Jireenya abjuu keetii jiraachuu fi nama milkaa'inna olaanaa qabu ta'uuf furtuun gonkumaa abdii kutuu dhabuudha! Never give up

@Oromoo_Motivate
Ulaa dhiphaa foqoqaa (lafarra loo'aa) hulluuqu ykn keessa bahu.  Sakaallamtus Tattaaffachaa, tarkaanfachaa,  dadhabdus bayyanachaa gara kaayyoo keetti imali. Namni kaayyof dachee tanarra jiraatu gufuunsaa baay'edha. Haa ta'u malee maatii fi hiriyoota isaaf Gaaddisa ta'ee darba. Daandin irra deeman hundi hin mijatu,  yeroo tokko ol jechaa yeroo tokko immoo gadi jechaa daandin irra deeman baay'etu jira. Yeroo tokko tokko Gaara dhiibun hanga ulfaatu caalaa amalli namaa sitti ulfaata. Isa fira koo jettutu diina sitti ta'a.Bro saree duu'e hoomtuu hin reebu, isa waa nyaachuf daandira deemu garuu dhagaatu itti baay'ata. Ati yeroo  kaayyof fiigdu namoonni fi haalonni duubatti si harkisuu danda'u, ta'us waa tokko itti hin dhiphatin, Sababni isaa ati kutannoodhan ka'i malee uuman kee si cinaa jira.
Jaabadhu

@Oromoo_Motivate
Yeroo kamiiyyuu wanta hundaa akka haaratti eegaluun, isa kana dura caalaa aarsaa kaffaltee haala namni si ajaa'ibsiifatuun of jijjiiruu dandeessa.

Yeroon deemera jettee
teessee hin mugin,
ati ammallee Dargaggeessa,
qabda umurii qeerroo
jabaadhu akka feerroo.

Kanaafuu har'aa eegaltee humnaaf onnee kee guutudhaan yoo hojjatte boru wanti hunduu akka ati barbaadde siif ta'an.

@Oromoo_Motivate
Qabxiilee Shan Mukaa'uu Fi Miira Yaadda'uu Ittisuuf Gargaaran โ€ข @Oromoo_Motivate โ€ข
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
Kitaabni mata-duree 'The Anatomy of Melancholy' jedhuun bara 1621 barraa'e hanga har'aatti qabiyyee dhala namaa fayyadu qabatee jira. Kitaabni maloota ittiin dhibee sammuu fi mukaa'uu akka malee wal'aanuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun barreeffame 'The Anatomy of Melancholy' lammii Ingilizii Robert Burton jedhamuun barraa'e.

Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton, beekumsaa fi qaroomina fayyaa dhala namaa fi wal'aansaa akkasumas dawaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kana irra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qixeesse.

Barreessaan kun ofii isaatiis rakkoo mukaa'uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammaataa keessa ture, mata duree kana irrattis beekumsa guddoo horateera.

Akkamiin miira mukaa'uu, gadadoo fi yaadda'uu of irraa qolachuun akka danda'amus kana irraa ka'ee kitaaba isaa keessatti qaaccesse.

Qabxiilee kitaaba Burton keessatti eeraman keessaa isaan kamtu hanga har'aa dhala namaaf faayidaa kennaa jiru?

Gaazexeessituu fi barreessituun biyya Iskootlaand Amy Liprot kitaaba kana irra deebiin haaressuun maxxansiteetti.

Maloonni furmaataa mukaa'uu fi miira gadadoo ittiin qolachuun danda'amu kan kitaaba Burton keessatti bara 1960oota keessa eeraman kanneen hanga har'aatti fayyadaa jiran isaan kam fa'i?

Shanan Isaanii Kunooti:

1. Miira Ofii Hubatanii Of-bashannansisuu

kanneen miidhamaniif, mukaa'uun sababni ittiin mudate itti hin mul'atu, kana irraa kan ka'e miirri keenya immoo yeroo baay'ee walfakkaataa ta'a.

Burton kitaaba isaa keessatti akka barreessetti rakkoon mukaa'uu fi gadduu melancholy jedhamu ''dhibee dhaalaan darbuudha'

Har'as mukaa'uun dhalootaan akka dhufuu fi haala naannoo irraa kan mudatu ta'uun itti amanama.

Kanaaf namoonni yeroo ammaa miira isaanii haaressuuf jalqaba kutaa qaama isaanii keessaa kamtu akka miidhame hubatanii irratti hojjetu.

2. Faayidaa Bishaan Qorraa

Burton kitaaba isaa keessatti bishaan yaa'u, kan uumamaa, keessatti qaama dhiqachuu fi keessa ciisuun hagam miira namaa akka haaressu eereera.

Inumaa namni jireenya dheeraa jiraachuu fedhe bishaan qorraa keessa yaa ciisu jedha kitaabi Burton.

Har'as beektonni nama rakkoon mukaa'uu harkaa qabuuf kanuma yeroo dhaaman argina.

Yuuniversitii Portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabraatoorii haala naannoo kan ta'an Dr Mike Tipton, ''Bishaan qorraa barannaan miirri mukaa'uu namarraa ka'a. Haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal'aanuun ni danda'ama. Wayita kana qaamni keenya miira mukaa'uu fi gadduu keessaa ba'a,'' jedhan.

3. Uumamatti Michoomuu.

Akka Burton kitaaba isaa keessatti barreessetti uumamatti michoomuun miira gaddaa fi gadadoo akkasumas mukaa'uu hamaa nama irraa kaasa.

Pirofeesar Simon Hiscock Daarektara Iddoo Kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti.

Biqiloonni ilillii qaban hedduun rakkoo mukaa'uu, miira gaddaa fi dhiphachuu namarraa qolachuu danda'u jedhan.

Burton kitaabasaa keessatti akka kaa'etti biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan, kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe.

Har'as yaadi kun haalaan hojii irra oolaa jira.

Yaadi wayita miirri mukaa'uu namatti dhagahamu uumamatti ba'anii qilleensa fudhachuu kitaaba Burton keessatti waggaa 400 dura eerame yeroo ammaa Jaarmiyaa Tajaajila Fayyaa Biriteeniin hojiirra oolaa jira.

4. Rakkoo Qooddachuun Rakkoo Salphisuu!

Karaan ittiin rakkoo nu irra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani, ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti,'' jedhe Burton waggaa 400 dura.

Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa'uuf saaxilamaniidha.

@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate
JIRUU MI'OOFTUU JIRAACHUDHAAF.

  Ati Adda taatee kan uumamte hayyama(fadhii) rabbiitini kanafuu homaa wa takka osoo hin hiraarin jiraadhu.

Namoota fakkaachufi garagalchaa isaanii ta'uuf hin tattaafatin.
Eenyummaan kee kan hin mullatin xaliilli isaa kan ba'u Yeroo Ati ofitti amanuu, ofiin boonuu fi kabajaa ofiif kennuu egaltu sani.

Naannoo kee Namoonni beekamoon, gurguddaani fi Adda ta'an hanga fedhan jiraatanillee kennaan addaa kan keessa kee jiru hunda siif caala.
Namoonni Ati Adda jattee yaaddu kunneeen uumama isaanitin Adda ta'anii osoo hin ta'in iccitii kana Waan beekaniifi hojitti Waan hiikaniif qofa.

Atis bakka isaan irra gahan inumaahuuu isaani ol hojjechuu, isaani ol gumaachuu yoo barbaadde iccitii kanan siif hima..
๐Ÿ‘Œof ta'i
๐Ÿ‘Œkabajaa ofiif kenni
๐Ÿ‘Œof jaaladhu


@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate
๐ŸŒœ๐ŸŒœ๐ŸŒœ๐ŸŒœ๐ŸŒœ๐ŸŒœ๐ŸŒ›๐ŸŒ›๐ŸŒ›๐ŸŒ›๐ŸŒ›๐ŸŒ›

Baga baatii kabajamtuu baatii ramadaanaa ittiin isin gahe hunda keessanuu โค๏ธ

๐ŸŒ—๐ŸŒ—๐ŸŒ—๐ŸŒ—๐ŸŒ—๐ŸŒ—๐ŸŒ“๐ŸŒ“๐ŸŒ“๐ŸŒ“๐ŸŒ“๐ŸŒ“

@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate Yoo arjoomtee of agarsiisuufi jedhamta. Yoo doqnoomte miqqenyaa jedhamta. Yoo kolfite,kashalabbee jedhamta. Yoo calliste bineensa jedhamta.Yoo dafqattee, yoom nyaataa jedhamta. Yoo teessee yoom kaataa jedhamta. Yoo dhoksattee jiraattee qofa galeessaafi ofjaalataa jedhamta. Yoo himattee; yoo dubbatte, odeessituu jedhamta. Yoo namatti siquu baay'iftee hiriyaa hin filatu jedhamta. Yoo namarraa siqxe nama tuffata jedhamta.

Kanaafuu, dheerattus, gabaabbattus, beektus, wallaaltus namni waan jedhu waan hin dhabneef oduurraa gurra kee qabi.

Filadhuu dhaggeeffadhu. Nama jechuun bar yoo aannan obaaste summii itti naqee na obaasuu fi kan siin jedhudhaa.

Kanaafuu, ati akka gootuu, kan si afarsus, kan si faarsus haa jiraatuu eenyuuf osoo intaane jalqaba sammuu keef jiraadhu. Isaaf amanami; innis siif haa amanamu. Jalqaba ofii keef jiraadhu. Oduu namaa hin dhaggeeffatin, kaayyoo kee dhaggeeffadhu.

1, Yoo wal fayyaduu dadhabne, wal miidhuu haa dhiifnu.
2, Yoo waliif yaaduu dadhabne walitti yaaduu haa dhiifnu.
3, Yoo Wajjin duuluu dadhabne walitti duuluu haadhiifnu.
4, Yoo wal faarsuu dadhabne wal arrabsuu haadhiifnu.
5, Yoo wal eebbisuu dadhabne wal abaaruu haa dhiifnu.
6, Yoo wal jaalachuu dadhabne wal jibbuu haa dhiifnu.
7, Yoo wal gammachiisuu dadhabne wal mufachiisuu haa dhiifnu.
8, Yoo walitti siquu dadhane walirraa siquu haadhiifnu.
9, Yoo wal jala deemuu dadhabne wal jalaa deemuu haa dhiifnu.
10, Yoo dhugaa walitti himuu dadhabne wal sobuu haa dhiifnu.
11, Yoo wal sirreessuu dadhane wal jallisuu haa dhiifnu.
12, Yoo wal amanuu dadhabne wal shakkuu haa dhiifnu.
13, Yoo wajji qabsaawuu dadhabne walitti qabsaawuu haa dhiifnu.
14, Yoo wal jabeessuu dadhabne wal laaffisuu haa dhiifnu.
15, Yoo wal gorsuu dadhabne wal dogoggorsuu haa dhiifnu.
16, Yoo wal guddisuu dadhabne wal xiqqeessuu haa dhiifnu.
Waan dubbiftaniif galatoomaa ergaa bareedaa akkasii share gootu malee bira hin darbin

@Oromoo_Motivate
@Oromoo_Motivate
Namni kun daldalaa ture. Waggaa 21ffaa saatti kisaaraan jalqabaa irra ga'e. Waggaa 22ttimmoo mana barumsaa seeraa irraa hari'ame. Waggaa 24 yoo ta'u kisaaraa lammaffaan itti dabalame. 26tti jaalallee isaa du'aan dhabe. 34 Yoo ta'u mana mareef dorgomee hin milkoofne. 45tti seenetarummaaf dorgomee hin milkoofne. Waggaa 47 itti aanaa pireezidaantii ta'uu dorgomee mo'atame. 49tti irra deebiin seenetarummaaf dorgomee hin milkoofne.

Waggaa 52 yoo ta'u Pireezidaantii Ameerikaa Ta'uun Muudame. Namni Kun Abrihaam Liinkani

"Abdii Kutuu Jechuun Dhaabitti Du'uudha"

@Oromoo_Motivate
"๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—พ๐˜‚ ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—น๐—ผ๐—น๐—ถ๐—ป, ๐˜€๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ'๐˜‚๐—ณ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ผ๐—ณ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ ๐—น๐—ผ๐—น๐—ถ ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ. ๐—ฆ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฏ๐—ป๐—ถ ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ๐˜€ ๐˜€๐—ฎ๐—น๐—ฝ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐˜€๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐—ณ. ๐—›๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ฎ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ ๐—บ๐—ถ๐—ท๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—น๐—ผ๐—น๐—ถ๐—ป. ๐—ž๐—ฎ๐—น๐—น๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐˜€๐—ถ ๐—ฒ๐—ฒ๐—ด๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—บ๐—ถ๐—ป. ๐—ค๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฒ๐—ฒ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐˜€๐—ฎ๐—น๐—ฝ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜€๐—ถ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ. ๐—”๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ฑ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐˜†๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ถ๐—ณ ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฒ๐—ฒ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—ท๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ณ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ผ๐—ณ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐˜๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ฒ๐—ฒ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ด๐—ผ๐—ป๐—ณ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ. ๐—ฆ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ ๐—ฏ๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ด๐—ฎ๐—น๐—บ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ"

@Oromoo_Motivate
Namootni dhibba keessaa parsantiin lama ni yaadu, dhibbeentaan sadii karaa dogoggoraa yaadu, sagaltamii shan immoo du'uuf qophaa'u malee hin yaadan.
#Joorji_Bernard_Shaw

@Oromoo_Motivate
Nama kaayyoo taanan
sin dhaabu gufuun tokkoo
Kuftus kaatee deemta
hin sodaattu rakkoo

Gufuun si jabeessa
diina kee ni caalta
Danqaa har'aa miti
galma kee ilaalta
Geesses injifattee
geeba kee ni kaasta

@Oromoo_Motivate
Forwarded from HOPE PROMO
ยป Fakkicha Hubannoodhaan Ilaali!
โ˜๏ธ              โ˜๏ธ                       ๐Ÿ›ฐ
         โ˜๏ธ              โ˜๏ธ      โ˜๏ธ             โ˜๏ธ
                                    โ˜๏ธ
โ˜๏ธ     โ˜๏ธ โ˜€๏ธ  
           โ˜๏ธ             โœˆ๏ธ
โ˜๏ธ              โ˜๏ธโ˜๏ธ  โ˜๏ธ
     โ˜๏ธ           ๐Ÿš      ๐Ÿ“ก โ˜๏ธ
๐Ÿก๐Ÿฌ๐Ÿฅ๐Ÿก๐Ÿญ.    ๐Ÿจ๐Ÿฃ๐Ÿฆ
                     / | \
     _๐Ÿš‚๐Ÿšƒ  /   |   \ ๐Ÿšฉ___
       ๐Ÿ‘ฌ๐Ÿšฆ /    |     \ ๐Ÿšฆ๐Ÿšถ
        ๐ŸŒณ   /      |        \  ๐ŸŒณ
              /        |          \    ๐Ÿ         ๐ŸŽก
     ๐ŸŒณ  /  ๐Ÿš”   |  ๐Ÿš”     \ โ›ฝ๏ธ       ๐ŸŸ
          /            |             \
  ๐ŸŒต /      ๐Ÿš–   |  ๐Ÿš˜          ๐Ÿšด
      /                |       ๐Ÿš”     \
    /         ๐Ÿš    |                   \
  /                    |                    

ยป Konkolaataa diimaa fakkicha irra jiru tuqii garam akka deemu ilaali! Itti Gammadda! Hope Just ยซJOINยป Now!

Affeerraa Gaarii ๐ŸŒ„

+ Subscribers Free Promoter


๐ŸŽ† ๐‘บ๐’‘๐’๐’๐’”๐’๐’“๐’†๐’… ๐’ƒ๐’š: ๐—›๐—ข๐—ฃ๐—˜ ๐—ฃ๐—ฅ๐—ข๐— ๐—ข
๐€๐๐ฏ๐ž๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ข๐ง๐  ๐“๐ž๐ฅ๐ž๐ ๐ซ๐š๐ฆ
 ๐‚๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ๐ฌ/๐†๐ซ๐จ๐ฎ๐ฉs
@Oromoon_Oromoof_PostBot

Ads
   โ€ข
@hope_promo
#Namichaa_fi_simbirroo

Namichatu simbira bareedduu tokko harkaan qabee ajjeesuuf osoo jedhuu, duuu isheetiin dura ergaa xumuraa akka dabarfattuuf kadhatte. Ergaa sadiin siif dabarsa bara jireenya kee hundaatti isaan si fayyadu jetteen.

๐Ÿฆ, 1ffaa, โ€œWaan si harka jiru hin gadhiisinโ€;

๐Ÿฆ,2ffaa, โ€œWaan darbetti hin gaabbinโ€ jetteetu sadaffaa utuu hin dubbatin callistee turte.

Namichis maaloo ergaa kee isa sadaffaas natti himikaa jedheen. Ergaan koo inni _3ffaan waan bay
ee ulfaataa fi jireenya kee keessatti baayee si barbaachisudha. Isa kanan sitti himu garuu yoo gad na lakkifte qofaadha jetteen. Namichis gad ishee lakkise. Isheenis barristee erga mukarra qubattee booddee ergaa koo isa 3ffaa sitti himuu kootiin dura jalqaba irratti maalin siin jedhee jetteen.

๐Ÿฆ,Innis, โ€œWaan si harka jiru hin gadhiisinโ€ naan jette jedheen. โ€œWaan ajajamte rawwatteeree?โ€ jetteen. โ€œLakkiโ€ jedheen. Osoo kana hojii irra oolchite ta
ee garaa koo keessa warqeetu jira ture, gadi na lakkisuu keetiin qabeenya si qofa osoo hin taane ijoollee kee illee jiraachisuu dandau dhabde jetteen.
.
๐Ÿฆ, โ€œErgaan inni 2ffaan maal jedha ture?โ€jetteen. Innis, โ€œWaan darbetti hin gaabbinโ€ kan jedhudha jedheen. Isheenis deebistee, "Ergaan 3ffaanis isuma 2ffaa kanadha. Isuma irra deebi
ii raawwadhu" jetteen jedhama.
Ajaja 1ffaa fi 2ffaa osoo hojiitti hin hiikin ammas ajajaa 3ffaa dhagauuf Si'ate. Osoo ajajuma 1ffaa sana hubatee raawwate taee warqiinis Kan isaa ture.
Ajaja dhagahuu diduun nama gaabbisiisa,garuu Kan darbeef gaabbuun Kan Boruu balleessuu waan ta'eef waan ajajamte raawwachuuf yoomiyyuu Of qopheessi.

@Oromoo_Motivate
Wantoota #6 #Jireenya Fi #Ilaalcha Keenya  Jijjiiruu Danda'an!
    

โœ“1.Waan hunda namootatti himuu dhiisi.
โ€ขNamoonni baay'een dhimma kee hin qaban, gariin immoo dhoksaan akka ati kuftu barbaadu.kanaaf Waan hunda namootatti himuu dhiisi!

โœ“2.Hiriyyoota kee ogummaadhaan filadhu.
โ€ขKaraan saffisaan ittin fooyya'uu dandeenyu namoota fooyya'oo ta'aniin of marsuudha.

โœ“3.Homaa hin eegin, waan hunda dinqisiifadhu.
โ€ขNagaa keessoo argachuuf wantoota xixiqqoo jireenya kee keessatti mul'ataniif osoo hin tuffatin galateeffadhu.

โˆš4.Waan dandeessu hunda gochuu fi adeemsa isaa amanachuu.
โ€ขHamma cimtee hojjettu carraa argatta.kanaaf wanta dandeenyu Itti amannee ciminaan yoo hojjenne carraa hedduu qabatee nuuf dhufuu danda'a.

โœ“5.Namoota biroo osoo hin taane of too'adhu.
โ€ขNama toโ€™achuun humna,Of to'achuun humna dhugaati.Kanaaf of irratti haa xiyyeeffannu!

โœ“6.Dhimma Sin ilaalle irratti Deebii kennuu dhiisuu baradhu.
โ€ข Dhimmoota Akka dhuunfatti nuun ilaalle hedduutu Jira!Kanaaf wantoota akkanaa irratti Yeroo keenya balleessan irra dhimma nu ilaallatuu irratti hojjachuun filannoo sirriidha.

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Jechoota Maartiin Luute King
....
โ€œRakkoo kamiyyuu furuuf karaan hundarra gaariin kaayyoo isaa buqqisuudha.โ€

''Harfachiisuun ammallee hattuu yerooti. Jireenyi yeroo baayโ€™ee carraa bade qullaa, qullaa fi gadda nu dhiisa.โ€

โ€œIjoolleen keenya kennaa keenya osoo hin taane argamuun keenya isaan barbaachisa.โ€

โ€œBeekumsi adeemsa dhugaa walitti tuuluudha; ogummaan salphisuu isaanii keessa jira.โ€

โ€œJibbi jireenya laamshessa; jaalalli ni gadhiisa. Jibbi jireenya burjaajessa; jaalalli walsimsiisa. Jibbi jireenya dukkaneessa; jaalalli ni ibsa.โ€


Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Kaayyoo qabatetti cichi. Abdiin keefi obsi kee akka hin dhumne eeggannoo godhi. Arrabsoofi tuffii namaaf deebii hin kenniin. Callisii hojjedhu, callisii kaayyoo keetti deemi, callisii milkaaโ€™i! Gaafa sana warri si tuffachaa turan dabaree qabatanii si kabajuuf dhufu!

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘”๐‘œ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘–๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘’ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘ ๐‘Ž๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘”๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘’ ๐‘‘๐‘–๐‘–๐‘”๐‘”๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘–.
๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘›๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘˜๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘› โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ก๐‘ข. ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ก๐‘ข๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘’ ๐‘๐‘Ž๐‘‘๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘–๐‘– ๐‘๐‘’๐‘’๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž. ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘ ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ข๐‘›,  ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘š๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘Ž๐‘“ โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘›. ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘ข๐‘›๐‘‘๐‘Ž ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘š๐‘ข๐‘ข ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž.  โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘–๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž/๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘–๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘’, ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘ก๐‘ข๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘– ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘”๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ข.
๐‘ข๐‘š๐‘ข๐‘Ÿ๐‘–๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘ , ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘– โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘’๐‘’  ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘– ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘š๐‘Ž.
๐‘œ๐‘“ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘–๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐Ÿ’ช๐Ÿพ

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘ค๐‘Ž๐‘ฅ๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘’๐‘’(๐‘”๐‘ข๐‘๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’), ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ  ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ก๐‘’๐‘’  ๐‘ ๐‘Ž'๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ(1) ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘ก๐‘– ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘˜๐‘’๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘’๐‘’, ๐‘ ๐‘Ž'๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘—๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘›๐‘’๐‘“ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข๐‘ข ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž. ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘ข ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘ก๐‘’ ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ๐‘› ๐‘˜๐‘ข๐‘› ๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž.

๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘’ ๐‘–๐‘›๐‘›๐‘–๐‘  ๐‘ ๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž
๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘˜๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘—๐‘—๐‘’ ๐‘–๐‘š๐‘š๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘›๐‘›๐‘–๐‘  ๐‘˜๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘—๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘Ž.
๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž ๐‘Ž๐‘—๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘’, ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘– ๐‘Ž๐‘—๐‘Ž๐‘Ž'๐‘Ž๐‘๐‘–๐‘– ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘–.
๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘– ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘–๐‘–๐‘๐‘Ž ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž.

Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
BADHAASA UUMAMAAN KENNAME โ•‘ ITTI FAYYADAMUU
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ Uumama isaatiin dhalli namaa, dandeettii gosa garaa garaa akkasumas ogummaa garaa garaa badhaafamee dhalata.

โœง Tulluu inni tokko hin baane tokko ni ba'a. Wanta inni tokko hin hojjenne inni tokko immoo ni hojjeta. Kana keessatti sakatta'ee osoo of keessatti hin argatiin kennaa isaa utuu hin barin, namni ukkaamamee du'aan du'ee dhumee michuu warra du'anii ta'e kumaa fi kitila.

โœง Du'a ooluuf yaaluu utuu hin taane du'a booda dhalootni waan ittiin nu yaadatu hojjechuudha. Har'a michuu warra lubbuun jiranii ta'uun kee bor michuu warra du'anii ta'uu
dhabuu kee miti.

โ™ ๏ธ Eenyu akka ta'e osoo of hin barin dhalli namaa addunyaa kana irraa dhume, eenyu akka ta'e nama of baree du'e dachaa meeqaan caala.

โžฒ Jireenya keessatti dhala namaa wanti bakka guddaan ga'u, guyyaa gara guyyaatti yaada haaraa isa faallaa yaada moofaa ta'e, kan jireenyaa fi ilaalcha gaariitti nama geessu,
sammuu isaa keessatti oomishee, wanta gaarii sammuu isaa keessatti argate gara kaayyoo, karoora, akkasumas galma isaatti jijjiiree irra adeemuudha.

โžฒ Daandiin milkaa'inaa tokko jedhee kan eegalu, yaada moofaa jireenya gaariitti nama hin baasne sammuu ofii keessaa gatuu fi sanyii gaarummaa keessatti facaasudha.

Araddaa guddaan ati qabeenya hundumaa caalaa dhuunfaa keetti qabdu SAMMUU keeti. Waan feete filattee irratti facaasuu dandeessa. Itti gaafatamummaa isaa kan mataa keetiti. Sammuu si miidhu baattee sammuu si fayyadu qabaachuu hin dandeessu. Ilaalchi badaa fi qajeelaan walii galanii
sammuu tokko keessa hin jiraatan. Michuu isa tokkoo ta'uu dandeessa. Bu'a qabeessi sammuu, sammuu yaada qajeelaa faallaa yaada moofaa ta'edha.


Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
Akkana jedhe Sooqiraaxis

Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf.

Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte.

Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee!

Sooqiraaxis: Haa ta'u.

Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis!

Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman.

An deemeera Nagaatti!๐Ÿ˜
Waan dubbiftaniifโ€ผ๏ธ #GALATOOMAA
@Oromoo_Motivate
2024/05/16 23:59:37
Back to Top
HTML Embed Code: