Yeroo kamiyyuu, wanti qaaliin bakkasaa maleetti gatii dhabeessa yookan bushaa'aadha! Kanaafuu, waan siif hin malleefi bakka si waliin hin deemne filannookee hin godhatiin. Yoo kanarra dabartee deemte, harkumaan of xiqqeessita, ofumaan of miita, diina ofiikees taatee argamta. Kunimmoo of jibbuu sitti affeera. Namni of jibbe egaa, nama biraa faana nagaan jiraachuun haa hafuutii, of faana jiraachuunuu ni ulfaata. Kanaaf dursuma bakka siif malu, waan si madaalu, kan itti waamamuufi ittiin waamamuun si boonsu, waan yaadannoo gaarii siif gumaachu, kan fuuldurakee faana walii galuufi kuula jireenyakee siif ta'u hordofi. Eeyyeen, gatiikee haalaan beekaa jiraadhu!

Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️ (Dr.Bulti👨‍⚕️)
#Qorichoota_yeroon_itti_darbe(#Expired_drugs)
~~~~~~~~~~~~~~
Qorichoota yeroon itti darbe fudhachuun fayyisuuf osoo hin taane summii namatti ta'uu waan maluuf hin fudhatiinaa!
Daraanuu dhukkubbii sana namatti hammeessuu danda'a.

Kanaaf, ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha suuqiirraa bittaniis ta'e, kiniina ykn shirooppii mana keessa tureeru hin fayyadamiinaa!
Yeroo qoricha bitattaniis guyyaasaa waraqaa xiqqoo ykn dugdaasaarraa ilaaluun gaariidha.
#Share

@Fayyaa_egeree
#Hattummaa_bifa_haaraadhaan....

"Wal haa barru! Trainer, lecturer, banker, business owner fi investor 'Abaluu'n jedhama" naan jedhe keessaan dhufee. Title hamma kana eessa akka fide ani hin beeku! Akka wal baruu tokkos taaneen booda; "Namakoo, miliyoonera akka taatuufan garakee dhufe. Yeroo gabaabaa keessatti waan feetu horatta. Kunimmoo dhaabbata keenya faana hojjechuu yoo dandeessedha." Anis yaadaan miliyoona lakkaa'aa; "Amma maaltu narraa eegamaree" jedheen gaafadhe. "Ni galmoofta...achii leenjii itti fufta" naan jedhe. "Galmaa'uufi leenjii fudhachuu qofaatu sadarkaa jette sanaan na gahamoo waan biraatu jira?" jedheen gaaffii itti daddabale. "Kaanimmoo keessa galtee ilaalta. Yoo seentee ilaalte akka na galateeffattu abdii guddaan qaba. Kunoo Abaluun waggaa har'aa hojii mootummaa dhiisee seenee, amma abbaa manaafi konkolaataa ta'ee jira. Ati abbaa qabeenyaa ta'uu hin barbaadduu?"

"Nan barbaada; garuu barbaaduun kiyya waan hin hubannetti akkan galuuf sababa hin ta'u. Akkanuma, waan gaafachuu qabu gaafachuurraa duubatti nan deebisu. 'Gali' jedhamee kanan galu, 'bahi' jedhamees kanan bahu ani horii miti, namadha!" jedheen sagaleekoo dhumaa kenneef.

Inni garuu nan dhiifne; "Yuunivarsiitii waggaa meeqaffaa barachaa jirta?" "Waggaa 6ffaa." "Turtii hammana yuunivarsiitii keessa turte kanatti waan ati horatte jiraa?" "Beekumsa dalagaakoo boruuf na utubun walitti qabachaa jira!" "Akkana jettee of hin gowwoomsiin. Waggaa 6 miti, wagguma lama osoo dhaabbata keenya waliin hojjetteeta ta'ee yoona as hin jirtu. Qabeenyi ati qabduufi hin qabne adda hin bahu. Kanaafuu, yerookee barnoota keessatti hin gubiin. Nutti dabalamii addunyaa haaraa nuyi argaa jirru kana argi." Isadha kun!

Dura hin dubbadhu jedhee dhiisuufan ture. Amma garuu bira darbuu hin dandeenye. "Obboleessako, mee tasgabbaa'i! Kaayyoofi karoorakoo keessaas harkakee akka fudhattun barbaada. Waan naaf ta'u sirra anumatu irra beeka. Qabsoonkee qabsoo nama dhuunfaa akka ta'es hin dagatiin. Akka waan ana fayyaduutti natti dhiyaachuun garuu tarsimookeeti. Akkuma gorfamtee baatettis dubbachaa jirta. Yoo dhuguma anaaf jetteetu akkana taata ta'emmoo, na dhiisuudhaan na gargaari.

Namni dalagaa yookaan barnootaan cinatti waan biraa hojjechuu akka danda'u, kanaan dura dursee hubadheen jira. Kun akkuma jirutti ta'ee garuu, waan durfamuu qabu dursiisuun hunda caala. Ani amma barataadha. Waan amma baradhu hundee godhadheeni kanan bor hawaasa kiyya yaalu. Kanaafuu, xiyyeeffannoon kiyya inni guddaan barnootarra ta'uutu irra jiraata. Yoo akkana hin taane, bor anumatu sababa du'uu hawaasa kiyyaa ta'a. Kanammoo yoomuu hin eeyyamu!

Namoonni baay'een, addumaan barattoonni, keessaan dhufanii waa'ee dhaabbata keessanii na gaafachaa jiru. Akka waan ani isin waliin hojjechaa jiruuttis natti himu. Garuu ani hidhata keessan hin qabu; akkuma atuu beektu kana. Dabaltaan immoo, dhaabbata kanatti amananii kan barnoota isaanii laaffisanii isin hordofaa jiran hedduudha. Eeyyeen, baay'eetu miliyoonera isin jettan ta'uuf kaayyoo manaa baheef dagatee burjaaja'aa jira. Gariinimmoo qarshii maatiin boolla meeqa seenee itti ergu sana walitti qabee ittiin galmaa'ee harka duwwaa taa'ee boo'aa jira. Hiriyaa kiyya natti dhiyoorraa qabee namoota baay'een quba qaba kan harka duwwaa galan. Miliyoonera ta'uuf jecha kan isaaniiyyuu dhabanii iyyaa jiru.

Kaanimmoo, qarshii dhaban kana deebifachuuf junuunfataniima nama itti affeeraa jiru. Akkuma sobamanii itti galan sobanii itti nama galchuuf boqonnaa malee fiigaa jiru. Imalli akkanaammoo, dhaloota hojii dhiisee wal kadhatu yookaan wal gowwoomsu horachuu ta'a. Kana nan balaaleffadha.

Wanti yeroo gabaabaa keessatti hunda nama horachiisu, yoo lotoriin namaaf bahedha. Yoo akkana hin taanemmoo saammii yookan hannadha. Kan kanaan alaa yoo jiraate, soba yookaan gowwoomsaadha. Kanaafuu, osoo na dhiiftee gaarii ta'uu hin hafu. Dhaloonni kun qaawwa qarshii qaba jettee, qarshii maqaa dhahattee akka gowwomsituuf siif hin eeyyamu. Yoo diddee irra deebitemmoo, sin saaxila" jedheen ofirraa gaggeese. "Tole, asumarratti haa dhaabbatu dubbiin kun.
Anis dhiiseera, atis dhiisi." naan jedhee deeme.
Inni deemus, gareensaa narraa hin deebine. Kanatu akka wal saaxilluuf na kakaase. Namni kamuu akka irraa of eegatun jedha. Eeyyeen, hattummaa bifa haaraa akkanaarraa of haa eegnu!

#Share goonees wal haa baraarru!

Galatoomaa!🙏🏻
Abdiisaa Ejjetaati


@Orobook
#Auschwitz

Namatu tarree bitaafi mirgatti hiriiree du'a eeggata. Duunis du'a ibiddaan gubamanii gidirfaman boodaati. Hanga yeroon gahuttiis, kan dukkubsate hin yaalamu, kan beela'eef nyaanni hin kennamu, kan dadhabe hin boqotu, hunduu inuma gidirfama. Rafuuf bakki rafan hin mijatu. Yooma bakkuma rafuuf hin mijannettuu hirribni itti dhufe, wareerfamanii hirribaa kaafamu. Dhaabachuuf miilli gidiraadhaan jalatti haphattee jirti. Garri itti keessaa baqatanis hin jiru; eegduudhan marfamanii jiru. Yeroo yerootti hiriirfamanii lakkaa'amu. Hiriira kana kan hiriiree lakkaa'amu nama jiru qofaas miti. Kan du'ellee ni dabalata. Kunis, lakkoofsaan dura yoo namni du'e, nama lamaan qabamee tarree warra jiruu dhaabamee lakkaa'ameen booda gubama. Kun hundi hordoffii jabeessuuf.

Gabaabumatti, fiixeen garaa jabummaa dhala namaa kitaabuma kanarra waan jiru natti fakkaata. Akkam yoo ta'es namni nama akkasaarratti yakka hanga kana gahu akka raawwatu naaf hin galu. Waantonni as irratti eeraman yaadachuufuu nama sururu. Kanaaf ta'uu hin hafu kan barreessaan kitaaba kanaa, Dr. Miikloos Niizliin; " Waa'ee kanaa dubbachuun anaaf dhukkubbiidha; dubbachuu dhiisuunisimmoo dhukkubbii sanaan gadii waan qabu miti. Gama lachuunuu dhiphinumatu marsee jira." jedhee kitaabichaa irratti kaa'ee jira. Dhuguma, dubbachuunis ta'e dhiisuun dhukkubbii guddaadha. Ta'us garuu, hamaa kaleessaa irraa dhaloonni akka baratuuf katabuun wayyuu hin hafu. Barressichis kanumatti amanee katabee dabarse jedheen yaada.

Akkana ture....

Jalqaba Hitlariifi gareensaa olola hamaa bocanii oofuu eegalani. Kunis, sababa Yihuudota Jarman keessa jiraniif akka Jarman waraana addunyaa 1ffaa irratti injifatameetti olola kaasani. Kana qofaa miti, "Ariyaan yookan Jarmanoonni qulqulloota waan ta'aniif, sanyii biraa waliin walitti makamuun irra hin jiraatu" jedhanii ololicha ittuma jabeessani. Kun hundi garaa jabummaan ajjeesuufi ajjesisuuf akka toluufiifidha.

Kaayyoon kun akka galma gahuuf, paartiin Naazii wiirtuulee uggurtii (Concentration camps) bakkeen adda addatti qopheesse. Wiirtuuleen uggurtii tokko tokko bakkeen hojiin humnaa keessatti hojjetaman yoo ta'u; kanneen biroon immoo, bakka ajjeechaan keessatti raawwatamudha. Wiirtuulee ajjeechaan keessatti raawwatamu keessaa inni hundumarra guddaa ta'emmoo "Oshiwiitzi" jedhamee beekama. Poolaand keessatti argama. Barreessaan kitaaba kanaas namoota gara wiirtuu uggurtii Oshiwiitziitti ergaman keessaa tokko ture.

Walakkeessa ji'a Guraandhalaa bara 1944 (G.C) keessa weeraramuu Haangaariin hordofee, Yihuudonni Haangarii keessa jiran manaa akka hin baane ajajani bahe. Sanaan booda, Yihuudonni Haangaarii keessa jiran bakka jiranii humnaan walitti qabamanii gara Oshiwiitziitti guuramuu eegalani.

Warreen gara wiirtuu uggurtiitti geeffaman keessaa gareen Sondarkoomaandoo jedhaman tokko ni jiru. Isaan kun warreen dandeettii addaa qaban, miidhagina yookaan naqa qaamaa hawwataa qabaniifi warreen qaamaan jajjaboo ta'anidha. Warreen kaanirraa addatti filamanii hojiilee humnaa garagaraa hojjetu. Dr. Miikloos Niizliis egaa kanneen keessaa isa tokkodha. Inni doktara fayyaati waan ta'eef, qorannoo saayinsii dhukkubootaaf adda baafame. He is pathologist.

Gareen Sondarkoomaandoo kun, hojiif adda haa baafamaniyyuu malee duunisaanii fuuldura isaanii jira. Ji'a afur guunnaan ni ajjeefamu. Hangasitti garuu, waan hunduu isaaniif mijataadha. Waan fedhan nyaatu, waan barbaadan uffatu, bakka gaariifi filatamaas rafu. Ta'us, yeroo xiqqoon booda ni ajjeefamu. Kanarraan kan ka'e, warreen jiraatti du'an (Living dead) jedhamanii beekamu. Duunuu du'aaree fayyaatti gubatanii du'u. Kana yaadaa jiraachuun, jiraatti du'uun oli malee!

Dr. Miikloos garuu, muraasa Sondarkoomaandoo keessayyuu hafanii dalagaa itti fufan ta'ee hafe. Hafuurra darbees kitaaba kana nama gumaachedha. Namni nama kan caalaas yakka hamaafi waarshaalee du'aa yerichaa saaxile hin jiru jedhamee ka'a.
Guutummaa kitaabichaa siniif dhiiseera, dubbisaa! "#Auschwitz- A Doctor's Eyewitness Account- by Dr. Miklos Nyiszli" jettanii yoo iyyaafattan, ni argattu. Akkanuma, gara Afaan Oromootti "Imimmaan Oshiwiitzii " jedhamee obbo Hinseenee Makuriyaatiin hiikamee jira. Affeeramaa!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Ajaa'iba_keenya!
Abbaan isaa dhugaatti gootadha. Goota bara wayyaanee sana wareegamee darbedha. Innimmoo 'ilma gootaa' jedhama mitiiree...eeyyeen akkanuma! Amma jireenyi irraafi jalaan, alaafi keessaan guutteefiitu jiraachaa jira, obboloota waliin!

Asuma dhiyoo kana, ilmi gootaa kun kabajaan affeeramee waa'ee abbaasaa waan tokko lama akka dubbatuuf carraatu kennamaaf. "Mee hidda dhalootakee nuuf himuun eegali" jedhama. Akaakayyuu lama qofaa waamee dhaabbate. Sanaan booda eessaa haa dhufu! Ol jedhee gadis jedhee homti hin jiru. Boodarra yaadni tokko dhufuufii hin hafu. Kunis, gara harmeesaatti bilbilee akka gaafatudha. Akkuma yaades bilbilee,"Itiye, ye abate ayat ayat simu man nebere?" jedhaan. Isayyuu afaan biraan!

Kana caalaa waan nama gaddisiisu maaltu jira! Abbaan sabaaf wareegama. Ilmi immoo maqaa abbaasaayyuu hin beeku. Maqaafi kabaja abbaasaan garuu bahee gala, kabajas gonfama! Badhaadhees jiraachaa jira!

Namni kun, dhalootuma amma jirru kana waan bakka bu'u natti fakkaate. Seenaa kaleessa dhiigaan sararame, lafeedhaanis utubame har'a afaaniifi qalamaan balleessaa jirra. Kaan keenyammoo dhibaa'insaan awwaalaa jirra. Kanaaf sababni inni guddaan wallaalummaadha. Umuriidhaan kaleessa achi fagaannee hin argine; baay'een kichuu kaleessaati. Manguddoo seenaa beeku jala teenyee seenaa hin barre, akkanuma kitaabota seenaas hin qoranne. Meeqa banne! Kanatus, badii keenya ol kaasee lallabaa jira. Kan badii fuulduraammoo rabbi haa beeku!

Gabaabumatti kanan jedhu, bakki guddaan namni nuuf qabu guddaa nun godhu. Hayyuu fakkaatanii mul'achuunis hayyummaa isa sirrii namaaf hin kennu. Kanaafuu, mee of haa ilaallu. Gad teenyee haa qorannu, haa dubbifnu, haa sakattaanu. Kana kan nu barbaachisu!

Galatoomaa!🙏🏻
Yoon irraa gore na ofkolchaa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Eebba_Kitaabaa
(#Tooftaalee_Gurgurtaafi_Hariiroo_Daldalaa)
Barreessaan: Ittafaa Guddinaa

Bitootessa 15, 2016 (March 24, 2024, Dilbata dhufu) waaree booda sa'aa 7:00 irraa eegalee, Finfinnee, GGAO-tti eebbifamuuf jira. Haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu ta’e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii ta’uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!

@Orobook
#Oonnachiiftota (#Motivational Speakers) keenyaaf:

Dhaloota si'eessuu yookaan oonnachiisuun keessan waan gaariidha. Namni tokko akka dandeettii isaa beekee of argatu, akka jabaatuufi deemsa eegalu gochuuf fedha qabaachuun keessan waan namatti toluufi jajjabeeffamudha. Kun akkuma jirutti ta'ee garuu, waan hanqate tokkotu jira. Kunis 'ni dandeessa' jechuu qofaan akka gahaa hin taanedha. Nama tokkotti dhufanii, "Eeyyeen ni dandeessa,...ka'i, deemi, cabsi, foxxoqsi, hurreessi..." jedhanii biraa deemuun itti ho'isuu qofa ta'ee argama. 'Ka'i' jechuutu yaraadha jechaa hin jiru. Garuu ka'ee eessa akka dhaquufi garamitti akka socho'u hin beeku taanaan, kunis burjaaja'insa biraa akka ta'edha. Miidhaan jecha gochaan hin deeggaramnees ol ka'ee mul'ata. Yoos egaa badiin!

Mee tuqaa kana irratti yaadaa 'Motivational Speaker'oonni keenya! Gubannehoo!🤔😅

Galatoomaa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
    #Sumatu_siif_sidha
Daandiin imala nama biraa kankee miti; kankees immoo kan nama biraa ta'uu dhiisuu mala. Kanaafuu ofumaan bir-qaba qabadhu malee, kan isa biraa kufinsatti si affeera. Maarree, imalakee kan nama biraan hin madaalchisiin. Daandiin fiixaan bahinsaatti si geessu isuma kankee sanadha; kan ergisaa yookaan kan ormaa miti. Sumatu siif sidha!

Sansakkaa Sakaalame  irraati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Forwarded from Galaa Sammuu
ግዝትና ግዞት ፡ ኦላና ዞጋ.pdf
102.2 MB
Kitaaba seenaa Hundeeffa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akkasumas taateewwan bara 1950fi 1960 keessaa sirriitti qindeessedha.

Dubbisaa🙏
Eebla 15, GGO
(#IRBUU_SHINNIGGAA)
🙏🏻🙏🏻
Forwarded from Galaa Sammuu
stolen legacy.pdf
884.2 KB
Kitaaba ilaalcha namoonni Gurraachotaaf qaban jijjiirsise!
#Affeerraa_Eebba_Kitaabaa
(#GUMGUMMII_EELAA)
Barreessaan: Jennenus Dajanee
Gaafa guyyaa 20/08/2016 (Dilbata dhufu) waaree booda sa'aa 7:00 irraa eegalee, Finfinnee, Hoteela Int. Ililliitti eebbifamuuf jira. Hundinuu affeeramnee jirra. Haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

@Orobook
Beeksisa Qacarrii

Dhaabbanni Oromobook - sagalee kitaabaa gita hojii 'Adminstration' irratti hojjettoota dorgomsiisee qacaruu barbaada. Kanaafis dorgomtoonni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guuttan galmaa'uu ni dandeessu.

Ulaagaalee

➡️sadarkaa barnootaa - digrii jalqabaa fi isaa ol
➡️Afaan Oromoo fi Afaan Ingilizii dubbisuu, barreessuu fi dubbachuu kan danda'u
➡️Dandeettii fi gahumsa hariiroo namootaa fi dhaabbilee waliin uumuu kan qabu.
➡️Ogbarruu Oromoo nama hubateefii sadarkaa ogbarruun Oromoo irra jiru kan beeku.
➡️Bakka Hojii - Finfinneefi Naannawaa ishee
➡️saala - lamaanuu
➡️Baay'ina - Tokko
➡️mindaa - Waliigalteen
➡️Muuxannoo hojii - waggaa 1fi isaa ol

Dorgomtoonni galmaa'uu barbaaddan karaa toora telegram keenyaa 0985567343 ragaa barnootaa fi odeeffannoo eenyummaa keessanii akkasumas dhaabbata kana keessatti maal akka gumaachitan barreeffamaan erguun galmaahuu dandeessu.

@Orobook
2024/05/17 05:53:32
Back to Top
HTML Embed Code: