bakka biraa jiraa bakka duraa sanitti deebi’ee soommana kiyya guuttadha moo akkamiin godha?

Deebisaa:   Keeyrii Rabbii bakka itti hojjataniif bakka itti hin hojjanne hin qabdu. Soomana duraan nama biratti soomantes achitti ka soomantuuf Rabbii tokkicha, bakka biraa ta dhayxee itti soommantus Rabbii tokkichaaf. Wanni bakka duraa sanitti deebi’aa, takkaahuu soommana bakkuma duraa sanitti guuttataniin sammuu keessa yoo si jiraatte, namni akkana siin jedhu yoo jiraate sun wallaala.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
228: Intala takka warri guddifate Nikaha godhuufii ni dandahuu?

Gaafii:  Intala dhalaa takka ta namni guddifate abbama fedhe haa ta’uu garuu abbaan hin jiru, obboleeyyan wajjiin dhalatan osoo jiranuu warri guddifate sun akka ilmoo isaaniitti laalanii yoo ka nikaha isii godhan taate nikaahaan isaanii fayyaa ni ta’aa?

Deebisaa:   Rabbiin dhalaa hoggaa kennaa nuun jedhu Rabbiin ka quba qabu waliyyii amrii ka jedhamu, warreen isii nikaha godhuudhaaf mirga qabu san qofa. Abbaa, nama abbaan itti dhaammate, akaakoo karaa abbaa, obboleeyyan, adeera. Kanaa asitti intala takka namni biraa guddifatuudhaaf akka ilmootti hin laalamtu, guddisni isaanii waan kophooti, hukmiin shari’aa waan kophooti, hoggaa bikka nikaaha tana geesse warra isaanii barbaaduu qabdi. Jarreen akkanaa dhalaa takka nyaachisanii obaasanii daara baasuu jecha nikaha isii yoo godhan nikahaan isii sun baaxil. Bakka kana namni cufti uf beekuun keessaahuu dhalaan beekuun dirqama gudda.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
229: Dubartiin heeydii irraa eega xahaarattee booda bishaan booruu yoo argite, salaata ni dhoowwaa?

Gaafii:  Intala dhalaa takka yeroo heeydiin itti dhuftee xahaaratte duuba xahaaraa boodaan bishaan yookaa dhiiga booruu takkatu itti dhufaa saniif jecha salaata ni dhiiftii.

Deebisaa:   Eega xahaaratteen boodatti yoo dhiigni heeydii itti dhufe lammeessaa salaata ni dhaabdi, ammoo booruuf jecha akkuma sahaabiyyaanni zamana Nabii Rabbi keessatti jedhan eega xahaarannee booda dhiiga tortoraan yoo nutti dhufe heeyditti hin lakkoofnuu jedhan. Kanaafuu eega xahaarattee booda booruuf wasakni sitti dhufu wuduu’a balleessa malee heeydii hin jedhamu. Salaata salaatuu, soomana soommanuu, jaarsa keetitti ida’amuudhaafis mirga guutuu qabda sanii jettee salaata kee hin dhiisin.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
230: Dhiiraa fi dhalaan eega Zinaa walirratti dalaganii booda wal fuudhuun ni tahaa?

Gaafii:  Gurbaan tokkoof intalti takka sagaagalummaa yoo walitti hojjattan fuuni jara lamaanii kun danda’amaa?

Deebisaa:   Zinaan dilii gurgurddoo Rabbiin qur’aana keessatti dubbate keessaa takka. Diliin gurguddoon Rabbiin qur’aana keessatti dubbate ta duraa shirki, lammeessaan lubbuu namaa baasuu, sadeessaan zina. Shirkii dubbatee lubbuu namaa baasuu dubbatee, zinaa dubbatee namoonni addunyaa tanarratti dilii akkanaa tana hojjatan, ka addunyaa tanarra osoo jiranuu karaa Rabbii deebi’anii osoo hin toowabatin azaaba isaan xiqqeessu qunnamuuf jiraatan jedhe Rabbii SW.

Ammoo namni osoo addunyaa irra jiruu waan gurguddaa sadeen akkanaa tanarraa toowabate, achi boodaan dalagaa gaggaarii ka hojjate badii isaanii sanillee Rabbiin toltutti jijjiiraaf yoo qulqullummaan toowabatanii waan sanirraa fagaatan jechu. Tanaaf jecha hukmiin nama zinaa walitti godhee yoo dowlaan islaamaa jiraatte dardaraaf dubra ta’uu cafaqu, yoo nama fuudhe ta’an ajjeesu. Waan hukmiin akkasii addunyaa irra hin jirreef jecha namni tokko uf sattaree waan kanarraa toowbaa qulqulluu eega toowbataniin boodatti Rabbiin isaaniif araaramaadha. Yoo waan kana osoo hin toowabatiniin dura warra wajjiin jiru ta’an addaan bahuu haga baatii sadii addaan fagaachuu eega toowbataniin boodatti Rabbiin toowbaa irraa qeebalaadha nikaha wal godhatanii karaa hukmii shariyaatiin walfuudhuun ni danda’ama. Zinaan namarraa argamuun maasiyaa gurguddoodha malee nama hin kafarsiiftu. Namni akkasitti irraa argamte fuudhuun hin gahu jechuun osoo hin toowbanne jechu.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
231: Qabrii akkamitti salaamatna?

Gaafii:  Namni kun hoggaa qabrii bira dhaqe warra qabrii keessa jiran irratti salaammataa; namni nama keessaa qabu nama san maqaa ni dhaha moo akkamii?

Deebisaa:   Akka Nabiin keenya lafa nuuf kaayetti, qabrii bira hoggaa dhaqan yoo dhiira ta’e keessa seenee abbaaf haatillee yoo keessa jiraatan walumatti qabanii salaammatan. Yoo qabrii abbaa kiyyaa jedhee ka dhaqu ta’e silaahuu dhalaan achi dhaquu hin danda’uu nama san bira dhaqee Assalaamu aalyekum tanuma jedha. Ammoo salaata salaatuu yoo fedhe fa’a qabri san bira dhaqee irratti salaatuu ni danda’a waan dhiira ta’een. Ammoo dhalaan osoo makiinaan deeman yookaa miilaan deeman qabrii sani cinaa yoo dhufan karaatu irra baasee rakkoon takkallee hin jirtuu garuu nama achi keessa jiru sani maqaa dhahuun hin barbaachisu.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
232: Maatiin intala dubraa wallaalaan biyya irraa baasan dilii isaanii saniif maal godhuu qaban?

Gaafii:  Biyyarraa bahuun jaarsi koo na baasuu, abbaan koo na baasuu ufii uf baasuu dogongora ta’uu uf beeke ammoo toowbaa kootiif biyyatti deebi’ee toowbaadhee heerumuu fedha warren keenya ka nu baasan kana hoo maaltu isaan irra jira?

Deebisaa:   Eega dogongora ufitti beeytee ka heerumtu taatee Rabbiin toowbaa teellee sirraa haa qeebalu keeyruma dalagde. Ammoo warra keessan kan gaafa duraa waan kanarratti si gargaare wanni isaan irratti jiru Yaa Rabbi waan dogongoraan dalagne dhiifama nuuf godhi jedhanii Rabbii isaanii qofa araarama kadhachuudha malee kaffaaraan woyiituu isaan irra hin jirtu.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
233: Intala eega butanii zinaa irratti dalaganii booda Nikahaan ni tahaa?

Gaafii:  Gaaf tokko na butanii ganda gurbaa na geessanii achitti gurbaan hamtuu natti dalage, warri keenyas dafaniillee na hin dhaqbnee nallee hin barbaannee. Garuu akka aadaatti wajjiin haasawanii hamtuu natti dalages na hin gaafanne nikahuma qofa irra buusanii, nikaahan kun akkami?

Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii wanni gaafachuun sirra jiru gurbaan tokko akkanatti zinaa natti dalagee badii tiyya sanirraa akkamitti toowbadha jechuu gaafachutu sirra ture. Ta duraatii sirratti baditu jira. Gurbaa irrattillee badiitu jira. Toowbaan teessan osoo hukmiin shari’aa jiraattee xiilaa dhibba dhibba dhukkee isin irraa kaasanii amata tokko biyyarraa isin baasu. Waan hukmiin shari’aa akkasitti hin jirreef jecha bakka jirtanitti toowbaa qulqullii toowbachuudha. Achi boodaan nikaha haarawatti isin godhuudha. Isinii zinaa walitti godhee jiruu nikahaan keessan fayyaa hin ta’u.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
234: Namni maatiin ijoollummaan hin qaraasisin dilii isaatiif akkamitti toowbata/eenyutu itti gaafatama?

Gaafii:  Abbaa kiyya anaa ijoollee ka ufi hin beeyne addunyaa tanarraa du’ee garuu humaa na hin barsiifne, ani ammoo humaa hin beekuu waan hin qara’iniif akkamitti toowbadha?

Deebisaa:   Abbaan kankee si’ii ijoollee sirraa du’ee osoo jiraateeyyuu maal si qaraasisa mee? Waa si barsiisuun amatuma torba booda. Keessahuu amatuma 10 booda. Wanni ijoolummatti nama barsiisan takkalleen hin jirtu, wanni uf sigaaltullee hin jirtu, eega ballagdee boodatti waa barachuun simarratti waajiba. Eega ballagdee boodatti yoo badiin sirra jiraatte abbaa kiyyatu na nin barsiisin jechuun dogongoraa badii dalagdeef sumatu toowbata.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
235: sujuuda irraanfachuun akkam?

Gaafii:  Namni tokko sujuuda tokko irraanfatee yoo irraa ol ka’e, eega ol ka’ee ammoo yoo yaadate maal godhuu qabaa?

Deebisaa:   Waa hunda dura wanni nuti beekuu qabnu salaata keessa waa lamaatu jira. Rukniifii waajibaatatu jira. Waajibaatni saddeeti, waa saddeeti keessa yoo waa keessaa dhiifte salaanni kee akka sirraa hin banne ka godhu Sujuudassahwii;  osoo hin salaammanneen duratti sujuuda lama.

Yoo wanni ati dhiifte ruknii taate, rukniin salaata keessatti waa kudha afurii kudha afran keessaa ta dhiifte san yoo deebitee fuute malee salaanni kee bade. Sujuuda lammeessaadhaa yoo dhiifte gad deebitee teessee sujuuda san sujuuddee olkaatee aakhira salaata sanii irratti Sujuudassahwii lama sujuuddee salaammachuu qabda.

Yee eega salaammattee yaadatte sujuuda dhiifte san akka ulamaa’iin murtii godhanitti raka’aa zaa’idaa jedhaaniiti fakkeenyaaf salaanni kee afuri takkaahu sadi oluma kaatee raka’a biraa haarawa tokko Allaahu Akbar jettee raka’aa tokko haarawaan dhuftee Faatihaa qaraatee rukuu’a gootee sujuuda lamaan walitti dhaabdee sujuuddee achi boodaan attaahiyyaata teessee osoo hin salaammanne Sujuudassahwii ufirraa sujuuddee salaammatta. Sujuudassahwiin bakka rukniidhaa hin dhaabbattu waa lamaan kana addaan baradhaa.

Dr.Liwaa’ulislaam🎵
236: Dubartiin eega hiikamtee booda herumuuf hangam turutu isii irra jira?

Gaafii: Intalti yoo uf hiikte; abbaan manaa hiikuu didee jeennaan ka uf hiiktu yoo taate, yoom heerumuun isiidhaa isiidhaaf malaa?

Deebisaa: Dubartiin takka yoo hiikkaa tartiibaatiin hiikamte Rabbiin akkuma qur’aanaan dubbatetti dhiiga sadi argiteeti irraa qulqullooftee kaatee iddaa isii fixattee heerumti. Yoo abbaan manaa irraa du’e ji’a afuriif guyyaa 10 teessee gufufa fixattee heerumti. Hikmaan Rabbiin waan kana dubbateef akka garaa keessa waa jiraniif haqqiin nama kanaa nama birootti akka hin dabarreef haga isiin gargar baatuuf haga ulfi beekamuuf yoo ka jiraatu taate saniif Rabbiin akkas godhe.

Sheik  Alii Jimmaa🎵
237: Nikahaan fagootti telefoonaan ni tahaa?

Gaafii: Yoo namni tokko biyyarraa kaadhimaaf yoo na barbaade ka nuti gargar jirruu telefoonaanillee nikaha wal hidhachuun ni ta’aa jedhee ka inni haasawu yoo taate, an ammoo biyya dhufee wal arginee wal hubannee kaanee haa nuu ta’uu ka ani jedhe, ka inni tattaaffatee daliila wayii natti barbaadee akkam jedheetiin ufirraa isa amansiisaa?

Deebisaa: Wal argaan biyyatti wal arganiif ka ammaan tana maatiin walbeekee ijoolleen biyyaa walbeekanaii diinii qabaachuu isaa, iimaana qabaachuu isaa, footoo isaa gartee qaama guutuu gartee ka fayyaan isaa guutuudhaa ta’uu argitee yoo itti gammadde rakkoo hin qabu sun isin lamaanitti hidhaa qabdi.

Yoo isin lamaan gammachuu qabaattan fageenyi jiraachuuf nikaahan rakkoo hin qabu telefoonaanis nikaha walgodhachuunis numa ta’aa jechuudha. Walitti dhihaatanis sun irra caalaadhaa rakkoo hin qabu. Biyya dhaqee nikaha godhadha jechuun kankee yoo ka mahrama malee karaa kophaa deemtu taate, nikaha godhattee yoo danda’e inni bikka ati jirtutti sitti dhufee mahrama argattee galuudhatu irra sii jira malee kophaa karaa deemuun gaarii miti.

Ammoo yoo daruuraan dubartiin gara biyya abbaa warraa galuu taanaan, yooka biyya kaafiraa irraa godaanuu taanaan gala isii yeroo takkatti galtu daruuraadhaaf ulamaan hayyamanii jiran. Garuu wanni irra siif jiru bakkuma jirtutti nikaha sii godhanii halaala kankee argattee mahrama kankeetiin wajjiin galutu sirra jira. Haala fuudhaa heerumaa keessatti nikahan fagoottis nima ta’a jechudha.

Sheikh Alii Jimmaa🎵
238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qanani’ee ka an osoo hin dhiqatin natti azaaname janaabaa sani ittumaanin salaata moo ni dhiqadha?

Deebisaa: Janaabaadhaan salaatuun hin jiru sitti azaanamee azaanamuu baatee janaabaa ufirraa buusanii seera isaa hunda guuttatanii, eega istinjaa godhanii booda wudu’ataanii, gara mirgaatti bishaan buufatanii, eegasii qaama ufii hunda bishaan waliiniin gahanii haga qeensaaf rifeensaan baatuu waliin gahanii dhiqatanii ka’anii salaatan. Azaanamee azaanamuu baatee janaabaan namarraa ba’u malee hin ta’u ka dhiiraatis ka dubartiitis jechu

Sheikh Alii Jimmaa🎵
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
2024/05/08 05:15:30
Back to Top
HTML Embed Code: