Telegram Web Link
#Eebba_Kitaabaa
(#Tooftaalee_Gurgurtaafi_Hariiroo_Daldalaa)
Barreessaan: Ittafaa Guddinaa

Bitootessa 15, 2016 (March 24, 2024, Dilbata dhufu) waaree booda sa'aa 7:00 irraa eegalee, Finfinnee, GGAO-tti eebbifamuuf jira. Haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu ta’e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii ta’uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!

@Orobook
#Oonnachiiftota (#Motivational Speakers) keenyaaf:

Dhaloota si'eessuu yookaan oonnachiisuun keessan waan gaariidha. Namni tokko akka dandeettii isaa beekee of argatu, akka jabaatuufi deemsa eegalu gochuuf fedha qabaachuun keessan waan namatti toluufi jajjabeeffamudha. Kun akkuma jirutti ta'ee garuu, waan hanqate tokkotu jira. Kunis 'ni dandeessa' jechuu qofaan akka gahaa hin taanedha. Nama tokkotti dhufanii, "Eeyyeen ni dandeessa,...ka'i, deemi, cabsi, foxxoqsi, hurreessi..." jedhanii biraa deemuun itti ho'isuu qofa ta'ee argama. 'Ka'i' jechuutu yaraadha jechaa hin jiru. Garuu ka'ee eessa akka dhaquufi garamitti akka socho'u hin beeku taanaan, kunis burjaaja'insa biraa akka ta'edha. Miidhaan jecha gochaan hin deeggaramnees ol ka'ee mul'ata. Yoos egaa badiin!

Mee tuqaa kana irratti yaadaa 'Motivational Speaker'oonni keenya! Gubannehoo!🤔😅

Galatoomaa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
    #Sumatu_siif_sidha
Daandiin imala nama biraa kankee miti; kankees immoo kan nama biraa ta'uu dhiisuu mala. Kanaafuu ofumaan bir-qaba qabadhu malee, kan isa biraa kufinsatti si affeera. Maarree, imalakee kan nama biraan hin madaalchisiin. Daandiin fiixaan bahinsaatti si geessu isuma kankee sanadha; kan ergisaa yookaan kan ormaa miti. Sumatu siif sidha!

Sansakkaa Sakaalame  irraati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Galaa Sammuu
ግዝትና ግዞት ፡ ኦላና ዞጋ.pdf
102.2 MB
Kitaaba seenaa Hundeeffa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akkasumas taateewwan bara 1950fi 1960 keessaa sirriitti qindeessedha.

Dubbisaa🙏
Eebla 15, GGO
(#IRBUU_SHINNIGGAA)
🙏🏻🙏🏻
Forwarded from Galaa Sammuu
stolen legacy.pdf
884.2 KB
Kitaaba ilaalcha namoonni Gurraachotaaf qaban jijjiirsise!
#Affeerraa_Eebba_Kitaabaa
(#GUMGUMMII_EELAA)
Barreessaan: Jennenus Dajanee
Gaafa guyyaa 20/08/2016 (Dilbata dhufu) waaree booda sa'aa 7:00 irraa eegalee, Finfinnee, Hoteela Int. Ililliitti eebbifamuuf jira. Hundinuu affeeramnee jirra. Haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Beeksisa Qacarrii

Dhaabbanni Oromobook - sagalee kitaabaa gita hojii 'Adminstration' irratti hojjettoota dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafis dorgomtoonni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guuttan galmaa'uu ni dandeessu.

Ulaagaalee

➡️sadarkaa barnootaa - digrii jalqabaa fi isaa ol
➡️Afaan Oromoo fi Afaan Ingilizii dubbisuu, barreessuu fi dubbachuu kan danda'u
➡️Dandeettii fi gahumsa hariiroo namootaa fi dhaabbilee waliin uumuu kan qabu.
➡️Ogbarruu Oromoo nama hubateefii sadarkaa ogbarruun Oromoo irra jiru kan beeku.
➡️Bakka Hojii - Finfinneefi Naannawaa ishee
➡️saala - lamaanuu
➡️Baay'ina - Tokko
➡️mindaa - Waliigalteen
➡️Muuxannoo hojii - waggaa 1fi isaa ol

Dorgomtoonni galmaa'uu barbaaddan karaa toora telegram keenyaa 0985567343 ragaa barnootaa fi odeeffannoo eenyummaa keessanii akkasumas dhaabbata kana keessatti maal akka gumaachitan barreeffamaan erguun galmaahuu dandeessu.

@Orobook
Forwarded from Galaa Sammuu
ፒራሚድ_ገንቢዎቹ_ጥንታዊ_ኢትዮጵያውያን.pdf
16.7 MB
Wonderful Ethiopians of the Ancient Cushite Empire

Author:- Drusilla Dunjee Houston

Kitaaba bareedaadha. Dubbisaa
#QUALIFIED
After a long term struggle that's full of restless days and nights, stressful events and an extensive effort, especially during the 6(+) years stay in the campus, my childhood dream came true. I remember the first day my elementary teacher asked me what I want to be in the future and I replied him saying "I want to be a doctor!" Today, this is done, and I became a qualified Medical Doctor. Thanks to my Almighty God!🙏🏻

Jabaan Waaqi; galannis kan isaati!
Natti tolee jira!💪😍
Dr. Abdisa Ejeta
Forwarded from Galaa Sammuu
Sambata guddaa ijoollee teenya qabannee eecha oollaa? Warra #Garba_Gurracahaaf deebiin kunoo👏

"Dilbata dhufu sa'atii 4:00 irraa eegalee Mooraa Bulchiinsa Magaalaa Garba Gurraachatti, Feestivaala Daa'immanii adda ta'e:

Tapha Barnootaa Gulantaalee Sirna Gadaa
Maatii Toomiifi Jeerii
Eelmoo
Aartii Tikuwaandoo
Shubbisa
Tiraanpoolii
Tapha Islaayidii
Tiyaatira Ijoollee
Akkasuma Taphoota garaa garaa soddomaa ol ta'antu qophaa'e.

Koottaa, Yaadannoo borii ijoollee keessanii har'a kaa'aa!

Gatiin Seensaa Qr. 200
Feestivaala Daa'immanii Siimbaa!"

Warrene saganticha hirmaachuu barbaaddam
Abebe Tola(+25122868876) dubbisaa🙏
Forwarded from keby
EKERAA NAMOOME

Ekeraan nama hin ta'u ture. Garuu gootni hin du'a malee hin ekeroomu. Foontu du'a malee, hojiin isaa hin dhokatu. Ekeraan namoome viidiyoo qulqullina olaanaafi, taatota hedduun kan hojjetamedha. Lafee foonni gootaa irraa molqametti, foon uwwisee, gootota keenya kana dura fooniin du'anii seenaan jiraataa jiran, deebise fooniin nu gidduu jiraachisa. Waa'ee keenya kana carraa lammaffaa deebi'anii jiraachuu utuu argatanii maal akka jedhan yayyaba. Fiilmii gabaabaa walaloon sonaa'e kanatti dadhabbii hedduutu itti ba'e. Daqiiqaa muraa qofadha. Kan nama dhibu barreessichi haadha isa deesse faana, haadhaafi ilma ta'uu taatoo ta'ee taphateera. Liinkii asii gadiin seennee ilaallee haa jajjabeeasinu. Viidiyoon kun dorgommiitti dhiyaatee jira. Yoo daawwii gaarii argate badhaasa fooyya'aa badhaafama. Tumsaa.

https://youtu.be/ESWZBIip1cc?si=Mzygj1tzVOC39bPJ
2024/06/15 12:58:52
Back to Top
HTML Embed Code: