Linki armaan gaddi jirun albaa haacaaluu filadhaa
https://vote.lezashow.com/best-album/
@Oro_quotes
Poem for Haacee ❀️
Oro quotes
GODAANNISA
Guyyaan of dadhabnaan
Tarree kenna galgalaaf
Ifti ifee yoo jiilu
Iddoo dhiisa dukkanaaf
Aduun hoo'ashee arginaan
Hin fakkaattu kan jiiltu
Garuu turtus ni lixxi
Hamma fedhes haa turtu

Namnis namuma dhiisaa
Hamma dhumaa sin obsu
Silaa waaqayyoo qofa
Hamma dhumaa kan tiksu
Garuu...garuuu
yaaddoo kee gaafan yaadu
Deemuu kee ofitti himaa
Dhagaa badhadhee deemuun
Maal isaati na dhibaa
Maal isaatu na guba
Utuu ibiddarra fiige
Maal isaatu dhukkuba
Utuu gaarayyuu diige
Mee maaltu ulfaataadha
Nyaata lagadhee taa'uun
Mee maaltu nama dinqa
Waa'ee kee haasa'uun

Abaaboo koodha ati
Fakkii gammachuukoo
Tasa narraa hanqatte
Haacee kutattuukoo
Xiqqaa sammuun guddaa
Arjaa onneen gaaraa
Wanti kee keessummaadha
Dhageennaan hardhaas haaraa
Jabaa akka abbaakee
Doorsistuu addaggee
Si yaadanaan cabna
Enyukaa akki kee
Sagalee koo guddaa
Iyya koo gaaf roorroo
Si dhabeen cufame
Jabaa akka feerroo
Si jaallanna si yaanna
Nagaa nuuf tahimee
Du'a kan kee caalaa
Dhugaa keetu nu dhibe
Nagaan nuuf boqodhu
Goota hunda caalta
Kan jiru maal godhe
Duuteeyyuu jiraatta!

#HD 😊
World lost these legends πŸ’”

HACHALU'S WEEK @Oro_quotes
Goonni kun erga wareegamee waggaa lamaan isaa guyyaa har'ati. Akkuma beekamu hojii isaa dhalootaa dhalootatti dabarsuuf foundation Hacaaluu Hundeessaa guyyaa inni wareegame kanatti badhaasa maqaa isaatiin waggaa waggaan qopheessuu eegaleera.

Kunis har'a guyyaa wareegama isaa waggaa lammataa ta'uun isaa adda kan isa godhu ta'a!

@Oro_Quotes
He was martyred, stirring the hearts of the nation, encouraging them, and instilling panic in the chambers of the oppressors. You will be remembered forever in our minds as a brave son and father of the generation✊ #Hachalu_Hundesa

@Oro_quotes
Badhaasni Hachalu Har'a sa'aatii booda 9:00 LCT eegalee Finfinnee galma hoteela Ililliitti kan taasifamu ta'a.

Saba bakki murtaa'aa ta'eef namoota invitation card fudhatan qofaaf galmichi kan eeyyamamu yoo ta'u, sagantichi Live kan darbu ta'uu koreen badhaasicha beeksisee jira.

@Oro_Quotes
In memory of Hacaaluu,
---
As is true of great man of champion, your passion and calling, your impact on the generation will carries on and will never die at your passing. You have touched and inspired many and once again I am one of them. I and my generations are honored and blessed to have known and learned from the role model like you! You were truly in the hearts of countless, that's why we will miss you forever greatly. Yes you're irreversibly gone, leaving us a lot of pain and anger behind!

Moreover, you lived out oromummaa in an action, at your best until you took your last breath last 2 years, just last night. Obviously, in your sacrifice, we loss our great hero, advocate of justice, warrior for human rights, iconic freedom fighter, equality and an avatar of personal sacrifice in service to your nation, leaving your personal matters behind. You stood up for the voicelesses in their time of great needs. Your dream of free, united where justice, freedom, equality, opportunity and prosperity available to all your citizens will lives on in us forever!

Goodbye once again, our only HachaluπŸ’”

@Oro_quotes
Photo by Biruk Masfin. I want to say thank you!

@Oro_quotes
❀️πŸ”₯
@Oro_quotes πŸ™πŸ™Œ
2024/05/13 00:33:55
Back to Top
HTML Embed Code: