Telegram Web Link
Walgahii Idilee marsaa 3ffaa mana marii dhimmoota islaamummaa Godina Arsiifii magaalaa Asallaa onk 21-22/2/2013 asallitti geggeefamaa jira

Walgahii kanarratti ulamaa'ootaa fi Anga'oonni mootummaatis argamanii jiran
👉 Yeroo muraasa keessatti Jama'aa hundaa'e fi guddina ajaa'ibaa argisiise JAMA'AAN TORBAN DIIDA'AA walgahii kanarratti shoora gudda bahatuu waan danda'uuf walgahii kanarratti akka hirmaatuf waamichi godhameef kanumarraa ka'uudhaan jama'ichi bakka bu'aa isaa Yaassin Baahmud akka irratti hirmaatu godhee jira
@Qabsahaa
#Rakkina_Nageenyaa
#Makka

#الحرم_المكي

Naamni Eenyumaan isa Hin beekkamne tokko #Masjidal_Haram (Makka) Koonkolaatan erga karra cabsee Senee bodaan Toohannaa Poolisoota jala Olee jira.

Mu'umintoonni masjida keessa jiran sababa rakkina muudateen miidhame tokkollee akka hin jirre himame.

سيارة مسرعة تقتحم الفناء الخارجي للمسجد الحرام في مكة المكرمة واصطدمت بإحدى بواباته

Maddi;Aljaziiraab.

@Qabsahaa
#Turkii
#تركيا

➛Turkiin #Izmiiritti sababa kirkira lafaa mudateen namoonni hanga ammaatti du'an 37 yoo ta'an kan madaa’an garuu 885 gahanii jiru.
@Qabsahaa
Bilxiginnaan ummanni Ganda tokkichaatuu hundi bahuufii dinnaan milishoota Ganda gandarraa qarshii kafalaniifii horii bitanii harka kayudhaan Ganda 32 lamarraa Aanaa roobee istaadiyoomii magaalaa Roobee irrattii walitti qabattee
Walgahiin kamisa 4_3_2013 pp akka Aanaa Roobee diida'aatti waamtee osoo murannii jaraa hin guutaminiif ummanni jarri dirqiidhan doorsisanii yaasan faallaa jaraa tahuudhan osoo sagantaan hin goolabamin addaan gale
JBMAN🌙:
Fayyaan ijaa Obbo Baqqalaa Garbaa haala hamaa keessa jiraachu #DOPP fi namoonni isaan gaafatuuf achi turan himaa jiru .
Yaa saba Oro koo wanta raawwachuu dandeennu kamuu gootota keennaf haa raawwannuu.
@bimilla
Paarlaamaan Itoophiyaa hogganoota TPLF irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee Onkololessa 12 bara 2020 gaggeesseen, hooggantoota ABBUT 39 irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el dabalatee miseensotaa fi hogganoota TPLF 39 irraa mirga himatamuu dhabuu mulqe.

@bbcAfaanOromoo ..
=
Dhaddacha!

Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Gabramadiin Fiqaaduu dabalatee yakka biyya ganuu fi heera mootummaa diiguu yaaluun kan shakkaman hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa mana murtiitti dhiyaataniiru.

Mana murtiitti kan dhiyaatan Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Gabramadiin Fiqaaduu, Ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa Meejar Jenaraal Yirdaw Gabramadiin, Hogganaa Misooma Humna Namaa Ajaja Kibbaa Birgaadeer jenaraal Gabrayohaannis Saarsiniyoos, Hogganaan Damee Odeeffannoo ajaja Kibbaa Birgaadeer jenaraal Insuu Iphaajoo Rashoon dabalatee yakka biyya ganuu fi heera mootummaa diiguu yaaluun kan shakkaman hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa mana murtiitti dhiyaataniiru.

Poolisiin Federaalaa shakkamtoonni kunneen imaanaa mootummaa fi ummata itti laatame cinaatti dhiisuun garee badii teessoo isaa naannoo Tigraay taasiserra ergama fudhachuun raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaatti gaafaa Onkololeessa 24, 2013 raadiyoon qunnamtii akka adda citu taasiisaniiru jedhuun ibseera.

Kanaanis raayyaan ittisa biyyaa akka wal hin qunnamne, walitti hin makamne, waraanicharraa balaan du’aa, miidhaan qaamaa akka qaqqabuu fi meeshaaleen waraanaa akka saamamu taasiisaniiru jechuun Poolisiin dhaddachaaf ibseera.

Manni Murtichaas yakki raawwatame ulfaataa fi nageenya biyyaarratti miidhaa guddaa geessisuu danda’uudha jechuun Poolisiif guyyaa qorannoo 14 eeyyameera.

Maddi: FBC
Mootummaan Naannoo Tigraay waraana mootummaa bilxiginnaa 10000 Kuma kudhan irratti tarkaanfii fudhachuu himeejira
#BREAKING

Gazixeesaa BBC Mowlid haji abdi akka ibsetti yeroo muraasa dura halkan sa'aa 3:00tti #Ertiraan magala asmaratti misaa'ila sadihiin dhahamuun gabaafame, qaamonni mootumma hanga ammatti wanti jedhan hin jiru,

የቢቢሲው ጋዜጠኛ ሞውሊድ ሃጂ አብዲ ኤርትራ አስመራ ከተማ ምሽቱን በ3 ሚሳኤል መመታቷን ገልጿል።

@DoubleM2M
   Seenaa mooti islaama khan jaarraa 21ffaa.
                ))))::E::R::D::O::G::A::N::((((
                        Kutaa 1ffaa
Barreeysan:-Nesredin Abdi(Ibnu Islam)

Maqaan isa guutun Rajab Tayib Ahmad Erdogan ja'ama.
February 26,1954 ti magaalaa Istanbul ganda kasimpas ti maatii hiyyessa irra dhalate.

Joolluma isaa magaalaa Riza tan abbaan isaa waardiya galaana tureetti dabarsuus yeroo umriin isa 13 gahuti maatiin isaa wajjin gara stanbul deebi'e achitti barnoota isaa jalqabe.

Barnoota sadarkaa tokkoffa Kasimpasa Piyala Primary
Schoolti barate waggaa muraasa booda m/b dhunfaa Imaam Hatip islamic School seene barumsa isaa itti fufe.

yeroo mana barnoota imaam Hatip barachaa tureetti maatiin isaa harka qalleyyi waan tahanif baasi mana barumsaaf rakkataa ture. Sababa khanaan Yeroo banoota isaatin alaatti kharaa(daandii)  magaala stanbul irrati bahe wantoota akka khudra faa gurguree baasi m/b of irra khafalaa ture.

M/b imaam Hatip khanatti barnoota akkaadaamii dabalate qur'aana Rabbi, siiraa rasulaa (S. A. W)  fi afaan araba faa haalan baratee ture. Yeroo m/b khana tureetti barnootatti jabaa tahu isaa irran khan kha'e diinqisiifattoota saa biratti maqaa qoosaa barsiisa islaama ja'amu argate jira. 

Bara 1969 tti M/b sad. 2ffaa fi qopha'iina m/b Religious vocational High school ja'amu seene bara 1974 tti xumuruun Marmara Universitytti Business Administration qu'achu jalqabe.

Yeroo khanaas gareelee gargara kheeysatti hirmaacha ture san kheeysa garee National Turkish Students’ Association kheeysati miseensa hanga itti aanaa pirisdaanti tahun Hangaa waltajilee idil-adunyaa irrati hirmaachun tajaajile jira.

Rajab Tayib Erdogan gara siiyaasa dhufuu Isaan dura  garee kubbaa miilaa kasimpas sport club tabachaa ture.
Yeroo kanas gahumsa cimaa waan qabuuf gareewwan kubbaa miila akka Fenerbahçe faadhan barbaadamuus abban isaa garichatti akka hin dabalamne dhorke.

Erdogan bara 1978ti Emine Gülbaran fuudhe. Isii irrahis dhiira lama Ahmet Burak, Necmettin Bilal fi shammarran lama Esra, Sümeyye argate.
 
1979ti yuuniversiiti xummurun gara hojii siiyaasa isa tan jalqaba hogganqa parti Islamist National Salvation Party (MSP) khan dargaggoota tahun jalqabe.
Bara 1980 fonqolcha mootumma biyyatiitti gaggeyfame booda gara parti Islamist Welfare Party dhufun 1984tti aanaa Beyoğluti bulchaa tahe filame.
1985ti ol guddachun magaala stanbulti bulchaa godina tahe shuumame.

Bara 1991ti Bakka bu'aa tahun parlamaa kheysatti filamuus manni murtii biyyattii sababa Amantaan Bakka bu'ummaa isaa dhorke. 1994tti kaantiba magalaa stanbul tahun filame yeroo kanatti magaalattiin rakkowwan akka daandii, hanqina bishaan dhugaati, faalama qilleensa, fi qushaasha magaala kheeysa guutu ture. sababa iddoo qushaasha itti naqan dhabuu irra kan ka'een dararama turte.

Hangaa turti isaa wagga 4tti rakkowwan kana hunda furuun magaala sadarkaa adunyaatti dorgoomtu taasiise
Sabaaba kanaanis badhasoota gara gara sadarkaa addunyaati fi bekkamti adda addaa argate. Bara 1998 hidhan ji'a 10 itti murta'uun angoo irra arihamuun hidhaatti darbamee. 1999ti mana hidhaati bahe bara 2001ti paarti haqumma fi guddina (Justice and Development Party)  ykn AK Abdullah Gül walin hundeeyse. Bara 2002tti sagalee biyyati 1/3 injifatanii Abdullah Gül muummee ministeraa biyyati tahe yeroo muraasa boodas presdanti tahuun shumame erdogaanis carraa kana gara muummee ministeraa biyyatiti dhufe.

Filaannoo bara 2007 gaggeyfamteenis partiin Ak yeroo lammadqaf irra debi'uun yeroo injifaatu Erdoganis yeroo 2ffaaf muummee minsteraa tahun itti fufe.
Filaannoo bara 2011 gaggeyfamteetis yeroo sadaafaf Ak injifate Erdoganis angoo isaa itti fufee.
Bara 2013ti fonqolcha Erdogan irrati gaggeyfammen osoo hin milkaawin hafe.
Filaanno yeroo dhihoo bara 2019tis partin Ak injifachun Pm Erdogan angoo isaa itti fufe.
Kutaa 2ffaan itti fufaa insha allah
@Qabsahaa
"Lammiilee Afriikaa 100,000f carraa hojii uumnee jirra." Baba Erdogan

Media Riyaadul Jannaa
Sadaasa 18/2020

Turkiin biyyoota gargaarsa Afriikaaf arjooman keessaa warra adda-duree taatee
jirti. Turkiin Afriikaa keessatti gargaarsa gara-garaa Inveestimentii dabalatee
Piroojektiwwan hedduu ijaaruun walitti dhufeenya siyaasaa fi diinagdee biyyoota Afriikaa waliin qabdu daran fooyyessuu ishee itti fuftee jirti.
Kanuma hordofuun ibsa ministeerri aadaa fi turizimii Turkii kenneen "Akka idil-addunyaatti Turkiin guddina olaanaa galmeessiteen biyyoota gargaarsa heddumminaan arjooman
keessatti ramadamtee jirti" kan jedhu ibsi ministerichaa "Gargaarsi kunis irra jireessi
isaa biyyoota Afriikaaf arjoomamaa jira" jechuun himanii jiru.
Turkiin waggoota 15n darban kana biyyoota Afriikaaf gargaarsa misoomaa doolaara biiliyoona 2.4 arjoomuun akka idil-
addunyaatti biyyoota gargaarsa ol'aanaa
arjooman keessaa tokko ta'uu ishee Ministeerri kun fuula Tiwitirii isaanii irratti
qoodanii jiru.
Pirezidaantiin Turkii Rajab Xayyib Erdogan ji'a darbe akka ibsanitti Turkiin biyyoota
Afriikaaf Piroojektiiwwan garagaraa doolaara biiliyoona 70 oliin hojjattee
xumuruu ishee himanii jiru, "Piroojektileen kunneen lammiile Afriikaa 100,000 oliif
carraa hojii uumee jira" jechuun Baba Erdogan dubbatee jira.
Baba Erdogan akka jedhetti "tattaaffi addaan hin cinne kanaan sadarkaa daldalaa Turkiin Afriikaa waliin qabdu kan bara 2003 doolaara
biiliyoona 5.4 ture bara 2019 gara doolaara biiliyoona 26.2 'tti ol guddachuu danda'ee
jira" jedhanii jiru.

@Sammaan
Erdogan Ameerikaa Salphise.

Deebii hin eegamne kan M/Turkii Rajab Xayyib Erdogan ministeera haajaa alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoof deebise "Ani si faana wal-arguu hin barbaadu" jedhu dubbii ijoo miidiyaalee
idil-addunyaa tahee jira.

@Qabsahaa
Europe haga Ammaa Seenaa Loltota Duula Masqalaatiin Boonti.

France Haga ammaa 'Luis' 9ffaa dhaa Akka Gootatti Laalti.

England Haga Ammaa 'Richard' Hogganaa Cimaa Gootee Dhalootaaf Himti.

Germanis haga Ammaa 'Fidrik berberosa' dhaan Dhaadatti.

Ameerikaan Haga Arraa 'George Washington' niin boonti.

Habashaam Haga Arraa 'Jaanahoo' (Haylasillaasee), Aatsee Zarayaaquub, Nugus Marraa Takla haymaanootii Fi Minilikiin "Abbaa Kheenya" Jattee Maqaa isaa Ol Fuuti.

Obboleeyyan kheenya (Oromoon kiristiyaanaatis) haga ammaa Onasmoos nasiib, Jootee Tulluu Fi Bakharee Godaanaatiin boonan, Mirga Isaaniiti.

Nuti Kheysaa Immoo Gariin Kheenya Gootota Islaamaa Faarsuu dhiisii, Dura Amantuma teenyatti saalfanna 'Alhamdulillaah' jechuu caalaa 'galata Waaqaa' Yoo janne sabboonaa cimaa taana nutti fakkaata. muslima akka kheenyaatiin 'Assalaamu aleykum' jechuurra 'Akkam bulte' yoo janneen Irra nuuf dhihaata , sababnis nuti Amantiif kutaan walin qoonnu khaa!!

'Horaa bulaa' jannee yoo Haasawa kheenya goolabne faa Sabboonaan sabaa khan akka kheenyatti quuqama qabu inuma Ardiirran jiru if seena.

An Maaliif "Akkam bultan Or Huraa bulaa" Fi Jechoota akkanaa khana jattan jechaa hin jiru. Khanas Ja'aa Rakkoon Qabu. Garuu khanuma Cinatti Waan Yoo jatte Ajrii itti Arkattu, Akkasuma Waan Ati jatte qofaaf Amantii tee Maal Akka Taate ibsu Yoo jatte maal Qabaadha? Gaafiin tiyya.
Fknf 'Alhamdulillaah, Insha Allah, Masha Allah, As we wb' fi Jecha ati jatte qofaaf Namni Muslima Tahuu khee itti si beekhu Yoo fayyadamte maaltu bada.

Komiin Tiyya Jecha Namni kheenya Afaaniin Ja'au Qofan Laallattu,
Ejjannoo, Adeemsaa fi jiruu jireenya khee Cufa kheysatti Waan Amantii tee miidhaa hunda
"Hin Tahu!" jattee Amantii tanarraa Deebisuu Qabdaadha ergaan Tiyya

Haala Amma itti jirtu khanaan Yoo itti fufte immoo, Ammas Zamanni Zulmii sun sumatti deebi'a. Ani yakka dalagii, saba addaan Diigii, Kha Hafes Diri jechaa hin jiru. Jarrinuu Amantii isaaniitiin boonaa jiraa, ati Amantii teetiin boonuu maaltu si dhoorke?
Moo Mirga isaan khophatti qaban khan Ati hin qabneetu jiraa.....????

Cuunfaa Dubbii: Amantii Ati ittiin hin boonin Tana namni nan tahin naaf khabaja jattee eeguun; abjuu Inuma hin dhugoomne.

Suheyb Sheik Amin Ibroo irraa

@Qabsahaa
#Turkey

Turkiin shira biyyoota dhihaatiin irratti xaxamu qolachuuf oomisha meeshaa waraanaa mataa isii gabbifatuutti jirti.

Kan suuraa irratti argitan Kuni jeettii lolaa misaa'ila baatuudha.

Misaa'ila jeettiin tuni baatte irratti lakkoofsa 8/17 jedhutuu barreeffamee jira iccitii lakkoofsa kanaa beektuu

Aayaa suuraa Anfaal boqonnaa 8 keeyyata 17 keessa jirutuu irratti barreeffama.
( ومارميت إذ رميت ولكن الله رمى ) [ANFAAL 8:17]

Yaa Turkii Rabbiin meeshaa isin furguggeessitan hunda akka gaafa lola badrii sanitti ija zaalimtootaa ittiin haa jaamsu.

FaresMuhamed

@Fursaan_Media
Tarkiin namoota bara 2016 Erdogan fonqolchuuf yaalan umrii guutuun adabde.

Manni Murtii Tarkii qondaaltota waraanaa fi kaan 337 kanneen yaalii fonqolcha mootummaa bara 2016 keessaa harka qaban irratti hidhaa umrii guutuu dabarse.

Ajajoonni humna qilleensaa fi lafoo, qondaaltota 500 Pirezidaanti Tayyib Erdogaan aangoorraa fonqolchuuf yaalan keessaati.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more==
@Qabsahaa
Ulamaa'ii tokko tokko iddoo dhaloota isaanii;

#Fuqahaa'a_Arba'aa

#Abuu_haniifaa=Iraaq/kuufaa.
#أبو_حنيفة : الكوفة | الغزة

#Imaamu_shaafi'ii=Filisxeem(gazzaa)
#الشافعي : غزة | فلسطين.

#Imaamu_Ahmad_binu_hanbal immoo =Iraaq/Baghdad
#أحمد_بن_حنبل : بغداد / العراق

#Imaamu_Maalik_binu_Anas immoo=Madiinaatul_munawwaraa/Harameynii keessatti dhalatan.
#مالك_بن_أنس : المدينة المنورة | بلاد الحرمين

Hunda isaaniituu Rabbiin rahmata isaaniif haa godhu
رَحِمَهُم اللّٰه أجمعين

@Qabsahaa
NuuralHudaa: Isra’eel Falasxiinonni Masjid Al Aqsaatti akka hin salaanne uggurte
Oduu Ammee
عاجل..
Yeroo ammaa Ummanni faransaay magaala #Parisitti hiriira guddaa bahuun Prezdanti biyyatti Emanuel makroon balaaleffachaa jiru,

Magaalattiin ibidda fii Aaraan dukkanooftee jirti, Suuqotaaf hoteelli garagaraa gubachaa jira, Polisni gaasa imimmanii darbatus, ummanni falmii itti fufeera,

Rasuula tuqtee abad nagaan argattu yaa makroon.
Suuraan TV Aljaziiraa

@oromooGNN
Forwarded from Dawaa Qalbii (Sammaan Seman)
Erdogan biyyoota islaamaa Falasxiin akka gargaaran waamicha godha.

Media Riyaadul Jannaa
Sadaasa 28/2020

Pirezidaantiin Turkii Rajab Xayyib Erdogan guyyaa har'aa haasaa dubbii ijoo addunya ta'e taasisanii jiru. Haasaa isaanii kanaan biyyoonni Islaamaa Masjiidal Aqsaa baraaruuf Humna waraanaa tokko hundeessuu akka qaban waamicha taasisanii jiru.
Baba Erdogan akkana jedha "Garaagarummaa keenya lafa kaa'uun dachii kabajamtuu (Masjiidal Aqsaa) weerartoota irraa baraaruuf Raayyaa Ittisaa (Qaasimul Islaam) jedhu wajjiin haa hundeessinu." jechuun waamicha addaa biyyoota Islaamaa hundaaf godhan. @Sammaan
2025/07/14 02:30:33
Back to Top
HTML Embed Code: