Telegram Web Link
Live stream finished (59 seconds)
Kufaatiidhaan eegala
Jalqabni milkaa'inaa
"Gufadheera" jettanii
Bakka sana-n taa'inaa!

Hurufa heddummaatti
Jireenyi biyya lafaa
Jabaan kufus ni ka'a
Dadhabaan achitti hafa!

Kaayyoo kamuu qabaadhu
Nama hojjatu yoo taate
Aarsaa male hin geessu
Galma qabattee kaate!

Kanaaf seenaan hayyootaa
Waan baayyee nu barsiisa
Kufanii ka'uu beekuuf~Albert Enistaayintu
Daandii nutti agarsiisa!

Abdii kutachuu dhiisee
Al torba kufee ka'ee
Xurree qaroominaarra
Kutannoo cimaan ga'e!

Fakkeenyati fudhattee
Ittiin galaana ceetu
Thomas Edson laali
Obsaaf kutannoo feetu

Ji'a sadii barate
Mana barumsaa galee
Waan gadadoos rakkinni
Lakkuu isarratti dhale,

Gidiraa biyya lafaa
Obsee garaatti baatee
Balbii har'a ibsannu
Tiriikaa aaddunyaaf laate!

Galmasaa hin hanqifne
Rakkinni isa hudhanii...
Irra deddeebiin yaalee
Yeroo kuma kudhanii,

Obsaan yaadee kalaqee
Dukkana ibsuuf maloota
Gumaacha guddaa kana
Kaa'ee darbe dhalootaa!

Abdii akkan kutanne
Gaafa kutatte abdii
Rakkoon si kuffisuutti
Ofumaaf kuftee cabdi!

Miti gaafa maramtee
Carqiin awwaala buutu
Gaafa hamileen kee du'e
Dhugaan kan ati duutu!

Kanaafuu.....

Karri tokko cufamu
Lamatu siif banama
Hireen abaarin ciiftee
Galgalaafi ganama

Jiruu biyya lafaatu
Qorumsadha obbolee
Hedduunis obsa dhabee
Abdii kutuun okkole!

Bakka kuftee ka'i
Laali bitaaf mirga
Daandiin biraa jira
Siif baadhatee silga,

Ati abdii akkan kunne
Dursii abdii kutadhu
Bakka har'a jirturraa
Fuulduratti butadhu

Kuftee achitti hin hafin
Ol ka'i ni dandeessaa
Hin dhaabbatin tiradhu
Gaaf-tokko galma geessa!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin
👇👇
@SabbooGoonaa
Forwarded from ABDII SABAA
#EthioTelecom

ItiyooTeeleekoomiin barattootaaf kuufama addaa "qayyabannaaf isaan gargaara" jedhe qopheesse.

ItiyooTeeleekoomiin barattoota yuunivarsitiifi Koolleejjiif kuufama addaa qopheessuu beeksise.

Bifuma kanaan :

♦️JI'AAN

🔹Qarshii 34, sagalee daqiiqaa 180 + badhaasa daqiiqaa 90 + ergaa gabaabaa 100

🔹Qarshii 64, sagalee daqiiqaa 360 + badhaasa daqiiqaa 200 + ergaa gabaabaa 150

🔹Qarshii 42, DATA 1GB + badhaasa 512MB + ergaa gabaanaa 100

🔹Qarshii 82, DATA 2GB + badhaasa 1.1GB + ergaa gabaabaa 150

♦️TORBEEN

🔹qarshii 29, DATA 3GB

Barattoonnis waraqaa eenyummeessaa barattoota koolleejjii ykn Yuunivarsitii ta'uu isaanii mullisu qabachuun kara giddu gala gurgurtaa deemuun kuufama kana bitachuu ni danda'u.

Hubachiisa

Badhaasaafi kuufamni Torbee halkan irraa sa'a 6:00-12:00 qofa dalaga

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA
@ABDII_SABAA
Oduu Gaddaa📍

Hayyu duree ABO duraanii kan ta'an Obbo Galaasaa Dilboo dhukkuba tasa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuun dhaga'ame.

Obbo Galaasaa Dilboo qabsaa'ota Oromoo gameeyyii lubbuun jiran ke
Oduu Gaddaa📍
Obbo Galaasaa Dilboo qabsaa'ota Oromoo gameeyyii lubbuun jiran keessaa tokko yoo ta'u, Adda Biliisummaa Oromoo geggeessuutii hanga Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti lolanii lolchiisuutti uummata Oromoof kan qabsa'aan ta'uu, seenaan jireenya isaanii ni agarsiisa.

Bara mootummaa cee'umsaa Itiyoophiyaa adda durummaan hirmaachaa turuufi geggeessummaa ABO of harkaa qabaachaa akka turan kan himamu Obbo Galaasaan, ABO'n erga mootummaa cee'umsaa keessaa dhiibamee ba'ee booda, waggoota 27'f jireenya baqattummaatiin biyya ormaa jiraachaa turaniiru.

Bara 2018 injifannoo Qeerrootiin gara Oromiyaatti kan deebi'an yoo ta'u, Bitootessa 30, 2022 halkan keessaa toora sa'a torbaatti dhibee tasa isaan mudateef, gara mana yaalaa geeffamaa osoo jiranii daandiirratti lubbuun isaani darbeera.

Maatiifi jaalattoota isaanii maraaf jajjabina hawwa.(OMN)

@SabbooGoonaa
Forwarded from FMC Afaan Oromoo
Hawaasa Godina Booranaaf qophii qonna gannaatif sanyii fi callaa guddistuun adda addaa dhiyaachaa jira

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC)- Hawaasa Godina Booranaaf qophii qonna gannaatif sanyii fi callaa guddistuun adda addaa dhiyaachaa jiraachuu ibsameera. Hawaasa Godina Booranaaa qonnaa fi horsiisa horiin jireenya isaanii gaggeessaniif dheerachuu roobaan rakkoo saaxilamaniif qophii qonna gannaaf dhiyeessii sanyii fi callaa guddistuun dhiyaachaa jira. Hawaasni kunneen calla guddiftuu isaaniif dhiyaataa jirutti kan gammadan ta’uu fi…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/hawaasa-godina-booranaaf-qophii-qonna-gannaatif-sanyii-fi-callaa-guddistuun-adda-addaa-dhiyaachaa-jira/
Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala.

Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu ta’uu ibseera.

Soommanni Ramadaanaa bara kanaa guyyaa boruu kan eegalu ta’uu mirkanaa’uu hogganaan sabquunnamtii mana marichaa Usmaan Adam ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa wayita soomu wal deeggaruu fi walgargaaruun ta’uu akka qabu manni marichaa yaadachiiseera.

Keessumaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman yaadachuu akka qaban dhaamaniiru


@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
ℹ️mala karaa Ⓜ️ilkii pinned «Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala. Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala. Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu ta’uu ibseera. Soommanni Ramadaanaa…»
#Qormaata_Bahiinsa_Yuniversitii

Ministeerri barnootaa F.D.R.E, yuunivarsitii Mootummaa irraa barattoonni eebbifaman hundi damee barnootaa ittiin leenji'aniin ga'oo ta'uu isaanii mirkaneessuuf qormaatni ba'iinsaa akka kennamu tattaaffii kanaan dura ta'amaa ture galmaan ga'uuf qophiin taassifamuu isaa marii guyyaa har'aa pirezidaantota Yuunivarsitiilee waliin Yuunivarsitii finfinneetti taassiseen ibse.

Qormaatni ba'iinsaa kun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, beekumsaafi dandeettii eebbifamtootaa sakatta'uuf akkasumas carraa hojii guddisuuf kan ta'udha jedhameera.

Waggoota shanan dhufanitti yuunivarsitiin mootummaa haaraan akka hin jirreefi yuunivarsitiilee jiran dagaagsuu irratti akka hojjetamus Dr. Saamu'eel Kifleen himaniiru.

Barattoonni eebbifamoon qormaata ba'iinsa akka fudhatan, Yuunivarsitii hundatti barattoota eebbifamoof qormaatni ba'iinsaa akka kennamu qophii ga'aan taassifamuu akkasumas qajeelfamni poolisii hojiirraa oolmaa qophaa'uun beeksifameera.

@SabbooGoonaa
Qormaanni bahumsa yunivarsitii lammii dorgomaafi dandeettii qabu uumuuf dandeessisa.

Ministeerri Barnootaa pirezdaantoota dhaabbilee barnoota olaanaa waliin kenniinsa qormaata bahumsaa ilaalchisee qo’annoo gaggeesse.

Qo’annoo kanarratti qormaata bahumsaa ilaalchisee beektoota adda addaatiin barreeffamni qo’annoo dhiyaatee irratti mari’atameera.

Ministir Dee’etaan Ministeera Barnootaa Doktar Saamu’el Kiflee qormanniwwan bahumsaa yunivarsitiiwwanitti kennaman lammii dandeettiifi gahumsisaa mirkanaa’e akkasumas naamusaan guutame uumuuf kan gargaarudha jedhan.

Qormaanni kun bu’ura piroofaayilii eebbifamtootaan, eebbifamtoota gahumsa qabaniifi dorgomaa ta’an adda baasuun humna nama baratee gabaaf dhiyeessuuf kan dandeesisudha jedhan.

Qormaanni bahumsa yunivarsitii kun waggaa dhufurraa eegalee dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti kan kennamuufi kanaafis qophiin haalduree barbaachisaa taasifamaa jiraachuu Doktar Saamu’el himaniiru.


@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
#Namni_Si_Jibbeef_Si_Jibbuu

Namni jibbeef si jibbee
An darbadhee sin gatuu
Hidda na keessa qabdaa
Yoo muranis kan latuu....!
~
Seenaa kan kee jajachuu
Na dhorkuu yaalus biyyuu
Maqaa kan kee lagachuu
Hin danda'u yoomiyyuu...
~
Jecha namaan gowwomee
Ololaaf bakka hin laadhuu
Rakkoon yoo natti cimtes
Si dhiisee qofaan kaadhuu...!
~
Qixxeen kee naaf hin jiruu
Kumniyyuu si naan caaluu
Bakka miidhama kootii
Si qofaa kan naaf yaaluu...!!
~
@SabbooGoonaa ✍️
Join Me 👆👆
​​𝐌𝐚𝐦𝐦𝐚𝐚𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐅𝐢 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐥 𝐊𝐡𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚
①. Loon warraa hin jirree isantii foora hin jirre
②. Ooleen bifa waayelifata
③. Adoo gaafaa boo'u gurraa na muranii jette jedhan Harreen
④. Nami ijoolluma biyyee nyaata biyyaa ofi wallaaluun garaa
nama nyaata
⑤. Nama ila tokko dhabatti dhaabi
Nama niiti tokko dhabatti dhaabi
Nama ilma tokko dhabatti dhaabi
⑥. Wa sadii tasa badde;
Gowwaan dubbii fuudhe yeroo tasa badde
Jannii biyyaa ormaa onnee tasa badde
Gudeedii maseene lubbuu tasa badde
⑦. Khormii utaalchati baroodu baroochuu hin midhaaffatu
⑧. Wa sadii malii bade;
Qaxurreen dorrobde lukkuu malii bade
Abbaan warraa galee qeerroo malii bade
Waraabessii yuuse harree malii bade
⑨. Jibbaallee oolan jabaa duubi jaalalaa jaalataallee oolan
muyoo duubi jibba
①⓪. Deegaa haadha dhaltetti jibba
①①. Waltii qubatan malee Wal hin hubatan
①②. Nami akka waan hojjatee birr qabu Akka waan saamame
qalbii dhabuun qalbii caphuu
①③. Duulaa galaa faarsan malee dhaqa hin faarsan
①④. Warrii duulaan beeka duulii galaan beeka
①⑤. Warrii Akka abbaan warraa jiruu jira
①⑥. Wallaalii nyaapha
Wal dhabii nyaapha
Waraanii nyaapha
Guyo Doyo!
①⑦. Nama galataa hin beenne Harreeti irra jira
①⑧. Nama haaloo hin beenne sareeti irra jira
①⑨. Arbii biyyee oolu fakkaata
②⓪. Gaararraa bifatti Wal dha'a malee yaadii Wal hin dha'u
❷❶. Kokkoblaa haati jannaa hin seetu Janna waan ofii dhaltee
hin seetu
❷❷. Garaachii gurraa hin ga'uu malee gurraa balleesuf
sadarkaa tokkoffaa gubba jira
❷❸. Galatii bade haaloo haaloon badde yareenna
❷❹. Galataan Gati hin jennee achiin Aa afuu hin jennee
❷❺. Gatalata harkaan khennaniin Garaan lsaaban
❷❻. Loon ollaa kheenna cuftii kheenna kheessa kheennati
kheenna
❷❼. Loon kheenna tissan khiyyaa elmatan
❷❽. Anbburroon dhiiraa hin fidduu ambaan dhiiraa hin
gabbiftuu
❷❾. Waraabessii khophee nyaate faanaan hin ejjuu
❸⓿. Warrii dhiiraa cinaachaan dhalchiisa
❸❶. Middiisaa warraa dhiiraa gorfoo itti hin hidhan
❸❷. Daafeen arbaa warseessa galaafatte
❸❸. Haati gororrii dooma
❸❹. Harmaa haadha malee harkii haadha hin gu'u
❸❺. Abbaan ofi hin arguu dhakaan ofi darbu
❸❻. Matoomii mataa malee mataa malee nama oolcha
❸❼. Harree godaanna kheessa badde godaanna kheessa adoo
hin taane arddaa kheessa barbaadan
❸❽. Qoosaa kheessa qoomtuun jirti
❸❾. Khokkoblaa haati jannaa hin seetu Janna waan ofii
dhaltee hin seetu
❹⓿. Addunyaan fixeessa ganamaati
④①. Du'a garaachii harkatti du'a
④②. Afuuraan garachaa taphataa ofi tolchaa
④③. Ollaan akkami bultee beeka akka itti bulee abbaatti beeka
④④. Warrii Badu dibbee badii hin dhagaatu
④⑤. Foon lafaa ciisa allaattiin waaqaa irratti Wal haati
④⑥. Waaqaa abbaa loon Attuun godatti Wal haati
④⑦. ilti Badi geette indidiimatti
④⑧. Ohoo jedhe huqqaa saarite gaafa qoriin bunaan qaarite
④⑨. Ila wa hin argiin jedhee jedhan nami qocaa dheete
⑤⓪. Quphananii fuloo baan beekan
⑤①. Iyyeessaaf qilleensi gad hin taani
⑤②. Huqqoon darbaa haalatti muyoon du'a dhiirsa haalatti
⑤③. Iddanaan badheessa garaachan Wal kheessa
tantoommuun nyaqqeessa nyaaphitiin Wal kheessa
⑤④. Kholaan duufaa na ciisee deegii na duubaa hin ciisu
jedhee jedhan guneessi loon
⑤⑤. Loonii dhara hin mariyatanii fiixa dhara itti hin dubbatan
⑤⑥. Waan argani dhaachan jettee Jedhan Harreen
⑤⑦. Ilti lafaa gartii garaachi dubbii argaa
⑤⑧. Miseensaa tokko foo'u kha tokko hiikuu xummura hin
argani
⑤⑨. Ofi taanuu malee firaa hin taanuu Wal taanuu malee
nama hin taanuu
⑥⓪. Mani Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiruu, Yeroo Sadii
Dhiitame Yeroo Sadeenuu Dhiise
Albert!
❻❶. Ani waan beekuu beeka atilleen waan seetu seeta
Harkii lachuu meeta Akka lachuu beeka
❻❷. Wal ga'ii saree xummurii funaana
❻❸. Khabajaa Harree xummurii dhiiticha
❻❹. Bisaan xuxiin lagaa waraabdee jaldeessi nafaa ittiin
dhiqata
❻❺. Dhoqqee Barii si Dibeef dhooqaa Barii si buuse obsaan
kheessa taakki
❻❻. Nami Nama Dhabe Jirma Nama Se'aa
❻❼. Deemsii soba sobee khophee cira
❻❽. Sirbii soba sobee qalbii miidha
❻❾. Qalbiin daarte miila daarsiti
❼⓿. Ibiddii badda Areeroo gube badda lddii hin hanqatu
❼❶. Siyaasii Nageellee Booranaa Seenaa Jijjiiree, Yaa'a Balloo
godinaa Booranaa bakka(iddoo) Jijjiiruu hin hoolu
❼❷. Bakka oolan irra bakka bulan wayya
❼❸. Siyaasii Sangaa raadaa dhalchiise, turii dhiyaadhiifuu
nama dhakaa irra midhaassu hin oolu
❼❹. Nami deftera siyaasaa harkatti khennani yooyyuu yaadaa
mataa ofi itti hin darin Ofii burjaajaye namallee burjaajesa
Nami khuni Nama Siyaasaa adoo hin taane Qoraasuma
siyaasaati
❼❺. Qonkhaan loon khaarraa faaraa ba'u dhowwee
Qorkeen lagaa gelebleetti bu'aa dhowwee
Qonkhaan warra simate
Qorkeen warra himate
❼❻. Allaattii beelaa martuu beela'aan gulaa mara
❼❼. Simphirree lafa lafaa Afaan Akka akkaa
❼❽. Mataan qalbii hin qabne miila khophee hin qabne caalaa
deemuuf nama rakkisa
❼❾. Nami hama hin qabuu
Ballaan Aanaan raasa
Naafi foon jaji'a
❽⓿. Namii barnoota adoo hin taane dhaloota nama
⑧①. Adoo akkii jecha jiruu akkii jedhan nama dhiba
⑧②. Wallaalumma qabeenni Namaa dhosse irra beekkumsa
iyyumma kheessatti Dhokhate wayyaa
⑧③. Nama khaayoof okkoluu gowwaan naafa seeti
⑧④. Ofi tuuluu Jaldeessa guddinni dabbasaa
⑧⑤. Re'een nami faanaa tiyyaa argee dhangaa tiyyaa hin
kajeeluu Garaa Wal kajeeluu Arrabii hin qajeeluu Jettee Jedhan
⑧⑥. Nyeencaa maan nyaata jennaan liqee jedhe
Maan kaffalta jennaan ennutti na gaafataa jedhee jedhan
⑧⑦. Khitaaba Jaldeessii gaara barresse galtii tarbee Afuuraa
khuta
Dhaxxi khooffee Afuuraa khuta
Galaaf dhaxxi gaargala!
Dubbisuun qalbii nama khuta
⑧⑧. Qaroon Qaroo sobu Galata hin qabu
Qarii Qaraa Hin Muruu
⑧⑨. Ilmeen qajeelumaan dhuftee ofiillee hin dhibamtuu
haadhallee hin dhibduu
⑨⓪. Namii dallee gorse nama dhakaa khosse
⑨①. Dalleen ofi naasuun nama ijjeeftii dalleen biyyaa
khoblaan nama ijjeeftii
⑨②. Namii Caatiin Daalee Xummura Inmaraata
Namii farsoo Daalee Xummura Insalphata
⑨③. Maraataan waan maraatuun qaba
Xummura waan maraatuun suniin du'a
⑨④. Iyyeessi dhiiraa iyyeessa hoolaati
⑨⑤. Dureessi birrii beekaa
Dureessi Wal beekaa
Iyyeessi Dubbii beekaa
Iyyeessa eennutti beekaa?
⑨⑥. Ta jechaa fuutu gurraa hin fuutu
⑨⑦. Lubbuu kharraan bitee kharraa ilmaaniin bite
⑨⑧. Wannii lubbuun taatuu waan cubbuun taatuun Wal
fakkaati
⑨⑨. Antuuti jilaa Qaxurree dhaqee sirbaa Jala qabnaan
warraa keennaa ofi eegata sirbaa jedhee jedhan
①⓪⓪. Fardii Areeroo Bade Ariiriin Baye Lafa itti Deemu Ga'e
Malee Waan Deemeef Hin Geenne
Nagaan Bulaa!
👇👇👇👇👇
👇👇👇👇
👇👇👇
👇👇
👇
@borananews
@borananews
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Ebla 15📍

Guyyaan Gootota Wareegamtoota Oromoo waggaa waggaan Eebla 15 bakka garagaraatti sirnoota garagaraan yaadatamee oola.

Guyyaan yaadannoo gootota Oromoo biyya keessatti ifatti kan kabajame bara 2019 waltajjii istaadiyemii Ambootti qophaa'erratti ture.

'Gootota fi Wareegamtoota' Oromoo Eebla 15 yaadachuuf sababa kan ta'e hooggantoonni olaanoon ABO 10 ta'an, hayyuu duree fi itti aanaan isaanii bara 1980tti gara Somaaliya osoo deemanii bakka Shiniggaa jedhamutti haala sukkanneessaan ajjeefamuudha.

''Eebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee kan moggaaffame bara 1984 koreen giddu-galeessaa ABO Dirree Bahaa ture walgahii godherratti murtii dabarseeni,'' jechuun hayyuu-dureen duraanii Adda Bilisummaa Oromoo dhiyeenya du'aan boqotan Obbo Galaasaa Dilboo himanii turan.

Akeekni murtee kanaas, ''gootota keenya yeroo adda addaatti qabsoo keessatti wareegaman kophatti yaadachuun gahaa waan hin turreef, hunda isaanii bakka tokkotti yaadachuufi" jechuun Obbo Galaasan bara 2019 BBC'tti himan.

@SabbooGoonaa
Forwarded from FMC Afaan Oromoo
Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee Federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’e

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee Federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise. Hanna qormaataa, walirraa waraabuu fi rakkoolee biroo hambisuuf kana booda qormaanni biyyaalessaa manneen barnootaa keessatti osoo hin taane dhaabbilee federaalaa keessatti qofa akka laatamu murtaa’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan ibsaniiru. Waggoottaan shanan dhufan keessa qulqullina…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/qormaanni-biyyaalessaa-dhaabbilee-federaalaa-keessatti-qofa-akka-laatamu-murtaae/
#placement
#Kutaa_12ffaa

Oduu keessoo arganneen ramaddiin yuunivarsitii guyyoota kudhan waan hin caalle gidduutti ni gadi lakkifama.

Gaaffii Miidiyaan @Abdii_Sabaa hojjetaa Biiroo ministeera barnootaa tokkoof dhiheesseen ramaddiin yuunivarsitii torban lamaan kana gidduutti ni ifooma jedheera. "Torban kana ayyaana booda ta'uu ni mala" kan jedhe odeessi keenya kun "akka ifoomuuf murtaa'eera waan ta'eef ayyaanaa asittis yookan ayyaana booda guyyoota lamaan jiran gidduutti ni ifooma" jedheera.

Dabalataan Odeeffannoo dabalataa jiru isiniinan ga'a ammaaf odeeffannoo ani qabu hagasuma jedheera odeessi keenya biiroo ministeera barnootaa irraa nuti haasofsiisne.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA
@ABDII_SABAA
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
📩Yaada📩
@SabbooGoonaabot

📹YOUTUBE📹
https://youtube.com/channel/UC200SmqhWqZtjjKp--uDD2g
Sirna Gadaa 📍

Sirni Gadaa bu'aa qaroomina Saba Oromooti. Ibsituu ammayyummaa, yaada bulchiinsa dimokraasii,ragaa seenaa, jiruufi jireenya Oromooti.

Kana malees, Gadaan uumaafi uumama hundaaf seera qabaachuusaafi akkasumas baroota kuma hedduuf bubbulee hardha gahusaafi bu'uura yaadrimee dimokraasii ammayyaa ta'uus akka hinoolle hayyoota heddudhaan qoratamee xiinxalameera, leellifameeras.

Gadaan Sirna dimokraasii, jiruufi jireenya Saba Oromoo kan muldhisuudha.

Dhaloonni Oromoo umurii isaanii keessatti aangoo bulchiinsa waggaa saddeetiif ykn Gadaa tokkoof fudhachuun kan ittiin Biyyaafi Ummata ofii bulchaniidha,Sirni Gadaa.

Gadaan seeroota duudhaa dimokraasii jabeessaniin kan guutameefi tokkummaa, nageenya waljaalala, guddina, gootummaa,
walabummaa dhala namaa, qaroominaafi Badhaadhinaa kan leellisu mallattoo qaroomina Saba Oromooti.

Sirni Gadaa Oromoo dhaabbilee ykn jaarmiyaalee adda addaatiin sirna gurmaa'edha.

Jaarmiyaalee Sirni Gadaa ittiin gurmaa'e keessaa kanniin ijoon:

Guddifachaa,Moggaasa Sirnoota Araaraafi Irreecha tahuu hayyoonni qorataniiru.

Hardhaaf kanniin keessaa Sirnoota Araaraa kan tahan #Sirni Gumaafi Bokkuun maal akka tahan isiin hubachisuuf yaalla.

Sirna Gadaa keessatti Sirnoonni Araaraa bakka gurguddaa 5’tti adda bahuun ilaalamuu dandahu. Isaanis: Sirna Gumaa, Bokkuu, Kallachaafi Caaccuu, Jaarsummaa fi Siinqeedha.

Akka hayyoonni seenaafi aadaa Oromoo qoratanitti Sirni Gumaafi Bokkuun Maalii?

1.Sirna Gumaa

Jechi Gumaa jedhu jecha Afaan Oromoo yoo tahu,ka’umsi isaa foon horii gosoota namni jalaa du’eefi warra ajjeeseef xixiqqaate guyyaa araraa nyaataaf hiramu yookiin kennamuudha.

Ummata Oromoo biratti lubbuu namaa balleessuu dhiisii, lubbuu bineeladaallee dabarsuun dorkaadha.

Haaluma kanaan ajjeechicha dhiiga gurraachaafi dhiiga diimaa jechuun bakka lamatti qoodu.

1.Dhiiga Gurraacha kan jedhamu ajjeessan haaloo qabatee, jala ciisuun nama kan ajjeesu yoo taheefi erga ajjeese boodas gocha hin taane qaama nama ajjeeserratti kan raawwatu yoo ta’eedha. Gochi akkasi adabbii aadaa cimaa kan hordofsisu taha.

2. Dhiiga Diimaa kan jedhamu ammoo walitti bu’iinsa jireenya guyyaa guyyaa keessatti akka tasa dogongoraan ajjeechaa raawwatamuuf kan murtiin kennamuudha.

Kanneen lameen alatti,ajeechaawwan adda addaa yoo raawwatees, gara lamatti deebisuun beenyaa dhiigaa{Gumaan} ni raawwatama.

2.Bokkuu

Bookuufi Abbaan Bokkuu Oromiyaafi gaggeessitoota Gadaa biratti ulfina guddaa qabu.

Bokkuun yeroo baayyee walitti bu’iinsa Ummata keessatti ka’uufi kan lubbuu namaa balleesse akkasumas duula gosoota Oromoo jidduutti godhamu tasgabeessuuf ykn lola dhaabuuf kan bahamuudha.

Gosoota Oromoo keessatti walitti bu'insi yoo kahe Abbaan Bokkuu adda ofirraa kaa'ee gara iddoo waldiddaan umame dhaquun Bokkuu isaa qabatee jidduu isaanii seenaa.

Kana booda isa tarkaanfatee kan lola kaasu yookiin eeboo darbatu hin jiru.

Kana malees, humni diinaa biyya baleessuuf yoo ka'e, Abbootiin Gadaa gosa isaanii hubannoo dhabuudhaan yoo callisan, Ummanni akka duuluufi ka'ee diina ofirra ittisuuf labsiin kan itti godhamuudha, Sirni Bokkuu.

@SabbooGoonaa
Forwarded from ABDII SABAA
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraaf, Baga ayyaana Faasikaa isin ga'e isiniin jechaa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun har’a galgalaa sa’aatii 9tti Madfiin yeroo 9 kan dhukaafamu ta'a.

Miidiyaan Abdii sabaa Ayyaana gaarii saba isaa maraaf hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA
@ABDII_SABAA
Forwarded from ABDII SABAA
#Ramaddii #kutaa_12ffaa

Ramaddiin barattoota dhaabbilee barnootaa olaanoota olaanoota bara kanaa ifoome

Ministeerri Barnootaa ramaddii barattoota dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamanii ifoomseera.

Qormaata seensa Yuunvarsiitii bara 2013 fudhatanii Yuunvaarsiitii mootummaaf barattoota qabxii darbiinsaa fidaniif ramaddiin taasifameera.

Haaluma kanaan barattoonni guyyaa har’aa irraa eegalee gama marsaritii https://result.ethernet.edu.et, ergaa gabaabaa 9444 akkasumas Teeleegiraamii @moestudentbot ramaddii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Barattoonni ramaddii waliin walqabatee gaaffii qaban kamiyyuu gama marsaritii https://complaint.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu yaadachiiseera.

Yuunvarsiitiiwwan hanga baatii Eebila 24,2014tti qophii barbaachisaa taasisuun sagantaa simannaa barattoota haaraa kan taasisan waan ta’eef barattoonni gamanumaan qophii barbaachisaa akka taasisan dhaameera.

Qabxii seensaa kanaan dura ibsamee fi naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Afaarii fi Beenishaangul Gumuzitti barattoonni dabalataaf rammaddiin kennamuu murtoon darbuun isaa ni yaadatama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA
@ABDII_SABAA

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
@YaadaafQeeqabot

📹YOUTUBE📹
https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa
https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa
2025/07/06 18:05:21
Back to Top
HTML Embed Code: