☑️Amalaa fi Ilaalcha Namootaa Jijjiiruu Yoo Barbaadde
---------------------------------
☑️Dhugaa irratti hundaa'i. Waadaa seente kabaji. Waan gochuu hin dandeenye nan godha jettee waadaa hin seenin. Waan namootaaf gochuu hin dandeenye hin abdachiisin. Faayidaa mataakee irraanfadhu,faayidaa namoota biroo irratti xiyyeeffadhu sababni isaa amala ykn ilaalcha isaanii jijjiiruudhaan faayidaa nii argatta waan ta'eef.
☑️Yaadaa fi miira namootaa qalbii keetti qabadhu. Waanta namni ati ilaalchaafi amala isaa jijjiiruu barbaadde sun baay'ee barbaaduu fi fedhu maal akka ta'e of-gaafadhu. Yaadakee kanammoo hojiirra oolchuudhaan faayidaa namni sun argatu adda baafadhu. Faayidaa inni argates fedhii nama sanaa wajjin wal-qabsiisiitii ilaali. Yeroo namni tokko hojii ta'e akka hojjetuuf yaadakee dhiyeessituuf,bu'aa dhuunfaa namni sun irraa argatu ajajakee keessatti itti himi ykn itti agarsiisi.
☑️Waanti ati beekuu qabdu tooftaan kun yeroo mara namoota hunda biratti milkaa'a jettee dhibba keessaa dhibba hin amanin. Garuu muuxannoon namoota baay'ee akka mirkaneessetti,amalaafi ilaalcha namootaa jijjiiruuf tooftaa kana fayyadamuu dhiisuurra fayyadamuun akka wayyu shakkiin tokkollee hin jiru. Waan si miidhu hin qabuutii fayyadami. Namoonni waan ati feetu kan hojjetan,yoo ati dursitee yaada keerraa bu'aa isaan argatan isaanitti himtee yaada keetti akka gammadan gooteedha. Namoonni waa'ee ofii isaanii qofa yaadan,namoota abdii dhabaniifi hin qaroomneedha,yoo barsiisanillee namoota barachuu hin dandeenyeedha.
Kanaafuu amalaafi ilaalcha namootaa jijjiiruuf waa'e ofiifi faayidaa ofii yaaduun hafee yaadaafi ilaalcha namootaa hubachuufi deggeruun tooftaa fooyya'aadha.
✍✍✍✍✍✍✍
@SabbooGoonaa

Qalbeefadhaa
Qabsoo Uummata Oromoo keessatti wantii dhalootni amma
beekuu qabu hedduutti jira. Qabsaa'n hedduun kufee
jira,hedduu ammoo bakka isaan itti kufaniyyuu hinbeekkamu.
Gariin ammoo adoo jiranii yaadaaf kaayyoorratti addaan
bahan. Qabsoon ammoo ittuma fufe. Kufuun amaluma
qabsaa'ati. Itti fufuun amaluma qabsooti. Wanni dhalooti baru
qabu tokko kan. Ani akka carraa ta'ee hooggantoota ABO kan
bara dheeraf qabsoo hoogganan hedduu dhuunfan walbaruun
akka waan hedduu baruuf carraa naaf kennee jira. Barumsii
gaaris ta'uu danda'a badas ta'uu danda'a. Garuu waan baruu
qabu namii baruu qaba. Namoota kan keessaa namii tokko
gaafa tokko waan tokko natti hime. Innis Jaarraa Abbaa Gadaa
irraa dhaga'e jedhe malee natti jedhe hinjenne. Akka namii kun
Jaarraa Abbaa Gadaatti jedhe jedhetti Qabsoon Uummata
Oromoo Boqqonnaa rakkoo gurguddaa sadii qabdi. 1)
Boqonnaan duraa Uummata Oromootuu kan kaabaa
kibbatti,Bahaa dhihatti addaan faca'e ture yaadan walti
deebisanii isaniin hundii tokkuma jedhanii "Tokkummaa'
amansiisun rakko ture. Gufuun qabsoo Oromoo guddoof isiin
jalqaba tana ta'uu yeroon Chartera ragaadha. Alii Birraa umrii
isaa guutuu kanuma weellisaa ba’e. 2). Boqonnaa jalqabaa sun
erga injifatanii booda boqonnaan lamaffaan "Ergaa Oromoon
walbareen booda" Oromoon Oromummaa isaa qofaan akka
garboome walfaana amansiisun rakkoo boqonnaa lamaffaa
ture jedhan. Kunis, Oromoon garii garbummaa jala jiraachuu
ofiituu waan hinamanneef. Ijjoolleen "Baalabbaataa" Oromoo
hunda "baalabbaata" waan seetuf garbummaayyuu hin amantu
turan. Oromoo hunda waan kan walfaana amansiisun akka
yeroo fudhate walmorkiin ABO fi OPDO gidduu yeroo dheeraf
ture ragaadha. 3). Boqonnaa 2ffaa kan erga injifatanii booda
boqonnaan rakkoo sadaffaan "Oromoon tokkummaan
qabsaa'e ergaa bilisoomeen" booda amma bilisoomnera
jedhanii walfaana amansiisuun rakkoo cimaa ta’uu akka
danda’u himan. Gariin bilisoomnera yoo jedhu kaan ammoo
"hinbilisoomne" jedhan. Boqonnaan sadaffaan kun boqonnaa
rakkoo isa cimaa akka ta’uf Oromoo addaan qooduu akka
danda’u dubbatu. Haallii yeroo ammaa Oromoon Kaan shanee
jechaa kaan maqaa biraa moggaafachaa walhadhu kun
ragaadha. Ani sadarkaa amma geenneerra akka barumsa
cimaatti kan baradhe.Boqonnaalee rakkoo kan hunda diinnii
sirriitti itti fayyadame. Walwallaaluu keenyatti,Waliigaluu
dhabuu keenyatti,amma ammoo walihamanuu dhabuu
keenyatti.Qabsoo keessaatti hag wali amanuu dhabuun
namamiidhu wanti nama miidha hinjirtu.Amma kan keessa
jirra. Qabsaa’ontnii buleeyyin hedduun amma qabsoo qawwee
keessa hinjiran. Ani akka yaada kiyyaatti jarreen kun amma
dirqama guddaa tokko qaban. Kunis, dhaloota bu'aa ba'ii
seenaa qabsoo Oromoo sirriitti hinbeekne kana haga lubbuun
jiran barsiisudha. Dhaloota “Alaabaa’ qofa harkatti qooduun
ergama dhaabaa malee sabboonummaa sabaa hin fidu. Kanaaf
hardhallee Oromoon alaabaarattuu garagaruummaa qaba.
Dhalootni mirga buleeyyirra irraa barachuu qaba. Isaanilleen
garagarummaa yaada kan qaban dhiisan dhaloota kan
barsiisuu qabu. Boqonnaa qabsoo darbe keessatti ebelutti
balleesse ebelutti midhaaksen koomii dhaalchisuu qofa taati.
Garagarummaa ture dhaloota dhaalchisuun qabsoo ofirra
deebisuu ta’a. Kun dhaloota dhufuuf boqonnaa rakkoo hamaa
ta'a. Boqonnalee duraa irraa adda kan tolchu Oromoonuu
waliratti qabsaa’uu danda’a. Ani qabsaa'era amma dulloomee
jira dhalootni itti haa fufuu jedhanii dhiisun egeree qabsoo
kanaa boqonnaa rakkoo afraffaa kan itti fida jedhee waan
yaaduuf. Adoo rakkoo kan hinfurin yoo boqonnaa afraffaa
seennee rakko cimtuutti dhalata. Kanaan dura qabsaa'atti
kufaa malee qabsoon ittuma fufaa ture. Amma ammoo
dhalootatti kufa. Ergaa dhalootii kufee qabsoon itti hinfufu. Ani
Indargacho Tsige ‘Dhalootni hin joonja’in nutis hincallisin’
jedhee kan barreesse akka hojii gaaritti fudhadha. Dabbasaa
Guyyoo waan akkanaatti galaafate. Biyya ijaaruu jechuun
dhaloota ijaarudha. Duudhaa Oromummaa barsiisunuu waan
guddoo.Qabsoo Oromoo keessatti kan hindagatammne
Taaddesse Birruutuu kanumaan eeggale. Waaqoo guutuu
dandeennu hundeen buqqifna dadhabnu ilmee itti guddifna kan
jedheef kanuma. ‘Diinnii maalif sirna kal

eessa nurratti faarsa’
jennee yoo laallee akka innii dhaloota ofii jaarutti jiru hubanna.
Nuutis hardha Waa’ee hujii dhabeeyyii barsiisun waan gaarii
ta’e adoo jiruu kanuma qofa yoo barsiifne boru yaada
dhabeeyyii waliin rakkachuun hin oolu. Yaada dhaburra hojii
dhabuu wayya. Biyya akka manaa mukaan hinjaaran. Biyyattiin
yaada uffattu malee alaabaa uffachuu waan hindandeennef
dursa yaadan ijaaran. Dhalootni abbootirra garagarummaan
yaadaa dhaale tokkummaa uumuu hindanda’u. Dhalootnis
seenaafi eenyummaa sabichaa malee sabboonummaa qofa
yoo abdate qabsoo waaraa fiduu hindanda’u. Kanaaf,dhalootni
amma kun dubbii tana akka mirgaaf dirqamaatti fudhachuu
qaba.

TAARIKHII BOORANA DURII TANA BEETTUU?
%%%%%%%%%%%%%%
1). LIIBANI WAATAA :-
√ Qaroo Booranaati.
√ Gosa Booranaa Digaluu-Walaajjii.
2). DIIDOO GAAWWALEE :-
√ Janna (goota) Booranaati.
√ Gosa Booranaa Kharrayyuu-Jaaruu.
3). MASULEE SAAQOO :-
√ Halaqaa Booranaati.
√ Gosa Booranaa Maccituu-Jawwituu.
4). ABBAAYI BAABBOO :-
√ Dureessa Booranaati.
√ Gosa Booranaa Dambituu-Obbituu.
5). MOROO UCHUMAA :-
√ Raaga Booranaati.
6). AREEROO BOOSAROO :-
√ Jaarsa argaa-dhageettii (beekhaa waan Booranaa) Booranaati.
7). HAAMANOOYYEE :-
√ Jajjabduu uwwa(dhalaa) Booranaati.
√ Gosa Booranaa Digaluu
8). GALGALUU DIIDA GALGALUU :-
√ Jajjabduu uwwa(dhalaa) Booranaati.
√ Gosa Booranaa Maliyyuu
9). BOORIIGALLEE :-
√ Dubra adoo takkaa gudeedii dhiiraa itti hin dhihaatin ( Osoo durbummaa qabduu ) ganna 117 jiraattee adoo hin fuudhini doote.
10). BOOCHOLA QABBEE :-
√ Dubra Booranaa ta Soomaliini fuute.
√ Gosa Booranaa Kharrayyuu
11). BOORAMALLEE :-
√ Ganna 96'eessootti heerumtee ganna 5'n duubatti doote.
12). DARMII LIIBANI QAALLICHAA :-
√ Midhaadduu (Bareedduu) Booranaati.
√ Gosa Booranaa Noonituu-Milloo.
√ Waan sadii addaattee, waan sadii gurraattoftee, waan sadii qallattee, waan sadiin ammoo furdatte Darmiin.
√ Sadeeni addeennaa:-
• Qeenca qubaa
• Moora ilaa(ijaa)
• Lafee ilkaanii
√ Sadeeni gurraattennaa:-
• Rifeensa mataa
• Khuula ilaa(ijaa)
• Boora afaanii
√ Sadeeni qallinnaa:-
• Babbassaa qubaa
• Khoomettuu miilaa
• Laawwee hidhaanaa(mudhii)
√ Sadeeni furdinnaa:-
• Sarbaan dhoblee arbaa
• Waadaa tafaa(teessumaa)
• Gurmuun qomee gororrii tahuun beekkamti.
%%%%%%%%%%%%%%%%
HORAA BULAA DEEBANAA

MAMMAASSA BOORANAA AFAAN FARANJII WALIIN!
(Borena's Proverbs With English Translation)
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
#_Murnya_Tokkeessoo
1. Obsaan qaalloman.
English: Patience leads to an honorable position.
2. Cubbuun tokko dhaqqabii, tokko hordofii.
English: As for the punishment of sin, some are immediate; and others come later.
3. Waan garaan qabu, arrabii nama hata.
English: What was withheld as secret thought will come out through a slip of tongue.
4. Iltii allaattiin nyaattu wa hin gartuu; gurrii allaattiin nyaattu wa hin dhaga'u.
English: An eye that the vultures peck at, does not see; an ear that the vultures peck at does not hear.
5. Huqqoon darbaa haalattii, muyoon du'a dhiirsaa haalati.
English: The weak cow will blame whoever pushes it for its fall; the weak woman will blame her
husband’s death for her downfall.
6. Arbii humbii ufii hin dadhabu.
English: The elephant does not get tired carrying his heavy tusks.
7. Ati mormadhu, nafattuu si himaa.
English: You may deny that you were fed, but your body will tell.
8. Ookkoon waan asi-aanaa fuudha jette.
English: A rake recommends that it be used first to fetch the rubbish that is nearest.
9. Harkii tokkochii nafa hin dhiqu.
Englsh: One hand alone cannot wash the body.
10. Adoo ani gaafaa boo'uu, gurra narraa murani jette harreen.
English: The donkey lamented that while it was pleading for horns, its ears were cut off.
11. Harkii marrootti waldhiqa.
English: Hand was each other in turn.
12. Adoo akkii jedhani jiruu akkii jechaa nama dhiba.
English: While we know what to say, saying it that way is often difficult.
13. Guyyaa hamaa ijoolleetti qa'ee nama dheeta.
English: On a bad day children will flee from your sight.
14. Hidda jiru hiddii hin nyaatani.
English: While relatives exist, one cannot eat the sodom apple.
15. Waan okkoteen hin qamne mooqaan hin fuudhu.
English: The ladle cannot serve anything if the pot is empty.
16. Warrii du'aa, dibbee hin dhaga'aatu.
English: People who are on the verge of death do not hear the drum beat.
17. Koblaan doone jette sareen dhadhaa bira taa'i jennaan.
English: This is amusing; said the dog when asked to guard a container of cheese.
18. Nama du'uu, dubbiin hin doone.
English: A man dies, but his word lives forever.
19. Waan namii tokko itti fidamu, tokko itti fidamuu hin danda'uu.
English: The conditions that one can comfortably live with, might be unacceptable to another.
20. Tolii kijibaa abbaa qolleessa.
English: One who gives to earn praise will impoverish himself.
21. Gargalchaa waaqaa, miilii mataa oge.
English: Observing God’s wonders; the baboon scratches his head with his leg.
22. Qaroo nafii ila.
English: The body of wise man has eyes.
23. Gowwaa mana itti naqii, qaroo fuula itti deebisi.
English: Lead a fool into the house but just show the path to the wise.
24. Sa'a bori dhaluullee wayiin eegatani.
English: Even if the cow may give birth tomorrow, there has to be something to feed on till then.
25. Galaanaatti walti yaawaa malee, garaachii walti hin yaa'u.
English: Rivers flow into each other but stomach do not.
26. Dubbii qamnaa, hujii qamnaatti irra jira.
English: It’s more pleasing to hear of someone busy with work, than hearing of them busy handling
dispute.
27. Galataan gatii hin jennee, achumaan badi hin jenne.
English: I did not ask for a payback for a generous act, nor did expect it to disappear altogether.
28. Waan lafiitti didan, lafiitti cichaan didan.
English: Food that is rejected at one place is accepted at another.
29. Garriin waan jettuu, yaadii takkaa, firiin gargarii.
English: Even people who share the same opinions have different individual thoughts.
30. Dhukkubii hiyyeessaa, madaa bineensaati.
English: A poor man’s ailment is like a wild animal wound .
********************
Horaa Bulaa Deebanaa

ORBOBBIISA
Manaa jaartee fuloo mukaa cufaatti
Kan atii qabdee hin inlaaka'amuu kuumatti
Cubbuu hamtuu tana atii eesaa barattee
Gosaafi sanyiii tee atii eesaati dagattee
Atiis ilbiisuma yoo sanyii kee laalan
Kunoo siini dhuumatte tiittee fi kanniisii
Gosuuma kee nyaatee fixaa atii orbobbiisii
Garaa malaa kanaa baratteefi takkaa nuu baarsisi(2x)
Saaphuphaa cubbuu dhooftaa ganamaaf galgalaa
Sanyuuma tee boochitaa siif taatee amala
Manaa olfageefattee waan baatu ofii seetee
Bokkaa tamnaa roobuu malaa atuu indeete
Bubbee ji'aa sadaasaa waan duraa baatuu seetee(2x)?
Hardhaa nyaate fixuule sanyii ilbiisoota
Waluuma jalaan biqilaa hiddii ilmaan goototaa
Gaandulleessi dhumnaani tee egeeni Boo'uuma
Cubbuuni gammaadullee duubi kee oduma
Waan borii hin jiree dhisii atiis ilbisuuma(2x)
Hayaa orbobbiisaa
Yaayyuu sii gorfadhee
Agaa ilmee balchaa
Aniini ganduulleesa
Na hubadhii takkaa
Anaaf atileen maquma takka qamna
Tanatuu naa dhibeefi yaamee sii gorfaadha
Yoo naa dhageette tana gurraati coobsattaa
Tana dhaga'uu baanani bor wa na koomattaa?
Anin ganduulleesa beete
Garaa balliina waaqattuu naan dhalee
Orbobbiisaa hojii isaa jibbee fulaa ka'uu dhabee
Maqaa ilbiisati naa dhibeefi arraba hilkaani jidduu ta'ee
Ganamaa galgalaa haada cubbuu hidhaa orbobbiisii karaa maree
Cubbuu akkaa orbobbiisa anii #ABBAA_GAROO_ARGEE!🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙉🙉

👍1
👉MAQAA #ILMOOLEE fi #SAGALEE bineensotaa
a.Leenca➖➖kubulee➖➖ni aada
b.Re'ee➖➖maqashaa➖➖ni mar'att
c.weennii➖➖wullee➖➖ni korrisa
d.Arba➖➖dhabiilee➖➖ni mirrisa
e.Bofa➖➖lootii➖➖ni siiksa
f.Farda➖➖darmii➖➖ni imimsa
g.Gaala➖➖hogoree➖➖ni holola
h.Gafarsa➖➖qittoola➖➖ni bookkisa
I. Niyaalaa➖➖shiqoo➖➖ni mar'
isinis kan beektan nu barsiisaa
a.Leenca➖➖kubulee➖➖ni aada
b.Re'ee➖➖maqashaa➖➖ni mar'att
c.weennii➖➖wullee➖➖ni korrisa
d.Arba➖➖dhabiilee➖➖ni mirrisa
e.Bofa➖➖lootii➖➖ni siiksa
f.Farda➖➖darmii➖➖ni imimsa
g.Gaala➖➖hogoree➖➖ni holola
h.Gafarsa➖➖qittoola➖➖ni bookkisa
I. Niyaalaa➖➖shiqoo➖➖ni mar'
isinis kan beektan nu barsiisaa
👍3