Namichi Mana hin qabne dorgommii fiigichaa akka tasaa itti makamuun fiige injifate.
Isaaq Doos Saantoos jedhama. Biraazilitti jiraatan magaalaa Gaaraavaawoo Doo Noortee yoo tahu araadni dhugaatii isaa hammaachuun daandiirra akka jiraatu taasise.
Mana dhabuu'saarraan kan kahe araadni isaa daranuu dabale malee hin hir'isne.
Maarree tibbana, akkuma Amala isaa dhugaa bulee ganama yeroo kahu dunquqquun qabee, dhukkubbiin mataa itti hammaate.
Osoo maal akka godhu dhabee rakkatuu, atileetotni gurmuun fiigan daandii isaarratti dhufan.
Yeroo kana yoon isaan faana fiige mata-dhukkubbiinis na dhiisaa, dunquqquunis narraa deema jedhee waan yaadeef itti makamee fiiguu jalqabe.
Namootni dorgommii kana daawwataa turaniifi daandiirra turan Haalli nama mana dhabeessa kanaa ifuufii baatus dorgommicha osoo addaan hin kutin,atileetota fiigaa jiran dursuu isaan miira ajaa'ibsiiffannaa keessa galuun isa hordofuu eegalan.
Wanti xiyyeeffannaa addunyaa akka argatu fi miidiyaa hawwaasummaa irratti viidiyoon fiigichaa isaa akka gadi lakkifamu taasise fiigichicha irratti hirmaachuu isaa qofa miti.
Isaaq dorgommii kanaaf galmaa'uu baatullee Kiiloo Meetira Saddeet (8) fiigee injifachuun medaaliyaa badhaafamuu isaati malee.
Fiigichi inni mata-dhukkubbii isaa balleessuuf itti makamee, jireenya namticha kanaa jijjiire jechuun gabaafameera.
Namtichi kun akka inni itti fiigu kaameeraa dirooniin kan waraabame yoo tahu ariitiin miilla isaa, haalli uffannaa isaa fi waliigalaan haalli inni keessa jiru miidiyaa hawaasummaarratti gadi lakkifameera.
Af-gaaffii godhameefiin ani dhugaan ture, garuu yeroon tuuta dorgommii sana ilaalu, amma fiigichatti deebi'uuf murteesse,'' jechuun haala ittiin dorgommichatti makame ibseera.
Manni Qopheessaa magaalichaa, Isaaq erga gaafa sanaa daandiirratti osoo sochii qaamaa taasisuufi fiiguu mul'achaa jira jechuun kan ibse yoo tahu, carraan kun jireenya isaa jijjiire jechuun beeksiseera.
Isaaqis dhugaatii dhiisee dorgommiiwwan biroof of qopheessaa jiraachuu miidiyaa hawaasaa dhiyeenya banate irratti qoodeera.
Madda:Odiitii Sentiraaltu
@Qaroopost

❤2
  Phaaphaasiin Roomaa ariitiin Gaazaa daawwachuu qabu- Maadoonaa
Weellistuun beekamtuu Ameerikaa Maadoonaan Phaaphaasiin amantaa Kaatoolikii Roomaa Lii'oo 14ffaa dhimma beela hamaa Gaazaa keessa jiruuf atattamaan fala barbaaduuf Gaazaa daawwachuu qabu jechuun waamicha isaaniif dhiyeessiteetti.
Akkuma Dhimma UK, Gamtaa Awuroopaa, Kaanaadaa fi Awustraaliyaa gidduu seenan dhimmi Gaazaas isaan dhiphisuu qaba jechuun ergaa dabarsite.
Gaazaa dhaquudhaan miidhamni daa'immanii irra gahaa jiru akka sirraa'uuf yaadi abbummaa keessanii murteessaadha, jechuun akka haadhaatti miidiyaa hawaasummaan phaaphaasicha gaafatteetti.
Weellistuun kun hawaasni idil-addunyaa miidhama namoota irra gahaa jiruuf xiyyeeffannoo kennee haala Gaazaa keessatti deemaa jiru akka dhaabsisu ergaa dabarsiteetti.
Maadoonaan wallee isheetiin Rakkoo Gaazaa keessa jiru tuttuqxeetti.
 Jaalalli akka jiraatuufi biyyoota giddu gala bahaa keessatti nagaan akka bu'u Maadoonaan cimsitee gaafatteetti.
Madda: BBC
@QarooPost

  Artist Yosan Getahun lammiilee keenya sababa lolaa rooba ulfaataatiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deggersa midhaan nyaata taasise. 
Haasaa taasiseenis “isin warra gootaraa dilbiiti. Warra kuma horee of irra darbee warra magaalaa jiraachisaa turedha. Rakkoon isin mudate rakkoo uumamaa waan ta'eef nutis isin waliin jirraa qomoon keessan bal'aanis isiniif birmataa jabaadhaa” jechuun hawaasichatti hamilee horeera.
Itti dabaluudhanis Deeggarsa taasifame keessaa Abbaan qabeenyaa Yaadataa Junaddiin gahee guddaa akka qabanii fi uummatichaan jajjabaadha isin waliin jirra akka jedhan Artiisti Yoosan Geetahun hawaasichatti himee jira. Hiriyoottan isaa naannawaa Sabbataa, Furii fi Jamoo deeggarsicha irratti hirmaatanis galateeffatee jira.

“Furmaanni dhibdeewwan siyaasa Itoophiyaa aadaa siyaasaa ilaaf ilaamee dagaagsuufi waaressuudha” obbo Hayiluu Addunyaa
Gumiin Balal marsaa 44ffaan mata duree "Dhibdeewwan Siyaasa Itoophiyaa kaleessaa hanga har’aatti" jedhuun qophaa’e haayyoota Yuunivarsiitiifi Dhaabbilee garaa garaa hirmaachisuun geggeeffamaa jira.
Gumicharratti argamuun haasawaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa Itoophiyaan biyya sirna Mootummaa garaagaraa keessummeessaafi dhawataan ijaaramaa dhufte ta'uu kaasuun, biyya birmadummaan ishee wareegama qaalii ilmaan ishee kaffalaniin kabajame, biyya sabdaneettii, uummata walooma beekuufi kabaju, waloonis biyya ijaaru, duudhaa gabbataa horata nagaa waaressuuf tolu qabdu ta’uu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, imala ijaarsa sirnaa keessatti duudhaa mandhalee kana sirneessuu dhabuu irraa kan ka’e dhibdeewwan siyaasaa akka dhalatuufi babal’atu taasisuu himuun, madaalli eenyummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa karaa walfaallessuun hojiirra oolaa dhufuu isaatiin seeneffamoonni qeenxee dhugaa sabootaafi biyyaa moggeessan olaantummaa argachaa, dhibdeen garaagarummaa ilaalcha siyaasaa fayyaalessummaa hin qabnes bu’uura qabachaa dhufuun biyya gaaga’ama hin malleef kan saaxile ta’uu dubbataniiru.
 
Aadaan siyaasaa Itoophiyaa maraammartoo keessa seene kunis mariyachuurra atakaaroo, ijaarsaarra diigumsa, waloomarra qeenxummaa olaantummaa gonfachiisuun nagaafi tasgabbiin ijibbaatamuu himuun, Biyya irraafi jalli ishee hundaan badhaate bakka ga’uu qabdurraa hankaaksuun sarara hiyyummaa gad akka jiraattuufis dirqamsiisuu obbo Hayiluun kaasaniiru.
Miidiyaan dijiitaalaa babal’achuufi dhiibbaan gama sirna giloobaalaayizeeshiniin lafa qabachaa dhufes qormaatawwan dhibdee siyaasaa babal’isaa jiran ta’uu kan eeran obbo Hayiluun hayyootni ilaafi ilaameen biyya yoo hin utubne, jaalalli biyyaa yoo hin dagaagne, lammileen sirnaafi biyya isaaniif dursa yoo hin laanne waliigalteefi araara biyyaalessaa eegalamerratti dhiibbaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Kanaafis furmaanni bu’uuraa dhibdeewwan siyaasa Itoophiyaa aadaa siyaasaa ilaaf ilaamee dagaagsuufi waaressuun seenessa waloo ijaaruu irraa kan maddu ta’uu hubachiisuun lammileen dhimmoota walooma gabbisan olkaasuu irratti xiyyeeffachuu qabus jedhaniiru.
Imala kanaan seenaafi seenessa qeenxee maksuun biyya hundaaf taatu, hunda fakkaattuufi hunda tajaajiltu madaala eenyummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessummaa karaa eegeen sirna cimaarratti ijaaruuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuus obbo Hayiluun hubachiisaniiru.
Sagantaa kana irratti waraqaan ka'umsa marii mata duree "Dhibdeewwan Siyaasa Itoophiyaa kaleessaa hanga har’aatti" jedhuun Dr. Biraanuu Leenjisoon dhiyaachaa jira.
Maddi: BKO

❤1
  Maamiltoonni haaraan kuma 501 ol fayyadamoo tajaajila elektirikii ta’an
Bara bajataa 2017tti maamiltoonni haaraan kuma 501 ol fayyadamoo tajaajila elektirikii taasiseera jechuun Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa beeksise.
Tajaajilichi raawwii hojii karoora bara bajataa 2017fi karoorawwan ijoo bara bajataa 2018 irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.
Raawwachiisaa Hojii Olaanaan tajaajilichaa Injiinar Geetuu Garramawu akka ibsanitti, bara bajataa xumurametti maamiltoonni haaraan lakkoofsaan hedduu seenaa keessatti galmaa’ee hinbeekne qaban fayyadamoo tajaajila elektirikii ta’aniiru.
Maamiltoonni galmaa’anii waggootaaf eegaa turan kuma 501fi 588 tajaajila ibsaarraa fayyadamoo ta’aniiru. 148 giriidiirraa; torba oofgiriidiirraa, walumaagalatti gandoonni baadiyyaa 155 fayyadamtoo humna ibsaa ta’aniiru.
Maamiltoota bara bajataa darbee dabalatee lakkoofsi maamiltoota dhaabbatichaa waliigalaa miliyoona 5.21 caaluu dubbataniiru.

#Ameerikaa #Raashiyaa
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraampii fi Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin guyyaa har'aa wal arguuf jiru.
Walgahiin pireezdaantota lamaanii yuunayitid Isteet Alaaskaa Ankooreej keessatti akka ta'ee fi kaayyoon isaa waraana Yukreen keessa jiru dhaabuuf akka ta'e ibsameera.
Haa ta'u malee waliigalteen waraana dhaabuu ni mallatteeffama kan jedhu addaan hi baane.
Sodaa nageenyaa fi dhiphinna yeroo irraa kan ka'e wal gahiin Doonald Tiraampii fi Vilaadmiir Puutin Kaampii waraana Ameerikaa keessatti adeemsifama. Mariin kunis, Tiraamp Raashiyaadhaaf yeroo dhumaaf gaafii walii galtee dhukaasa dhaabuu erga dabarsanii torbee tokko booda kan dhufeedha.
Tiraamp mariin kun bifa gaariin kan adeemu yoo ta'e, osoo hin turin Pireezidaantii Yukreen Zaalaniskii waliin wal gahii mootummoota sadeeni taasisu akka danda'an eeraniiru.
Haa ta'u malee, Yuukreen marii kanatti afeeramuu dhabuu isheetiin aariidhaan deebii kennitee jirti. Akka ibsa isheetti ''Waliigalteen nagaa nuun ala taasifamu kamiiyyuu, Putiniif moo'uu dha" jedhaniiru.
Walumaagalatti, Walgahiin Alaaskaa marii nagaatiif carraa banuu danda'us, walgahichi fuulduree waraana Yukreenii fi Madaalli humna Addunyaa irratti dhiibbaa akka godhu himameera.

Albamni  Leencoo Guddinaa Haaraan ''Hibboo?'' jedhu Eebbifamuufi.
Albamni haaraa weellisaa Leencoo Guddinaa "Hibboo?" Jedhu Eebbifamuuf ta'u Koreen Eebbaa ibseera.
Albamni kun Hagayya 25 bara 2017 akka Eebbifamuus ibsame.
Artist Leencoo Guddinaa kana dura walleewwan Afaan Oromoo qeenxee sadii jaallattoota isaa biraan gaheera .
Albamni kun walleewwan 14 kan qabate yoo ta'u walaloofi yeedaloon artiistoonni Oromoo hedduu irratti hirmaataniiru .
Albama kana hojjatee xumuruuf Waggaa lamaa ol kan fixe yoo ta'u birrin miil. 6 baasii ta'uu himame.
Albamni kun Magaalaa Finfinnee Hoteela 'Skylight'tti Hagayya 25 sa'aatii 8:00 irraa eegale ni eebbifama .
Jaallattonni Artii Oromoo sagantaa kana irratti akka hirmaatan koreen Eebba Albama kanaa dhaameera.
Iyerusaaleem Shimallis

  Qaroo Post
Photo
US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde. 
Ameerikaan viizaa namoota Gaazaa irraa garas imalaniif kennaa turte kennuu dhaabuu ibsite.
Jaarmiyaan dhimmi kun ilaallatu viizaa kennuun yeroof kan dhaabateef ''adeemsa jiru sirriitti qorachuuf akka ta'ee fi qajeeltoo yeroo ammaa tajaajila fayyaa xixiqqoo kennuuf jecha viizaan kennamu hubachuuf akka ta'e,'' X irratti ibse.
Murtee Ameerikaa kana gareen mirga namoomaa Filisxeemiif falman balaaleffataniiru.
Jaarmiyaan qarqaarsa daa'immanii Filisxeem- Palestine Children's Relief Fund jedhamu tarkaanfiin kun ''daa'imman Gaazaatti miidhaman gara US geessuun tajaajila fayyaa argatanii lubbuunsaanii akka baraaramu gochuu irratti miidhaa guddaa qaba,'' jedhe.
Ameerikaan dhimma viizaa jiraattota Gaazaa irratti jijjiirama imaammataa kan ibsite erga rogeettiin warra sirna duriitti cichanii (far right) dhimma viizaa kana irratti qeeqa jajjabaa irra deddeebiin X irratti barreessiteeti.
Viizaa namoota Gaazaa irraa imalaniif kennamu yeroof dhaabuutti Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo galateeffatte.
Jaarmiyaan qarqaarsa daa'immanii -Palestinian Children's Relief Fund sagantaa tajaajila fayyaa biyya alaan bara 2024 keessa daa'imman 169 Gaazaa keessaa baasuu ibse.
Daa'immaan tajaajila fayyaa barbaadan kunneen gara Baha Jiddugaleessaa, Awurooppaa, Afrikaa Kibbaa fi Ameerikaatti geessuu ibse jaarmiyaan kun.
Jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa dhiheessan erga Israa'el ji'a Bitootessaa keessa gargaarsa gara Gaazaa seenutti daandii cuftee nyaata ga'aa jiraattotaaf dhiheessuun hin danda'amne jedhu.
Tarkaanfiin Israa'el kun jaarmiyaaleen miti-mootummaa jiraattota Gaazaa beelaan dhumaa jiraniif dhaqqabuun akka hin baraarre taasise jedhan.
Mootummaan Israa'el ammoo gargaarsa namoomaatti karaa kan cufeef akka Hamaas nyaata hin fudhanneef jedhe.
Garuu nyaata dhabuun du'aa kan jiran daa'imman Gaazaati.
Jaarmiyaaleen gargaarsaa deeggarsa UN qaban hedduun, gareen mirga dhala namaaf falman fi gaazexeessitoonni Gaazaa keessatti beelaan uummanni dhumaa jira jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Xummura Adoolessa darbee kanatti miidiyaaleen idiladdunyaa kanneen akka AFP, AP fi Rooyitars Gaazaa keessatti gaazexeessitoonni beelaan dhumaa jiraachuu ilaachisuun wayita ibsan BBCn itti dabalamee ture.
''Ji'oota hedduuf gaazexeessitoonni waa hundarraa bilisa ta'an kunneen waan qabatamaan Gaazaa keessa jiru ijaa fi gurra addunyaan ga'aa turan.
Amma isaanis akkuma namoota waa'eesaanii gabaasaa turaniitti dararaa argaa jiru,'' jedhan miidiyaaleen kunneen.
Adoolessa darbe keessa Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp ''beelli inni sirriin Gaazaa keessa jira,'' jedhanii turan.
Haata'u malee ammas qondaala ijoollee Gaazaa beelessuun himataman Beenjaamiin Neetaaniyaahuu faana hiriiranii jiru.

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesse
Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteesseera.
Koomishiniin Siiviil Sarvisii Federaalaa ibsa baaseen, mootummaan haala jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii dandeettiin biyyaa eeyyamu fudhachaa jiraachuu ibseera.
Haaluma Kanaan mootummaan hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteessuu beeksiseera.
Fooyya’iinsa Kanaan miindaan hojjetoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 4 fi 760 irraa gara Birrii kuma 6’tti akka guddatu ibsameera.
Miindaan hojjettoota mootummaa inni olaanaan ammoo Birrii kuma 21 fi 492 irraa gara Birrii kuma 39’tti kan guddatu ta’uun eerameera.
Miindaan ka’umsa eebbifamtoota digirii jalqabaa Birrii kuma 6 fi 940 irraa gara Birrii kuma 11 fi 500’tti fooyya’a jedhameera.
Miindaan hojjettoota mootummaa siiviil sarvisiin ala dameewwan garaagaraa keessatti bobba’anis kan fooyya’u ta’uu komishinichi beeksiseera.
Fooyya’iinsi daballii miindaa kun baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol gaafachuu kan ibse komishinichi, baasii mootummaa waliigala waggaatti miindaaf bahu Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 60’n gahuu hubachiiseera.

Fiilmii guyyaa tokko qofa keessatti galii doolaara Miiliyoona 157 ol argate
https://vm.tiktok.com/ZMAAaADE1/
  
  https://vm.tiktok.com/ZMAAaADE1/
TikTok
  
  TikTok · kaachuu
  487 likes, 30 comments. “4”
  Fiilmii warreen jaalattan jirtuu? Fiilmota kanneen keessaa kamfaa ilaaltaniittu?
https://vm.tiktok.com/ZMAfcwBvn/
  
  https://vm.tiktok.com/ZMAfcwBvn/
TikTok
  
  TikTok · kaachuu
  172 likes, 15 comments. “#Fiilmii #Kaachuu ”
  Dhiimmoota Fiilmiin wal qabatan Yuutuubii kana irraa argattu.
https://youtu.be/71a97weD8FA?si=xZIYelaIA3n52vDA
  
YouTube
  
  Kurnan Torbee - Fiilmii Afaan Oromoo Yuutuubiin si’a baayyee daawwataman | Most viewed Oromo Films
  #FiilmiiAfaanOromoo #Aartii #Oromoo
Kurnan Torbee sagantaa Yuutuubii torbee torbeen Yuutuubii Kaachuu Tube irratti lakkifamu yemmuu ta’u, Dhimmoota aartiin wal qabatan keessaa filannee wantoota kudhan sadarkaan kan siniif dhiyeessinudha. Sagantaa keenya kana…

  Kurnan Torbee
Jaalattoota Fiilmii akkasumas jaalattoota aartii maraaf bakka itti irraa beekumsa corattan kanatti goraa. Maatii ta’aa.
https://youtu.be/IbPwCfNG-ko?si=WXfi4JLXbNNDokUA
  
  Kurnan Torbee - Top Ten Worldwide richest Actors
  #FiilmiiAfaanOromoo #Aartii #Oromoo
Kurnan Torbee sagantaa Yuutuubii torbee torbeen Yuutuubii Kaachuu Tube irratti lakkifamu yemmuu ta’u, Dhimmoota aartiin wal qabatan keessaa filannee wantoota kudhan sadarkaan kan siniif dhiyeessinudha. Sagantaa keenya kana…
  Kurnan Torbee sagantaa Yuutuubii torbee torbeen Yuutuubii Kaachuu Tube irratti lakkifamu yemmuu ta’u, Dhimmoota aartiin wal qabatan keessaa filannee wantoota kudhan sadarkaan kan siniif dhiyeessinudha. Sagantaa keenya kana…
Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa Eessuman Ture jedhu kanatti dhiyaadhaa.
https://youtu.be/HqulmEeswxw?si=REawP_NpawgtvsFx
  
  https://youtu.be/HqulmEeswxw?si=REawP_NpawgtvsFx
YouTube
  
  Eessuman Ture? Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa 2025
  #Fiilmii #AfaanOromoo #Movies
Fiilmiiewan Afaan Oromoo dabalatee, seenaa fi dhimmoota aartiin wal qabatan chaanala kana irraa sirritti argattu. Maatii keenya ta’uun nu cina dhaabbadhaa. Galatoomaa!

😁1