Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
#Sheyxaana arrabsuun akka dhoorkaa ta'e beektuu?

#Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa.

#Sahaabichi tokko [ r.a ]akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli [s.a.w] yaabbii isaanii duubaan na yaabbisanii osoo deemanii horiin isaanii gufannaan, ani 'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli [s.a.w] "bismillaahi jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".

Forwarded from ๐”…๐”ž๐”ฏ๐”Ÿ๐”ž๐”ž๐”ก๐”ž๐”ž โ„Œ๐”ž๐”ฎ๐”ž๐”ž via @Feysal_bot
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 
ใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธ

Gosoota Jihaadaa keessaa Muraasa

Jihaadin akkuma Mujaahidaa (Nama qabsoo godhuu) hunda sadarkaa fi akaakuun isaa adda adda.
โžงNafsee isaa irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
โžงShayxaana irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.

โžงDiinii isaa nan balleessa kan jedhu irratti jihaada (qabsoo) godhuu.

โžงMunaafiqoota irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
โžงQalamaan Jihaada (qabsoo) godhuu.

KUTAA 1๏ธโƒฃ8๏ธโƒฃFFAA
BARNOOTA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1๏ธโƒฃ8๏ธโƒฃFFAA
Kutaa 17ffaa dubbisuu Hubadhaa

0๏ธโƒฃ2๏ธโƒฃ GUDDINA RABBII BEEKUU  MAQOOLEE FI SIFAATA ISAA
BEEKUU:
โœบ Isa xiinxaluu hiika ishee hubachuu guddina Rabbii namatti beekamu kana qalbii irra tursiisuufi akka qaamni waan qalbiin hubate kana hojiitti jijjiiruuf jecha qaama hunda keessa yaasuudha. Qalbiin mootii fi dura buโ€™aa isheeti. Qaamni immoo loltuufi hordoftoota isaati. Yeroo inni tole qaamnis ni tolti; yeroo inni bade isheenis ni baddi.

Ragaan guddina Rabbii Qurโ€™aanaafi hadiisa keessa baayโ€™eedha. Muslimni yeroo kana xiinxale qalbiin isaa ni romma; lubbuun isaa Rabbii guddaadhaaf of gadi dhaba; qaamni isaas argaa dhagaโ€™aadhaaf gadi jedha; kushuuโ€™ii Rabbii jalqabaatiifi dhumaatiif dabalata. Kana keessaa tokko maqooleefi sifaata isaa baayโ€™ee dhufeedha; Inni guddaa toโ€™ataa boonaa jabaa moโ€™ataa oltaโ€™aadha. Inni jiraataa hin duuneedha; namoonniifi jinniin ni duโ€™u. Inni uumama isaa cufa moโ€™ataadha. Kakawweenis faaruu isaatii waliin isa qulqulleesa. Maleykonnis sodaa isaa irraa isa qulqulleessu. Injifataa abbaa haaloo baโ€™annaati.
Ofi in dhaabataa hin rafneedha. Beekumsaan waan hunda marsaadha. Gantuu ijaa waan qomti dhoksu ni beeka.

Balโ€™ina beekumsa isaa ibsee ni jedhe:
โ€œFurtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa bira jira. Isa malee homtuu ishee hin beeku. Inni waan dachii keessa jiruu fi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala irraas
tokkollee inni beeku malee hin kufu. Firiin dukkana dachii keessaa jiidhaa fi gogaanis kitaaba ifa taโ€™e keessa jiraatu malee hin hafu.โ€ (Al-anโ€™aam: 59).

Guddina isaa irraa tokko waan inni ofi rraa hime:
โ€œIsaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifne. Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati;
samiinis mirga Isaatiin maramtuu dha.โ€ (Azzumar: 67).

Ergamaan Rabbii ๏ทบ ni jedhan: โ€œRabbiin Guyyaa Qiyaamaa dachii ni qaba; samii immoo mirga isaatiin ni mara. Sana boda โ€˜mootiin ana; eessa jiru mootoliin addunyaa?โ€™ jedha.โ€ Bukhaariitu gabaase.

Yeroo seenaa Muusaa kan innii
โ€œyaa Rabbi of na agarsiisi sin ilaalaaโ€ jennaan Rabbii immoo โ€œNa hin argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti raggaโ€™eef Na argitaaยป jedhe. Yeroo Rabbiin isaa gaaraaf mulโ€™atu daakamaa lafaan qixxaaโ€™aa isa godhe. Muusaanis of wallaalee kufe.โ€ (Al-aโ€™araaf: 143)

onneen of gadi qabee qalbiinis ni romma. Ergamaan Rabbii ๏ทบ yeroo aayata kana qaraโ€™anii fassaran quba isaanii abbudduu birkii quba xiqqoo isa olii irra kaaโ€™anii sana booda jedhan โ€œgaarri dachii keessa gadi dhidhime.โ€
Tirmiziitu gabaase.

Hadiisichi sahiiha. Hiikti isaa immoo hangumti birkii quba xiqqoo ishee olii gubbaa jiru qofti gaaratti mulโ€™annaan
lafa keessa gadi lixee dhabame jechuudha. Rabbii ol taโ€™etu beeka. โ€œHijaabni isaa ifaadha; odoo inni ishee saaqee silaa ifti fuula isaa uumama irraa waan ijji isaa itti dhaqqabe hundaa ni gubdi ture.โ€ Muslimtu gabaase.

Guddina Rabbii irraa kan biraa immoo waan Ergamaan Rabbii ๏ทบ nuuf himaniidha: โ€œyeroo Rabbiin murtii wahii
samii keessatti murteesse maleykonni kooluu (qoochoo) isaanii jecha Isaatiif of gadi qabuuf jecha lafa keessi.
Inni waan dirii dhagaa irra buโ€™eeti. Yeroo qalbii isaanii irraa saaqame โ€˜Rabbiin keessan maal jedhe?โ€™ jedhu. โ€˜Dhugaa dubbate; inni ol taโ€™aa guddaadhaโ€™ jedhu.โ€
Bukhaariitu gabaase.

Ragooleen kanaa baayโ€™eedha. Kan fedhame ragoolee kanaafi kan biroollee xiinxaluudhaan guddina Rabbii beekuun
wantoota dadhabina iimaanaa wallaanaa keessatti hundarra buโ€™aa qabaniidha. Ibn Alqayyim Rabbiin isa haa mararfatuu guddina Rabbii haasaa miโ€™aahaa gaarii taโ€™een ibse: โ€œwantoota
biyya kamiituu Isatu toโ€™ata ni ajaja ni dhorga ni uuma; ni soora ni ajjeesa ni jiraachisa ni guddisa ni xiqqeessa halkaniif guyyaa gara gaggalcha guyyoota kana jidduu namaatti taraa godha; biyyootiis ni jijjiira; biyya tokko dhabamsiisee kan biraa fida. Ajajni isaatiifi taayitaan Isaa samii keessatti
moggaa ishee hundarrattis dachii keessattiifi waan ishee irra jiru jala ishees jiru galaanotaafi qillensa keessattis ni raawwatama. Waan hundaa beekumsaan marseera.

Kutaa 19ffaan itti fufa insha'allaah....

Forwarded from Kena
Mi'aa Milkaa'inaa fii obsaa.

๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

โ€ข Miโ€™aa milkaaโ€™inaa, obsaa fi carraaqqi waliin dhandhaman.

Namni milkaaโ€™innaaf tarkaanfi jalqabe ni carraaqa. Namni carraaqu immoo ni obsa. Namni obse immoo In sha Allah ni milkaaโ€™a.
๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

โ€ขYeroo rakkoo obsuuf waa lama of yaadachiisi.

~1ffaa: mindaa obsaan argamu- yommuu obsitu mindaa fi milkaa'inni guddaan si fuundura akka jiru abdadhu. Dhugumatti Rabbiin oltaโ€™aan ni jedha: โ€œWarri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.โ€ Suura Az-Zumar 39:10

๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ
~2ffaa: yoo obsuu dhiiste wanta dhabduu fi miidhaa sirra gahuu yaadadhu. Namni balaa isatti bu'eef yoo obsuu dhiise, kan duraan dhabe caalaa waan biraa dhaba. Akkasumas, miidhaa guddaa ofirraan geessa.

๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธ๐š†๐™ฐ๐™น๐™น๐™ธ๐™ฝ ๐™น๐™ธ๐š๐™ฐ๐™ฐ๐™ฒ๐™ท๐š„๐š„๐™ต
โœ๏ธ๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐šƒ๐š˜๐š›๐š‹๐šŠ๐Ÿฝ ๐š”๐šŠ๐š—๐š—๐šŽ๐šŽ๐š— ๐š”๐š˜๐š™๐š‘๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š๐š’ ๐š”๐š˜'๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š‹๐š’๐š•๐š’๐šœ๐šŠ ๐š—๐šŠ๐š–๐šŠ ๐š๐š˜๐š๐š‘๐šŠ๐š—:

๐Ÿท.๐™ฝ๐šŠ๐šŠ๐š–๐šž๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿธ.๐š‚๐š‘๐šŠ๐š”๐š”๐š’๐š’ ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š‹๐š’๐š•๐š’๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ'๐šž๐šž.
๐Ÿน.๐š๐šŠ๐š”๐š”๐š’๐š—๐šŠ ๐šž๐šž๐š–๐šž๐šž ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š˜๐š ๐šš๐š˜๐šš๐šš๐š˜๐š‹๐šž๐šž ๐šข๐š”๐š— ๐š˜๐š ๐šš๐šž๐šœ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿบ.๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š‘๐šŠ๐š–๐š’๐š•๐šŽ๐šŽ ๐š‹๐šŠ๐š•๐š๐š‘๐šŠ๐šŠ ๐š๐šŠ๐š๐šŠ๐šŠ๐š๐šœ๐šž๐šž.
๐Ÿป.๐™พ๐š‹๐šœ๐šŠ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š๐š˜๐š๐š‘๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿผ.๐™ณ๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š๐š๐š’๐š’ ๐™ฝ๐šŠ๐š–๐š˜๐š˜๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š ๐š˜๐š•๐š’๐š’ ๐š๐šŠ๐š•๐šž๐šž ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž ๐š๐š‘๐šŠ.
๐Ÿฝ.๐™ฝ๐šŠ๐š–๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐™ฐ๐š”๐š”๐šž๐š–๐šŠ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š’๐šœ๐šŠ๐šŠ๐š—๐š’๐š’๐š๐š๐š’ ๐š’๐š๐š๐š’ ๐š–๐š’๐šŒ๐š‘๐š˜๐š˜๐š–๐šž๐šž ๐š๐š‘๐šŠ.
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU

Gorsa Hayyootaa Irraa

Jaartiin takka Umrii ishii bareedinna fuula ishii osoo hin dhabin akka aduu bareeddee fi iftee namootni ishee argan wanticha ajaa'ubuun sababa maaliitin bareedinna akkanatti ife akka gonfatte yoo gaafatan akka asii gadiititti deebifte:-
โžงHidhiiwwan kiyya haqaan ala jecha biroo akka hin baafne godhuu kiyyaan
โžงSagaleen kiyya Allaahaa (S.W) yaadachuu malee wanta birootiin hafuura illee akka hin baafanne godhuu kiyyaan.
โžงIjjeen tiyya halaala malee haraama akka hin ilaalle dhoorkuu kiyyaan.
โžงHarki kiyya humna qabuun hiyyeessaa kennuun akka diriiru godhuu kiyyaan.
โžงQaaamni kiyya guutuun karaa Allaahaa (S.W) irratti akka qajeelan (Istiqaamaa akka qabaatan) godhuu kiyaan.
โžงOnneen tiyya jaalala Allaahaa (S.W) tiin akka qabamtu godhuu kiyyaan
โžงSammuun kiyya qarummaa (hikmaa) malee ilaalcha gowwootaatiin akka hin summoofne godhuu kiyyaan.
โžงHawwii fi fedhiin kiyya lugaama Iimaanaa akka qabaatan godhuu kiyyaa fi hamilee hongoo fedhiin kiyya ittiin an hogganeen wanta hin hogganaminiifโž jechuun deebifte.

Yaa Allaaha! Beekumsa na beeksifteen fayyadamaa na godhi. Beekumsa na fayyadu illee na barsiisi. Beekumsa illaa naaf dabali. Aamiiin!!โž
Forwarded from Keyralumma
Hamma Guyyaa fi Halkan Keessatti Qara'amuu Qabu:

Sahaabonni nabiyyii salallaahu aleeyhi wasallam guyyaa hunda qur'aana irraa hamma qara'uu qaban ofiif murteeffatu turan.

Garuu isaan keessaa namni yeroo guyyaa torba hin geenye keessatti isa xumuruu irratti aadeftate hin jiru. Inumaa yeroo guyyoota sadihii gadii keessatti xumuruu irraa ragaan dhoorgu dhufeera.

Kanaaf, yaa obboleessa kiyya! yeroo kee isa qara'uu irratti dabarsuuf yaali. Guyyaa guyyaan hamma qara'uu dandeessu murteeftadhuu dhimma fedhes yoo ta'e hin dhiisin; waan xiqqaan yeroo hunda hojjatamu isa guddaa jidduun dhiifamu irra caalaa waan ta'eef.

Yoo irraanfatte ykn hirribni irraa si dage, borumtaa san qadaa baasi, Yaa rabbi Qiraati fi itti dalagaa isaatis nuu laaffisi.

Allaahumma salli wa sallim alaa sayyidinaa Muhaammed.
Forwarded from ๐”…๐”ž๐”ฏ๐”Ÿ๐”ž๐”ž๐”ก๐”ž๐”ž โ„Œ๐”ž๐”ฎ๐”ž๐”ž via @Feysal_bot
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธ๐š†๐™ฐ๐™น๐™น๐™ธ๐™ฝ ๐™น๐™ธ๐š๐™ฐ๐™ฐ๐™ฒ๐™ท๐š„๐š„๐™ต
โœ๏ธ๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐šƒ๐š˜๐š›๐š‹๐šŠ๐Ÿฝ ๐š”๐šŠ๐š—๐š—๐šŽ๐šŽ๐š— ๐š”๐š˜๐š™๐š‘๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š๐š’ ๐š”๐š˜'๐šž๐š–๐š–๐šŠ๐šŠ ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š‹๐š’๐š•๐š’๐šœ๐šŠ ๐š—๐šŠ๐š–๐šŠ ๐š๐š˜๐š๐š‘๐šŠ๐š—:

๐Ÿท.๐™ฝ๐šŠ๐šŠ๐š–๐šž๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿธ.๐š‚๐š‘๐šŠ๐š”๐š”๐š’๐š’ ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š‹๐š’๐š•๐š’๐šœ๐šŠ ๐š๐šŠ'๐šž๐šž.
๐Ÿน.๐š๐šŠ๐š”๐š”๐š’๐š—๐šŠ ๐šž๐šž๐š–๐šž๐šž ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š˜๐š ๐šš๐š˜๐šš๐šš๐š˜๐š‹๐šž๐šž ๐šข๐š”๐š— ๐š˜๐š ๐šš๐šž๐šœ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿบ.๐™ฐ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š‘๐šŠ๐š–๐š’๐š•๐šŽ๐šŽ ๐š‹๐šŠ๐š•๐š๐š‘๐šŠ๐šŠ ๐š๐šŠ๐š๐šŠ๐šŠ๐š๐šœ๐šž๐šž.
๐Ÿป.๐™พ๐š‹๐šœ๐šŠ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š๐š˜๐š๐š‘๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž.
๐Ÿผ.๐™ณ๐šŠ๐š—๐š๐šŽ๐šŽ๐š๐š๐š’๐š’ ๐™ฝ๐šŠ๐š–๐š˜๐š˜๐š๐šŠ๐šŠ๐š— ๐š ๐š˜๐š•๐š’๐š’ ๐š๐šŠ๐š•๐šž๐šž ๐š๐šŠ๐šŠ๐š›๐š’๐š’ ๐šš๐šŠ๐š‹๐šŠ๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž ๐š๐š‘๐šŠ.
๐Ÿฝ.๐™ฝ๐šŠ๐š–๐š˜๐š˜๐š๐šŠ ๐™ฐ๐š”๐š”๐šž๐š–๐šŠ ๐šŠ๐š–๐šŠ๐š•๐šŠ ๐š’๐šœ๐šŠ๐šŠ๐š—๐š’๐š’๐š๐š๐š’ ๐š’๐š๐š๐š’ ๐š–๐š’๐šŒ๐š‘๐š˜๐š˜๐š–๐šž๐šž ๐š๐š‘๐šŠ.
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 
ใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธ
Gorsa Hayyootaa Irraa

โYoo dandeette beekaa ta'i, yoo kana godhuu dadhabde beekuuf xaarii, kana illee godhuu yoo dadhabde beekaa jaaladhu, sana yoo dhabde illee beekaa (Aalima) hin jibbiniโž. [Umar Ibn Abdul-Aziiz).

Abuu Bakris-Siddiiq (R.A) yoo dubbatan โWantootni saddeeti (8) bareedinnaโž jedhanii jiran Isaanis:-
โ“ตBareedinna hiyyummaa nama kadhachuu dhabuu dha.
โ“ถBareedinni jireenyaa qananii (jireenya badhaadhinaa) Allaahaa (S.W) galatonfachuu dha.
โ“ทBareedinni rakkoo Obsa.
โ“ธBareedinni beekusmaa namaa ibsuu danda'uu dha.

โ“นBareedinni beekumsaa namaa ibsuu danda'uu dha.
โ“บBareedinni beekaa of xiqqeessuu dha.
โ“ปBareedinni Allaahaa (S.W) Sodaachuu booyuu dha.
โ“ผBareedinni Salaata xiyyeeffannaan onnee sassaabuu (khushuu'i qabaachuu) dha.
Forwarded from Keyralumma
แŠจแŒ แ‰ขแ‰ฃแŠ• แˆแŠญแˆญ

แŠ แŠ•แ‹ฒแ‰ต แ‰ฃแˆแ‰ดแ‰ต แ‹•แ‹ตแˆœแ‹‹ แ‹จแŠแ‰ทแŠ• แ‹แ‰ แ‰ต แˆณแ‹ญแŒ‹แ‹ แŠฅแŠ•แ‹ฐ แ€แˆแ‹ญ แ‰ฐแ‹แ‰ฃแŠ“ แ‹ฐแˆแ‰ƒ แ‹ซแ‹ฉแ‹‹แ‰ต แˆฐแ‹Žแ‰ฝ แ‰ แАแŒˆแˆฉ แ‰ฐแŒˆแˆญแˆ˜แ‹ แ‰ แˆแŠ• แˆแŠญแŠ•แ‹ซแ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ… แ‹จแˆแŠซ แ‹แ‰ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแ‰ฐแˆ‹แ‰ แˆฐแ‰ฝ แˆฒแŒ แ‹ญแ‰‹แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแŠจแ‰ฐแˆˆแ‹ แˆ˜แˆแˆณแˆˆแ‰ฝ

โžงแŠจแŠ•แˆแˆฎแ‰ผแŠ• แŠจแˆ€แ‰… แ‰ แ‰€แˆญ แˆŒแˆ‹ แ‰ƒแˆ แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ซแ‹ˆแŒก แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแ‹ตแˆแ„ แŠ แˆ‹แˆ…แŠ• แ‰ แˆ›แˆตแ‰ณแ‹ˆแˆต แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‰ แˆŒแˆ‹ แ‰ตแŠ•แแˆฝ แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ญแˆ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแ‹“แ‹ญแŠ–แ‰ผ แŠจแˆแˆ‹แˆ‰ แ‰ แ‰€แˆญ แˆแˆซแˆ™แŠ• แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ซแ‹ฉ แ‰ แˆ˜แŠจแˆแŠจแˆŒแฃ
โžงแŠฅแŒ„ แ‰ฃแˆˆแŠ แŠ แ‰…แˆ แˆˆแ‹ตแˆƒ แ‰ แˆ˜แˆตแŒ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฒแ‹˜แˆจแŒ‹ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ แˆˆแ‹แАยฑ แ‰ แŠ แˆ‹แˆ… แˆ˜แŠ•แŒˆแ‹ต แŠฅแˆตแ‰ฒแ‰ƒแˆ› แŠฅแŠ•แ‹ฒแŠ–แˆซแ‰ธแ‹ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแˆแ‰ค แ‰ แŠ แˆ‹แˆ… แแ‰…แˆญ แŠฅแŠ•แ‹ฒแŒ แˆ˜แ‹ต แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ

โžง แŠ แŠฅแˆแˆฎแ‹ฌแŠ• แ‰ แŒฅแ‰ แ‰ฅ (แˆ’แŠญแˆ›) แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‰ แˆžแŠžแ‰ฝ แŠ แˆตแ‰ฐแˆณแˆฐแ‰ฅ แŠฅแŠ•แ‹ฒแˆ˜แˆจแ‹ แ‰ฃแˆˆแˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแฃ
โžงแˆแŠžแ‰ดแŠ“ แแˆ‹แŒŽแ‰ด แ‹จแŠขแˆ›แŠ• แˆแŒ“แˆ แŠฅแŠ•แ‹ฒแŠ–แˆซแ‰ธแ‹ แ‰ แˆ›แ‹ตแˆจแŒŒแŠ“ แแˆ‹แŒŽแ‰ด แ‰ แˆ˜แˆซแŠ แŠจแŠ•แ‰ฑ แˆตแˆœแ‰ต แ‰ฃแˆˆ แˆ˜แˆ˜แˆซแ‰ด แАแ‹ยป แˆฒแˆ‰ แˆ˜แˆˆแˆฑแกแก
โžงยซแŠ แˆ‹แˆ… แˆ†แ‹ญ แ‰ แŠ แˆณแ‹ˆแ‰…แŠจแŠ แŠฅแ‹แ‰€แ‰ต แ‰ฐแŒ แ‰ƒแˆš แŠ แ‹ตแˆญแŒˆแŠแกแก แ‹จแˆšแŒ แ‰…แˆ˜แŠแŠ•แˆ แ‹•แ‹แ‰€แ‰ต แŠ แˆณแ‹แ‰€แŠ แŠฅแ‹แ‰€แ‰ตแŠ•แˆ แŒจแˆแˆญแˆแŠแกแก แŠ แˆœแŠ•แกแกยป
2025/07/05 08:31:53
Back to Top
HTML Embed Code: