Telegram Web Link
Beekumsaaf‼️

Oromoon Odaa ja'aa Gadaa shan, Hortee shan, Bokkuu shan qaba.

♻️Odaa ja'aani(6)
1⃣. Odaa Nabee - G/Shawaa bahaa
2⃣. Odaa Bisil - G/Shawaa lixaa
3⃣. Odaa Bulluq - G/Horroo Guduruu
4⃣. Odaa Roobaa - G/Baalee
5⃣. Odaa Bultum - G/Harargee lixaa
6️⃣. Odaa Borbor -G/Booranaa

♻️Gadaa Oromoo shanan(5)
1⃣. Birmajii
2⃣. Duuloo
3⃣. Michilee
4⃣. Melba
5⃣. Roobalee

♻️Hortee Oromoo shanan(5)
1⃣. Maccaa fi Tuulama
2⃣. Ituu fi Humbana
3⃣. Raayya fi Asabo
4⃣. Sabboo fi Goona
5⃣. Sikkoo fi Mandoo

♻️Bokkuu Shanan
1⃣. Bokkuu Kallachaa
2⃣. Bokkuu Dikaa
3⃣. Bokkuu Biifaa
4⃣. Bokkuu Roobaa
5⃣. Bokkuu Horaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
👍1
🔜BARUMSAA BAATE QALAMAA🖍️ DHABUUNI WALLALUMMAA MITI, KAYOO📃DHABUUTTIi WALLALUMMAADHA MALEE.
MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#Murnya_Sadeessoo
--------------------------------------------

66. Sareettiin kophaa hin baatuu, hirkoo mukhaa malee; deegii khophaa hin godaanuu, hirkoo dureessaa malee.
English: A climbing plant with tendrils cannot grow on it’s own without the support of a tree; a poor cannot migrate on it's own without support of the rich.

67. Onaatti mana himaa, onaatti ufi hima.
English: Those who know you speak well about you; but one who is not liked or respected has to
brag about himself.

68. Yokhaan tulluu ta'anii, yokhaan tulluutti hirkatani.
English: One should either become a pillar or lean against one.

69. Fartii-Fartii, jedhe Qaamphisoo Gumii.
English: There is different hand writings, said Kampiso Gumi.

70. Hiyyeessii dhiiraa, hiyyeessa ollaati.
English: A poor man is like an orphaned ram.

71. Namii yo malee deeme, yo dansaa gale.
English: One who travels at an unfavorable time comes home at a favorable time.

72. Sidaamtichii waan jedhe, Tabaqaan ijoollee ta diirama waaqa laaltee, galgala lafa laaltu.
English: A clever child is one who looks up in morning (rude) and down in the afternoon.

73. Waan bira hin jirre, waan bira jirtuun beekhi.
English: One should understand what happens in one’s absence by relating to what used to happen
in one’s presence.

74. Qorqooroon yo gubani, gara foonii gula rifatti.
English: When put in fire, a hide of skin crumples toward the fleshy side.

75. Dhugaa waa'elii Waaqa.
English: God is the companion of truth.

76. Ta halkan galte itti bariisifatani.
English: That which occurs at night will await down.

77. Galgalii shona hin qabu.
English: Evening has no supplement.

78. Si gubee hin arginii ibiddaan taphatta.
English: You play with fire because you have not seen it burn.

79. Ta biraa baate, haatii boo'a hin dhageettu.
English: A mother will not hear the cry of her married daughter who is now living far away.

80. Firoomii warra Haassan Gabaabaa, qallatee nama seenee, furdatee nama keessaa ba'a.
English: When befriending people, the family of Hassan Gababa enters narrowly and leaves
broadly.
*****************
Horaa Bulaa Deebanaa
@SabbooGoonaa
#Mammaaksota_Addunyaa

Harki abaaboo namaa kennu ni urgaa'a.(Chinese)

Namoota baay'atanii laga ce'an naachi hin-nyaatu. (African)

Kufaatii diina keetti hin gammadiin; lafaa isa kaasuufis hin ariifatiin. (Jewish)

Hanga laga ceetutti naacha hin arrabsiin.
(Haitian)

Waan qalbiin (onneen) argite, ijji hin irraanfattu. (African)

Yoo kolfuu hin jaalattu ta'e Suuqii hin banatiin.
(Chinese)

Nama fuudhaaf deemuu fi nama waraanaaf deemu hin gorsani. (Spanish)

Dhugaa dubbachuu hin sodaatiin; garuu dafii
achii deemi. (Slovenian)

Yoo daddaftee deemuu barbaadde kophaa kee
deemi; yoo fagaattee deemuu feete immoo nama waliin deemi. (African)

Mala Jaalalaa: suuta qabi; suuta gadi dhiisi.
(Spanish)

Lagni hangam fagaatee deemus, madda isaa hin dagatu. (Nigerian)

Maalummaa nama tokkoo isa dhugaa baruuf, hanga inni taayitaa argatutti eegi. (Yugoslav)

Bakkuma amma jirtu sanatti yoo dhugaa arguu dadhabde, eessumattuu arguuf hin jirtu.
(Zen)

Saree hin dunnee fi bishaan ciisu amantee itti hin deemiin. (German)

Bakka itti kufte caalaa bakka itti mucucaatte yaadadhu. (African)

Gorsaa fi soogidda osoo hin gaafatamiin hin kenniin. (Italian)

Sooressa, namni gowwaa hin se'u. (Spanish)

Mana keessatti dhalatte, muka gaaddisa isaa jala teessee fi ganda keessatti guddatte kabaji.
(Swedish)

Hiriyaakee dhugaa harka lamaaniin qabadhu.
(Nigerian)

Mukti jallaan, gaaddidduun isaatis jallaa dha.
(French)

Osoo hin ilaaliin hin dhugiin; osoo hin dubbisiin hin mallatteessiin. (Spanish)

Onneekee oftuulummaan hinguutiin; ogummaadhaaf bakka dhabdaa. (African)

Waaqni simbirrootaaf nyaata ni kennaaf; garuu baatee manatti isaan hin galchu.
(Danish)

Jireenyi riqicha. Ittiin ce'i malee mana irratti hinijaariin. (Indian)

Bineensi bosonaa qaama kee madeessa; hiriyaa gadheen garuu sammuu kee madeessa.
(Zen)

Maallaqni hin dubbatu; garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)

Yeroo arfaasaa ooruu(maasaa) kee, yeroo gannaa immoo mana kee gadi hindhiisiin.
(Chinese)

Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba. (Swedish)

Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi)

Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu; waa'ee Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen)

Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si dagata.
(Chinese)

Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira godhadhu. (Indian)

Duuti maqaan isaa hintolu. Ykn ni ture jedhu; ykn immoo ni ariifate jedhu. (English)

Nama Giriikii tokko erga harka fuutee booda, quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian)

Keessummummaa ganda harree dhaqxee waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican)

Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni baqatu seeti. (Japanese)

Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa hin gatiin. (Swedish)

Qabsoo/Lola bishaanii fi dhagaa gidduutti godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu bishaanuma. (Japanese)

Yommuu qe'een abbaakee saamamu, atis wajjin saami. (Abyssinian)

Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli immoo irraa barata. (Chinese)

#Horaa_Bulaa

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
#Anis_barataadha!
Gaafan manaa bahu
Boorsaa koo qabadhee
Sammuu koo jijjiiruuf
Barumsa baradhee
Galma koo gahuudhaaf
Mudhii koo hidhadhee

Akkas jedheen deeme
Namaan wal hin gahu
Kaayyoon mana baheef
Yoomuu lafa hin kaahu
Mul'ata koo dhugoomsee
Akkan namas tahu

Manaa bahee dhufee
Yeroon ani as gahu
Waaniin jedhe godhuuf
Oggaan ani lafaa ka'u
Kun dhuftee eegalte
Wanti bitaa sitti tahu

Hin taane kaa kunoo
Kaniin keessootti yaade
dhugoomuu hin dandeenye
Wanniin ani barbaade
Kaayyoo kiyya hundahuu
Bishaan fuudhee badee

Osoon hin jaalatinis tahu
Dirqameera kaa ammaa
Bineensota gaaraalleetu
Namummaa ko morma
Akkamiinan callisaree
Eenyumma koon falmaa
👍1
Kana Quba Qabduu!
Abbootii Gadaa Booranaa 72fffaa, 73ffaa fi 74ffaan walduraa
duubaan baallii fuutu eennu faa akka ta’ani beettuu? Kunoo
Abbaa Gadaa Booranaa
72ffaa: Guyyoo Boruu Guyyoo
73ffaa: Madha Boruu
74ffaa: Halakee Mallichaa
DId YOU KNOW IT!
Did you know the upcoming three Borena Oromo’s Abba
Gada? Here they are!
72nd, Guyo Boru Guyo
73rd, Madha Boru
74th, Halake Mallicha
Ga’aa Baallii fuudhaa
Jennaan
Horaa Bulaa deebanaa
🌍
🌍🌍
🌍🌍🌍
👉 @SabbooGoonaa
👉 @SabbooGoonaa
👉 @SabbooGoonaa
Forwarded from KEENYAS OLUMA
AFAAN

Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti,
addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo
dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii , Afaan
Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.
Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreeffama. gahee guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh
bakri sapaloo turan. Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo
barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa
tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin
hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad
khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii akka ummanni itti
fayyadamu godhan. kitaabota amantaas dabalatee kitaaba
hedduu afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan. Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame
caasluga Afaan Oromoo ammayyaa.

Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman
keessaa akka dhufe amanama. Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii
lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara
Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan
amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti
jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture
ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-
dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17
jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni
keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor
Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar
keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara
"Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an
Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti
qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa
ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos
1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni
Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa
keessaa tokkoffaa ture.

Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa
1. Bulchituu Manan kan Walloo , kan bara 1800 mootii taate.
2. Ras Mahaammad kan Walloo , kan Raas Mikaa'el
ta'e, achiin bulchiinsa Sion.
3. Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa
Hayila Sillaasee taate.
Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha
ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii
turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer
Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka
qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo
gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti
godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo
Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu
4ffaa ta'e. ITTI FUFA
👍1
Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

Ummani Wallaggaa ummata naannawa dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan;

Oromoo Maccaa -Shawaa Lixaa,Shawaa Kibba Lixaa,Wallaggaa,Ilu Abbaa Booraa fi Jimmaa keessa jiraatu.

Oromoo Tuulamaa - Handhuura Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraatu;

Oromoo Walloo - gara Kaabaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa, naannoo Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi Oromoo Yajjuu jedhamu

Oromoo Ituu, nannoo Oromiyaa keessa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu;

Oromoo Anniyyaa - kibba warra Ituu fi dhiha Laga Erer jiraatu;

oborra handhura baha oromiya jiratu Ala Oromoo - magaalaa Harar fi Laga Erer dhihatti, warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu;

Oromoo Nole - magaalaa Dirree Dhawaa bahatti kaaba magaalaa Harar;

Oromoo Baabbilee - qaama Oromoo bahaa yoo ta'an, baha Laga Erer fi kibba Oromoo Bahaa jiraatu

Oromoo Jaarsoo - Harargee Bahaa gara bahaatti;

Oromoo Arsii - godinaalee Arsii, Baalee fi haga tokko Shawaa Bahaa keessa jiraatu.

Oromoo Booranaa - Kibba Oromiyaa fi kaaba Keeniyaa jiraatu.

Warra Qaalluu - Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.

Oromoo Gujii - qaama Oromoo Kibba jiraatuu yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa jiraatu.

Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
👇👇👇👇
👇👇👇
👇👇
👇
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa, fi akkasumas mootummaa Jireeni.

Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture.

Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:

Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa, daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda ta'eetu jiraata, garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa 19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru.

Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam, Bageemidir, Maramma, Misuwwaa, Sooddo, Shawaa, Harar, Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.

Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo, Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture, namoo
ta miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu dide.

Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru.

Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru.

Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman mana hidhaatti akka darbaman dubbata.

👇👇👇👇👇👇
👇👇👇👇👇
👇👇👇👇
👇👇👇
👇👇
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
#LOQODA_OROMOO_BOORANAA -

1. Qaraa ---- jalqaba, dura
2. Ennaan ---- sana booda
3. Ojjaa. --- yoo, erga
4. Adoo --- otoo, silaa
5. Shoorkii --- dhimma, rakkoo
6. Laanaa , Yaasaa ---- suuta
7. Yaasuma, Bobbaa ---- adeemsa
8. Yarsuma ---- tiksituu, nama tikha
9. Goo'uu ---- iyyuu
10. Lallabuu ---- sagalee olkaasan
dubbachuu
11. Yiikkisuu ---- waan badee turee argamuu
isaa ibsuuf
12. Dareeraa ----- utubaa
13. Guutuu abbaa liiban ----- boorana
14. Aabba ------ Obboo
15. Haatoo ----- Addee
16. Aabboo ----- abbaa ( kan ofii)
17. Ekheraa ---- yaraa, salphaa
18. lookhoo ------ qajeelaa
19. mokkataa ------ kan hin qajeelle, dabaa
20. Focoqa ------- Dheeraa
21. Dakkicha, Ruphaa -------- Gabaaba
22. Okkotee, Sagalee ------- Nyaata
23. Saayyee ------ looni
24. Heellaba, Lalleessa -------- Re'ee
25. Cichaa ------- fuuldura manaa
26. Fuloo ------ balbala dabalata (dallaaf)
27. Yaabdoo ------- balbala dallaa bishaani
28. Karraa ------ balbala mooraa horii
29. Cufanaa ----- cuftuu balbala mooraa horii
30. Korboo, Saanqaa ------ cuftuu balbalaa
mana namaa
31. Dinqaa ------ gaadaa, kutaa manaa
32. Dhiibuu ------ iddoo siree, bakka hirriiba
33. Irreessuu ------- awwaaluu
34. Wayaa ------ uffataa, huccuu
35. Sidii ------ Sabaa, nyaapa
36. Anfalaa ----- qabattoo durbaa
37. Gurdaa ------ qabattoo dhiiraa
38. Buuranii ----- faaya mormaa dhiiraa
39. Saldaqaa ------ faaya harka durbaa
40. Huwwaa -------- dhalaa
41. Maa'essa ------ kan suuta boodee
deemuu
42. Sooressa ------ kan dura deemuu
43. Mirgoo ------ sangaa loonii
44. Waaruu ----- baduu
45. Ori'uu ---- fiiguu, utaaluu
46. Qiliixamuu ----- gammaduu
47. Kumuduu ------ gadduu
48. Gaaduu ---- dhokatanii hordofuu
49. Battii ------- kan qulqullinna hin qabne
50. Gaadi'uu ----- hidhuu
51. Luuxxicha ----- qal'aa
52. Ejjuu ----- dhaabbachuu
53. Dhiiroo ----- jaranaa
54. Hayyee ------- tolee, ishii
55. Areera ----- bulbula, makaa aannan fi
bishaan
56. Qiyaasa ------- hamma sirriitti ( normal)
57. Allayyoo ------ waaqa
58. Morka ----- falmii, dorgommii
59. Jallaa ------- kan nama dhibu
60. Maadee ------ ajaa'ibaa
61. Wadaaree ------- uffata moofaa
62. Itillee ------ gogaa loonii (hirribaaf)
63. Erbee ----- gogaa gaala (kosiif)
64. Dhimphuu -------- Cophaa
65. Qoola ------ gogaa re'ee
66. Huuxii ----- qoraani
67. Dhiirsa ------ Abba mana
68. Niitii ------ Haadha mana
69. Kaachuu ------ wal-qunnamtii saala
gochuu
70. Dhabanaasuu ----- kabaluu
71. Raasaa ----- bosona
72. Nyaapha, hormaa ------- diina, alagaa
73. Weedduu ------- faaruu, sirbaa
74. Agarii ----- kan baayisee nyaatuu
75. Miiraa ------ kan xiqqeesse nyaatu
76. Sukkumii ------ duudaa
77. Duuduu -------- Seenuu
78. aaboo: mudaa
2.aaddaa : obboleessa /ttii angafa
3.abeeba, muya, daafanaa : lugna
4.Abraasaa: Muddee
5.abuyyaa: eessuma
6.adaayyuu: boosettii
7.adiyyoo: eegumsa malee
8.alaqaa : kaamettii
9.alchaa : Hawaii
10. ameessa: sa'a aannanii
11. bagoo: fuula namatti jijijjiirachuu
12. balchaa : nama gaarii
13. baleeluu: boonuu
14. ballittii : fayyaalessa (normal)
15. barbadaa : lafa marga hin qabne
16.buudhoo: ciree osoo hin nyaatin
17.buufattoo: xumura
18.buusaa: wal gargaarsa gosaa
19.ceekoo,kaaja a: mukoo
20. cirreessa : ogeessa yaalaa
21. corooressa: tartiiba
22. cufa: hunda, mara
23. daarima: fedhii kormaa( dhalaaf)
24.daatuu: nama biyyaa bahe
25.daayimtuu : oduu
26. dagaggamuu: tasa maqaa dhahuu
27.damboobuu: milkii agarsiisuu
28.dansaa: gaarii,mishaa
29.dayyoo : hujii irraa rincicuu
30.dedhuu: dagachuu
31. deebanuu: sooressa
32.dhaaccii: daabaa
33. dhajiitii: gocha tokkoon booda
salphachuu
34.dheekkamsa: lola
35.dhibii : kan biraa
36. dhundhumuu: karoorsuu
37.dotii magariisa
38.dunfura,gind a: goofaree
39. durduura: dabalata
40. eger,takkaatana a, eeganaa : _
41.Eloo: dhamaatii, ifaajee
42. faacii: maqaa balleessuu
43.fafa, ceera, fokkoo : saalfii
44. farada, baaruu: daftee guddatte
45.finna : bulchiinsa
46.fulaa : bakka, iddoo
47.gaaltama,foo ddoo(gabra): durba
geettuu
48.gaamaressa: jaarsa, bilchaataa
49.gaaraayyuu: sanyoo
50.golii, kalchaa: deeggaraa
51.golola: soorachuu
52. gudoo: jecha jaalalaa .fknf lubbuu koo
53.guutolaa:
👍1
baaxii
54.haddhoo,biir tee: keelloo
55.halkuma: fuudhaa fi heeruma
56. horrisa, ejjitoo: deemsa fagoo(gabaa,bis
aan)
57.hoyama : hubaatii dinagdee
58.hurrisuu: ariifachuu
59.imbiiraa : pilaastika
60.jaajjusa : basaastuu61
61:karkarsuu: haalaan qabuu
62. karmura: jallaa
63.kasoo : salphaa
64.kayma,namdiq qaa: dardara
65.kora: walga'ii
66.kumuduu: gadduu
67.kunna: deemsa karaa dheeraa halkanii fi
guyyaa
68.kurfeeffachu u : qophaa'uu
69.laama : agabuu, sooma
70.lichoo : alangaa
71. liingachuu: xiyyeeffachuu
72.maachuu : itti toluu
73. maadee , baasa : raajii
74.maandhaa : qixxisuu
75.maddaa, ardaa : ganda
76. malfachuu, dabsachuu : injifachuu
77.marmaaruu: naannawuu
78. marroo, faroo : dabaree
79.mikikkila : roga ( balbalaa, goolii)
80. mittoo, moo'annoo : cunqursaa
81.muraa: adabbii
82. murnya : kutaa
83.nyuulchuu : cinquu
84. obeensa : baala
85. onanaa : guyyaa muraasa dura
86. oolaa : hongee
87. oroosa : misirroo
88. qolchuu : injifachuu( fiigichaaf)
89. sakaatama: huyyiin qabamuu
90.sakkaba : malaanmaltummaa
91. salleessa: rimaa / ulfa osoo ji'a hin gahin
dhalate
92.seeseffachuu : xiyyeeffannoo dhabuu
93.sesseega, shufuroo : kashalabbee
94.Sidii : saba
95.Suga : sifaa
96. tontoommoo : abboottee
97.taraarrii : sarara
98.ulluuqqoo : kadhannaa
99. yayyaba , itti keeyyachaa : jalqaba
1oo. yooyyoo : simannaa. Horaa Bulaa
horaa bulaa Deebanaa!
Forward,forward,forward
👇👇👇👇
👇👇👇
👇👇
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
👍1
Waa’ee tulaa saglan Booranaa maal beektu?
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
Tulaan madda bishaanii fagoo kan Booranni jaarraawwaniif bishaan keessaa waraabee looni isaa obaasaa turee dha.

Godina keessattu yeroo bonaa margaaf bishaan loonif rakkoo itti ta'e Boorana keessatti oolmaa tulaa saglan Booranaa himuun ulfaataa dha.

Kanaafis tulaan dhimma bishaanii qofa osoo hin taane dhimma qabiyyee aadaa heddu of keessaa qabu.

Akka aadaa Booranaatti loon bishaan tulaa dhugan umrii dheeratu, aanan qabu, dhukkubsatanii qoricha hin barbaadan.

Bishaan soogidda hin qabu jedhamu bishaan tulaa loon nafa ijaaree gabbisas jedhama.
"Dhagaan baatu malee bishaan hin argattu."

Tulaan lafa loon bishaan itti obaasan qofa osoo hin taane kan dhibaayyuu itti bahanii itti irreefatanii dha.

Eelli bishaanii haala teessuma lafaa, kallattii argama isaa, gad fageenya lafa keessaa fi kuufama bishaanii irratti hundaa'uun iddoo saditti qoodama.
1) Adaadii,
2) Adaadii karaabaa fi
3) Tulaan gosoota eela sadeeniti.

Gosoota eelaa kunneen keessaas tulaan kuufama bishaanii guddaa kan qabu fi kan kuufamni kun yeroodhaa yerootti jijjiirama hin agarsiisne dha.

Lafti tulaawwan saglan Booranaa itti argaman lafa kaan irraa adda dha.
Tulaan iddoo biyyee diimaa, boora yookin guraachatti hin argamu. Tulaan iddo lafa biyyee adii qofatti argama.

Kana malees durii Booranni tulaa qotuuf iddoo mukkeen akka Odaa fi Qobboo itti biqilan ilaala.
Lafti biyyee adii mukkeen akka Odaa fi Qobbo itti biqilan lafa bishaan tulaa keessaa madduu danda'u ta'uusaaf mallattoo dha.

Iddoo tanas uchuma buusanii, gullantaa muranii, lafa haranii tulaa qotu.
Bishaan tulaa gulantaalee biyyee fi dhagaa 3-4 ta'u qotuun argama.

Akka jabana ammaa teekinooloojiin sibiilaa osoo hin babal'atiin duras Booranni dhakaa goomuutti fayyadamee dhagaa lafa keessaa cabsee tulaa qota.

Tulaa saglan Booranaa

Boorana keessa tulaawwan umrii dheeraa lakkoofsiisan sagaltu jiru.
Tulaawwan kun bara kami keessa akka qotaman beekuun ulfaataa dha.
Tulaawwan saglan Booranaa baroota gadoomaa 71 durallee kan turani dha.

Tulaawwan saglan kun bishaan hanga fedhe keessaa waraabamullee akka hin dhumne akkasumas yeroo bonaa bishaan haroo yeroo gogutti tulaawwan kun garuu hin gogani.

Dabalataanis abbaan Gadaa erga baalli fudhatee hanga baallii kennutti yookin yuuboomutti iddoo tulaan jiru hin qubatu.
Abbaan Gadaas ta'e loowwan isaa bishaan tulaa hin dhugan. Yeroo godaansaallee tulaa bira darbanii eela biraatii loon obaafatu.

Tulaawwan saglan Booranaa fi argamnni isaanis:-
*⃣ Iigoo aanaa Dubluq,
*⃣ Weeb aanaa Waacillee,
*⃣ Waaccillee aanaa Waaccillee,
*⃣ Meelbana aanaa Miyoo,
*⃣ Irdar aanaa Dhaas,
*⃣ Gaayoo aanaa Dhaas,
*⃣ Goorilee aanaa Dhaas,
*⃣ Goofa aanaa Mooyyalee fi
*⃣ Laayee aanaa Mooyyalee keessatti kan argamani dha.

Tulaan boolla bishaanii gadi fagoo ta'uu isaatin bishaan keessaa waraabuf humna nama baay'ee barbaada.
Gad fageenya isaarratti hundaa'unis namootni hanga 14 ta'an tartiibaan dhaabbatanii waraabuu danda'u.

Yeroo kanas bishaan callisee keessaa ol hin guuramu, loon faarsu, abbaa qabeenyaa loon qabu faarsu, kolfi fi taphnis qaama sirna bishaan tulaa waraabuuti.
Bishaan tulaawwan saglan Booranaa tokkuma, tulaawwan kunis lafa keessaan walqabatoodha jedhama.

Jaarsi maddaas nama waa'ee tulaa dubbatu, kan tulaa qochisiisu akkasumas yeroo roobaa lolaan bishaanii tulaa akka hin seennef irraa akka qabamu kan taasisu dha.

÷÷÷÷Share to teach others÷÷
HORAA BULAA DEEBANAA

👇👇👇join this👇👇👇
@SabbooGoona
@SabbooGoona
👉lammiiwani koo waliini taane Qe'ee oromoo haa qorannuu.
<"Namnii seena ofii hin beknee bishaani gabatee irraati garuma argetii jallata">art Eebiisa adunya
Kanafuu namaa seena hojattuu ykn seena qorattuu haa taanu jedhaa.
Yeroo ittii anuuti wa'ee oromoo gujii irraa waan beeku isanii gumachaa torbee gaari

HORAA BULAA DEEBANAA
*Forward gochuuni nuu biraa dhabadha jedhaa lammii.


👇👇👇Join this👇👇👇
@SabbooGoona
@SabbooGoona
Forwarded from toolkit
Kura shanaani booranaa fi
Argamaa isaa
👉Join us
👇
@SabbooGoona
Forwarded from toolkit
SEENAA GABAABAA OROMOO GUJII
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Oromoon Gujii gosoota saba Oromoo keessaa
tokko yoo ta'u ,Gujiin gooroo gurguddoo afuritti
(4) qoodama.isaanis:-Gooroo Uraagaa,Maattii
,Hook
SEENAA GABAABAA OROMOO GUJII
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Oromoon Gujii gosoota saba Oromoo keessaa
tokko yoo ta'u ,Gujiin gooroo gurguddoo afuritti
(4) qoodama.isaanis:-Gooroo Uraagaa,Maattii
,Hookkuu fi Alaadduu.kana qofaa Osoo hin ta'in
dameen Gujii Wandoo Gannati (Gujii Wondoo)
beekamaadha.Gujiin gooroowwan kana jalatti
firoota Mata Isaac qaba .haaluma kana an ,
URAAGAA.
1.Daraartuu.
2.Haloo
3.Waajituu
4.Agantuu
5.Sarboortuu
6.Golla
7.Galalchaa
MAATTII
-------
1.Hirqaantuu
2.Insaallee
3.Handooya
HOOKKUU
---------
1.Galalchaa
2.Oborraa
3.Michillee
4.Heeraa
5.Bundhituu
6.Baallaa
7.Kinnoo
ALLAADDUU
-----------
1.Haloo < =>Weessituu
2.Obbituu
3.Dhaantuu
4.Masintuu
5.Meerrituu
6.Hangeytuu
7.Aanolituu
8.Halituu
Kanaa ala a Oromoon Gujii luba qaba.lubni
ammoo sadarkaa qaba.namni tokko jireenna Isaa
keessatti sadarkaa lubaa kan adda addaa keessa
darba.isaanis:-
1.Dabballee(Umirii 1--8)
2.Qarree(9-16)
3.Kuusaa(17-24)
4.Raaba(25-32)
5.Doorii(33-40)
6.Gadaa(41-48) aangoo bulchiinsa qabata.
Kara gamaa biraatiin lubootni armaan olii kun
hundi Baallii keessatti kan raawwatamu yoo ta'u,
gooroon afran Gujii'i kan armaan olitti I same kun
deebi'ee Baallii shank(5) tti qoodama. baalliin
kunis
1.Muudana
2.Halchiisa
3.Dhallana
4Harmuufa
5.Roobee dha.
Gujiin Baallii shanan keessatti waggaa saddeeti
saddeetiin aangoo waliif dabarsa(kenna). Sirnaa
Baallii walitti kennuu keessatti yeroo sirni Baallii
waliitti kennuu waggaa saddeeti saddeetiin
gaggeefamu kana Baallii qofa walitti kennuu
Osoo hin ta'in waan baay'eettu
raawwatama.wanting raawwatamu kunis baalliin
shanan tokkoon tokkoo isaanitiin waan
raawwatani ni qabu .akkasumaas akka Baallii
shananitti [Gumiitti) waan raawwatani ni
qabu.
........ittii fufaa......
👇
Join
👇
@SabbooGoona
@SabbooGoona
🖕🖕🖕🖕🖕🖕
👍1😁1
Forwarded from toolkit
✓°TORBEE°👉Yadannoo seena Gotichaa #jaal_Jaarsoo_Waaqoo_Qooxoottiin
🔜Jaarsooni enyuu?
🔜Baraa jireenya isaa kheesati maal sabaa isaatifi gumachee?
➡️"MAQAA IRRAA JIJJIRANI GUDAYO BIYYAA IS
✓°TORBEE°👉Yadannoo seena Gotichaa #jaal_Jaarsoo_Waaqoo_Qooxoottiin
🔜Jaarsooni enyuu?
🔜Baraa jireenya isaa kheesati maal sabaa isaatifi gumachee?
➡️"MAQAA IRRAA JIJJIRANI GUDAYO BIYYAA ISAA, GUBATTII MAQAANI DHOKATTEE OROMOO TUUTA KANNIISA">J W Q
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
*Namattuu seena dagataa malee seenani nama hin dagattuu.

❇️❇️❇️COMING_SOON❇️❇️❇️
👇👇👇. . 👇👇👇
**** @SabbooGoona. *
👍1
❇️NAMNI SEENAA ABBOOTII ISAA,KhAN GOOTOTA ISAATIIF SANYII ISAA HIN BEEKNE "JAAMAADHA"!BISAAN GABATEE IRRAA,KhAN GARA BARBAADANITTI OOFAMUUN WALFAAKKA JEDHAN.DABALATAAN "NAMNI SEENAA GOOTOTA SABA ISAA HIN BARREEF HINBEENNE KA ALAGAA BAREE BARSIISUUF HAALA MIJAA'A HORATA.TANA DIDUUF SEENAA GOOTICHA OROMOO #JAAL_JAARSOO_WAAQOO_QOOXOO ISAN QAABACHIISE!!!
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
#JAAL_JAARSOO_WAAQOO_QOOXOO BEEKTUU LAATA?????
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
#JAAL_JAARSOO_WAAQOO_QOOXOO Bara 1966 biyya Oromiyaa ardaa gama bitaa dheeda Boorana Dirree ona Tuqaatti haadha isaanii haatoo Xummee Jiloo Waariyoo fi Abbaa isaanii aabba Waaqoo Qooxoo irraa dhalatan. Akkuma ijoollee horsiisee bulaa kanneen biroo erga guutee dabarraan ilmoolee, waatiyyee, yabbii gorbaa, haawwicha warraa tissaa guddatte. Dhiira marxoo tanaan foora godaane. Ijoollee ila Boruu ta mataa wayaamaa waan tayeef adamoo, duulaa fi lolii isaaf haaraa hin turre. Weedduu loonii, Jeemuu, Dhaaduu fi Goba namii irraa hin fuudhu. Fulaa maanguddootaa malee ijoollee hariyyaa isaa waliin guddoo hin taa'u. Diqqaa amala nama guddaati. Hariyyaan isaanii nami akkana waan dhaatan beekuu ka duuba korma kophii ka hin dubbanne maan jechaa turan. Gurma qabata tokkollee hin qabu. Adoo inni nama yarsumaatu bulchiinsii biyya xoophiyaa ka takkumaa hin qullaayin kaan booru surdii taye. Bara 1980 kheessaa sirnichi biyyatti akkamiitti akka deemaa jiru gootan kun huuba irraa haratan. Yayyabii Adda Bilisummaa Oromoo fi xinniqeen falmattootaa gara bitaa Oromiyaa dhufuun caalaatti aadmalee Oromoo irratti hojjatamaa jirtu guyyaafteef.

Eegii baroota Mootowwaan Xoophiyaa Hasilaassee,Dargiillee finnaa fi maqaan dachee abbaa gadaa dureetti Oromiyaa guutumaatti jijjiiramuun jaallee kana obsaa dhowwartee faana jaallan mirga sabaaf falmanii hiriirsiifte.
"Lafti teenna dhadhaa
Nyaataa dhugaatiin dhadhaa
Lafti jaraa dhakaa
Gamboorii warraa dhadhaa
Lafa namaa gossitii
Garaa haadhaa bineensa walti tolchitii
Hidhadhaa ka raasaa seennaa
Xunnaaleenuu walii goltii ..."jedhanii hariyyoota isaa yaamaa turan. Maqaan isaanii JAARSOO WAAQOO QOOXOO jedhama. Jaal Jaarsoon kanumaan umrii isaanii 14tti gara Qabsoo Oromoo falmattoota sabaa Adda Bilisummaa Oromootti makaman.
Eegaa yeroo ABOtti makaman atin daayimaa bobbaa hin geennee jedhanii qayeetti barsiisaniis, booyee harqee dadhabanii akkuma leenjii ji'a muraasaa obbaafateen dirree qabsootti abbaa saglii taye itti fufe. Qarumaa laawween isaaf haaraa waan hin tayiniif kirrii kutuun haxiyyoo humna furguggee bitaa Oromiyaa keessaa tokko ta'anii filataman. Waggoota 6 booda leenjisaa WBO ta'an. Unjifannii guddoo galmeessaniiru. Abbaa Walaloowwaan waa'ee saba Oromoo, lafa oromoo, sirna gadaa, finna, kkkf walaleessa ture. Kanneeen keessaatti lolli wayyaanee fi basaastonni saba fixan faana Jeneraal Jaarsoo Waaqoo Qooxoo dha'aa turan. Fuulbana 21,1994 lola adoo inni moonaa leenjii Dambalaa Faccanaatti WBO leenjisaa jiruu irratti banameen fulaa hedduu madaaye occoofaaye. Rasaasaa fixatee; yeroo humni wayyaanee qabuuf dhufuutti 'adoo lubbuun jiru wayyaaneen nahinqabdu jechuun lubbuu isaa qaalii sabaaf aarsaa godhe. Guyyaan sun mara hardhaa ganna 26eessoo isaati. Suura gooticha kanaa barbaaddanii kan sabaan geettan galata guddaa qabdu. Jaal Jaarsoo Waaqootiif biyyeen ha sablattu! Seenaan bara baraan ha yaadatuu jenna.
Walaloowwan isaanii keessaa tokko:
Boorana ati waan guddaa
Gurra kee waaqatti sii gabbisee
Lafa te waaqatti sii ballisee
Quftumaan sidiin si marsitee
Wagga waggaan si darbatti
Lafa te dansaa siin falmitee
Ababayyoon hintaatu jedhee
Surree garaatti uf marxisee
Wantee bocee ufiin qarrisee
Daama bororaan barrisee
Hachas borutiin cabsitee
Riffeens fuute lafa harkirftee
Burre fuutee gargalchitee
Keessaa hijjeefte gangalchitee
Sidii lafa isiitti galchitee
-
Falamaa lafa teennaa
Abbooti teennatti hanqqisee
Taarihii waan tahee
Gadaamojjiitti affisee
Qomichatti madaal harkise
Aabboon dhaadu walti coroorsee
Akka bokkaa itt harrisee
Qomich waacifaan gabbisee
Jartii isaatti duuba xaxxisee
Ya jaare mataa buufatee
Aadaatti hamnaa duula hanqise
Lafa ilmaan ufiitti lakkisee
👍1
2025/07/08 22:03:30
Back to Top
HTML Embed Code: