Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️


Sadaqaah

Ergamaan Allaahaa (S.A.W) akkana jedhan:-
➯Namni cinqiiwwan addunyaa tanaa keessaa Mu'imina tokko irraa cinqii takkattii fure, Allaahaan (S.W) cinqiiwwan addunyaa dhufuu keessaa cinqii takka irraa fura.
➯Nama rakkateef kan laaffise Allaahaa (S.W) addunyaa tanattis ta'ee addunyaa dhufutti isaa laaffisa.
➯Namni dogoggora (hanqinna) Muslimaa dhokseef Allaahaan (S.W) addunyaa tanattis ta'ee Aakirattis dogoggora isaa ni dhoksaaf.
➯Allaahaan (S.W) gabricha Isaa gargaaruu irraa duubatti hin deebii'u, yoo gabrichi Isaa Obboleessa isaa gargaaruu irraa duubatti deebi'uu baate. Beekumsa barbaacha karaa kan deeme Allaahaa (S.W) gocha isaa kanaan karaa gara Jannataa fidu isaa laaffisa.

Namootni manneen Allaahaa (S.W) keessaa tokko keessatti kitaaba (Qur'aana) Allaahaa (S.W) dubbisaa tokko kan biroo irraa barataa hin taa'anii:-
➧Isaan irratti tasgabbiin kan bu'e.
➧Rahmatni Allaahaa (S.W) kan isaan marse.
➧Malaa'ikootni kanneen isaan marsan.
➧Allaahaan (S.W) Isa bira kanneen jiran (jiraattota Samiiwwanii) wajjiin isaan kan faarsu yoo ta'e malee❞.
➯❝Nama gochi isaa duubatti isa harkise, sanyiin isaa (sanyii beekamaa irraa ta'uun isaa) isa hin ariifachiisu (gara fuul-duraa isa hin tarkaanfachiisu)❞ jechuu isaanii Abuu Hurayraan (R.A) dabarsanii jiru. [Muslimtu Gabaase].
Forwarded from Keyralumma
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa
⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Kutaa 3️⃣ffaa
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa

Abu Ubeeydaan amanamummaa isaa irraa gaafa Rasuulli s.a.w daldaltoota Qureeyishii afaan haa bahaniif ergu, waraanaaf waan siinqii hidhu dhabee tamira qalqalloo takka qofa hogganaa waraanaa sanii; Abu Ubeeydatti kenne. Innis ani amiira jedhee nyaata san ofiif hin kaawwanne. Hundaafuu tamira firee tokko tokko qoodeefii sanuma akka ilmoon harma haadhaa xuuxattutti xuuxxataa, bishaan irratti dhuguun, Rabbiin Barakaa keessa kaaheefii, sunummaan nyaata guyyaa tokko kan ganamarraa hanga galgalaa taateef.

Guyyaa duula Uhudis yeroo ummatni muslimaa cabee mushiriktoonni “gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa! gara Muhammaditti s.a.w na qajeelchaa.” jechuun iyyutti seenan, Abu Ubeeydaan tokkoo tuuta kurnan Rasuularraa s.a.w laphee isaaniitiin xiyya mushirikitootaa warra dhorkaa turan keessaa tokko.

Erga waraanni qabbanaahe booda Rasuula s.a.w uffanni lolaa kan sibiilaa irraa tolfame (kombortaan sibiilaa) jabeenna dhahaa kaafirtoota irraa dhonfoora isaa lameen waraanee, ilkaan (qarriffaan) isaa cabde arganiin.

Abu Bakris sibiila dhonfoora Rasuulaa s.a.w waraane harkaan irraa buqqisuuf itti siqnaan, Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w hin dhukkubaa sodaatee “Rabbiin si qabe! Anatu irraa buqqisaa naaf dhiisi.” jedheen. Abbaan Bakriitis akkuma fedha Abu Ubeeydaa ni dhiiseef.

Abu Ubeeydaan sibiila Rasuula s.a.w konfoora waraane yoo harkaan buqqise Rasuula s.a.w laalessaaf sodaatee, ilkaan isaa tan fuulduraa lameenin cininna jajjabaa ciniinuun yeroo sossoosu, seerreen isaa duraa irraa cabde. Yeroo isa lammaffaas irraa buqqisuuf yaalus seerreen isaa tan hafte irra cabde. Akkasumatti sibiila dhonfoora lameen waraane irraa buqqise.

Abban Bakriis booda “Abu Ubeeydaan irra bareedaa shergeeti.” jechuun isa faarse.

Abu Ubeeydaan nama salphaa angodhaaf hin dheebonnee fi namoota birattis akkaan jaalatamaa ture. Yeroo Rasuulli s.a.w lubbuun jiranitti Abu Ubeeydaan hogganaa waraana guutuu ture. Kanuma keessa Rasuulli s.a.w ganda maqaan isii Balaa jedhamtu, tan haati Amri Binu-Aas keessa jiraattutti Amri Binu Aasin duula salaasilaatti hogganaa waraanaa godhuun erge.

Duula kanarratti Amris biyya haa cabsuuf itti ergame, tolaa fi gorsaan waan ummata to’annaa jala oolchuu dadhabeef, lolaaf waraana dabalata barbaade. Rasuullis s.a.w Abu Ubeeydaa hogganaa waraanaa gochuun “akka angoof wal hin dhabne.” jechuun Abu Ubeeydaa dhaameefi gara Amrii waraana dabalataa erge.

Yeroo inni achi gahes Amri ati hogganaa narratti hin tatu jechuun dide. Abu Ubeeydaanis nama gadi of-qabaa waan tureef hoggansa Amrii dhiisee jalatti bulee, ummataanis akka salaatu eyyameef.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakarii keessattis hogganaa hoggantoota waraanaa ture. Garuu Angoo tana diduun ofirraa buuse.


Kutaa 4ffaan itti fufa inshaallaah
Forwarded from Keyralumma
Bareedina Nabii ﷺ
Qophii Urjii Ahmad
Rabbiin Rasuula isaa ﷺ bareedina qaamaa isa uffise, Jaalalaa
fii sodaa, Kabajaa fii ulfina irratti darbe, fuulli Isaa ﷺ akka ji’a
goobaneetti ifa.
Fuulli Rasuula Rabbii ﷺ akka aduu fii ji’aatti ifa ja’an warri isa
arguu fii isaa wajji jiraachuu badhaafaman.
Anas bin Maalik akkana je’a:
“Rasuulli ﷺ adii bareedaa haalaan ifu, hurkaan Isaa lu’lu’a
(faaya) fakkaata,”
Muslimtu gabaase.
Ka’ab bin Maalik akkana je’a:
“Hoggaa Gammade fuulli Rasuulaa ﷺ ni ifa, akka waan muraa
ykn kutaa ji’aati fakkaata.”
Hurkaan Nabii ﷺ shittoo adunyaa kanarra jiru hundarra
urgaawa. Fuulli isaa bareedinirraa ifaa biftuu fakkaata. Haalli
isaa tolinirraa Rabbiin “yaa Nabiyyii kiyya ati haala fii amala
guddaa fii kabajamaa qabda” je’eenii isa faarse. Jaalallee
Rabbii taheeti filame. Mukaatu isa jaalalaaf booye. Dhagaatu
isa jaalatee irratti salaammate.
Anaa fii ati jaalala isaatiif isa yaannee booyuun nutti xiqqaate.
Adawwii isaa, warra isa arrabsu jibbuu, waan isaan omishan
bituu dhabuu, Nabiyyii Rahmataatiif tumsuun waajiba keenya.
Fidaaka Abii wa ummii yaa Nabiyallaah!
# ﺇﻻ _ﺭﺳﻮﻝ _ ﺍﻟﻠﻪ
# Boycott_French_Products
Share godhi
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
Jechoota mimmiidhagoo
👉Waan jaallattu argachuudhaaf waan hin jaalanne keessa darbuu qabda.

👉Bakka mukni goolii jiru hin beektu taanan callistee kubbaa dhiituun kee faayidaa hin qabu.

👉 Namni nama jijiruu hin danda'u. Garuu namni tokko akka namni jijiiramuuf sababa ta'uu danda'a.

👉Dukkanni ati amma keessa jirtu humna guddaa qabaatee miti.Situ ifa guddaa sirka jiru dhaamsee keessa dhaabbataa jiraaf malee.

👉Namni irra daddeebiin waan hin qabne lakka'aa oolu,Waan qabu dagata.

👉 Nama hunda biratti fudhatama dhabuu dandeessa, garuu kan jijjiirama fidu ofuma kee biratti fudhatama qabaachuufi dhiisuu keeti.

👉 Bololli Mootii gabra yoo taasisu.Obsi immoo gabra mootii
taasisa.

Dubbiftee fixxeetta taanaan 🙏maaloo share godhi
Forwarded from Keyralumma
KUTAA 1️⃣9️⃣FFAA
BARNOOTA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
Kuta 18fa dubisu Hubadhaa

0️⃣2️⃣ GUDDINA RABBII BEEKUU  MAQOOLEE FI SIFAATA ISAA
BEEKUU:

✺ Ammas Rabbiin ol ta’e guddina isaatirraa Waan hundaa beekumsaan marseera Waan hundaa lakkoofsa isaanii hubateera Dhageettuun isaa sagaleewwaan hundaa wal ga’eera isarratti wal hin rukuttu Wal Isarratti hin fakkaatu Inumaayyuu wal dhabbii lughaa isheetiifi dhimmi ishee adda adda ta’uu waliin waca ishee hunda dhaga’a Tokko dhaga’uun tokkorraa isa hin shaagaltu Kadhaan baay’achuun isa hin dogongorsiisu haasaan warra himataa arraba jallaa harka jallachuun dubbii isarratti waliin hin maku Agartuun isaa waan argamu hunda waliin ga’e.

Deemsa mixii gurraattii halkan dukkana keessa dhagaa duudaa irra deemtus ni arga Ghaybiin (fagoon) isa biratti dhihoodha iccitiin isa biratti ifaadha wantoonni samiifi dachii keessa jiran hunduu isa kadhatuu inni yoomuu dhimma keessa jira Dilii araarama Gadda wahii fura rakkoo wahii saaqa Cabaa supha hiyyeessa duroomsa Jallataa qajeelcha Dhama’aa karaa akeeka Muddamaadhaaf birmata Beela’aa quufsa Daaraa (kan huccuu dhabe) uffisa Dhukkubsataa fayyisa Mokkoramaa nagaa taasisa Tawbaa qeebala Gaarii hojjataa mindeessa Miidhamaa tumsa Boonaa cabsa Qullaa haguuga Sodaataa nagaa godha Ummata wahii ol kaasa Kan biraa gadi taasisa Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra Rabbiin sodaatuu ta’anii sun mootummaa isaa irratti homaa hin dabalu.

Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii akka qalbii namicha hundarra jallataa ta’anii sun mootummaa isaa irraa homaa hin hir’isu Odoo warri samiifi dachii isaa jalqabni ummata isaatiifi dhumti isaanii jinnoonni isaaniifi namoonni isaanii
jiraataafi du’aan isaanii jiidhaafi gogaani isaanii dirree tokko irra dhaabbatanii isa kadhannaan hundaafuu kadhaa isaanii kennee sun waan isa bira jiru irraa hanga madaala atomiiyyuu hin hir’isu Inni jalqaba isa dura isaa homaa hin jirreedha Dhuma kan booda isaatii homaa hin jirreedha Gubbaa isa kan isaa ol homaa hin jirreedha Keessoo kan duuba isaa homaayyuu hin jirreedha Inni khayriin isaa baay’atee ol ta’ee irra haqa godhataa waan faarfameeti Warra gabbarame cufarraa kan haqa godhatuudha Irra caalaa warra galateeffatameeti Irra mararfataa waan moo’eeti Irra arjaa warra kadhatameeti Inni mootii shariika hin qabneedha Tokkicha qixa hin qabneedha.

Of danda’aadha ilmoo hin qabu Ol ta’aa fakkii hin qabneedha Fuula isaa wanti hundinuu ni bada Mootummaa isaa malee wanti hundinuu ni dhabamti Eeyyama isaatiin malee ittiin hin bulamu Beekumsa Isaatiin malee hin fincilamu Ittiin bulamnaan ni galateeffata Diliin hojjatamnaan araarama Adabbiin isaa hunduu haqa Qananiin isaa hunduu tola isaati Irra dhihoo as jiruudha Dhihoo hubataadha Sammuus ni qaba Dalagaa hundaa galmeessa Beellama barreessa Qalbiin isaaf dhaqqabduudha Iccitiin isa biratti mul’ataadha Kenni isaas haasaadhaani adabbiin isaas haasaadhaan Ajajni isaa yeroo waa tokko fedhe ta’i jechuudha Achumaan ta’a Haasaan Ibn Alqayyim asitti xumurame.


0️⃣3️⃣ BARNOOTA SHARI’AA BARACHUU:
◉ inni barumsa isa isa argachuun gara sodaa Rabbiitiifi iimaanni dabaluudhaan nama dhaqqabsiisuudha.

Rabbiin ol ta’e ni jedhe gabroota isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa Iimaanni warra waa beekaniifi waa hin beeknee wal hin qixxaa’u Akkamumatti namni sharii’aa adda adda baasee beeku hiika shahaadatayniifi dirqama ishee waan du’a booda jiru kan akka fitnaa qabrii cinqii dirraa mahshar dhaabbii Guyyaa Qiyaamaa qananii jannataa hikmaa sharii’aan waan tokko halaala godhuufi haraama godhuu keessatti qabu seenaa Nabiyyii ﷺ fi gosa barnoota sharii’aa kan biroo kan beeku isa amantiifi ahkaama isaa waan sharii’aan waa’ee ghaybii nuuf hime hin beekneen akkamitti iimaana keessatti wal qixxaa’a! inni kun qoodni isaa jaaminaan nama biraa hordofuudha Wanti inni beekumsa irraa qabu xiqqoodha jedhi! Sila warri beekanuufi hin beekne wal qixxaa’uu? (hin qixxaa’u)
Forwarded from 𝔅𝔞𝔯𝔟𝔞𝔞𝔡𝔞𝔞 ℌ𝔞𝔮𝔞𝔞 via @Feysal_bot
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸
Forwarded from 𝔅𝔞𝔯𝔟𝔞𝔞𝔡𝔞𝔞 ℌ𝔞𝔮𝔞𝔞 via @Feysal_bot
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸
Forwarded from Deleted Account
Nama osootin beekne
Akka bofaa si hidduu
Rabbi sirraaqabu
Goree isin gidduu
Namicha yeroo hundaa
Hamaa sitti yaaduuuu
Kan badinsakee arguuf
Irqinfateee aaduuuu

Osooti quban qabne
Aablee sifuuldura qabu
Humna isaatiin
Rabbi sirraaaqabuu
👇Aamiiiiiiiiiiiiin👇
Forwarded from Kena
🌹Amantaan islaamaa
Daandii jijjiiramaa
Ifaa jiruu namaa
Rakkoon namaa
Hundi isiidhaan furama


Yaa khaaliqa kiyya
An sumattan iyya
Addaan nan baasini
Amantaa bareedaa
Islaamummaa kiyyaan...
🤲Aamiiiiiiin👇jedhaa👇
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Gosoota Jihaadaa keessaa Muraasa

Jihaadin akkuma Mujaahidaa (Nama qabsoo godhuu) hunda sadarkaa fi akaakuun isaa adda adda.
➧Nafsee isaa irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Shayxaana irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.

➧Diinii isaa nan balleessa kan jedhu irratti jihaada (qabsoo) godhuu.

➧Munaafiqoota irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Qalamaan Jihaada (qabsoo) godhuu.
Forwarded from Keyralumma
Abu Ubeeydaa Binu jarrah

SEENAA
Abu Ubeeydaa Binu jarrah
Kutaa 4️⃣ffaa
Kuta 3fa dubisu Hubadha

Amiirri mu’mintootaa Umar bara bulchiinsa isaa garuu osoo Abu Ubeeydaan jiru nama tokkollee hogganaa isarrati hin tahu jechuun, hogganaa waraanaa kan seenaa islaamaa keessatti; yeroo hunda yoo maqaan isaa dhahamu, collee hogganaa waraanaa jedhamee kan faarfamu; Kaalid Binu Waliid akka angoo irraa bu’ee, Abu Ubeeydaan hoggansatti deebi’u, xalayaa barreessee hoggansaaf isa ajaje. Abu Ubeeydaan ajaja Umer fudhatus yeroodhaaf hogganummaa isaa ifa hin goone. Waraana waliin hiriiree, Kaalid Binu Waliid jalumatti duulu fi ajaja Kaalidiin lolaa ture.

Kaalidis erga lola itti marsee jiru cabsee booda, Angoo Abu Ubeeydaaf Umariin laatame dhagahe. “Rabbiin siif haa araaramu! yaa Abu Ubeeydaa hogganaa kiyya taatee osoo jirtuu, akkamiin na jalatti bulta? Akkamittis na duubaan salaatte?.” jedheen. Abu Ubeeydaanis “Rabbiin siifis haa araaramu! Ani angoo addunyaa hin fedhu. Addunyaafis hin dalagu. Nuti ganda cinnanni hin jirreef, dalagna. Nuti obboleewwani. Warra Islaamummaa Rabbiitiin dhaabbatu. Obboleessi immo obboleessa isaa jalatti buluun addunyaa fi amantii isaa keessattis waa isa hin miitu. Inumaahu kan ajajuttuu, kan jalatti bulantuu mokkoraa fi dogongoratti dhihaataadha.” jedheeni Of-gadi qabiinsa Rabbiif qabuu fi angoo barbaaduu dhabuu isaa waraana hundaaf fakkenya ta’ee, waraana isaa waliin jiru boochise. Kanaafis hoggantoonni jajjaboo fi goototni hundi Abu Ubeeydaa ofirratti ajajaa gochuuf dheebotaa turan.

Bara bulchiinsa Abbaa Bakrii keessattis Kaalid Binu sa’iid obboleyyan isaa, dardarran naannawaa fi nama gosa isaa irraa tole isa jedhe, hundaa walitti qabee Abbaa Bakritti dhaqee “ani karaa Rabbii keessatti mushriktootaan hanga dhumanitti hogganummaa Abu Ubeeydaa jalatti loluuf waadaa siif seena. Ani Yazid binu abi Sufiyan ilma adeeraa kiyyaa hedduu jaaladha. Garuu Abu Ubeeydaa obboleessa koo kan aakiraa jalatti miseensa waraanaa ta’ee loluu filadha jaaladha.” jechuun hoggantummaa ilma adeeraa isaa irra kan Abu Ubeeydaa filatuun, gosa isaa wajjiin hoggantummaa Abu Ubeeydaa jalatti duulu filate.

Mu’aaz Binu Jabal kan Rasuulli s.a.w “Ati irra beekaa nama kiyyaati haraamaa fi halaala keessatti.” jedhaniin, yeroo tokko gurbaan biyya Shaam irraa tahe tokko, miidhaginna islaamni qabdu osoo haasawan, Kaalid binu Waliidi fi Abu Ubeeydaa dubbima keessatti yeroo wal-madaalchisu “Kaalidituu caala!.” kan jedhee dubbatu dhagahe. Yeroma kana Mu’aaz miira dallansuutin ka’ee “sila Abu Ubeeydaa fi Kaalid Binu Waliid wal-madaalsistaa? Rabbiin kakadhaa! Abu Ubeeydaan irra caalaa nama dacheerra deemuuti.” jechuun ragaa bahef.

Ummatni Shaamii hedduun erga isaalmummatti seenan, caaliinsa Abu Ubeeydaa, Kaalidirra hoganummaa isaa waan filataniif, yeroo dubbatan akkana jechuun ragaa bahu. Abu Ubeeydaan obsaa fi tarkaanfii fudhatuu keessatti suuta deema, nama qoma baldhatu, nama amaanaa eeguu fi dhugaa dubbatu, lola irra nagaha jaalataa dha.

Gochi isaa kun warra Shaami biratti nama hundarra isa caalsiftee, waa hundaanuu gama isaatti nu deebiste. Waa hunda keessatti malaan deemaadha. Dhiiga jiigsuun durattis mala, ogummaa fi gara laafitin ofitti nama qabee nama waama. Kanaanis dhiiga ummata hedduu tiksee jira. Kunis duultota biratti hogganummaaf hoggantoota biroo irra, isa jaalatamsiisee isas filatamsiisee jira.

Walumaa galatti Abu Ubeeydaan hogganaa hoggantootaa fi ajajaa ajajtootaa tahuun beekkamee jira.

Ergamaa s.a.w wajjiinis eegala ergamsa isaa irraa hanga du’a isaatti duula inni duule hunda duulee, Guyyaa saqifaas Abba bakrii filatan Umer Bakka Abu Ubeeydaan Rasuula s.a.w biratti qabu waan beekuuf, harka kee naaf diriirsi baallama siif seenaa kan Rasuulli s.a.w “ummata hundaafuu amanamattuu jira. Amanamaan ummata kiyyaas sihi, kan siin jedhu dhagahe.” jedheen. Abu Ubeeydaanis nama angoodhaaf dheebotu waan hin tahiniif “ani nama Rasuulli s.a.w ummataaf imaamaa godhate, akkamitti imaama, dura bu’aa ta’ee dura dhaabadha. Akkamitti isa salaachisa.” jechuun dide.. Kuta 5fan iti fufa I.allaah..
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU

Gorsa Hayyootaa Irraa

Jaartiin takka Umrii ishii bareedinna fuula ishii osoo hin dhabin akka aduu bareeddee fi iftee namootni ishee argan wanticha ajaa'ubuun sababa maaliitin bareedinna akkanatti ife akka gonfatte yoo gaafatan akka asii gadiititti deebifte:-
➧Hidhiiwwan kiyya haqaan ala jecha biroo akka hin baafne godhuu kiyyaan
➧Sagaleen kiyya Allaahaa (S.W) yaadachuu malee wanta birootiin hafuura illee akka hin baafanne godhuu kiyyaan.
➧Ijjeen tiyya halaala malee haraama akka hin ilaalle dhoorkuu kiyyaan.
➧Harki kiyya humna qabuun hiyyeessaa kennuun akka diriiru godhuu kiyyaan.
➧Qaaamni kiyya guutuun karaa Allaahaa (S.W) irratti akka qajeelan (Istiqaamaa akka qabaatan) godhuu kiyaan.
➧Onneen tiyya jaalala Allaahaa (S.W) tiin akka qabamtu godhuu kiyyaan
➧Sammuun kiyya qarummaa (hikmaa) malee ilaalcha gowwootaatiin akka hin summoofne godhuu kiyyaan.
➧Hawwii fi fedhiin kiyya lugaama Iimaanaa akka qabaatan godhuu kiyyaa fi hamilee hongoo fedhiin kiyya ittiin an hogganeen wanta hin hogganaminiif❞ jechuun deebifte.

Yaa Allaaha! Beekumsa na beeksifteen fayyadamaa na godhi. Beekumsa na fayyadu illee na barsiisi. Beekumsa illaa naaf dabali. Aamiiin!!❞
Forwarded from Keyralumma
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Dhaamsa Nabi Muhammad (S.A.W)

Sadarkaa beekumsa argachuu:-
➯Hadiisa Abud-Dardaa'i (R.A) dabarsaniin Nabi Muhammad (S.A.W) akkana jedhuun dubbatanii jiru:- Namni beekumsa argachuuf deeme:-
➧Allaahaan (S.W) Karaa Jannataa isaa laaffisa.
➧Malaa'ikootni gocha isaa ni faarsu, kooluuwwan isaanii illee ni diriirsuuf/ni afuuf.
➧Uumamtootni dachii irraas ta'ee samii keessa jiran, Qurxummiin Garba /Bahra keessa jiru illee osoo hin hafin nama beekumsa (Islaamummaa) horaatee jiru hundaaf araarama kadhatan.
➧Namni barate (Aalimni) nama hin baratinii fi nama (akkanumaan) Allaahaa gabbaru ni caala; haga adeessii guutuun Urjiiwwaan caaltee mul'attuun.
➧Aalimootni dhaaltoota Nabiyyootaati (Anbiyootaati). Anbiyootni qarshii takkattis ta'ee qabeenya homaatuu dhaalchisanii hin darbine, haa ta'uu malee dhaalli dhiisan beekumsa ture.
Forwarded from Keyralumma
WALLAANSA DADHABINA
IIMAANAA
KUTAA 2️⃣0️⃣FFAA
Kuta 19fa dubisu Hubadha

04 WAL GA’II BEEKUMSAA KEESSA TAA’UU: INNI IMMOO IIMAANA DABALCHIISA.
Kunis sababni isaa hedduudha Tokko zikrii Rabbiitu achi keessatti argama Rahmatatu taa’ichicha haguuga Tasgabbii qalbiitu itti buufama Maleylkaan warra zikrii jedhan ni marsiti Rabbiin maleykaa ol aanoo keessatti isaan dubbata.
Isaaniin maleykotatti dhaaddata Dilii isaanii isaaniif araarama Kun immoo hadiisowwan sahiiha keessatti dhufeera Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “ummanni wahii taa’anii Rabbiin zakkarraan maleykaan isaan marsitee rahmanni isaan haguugdee tasgabbiin qalbii isaan irratti buutuufi Rabbiin warra Isa biraatti isaan dubbatu malee hin hafu.” Muslimtu gabaase.

Sahl bin Alhanzalaa irraa odeeffamee ni jedhe Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “ummanni wahii zikrii Rabbii irratti
walitti qabamanii yeroo irraa adda bahan ‘haala isiniif araaramameen ka’aa’ jedhaman malee hin hafanu” Sahiih Aljaami’iin keessa jira Ibn Hajar Rabbiin isa haa mararfatuu ni jedhe “zikrii Rabbii jedhamee dubbatamee waan inni dirqama godheen yookiin itti kakaaseen hojjachuu akka Qur’aana qara’uu hadiisa
qara’uu ilmii barachuu fa’i” Fat-hul baarii keessa jira. Akka bakka barnoota sharii’aa iimaana dabalu kan akeeku hadiisa imaamu Muslim gabaaseedha
Hanzalaa Al-asadii irraa odeeffamee ni jedhe: Abuu Hanzalaan munaafi qoomeera Nabiyyiin ﷺ jedhe. Rabbiin qulqullaa’e! maal jettabboo?’ jedhe. Nan jedhe: ‘Ergamaa Rabbii ﷺ bira yeroo jirru jannataafi ibiddaan nu yaadachiisa. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu
fakkaata Yeroma Ergamaa Rabbii ﷺ biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa daganna’ Abuu Bakriinis ‘wallaahii nutis waanuma
akka kanaatu nu qunnama’ jedhe. Aniifi Abuu Bakriin deemnee Ergamaa Rabbii ﷺ irra seenne. Nan jedheen: “yaa Ergamaa Rabbii Hanzalaan munaafi qoomeera.” Ergamaan Rabbiis ﷺ “maaliif inni?” jedhan. Nan jedhe: “yaa Ergamaa Rabbii ﷺ yeroo si bira jirru
jannataafi ibiddaan nu yaadachiifta. Oggas akka waan nuti ishee argaarruu fakkaata. Yeroma si biraa baanu niitolii ilmaaniifi jireenyaan wal makannee hedduu isaa daganna” Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan “Isa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee! Odoo akka yeroo
na bira jirtanu taatanuurraafi zikrii irra turtanii silaa maleykaan firaasha keessan irrattiifi karaa keessan keessatti harka isin fuuti ture. Garuu yaa Hanzalaa
yeroo yeroodha. Si’a sadi jedhan.” Muslimtu gabaase.

Sahaabonni zikriidhaaf jecha taa’uu irratti baay’ee xiyyeeffatu. Iimaana jedhanii isa waamus. Mu’aaz nama
wahiitiin ni jedhe: “nuun taa’i mee yeroo tokko amannaa.” Sanadni isaa sahiiha.

05 HOJII GAARII BAAY’ISUU
Sababa iimaana jabeessu keessaa kan biroo immoo hojii gaarii baay’isuu yeroo isheedhaan fixuudha:

Kun immoo irra guddaa wallaansaati. Inni akkaan guddaadha. Bu’aan isaas iimaana jabeessuu keessatti akkaan guddaadha. Siddiiq kana keessatti fakkeenya guddaa ta’eera. Yeroo
Ergamaan Rabbii ﷺ sahaabota isaanii gaafatan “isin irra har’a eenyutu soomaa ka’e?” Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘Isin irraa har’a eenyutu janaazaa hordofe?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘har’a isin irraa eenyutu hiyyeessa nyaachise?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. ‘Har’a isin
irraa eenyutu dhukkubsataa gaafate?’ jedhan. Abuu Bakriin ‘ana’ jedhe. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “wantoonni kun namoota keessatti walitti qabamanii jannata seenu malee hin hafu.” Muslimtu gabaase.

Seenattiin kun akka Abuu Bakriin gosa hojii kamuu booji’achuu fi ibaadaa heddummeeffachuuf ariifatu akeeka. Yeroma gaaffiin akka tasaa Ergamaa Rabbii ﷺ irraa dhufu Abuu Bakriin kana hunda deebisuun yeroo isaa hojii khayriitiin guutameera jechuudha. Salafoonni hojii khayrii dabalachuufi yeroo isaanii ittiin fixuu keessatti sadarkaa guddaa ga’aniiru. Fakkeenyi sanaa kan waa’ee Hammaad bin Salamaa irraa odeeffamuudha. Abdurrahmaan bin Mahdii ni jedhe: ‘odoo Hammaad bin Salamaatiin bor duuta jedhamee hojiirraa homaayyuu ida’uu hin danda’u.’

Siyaru A’alamunnubalaa’i waa’ee hojii gaarii ilaalchisee Muslimni wantoota armaan gadii guutuu qaba

Kuta 21fan iti fufa i.allaah....
Forwarded from Keyralumma
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu kabajamtootaa hordoftoota keenya worroonni seenaan Sahaabitacha guddaa leenca Rabbii UMAR BINU KAXXAAB isin darbe kunoo kutaa 1ffaa irraa kaastanii amma kutaa 9ffaa tti argachuu dandeessu Liink gadii kana tuqaa

KUTAA 1️⃣FFAA

KUTAA 2⃣FFAA

KUTAA 3⃣FFAA

KUTAA 4️⃣FFAA

KUTAA 5️⃣FFAA
2025/07/01 08:09:40
Back to Top
HTML Embed Code: