"Barachuu mana barnootaa seenuu hin godhinaa. Ani Yunivarsiitii Harvardiin hin seennee garuu namoonni anaaf qacaramanii hojjettan namoota Yunivarsiitii Harvardi Seenanii turaniidha."
#ElonMusk

@Oromotoo
SAMMUU KEENYATTI HAMMAM FAYYADAMAA JIRRAA?
==========================
➑️ Dandeettiin sammuu namaa dhokataadha. Yommuu ittin hojjetan ba'ee mul'ata. Ittiin hin hojjenne taanaan garuu sammuun dadhabaa fakkaata.

➑️ Sammuu ofii hojjechiisuun dandeetti horachiisuu osoo hin taane, dandeetti sammuu sanaa hojiitti hiiksisuudha.

➑️ Saayintistichi beekaman dhalootaan Yihuudii, Lammummaan isaa Ameerikaa ta'e Albert Enstian utuu addunyaan hamma sana sammuu isaa ajaayibsiifattuu akkana jedhe, " Dandeettii sammuu kootti harka dhibba keessaa haraka digdamii shan (25%) qofaan waanan fayyadame natti fakkaata jedhe!"

➑️ Hayyuun Wiliyam Jems jedhamu immoo giddu galeessaan ilmaan namootaa 10% -12% qofaa sammuu isaaniitti akka fayyadamanii darban ibseera. Kana jechuun sammuun ilmaan namaa heedduminaan sammuu isaa utuu hin hojjetin akkuma waliin dhalatetti  waliin du'a jechuudha. Biyyeen albuuda guddaa ammana ga'u kuufachaa jirti.

➑️ Addunyaa kana caalaatti dandeettii sammuu namaa qabeenya isaa kan godhate biyyeedha jechuudha.

➑️ Akka ta'utti sammuu kee hojjechiisuu shaakali.
   ▢️ Karoorsi!
   ▢️ Hojjedhu!
   ▢️ Waan hojjettu madaali!
   ▢️ Bu'a qabeessa ta'e!
   ▢️ Addunyaan dirree wal dorgommiiti, ammuma ka'i dirreetti makami!

πŸ‘‰ Milkaa'inni fagoo miti, barruu harka kee keessa jira.

@Oromotoo
@Oromotoo
✍ Daandii qabattee jirtu hamma milkeessitutti yookaan hamma raawwattee kuftuttii goonkumaa addaan hin kutiin yookaan daandii biraa hin eegalin.

Dhimma kana irratti H.Rozi Perot akkas jedha; "Namoonni baay'een wayita milkaa'inatti dhiyaatan hojii dhaabu. Namoonni kunneen rakkoolee hedduu dandamatanii dhufanii wayita tarkaanfiin tokko qofti isaan haftu abdii kutaanii addaan kutu"   

@Oromotoo
@Oromotoo
✍ Mul'atni hin ilaalu ni arga malee. Arguufi ilaaluun baayyee garaa gara. Kanaafuu abbaan mul'ata ni arga malee hin ilaalu.

       HIIKA MUL'ATAA

1. Adeemsa sammuuti.
2. Ta'udha malee taa'uu (iddoo qabachuu miti)
3. Boba'aa geggeessaan tokko ittiin adeemuu danda'uudha.
4. Humna ittiin waan haaraa uumaniidha.
5. Shaamaa ittiin dhaloota keessaa ga'umsa barbaadanii arganiidha.
6. Funyoo ittiin boolla gadi fagoo keessaa ol ba'anii tulluu irra ittiin  dhaabbataniidha.
7. Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa wareegamaniifiidha.
8. Har'a caalaa fira boriiti.
9. Ija foonii caalaa fageessee arga.
10. Madda qaba madda isaa malee ba'ee hin mul'atu.
11. Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u.
12. Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima.
13. Hojii garee miti.
14. Ni tarkaanfata malee hin tiratu.
15. Nama biraa ta'u akka hin dandeenye sitti hima.
16. Wanta ati ofi harkaa qabduu irratti hin hundaa'u.
17.Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u.
18. Sin gatu yoo ati gatte malee.
19. Si hin sobu, yoo ati sobde malee.
20. Dhabamuu sababa baduu dhaloota baay'ee ta'eera .
21. Dhabamuun hiyyummaa namoota baay'eef sababa ta'era.
22. Dhabamuun akka geggeessitoonni baay'een uummata   miidhan godheera.
            
  By Miratu Shanko

           @Jechootahayyoota
           @Jechootahayyoota
MADDA BEEKKUMSAA🌳
Photo
Jireenyi eenyufillee barnoota bilisaa hin kennitu.

"Jireenyi na barsiiste " namni jedhu gatii heddu kafalee jira jechudha.

                  -Nagib mahfouz

@Oromotoo
@Oromotoo
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
D𝙝𝙖𝙑𝙀𝙀𝙩𝙖 π™šπ™ π™šπ™§π™–π™–!

Minilik bara isaatti mootii ture.
Bara sana impaayera Itoophiyaa ijaaree, bulchee jiras.
Bara isaatti injifannoowwan heddus gonfatee jira(namoota inni hoogganuun ta'us).

Amma garuu Minilik ekeraadha. Kan nama gaddisiisu du'uu isaa namoonni amananii hin fudhanne ammas ni jiru.
Ekeraa faarsaa,sagadaa fi waaqessaa jiraatan jiru.
Dhaloonni ekeraa faarsee sagaduuf silas ekeraadhuma.

Dhaloota ekeraa!

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr 🀐)
hordoftoota Amantaa Musliimaa Martuu Baga Ayyaana Iid Al-fixrii 1445ffaa geessan.

Ayyaanni kun kan jaalalaafi gammachuu kan tokkumaa akka isiniif tahu hawwina.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#JIREENYA_KOPPII

✍️Barataan gaafa qormaata qoramuu akka wal-irraa hin korojneef barsisonnii mala isaan fayyadamantuu jira innis qormaataaf koodii laachuudhani. gaafa kanaa barataan duruu hatuun amala isa itti ta'ee akkumaa amala isa biyyi nagaadha jedhe hiriyyaa isa irraa waraabatee gala. Gaafa bu'aan qormaata dhufuu garuu mucaan akka darbuuf ofitti amanamumman qormaata kooppii godhe sana abdiidhan eeggachaa ture sana  kufee mataa gadii buusee abdi kutate of arga.

✍️Qajeelfamnii kun jireenya dhala namaafis dhugaadha. Nuti yeroo baay'ee kaayyoo namaa, karoora nama jiraachuuf rakkannna, akka ebeluu yoon ta'ee malee, waan ebeluun baratee yoon baradhe malee, akka ebeluun dubbisuutti yoon dubbisee malee akka ebeluutti yoon uffadhee, yoon nyaadhee, yoon, yoon.....fi kkkf jechuun jireenya namoota biroo irraa kooppii gochuun jiraachuuf yaalla garuu dhumni keenya kufaatiidha.

✍️Maalif seete beekta jireenyii koodii mataa ishee qabdi. Karaan isa tokkoof milkaa'insa ta'ee isa biraaf immoo kara kufaatitii, sababiin isa akkuuma qormaata sana jireenyas kooppii goonee waan jiraannuuf yeroo baay'ee kufaatiin nu mudata, Isa booda Abdi kutanna.
✍️Kanaaf Obboleessa koo jireenya jiraattuu tokko qabaadhuu, jireenya akkamii? Jireenya Qajeelfama namootan jirataamee osoo hin taane kan qajeelfama fi ilaalchaa sammuu keen fudhatamaa argatte keessii kee itti gammadee jiraachuuf tattaffadhuu gaafa sana kufaatii osoo hin taanee milkaa'insa goonfatta, jireenya boqonna qabus jiraatta. Sababiin isaas ati jireenya kan nama irra kooppii hin gooneeka.


"AKKA EBELUUTTIN SIRBAAN MORMA NAMA JAL'ISAA"
      "Guyyaa bareedaa                     
         qabaadha"

A_A dha...... YUUNIVERSIITII DIRE DHAWA  irraa.

Join πŸ‘‡
@Oromotoo
@Oromotoo
@Oromotoo
Wanta kana dhugaa nati fakkata mee linki isaa tuquudhan start godha  achiin booda nama gara linkichati Afeeruudhan checki godha.
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™


Baga nagaahan gara hojii Online dhuftan nama tokko gara liinkii kana affeeruun qarshii 10 argachuu dandeessu. Qarshiin keessan yeroo 100 guutuu baafachuu dandeessu.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://www.tg-me.com/Hojionlinebot?start=r03531111220
#Sababa_hin_qabduu.

Nama komachuun baayyee salphaadha, sababa dhiheessuun baayyee salphaadha, kanaafis kufaatiif saaxilamuun salphaadha.

Sababa hin qabdu;  Hammam fudhatama qabaatanis, hamma fedhe haa ta'u nama komattu hin qabdu.Akkaataa jireenyi kee itti ta'uuf itti gaafatamummaa akka qabduu fi wanti si mudatu hundi kan sirra jiru malee kan nama biraa akka hin taane hubattee yeroo jiraattu, gadi teessee waan dandeessu hunda hojjechuuf yaalta.

Sababni kee hangam dhugaa ta'us na amani hin lakkaa'amu.  Itti gaafatamummaa fudhadhuu waantota hojjedhu, jireenya keessatti akkasitti injifatta. Hanga hojjetutti wanti tokkollee hin hojjetu, hanga sababa dhiheessuu dhiistee eenyuun akka komattu barbaaddutti hin hojjetu.

Jireenyi kun 100% itti gaafatamummaa kee ti, milkaa'ina kee fi kufaatii kee abbummaan qabadhuu hanga wanti tokko hojjechuu jalqabutti hojjechuu kee itti fufi.Yeroo hundumaa karaa argachuu yoo dadhabde sababa ni argatta, garuu hammam qorumsaa fi cimaa ta'us gonkumaa hin fudhatin.  Yeroo hunda fagoodha, argachuun sirratti hundaa'a.

Sababni yeroo hunda siif jiraata, carraan hin jiraatu, waan fedhe haa ta'u, seenaan guutuun tokkuma, kan komatamu si qofa.
Har'a murteessii waadaa gali, sababa hin fudhatin, hanga hojjetutti hojjechuu itti fufi.

Join πŸ‘‡πŸ‘‘πŸ‘‘
@Oromotoo
@Oromotoo
#Amma_Jalqabi!

Akka gaariitti hojjechuuf hin yaadda'in.  Callisiituma hojjechuu eegali.

Kitaaba gatii guddaa baaasu barreessuudhaaf hin yaadda'in, barreessuu qofa eegali.  Mo'ataa Grammy Award ta'uuf hin yaadda'in, muuziqaa qofa hojjedhu.  Kufaatii hin yaadda'in, mul'achuu fi yaaluu qofa itti fufi.  Tokkoffaa, wanti barbaachisaa taΚΌe, wanta gochuu barbaadde raawwachuu kee ti.  Sana booda dogoggora kee irraa barachuudhaan yeroo darbaa deemuun bakka barbaadde gahuu dandeessa.

Dhugaan jiru garuu wanti ati hojjettu ajaa'ibaa fi addunyaa jijjiiru ta'uu fi dhiisuu isaa yoo yaaddofte milkaa'ina guddaa hin argattu.  Wantoota kana kan argattu yeroo salphaatti waan hiika qabuu fi hiika qabu ofii keetii uumuuf of hayyamtudha.

Kanaaf mudaa kan hin qabne taΚΌuu mannaa guddina irratti xiyyeeffadhu.  Waan tokko haala gaariin hojjechuu mannaa, hojii sana hojjechuu irratti xiyyeeffadhu.  Sana booda hojii sana akka barbaaddetti gulaaluu, ijaaruu, fooyyessuu fi guddisuu dandeessa.

Gaara yaaddoo kee ofirraa baasuu qofa irraa jalqabi.  Hiriyaa koo mee ammuma jalqabi!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
     
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€ ✊)
"Jireenya kee keessatti nyaata akka qorichaatti sirnaan fayyadami; yoo akkas gochuu diddee umuriikee guutuu qoricha akka nyaataatti fayyadamaa jiraatta." #SteveJobs


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
   
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€ ✊)
#DUBBIIWWAN_ABRAHAAM_LIINKAAN_GURGUDDOO !
~
1) Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
2) Hiriyyaan koo nama hundumaarra naaf caalu, Nama kitaaba ani hin dubbisne naaf kennedha.
3) Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
4) Waan feete ta'i; garuu itti cimi.
5) Akaakayyuunkoo eenyu akka ta'e hin beeku; ilmi ilma isaa eenyu ta'uuf, ta'uuf akka jirutu na dhiba.
6) Michuun kee nama diina ati qabdu qabuudha.
7) Waan har'a hojjechuu qabdu kamuu boriif hin kaa'iin.
8) Nagaa yoo feete beekamtummaa irraa of fageessi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
πŸ–€ ​​Suuta jettee du'uu jalqabda
yoo hin imalle, .
yoo hin dubbisne, .
Sagalee jireenyaa yoo hin dhaggeeffanne .
Yoo of hin dinqisiifanne.

πŸ–€ ​​Suuta jettee du'uu jalqabda

Yeroo ofitti amanamummaa kee ajjeeste;
Yeroo namoonni kaan akka si gargaaran hin hayyamne.

πŸ–€Suuta jettee du'uu jalqabda

Yoo garba amala keetii taatee Guyyaa guyyaan daandii tokko irra deemte...
Yoo hojii idilee kee hin jijjiirre ta’e, .
Yoo halluu adda addaa hin uffanne Ykn warra hin beekne waliin hin dubbanne.

Suuta jettee du'uu jalqabda
Yoo fedhii Fi miira kee isa jeeqamaa ta'ee sitti dhaga'amuu irraa fagaatte;Kanneen ija kee akka calaqqisu Fi onneen kee saffisaan akka dha'atu godhan irraa fagaatte .

πŸ–€ ​​Suuta jettee du'uu jalqabda

Hojii keetti, ykn jaalala keetiin yeroo hin quufne jireenya kee yoo hin jijjiirre, .
Yoo waan hin mirkanoofneef nageenya qabdu risk fudhachuu baatte, .
Abjuu duukaa yoo hin deemne, ...

━━━━━━━━━━━
πŸ–‹οΈ@Oromotoo
@Oromotoo
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€)
Baga Bara Haaraan isin ga’e.

Bara haaraa , bara haaromaa, bara milkii isiniif haa ta’u!



@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
BARRI 2🌻17 KUN:
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌻 Kan Gammachuu!
🌻 Kan Milkaa'inaa!
🌻 Kan Badhaadhinaa!
🌻 Kan Jaalalaa!
🌻 Kan Tokkummaa!
🌻 Kan Guddinaa!
🌻 Kan Haaromsaa!!
   🌺 Isiniif!
   🌺 Maatii keessaniif!
   🌺 Ollaa keessaniif!
   🌺 Hiriyyoota Keessaniif!
   🌺 Biyya KEENYAAF!

πŸŽ„Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu!

πŸŽ„Bara itti bakka yaaddan geessan.

πŸŽ„Bara itti hojjettanii milkooftan!

πŸŽ„ Bara itti firii keessanitti gammaddan!

🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻
Yoo jennu hawwii guddaa dhaan!


@Oromotoo
@Oromotoo
Linki kana start godha Yaala dhugaadha.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡


https://www.tg-me.com/catizenbot/gameapp?startapp=rp_20669698

πŸ’°Catizen: Unleash, Play, Earn - Where Every Game Leads to an Airdrop Adventure!
🎁Let's play-to-earn airdrop right now!
2024/09/21 01:26:37
Back to Top
HTML Embed Code: