Telegram Web Link
Forwarded from GUMAATA👌 (Wolkite Endale)
Siyaasa Afaan Oromoofi Qubee Biyya Itoophiyaa

Kitaabota dubbistoonni hedduun dubbisanii otoo hin ajaa'ibdifatiin darbani keessaa isa hangafaati. Qorataafi Barsiisaa Yuunversiitii Amboo kan ta'an Professor Wandimmuu Taganyiitiin bu'aa qorannoo waggaa 7 keessa darbee kitaaba ajaa'iba kan lammiin kamuu baratee irraa baruu qabu ta'ee Afaan Oromoofi Afaan Ingliffaan barraa'ee as bahe.

👉Amma magaalaa Amboo, Yuunversiitii Amboo kaampaasii guddicha fuula duratti kan argamu Mana Kitaaba Maatiitti argattu.

@gunaat
@gumaat
#Alert #Measles #outbreak

Yeroo ammaa kana dhukkubni #Gifiraa (#measle) biyya kana keessatti babbal'atee jira. Keessattuu daa'imman hedduu irratti mul'achuun miidhaas geessisaa jira. Daa'imman irratti mallattoolee kana gadii yoo argitan mana yaalaa dhihoo jiru geessuun gargaarsa barbaachisu akka argatan gochuu qabdu. Isaanis:-

☆ Qufaa salphaa
☆ Gubaa qaamaa
☆ Shiffee naannoo fuulaa rifeensa jalaa eegaluun qaama guutuutti faca'u
☆ Garaa kaasaa
☆ Ol deebisuu
☆ Diimachuu ijaa
☆ Rakkoolee biroo cimina isaan wal qabatan fa'a.

Dhibee kuni daa'imman umurii kamuu irratti ni mul'atu. kanaafuu:-

1. Mana yaalaa geessuun yaala argachuu qaban akka argatan gochuu.
2. Talaallii isaa ji'a 9 fi 15 irratti akka fudhatan gochuu.
3. Nyaata madaalamaa kennuu.
4. Namoota dhibeen kuni irratti mul'ate ykn daa'imman dhibeen irratti mul'ate irraa fageessuu fa'a!

#Note:-

** Daa'imman Talaalsisuun cimina dhibee kana waan hir'isuuf talaallii isaa akka argatan taasisuu qabdu!

** Daa'imman mallatoolee armaan olii qaban mana yaalaa geessuun gargaarsa barbaachisu akka argan taasisuun du'aatii daa'immanii hambisuudha!
Fayyaan Daa'immaniif!
Dr. Sabona - Pediatrician 
JUMC-2024!

@Fayyaa_egeree

@Orobook
BIDIRUU KEE GUBI!
***
Yeroo durii keessa hogganaan waraanaa cimaan tokko (a great warrior) haala murteessaa wayii keessatti mala bareeda tolfate. Hogganaan waraanaa kuni lola cimaatti deemaa ture. Lolichi kan gaggeeffamu ammoo odola xiqqoo wayii, galaanaan marfamte irratti yoo tahu bidiruu (Ship) dhaan deemanii loluun dirqamadha. Meshaalee waraanaaf barbaachisaniifi loltoota isaa fe'atee yogguu qarqara galaanaa sanatti imalu waan tokko murteesse. Innis, bidiruu ittiin imalan iddoo waraanichaa (Battlefield) yeroo gahan gubuu! Loltoota isaatti waan tokkos hime..."Mo'atamnee of duuba hin deebinu, bidiruu kana ni gubna! Yogguu deebinu ammoo bidiruu diinota keenyaatiin tahuu qaba" kan jedhu...

Bidiruun ni gubatte. Filannoon mo'uu yookaa dhumuu ta'e. Win or perish! Lolli ni eegalame. Loltoonni bidiruun jalaa gubbatte ni mo'aani.

*
Seenaa olii kana kitaaba "Think and Grow Rich" jedhu keessaa ni argattu. Jireenya keessatti filannoo lama qabna; mo'uu yookaa mo'atamuu! Bidiruu mijattuu (Our comfort zone ship) hanga hin gubnetti mo'uu hin dandeenyu. Mo'ichi rakkoolee (Challenge) qaba, kutannoo (commitment) barbaachisa, fedhii mo'ichaaf laboobu (burning desire to win) qabaachuu barbaachisa! Bidiruu keenya utuu hin gubin mo'ichaaf deemna taanan, rakkoolee sodaannee bidiruma deemneen ofirra deebina.

Kana qabadhaa! Mo'aa!

Urjii Lammii🙏🏻

@Orobook
Miidhaa Caba lafee mala aadaatiin yaaluun geessisu.

Hawaasni keenya caba lafee mala ammayyaatin yaaluu caalaa mala aadaatin yaaluu filata. Kun ammo miidhaa qaama hir’isuu hanga lubbuu dabarsuu geessisa.

Rakkoowwan yaala caba lafee mala aadaan taasifamu geessisan muraasni:-

Yeroo lafee cabe harkisanii bakkatti deebisan hadoochituun waan hin kennamneef dhukkubbii hamaan dararamuu.

Bakki cabni itti uumame sirritti adda hin ba’u ykn caba tokkoo ol yoo ta’e kuun dagatamuu mala.

Cabni kun yoo fayyu walirra darbuu waan danda’uuf miilli ykn harki gabaabbachuu.

Caba kana akka bakkaa hin sochooneef yeroo hidhamu rakkoo akka ugguramuu hiddoota dhiigaa geessisa. Kun immoo qaamni gara gadii hidda dhiigaa uggurame kanaan sooramu akka du’u taasisa.  Qaamni du’e kun tajaajilaan ala waan ta’uuf muramuuf dirqama ta’a. kana malees faalama(infection) olaanaa geessisuun du’aaf saaxila.

Yaala caba lafee mala ammayyaatin mana yaalatti kennamu faayidaan inni qabu:-

Caba  bakkatti deebisuuf akka dhukkubbiin itti hin dhagahame hodoochituun waan kennamuuf dhukkubbii dabalataan dararamuu ni hambisa.

Bakka cabni itti uumamee fi sadrkaa isaa raajii(X-ray) dhaan adda baafama. Yaala boodallee cabni bakka sirriitti deebi’uu raajidhaan  ni mirkaneeffama.

Caba hundaaf yaalii wal fakkaataa osoo hin taane akaakuu fi sadarkaan cabaa erga adda baafamee yaalii barbaachisaan godhama.
Faalama(Infection) dhaaf akka hin saaxilamne qulqullinni ni eeggama, qorichillee ni kennama.

Rakkoowwan akka ugguramuu hiddoota dhiigaa akka hi mudanne ni taasifama.

Walumaa galatti, yaalli caba lafee mala ammayyaan taasifamu filannoo osoo hin taane dirqama waan ta’eef  hawaasni keenya yoo balaan akkasii mudatu dafee gara mana yaalaa deemuu qaba.

Eeggannoo ykn kunuunsa hanga mana yaalaa gahanitti godhamuu qaban
Waan jajjabaa dacha’uu hin dandeenye kan akka kaartoonii furdaan bakka cabni itti uumame akka hin sochoone laaffisanii hidhuu.

Dr. Birhaanuu Shuuraa

Fayyaa hin dhabiinaa!

@Orobook
#Kolfinu_moo_boonyu?

'Pooster'ichi suura namootaan guutee jira. "Weellisaa Gasharee,... faarfataa Shubbis,...abbaa qabeenyaa obbo Dilgaasaa,... Kantiibaa obbo Ashabbir,... Itti gaafatamtuu dhimma daa'immanniifi dubartootaa aadde Tsiggee,... Tiiktokera Taabtaaboo,....Yuutubera Sabiskiraayiboo,....Sheek Ahmed, Paster Abrahaam...." Kunneen maqaalee gara jalqabaa suura 'poosterich'aa jala kaa'amanii jiranidha. Kanneen hafatu caala. Kanaaf,  kan hafe irra darbeen barreeffama gara gadiitti barraa'ee jiru tokko dubbisuun dirqame.

"Nurraa hin hafiinaa" jedhee guddatee barraa'eera. Affeerraa eebba kitaabaa ta'uusaati. Itti aanee, "Sagantaa kana irratti qophiilee akka: sirba, shubbisa, geerarsa, qoosaa, oduu, sagantaalee suuraa ajaa'ibaafi namoota beekamoo armaan olitti eeraman qabannee isin eegna. Namoonni karaalee miidiyaalee hawaasaa wal bartanii wal arguuf sinii hin mijatiin jirtanillee asumaan dharraa keessan baatu. Maarree nurraa hin hafiinaa!" jedhee affeerraa nama hundaa qabatee jira, 'pooster'ichi!🤔

Waan kitaabichaan wal qabatu, mata duree kitaabaa achirra kaa'amee jiru qofadha. "Innuu dogoggoraan galee laata!" jedhee xiqqo kolfuuf yoon jedhu "Waan kolfan nama hin hanqatu" kan jedhamu sana yaadadheen afaankoo walitti qabadhe. 'Waan boo'amuun kolfuurras' jedheen itti dhiisee biraa sokke. Sokkeera!😅

#Kolfinu_moo_boonyu?
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Itti ergaasaati ta’ee hin beeku sarootni mandara keenyaa nan jaallatani. Waan biraa isaan hin goone. Gaaf tokko isaaniitii mataa hoolaa irratti wal lolu argeen ari’e. Lola isaanii caalaa waca isaaniin jibbe. Mataa hoolaa sana fudheen gale. Erga gaafasiitii sa’aatiin itti hojiirraa galu waan beekaniif wal mari’atanii natti dutuutti ka’u. Ijaan argaakoo jibbani.

Akka narraa dhowwaniif warra saroota kana guddifate guyyaa guyyaatti waamee
rakkisuun koo natti dhaga’ame. Falli ani qabu mana geeddaruu ykn mala dhahachuudha.

Gaaf tokko galgala lafeema mataa manatti fudhee dubbii ofitti dhale kana harkatti battadheen balbala banadhee ba’e. Saree diimaan rifeensa bareedu yogguma na argu dunnatti ka’e. Koottu jedheen suuta ofitti waame. Dunna isaa dhiise. Isa na nyaachuuf ka’e dhiisee gadi quxuuxxate. Ammas dabaleen akkuma saree waamanittin waame. Lafuma taa’ee jirutti eegee raasuu eegale. Sarootni lameen eessa akka dhaqan hin beeku har’a bira hin jirani. Mataa hoolaa sanan itti agarsiise. Iji isaa in ife. Garuu achii hin sochoone. Karrumarra kaa’een balbala cufee karaa qaawwaa ilaaluutti ka’e. Achi butatee gad itti taa’e- mataa hoolaatti.

Borumtaa gaafan hojiitii deebi’u warri kaan lameen akkuma amala isaanii iyyatti ka’ani. Sareen eegaa diimaa kun achuma taa’ee fedha malee natti duta. Akkuma isaattuu ilaallachaan mana seene. Lafee yeroo ayyaanaa irraa qorqinee kosiitti makamee baduuf ture keessaa baaseen ol keewwadhe. Har’as karaa qaawwaan ilaale. Saree inni baqqalaa qarriffaan isaa nama sodaachisu qofaa taa’ee gadda. Akkuma isa diimaa sanaan lafee itti darbadhe. Galgala yoon sa’aatiiman barsiisetti galu isa tokko qofatu natti dute. Warri kaan lamaan garaan cicciisaniima na dabarsani. Inni tokkos qofaa iyyaa akka jiru hubatee of taajjabe fakkaata takka dutee, of nyaachaa gumgumee dhaqee ciise.

Ergan nagaan ba’ee galuu jalqabee kunoo ji’a guute. Kunoo yoo na argan eegee raasu...

🤔
Mootii Abbaltii🙏🏻

@Orobook
#Jiraatti_moo_du'atti?

Awwaalcha nama kanaaf namni waan manatti hafe hin fakkaatu. Kan nama ajaa'ibu garuu, nama hamma kana keessaa kana boo'aa jiru nama sadii hin caalu. "Warri kaan boo'aa turanii dadhabanii laata...moo boodarra boo'uuf humna kuufachaa jiruu?" jedheen of gaafadhe, keessa kiyyatti. Xiqqo turee yoon ilaalu, sababiin boo'uu dhabuu jaraa kanaaf natti hin fakkaanne. Maaliif akka ta'e garuu baruu hin dandeenye. Waan gaaffii natti ta'e kana adda baafachuuf, nama cina kiyya jiru tokko gaafachuun dirqame. Innimmoo kolfaa jira. "Nama du'a namaa irratti kolfu kanahoo hin gaafadhu. Maal bineensi kun! Kunimmoo seexanaaf ergaa dhufuu hin hafu" jedheen gaaffiikoo of harkatti qabadhe.

Osoo deemaa jirruu dubbiin wayii gurra na bu'e. Namoota wayiitu, dubbiima na ajaa'ibe kana irratti osoo dudubbataniin dhagahe. Tokko sababa callisuu namootaa gaafata. Kan cina jirtu tokkommoo ni deebifti. "Nama kanatu nama isaaf boo'u dhabe miti. Garuu akka dhaammatee du'edha. 'Namni jiraatti naan taane, gaafa du'akoo naaf boo'iin. Kan kanarra darbee naaf boo'e osoo hin turiin garakoo haa dhufu, kan dhalche hin guddatiifiin, kan facaase hin margiifiin...! Eeyyeen, firas haa ta'u halagaa, kan na jaalatus ta'u kan na jibbu hunduu kana haa dhagahu. Jiraakootti naaf hin taane, gaafa du'akoo imimmaan sobaa naaf hin buusiin. Yeroon lafarra jiru kan naaf hin dhiigne, yeroon lafarrraa deemu lafarra naaf hin gangalatiin. Kan jiraachuukoo jibbummoo kolfee haa gammadu...haa dhiichisus' jedhee hafuura dhumaa baafatee jira!" jettiin. Yeroo kana afaan isaa qabatee hafe, namichi.

Xiqqo turee ammas, sagalee isaa dubbiin kun hadooche akka qufa'uu tokko ta'ee qarachaa, gaaffii dhumaa "Yooma namni kun akkana jedhee du'es, namni hundi akkamiin hojiirra tolchuuf dirqame? Silaa innoo deemeeraa maaltu isaan gaafata? Fakkeessuumaaf illee hin boo'anii? Addumaan immoo, firoonni isaa akkamiin obsanii ilaalu?" jedhee gaafata. "Namni kun yeroo lafarra turetti, waan inni abaare abaaramaa, kan inni eebbises kan eebbifame ta'a. Kanarraa kan ka'e arrabni isaa gurraacha jedhu namoonni!"

Edaa kanatu nama afaan qabe. "Kan gaafa lafarra jiran namaaf hin taane, gaafa lafarraa godaanan lafarra namaaf hin gangalatiin" kan jedhu, afaan qofa miti miila nama qabee awwaalchayyuu nama hambisa. Kanaaf, dhufanii boo'uu dhiisuu osoo hin taane, kana hundarra darbanii dhufuutu nama ajaa'ibsiisa!😅 Yaa namaa!

Jiraatti moo du'atti?

Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Oduu Gammachiisaa
       ~~
Kabajamtoonniifi jaalattoonni Ogbarruu Oromoo akkam jirtu? Nagaan hunduma keessaniif haa ta'u jechaa, aaga tokko isiniif qabannee dhiyaannee jirra. Kunis, dhimma kitaabolee Afaan Oromoo bifa sagaleetiin qopheessuufi dhiyeessuu kan ta'udha. Qopheessiifi dhiyeessi kunis eeyyamaafi walii galtee barreessitoota kitaabota sanaa waliin kan raawwatamudha.

Akkuma beekamu, waggoota dhiyoo as kitaaboleen Afaan Oromoo baay'inaan maxxanfamanii bahuutti jiru. Kun, waan baay'ee namatti toludha. Ta'us garuu, hanga maxxananii bahan kana dubbisaa bira gahaa akka hin jirre waan hundi keenya quba qabnuudha. Kitaaboleen kunnin bakkaafi nama dhaqqabuu qabanis haalaan waan gahaa jiran miti.
Egaa nuyis, 'rakkoolee kanaan wal qabatu ni fura', akkanuma 'karaa salphaafi mijataa ta'een kitaabileen Afaan Oromoo haalaan akka jaallattoota isaa dhaqqabu ni godha' jennee kan qopheessine 'platform' haaraa tokko qabannee as bahuuf jirra. Karaa 'platform' kanaa, kitaaboleen Afaan Oromoo sagaleedhaan qophaa'anii dhiyaatu. Haala mijataafi gatii madaalawaa hunda haammatu qarshii 30 qofaan kitaaba barbaaddan argachuun kan dandaa'amudha. Jalqaba kana, kitaabolee Afaan Oromoo kanneen akka: kitaabolee seenaa Oromoo, kitaabota Asoosamaa mi'aawoo garaa garaafi kitaabolee xiinsammuu namoota hedduuf galaa ta'an muraasni sagaleedhaan qophaa'anii gadhiifamuuf jiru. Gara fuulduraatti garuu, kitaabota Afaan Oromoo baay'ee sagaleedhaan qopheessinee dhiyeessuuf kan jirrudha.
Maarree isinis, kitaabota sagaleetti nuuf haa jijjiiraman jettan nuuf eeraa. Yaada keessanis saanduqa yaadaa (Comment) keessa nuuf kaa'aa.

Dalagaalee hanga ammaa qophaa'anii jiran yoomii kaatanii akka argattan, akkanuma karaa kam akka argattan yeroo dhiyootti isin beeksifna.

Namoonni nu waliin hojjechuuf fedha qabdanis, yeroo gabaabaa keessatti bilbilaa fi 'mail' keenya ni argattu.

Aaga kana waliif qooduu (#Share) gochuu hin dagatinaa!
Barreessitoonniifi dubbistoonni akkasumas, jaalattoonni ogbarruu Afaan Oromoo carraa kanatti fayyadamuun hojiilee keessaniifi hojiilee jaalattan hawaasa bal'aa biraan gahaa isiniin jenna.

#Yeroo_dhiyootti_dhufuuf_jirra.

#Dhaabbaticha_irraati

Horaa bulaa deebanaa!🙏🏻
"Abbaa laman qaba! Tokko sooressa, tokkommoo hiyyeessa!..... Abbaankoo inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaankoo inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha....

Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan nuuf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu naaf dhiisee du'e. ....
Lachan isaaniiyyuu barnoota naaf dhaamu. Garuu akkaataa garagaraan na gorsu. Inni tokko, 'jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami' naan jedha. Inni biraan immoo, ' jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu' jedhee na gorsa.
Ilaalchi isaan qarshiif qabanis gargari. Inni tokko, 'jaalalli qarshii hundee jal'inaati' jedha; inni biraan immoo, 'dhabinsi qarshii madda jal'inaati!' jedhe naaf dhaama.

Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!"
RICH DAD, POOR DAD

Kitaabichi akkana jedha. Ana kan na dhibe garuu waan tokkotu jira!🤔 Abboota lamaan keessaa, hiyyeessi isa barateemoo hin barannedhaa?😅

Kitaabni kun shaggaadha. Jiruufi jireenyaan wal qabatee, ilaalcha madaalamaa namaaf gumaacha. Warri hin dubbifne dubbisaa.

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Aaga_Dhaga'aa!
Dhaga’aa wal dhageessisaa…

Ogbarruun Oromoo tabba fi randa hedduu qabsoon keessa hulluuqee, Ilaalchaa fi jibba Ormaa dandamatee har'a ga'eera. Kaleessa Afaan Oromoo sagaleedhaan yoo dhagahame raadiyoo cabsa kan jedhame, qabsaa'ota yeroo saniin raadiyoo dhiisee hillee fi hamilee diinota isaa cabsee, akka lamuu dhaabuun hin danda'amnetti of ijaaree kunoo as gaheera.

Har'a ammoo Kitaabileen Afaan Oromoo, Oromummaa Urgaa'an, barreessitoota hancufa liqimsanii fi hawaasa biratti jaalatamummaa qabaniin barreeffamanii gabaarra turan walii galtee barreessitoota waliin raawwatame irratti hundaa'un kunoo sagaleetti jijjiiramanii karaa websaayitii keenyaa isiniif dhiyaataniiru.

kana booda jechamoonni akka;
"Anoo yeroo hin qabu"
"Hojiinko kitaaba dubbisuuf naaf hin mijatu" kan jedhanii fi sababoonni garagaraa kitaabarraa nama fageessan nagaatti jedhamaniiru.

Websaayitii www.oromobook.com seenuun qarshii 30 qofaan bitattanii Kitaabilee hedduu ji'a tokko keessatti dhaggeeffachuu dandeessu.
Karaalee; Telebirr, CBE Birr, Mpesa, CooPpay-Ebirr, Hello cash fi tooftaalee ittii maallaqa baankiidhaa sochoosan kamiinuu bitachuun ni dandeessu jechaa.

Kaayyoon keenya Dhala Oromoo sababii hanqina maallaqaafi dhiheessii kitaabatin  carraa dubbisuu dhabee fi Ogbarruu Oromoo Diijitaalessinee, Bakka Oromoon jiru maratti dhaqqabsiisuudha.
Maallaqa Kaardii moobayilaa yeroo tokkoon Kitaabilee sagaleen jiran hedduu bitadhaa dhaggeeffadha.

Oromobook.com - Sagalee Kitaabaa!

@Orobook
#Guyyaa_Kitaabaa

#Kitaabni....

Kitaabni dhangaa gita hin qabnedha. Riqicha dhalootaati. Bareechituu jiruufi jireenya ilma namaatis! Isa keessaan kaleessi har'a tumsa. Har'i haalaan jiraatamee bu'uura egeree isa gaarii ta'a. Eeyyeen, karaa ittiin muuxannoofi mudannoon kaleessaa, seenaan darbeefi taateen har'aan duraa bu'uura jiruufi jireenya keenya har'aa ta'uuf carraa argatanidha. Akkanaan har'i ogummaadhaan jiraatama, egeree hawwataanis abuurama. Eeyyeen akkanaan!

Kitaabni beekumsaan dhaloota dhaqqaba, ogummaadhaan namatti firooma; yeroo rakkinaatti bakka itti baqatan, yeroo gaddaas madda kamirra isa namatti dhiyoo ta'eefi nama jajjabeessuuf humna addaa kan qabudha. Eeyyeen, madda bashannanaafi argannoo dorgee hin qabnedha, kitaabni!

Baga guyyaa kitaabaa geessan!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Dhaqaa_gala_madaali!

Harmee tokkotu ilmashee xiqqaa gara suuqii deemee muuzii akka bituuf ergiti. Mucaan bitee akkuma dhufeen, harkaa fuutee madaalte. Yeroo madaaltu, kan isheen ergiteen gadidha. Kiiloogiraama 2 ta'uu kan qabu, kiiloogiraama 1.5 qofa ta'e. Akkuma jirutti fuutee gara suuqii sanaa deemtee maaliif akka hir'ate gaafatte. "Ani haalumaanin madaalee itti kenne. Mucaakee yeroo ergituufi yeroo deebi'u si'a lama madaaluun sirra ture. " jedhee gaggeesse abbaan suuqii.😅

Edaa rakkoon manuma keessa jirti!🤔😅

"Rakkoo mana keessaafi mudaa ofii arguun isa dursudha. Arganii sirreessuun immoo sanarra kan caaludha!" Ergaan dubbii olii akkana ta'innaa laata....!

#Dhaqaa_gala_madaali!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati


@Orobook
2024/06/15 23:09:46
Back to Top
HTML Embed Code: