Guyyaan qormaanni kutaa 12ffaa bara kanaa itti kennamu ifoome

Spider Media :  Shawwaal 20/1445
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 Adoleessa 3, 2016 eegalee kan kennamu ta’uu Tajaajjilli Qormaatilee fi Madaallii Barnootaa ifoomseera.

Qormaanni saayinsii Hawaasaa Adoleessa 3 -5, 2016, Saayinsiin uumamaa Adoolessa 9-11, 2016 Yuunivarsiitiwwanitti 'Online' fi waraqaan kan kennamu ta’uu Tajaajjilichi himeera.

Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Waraqaan qoraman Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 1, 2016, Saayinsiin Uumamaa ammoo Adoolessa 6 -7, 2016 gara Yuunivarsiitii kan seenaan ta’uu himeera.

Barattoonni kana hubatanii yeroon qophii barbaachisa akka taasiisaan hubachiiseera jechuun kan gabaase Fbc'dha.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://www.tg-me.com/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMed
Forwarded from Spider Media
''Masjiida haaraa 8000 Raashiyaa keessatti ijaarreerra, kana boodas ijaaruu itti fufna''

Perezidaantii Raashiyaa #VladimirPutin

Spider Media
Rooba jabaa Keeniyaatti Roobaa jiruun lubbuun namoota hedduu darbe.

Keeniyaatti Balaa Lolaa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 170 ga’eera.

Balaa Lolaa hamaa Giddu Galeessa Keeniyaatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 170 ga’uu ibsameera. Keeniyaatti rooba cimaa walitti fufiinsaan roobaa jiruun lolaan lubbuu namoota hedduu galaafachuu hordofee Pireezidaantin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon kaabineesaanii wal-gahii ariifachiisaa waamuu BBC, Al Jazeera fi Bloomberg gabaasaniiru.

Yaa Rabbii ati nuun hin lolin yaa Allaah balaa kullii nurraa qabi daandii keetirraa nu hin maqsin.
🖖🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲
T.me/Sammaan
𝑪𝑯𝑨𝑨𝑵𝑨𝑨𝑳𝑰𝑰 𝑨𝑲𝑲𝑨𝑴𝑰𝑰 𝑩𝑨𝑹𝑩𝑨𝑨𝑫𝑫𝑼𝑼⁉️
𝑾𝑯𝑨𝑻 𝑪𝑯𝑨𝑵𝑵𝑬𝑳 𝑫𝑶 𝑻𝑯𝑬𝒀 𝑾𝑨𝑵𝑻⁉️


Chaanaalii Akkamii Barbaaddu⁉️ Chaanaalota Barbaachisoo ta'an hundaayyuu isiniif qabannee dhufneerra join godhaa itti fayyadamaa

ምን ቻናል ይፈልጋሉ⁉️  እንድትቀላቀሉ እና እንድትጠቀሙባቸው ሁሉም አስፈላጊ ቻናሎች አሉን።

        𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐈𝐬 𝐇𝐨𝐩𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧
         𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
          𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬
          @Rafiqul_Islaam

𝐀𝐝𝐬: 👇
@Hope_promotions
@GurgurtaaChaanaalii
Forwarded from Fursaan Media
Ba’aa kee kophaa kee baattaa beeki,Kan sanarraa hafe,seenaa kee baruuf gurra sii laatu malee,rakkoo kee sirraa qooddamuufii mitii hubadhu.

ila
Gaafa wanti hundi sii gale,sammuun kee boqannaa argataa beeki,sii gale taanaan,wanti haaraan biyya lafaa irraa argatamu tokko akka hinjirre hubattaa daawwadhu.

Eeee
Seenaa jiruu keetii hunda isaa,eddodhuma argitetti harcaasaa hin oolinii uf keessatti qabadhu.

Jaaloo
Dubbiifi hujiinis jalqaba osoo hin taane,xumuraan madaalamanii beeki,galma fagoo bira gahuuf,jalqaba osoo hin taane,xumura kee laalii argi.

Namana
Kan kufaatii kee hawwu hundi,guddina keetiif akka harka rukutu gochuu barbaadda taanaan,daandii milkaahina keetii qofarratti xiyyeeffadhu.

Obbolaa
isa jijjiiramte siin jedhu yoo argite,ufii jijjiiramee sitti qajeelaa jiraa laalii jalaa miliqi.

Hey
Silaa si dubbisa baayye” biizii” taheeti siin jennaan, silas ati hin barbaadamnee,kottee kee achii fuudhi.

Yes
if some one say’s you,I’m too busy,understand!You are not enough for a priority.in deed!

©️Ustaaz Sufiyaan Usmaan
Https://www.tg-me.com/Fursaan_media
📃🖊. Dhimmoota 5 Gurguddoo Towhiidaa fii Faallaa isa sirritti beekuuf
┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈

۞. Yoo Nama Dhugumaan Towhiidaa fii Faallaa isaa beekuu fedhu taate;

1.Towhiidni Rasuulli ﷺ itti Waamaa ture Maalii fii kam akka ta'e beekuu qabda. ★.
                                       
2. Shirkiin Rasuulli ﷺ irraa ummata sodaachisaa ture sun maal akka ta'ee fii Dhimma kam keessatti akka ta'ee Gad seentee beekuu qabda. ۞
                                       
3. Haala Mushriktootaa kan Rasuulli ﷺ keessatti ergamee,akkamitti akka ibaadaa raawwataa turan,Maaliin ibaadaa gochaa akka turanii fii haalli isaan gabbaramtoota isaanii wajjiin qaban Maal akka ture beekuu qabda. ۞
                                    
4. Ibaadaa Dhimmi towhiida irra naanna'uu fii isiirra marsu sana beekuu qabda. Hiikkaan ibaadaa Maali? Wanti Rabbiin yeroo baay'ee  bakka baay'eetti itti nu ajaje sun Maali? " Allaahaa  qofa  gabbaraa isatti waa hin qindeessinaa"
  ﴿وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا﴾ [النساء:36]
Hiikkaa ibaadaa beekuun bakka gudda hangana hin jedhamne qaba. Haqiiqaa fii Maalummaa ibaadaa hubachuu dhabuun gara qaawwaa fii hir'ina towhiidaa fii shirkii hubachuutti nama geessa.۞
                                    
5. Garaagarummaa towhiida Rabbummaa fii towhiida uluuhiyyaa jidduu jiru itti dhaqqabdee beeku qabda. Isaan lamaan jidduu wal hammachuun jiraachuu fii Maalummaa wal qabachuu fii wal hammachuu isaan lamaanii bira gahuu qabda. Dhimma kun akkaan barbaachisaadha. Irra hedduun waliin dhawa mushriktootaa durii fii ammallee Gama dhimma kanaa fii gama towhiida lamaan walitti Makuutiini. ".۞

                                 
◈. Yaa akhii
/wayaa ukhtii Dhimmoota Shanan kana hubachuu,sirriitti beekuu fii Namallee beeksisuuf tattaafadhu.

┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈
🎙Sheikh Salih Sindii-hafizahullah
📓Sharh Qawaعid Al-arbaع.
┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈
Forwarded from Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa (Abdallaa Sh/Huseen)
IIMAANA SALAFOOTA KEENYAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••

Seenaawwan kuni Qalbii gooydeef dawaa ni ta'a !!

Aalimni guddaan Imaam Ibnul Jawziin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ kitaaba isaa ( ﺍﻟﻤﺪﻫﺶ) ykn dhamaasaa kan je'amu keessatti :"

Osoo sammuun tee kan qulqullooftee waa hubatuu dandeessee...Silaa wanti hundi gorsa qaba...Wanti uumame hundi kuun si hawwisiisa...ykn si sodaachisa...jechuun:

Oo'ii yeroo bonaa ...oo'aa ibiddi jahannam si yaadachiisa...Qorri yeroo gannaa ...qorra laga jahannam (_zamhariiraa_) siyaadachiisa...". Je'an..

Mee seenaa isaanii irraa gabaabsinee haa laalluu....

Gaafa tokko Hasan Albasrii ﻋﻠﻴﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ osoo masjida keessa taa'u akka malee butamee hafuura baafatee iyyee booyee".

Maaf boossa..Yaa Hasan !" je'aniin...

"Yaa jarana ! Osoo ani quba hin qabne du'ee yoo boru jahannam keessatti lafti natti bariite akkam ta'a...?!! Je'ee yaade..". Je'een ...

Ummata dabre keessaa Salafni tokko osoo mataa dhiqataa jiru.._Bishaan suni oo'aa ture._ Bishaan kuni akka malee mataa gubnaan...Imimmaan gadi naqee gadi taa'ee booyee...Aayata tana yaadate..

) ﻳﺼﺐ ﻣﻦ ﻓﻮﻕ ﺭﺀﻭﺳﻬﻢ ﺍﻟﺤﻤﻴﻢ .. )

(Warra ibiddaa) gubbaa mataa isaaniitiin bishaan hamiim itti bubuufaama...". Tan jettu yaadatee booye...

Salafa dabran keessaa Tokko osoo magaalaa keessa deemu foon waddamuutti jiru argee dhaabatee booye...

Namtichi foon waddu:" Maaltu si boochise..?

Moo ati foonitti haajaa qabda..? Je'een...
Salaftichi:" Lakki...Ilmaan aadamtu garaa na nyaate...Beeylada erga du'ee of wallaalee fuudhanii waddan...Ilmaan aadam ammoo osoo inni jiru fuudhanii ibidda jahannam keessa ciibsan..je'ee booye !!" je'ee...

Allaahu Akbar..Allaahu Akbar

Ijoollee salafa dabranii keessaa tokko...Osoo harmeen isaa ibidda qabsiiftu bira dhaabatee hargufamee booye...Harmeen isaa dinqisiifattee..." Mucaa maaltu si boochise..?! Jetteen.." Harmee tiyya ! Amma Wayta ibidda qabsiiftu...Qoraan ykn muka gurguddaa dura xixiqqaan qabsiisuu eegalte...Nullee warra gurguddaa dura nuhii xixiqqaa kana way ibiddatti nu guuranii je'ee booye...!!!". Je'een...

Yaa Rabbi ! Akka qalbii jaraa iimaanaa jiiftetti qalbii teenyallee nuuf jiisi....Dura waan qalbii gooysaa irraa nu fageessi.

By: Abdallaah

https://www.tg-me.com/derajemea
Forwarded from OROMO DV
Carraan DV-2025 Ebla gaafa 26 jechuun sambata duraa(qidaamee) dhufu galgala kaasee ilaalamuu ni eegala!

🔜 Akkaataatti ofii keessaniin carraa keessan ilaallattan barreeffama fi viidiyoodhaan isiniif maxxansina!

🔜 Namoota koodiin keessan isin jalaa bades akkaataatti ilaallattan isiniif maxxansina!

🔜 Namoonni abbaa carraa taatanimmoo waan isin gochuu qabdan isin qajeelchina, nu qunnamaa!

❌️ Namoonni nu biratti galmooftanii gatii galmee kaffaluu dhabuudhaan koodii keessan hin fudhatin jirtan, ammas koodii keessan isiniif hin ergamu waan ta'eef nun gaafatinaa!


CARRAA GAARII!

@OromoDV
Forwarded from Shaafii Muhammad Channel (أحمد بن يونس الأنصاري)
يا طالب العلم حدث نفسك أن تكون مثل الألباني في الحديث
ومثل الشنقيطي في الأصول ومثل ابن عثيمين في الفقه ومثل الجامي في العقيدة وكن رجلا رجله على الثرى ثابتة وهامة همته في الثريا سامقة ولا تكن شاب البدن أشيب الهمة فإن همة الصادق لا تشيب كما قال سيدي الشيخ العصيمي حفظه الله ، وادعوا الله ليل نهار وألح في ساعات الإجابة أن يفتح عليك فتوح العارفين وأن يرزقك باعا طويلا في العلم الذي تميل إليه وما ذلك على الله بعزيز .

ويا طلبة العلم في دار الهجرتين أرض الفقهاء والمحدثين والنحاة وو أرض النجاشي الحبشة ألا تريدون أن تكونوا خلفاء لأسلافكم الأكابر كالجامي والهرري والإتيوبي والبصيري ؟؟؟
إذا هيا بنا لنخرج عن ميدان البطالين لندخل بنية صادقة إلى ميدان أهل الجد والاجتهاد الصادقين .

الأخ عبدالرزاق باجي
Dhaabbanni gargaarsa Egereef gargaarsa walloof kan oolu midhaan daaku qarshii miliyoona 15 olitti Tilmaamuu deeggarsa taasise.

Qubee TV (Caamsaa 2, 2024) Finfinnee!
Dhaabbanni gargaarsa Egereef sababa waraana fiinxaaleyyiin Faannoo, Oromoo walloo irratti Geggeessaa jiruun hawaasa beelaaf saaxilameef kan oolu midhaan daaku qarshii miliyoona 15 olitti Tilmaamuu deeggarsa taasise.

Dhaabbanni kun karaa miidiyaa hawaasummaa ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaan qarshii walitti qabaa kan ture yoo ta’u guyyaa har'aa kana deeggarsa midhaan nyaata bituun koree gargaarsa kana ummata  walloof qaqqabsiisuuf dabarse kennee jira.
Forwarded from Faaya islamummaa (عمر الفاروق Umar leenca Islamaa)
Wallaahi addunyaan tuni
Nama akka nabiyyii Muhammad
S.A.W

garaa laafu
Nama akka isaa dhugaa dubbatu
Nama akka isaa dhugaaf jiraatu
Nama akka isaa dhugaaf dhaabbatu
Nama akka isaa dhugaan deemu
Nama akka isaa baallama guutu
Nama akka isaa baallama eeggatu
Nama akka isaa baallama jabeeysu
Nama akka isaa baallama tiksu
Nama akka isaa baallama dhugoomsu
Nama akka isaa qulqulluu
Nama akka isaa qulqullina eegatu
Nama akka isaa kabajaa qabu
Nama akka isaa bareedu
Nama akka isaa urgaawu
Nama akka isaa safuu beeku
Nama akka isaa qaanfatu
Nama akka isaa ija guutu
Nama akka isaa coollee
Nama akka isaa gootaa
Nama akka isaa jeeynaa
Nama akka isaa baheeysaa
Nama akka isaa arjaa
Nama akka isaa hayyuu
Nama akka isaa beekaa
Nama akka isaa hogganaa
Nama akka isaa nagayaa
Nama akka isaa nagaya jaalatu
Nama akka isaa nagaya labsu
Nama akka isaa nagayaaf dhaabbatu
Nama akka isaa nagayaaf jiraatu
Nama akka isaa nagayaan deemu
Nama akka isaa jaalala beeku
Nama akka isaa jaalala labsu
Nama akka isaa jaalalaan deemu
Nama akka isaa sadarkaa qabu
Nama akka isaa ulfina qabu
Nama akka isaa darajaa qabu
Nama akka isaa obsa qabu
Nama akka isaa haala tolu
Nama akka isaa amalli bareedu
Nama akka isaa bifa qabu
Nama akka isaa qoma ballatu
Nama akka isaa sammuu qabu
Nama akka isaa mataa qabu
Nama akka isaa aqlii qabu
Nama akka isaa fuulli ifu
Nama akka isaa keessummaa kabajau
Nama akka isaa amantaa namaa kabaju
Nama akka isaa amaanaa galchu
Nama akka isaa amaanaa namaa eegu
Nama akka isaa dubbii eeggatu
Nama akka isaa dubbii toohatu
Nama akka isaa haasawa tolu
Nama akka isaa haasawni bareedu
Nama akka isaa arguuf dharraatu
Nama akka isaa arguuf dheebboottu
Nama akka isaa arguuf gammaddu
Nama akka isaa arguun tasgabbooytu
Nama akka isaa nama tasgabbeeysu
Nama akka isaa namaaf yaadu
Nama akka isaa namaaf dhukkubsatu
Nama akka isaa dubratii kabaju
Nama akka isaa manguddoo kabaju
Nama akka isaa ijoollee jaalatu
Nama akka isaa daa'immaniif yaadu
Nama akka isaa haqa guutu
Nama akka isaa haqa jaalatu
Nama akka isaa haqaaf dhaabbatu
Nama akka isaa dhugatti murteessu
Nama akka isaa miidhamaaf tumsu
Nama akka isaa of gadi qabu
Nama akka isaa rakkataa gargaaru
Nama akka isaa aanaa maxxanfatu
Nama akka isaa rakkataa cinaa dhaabbatu
Nama akka isaa beelaawaa nyaachisu
Nama akka isaa hiyyeessa gargaaru
Nama akka isaa miskiinaaf dhaabbatu
Nama akka isaa qooda namaaf kaayu
Nama akka isaa qooda namaa beeku
Nama akka isaa galataa namaa beeku
Nama akka isaa cubbuu jibbu
Nama akka isaa soba jibbu
Nama akka isaa kijiba jibbu
Nama akka isaa roorroo jibbu
Nama akka isaa miidhaa jibbu
Nama akka isaa nama ganuu jibbu
Nama akka isaa khiyaanaa jibbu
Nama akka isaa mormaa jibbu
Nama akka isaa bolola jibbu
Nama akka isaatti RABBI gabbaru
Nama akka isaatti RABBI sodaatu
Nama akka isaatti RABBI tiikfatu
Nama akka isaatti RABBI kadhatu
Nama akka isaatti RABBI jaalatu
Nama akka isaa RABBI irratti irkatu

Gartee hin beektu.
Keessummoota Rahmaaniif leenjii kennuu itti fufe

Manni maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee namoota sirna hajjii bara Hijraa 1445/2016 raawwachuuf buufata isaatti galma'aniif leenjii kennaa jiru itti fufeera.

Leenjii hubannoo uumuu guyyaa sadaffaadhaaf itti fufee har'a kennamaa ooleen Ustaaz Bahruu Umar imala hajjii qophaa'ummaa niyyaa irraa eegalee hanga xumuraatti gochoota raawwataman ilaalchisuun keessummaa Rahmaaniif leenjii bal'aa kennaniiru.

Ustaaz Mahaammad Abaatee gama isaaniitiin dhimmoota yeroo sirni hajjii raawwatamutti hojjatamuu qaban ilaalchisee ibsa bal'aa kan kennan yoo ta'u dhimmoota waktii hajjiitti dagatamaniif xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa akka ta'es hirmaattotaaf kaasaniiru.

Sirna hajjii bara kanaatiif buufata galmee mana maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinneetti namoonni 3600 kan galma'an yoo ta'u leenjiin kunis hanga Dilbataatti kan itti fufu ta'uu manni marechaa beeksiseera.
T.me/Sammaan
Turkiin guutuun guututti Israa'el irratti uggura daldalaa goote

Bloomberg har’a akka gabaasetti turkiin Erdogaan Israa’el irratti qoqqobbii bal’aa kaa’uu ishee ibsameera. Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Israa’el Katz qoqqobbii Turkii hordofuun Israa’el miidhaa dinagdee hamaa akka irra ga’u ibsuun, Israa’el qoqqobbii Turkii kana furuuf filannoo fudhachuu qabdi jedhan.

Kana malees Turkiyaan biyyi oomisha gara Israa’el geejjibsiisu fi oomisha Israa’el irraa gara biyya biraatti geessu kamiyyuu buufata doonii Turkii fayyadamuu akka hin dandeenye beeksisteetti.

Akkasumas Turkiyaan dooniiwwan gara Israa’el imalanis ta’e xiyyaaronni gara Israa’el balali’an lafa galaanaa Turkii fi naannoo qilleensaa Turkii fayyadamuu akka hin dandeenye beeksifteetti.

Turkiyaan Afriikaa Kibbaa waliin gamtaadhaan Israa’el loluufis murteessiteetti. Erdogaan tokkummaa Falasxiinotaa fiduuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, gama siyaasaatiin Hamaas cimsuuf hoggantoota Hamaas waliin gadi fageenyaan mari’achaa jira.
Forwarded from Daandii Milkii(Jennataa)
Allaahu Akbar Maashaa Allaah
Guyyoottan 10 qofa keessatti namoonni sadarkaa adduunyaatti bebbeekkamoo mfi dhiibbaa uuman kunneen gara islaamummaatti makamaniiru

~ Aartistii beekamaa Hoolaand Doni Rolvink
~ Leenjisaa beekamaa lammii Faransaay ta'e Patris Bewmel
~ Lammii Koongoofi taphataa garee biyyaalessaa Kuweet Arsen Zola
~ Leenjisaa Poorchugaal Jose Mores
Rabbiin isaan haa jabeessu. Inshaa Allaah islaamummaan mana dachee kana irra jiru guutuu seenuuf ta'a.
@Saahibuddiin28
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

       𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐈𝐬 𝐇𝐨𝐩𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧
         𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
          𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬
       ---------------

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬 10𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐖𝐚𝐯𝐞𝐫 @Rafiqul_Islaam
2024/05/04 01:54:46
Back to Top
HTML Embed Code: