Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
Mormiin Safaricom Ethiopia irratti gaggeeffamaa jiru maali?
Tibbana kana hojii eegaluf qophiirra kan ture Saafaarikoom Itiyoophiyaa, gama miidiyaa hawaasaatin duulli irratti gaggeeffamaa jira.
Sababni duula kanaas qacarrii fi bakka bu'ummaan haala adda ta'een kan raawwatamu ta'uu isaati.
Keessattuu Ityoophiyaanonni hidda dhaloota Oromoo qaban, dhaabbatichi qacarrii fi bakka bu'ummaa hojjettootaa irratti komii qabna kan jedhan, dhaabbatichi loogii, bifa Itiyoophiyaa fakkaatuun , hunda hammachuu yoo baate, ummanni naannoo Oromiyaa maamila kan hin taanee fi tajaajilichas akka hin fayyadamne duula akka gaggeessan akeekkachiisaniiru.
Dhimmoota komii fi hanqinni hojimaata haqa qabeessa ta’een walqabatan jedhaman keessaa, loogii raabsitoota SIM kaardii fi kaardii moobaayilaa irratti raawwatamu, hojiin oomisha beeksisa maxxansaa loogiidhaan kennama; Qaxarriin taasifamaa jiru dhalattoota Oromiyaa muuxannoo gahaa qaban kan hambisudha. Qondaaltonni sadarkaa dhaabbaticha keessatti ramadaman loogiidhaan ramadamu; Dhaabbatichi naannoo Oromiyaa irratti Afaan Oromoo akka hin fayyadamneef yaalaa tureera jedhu.
Dhimma kana ilaalchisee dhaabbaticharraa kallattiin deebii argachuuf carraaqqiin godhame yeroof hin milkoofne; Haa ta’u malee, dhaabbatichi bakka bu’oota duula kana hooggannaa jiran waliin haasa’uu isaa fuula Feesbuukii isaa irratti beeksiseera.
Saafaarikoom marii kana irratti yaaddoo bakka bu’oota kanaa sirriitti dhaggeeffachuu isaa ibseera. "Jaarmiyaa loogii malee Itiyoophiyaanota hundaa bakka bu'u ijaaraa akka jirru mirkaneessineerraaf," jedheera.
"Yeroo kamittuu mariidhaaf qophiidha" jedhan Saafaarikoom Itiyoophiyaan; "Afaanotaafi aadaa hunda kabajuun Itoophiyaa guutuu tajaajiluuf kutannoo qabna," jechuun beeksisaniiru.
@tikvahethafaanoromoo

video Keenya #Size Xiqqeessuf Oso Qulqulinni Isa Hin Tuqamini || How To Compress My Video With out Reducing Quality
https://youtu.be/IdjH8xvNw_I
https://youtu.be/IdjH8xvNw_I
YouTube
video Keenya Size Xiqqeessuf Oso Qulqulinni Isa Hin Tuqamin||#HowToCompressVideoWithoutReduceQuality
App Buufachuuf As Tuqa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.idea.videocompress
#How #To #Compress #video #whithout #reducing #Quality
video Keenya #Size Xiqqeessuf Oso Qulqulinni Isa Hin Tuqamini || How To Compress My Video With…

Ityoophiyaatti naannoo 12ffaa hundeessuuf murtoon ummataa akka gaggeefamu murtaa’e
Manni Maree Federeeshinii gaaffii naannoo tokko jalatti gurmaa’uu godinaalee 6 fi aanaalee addaa 5 naannoo kibbaa fudhachuun murtoon ummataa akka gaggeeffamu murteesse.
Godinni Walaayittaa, Gaamoo, Goofaa, Oomoo kibbaa, Geede’oo, Koonsoo fi aanaaleen addaa Daraashee, Amaaroo, Burjii, Allee fi Baaskeettoon naannoo tokko ta’uuf gaaffii dhiyaassaniif murtoon ummataa akka gaggeeffamu murtoo dabarseera.
Godinni Hadiyyaa Hoosaa’iinaa, Halaabaa, Kambaataa Xanbaaroo, Guraagee, Silxee fi aanaan addaa Yeem naannoo dura tureen akka itti fufan murteesseera.
Gaaffichi sagalee mormii 5 fi sagaalee caalmaan murtaa’eera.
@SabbooGoonaa

#ExitExam
Qulqullinni barnootaa qormaata kennu qofaan ni mirkanaa'aa?
Bara 2015 irraa eegalee qormaanni bahiinsa akka kennamu beekamaadha.
Qormaata fudhachuu qofaan qulqullina barnootaa fooyyessuu ni danda'amaa? Dhimma kanarratti Ministeerri Barnootaa deebii qaba.
Ministirri Ministeera Barnootaa Dr. Saamu’eel Kiflee (Dr.) Akkana jedhu:-
"Qulqullinni barnootaa qormaata kennuu qofaan waan milkaa'uu fi argamuu danda'uu miti."
Walumagalatti rakkoon guddaan damee barnootaa fi leenjii keessattuu barnootaa keessatti qulqullinna guddaa dhabuu isaati.
Kanaaf wanti eebbifnu hunda yoo ta'u baatelle rakkoo qulqullinaa fi gahumsaa waan qabaniif kana furuun barbaachisaadha.
Kanaafis kan ta'u, sadarkaa hundattu qabxii dhufe mirkaneessuuf hojiin kan hojjatamaa jiru yoo ta’u, inni tokko qormaata bahiinsa waliin kan wal qabatuudha.
Qormaanni bahiinsa kun irra caalaa barattoota digirii jalqabaati, isaan digirii lammaffaa fi kanneen biroo hin ilaallatu. Qormaanni kuni bara 2015 irraa eegala.

Bilbila Keessani Midhaagsuufi yo Barbaaddani Appiin Dirqama Isan Barbaachisa | Control Center style
https://youtu.be/umwM3uFBJQ8

Telegram ko:- https://www.tg-me.com/SabbooGoonaa
Facebook:-https://www.facebook.com/Sabogonatube
#JOIN_MY_CHANNEL_ON
➖➖➖➖➖
▶#YUOTUBE:-https://www.youtube.com/channel/UC200SmqhWqZtjjKp--uDD2g
➖ ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
▶#FACEBOOK:-https://www.facebook.com/Sabboo…

Forwarded from Personal Development
Intala Warra Jappaan Oromummaan Booji'amte
Dr Lookoo Duubaa jedhamti. Maqaan maatiin isaanii moggaasaniifi garuu Chikage Oba-Smadit jedhamti. Lookoo Duubaa kan moggaaseefi ammoo Oromoo Booranati. Lammii Jaappaaniiti. Jaappan irraa dhuftee Gadaa Oromoo jaalattee baaddiyaatti galuun hawaasa Boorana keessa waggaa 15 oliifi jiraateetti.
Dhimma gadaa Oromoo barreessuun kitaabaan maxxansiteerti . Aadaa fi sirna gadaa barachuu qofa osoo hin Afaan Oromoollee barattee akka ajaa'ibaatti dubbatti.
Doktor Lookoon jaalalaa fi kabaja gadaa Oromoof qabdu irraa kan ka’e fageenyi kamiyyuu, haajaan kamiyyuu jila gadaa Oromoo Booranaa irraa isii hin hanbisu. Jaalala isiin aadaa fi duudha Oromoof qabdu argee uummatni Booranaa maqaa Lookaa Duubaa jedhu itti moggaafate.
Maatii kiyya waliin jiraachuu caalaa Oromoon waliin jiraachuun na gammachiisa jetti. Ammalle waa'ee Oromoo Raayyaa qorannoo gaggeessaa jira jetti. Aadaa Oromoo Arsii irrattis qorannoo ishii xumuraa jirti. (Gadab Hasasa Communication)

Raayyaan ittisa biyyaa magaala "Qobboo" gad-lakkisee baheera.:- Tajaajila Komininkeeshinii mootummaa
ABUT dargaggoota of dura hiriirsiisuun dambalii humnaa fayyadamuun kallatti hedduun magaala Qobboo haleellaa jira jedhame.
Gama biroon magaalaa keessatti lootee seentoota galchuun bifa nageenya ummataa balaarra buusuun waraanaa gaggeessuuf haala dandeessisu uumaa jiraachuu tajaajilichi ibsa isaan eereera.
Raayyaan Ittisaa dhumaatii ummataa olaanaa ta’e hambisuuf jecha magaalaa Qobboo gadi lakkisuun gara duubatti deebi’uun iddoolee waraanaa qolachuuf dandeessisu qabachuuf dirqamuu himeera.
Garichi dargaggoota of dura hiriirsiusuun dambalii ummataan haleellaa raawwachuu yoo hin dhaabne Raayyaan Ittisaa dirqama seeraa, hamilee fi seenaa isaa ba’uuf kan dirqamu ta’uu mootummaan hubachiiseera.

Barattoonni qabxii darbiinsa isaanii karaa toora interneetii http://oromia.ministry.et/#/home jedhuun ilaallachuu ni danda'u"-Biiroo Barnoota Oromiyaa
Biiroon Barnootaa Oromiyaa firii qormaata #kutaa_8ffaa bara 2014 guyyaa har'aa irraa jalqabee karaa toora interneetiin ilaalu ni danda'u jedhame.
Bara barnootaa 2014tti barattoota kuma 451fi 25 qormaata naannoo #kutaa_8ffaa fudhachuuf galmaa'an keessaa barattoonni kumni 443fi 526 qormaaticha fudhataniiru.
👉Barattoota qoramaata fudhatan walii galaa keessaa barattoonni kumni 421fi 779 (%95.09) qabxii darbiinsaa argatanii gara kutaa 9ffaatti darbuu isaani ibseera.
👉Naannawaa horsiisee bulaan ala qabxii darbiinsaa dhiiraaf 50fi dubartootaaf 47 ta'uus himaniiru.
👉Naannawaa horsiisiisee bulaatti ammoo qabxiin darbinsaa dhiiraaf 47 yoo ta'u, barattoota dubaraaf 44 ta'uufi qabxiin darbiinsa barattoota fedhii adda kan dhiiraa 44fi dubaraaf 41 ta'uu Obbo Girman himaniiru.

Pirezidaantin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa barataa kutaa 8ffaa ibsaa kalaquun hawaasa naannoo isaa fayyadamaa taasiseef beekkamtii fi badhaasa qarshii kuma 200 kennan
=====
Godina Booranaa Aanaa Waacilee Ganda Weebitti kan dhalateefi barataa kutaa 8ffaa kan ta'e Aadan Huseen Diidaa rakkoo uummata naannoo isaa hubachuun waantota naannoo isaatti argaman kanneen akka dhoqqee Loonii, Ashaboo, shiboo elektirikaa, pilaastika fi sibiilota caccabaa walitti qabuun ibsaa hojjateera.
Barataan umuriin isaa ganna 15 ta'e Aadan kalaqa isaa kanaan bakka dhaloota isaa kan taate Ganda Weebiif ibsaa gumaachuun abbootiin warraa 28 tajaajila ibsaa sa’aa 24 akka argatan taasisee jira.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin "namoonni akkanaa yoo baay'atan guddinna biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun kalaqaan cinattis barnoota idileenis cimuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Gara fuulduraattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota dandeettii kalaqaa akkanaa qaban cinaa dhaabbachuun kan jajjabeessu ta'uu dubbataniiru.
Barataa Aadan Huseen mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Araddaa Yaa’aa fi mana baruumsa sadarkaa 1ffaa Weeb tajaajila ibsaa akka argatan taasiseera.
Barataan Aadan Huseen kalaqa argate kanaan mana namoota dhuunfaatti ibsaa galchuun galii argataa kan jiru yoo ta'u ji'aan giddu galeessaan hanga qarshii kuma 7 argataa jira.
Aadan kalaqoota rakkoo hawaasa isaa furuu danda’an kalaquuf fedhii fi kaka’umsa guddaa kan qabu yoo ta’u mul’ata isaa kana galmaan ga’uufis deeggarsi dabalataa qorannoon deeggarame akka isaaf taasifamu gaafateera.
Abbaan kalaqaa barataa Aadan Huseen pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiif kennaa uffata aadaa kenneera.

Aalimni guddaan boqatan.
Guyyaa kaleessaa hangafti ulama'oota Mufti sheikh Adam Tuulaa du'aan boqataniiru.
Waggaa 80 ol ummata isaanii tajaajiluun fi barsiisaa kan turan Aalimni biyya keenna Mufti sheikh Adam Tuula addunyaa tana irraa boqataniiru.
Bara 1996 irraa eegalee majliisni itoophiyaa akka dhaabatuuf qoodaa isaanii akka bahaa turan ibsameera.
Sirni Awwalcha Muftii Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo (Aadam Tuulaa) Guyyaa har'aa magaalaa Harariitti raawwatamaa jira.
Rabbiin warra jannataa isaan haa taasisu.